FDRE Criminal Code - Afan Oromo

Transcription

FDRE Criminal Code - Afan Oromo
Seera Yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Demokiraatawaa Rippaabiliikaa Itoophiyaa
Kutaa Guddaa Jalqabaa
Kutaa Waliigalaa
Kitaaba Tokkoffaa
Yakkootaa fi Raawwataa Yakkaa
Mata Duree Tokko
Seera Yakkaa fi Daangaa Raawwii Isaa
Boqonnaa Tokko
Daangaa Rawwatamummaa Seerichaa
Keewwata 1. Kaayyoo fi Galma
Kaayyoon Seera Yakkaa, faayidaa waliigalaatiif jecha nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaa fi faayidaa
mootummaa, ummataa fi jiraattoota biyyattii eeguu fi mirkaneessuudha.
Galmi Seera Yakkaa yakki akka hinraawwatamne ittisuu yommuu ta’u kanas kan dhugoomsu waa’ee
gochoonni yakkaa fi adabbii isaanii dursee of eeggachiisa kennuudhaan, yommuu akeekkachiisichis gahaa
hintaanettis yakka raawwatttootni adabamanii yakka biroo raawwachuu irraa akka of qusatanii fi kanneen
birootiif barumsa akka ta’an yookiin akka sirreeffaman taasisuun yookiin yakkoota dabalataan akka
hinraawwanneef taarkaanfiiwwan akka isaanirratti fudhatamu taasisuudhaani.
Keewwata 2. Qajeeltoo Seerummaa
1.
Seerri Yakkaa waa’ee yakkoota adda addaa fi adabbiilee fi tarkaanfiilee of eeggannoo yakkamtoota
irratti raawwatamnii tarreessuun ni tuma.
2.
Manni Murtii gocha yookiin gochuu dhabuu seeraan alummaan isaa seeraan hin tumamane akka gocha
yakkaatti lakkaawuu fi gocha akkasii irratti adabbii murteessuu hindanda’u.
Manni Murtichaa kanneen seeraan tumaman malee adabbiilee fi tarkaanfileen biroo murteessuu hindanda’u
3.
Yakkoota Seera irratti tumaman waliin wal fakkaata jechuun gocha yookiin gochuu dhabuu
yakkummaan isaa ifaan hintumamane Manni Murtii akka yakkaatti lakkaawuu hindanda’u.
4.
Tumaaleen armaan olitti tuqaman Mana Murtiichaa seericha hiikuu hindhorkani. Akkaantaan ergaa
seerichaa kan falmisiisu yommuu ta’u galma seerichi gahuuf yaade mirkaneessuuf akka danda’amutti
bu’uura hiikaa fi yaada qaamni seericha baase karoorfateen Manni Murtichaa hiikuu qaba.
1
5.
Namni kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een balleessummaan isaa mirkanaa’ee yakka
kanaan dura ittiin adabameen yookiin tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen yookiin bilisaan gadi
lakkifameen irra deebi’ee hinhimatamu yookiin hin adabamu.
Keewwata 3. Seerota Adabsiisan Kan Biroo
Seerri Yakkaa kun jiraatuyyuu dambiiwwanii fi seerotni addaa adabbii tuman raawwatiinsa ni qabaatu.
Dambiiwwanii fi seerota kanneen keessatti haala addaatiin yoo tumame malee qajeeltoowwan seera
kanaa isaaniifis raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 4. Seera Duratti Walqixa Ta’uu
Seerri yakkaa namoota jidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan, sabaan,
sablammmiidhaan, bifaan, saalaan, qooqan, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin kan birootiin,
qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjannoo kan biraatiin garaagarummaa osoo hin uumin hunda irratti
walqixxummaan raawatamaa ni ta’a.
Raawwattoota yakkaa jidduutti garaagarummaan kan uumamu maddi isaa seera addunyaalessaa
yookiin heera mootummaa ta’ee mirgi bu’uura seera kanaan tumame yoo jiraate, yookiin cimina
yakkichaa, sadarkaa badichaa yookiin umuriin raawwatichaa, haalawwan yookiin amalli addaa namicha
yakka raawwatee yookiin balaa yakkichi hawaasa irratti qaqqabsiise tilmaama keessa akka galu seera
kanaan kan tumame yoo ta’e dha.
2
Boqonnaa Lama
Daangaa Raawwii Seerichaa
Kutaa Tokko
Haalawwan Yeroo Ilaallatan
Keewwata 5. Seerri Yakkaa Duubatti Deebi’ee kan Hin Hojjanne Ta’uu Isaa
1.
Seera kanaa fi seera yakkaa haqameen gochi akka yakkaatti lakkaawamee kan raawwatamee osoo seerri
kun hin ragga’iin dura yoo ta’e dhimmichi kan ilaallamu bu’uura seera yakkaa haqameetiin ta’a.
2.
Gochichi bu’uura seera kanaan yakka ta’ee seera yakkaa haqameen garuu akka gocha yakkaatti kan hin
lakkaawwamne yoo ta’ee fi kan raawwatame osoo seerri kun hin ragga’in dura yoo ta’e adabsiisuu
hindanda’u.
3.
Yammu seerri haqame kun hojii irra jiru yakki raawwatame kan ture yoo ta’ee fi Seera kanaan garuu
akka gocha yakkaatti kan hin lakkawamne yoo ta’e himachiisuus ta’e adabsiisuu hindanda’u; himanni
isaas kan jalqabame yoo ta’e addaan cita.
Keewwata 6. Haala Addaa, Seera Fooyya’aa Ta’e Hojiirra Oolchuu
Seerri kun akka ragga’u erga taasifamee booda raawwatichi seerichi raggahuu isaatiin dura yakka
raawwateef yommuu itti murtaa’u, yeroo yakkicha raawwatetti seera hojiirra ture caalaa seerri kun
adabbii kan isaaf salphisu yoo ta’e adabbiin seera kana keessatti tumame isarratti ni raawwatama.
Manni murtichaa seerri kun irra caalaa kan wayyu ta’uu isaa kan murteessu tokkoon tokkoon dhimmaa
irratti tumaalee seera rogummaa qaban madaaluudhaan ta’a.
Keewwata 7. Raawwii Tarkaanfiilee Eeggannoo
Seerri haqame yommuu hojiirra turetti yakkoota raawwataman irratti seerri kun erga ragaa’ee
booda murtiilee kennaman irrattihaala murtii tarkaanfiilee eeggannoo ilaalchisee
tumaaleen seera
kanaa (Keewwata 129-165) raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 8. Akkaataa Raawwii Darbiinsa Yeroo
1.
Yakkoota yommuu seerri haqame kun hojiirra ture raawwataman ilaalchisee,darbiinsa yeroo
himannaan itti dhiyaatuu fi raawwiin adabbii guyyaa seerri kun ragga’e irraa eegalee bu’uura seera
kanaatiin ni qajeelfama.
Haata’u malee, seerri kun raggahuun dura yeroon darbe darbiinsa yerootti lakkaawamuu qaba.
3
2.
Yakki iyyannoo dhuunfaa dhiheessuun qofa adabsiisu ture bu’uura seera kanaatiin iyyannoo dhuunfaa
malee kan adabsiisu yommuu ta’u, guyyaa seerri kun ragga’e irraa eegalee yeroo waggaa lamaa keessatti
iyyataan dhuunfaa mirga iyyannoo dhiyeessuuf qabutti kan hin fayyadamne yoo ta’e mirgi isaa hafaa
ta’a.
Keewwata 9. Raawwii Murtiilee Bu’uura Seera Haqameen Kennamanii
Murtichi bu’uura seera yakkaa haqameen kan kenname yoo ta’e,raawwiin isaa kan qajeelfamu
qajeeltoowwan armaan gadiitiin ta’a.
1.
Gochi murtiin adabbii duraan itti kenname ture seera haaraan kan hin adabsiisne yoo ta’e, adabbiin isaa
raawwatamuu hindanda’u; adabbiin jalqabames battalummatti addaan cita.
2.
Yeroo murtaa’e tokkoo fi sababoota darbuu danda’aniif dirqama seerri tume darbuun murtiin yakkaa
kan kenname yoo ta’e yeroon jedhame darbuun isaa sababa ta’ee adabbii murtaa’e dhaabsisuu hin
danda’u; yeroon jedhame darbuun isaa himannaa dhiheessuus hindhorku.
3.
Seerri kun raggahuun duras ta’e booda murtiilee kennaman yookiin kennamanuun raawwiin adabbiilee
murtaa’anii bu’uura tumaalee seera kanaan ibsamaniin ta’a.
Akkasumas sirni raawwii adabbii
maallaqaa murtaa’e galii gochuu, dursanii daangaadhaan gadi lakkisuu fi koroora (sharxii) bu’uura seera
kanan ibsameen ta’a.
4.
Seerri kun yeroo raga’etti hidhamaan adabbii itti murtaa’e raawwachaa jiru duraan yakka biroo
bilisummaa dhabasiisuun adabsiisu raawwatee osoo irra hingahamin kan hafe ta’uun isaa yommuu
beekamu, manni murtii murticha murteessu tumaa seeraa adabamtichaaf wayyu /Keewwata 6/ bu’uura
godhachuun qabatee, bu’uura tumaalee yakkoota dachaaf tumamaniin /Keewwata 186/ ni murteessa.
Haata’u malee, bu’uura murtii duraan yeroon adabbii hidhaa inni raawwate ni hir’ifamaaf.
Keewwwata 10. Rikoordii Yakkamtootaa Haquu fi Moggaasuu Ilaalchisee Raawwii Seera Kanaa
Bu’uura murtiilee seera haqameen kennamaniin galmeen rikoordii yakkamtootaa
haqamuu fi yakkamtootni itti moggaafaman bu’uura seera kanaatiin kan qajeelfamu ta’a.
4
galmaa’e haalli itti
Kutaa Lama
Haalawwan Iddoo Ilaallatan
Kutaa Xiqqaa Tokko
Raawwii Muummee
Keewwata 11. Yakkoota Daangaa Itoophiyaa Keessatti Raawwataman; Haalawwan Idilee
1.
Lammiin Itoophiyaa yookiin biyya alaa tokko yakkoota seera kana keessatti tumaman kamiyyuu
daangaa Itoophiyaa keessatti kan raawwate yoo ta’e seerri kun isarratti raawwatamaa ni ta’a.
Daangaan Itoophiyaa lafa, qilleensaa fi qaama bishaanii kan hammatu yoo ta’u, bal’inni daangaa isaas akka
heera mootummaatiin murtaa’eenidha.
2.
Tumaan Keewwata kanaa jiraatus, seera addunyaalessaatiin namoota mirga addaa qaban ilaalchisee kan
tumaman kan eeggamanidha.
3.
Raawwataan yakkaa biyya biraa kan dhokate yoo ta’e mootummaan Itoophiyaa bu’uura seera isaatiin
dhimmichi akka ilaallamu taasisuuf dabarsamee akka kennamuuf gaafachuu ni danda’a.
Keewwata 12. Haala Addaa, Bakka Bu’ummaa Kennuu
1.
Lammiin biyya alaa daangaa Itoophiyaa keessatti yakka raawwatee sababa biyya alaatti baqachuu
isaatiin osoo hin himatamiin yookiin hin adabamiin kan hafe yoo ta’ee fi biyya itti baqaterraa
dabarsamee kennamu kan hindanda’amne yoo ta’e; biyyuma sanatti dhimmichi akka ilaallamu
mootummaan Itoophiyaa gaafachuu ni danda’a.
2.
Lammichi biyya alaa yakka raawwateen biyya alaatti himatamee dhimmicharratti murtii dhumaa
kennameen bilisa kan bahe yoo ta’e;itti murtaa’ee dhiifama yookiin baraarsa kan argate yoo ta’e;
himannichi yookiin adabbichi darbiinsa yerootiin kan hafeef yoo ta’e; yakka kanaan irradeebi’ee hin
himatamu.
3.
Yakkamtichi murtii adabbii biyya alaatti itti murtaa’e guutummaan yookiin gartokkeen osoo hin
raawwatiin daangaa Itoophiyaa keessatti yoo argameefi akkaataan raawwii adabbichaa bu’uura
tumaalee seera kanaatiin darbiinsa yerootiin kan hin dhorkamne yoo ta’e, adabbiin osoo hin raawwatin
hafe asumatti irratti raawwatama.
Akaakuu adabbichaatiin yookiin akkaataa raawwii isaatiin garaagarummaan kan argame yoo ta’e, adabbii
biyya alaatti itti murtaa’e waliin adabbiin caalaa wal fakkaataa ta’e irratti ni raawwatama.
5
Keewwata 13. Yakka Itoophiyaarratti Daangaa Isheetiin Alatti Raawwatamu
Itoophiyaan ala ta’ee kutaa addaa Seera kanaa, Kitaaba 3ffaa, Mata duree tokkoffaa, Boqonnaa Tokkoffaa fi
Kitaabuma kana Mata duree 5ffaa (Keewwata 238-260),(Keewwata 355-374), jalatti kan tumaman darbuun
mootummaa Itoophiyaa, nageenya yookiin tokkummaa isaa, dhaabbilee isaa seeraan hundaa’an,yookiin
faayidaa isaa gurguddoo yookiin maallaqa isaa irratti nama yakka raawwate kamiyyuu irratti seerri kun
raawwatiinsa ni ta’a.
Kewwata 14. Yakkoota Lammiin Itoophiyaa Mirga Addaa Qabu Biyya Alaa Ta’ee Raawwatu
1.
Tumaan Seera kanaa Keewwati 13 akkuma eegametti ta’ee, miseensi dippiloomaatikaa yookiin qonsiilaa
mootummaa Itoophiyaa biyya alaa jiru, ergamaan yookiin bakka bu’aan mootummaa biyya alaatti yakka
raawwate bu’uura mirga addaa barmaatilee addunyaalessaa ilaallatuun biyya yakka itti raawwatetti
himatamuu kan hin dandeenye yoo ta’e, seerri kun raawwatamaa kan ta’u bu’uura seera Itoopohiyaa fi
biyyaa gochichi itti raawwatameetiin akka yakkaatti lakkaawamee kan adabsiisu yoo ta’edha.
2.
Bu’uura seera Itoophiyaa yookiin seera biyya gochichi itti raawwatameetiin yakkichi iyyannoo
dhuunfaadhaan kan adabsiisu yoo ta’e, iyyannoon yoo dhiyaate malee himannichi dhiyaachuu hin
danda’u.
Keewwata 15. Yakka Miseensi Raayyaa Ittisaa Mootummaa Itoophiyaa Biyya AlaaTa’ee Raawwatu
1.
Miseensi Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kamiyyuu haala kanaan osoo jiruu biyya alaattiseera idilee darbuun
yakka raawwachuu isaatiin iddoo seera darbetti yoo qabameefi himatame, bu’uuraseeraafiaangoo abbaa
seerummaa biyya sanaan murtii kan argatu ta’a.
Baqatee gara daangaa Itoophiyaa kan gale yoo ta’e,bu’uura seera kana Keewwata 21(2) tiin ni himatama.
2.
Yakki raawwatame seera kanaa /Keewwata 269-322/ jalatti kanneen tarreeffaman, yakkoota seera
addunyaalessaa yookiin gochaa loltummaa irratti raawwataman keessaa tokko yoo ta’e miseensichi
raayyaa ittisaamurtii kan argatuseera kanaafi Manneen Murtii Loltummaa Itoophiyaatiin ta’a.
Keewwata 16. Bu’aa Murtiiwwan Biyya Alaatti Kennaman
1.
Raawwataan yakkaa kamiyyuu bu’uura Seera kanaa keewwata 11, 13, 14 (1), fi 15 (2) tiin aangoo abbaa
seerummaa Itoophiyaa olaanaa jalatti kan gaafatamu yoo ta’u, biyya alaatti kan itti murtaa’e yoo ta’ellee
Itoophiyaa keessatti yoo argame yookiin Itoophiyaatti dabarsamee yoo kenname dhimmuma sanaan
irradeebiin himatamuufi itti murtaa’uu ni danda’a.
2.
Murtii biyya alaatiin himannaan ala ta’uun yookiin bilisaan gadi lakkifamuun isaa bu’uura seera
kanaatiin irra deebiin himatamuu yookiin adabamuu irraa isa hin hambisu.
6
3.
Himatamaan yakka raawwateen biyya alaatti itti murtaa’ee adabbii isaa guutummaanis ta’e gar-tokkeen
kan raawwate yoo ta’e, manni murtichaa adabbii haaraa yommuu murteessu adabbii dursee raawwate
herregee ni hir’isaaf.
Kutaa Xiqqaa Lama
Raawwii Seera Biroo
Keewwata 17. Yakkoota Seeraa fi Sirna Addunyaalessaa Irratti Itoophiyaan Alatti Raawwtaman
1.
Namni kamiyyuu Itoophiyaan ala ta’ee:
(a) waliigaltee yookiin seera addunyaalessaa Itoophiyaan waliigalteen fudhatte keessatti yookiin gocha
akka yakka addunyaalessaatti lakkaawamu raawwachuun, yookiin
(b) seera kana keewwata 525, 599, 635, 636, 640 yookiin 641 jalatti kan tumame darbuun fayyaa
ummataa yookiin hamilee ummataa miidhuudhaan yakka kan raawwate yoo ta’e, biyya alaatti
himatamee murtii dhumaa kan kenname yoo ta’e malee bu’uura tumaalee seera kanaa fi haallawwan
waliigalaa armaan gaditti ibsamaniin (Keewwata 19 fi 20(2)tiin himanni isaa Manneen Murtii
Itoophiyaatti ilaallama.
2.
Seera kana keewwata 14 fi 15 (2) jalatti tumaaleen ibsaman kan eeggamaniidha.
Keewwata 18. Yakkoota Biroo Itoophiyaan Alatti Raawwataman
1.
Namni kamiyyuu Itoophiyaan alatti lammii Itoophiyaarratti yookiin lammiin Itoophiyaa kamiyyuu
Itoophiyaan alatti yakkoota keewwatoota armaan olitti ibsamaniin alatti yakkoota biroo yoo raawwate,
raawwataan yakkichaa yakkuma raawwate kanaan biyya alaatti osoo hin himatamin yoo hafe seerri
yakkaa kun bakka bu’umsaan raawwatamaa kan ta’u:
(a) Seera biyya gochichi itti raawwatamee fi seera yakkaa Itoophiyaatiin kan adabsiisu ta’uun isaa kan
tumame yoo ta’e; fi
(b) Cimminni yakka raawwatamee bu’uura seera Itoophiyaatiin himatamaan qabamee dabarsamee
akka kennamu taasisuuf gahaa ta’ee yoo argamedha.
2.
Lammiin biyya alaa kamiyyuu Itoophiyaan alatti yakka biraa raawwatee Itoophiyaatti yommuu galetti
akkaataa seera kanaatiin dabarsamee kan kenname yookiin haala birootiin kan tumame yoo ta’e malee
Itoophiyaa keessatti himatamuu fi dhimmi isaa ilaallamuu kan danda’u akkaataa seera yakkaa
Itoophiyaatiin yakkichi adabbii cimaa waggaa kudhanii gadi hintaaneen yookiin du’aan kan adabsiisu
yoo ta’edha.
Keewwata 19. Haala Seerri kun Bakka Bu’umsaan Itti Raawwatamu
1.
Seerri kun bakka bu’umsaan raawwatiinsa kan qabaatu:
7
(a) Biyya yakkichi itti raawwatametti yookiin bu’uura seera Itoophiyaatiin yakkichi kan himachiisu
iyyannoo dhuunfaa qofaan yoo ta’u iyyannichi kan dhiyaate yoo ta’e;
(b) Raawwataan yakkichaa daangaa Itoophiyaa keessatti kan argame yoo ta’ee fi dabarsamee kan hin
kennamne yoo ta’e, yookiin yakkuma raawwate kanaan dabarsamee Itoophiyaatti kan kenname yoo
ta’e; yookiin
(c) Raawwataan yakkichaa bu’uura seera biyya yakkicha raawwatetti rogummaa qabuun dhiifama kan
hin arganne yoo ta’e yookiin seera biyya yakkichi itti raawwatameetiin yookiin seera Itoophiyaatiin
darbiinsa yerootiin kan hin dhorkamne yoo ta’edha.
2.
Akaakuu yakkaa seera kana Keewwata 17 fi 19 (2) jalatti ibsaman ilaalchisee haallawwan keewwata
kana keewwata xiqqaa 1 (a) fi (c) jallatti tarreeffaman dirqamaan guutamuun isaanii hin barbaachisu.
3.
Abbaan Alangaa himannaa dhiyeessuun dura Ministira Haqaa waliin mari’achuu qaba.
4.
Adabbii seerota yakkaa biyya alaa fi Itoophiyaa yakkichaaf tuman jidduu garaagarummaan yommuu
jiraatu raawwatiinsa kan qabaatu adabbii seera irra caalaa himatamaa fayyadu keessatti tumamedha.
Keewwata 20. Bu’aa Murtii Biyya Alaatti Kennamee
1.
Seerri Itoophiyaa seera biyya alaa bakka bu’uu qofaan himatamaa irratti yommuu raawwatamu hunda
(keewwata 15 (1), 17 fi 18) raawwataan yakkichaa dhimmuma kanaan biyya alaatti himatamee haala
gahaa ta’een bilisa kan bahe yoo ta’e yookiin kan isa hin himachiisnedha jedhamee kan gadi lakkifame
yoo ta’e seerri Itoophiyaa isa irratti raawwatamaa hinta’u.
2.
Yakkamaan biyya alaatti himannaan isaa ilaallamee adabbiin itti murtaa’e adabbii isaa kan hin
raawwanne yoo ta’e yookiin gar-tokkee isaa qofa kan raawwate yoo ta’e; adabbiin waliigalaa yookiin
adabbiin hafe bu’uura seera Itoophiyaa yookiin seera biyya dhimmicha ilaalee murteesseetiin darbiinsa
yerootiin kan dhorkame yoo ta’e malee bu’uura seera kana keessatti tumameen ni raawwatama.
Tumaan keewwata 12(3) akka barbaachisummaa isaatti keewwata kanaaf raawwatamaa ni ta’a.
Kutaa Sadii
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 21. Dabarsanii Kennuu
1.
Lammii biyya alaa kan ta’e namni kamiyyuu daangaa Itoophiyaan ala ta’ee Seera Yakkaa Idilee darbuun
yakka raawwateef kan himatame yookiin murtiin adabbii kan itti murtaa’e yoo ta’ee fi daangaa
Itoophiyaa kan seene yoo ta’e; akka seerichi ajajuun waliigaltee mootummaalee jidduutti taasifameen
yookiin bu’uura seera baratamaa addunyaatiin yakki yakkamaan raawwate Mootummaa Itoophiyaa
kallattii fi abbaa dhimmuummaan kan isa hinilaallanne ta’ee yoo argame fi mootummaan biyya inni
yakkicha itti raawwatees bu’uura seera biyyichaan akka itti murtaa’u yookiin adabbii isaa akka
8
xumuruuf gaaffii roga qabeessa kan dhiheesse yoo ta’e; qabamee murtiif biyya itti dhiyaatutti yookiin
adabbii isaa itti xumurutti dabarsamee kennamuu ni danda’a/Keewwata 13/.
2.
Yakkichi yommuu raawwatames ta’e yookiin raawwataan yakkichaa dabarsamee akka kennamuuf
gaaffiin yeroo dhiyaate lammii Itoophiyaa kan ta’e nama kamiyyuu mootummaa biyyaa biraaf dabarsanii
kennuun hin danda’amu. Ta’us, raawwatichi bu’uura seera Itoophiyaatiin Manneen Murtii Itoophiyaatti
ni ilaalama.
3.
Yakkoonni dabarsanii kennuu hordofsiisan yommuu raawwataman hunda gaaffichi bu’uura seerota
mootummaa Itoophiyaa fi waliigalteeewwan addunyaalessaa ittiin hojjetamuun ni raawwatama.
Keewwata 22. Murtiiwwan Biyya Alaatiif Beekamtii Kennuu
1.
Seenaa jireenyaa himatamaa darbee fi sababoota adabbii cimsan, korooraa (sharxii)kennuu fi hambisuu,
irra deddeebiin yakka raawwachuu fi adabbii inni hordofsiisu, tarkaanfileen mirkaneessa nageenyaa,
himatamaan seera duratti dandeettii kan hin qabne ta’uu isaan fi gonfa irraa mulquu, moggaasuu, haala
kaffaltii beenyaa, meeshaalee fudhataman deebisuu fi dhimmota biroo amala hariiroo hawaasummaa
qaban akkasumas dhimmoota seera kana irratti tumaman kan biroo ilaalchisee murtii biyya alaatti
kennameef beekamtii kennuun ni danda’ama.
2.
Murtii biyya alaatiif beekamtii kennuun kan danda’amu bu’uura seera Itoophiyaatiin gocha akka
yakkaatti lakkaawame irratti mana murtii addaatiin osoo hinta’in murtii mana murtii idileetiin
kenname, abbaa taayitaa Itoophiyaa dhimmichi ilaallatuun kan mirkanaa’e yoo ta’edha.
Murtii biyya alaatti kenname beekuun fudhachuun kan danda’amu bu’uura rikoordii yookiin garagaalcha
murtii sirrummaan isaa mirkanaa’e, ragaa surrummaan isaa qaama biyya alaa aangoo abbaa seerummaa
yookiin aangoo bulchiinsaa qabuun mirkanaa’een; yookiin ragaaa amanamummaan irratti gatamuu
qabuakaakuu biroo kamiiniyyuudha.
9
Mata Duree Lama
Yakkaafi Raawwii Isaa
Boqonnaa Tokko
Gocha Yakkaa
Keewwata 23. Yakka Adabsiisu
1. Gocha seera alummaafi adabsiisummaan isaa seeraan tumame raawwachuun yakkadha. Seera kana
keessatti gochajechuun kan seeraan dhorkame raawwachuu yookiin kan seeraan ajajame raawwachuu
dhiisuudha.
2.
Yakki tokko raawwatame kan jedhamu ijoowwan dubbii yakkicha hundeessan kutaa seeraa, kutaa
gochaa fi kutaa yaadaa bakka tokkotti guutamanii yoo argaman qofadha.
3.
Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jiraatuyyuu, jaarmiyaan qaamni namummaa seeraan
kennameef bu’uura haallawwan seera kana keewwata 34 jalatti tumameen yakkaan itti gaafatamaa ni
ta’a.
4.
Yakki tokko adabsiisuu kan danda’u manni murtii yakkichi raawwatamuu isaa kan mirkaneessee fi kan
adabsiisu ta’ee yoo argedha.
Keewwata 24. Hariiroo Sababaa fi Bu’aa
1.
Raawwiin yakka tokkoo bu’aa murtaa’e tokko akka fidu kan beekame yommuu ta’e hunda, himatamaan
bu’icha argamsiise gocha ittiin himatame ta’uunsaa kan mirkanaa'e yoo ta’e malee yakkichi akka
raawwatametti hin lakkaawamu.
Sababaa fi bu’aa jidduutti hariiroon jira kan jedhamus akkaataa haala beekamaa yookiin adeems
baratameen gochi himataamaa bu’aa jedhame argamsiisuu kan danda’u ta’ee yoo argame dha.
2.
Himatamaf haaraa kan ta’e gocha nama biraatiin, wanta uumamaatiin yookiin haala mudannoo tasaatiin
kan ka’e sababa dursee qaqqabe,wal-irra bu’ee, yookiin jidduu seeneen bu’aan argame kan uumame yoo
ta’e sababani kun of danda’ee bu’aa tokko kan hordofsiise yoo ta’e hariiroon gocha himatamaa fi bu’aa
isaa jidduutti uumamuuf ture addan kan citu ta’a.Gochi addaan cite yakka of danda’a ta’ee yommuu
argamu adabbiin yakka kanaa irratti ni raawwatamaa.
3.
Sababootni addaddaa armaan olitti keewwata xiqqaa 2 jalatti tarreeffaman tokkoon tokkoon isaanii of
danda’anii bu’aa hordofsiisuu kan hindandeenye yoo ta’es walitti dabalamuun bu’aa kan argamsiisan
yoo ta’e tokkoon tokkoon sababaa fi bu’aa argame jidduu hariiroon akka jirutti ni lakkaawama.
Keewwata 25. Yeroo fi Iddoo Yakki Itti Raawwatame
1.
Iddoo fi yeroon yakki akka itti raawwatameetti lakkaawamu iddoo fi yeroo yakkamaan gocha yakkaa itti
raawwate yookiin gocha seerri akka raawwatu dirqisiisu osoo hin raawwatin itti hafedha.
10
Yeroo fi iddoon yaaliin yakkaa akka itti raawwatametti lakkaawamu yeroo fi iddoo gochoonni yaalii
yakkichaa hundeessan kan jalqabaa yakkamaan itti raawwate yookiin osoo hin raawwatin itti hafedha.
2.
Yakkichi yeroo tokkotti kan hin raawwatamne ta’uu isaatiin gochichii fi bu’aan isaa bakka tokkotti yeroo
hin argamnetti yakkichi akka raawwatametti kan lakkaawamu iddoo gochichi itti raawwatame yookiin
bu’ichi itti argamettidha.
Akkasumas, yaaliin yakkaa akka raawwatametti kan lakkaawamu iddoo raawwatichi yakkicha raawwachuuf
itti yaale yookiin bu’aan isaa itti argama jedhee yaadedha.
Dhiheessa himannaa ilaalchisee, manni murtii iddoo bu’aan yakkichaa itti argame mana murtii bakka
yakkichi itti rawwatame bakka bu’uu isaati.
3.
Seera kana Keewwata 61 jalatti akka tumametti, walitti makamuun yookiin irra deddeebi’amuun
gochoota yakka salphaa yookiin adabbii cimsuu danda’u hundeessuuf yoo ta’u yookiin gochi yakkichaa
dheeratee yommuu turu, gochoota walitti makaman yookiin irra deddeebi’aman keessaa tokko yookiin
gocha yakkaa dheeratee ture keessaa bakkaa fi yeroon gar-tokkeen yakkichi itti raawwatame akka iddoo
fi yeroo yakkichi itti raawwatameetti lakkaawwama.
Boqonna Lama
Sadarkaa Raawwii Yakkaa
Keewwata 26. Gochoota Qophii
Gocha yakkaa qopheessuuf yookiin mijeessuuf keessumattuu meeshaalee walitti qabuun yookiin haalawwan
mijawaa uumuun gochoonni raawwataman hin adabsiisan; ta’us gochoonni kun:
(a) ofii isaaniin yakkaa ta’anii kan adabsiisan ta’uu isaanii seeraan kan tumame yoo ta’e; yookiin
(b) cimina yakkootaa fi hanga balaa qaqqabsiisan irraa kan ka’e yakka addaa ta’uun isaanii seeraan ifatti
kan tumame yoo ta’e; ni adabsiisu.
Keewwata 27. Yaalii
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee yakka raawwachuuf jalqabee gocha yakkichaa hanga dhumaatti kan
hinhordofne yookiin hordofuuf kan hindandeenye yoo ta’e yookiin gochi yakkichaa akka raawwatamu
hanga dhumaatti hordofuun bu’aa barbaadame argachuu yoo baates gocha yakkicha raawwachuu
yaaluu isaa qofaan balleessaa ni ta’a.
Yakkichi akka jalqabametti kan lakkaawamu gochi raawwatame haala hin shakkisiisnee fi kallattiin gara
galma yakkicha raawwachuuf yaadametti geessisuuf kan raawwatame yommuu ta’edha.
11
2. Seericha keessatti tumaan faallaa ta’e kan jiru yoo ta’e malee yaaliin yakkaa yeroo hundumaa kan
adabsiisudha.
Yaaliin gocha yakkaaf kakaasuu yookiin miiltummaa (baabsummaa) ifaan seeraan kan adabsiisudha
jedhamee yoo tumame malee hin adabsiisu.
3.
Seera kana keewwta 117 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, gocha yakkichaa yaaluu isaatiin
raawwatichi ramaddii yakka raawwachuu barbaadeef adabbii tumameen ni adabama.
Haallawwan dubbichaa sababoota gahaa kan argamsiisan yommuu argamsiisan garuu manni murtichaa
bu’uura dambii adabbii salphisuu idleettiin /Keewwata 179/ adabbicha salphisuu ni danda’a.
Keewwata 28. Dhiisuu fi Gaabbuu
1.
Raawwatichi gocha yakkaa raawwachuuf ture fedhii isaatiin kan dhiise yoo ta’e; haallawwan dubbichaa
sababooota gahaa kan argamsiisan yoo ta’e manni murtichaa bu’uura daangaa seeraan hayyamameen
/Keewwata 179/ yookiin akka isaatti fakkaate /Keewwata 180/ adabbicha ni salphisaaf.Gocha
yakkichaa kan dhiise qajeeltummaan yookiin sababa miira ol’aanaa ta’een kaka’uu yoo ta’e; manni
murtichaa adabbiirraa bilisa isa taasisa.
2.
Raawwatichi raawwii gocha yakkichaa hanga dhumaatti raawwatee fedhii isaatiin bu’aan akka hin
argamane kan dhorke yookiin gumaachi inni taasise bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e; manni
murtichaa akka isatti fakkkaatetti adabbicha ni salphisaaf /keewwata 180/.
3.
Tumaan keewwata kanaan ibsame kakaasaa yookiin miiltoo (miiltummaa)gocha yakkaa fedhii isaatiin
dhiiseef yookiin yakkichi bu’aa akka hin arganne dhorkuuf gama isaatiin waan isaa dandaa’amu
taasiseef /keewwata 36 fi 37/ raawwatama ni ta’a.
Keewwata 29. Yakka Raawwatamuu Hindandeenye
Tooftaa fi meeshaa kamiiniyyuu yookiin wanta kamiyyuurratti maaliyyuu yoo ta’e yakka raawwatamuu
hindandeenye raawwachuuf nama yaaleef manni murtichaa akka isatti fakkaatetti adabbicha ni
salphisaaf /Keewwata 180/.
Raawwatichi tooftaa yookiin meeshaa miidhaa geessisuu hin dandeenye kamiiniyyuu,hojii amantiitiin,
gowwumaan yookiin dadhabina yaadaatiin yaalii gocha yakkaa yommuu raawwate manni murtichaa
adabbii irraa bilisa isa ni taasisa.
Tumaaleen keewwata kanaa armaan olitti ibsaman nama gochi yakkaa akka raawwatamu kakaase
yookiin miiltoo (baabsa) ta’eefis haala walfakkaatuun raawwatamoo ni ta’u.
12
Keewwata 30. Yakkoota Yaalii Waliin Hariiroo Qaban
Gochi adeemsa yaalii yakkaa keessatti raawwatamu yakka biroo of danda’e kan hundeessu ta’ee yoo
argame, adabbiin yakka kanaaf murtaa’e raawwaticha irratti raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 31. Yaada Abbaa Seeraa
Yaalii raawwii gocha yakka addaddaa dhiifame yookiin osoo hinraawwatamin hafe bu’uura seerichi
hayyamuun adabbii murteessuuf yookiin barbachisaa ta’ee yoo argame adabbii salphisuuf yookiin
keessumattuu adabbii tokko murteessuu gonkuma dhiisuuf manni murtichaa haala dubbichaa ilaaluu fi
madaaluu qaba. Keessumattuu, hanga tarkaanfii yaalii yakkichaa fi sadarkaa cimina balaa yaaliin
yakkichaa qaqqqabsiisuu danda’u , sababa yaaliin yakkichaa xumura osoo hinargatin itti hafe, sababa
raawwatichi yakkicha raawwachuu itti dhiisee fi itti gaabbe, akkasumas seenaa jireenyaa balleesichaa
yeroo darbee fi balaafamummaa amala isaa qorachuu fi madaaluu qaba.
Bqonnaa sadii
Raawwii Yakkaa Irratti Hirmaataa ta’uu
Keewwata 32. Muummeen Raawwataa Yakkaa Ta’uun Hirmaachuu
1.
Namni kamiyyuu muummeen raawwataa yakkaa ta’uun yakka akka raawwatetti lakkaawamee kan
adabamu:
(a) Kallattii yookiin alkallattiin keessumattuu, beelladaan yookiin humna uumamaatiin dhugumaan
yakkicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) Yakkicha ofii isaatiin kallattiidhaan kan hin raawwanne yoo ta’ellee yaadaa fi gocha isaa hundaan
gocha yakkichaa fi bu’aa inni argamsiisu hunda keessatti gutummaan hirmaataa ta’uun gochicha kan
ofiisaa kan taasise yoo ta’e; yookiin
(c) Daa’ima yookiin nama sammuun isaa sirrii hintaane yookiin haalicha hin hubanne yakka
raawwachuuf meeshaa kan godhate, yookiin namni biraa yakka akka raawwatu kan dirqisiise yoo
ta’edha.
2.
Yakki raawwatame yaada raawwataa yakichaatiin ol kan darbe yoo ta’e; dhimmichi kan ilaalamu
bu’uura keewwata 58 (3) jalatti ibsameen ta’a.
3.
Raawwii yakka tokkoo keessatti raawwataa yakkaa muummee ta’uun namootni lama yookiin isaa ol
ta’an hirmaataa yoo ta’an tokkoon tokkoon isaanii bu’uuragulantichaaf murtaa’een ni adabamu.
Manni Murtichaa haallawwan dhuunfaa /Keewwata 41/, akkasumas hanga balleessaa isaaniitiin tumaalee
adabbii ilaallatan /Keewwata 88/ hordofuu qaba.
13
Keewwata 33. Yakka Addaatti Hiramaataa Ta’uu
Yakki namoota addaa qofaan raawwatamuu danda’u yommuu mudatu, keessumattuu yakkoota loltummaa
ilaallatuun loltuu, yakkoota hojii mootummaatiin wal qabatan ilaalchisee hojjataa mootummaa yookiin
dubartii dirqisiisanii gudeeduuf dhiira ta’uun kan barbaachisu yommuu ta’u raawwataan yakkichaa kan
jedhame garaagarummaa qabaachu baatu iyyuu,fedhaa fi
beekumsa isaa guutuun hirmaataa guutuu
yakkichaa yoo ta’e; akka raawwata yakkaa muummeetti gaafatamuu irraa hin oolu.
Keewwata 34. Hirmaattummaa Yakkaa Jaarmiyaa Qaamni Namummaa Seeraan Kennameefii
1.
Qaamolee bulchiinsa mootummaa osoo hindabalatin jaarmiyaan qaamni namummaa seeraa kennameef
ifatti yommuu tumametti raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakaastummaan yookiin miiltummaan
(baabsummaan) yakkaan adabamuu ni danda’a.
Dhaabbatni tokko akka yakka raawwatetti lakkaawamee kan adabamus hooggantoota yookiin hojjattoota
isaa keessaa tokko haala hojii dhaabbatichaa waliin wal qabateen faayidaa dhaabbatichaa karaa seeraan
alaatiin gaggeessuuf yaaduun, yookiin dirqama seeraa dhaabbatichaa darbuun, yookiin dhaabbaticha akka
meeshaatti seeraan ala fayyadamuun raawwtaa muummee ta’uun, kakaastummaan, yookiin miiltummaan
(baabsummaan) yakka yommuu raawwatuudha.
2.
Jaarmiyichi kan adabamu bu’uura keewwata 90(3) fi (4) tiin adabbii maallaqaatiin; barbaachisaa yoo
ta’es jaarmiyichi akka dhorkamu, cufamu, yookiin akka diigamu adabbiin dabalataa itti murtaa’uu ni
danda’a.
3.
Adabamuun jaarmiyichaa hooggantootni yookiin hojjattotni jaarmiyichaa yakka dhuunfaa isaaniitiin
raawwataniif adabbii itti murtaa’u qabu hin hambisu.
4.
Kaayyoo keewwata kanaatiif “jaarmiyaa” jechuun jaarmiyaa mootummaas ta’e miti-mootummaa yookiin
qaama caasaa ummataas ta’e kan dhuunfaa qabu yoo ta’u daldalaaf, industiriif, siyaasaaf, amantaaf
yookiin kaayyoo seera qabeessa ta’e biroof kan hundeeffamee fi waldaa mootummadhaan beekamtii
argate kamiyyuu ni dabalata.
Keewwata 35. Yakka Gamtaan Raawwatame
Yakki tokko namoota lakkoofsi isaanii tokkoo ol ta’aniin gamtaan yommuu raawwatame, namni raawwataa
yakkichaa ta’uun isaa hin mirkanoofne hin adabamu.
Ta’us namoota kutaa tokko keessatti ramadamaniin yakkoonni kan akka korannaa fi jeequmsa fakkaatan
yommuu raawwataman, gamticha keessatti argamuun isaa namni itti mirkanaa’e kan hin adabamne
yakkicha keessatti kan hinhirmaanne ta’uu isaa yoo hubachiisedha.
14
Keewwata 36. Kakaasuu
1.
Namni kamiyyuu yakki akka raawwatamu kakaaseera kan jedhamu itti yaadee nama biro sossobuun,
abdii kennuun, maallaqaan, kennaan, sodaachisuun, yookiin maloota biroo kamiiniyyuu yakka tokko
akka raawwatu kan amansiise yoo ta’edha.
2.
Namni kakaaase kan adabamu yoo xiqqaate yakkichi kan yaalame yoo ta’edha.
3.
Adabbiin itti murtaa’us hanga adabbii yakka raawwatamuuf yaadameef seerichi tumeen walqixadha.
Haalawwan dubbichaas sababoota gahaa ta’an yoo argamsiisan hanga seeraan tumameen adabbichi
salphachuu ni danda’a /Keewwata 179/.
4.
Yakki raawwaataan yakkaa muummichi raawwate, kakaasaan kan barbaadeen ol yommuu ta’etti,
kakaasaan kan adabamu yakka inni barbaadeen yookiin ni ta’a jedhee tilmaamuu danda’uun qofadha
/Keewwata 58 (3)/. Kunis yommuu ta’utti, raawwataan yakkaa muummichi yakka cimaa raawwateef
inni qofti itti gaafatamaa ni ta’a.
Keewwata 37. Miiltummaa (Baabsummaa)
1.
Namni kamiyyuu gocha yakkaatiif miiltoodha jedhamee kan lakkaawamu raawwataan yakkaa
muummichi yakka raawwachuu isaatiin duras ta’e yookiin yommuu yakka raawwatu, oduu
dabarsuudhaan, gorsuudhaan, tooftaa yakki ittiin raawwatamu yookiin meeshaa yookiin gargaarsa
qabatamaa kennuudhaan yookiin raawwii yakkichaaf haala fayyaduun karaa kamiiniyyuu itti yaadee
kan gargaare yoo ta’ee dha.
2.
Yakka itti yaadamee raawwatmuuf miiltoo ta’uun yeroo hunda kan adabsiisudha.
3.
Miiltoon kan adabamu yoo xiqqaate yakkichi yoo yaalamedha.
4.
Adabbiin miiltoo irratti murtaa’u adabbii yakka raawwatamuuf yaadameef adabbii seeraan tumameen
walqixadha. Manni murtichaa haala dubbichaa madaaluun daangaa murtii seeran tumame osoo
hindarbin miilticha ilaalchisee adabbicha salphisuufii ni danda’a /Keewwata 179/.
5.
Yakki, raaawwataan yakkaa muummichi raawwate miiltichi kan barbaadeen ol yommuu ta’etti,miiltichi
kan adabamu yakka inni barbaadeen yookiin ni ta’a jedhee tilmaamuu danda’uun qofadha /Keewwata
58 (3)/.
Kunis yommuu ta’utti, raawwataan yakkaa muummichi yakka cimaa raawwateef inni qofti
ittigaafatamaa ni ta’a.
Keewwata 38. Yakka Raawwachuuf Korachuu
1.
Namootni lama yookiin lamaa ol ta’an yakka tokko raawwachuuf kan waliigalan yoo ta’e, tumaaleen
waa’ee hirmaattummaa yakkaa fi adabbii cimsuuf tumaman isaanirratti raawwatamoo ni ta’u
/Keewwata 84 (1) (d)/.
15
2.
Ta’us, faayidaalee gurguddoo mootummaa fi humna ittisaa irratti korachuu, waldaalee seera qabeessa
hintaane hundeessuu fi waldaalee kana keessatti hirmaachuu, waldaalee namoota daba raawwattootaa
yookiin jaarmiyaaleewwan badootaa fi kan kana fakkaatanii ilaalchisee kutaa addaa seeera kanaa
keessatti kan tumaman akkuma eegamanittidha /Keewwata 257, 274, 300 fi 478/.
Keewwata 39. Yakka Beeksisuu Dhiisuu
1.
Seeraan ifatti kan tumame yoo ta’e malee /Keewwata 254 fi 335/ qophii yookiin yaalii yaakka
raawwachuuf taasifame, yakka xumura argate yookiin raawwataa yakkichaa beeksisuu dhiisuun yakki
erga raawwatamee booda raawwataa yakkichaa gargaaruudha yookiin miiltummaadha jedhamee hin
adabsiisu.
2.
Abbaa aangoo murtiitti beeksisuu dhiisuu ilaalchisee seera kana keewwata 443 jalatti kan tumame kan
eegamedha.
3. Dirqamootni armaan olitti ibsaman dhiphifamanii hiikamuu qabu.
Keewwata 40. Erga Yakki Raawwatamee Booda Raawwataa Yakkaa Gargaaruu
Namni kamiyyuu erga yakki raawwatamee booda itti yaadee raawwataan yakkichaa himatamuu fi
adabamuu jalaa akka miliqu dhoksuun yookiin karaa biroon kan gargaare yoo ta’e, yookiin mi’a yakkaan
argame kan dhokse yoo ta’e, gochoota kanaaf bu’uura tumaalee kutaa addaa seerichaan tumamaniin ni
adabama /Keewwata 445,460 fi 682/.
Keewwata 41. Sababootni Dhuunfaa Kan Birootti Kan Hindabarre Ta’uu Isaanii
Namootni lama yookiin lamaa ol ta’an raawwataa yakkaa muummee ta’uun yookiin hirmaattummaa
sadarkaa lammaffaatiin yakkaa raawwatanii yommuu argaman, tokkoon tokkoon isaanii sadarkaa
hirmaannaa isaaniitiin, hanga badichaatiin, ofii isaa fi gochichi hanga cimina miidhaa hordofsiisuu
danda’uun ofii yakka raawwate qofaan ni adabama.
Adabbii irraa oolchuuf, adabbii salphisuuf yookiin cimsuuf sababa kan ta’an haallawwan naannoo dubbichaa,
amaloota addaa balleessichaa, yookiin hariirowwan dhuunfaa raawwataa yakkichaa mataa isaatiif malee
namoota birootti kan darban miti. Akksumas, nama dhimmichi kallattiin ilaallatu yoo ta’e malee nama biroo
miidhuu yookiin fayyaduu hindanda’u.
16
Boqonnaa Afur
Yakkoota Karaa Sab-quunnamtiin Raawwataman Keessatti Hirmaataa Ta’uu
Keewwata 42. Qajeeltoo
1.
Seera kana Keewwata 32-41 keessatti tumaman jiraataniyyuu bilisummaa yaada ofii ibsuu eeguu fi
bilisummaan kunis daangaa akka hindabarre dhorkuuf haalli karaa yakkoota sabqunnamatiin
raawwataman keessatti hirmaataa ta’uu yommuu mudatu tumaaleen boqonnaa kanaa raawwatamoo ni
ta’u.
2.
Yakkoonni karaa sabquunnamtiin raawwataman gaazexootaan, kitaabotaan, barreeffamoota xixinnoon,
barruuleedhaan, waraqaalee maxxanfamaniin, fakkiiwwaniin, siniimaadhaan, tamsaasa raadiyoon
yookiin televiiziyoonaan yookiin mala sabquunnamtii kamiiniyyuu kan raawwatamniidha.
3.
Yakkichi kan raawwatame karaa sabquunnamtii kanneeniin yoo ta’e kabaja namaa tuquu qofaan osoo
hin ta’in nageenya dhuunfaa yookiin waliinii booressuu fi mirga seera yakkaatiin kabajamanii jiran
kamiyyuu tuquu ni dabalata; yakkichi raawwatameraa kan jedhamu maloota kanaan ummataaf yommuu
ibsamedha.
Keewwata 43. Itti Gaafatamummaa Yakkoota Karaa Sabqunnamatiin Raawwatamanii
1.
Maxxansa yeroo yeroon bahuun yakka raawwatamu ilaachisee itti gaafatamummaan jiru haala armaan
gadiitiin ta’a.
(a) Bu’aan pireesichaa yommuu maxxanfamu nama qopheessaa ol’aanaa yookiin itti aanaa
qopheessaadhaan galmaa’e;
(b) Maxxansichi yeroo bahetti pireesichi hayyama kan hinqabne yoo ta’e yookiin bu’uura keewwata 1 (a)
tiin namni ittigaafatamaa ta’e haalawwan qopheessaa ol’aanaa taasisu dandeessisan kan hin guunne
ta’e yoo argame yookiin qopheessummaa ol aa’aandhaan hojjachuusaa kan
dhaabe yoo ta’e,
maxxansaan pireesichaa itti gaafatamaa ta’a.
(c) Itti gaafatamummaan qopheessaa ol’aanaa maqaadhaaf yoo ta’e yookiin yeroo bu’aan pireesichaa
bahetti qopheessaan ol’aana aangoo isaatti fayyadamuuf akka hindandeenye haalawwan ifaatti
agarsiisan kan jiran yoo ta’e, maxxansaan pireesichaa itti gaafatama ni ta’a;
(d) Akka qopheessaa ol’aanaatti akka hojjatu qopheessicha olaanaatiin qopheessaan bakka bu’e bu’aan
pireesicha yeroo bahetti akka qopheessaa ol’aanaatti hojjachuuf haalawwan dandeessisan kan guutu
ta’ee yoo argame yookiin yeroon itti muudame kan darbe yoo ta’e yookiin aangoosaatti fayyadamuuf
akka hindandeenye haallawwan agarsiisan ifatti kan jiran yoo ta’e, qopheessaa ol’aanaan pireesichaa
itti gaafatama ni ta’a;
(e) Yeroo bu’aan pireesichaa tamsa’etti maxxansiisaan pireesichaa beekuun kan hin danda’amne yoo ta’e
bakka maxxansiisichaa kan itti gaafatama kan ta’u maxxansaa ta’a;
17
(f) Eenyummaa maxxansaa beekuun kan hin danda’amne yeroo ta’etti bakka maxxansaa
kan itti
gaafatamaa kan ta’u bu’aa pireesichaa irratti maqaan maxxansaa kan hin ibsamne ta’uu isaa yookiin
maqaan nama maxxansaa hintaanee sobaan ibsamuu isaa osoo beekuu bu’aa pireesichaa namni kan
tamsaase nama kamiyyuu ta’a;
(g) Maxxansa biyya alaatti maxxamfame ilaalchisee itti gaafatamaa kan ta’u,bu’aa isaatti dhuunfaan
fayyadamuuf nama galchuun ala nama fichisiisaa ta’e yookiin bu’aa pireesicha tamsaase kamiyyuu ni
ta’a.
2.
Bu’aan pireesichaa maxxansa yeroo yeroon bahuun ala hojii maxxansaabiroo yoo ta’e:
(a) Maqaan barreessichaa maxxansicha irratti kan ibsame yoo ta’e barreesichi itti gaafatama ni ta’a.
Ta’us, bu’aan pireesichaa kan tamsa’e hayyama barreessichaatiin ala yoo ta’e, yookiin
maqaansaa masoo yookiin dhugaa hintaane maxxansicha irratti kan ibsame hayyama isaatiin
ala ta’uun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e barreessichi ittigaafatamaa hin taa’u. Maxxansaalee
yeroo yeroon bahan keessatti bu’aalee maxxansaalee hin haammatamne ilaalchisee qorannaa
murtii taasifamuun kamiiniyyuu eenyummaan barreessichaa qulqullaa’uu ni dandaa’a;
(b) Maxxansichi barreessitoota lamaa ol ta’aniin barreeffamoota walitti dhufan akka qabaatu ta’uu
isaatiin yookiin kan qabate ta’uu isaatiin barreessichi bu’uura keewwata xiqqaa 2(a)tiin itti
gaafatamaa ta’uu kan hin dandeenye yoo ta’eefi qopheessaan ol’aanan maxxansichaa bu’uura
seeraaatiin kan muudame yoo ta’e qopheessichi itti gaafatamaa ni ta’a;
(c) Hojii maxxansaa keewwata 2(b) jalatti ibsameen ala hojii maxxansaa biroon yoo ta’e
qopheessan ol’aananitti gaafatamaa kana ta’u maxxansichi maxxanfamee yeroo bahetti
barreessichi lubbuun kan hin jirre yoo ta’e qofadha. Ta’us, maqaan qopheessichaa, maqaan
masoosaa yookiin maqaansaa dhugaa hintaane hayyama qopheessichaatiin ala bu’aa
pireeessichaa irratti ibsamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e qopheessichi ittigaafatamaa hin
ta’u;
(d) Maxxansa yeroo yeroon bahuun ala hojii maxxansaa biroo ilaalchisee akka qopheessaa
maxxansichaatti kan lakkaawamu barreessaa maxxansichaa yoo ta’uu baates maxxansichi akka
maxxansamufi tamsaafamu kan taasise nama kamiyyuudha;
(e) Bu’uura keewwata kan keewwata xiqqaa 2(a), (b), (c) fi (d)tiin maxxansafi tamsaasa
pireesichaatiif barreessichi yookiin qopheessichiitti gaafatamaa yoo hin taa’ne yookiin kan du’e
yoo ta’e maxxansiisaan itti gaafatamaa ni ta’a, raawwii keewwata xiqqaa kanaatiif jecha akka
maxxansiisaatti kan lakkaawamu hojiiwwan maxxansaalee biroofudhachuun maxxansaafi
tamsaasaaf qaqqabsiisuf nama hojjatu kamiyyuudha;
(f) Eenyummaa
maxxansiisichaa
mirkaneessuun
kan
hindanda’amne
yoo
ta’e
yookiin
maxxanssisaan kan hinjirre yoo ta’e maxxansaan itti gaafatamaa ni ta’a;
(g) Hojiin maxxansaa yeroo yeroonmaxxansa bahu keessatti kan hin hammatamne yoo ta’u tumaan
keewwta 1(e) nama maxxansicha tamsaasu irratti haala walfakkaatuun kan raawwatamu ta’a.
18
3.
Bu’aan sabquunnamticharaadiyoon yookiin televiiziyoonaan yookiin maloota sabquunnamtii kana
fakkaataniin kan tamsa’u yoo ta’e hoogganaan sagantichaa, hogganaan sagantichaa kan hin jirre yoo ta’e
abbaan hayyamichaa itti gaafatamaa ta’a.
4.
Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1), (2) yookiin (3)tiin ibsameen bu’aa sabquunnamtichaatiif
sadarajaa jalqabaatti ittigaafatamaa namni ta’e bakki jireenya biyya keessaa isaa kan hinbeekamne yoo
ta’e yookiin tessoo bakka jireenya isaa mirkaneessuun kan hin danda’amne yoo ta’e namni isatti aanee
ibsame itti gaafatamaa ni ta’a.
5.
keewwata kanaan yakka karaa bu’aalee sabaqunnamtiitiin raawwatameef iitgaafatamumma
murteessuuf jecha qabiyyeen bu’icha beekumsaafi hayyamamummaa nama itti gaafatamummaan irra
jiruun akka gale, maxxanfame yookiin tamsa’eetti lakkaawama.
Dhimma kana irratti ragaa faallaan akka dhiyaatu hin hayyamamu.
Keewwata 44. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Addaa Barreessicha, Nama Yaada Burqisiise Yookiin
Maxxansiisichaa
1.
Tumaaleen keewwata 43 akkuma eegamanitti ta’ee yakkoota karaa sabquunnamtiitiin raawwataman,
meeshaa waraanaa qabachuun finciluu yookiin waraanaa sumaansii kaasuun mootummaarratti yakka
raawwatamu /keewwata 240/, ganuun /Keewwata 248-250/, basaasaan /Keewwata 252/, gocha
yakkaatiif kakaasuu fi miiltummaan,yaalii kaakaasuuf yookiin miiltummaan /Keewwata 255/,
dhidhiibuu fi hojii qopheessuu qabatamaa hin taane raawwachuu /keewwata 257/, yakkoota mirga
namoomaa irratti raawatamaniin /Keewwata 269-274/, ajajootni loltummaa akka caban taasisuuf nama
biroo kakaasuun /Keewwata-332/,iccitii loltummaa ibsuu /keewwata 336/, iccitii loltummaa fi
mootummaa ibsuun /Keewwata 396 fi 397/, oduu sobaa hafarsanii ummata kakaasuun /keewwata 486
(b)/, yookiin ittigaafatamummaa iccitii eeguu seeraan ajajamee ta’e jedhee
sabquunnamtiin
ibsameen
yookiin
tamasa’e
barreessummaan,
yaada
darbuun bu’a
burqisiisuun,
yookiin
maxxansiistummaan hirmaachuun raawwii yakkichaa irratti namni hirmata ta’e kamiyyuu yakkichaaf
itti gaafatamaa ni ta’a.
2.
Yommuu akkas ta’etti namoota akka raawwataa yakkaa muummeetti, akka kakaastummaatti yookiin
akka miiltummaatti yakkicha raawwatan irratti tumaaleen seera kanaahirmaattummaa yakkkaa
ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 45. Madda Odeeffannoo Iccitiin Eeguu
1.
Maxxansiisaan yookiin qopheessan maxxansa pireesii yeroo yeroon bahu hintaanee kamiyyuu maqaa
barreessichaa yookiin maqaa masoo isaa bu’aa pireesichaa irratti akka
ibsu dirqisiisuun kan
dhorkameedha.
2.
Maxxnsiisaan yoookin qopheessaan pireesii kamiyyuu madda oduu yookiin odeeffannoo itti
fayyadamee akka ibsu hindirqamu.
19
3.
Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatuyyuu:
a.
Seeraa kanaan tumaaleebulchiinsa Heera motummaa, humna ittisa biyyaa, tasgabbii mootummaa fi
nageenya biyyoolessaa eeguuf bahan darbuun yakkoota raawwataman ilaalchisee balaa ifaa fi
dhiyoo ta’e kan hordofsiisu yommuu ta’u;
b.
Himannaa yakkaa
cimaan yommuu mudatuu fi madda odeeffanichaa beekuun filannoo kan
hinqabneefi murteessaa ta’ee yommuu argamu;
Maxxansiisaan yookiin qopheessaan pireesichaa madda odeeffanichaa akka ibsu mana murtiin ajajamuu
ni danda’a.
Keewwata 46. Itti gaafatamummaa Dachaa Hambisuu
Bu’uura walduraa duuba seeraan tumameen hooggantoota keessaa tokko yoo adabame sababuma gocha
kanaan kanneen biroo itti gaafatamummaan ala ta’anii adabbii irraa bilisa ni ta’u.
Ta’us, jaarmiyaan sabquunnamtii kamiyyuu walduraa duuba kamiiniyyuu raawwataa yakkaa ibsame waliin
yookiin dhuunfaan yakkaan gafatamuurraa bilisa hinta’u.
Keewwata 47. Mirga Addaa
Maloota sabquunnmatiin akka hin ibsamne seeraan yookiin murtii ifatti kennameen kan dhorkame yoo ta’e
malee seera baasaan, abbootii aangoo bulchiinsaa yookiin murtii, barreessaa falmiiwwan yookiin
murtiiwwaan dhugaa fi sirrii, maxxansiisaa yookiin namni mala sabquunnamtiin dhiyeessaa ta’e yakkaan
gaafatamaa hin ta’u.
20
Mata duree Sadii
Haalawwan Raawwataa Yakkichaa Adabsiisan
Boqonnaa Tokko
Itti gaafatamummaa Yakkaa
Kutaa Tokko
Itti Gaafatamummaa Idilee
Keewwata 48. Itti Gaafatamummaa Yakkaa fi Guutummaatti Itti Gaafatamummaan Ala Ta’uu
1.
Bu’uura
tumaalee
idilee
seera
yakkaatiin
kan
adabamu,
gocha
raawwateef
raawwataa
yakkaaittigaafatamaa ta’e qofadha.
2.
Namni kamiyyuu umuriidhaan, dhukkubaan, qummuuna guddinaan, yookiin jeeqama cimaa dandeettii
hubannaa yookiin madaaluu sammuun, yookiin sababoota armaan gadiiti keewwata 49 keewwata
xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa tokkoon yookiin sababa xinlubbuu walfakkaataa biroo kamiiniyyuu
gocha yakkaa yommuu raawwatutti akaakuu yookiin bu’aa gochichaa hubachuuf yookiin bu’uura
hubannaa kanaatiin gonkumaa of to’achuu kan hin dandeenye yommuu ta’u,gocha raawwateef
gonkumaa kan itti hin gaaftamane waan ta’eef hin adabamu.
3.
Manni Murtii raawwataa yakka itti gaafatamaa hin taaneef eeggannoowwan yaalaa yookiin eegumsaa
mijaa’aa ta’an kan seeraan tumaman akka taasifamaniif ni ajaja /Keewwata 129-131/.
Keewwata 49. Itti Gaafatamummaa Gar-tokkee
1.
Sababoota armaan olitti keewwata 48 keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsaman keessaa tokkoon yookiin
sababa dhukkuba sammuutiin haala sirriidhaan madaaluu yookiin hubachuu dadhabuudhaan,
qummuuna guddinni sammuutiin, yookiin haala hinbaratamne yookiin guutuu hintaaneen yookiin
sababa xinlubbuu walfakkaataa biroo kamiiniyyurrattii namni argamu gocha yakkaa yommuu raawwatu
akaakuu yookiin bu’aa gochichaa hubachuuf yookiin bu’uura hubannaa kanaatiin of to’achuuf dandeettii
inni qabu gar-tokkee yoo ta’e,yakka raawwateef adabbii tumame keessaa gar-tokkeen irratti
raawwatama ni ta’a. Manni murtichaa adabbicha akka itti fakkaatetti kan murteessu bu’uura keewwata
180 tiindha.
2.
Manni Murtichaa adabbicharratti dabalataan bu’uura seerichi hayyamuun /Keewwata 129-131/yaalii
yookiin eegumsi akka taasifamuuf yookiin amalli isaa akka sirraa’u ajaja barbaachisaa kennuu ni
danda’a.
21
Keewwata 50. Machiidhaan yookiin Haala walfakkaataabiroon Itti Gaafatamummaan AlaTa’uu
Uumameen Yakkoota Raawwataman
1.
Namani kamiyyuu yakka tokko raawwachuuf karoorsuun yookiin raawwachuu akka danda’u osoo
beekuu dhugaatii alkoolitiin yookiin wanta sammuu adoochuun yookiin toftaa akaakuu birootiin itti
yaadee gara itti gaafatamummaan ala yookiin itti gaafatamummaa gar-tokkeetti of galchuun yakkicha
kan raawwate yoo ta’e; tumaaleen bilisa baasan yookiin adabbii salphisan hin raawwatamaniif.Dhimma
akaakuu akkasii irratti tumaaleen waliigalaa yakkaa raawwatamoo ni ta’u.
2.
Raawwatichi yakka raawwachuuf kan isa saaxilu ta’uu isaa osoo beekuu yookiin beekuu osoo danda’uu
yookiin beekuu osoo qabuu balleessaa isaatiin gara ittigaafatamummaan alaa guututti yookiin
ittigaafatamummaa gar-tokkeetti erga ofgalchee booda haala kanan osoo jiruu yakka kan raawwate yoo
ta’e; yakkichi bu’uura dagannoon kan adabasiisu ta’ee yoo argame raawwatichi bu’uura tumaalee idilee
yakka dagannoo ilaalchisee tumamaniin itti gaafatamaa ni ta’a /Keewwata 59/.
3.
Raawwatichi balleessaa ofisaatiin gara itti gaafatamummaan alaa guutuutti erga of galche booda yakka
raawwachuuf hinbarbaadne yookiin hinyaadne raawwate yommuu argamu, tumaan nageenya ummataa
irratti miidhaa geessiisuu ilaalchisee kutaa addaa seera kanaa keessatti tumame /keewwata 491/
raawwatamaa ni ta’a.
4.
Balleessaa tokkollee osoo hinqabaatin yookiin nama biraatiin dirqamee haala itti gaafatamummaan ala
guutuu keessa yommuu jirutti namni yakka raawwate yakkaan gaafatamaa hin ta’u.
Keewwata 51. Haalawwan Shakkisiisaan Yommuu Muudatan Ogeessa Addatiin Qorannoo Taasifamu
1.
Itti gaafatamummaan guutuu yookiin gartokkee himatamtichaa shakkisiisaa ta’ee yommuu argamu
hunda manni murtichaa waa’ee dhimma kanaa beekumsa addaa kan qabu yaadaa ogeessaa gaafachuu
qaba;barbaachisaa yoo ta’es amala, seenaa jireenyasaa darbee fi haallawwan himatamtichaa irratti
qorannoon akka taasifamu ajaja kennuu ni danda’a.
Keessumaattuu, himatamtichi dhukkuba sammuu kan qabu yookiin dhukkuba gaggabdoon kan jeeqamu
ta’uusaaf, yookiin dhagahuufi dubbachuu kan hindandeenye ta’uusaaf yookiin wanta sammuu
adoochuun yookiin dhukkuba yeroo hunda dhugaatii amaleeffachuun kan tuqame ta’uu isaa haalawwan
agarsiisan yommuu argamanitti;kanumaaf yaada ogeessa beekumsa addaa qabugaafachuun dirqama.
2.
Manni Murtichaa bu’uura sirna baratameen ogeessa yookiin ogeessota dandeettii addaa qaban ni filata.
Akkasumas hojii isaanii fi dhimmoota isaan qulqulleessan ibsee isaan beeksisa.
Qorannichi himatamatichi yommuu yakkicha raawwatee fi murtiif yommuu dhiyaatetti haala jiru,
dandeettii madaaluu fi murteessuu isaarra bu’aa geessisuu danda’u mirkaneessuu qaba.Dabalataanis,
akaakuu yaalaa fayyadan yookiin tarkaanfilee mirkaneessa nageenya mana murtichaaf ibsuu qaba.
22
3.
Manni Murtichaa bu’uura ibsa argame kanaatiin itti gaafatamummaa himatamaa ilaalchisee murtii
seera qabeessa barbaachisaa ta’e ni kenna. Manni murtichaa dhimmicha irratti bu’uura godhatee
qabachuu kan qabuyaada ogeesichi addaaakkaata seeraatiin dhiheessuuf osoo hintaan gama
saayinsiitiin sirriitti qo’atamee bu’aa ibsa dhiyaatef irratti bu’uureffachuun ta’a.
Kutaa lama
Daa’immanii fi Dargaggoo Gaa’ila Hingeenye RaawwattootaYakkaa Ta’an
Keewwata 52. Seerri Yakkaa Daa’imman Irratti Raawwatiinsa Kan Hinqabaanne Ta’uu Isaa
Daa’imman umuriin isaanii waggaa sagal hinguunne seera yakkaatiin ittigaafatamtoota ta’anii hin
lakkaawwaman. Isaan kana irrattis tumaaleen seera yakkaa kanaa raawwatamoo hin ta’an.
Daa’imman
yakka
yommuu
raawwatanmaatiin,
barsiisonni,
bulchitoonni
isaanii
yookiin
qaamoleebirooneeggannoowwan barbaachisaa ta’an ni taasisuuf.
Keewwata 53. Tumaalee Addaa Dargaggoo Raawwattoota Yakkaa Ta’an Irratti Raawwataman
1. Dargaggoonni umuriin isaanii waggaa sagalii hanga kudha shanii guute yakka yommuu raawwatan
adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo isaan irratti murtaa’an keewwata 157-188 jalatti kanneen tumaman
qofadha.
Tumaaleen adabbiilee idilee balleessitoota ga’eessotaaf tumaman rawwatttota yakkaa dargaggootaf
raawwatiinsa hin qaban; ga’eessota waliinis hin hidhaman.
2. Dargaggoonni raawwattoota yakkaa ta’an yakka raawwataniif balleessaa ta’anii kan argaman yoo ta’e
malee seera kanaa keewwata 158-168 jalatti tumaaleen jiran raawwatamoo hin ta’an.
Ta’us, dargaggichi itti gaafatamummaa kan hinqabne yommuu ta’etti tumaaleen seera kanaa keewwati 129133 raawwatiinsa ni qabaatu.
Keewwata 54. Ragummaa fi Qulqulleessa Ogeessa Addaa
1. Manni murtichaa murtii kennuuf barbaachisaa ta’ee yommuu itti mul’atutti, amala dargaggoo gaa’ilaaf
hingeenyee, haala guddisa isaa, haala jiruu fi jireenya isaa odeeffannoo beekuu barbaadu ni gaafata.
Warra, barsiisota, bulchitoota isaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallaturraa yaada fudhahuu ni danda’a.
Nammonnii fi jaarmiyaaleen armaan olitti ibsaman dargaggoo gaa’ilaaf hingeenye, akkasumas maatiisaa
kan ilaallatanii fi galmeelee dhuunfaa harka isaaniitti argaman, keessumaattuu odeeffannoowwan
23
barreeffamaa waa’ee fayyaa fi jireenya hawaasummaa isaa tarreeffamaan qabatan akka dhiyeessan
manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
2. Manni Murtii adabbii yookiin tarkaanfileen eeggannoo murteessuu isaatiin dura dargaggoon gaa’ilaaf
hingeenye wiirtuu fayyaa yookiin barnootaa tokkotti, mana keessatti yookiin iddoo mijaa’aa birootti
hordoffiin irratti taaasifamaa akka turu ajajuu ni danda’a.
Manni Murtichaa haala qaamaa fi sammuu dargaggoo balleessaa raawwatee ilaalchisee ragaa ogeessaa
gaafachuu ni danda’a. Akkasummas, haala qaamaa fi sammuu dargaggichaa beeekuu fi tarkaanfii
barumsaa, sirreeffamaa fi eegumsaa mijaa’aa ta’e murteessuuf akka isa gargaaruuf ogeessichaaf
gaaffiiwwan barbachisaa ta’an dhiyeessuu ni danda’a.
3.
Manni murtichaa yommuu murtii kennu bu’uura taasisee qabachuu kan qabu yaada ogeessichi addaa
gama seeraatiin dhiheessuuf osoo hinta’in bu’aa gama saayinsiitiin sirriitti qoratamee isaaf dhiyaatudha.
Keewwata 55. Haala Murtii Adabbichaa Yookkiin Tarkaanfii Eeggannoo
Manni murtii dargaggeecha balleessaa raawwate irratti adabbii yookiin tarkaanfii eeggannoo yommuu
murteessutti umurii, amala, haala guddina sammuufi hamilee isaa, akkasumas adabbichi yookiin
tarkaanfichi eeggannoo balleessicha irratti jijjiirama gaarii fiduu danda’uu tilmaamma keessa galchuudhan
ta’a.
Manni murtichaa bu’aa fooyya’aa argamsiisa jedhee yommuu itti amanu ajajicha jijijjiiruu ni danda’a
/Keewwata 164/.
Keewwata 56. Raawwattoota Yakkaa Dargaggoota Waggaa 15 ol, Waggaa 18 Gadi Ta’an
1.
Rawwatichi yakka yommuu raawwatetti umurii waggaa kudha shan caalu qabaatee, garuu ammoo
waggaa kudha saddeet kan hin guunne yoo ta’e; dhimmichi kan ilaalamu bu’uura tumaalee idilee
seericha keessatti ibsamaniin ta’a.
2.
Ta’us manni murtichaa adabbicha kan murteessu haala dubbichaa madaaluun keessumattuu, hanga
umurii dargaggummaa himatamtichaa, sirraa’uu kan hindandeenye ta’uu isaa fi balaafamummaa isaa,
carraan amalli isaa fooyya’uu danda’u kana isa qunnamuta’uufi ta’uu dhabuu isaa hubachuun tumaalee
idilee adabbii salphisan /Keewwta 179/ bu’uura godhatee qabachuun yookiin fooyya’aa ta’ee yoo itti
mul’ate sirna murtii adabbii addaa yakkamtoota gaa’ilaaf hingeenyeef ramadame /Keewwata 166-168/
hordofuudhaan ta’a.
24
Boqonnaa Lama
Yakkaan Balleessaa Ta’uu
Kutaa Tokko
Yaada, Dagannoo fi Wanta Tasaa
Keewwata 57. Qajeeltoo, Balleessaa Yakkaa fi Wanta Tasaa
1.
Bu’uura seerichaatiin balleessummaan isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e malee namni kamiyyuu adabamuu
hindanda’u.
Namni gocha isaatiif ittigaafatamaa ta’uu qabu itti yaadee yookiin dagannoodhaan yakka tokko kan
raawwate yoo ta’e malee yakkaan balleessaa hin ta’u.
2. Namni kamiyyuu gochi inni raawwate seeraan kan adabsiisu yoo ta’ellee balleessaa tokko osoo hin
raawwatin yookiin sababa humnaa ol ta’een yookiin wantatasamudateen kan raawwatame yookiin kan
qaqqabe ta’ee yommuu argamu seera yakkaatiin itti murtaa’uu hinqabu.
Kutaa Xiqqaa Tokko
Yakka Qeenxeen Balleessaa Ta’uu
Keewwata 58. Itti Yaaduun Yakka Raawwachuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee yakka raawwateera kan jedhamu:
(a) Bu’aa murtaa’e tokko argachuuf jedhee gocha seeraan alaa fi adabsiisuu beekaa fedhii isaatiin kan
raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) Gochichi seeraan alaa fi bu’aa adabsiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa osoo beekuu kan ta’e haa ta’u
jedhee bu’aa isaa fudhachuun gochicha kan raawwate yoo ta’edha.
2.
Gochi yakkaa itti yaadamee raawwatame bu’uura seeraatiin /Keewwata 68-81/ kan hin adabsiisne
yookiin dhiifama kan kennisiisu yoo ta’e malee yoomiyyuu ni adabsiisa.
3.
Tumaaleen dagannoo ilaalchisanii tumaman akkuma eegamanitti ta’ee namni kamiiyyuu waan hin
beekneen, waan hinbarbaadneen yookiin kallattiidhaan yookiin tasaan wanta yaada isaatiin ol ta’een itti
murtaa’uu hin danda’u.
Keewwata 59. Dagannoon Yakka Raawwachuu
1.
Namni kamiyyuu dagannoon gocha yakkaa raawwateera kan jedhamu:
(a) gochichi yakkaan bu’aa adabasiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa osoo beekuu hin qaqqabu tilmaama
jedhuun yookiin madaaluu dhiisuun;yookiin
25
(b) gochichi yakkaan bu’aan adabsiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa beekuu osoo qabuu yookiin beekuu
osoo danda’uu, tilmamuu dadhabuun yookiin yaaduu dhiisuun; gochicha kan raawwate yoo ta’edha.
Dagannoon yakkaas jira kan jedhamu haalli dhuunfaa raawwataa yakkichaa, keessumattuuumuriin isaa,
muuxannoo jireenyaa inni qabu, sadarkaa barumsaa isaa, hojiin isaafi sadarkaan jireenya hawaasummaa
isaa yommuu madaalamu haalawwan dhimmichaatiin raawwatamuu qabu jedhamee eeggannoowwan
isaarraa barbaadaman kan hintaasisne yoo ta’edha.
2.
Akaakuu yookiin cimina balleessaa raawwatameen yookiin sababa balaa hawaasarraan gahuu
danda’uun seera keessatti addatti ni adabsiisa jedhamee kan tumame yoo ta’e malee gochi dagannoon
raawwatame hin adabsiisu.
Manni murtichaa raawwataa yakkichaa irratti adabbii kan murteessu, bu’aa gochichi hordofsiisuu danada’u,
raawwataan yakkichaa sammuu isaatiin osoo hubatuu yookiin hubachuu osoo qabuu madaaluu dhabuu isaa
irraan kan ka’e sadarkaa balleessaa raawwatee fi amala balaafamummaa isaa qorachuun ta’a.
Kutaa Xiqqaa Lama
Yakkoota Dachaa fi Irra deddeeddebi’ummaan Balleessaa Ta’uu
Keewwata 60. Yakkoota Dachaa
Namni kamiyyuu yakkootadachaa raawwateera kan jedhamu:
(a) yakkoota qabatamoo akaakuu tokko yookiin addaddaa lama yookiin lama kan caalan kamiyyuu walitti
aansuudhaan kan rawwate yoo ta’e; yookiin
(b) gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa lamaa yookiin lamaa ol ta’an darbuun yookiin gocha
tokkoon yakkoota bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan raawwachuun yakkoota dachaa kan
raawwate yoo ta’e; yookiin
(c) yaada yakka tokko raawwachuun yookiin dagannoon yakki inni raawwate tumaa seeraa tokko kan
darbu ta’ee mirga yookiin faayidaa namoota lakkoofsi isaanii lamaa ol ta’erratti miidhaa akaakuu tokko
qabu kan hordofsiise yoo ta’edha.
Keewwata 61. Balleessaa Tokkoof Adabbiin Tokko Ta’uu Isaa
1.
Mirga seeraan eeagame tokko irratti gochoonni yakkaa walitti makaman tokko yookiin tokkoo ol ta’an
kan raawwataman yaada yakka tokko raawwachuuf yookiin dagannoon yommuu ta’uu fi gochoonni kun
hundi tumaa seeraa tokkoon kan hammataman yommuu ta’u raawwataan yakkichaa tumaalee adabbii
dachaa amala walfakkaataa qaban lamaa fi lamaa ol caalaniin hinadabamu.
2.
Mirga seeraan eegame tokko sanarratti irra deddeebi’amanii yookiin walitti aananii gochoonni yakkaa
raawwataman yaada yakka tokko raawwachuuf yookiin dagannoon yommuu raawwataman akka yakka
26
tokkootti lakkaawamu. Raawwataan yakkichaa yakka akka yakka tokkootti lakkaawameef yookiin
walitti aanuun raawwatameef kanaan malee tokkoon tokkooon gochichaa walitti aanee raawwatameef
hinadabamu.
Akkasumas, raawwataan yakkichaa gochoota yakkaa irra deddeebi’ee yookiin walitti aansee rawwachuun
isaa; yookiin yakka akka amaleeffannaatti yookin ogummaatti qabachuun isaa yakka salphaa yookiin yakka
adabbii cimsuu danda’u tokko kan hundeessu ta’uun isaa yookiin gochi yakkichaa yeroo murtaa’eef
dheeratee yommuu turu akka gocha yakka qeentee raawwateetti malee yakkoota dachaa akka raawwatetti
hin lakkaawamu.
3.
Raawwatichi
yakka
murtaa’e
raawwachuuf
yaada
qaba
jedhamee
yommuu
tilmaamamutti;keessumattuu badhaadhina hinmalleef argachuuf qabeenya irratti yakka kan raawwate
yoo ta’e yookiin maallaqa sobaa kan hojjate yoo ta’e yookiin maallaqni kun akka naanneffamu taasiseera
yoo ta’e yookiin sanada sobaa qopheessee yookiin itti fayyadameera yoo ta’e kaayyoo balleessaa isaa isa
jalqabaa galmaan gahuuf jecha yakka bu’uura ta’e booda walitti aansuudhaan gochi inni raawwate yaada
isaa duraanii fi galma bira gahuuf karoorfate waliin hariiroo kan qabu ta’ee yakkicha muummee
keessatti ni hammatama.
Keewwata 62. Yakka Adabbii Haaraa Hordofsiisu Irradeddeebi’uu
Raawwatichi armaan olitti yakka amala keewwata 61 jalatti ibsame qabu erga raawwatee booda yakka
duraan raawwatee ture waliin amala walfakkaataa kan qabu yaadaa haarawaan yookiin dagannoon yakka
biraa irradeebi’uun yoo raawwate, yakkicha kan raawwate nama duraan miidhee ture yookiin mirga seeraan
eegame sana irratti ta’uyyuu yakki kun yakka haaraa waan ta’eef manni murtichaa keewwata 184 jalatti
waa’ee yakkoota dachaa ilaalchisee bu’uura tumameen adabbicha ni cimsa.
Keewwata 63. Yakkoonni Hariiroo Qaban Yommuu Raawwtaman Balleessummaa Jiraatu
Raawwatichi yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijatu yookiin yakka duraan raawwateef dawoo akka
isaaf ta’u yakka biroo kan raawwate yoo ta’ee fi yakka muummee raawwachuuf yaade kanaaf yoo xiqqaate
kan yaale yoo ta’e, seerichi akka yakka cimaa tokkootti kan lakkaa’u yoo ta’e malee dambiin raawwii adabbii
waa’ee adabbii yakkoota dachaa /Keewwata 184/ jalatti kan tumame irratti ni raawwatama.
Keewwata 64. Yakkoonni Qabatamoo Dachaa Biroon Yommuu Raawwataman Balleessummaa Jiru
Keewwata 62 fi 63 jalatti kan ibsameen alatti yakkoota walfakkaataa yookiin
adda addaa raawwataan
yakkichaa walitti aansee kan raawwate yoo ta’e, yakkoota dacha qabatamoo raawwachuu isaatiin tumaan
keewwata 184 irratti ni raawwatama.
27
Keewwata 65. Tumaalee Seeraa Darbuun Yakkoota Walitti Hidhaamiinsa Qaban Raawwachuun
Balleessuumma Jiru
Raawwataan yakkichaa gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa dachaan kan darbe yoo ta’e yakka
dachaa raawwachuu isaatiin adabbiin kan murtaa’u bu’uura keewwata 187 (1) tiin ta’a.
Keewwata 66. Yakkoota Dachaa Bu’aa Qabatamaa Hordofsiisan Ilaalchisee Balleessummaa Jiru
1.
Meeshaa waraanaatiin, meeshaa balaafamaatiin, ibiddaan, wanta dhohuun, summiidhaan, yookiin
qoricha adoochu fayyadamuun nama yookiin qabeenya irratti miidhaa qaqqabsiisuun yakki tokko
yommuu raawwatamu yakki biroo kan akka lubbuu namaa dabarsuu yookiin qaama namaa yookiin
qabeenya namaarratti miidhaa
qaqqabsiisuu kan fakkaatu raawwatamee yommuu argamu manni
murtichaa balleessummaa fi adabbii raawwataa yakkichaa kan murteessuu bu’uura qajeeltoowwan
armaan gadiitiin ta’a.
(a) raawwatichi yakka jalqabaa kan raawwate bu’aa yakkichi argamsiisuu yookiin hordofsiisuu danda’u
karoorfachuun yookiin dursee beekee fudhachuun yoo ta’e/Keewwwta 58(1)/,yakkoota ittiyaadee
raawwate tokkoo ol ta’an hundeessuuf haallawwan isaaniif ta’an guutamuu isaanii mirkaneessuun
bu’uura tumaalee dhimmicha ilaallataniin /Keewwata 184 fi 187(2)(a)/manni mutichaa yakkoota
dachaa sanaaf adabbicha cimsuun ni murteessa.
(b) yakki raawwatichi itti yaadee raawwate yakka dagannoon adabsiisu yommuu hordofsiise /Keewwata
59(1)/yakkoonni inni ittiyaadee fi dagannoon raawwate dachaa waan ta’aniif, manni murtichaa
bu’uuruma kanaan adabbicha ni cimsa /Keewwta 187(2)(b)/.
(c) yakki raawwatichi jalqaba raawwate yakka dagannoon adabsiisu kan biroo yommuu hordofsiise
yakkoonni dagannoon raawwataman dachaa waan ta’aniif manni murtichaa bu’uuruma kanaan
adabbicha ni cimsa /Keewwta 187 (2) (b)/.
2.
keessumattuu nageenya hawaasaa irratti balaa qaqqabsiisaniin;kan akka balaa ibiddaa, wantoota
dhohanitti fayyadamuun, quunnamtii ummataa yookiin fayyaa ummataa irratti balaa kan geessisu
akkasumas, namoota balaaf saaxiluu, dhamaasuu, jeequmsa, dubartii ulfarraa ulfa baasuu, yookiin
dirqiisiisanii gudeeduu raawwachuu ilaalchisee yakki muummee yommuu raawwatamuu fi yakkichi
dachaan bu’aa sababa kanaa yommuu ta’u, dambiin adabbii cimsuu tilmaama keessa galuu qaba
/Keewwta 187 (2) (c)/ fi /keewwta 184/.
Keewwata 67. Irradeddeebii Ilaalchisee Balleessummaa Jiru
Raawwataan yakkichaa irra deddeebi’uun yakka raawwateera jechuun manni murtii adabbii kan cimsu
/Keewwata 188/ adabbii hidhaa itti murtaa’e guutummaan yookiin gar tokkeen guyyaaxumure yookiin
adabbiin kun dhiifamaan guyyaa hafeefirraa eegalee yeroo waggaa shanii keessatti yakka haaraa ka’umsi
adabbii isaa hidhaa salphaa ji’a jaha ta’en adabsiisuu danda’u itti yaadee kan raawwate yoo ta’edha.
28
Kutaa Lama
Gochoota Seeraan Hayyamaman,Haallawwan Hinadabsiisneefi Dhiifama Kennisiisan
Kutaa Xiqqaa Tokko
Gochoota Seeraan Hayyamaman
Keewwata 68. Gochoota Seeraan Ajajaman yookiin Hayyamaman
Gochoonni seeraan ajajaman yookiin hayyamaman keessumattuu:
(a) daangaa seeraa osoo hindarbiin hojii tajaajila ummataa raawwatame yookiin raawwii hojii mootummaa
yookiin loltummaa gochoota ilaallatan yommuu ta’an;
(b) daangaa tilmaama sammuu idilaawaa baratame keessaa kan hin baane mirga sirreessa amalaa yookiin
mirga aangoo raawwachiisa naamusaa gochoota hojiirra oolchan yommuu ta’an; yookiin
(c) mirga dhuunfaa seeraan beekamtii argate hojiirra oolchuuf gochoota raawwataman yommuu ta’anii fi
raawwiin isaanii daangaa seeraa kan hin dabarre yoo ta’e;akka yakkaatti kan hin lakkaawamnee fi kan
hin adabsiisnedha.
Keewwata 69. Dirqama Hojii Ogummaa
Dirqama hojii ogummaa bahuuf gochoonni raawwataman dambii fi hojmaata baratmaa ogummichaatiin
ala yoo ta’uu baatanii fi balleessaa ogummaa cimaadhaan yoo raawwataman malee hin adabsiisan.
Kutaa Xiqqaa Lama
Haalawwan Hin Adabsiisneefi Dhiifama Kennisiisan
Keewwata 70. Hayyama Miidhamaa
1.
Yakki raawwatichi raawwate iyyannoo dhuunfaan kan adabsiisu fi gocha miidhamtichi yookiin bakka
bu’aan seeraa isaa hayyame yoo ta’e hin adabsiisu.
2.
Tumaan seera kanaa Keewwatin 573 akkuma eegametti ta’ee, namni kamiyyuu kaayyoo daldalaa osoo
hinqabaatin waliigaltee fedhii isaatiin taasisun, namni biraa faayidaa dhuunfaa isaatiif akka oolchu
yookiin jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef qorannoo yookiin yaalii saayinsawaa rogummaa fi
barbaachisummaa qabu akka irratti gaggeessu qaama isaa, kutaa qaama isaa yookiin qaama isaa keessaa
tokko lubbuun osoo jiruu yommuu kennuutti yookiin erga du’ee booda akka kennamu yommuu taasisu
fudhataan yakkaan itti hin gaafatamu.
29
Keewwata 71. Guutummaan Dirqisiifamuu
Karaa ofirraa ittisuu hin dandeenyeen miidhaa guutummaan dirqisiifamee irra gahuuuf ture haala hin
caalleen namni yakka raawwate yakka dirqamee raawwateef hin adabamu /keewwata 32(1) (c)/.
Manni murtichaa haalli guutummaan dirqisiifamuu jiraachuu isaa kan murteessu haala dubichaa,
keessumattuu, akaakuu dirqisifamichaa, hanga cimina isaas, akkasumas haala sadarkaa jireenyaa
dirqisiifamaa fi umurii isaa keessumattuu hanga humna lamaan isaanii fi haala gadaantummaa fi
olaantummaa dirqisifamaa fi dirqisiisaa gidduu jiru tilmaama keessa galchuunidha.
Keewwata 72. Dirqisiifama Moo’achuuf Danda’amu
Dirqisiifamni irra qaqqabe dhorkamuu kan danada’amu ta’ee moo’achuuf yookiin gochicha raawwachuu
jalaa miliquuf dandeettii osoo qabuu nama yakka raawwate irratti manni murtii akka itti fakkaatetti
adabbicha ni salphisa /Keewwata 180/.
Keewwata 73. Itti Gaafatamummaa Ajaja Kennaa
Namani ajajamaa ta’e muudamaa bulchiinsaa yookiin loltummaa olaanaa mirga ajajuu qaburraa ajaja ifatti
kennameefiin gocha tokko yommuu raawwatutti, gochichi yakka yoo ta’ee fi ajaja kennameefiin ala yoo hin
taane /keewwata 58(3)/ yakka raawwatameef itti gaafaatamaa kan ta’uu fi yakkaan adabamu nama ajajicha
kennedha.
Keewwata 74. Itti Gaafatamummaa Raawwataa Ajajicha
1.
Raawwataan ajajichaa ajajichi seeraan ala ta’uu isaa, keessumattuu, ajajaan ajajicha kennuuf aangoo kan
hin qabne ta’uu yookiin gochichi yakka ta’uu isaa osoo beekuu, gochi raawwates ajjeechaa lubbuu
yookiin gubiinsa yookiin namoota yookiin qabeenya yookiin nageenya biyyaa fi faayidaalee gurguddoo
hawaasaa yookiin seera addunyaalessaa irraatti balaa cimaa qaqqabe yommuu ta’u badii isaaf itti
gaafatamaa ta’ee ni adabama.
2.
Raawwataan ajajichaa miirri naamusa eeguu yookiin ajajamummaa itti dhagahamee ajajicha kan
raawwate
yoo
ta’e
manni
murtichaa
akka
itti
fakkaatetti
adabbicha
salphisuu
fi
ni
danda’a;keessumattuu, ajajichi dirqisiisaa yoo ta’e manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni
salphisaaf /Keewwata 180/.
Raawwataan ajajichaa balleessaa kan raawwate hojii mootumma yookiin gocha naamusa hojii loltummaa
raawwachisuuf dirqamni kan irra jiru ta’ee ajajicha mormuu fi falmuuf kan hindandeenye ta’uu isaatiin
kallattiin raawwachuu malee karaa wayya’aa biroo argachuu kan hin daandeenye ta’u isaa manni murtichaa
ifatti yommuu hubate adabbicha guutummaan hambisuufii ni danda’a.
30
3.
Raawwataan ajajichaa ajaja kennameen ala darbuun itti yaadee yakka raawwateef inni qofti itti
gaafatamaa ta’uun ni adabama.
Keewwata 75. Haala Dirqisiisaa
Mirga ofii yookiin nama biroo balaa cimaa dhiyeenyatti qaqqabu iraa oolchuuf gochi raawwatame, balaa
kana karaa biraa dhabamsiisuun kan hin danda’amne yoo ta’ee fi raawwatichi tooftaalee haalicha waliin wal
madaalutti kan fayyadame yoo ta’e hin adabsiisu.
Lubbuu yookiin nageenya namaa eeguuf namni dirqama ogummaa adda ta’e qabu gochi walfakkaataan inni
raawwatu keewwata kana jalatti adabbii irraa bilisa isa hintaasisu;ta’us, manni murtichaa akka itti
fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /keewwata 180/
Keewwata 76. Daangaa Haala Dirqisiisaa Darbuu
Bu’uura haalawwan naannoo dubbichaatiin mirga balaaf saaxilamee jiru aarsaa taasisuun barbaachisaa ta’ee
yoo argame yookiin miidhaan nama biraa irratti raawwatame hanga barbaadamuu ol yoo ta’e; yookiin haalli
dirqisiisaan raawwataan gochichaa keessa jiru yookiin haalli balaa sanaa badii isaatiin kan dhufe yoo ta’e;
manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
Keewwata 77. Haala Dirqisiisaa Loltummaa
1.
Yeroo balaa loltummaa, keessumattuu, jeequmsa korannaa yoo ta’e yookiin adda waraanaa irratti
ajajaan loltuu tokko yookiin muudamaan ol’aanaa ta’e hojii tajaajila isaa irra yommuu jirutti naamusa
kabachiisuuf yookiin gocha ajajamummaa barbaachisaa hojiirra oolchuuf yeroowwan tarreeffaman kana
keessatti tasgabbii barbaachisaa argamsiisuuf tooftaan biraa dhabamuu isaatiin gochi raawwate hin
adabsiisu.
2.
Raawwatichi haalli dubbichaa kan dirqisiisuu irra darbee raawwatee yoo argame manni murtichaa akka
itti fakkaateen adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/, yookiin haalli dubbichaa addatti kan dirqisiisu
ta’ee yommuu argamu adabbicha irraa bilisa taasisuu ni danda’a.
Keewwata 78. Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa
Mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiyeenyatti
qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hinqaqqabne taasisuuf karaa biroonyoo hin jiraannee hanga
haalichaa osoo hindarbin gochi raawwatame hin adabsiisu.
Keewwata 79. Hanga Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa Darbuu
31
1.
Tooftaa yookiin meeshaa walmadaalaa hin taaneen fayyadamuun yookiin miidhaa seeraan alaa yookiin
miidhaa seeraan alaa dhiyeenyatti qaqqabuun isaa hin oolle ittisuuf gocha barbaachisu ol darbee
raawwachuun hanga of irraa ittisuu seera qabeessa ta’e nama darbeef manni murtichaa akka itti
fakkaatetti adabbichaa ni salphisaaf /Keewwata 180/.
2. Miidhaa of irraa ittisuuf jecha badiin qaqqabsiise hanga isaa kan darbe sababa sodaa, naasuu tasaa
yookiin aarii miidhaan sun hordofsiiseen dhiifama argamsiisuu danda’uun yoo ta’e manni murtichaa
adabbicha irraa gutummaan hanga bilisa ta’uutti isa geessisuu ni dand’a.
Keewwata 80. Ijoo Dubbii Dogoggoruu
1.
Haala sirrummaa ijoo dubbichaa hubannoo dogoggoraa qabatee namni tokko gocha yakkaa kan
raawwate yoo ta’e dhimmichi hubannoo dogoggoraa raawwatichaa bu’uura godhachuun ni ilaalama.
Yakka raawwachuuf yaadee kan hin raawwanne ta’uun isaa kan ibsame yoo ta’e adabbiin isa irra hin gahu.
Ta’us, gochichi dagannoodhaan kan isa adabsiisu yoo ta’u,bu’uura keewwata 59tiin gaafatama ni ta’a.
2.
Ijoo dubbii dogoggoruun namni yakka raawwate gochi dogoggoraa inni raawwate kun yakka adabsiisu
biroo kan hordofsiise yoo ta’e badii isaa kanaan adabamuu irraa hin oolu.
3.
Dogoggorri eenyummaa miidhamaa yookiin wanta yakki irratti raawwatame irratti taasifamee gochicha
yakka ta’uu isaa hin hambisu.
Keewwata 81. Seera Dogoggoruu fi Seera Wallaaluu
1.
Seera wallaaluun yookiin seera dogoggoruun ittisa ta’uu hin danda’u.
2.
Gochicha raawwachuuf mirga kan qabu ta’uu isaa yaada gaariin amanuu fi amantaa dogoggoraa akkasii
irratti argamuufis yakkamaa sababa gahaa fi mirkanaa’e qabuuf manni murtichaa akka itti fakkaatetti
adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
Manni Murtichaa adabbii kan murteessu sababa dogoggora irra isa geessise, keessumattuu, haala naannoo
dogoggorichaa fi dubbichaa tilmaamuundha.
3.
sababin gahaan kan itti argamuu danda’uu fi Beekuu dhabuufi yaada gaarii guutuu ta’e, akkasumas
yakkicha raawwachuuf yaadni jiraachuun isaa haalawwan ifatti hin mul’anne addaatiin manni
murtichaa adabbii irraa bilisa taasisuu ni danda’a.
32
Kutaa Sadii
Sababoota Adabbii Salphisanii fi Cimsan
Keewwata 82. Sababoota Waliigalaa Adabbii Salphisan
1.
Manni Murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbin adabbii kan salphisu /Keewwata 179/:
(a) Yakkamtichi hanga yeroo yakkicha raawwateetti amalli isaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’ee fi kan
balleesses xiqqaachuu beekumsaan, beekuu dhabuun,
garraamuummaan, yookiin mudannaa hin
yaadamnee fi tasaan yoo ta’e;
(b) Yakkamtichi yakkicha kan raawwate fedhii kabajamaa fi faayidaa dhuunfaa irratti hin hundoofneen
yookiin amantaa ol’aanaa amantiin, safuun yookiin hawaasummaan kaka’ee yoo ta’e;
(c) Yakkamtichi yakkicha kan raawwate dhabiinsa ol’aanaan yookiin dararama hamileeirra gaheen, wanti
balaaa cimaa fiduu dada’u kan itti aggaamame se’ee, sodaan qabatamummaaqabuirra gahee yookiin
sababa dhiibbaa nama aangoo isaa jalatti inni ajajamuufiin yookiin isa bulchuun yoo ta’e;
(d) Yakkamtichi yakkicha kan raawwate amalli nama miidhamee qorumsa cimaarra isa buusee,
kakaastummaa jeequmsa cimaatiin yookiin sababa arrabsoo saalfachiisuun yookiin aarii cimaaf,
dararama yookiin dallansuuf kan isa saaxile yoo ta’e; yookiin haala dirqamsiisa ol’aanaa qabuun miira
jijjiiruun yookiin jeequmsa miiraa sababa qabu keessa seenuun yoo ta’e; yookiin
(e) Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugummaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu, nama
miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun,yookiin balleessaa isaa hubachuun
qaamolee haqaatti of kennuun yookiin hanga danda’ametti miidhaa badiin yakkichaa qaqqabsiiseef
beenyaa kaffaluun gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e; yookiin himatamee yommuu mana
murtiitti dhiyaate tarreeffama yakkaa himannaa irratti ibsame hunda kan amane yoo ta’edha.
2.
Kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa addaatiin haalawwan yookiin sababoonni kun adabbii salphisuuf
yommuu tumamanitti manni murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti
fayyadamuu hin danda’u.
Keewwata 83. Sababoota Addaa Adabbii Salphisan; Firummaa fi Michummaa Cimaa
1.
Bu’uura keewwata 180tiin sababa addaa adabbii salphisan ta’uun isaanii haallawwan tumaalee adda
addaa kutaa addaa seera kanaa keessatti ibsaman irratti dabalataan yakkamtichi gocha faallaa seeraa
kan rawwaate, keessumattuu, yakka raawwachuu isaafi yakkamticha osoo beekuu abbaa aangoo
murtiitti dirqama beeksisuuf qabu kan hin raawwanne yookiin gargaarsa kennuuf qabu kan hin kennine,
ibsa, ragummaa, yookiin odeeffannoo sobaa kan kenne yookiin yakkamtichi himannaa yookiin raawwii
adabbii jalaa akka miliqu kan gargaare ofii isaa, fira dhiigaa yookiin fira gaa’ilaa isaa dhihoo yookiin
michooma cimaa addaan nama isatti dhihaatu adabbiif, salphinaaf, yookiin balaa cimaaf akka hin
saaxilleef yoo ta’e manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
33
Manni murtichaa firummaa dhiigaa yookiin gaa’ilaa yookiin walitti dhufeenya michooma cimaa isaaf
dhiyaate sababa gahaa ta’uu isaa mirkaneessuu qaba.
2.
Badiin yakkamtichiitti gaafatamu baayyee cimaa kan hintaanee fi walitti dhufeenyi firummaa yookiin
michoomaa jedhame kun baay’ee cimaa ta’uu isaatiin haalli dubbichaa miira dhiphisu isarraan kan gahe
ta’uu isaatiin yoo ta’e; manni murtichaa yakkamticha akeekkachisuun yookiin dheekkamsa qofaan bira
darbuun adabbii murtaa’uu danda’u biro irraa bilisa isa taasisuu ni danda’a /Keewwata 122/.
3.
Tumaaleen yakkoota balaa cimaa fi ol’aanaa qaqqabsiisuu danda’an ilaallatan akkuma eeggamanitti dha
/Keewwata254 (4/, /Keewwata 335(3) fi 682(4)/.
Keewwata 84. Sababoota Waliigalaa Adabbii Cimsan
1.
Manni Murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbin adabbiilee kan cimsu (183):
(a) yakkamtichi yakkicha kan raawwate gantummaan yookiin saragummaan, salphummaan yookiin amala
badaa goomannaa, jibbiinsa, ofittummaa agarsiisuun,wanta gadhee raawwachuuf yookiin nama
miidhuuf fedhii guutuu qabaachuun yookiin hammeenya yookiin garajabina addaatiin yoo ta’e;
(b) yakkicha kan raawwate aangoo isaa, hojii isaa, yookiin amantaa yookiin ittigaafatamummmaa isarra
kaa’ame haala hin malleen itti tajaajilamuun yoo ta’e;
(c) yakkamtichi balleessummaa isaa duraatiin, yakka raawwachuu ogummaa yookiin barsiifata godhatee
qabachuun isaa yookiin tooftaan, yeroon, iddoo fi haalli raawwii yakkichaa,keessumattuu halkaniin
yookiin shororkaadhaan yookiin jeequmsaan, balaa dawoo godhachuun, meeshaa waraanaatiin yookiin
meeshaa balaafamaa birootiin yakkicha raawwachuun balaafamaa addaa ta’uu isaa kan agarsiise yoo
ta’e;
(d) yakkamtichi yakkicha kan raawwate bu’uura waliigaltee yakka raawwachuuf taasifameen yookiin
kanneen biroo waliin ta’uun yookin garee yakka raawwachuuf hundeeffame waliin waliigaluun yookiin
miseensa ta’uun keessumattuu akka hoogganaa, gurmeessaa yookiin gaggeessaa garee yakkaa ta’uun
yoo ta’e; yookiin
(e) yakkamtichi yakkicha kan raawwate umurii isaatiin, haala fayyaa isaatiin, haala jireenya yookiin hojii
isaatiin nama eegumsa addaa isa barnaachisu irratti keessumattuu, ofirraa ittisuuf nama humna hin
qabne, dadhabina sammuu, dhukkubsataa yookiin qaama midhamaa, hidhamaa, yookiin fira isaa dhiyoo
irratti yookiin nama ol’aanaa isaa yookiin gadi aanaa isaa ta’e irratti yoo ta’e, abbaa aangoo seeraan
hundeeffame yookiin hojjataa tajaajilaa ummataa dirqama hojii isaa raawwataa jiru irratti yoo ta’edha.
2.
Haalawwan kun kutaa addaa seerichaa keessatti yakka hundeessuuf yookiin adabbii cimsuuf sababoota
akka ta’an yommuu tumametti adabbii yakkichaa cimsuuf jecha manni murtichaa haaluma kana irra
deebi’uun sababa gochuu hin danda’u.
34
Keewwata 85. Sababoota Addaa Adabbii Cimsan; Yakkoota Dachaa fi Irradeddeebii
Yakkoonni dachaa fi irra deddeebi’uun yommuu mudatu
adabbichi kan cimu bu’uura seera kana
/Keewwata 184-188/ jalatti tumameen ni ta’a.
Keewwata 86. Sababoota WaliigalaaBiroo Adabbii Salphisaniifi Cimsan
Adabbii salphisuuf /Keewwata 179/ yookiin cimsuuf /Keewwata 182/ kan dandeessisu, sababni gahaa
biroon seeraan ifatti hin tumamne yommuu argamuufi kanuma manni murtichaa kan fudhatu yommuu
ta’u maaliif akka fudhate ibsuun barreessuu qaba.
Kitaaba Lammaffaa
Adabbii Yakkaafi Raawwii Isaa
Mata duree Tokko
Adabbiileefi Tarkaanfilee Eeggannoo, Akkasumas Raawwii Isaanii
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 87. Qajeeltoo
Adabbilee fi tarkaanfileen eeggannoo seera kanaan tumaaman kaayyoo seerichi bira gahuuf yaade
mirkaneessuuf haala itti danda’amun bu’uura yaada seerichaatiin raawwatamuu qabu /Keewwata 1/.
Adabbiilee fi tarkaanfileen eeggannoo yoomiyyuu kabaja namoomaa karaa eeguun raawwatamuu qabu.
Keewwata 88. Akkaataa Murtii Adabbiilee fi Tarkaanfilee Eeggannoo
1.
Manni murtichaa adabbiilee fi tarkaanfilee eeggannoo kan murteessu tumaalee waliigalaa seera kanaa,
akkasumas tumaalee kutaa addaa waa’ee yakkootaa fi adabbiilee isaan bu’uura godhachuun ta’a.
2.
Adabbichi murtaa’uu kan qabu, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkichaa, seenaa
jireenyaa isaa darbe, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala
jireenyaa dhunfaa isaa, sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, cimina yakkichaa fi haalawwan raawwii isaa
madaaluudhaan ta’a.
3.
Tumaaleen kutaa addaa seera kanaa akka eegamanitti ta’ee manni murtichaa adabbii baay’ee salphaa
ta’ee irraa eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoodhaan qorachuun tokkoon tokkoon
dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e ni murteessa.
35
4.
Sirrummaan akkaataa murtii adabbii fi walfakkaatummaa isaa mirkaneessuuf Manni Murtii Waaliigalaa
Federaalaa qajeelfama (manual) ni baasa.
Keewwata 89. Yakkoota Baay’ee Salphaa Ta’an
Yakkoonni baay’ee salphaa ta’an yommuu mudatan manni murtichaa seera kanaan wa’ee akeekkachiisaa
yookiin ceephaa’uu /Keewwata 122/ yookiin tumaalee dambiii darbuu ilaalchisee tumaman hordofuun
murteessuu ni danda’a.
Yakkoonni baay’ee salphaadha jedhaman yakkoota hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen adabsiisanidha.
Boqonnaa Lama
Adabbiilee Idilee Namoota Gaa’ilaaf Gahan Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Adabbiilee Muummee
Kutaa Xiqqaa Tokko
Adabbii Maallaqaa
Kutaa Xiqqaa Gadi Aanaa Tokko
Adabbii Maallaqaa, Qaabeenya Dhaaluu fi Qabuu
Keewwata 90. Adabbii Maallaqaa, Qajeeltoowwan Murtii Adabbii Maallaqaa
1.
Sababa yakkaatiin adabbiin maallaqaa kan kaffalamu qarshiinidha; galiin isaas mootummaafidha.
Tumaan faallaa ta’e kan jiru yoo ta’e malee adabbiin maallaqichaa qarshii kudhanii hanga qarshii kuma
kudhanii gahuu ni danda’a. Ta’us, adabamtichi jaarmiyaa namummaa seeraa qabu yommuu ta’utti;
adabbiin maallaqichaa qarshii dhibba tokko irraa hangaa qarshii kuma dhibba shanii kan ga’u ta’a.
2.
Manni murtichaa nama itti murtaa’e irratti hanga adabbii maallaqichaa kan murteessu cimina
yakkichaa, hanga balaafamummaa isaa, haala qabeenya isaa, madda galii isaa, ittigaafatamummamaatii
bulchuu isa irra jiru, hojii ogummaa isaafi hanga galii hojicha irraa argatu, umurii isaafi haala fayyaa isaa
madaaluun ta’a.
3.
Kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin hidhaa qofti yommuu tumamee fi adabamtichii jaarmiyaa
namummaa seeraa qabu yommuu ta’etti yakka hanga hidhaa salphaa waggaa shanii gahuu adabsiisuuf
hanga qarshii kuma kudhanii, yakka hidhaa cimaa hanga waggaa shaniitti adabsiisuuf hanga qarshii
36
kuma digdamii shaniitti, kan hidhaa cimaa waggaa shaniitti adabsiisuuf hanga qarshii kuma digdamaatti,
hidhaa cimaahanga waggaa kudhanii adabsiisuf hanga qashii kuma shantama, yakka hidhaa cimaa
waggaa kudhanii oliin adabsiisu yommuu ta’u keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti hanga adabbii
maallaqaa ibsame daangaa ol’aanaa gahuu danda’uun ni adabama.
4.
Kutaa addaa seera kanaa keessatti yookiin seera biraa keessatti adabbiin maallaqaa qofti kan tumame
yoo ta’ee fi adabamtichi jaarmiyaa namummaa seeraa qabu yommuu ta’etti adabbiin maallaqichaa
dachaa shan ta’a.
Keewwata 91. Adabbii Maallaqaa fi Hidhaa Walfaana Murteessuu
Kutaan addaa seera kanaa adabbii maallaqaa fi hidhaa filannoodhaan kan tume yoo ta’e, manni murtichaa
cimina yakkichaa fi haala yakkamtichaa madaaluun barbaachisaa ta’ee yoo arge lamaanuu walfaana
murteessuu ni danda’a.
Keewwata 92. Jaalalli Maallaqaa Adabbii Cimsuuf Sababa Ta’uu Isaa
1.
Tumaaleen addaa dambiilee adabbii ol’aanaa addatti murteessan akkuma eegamanitti ta’anii,
yakkamtichi yakka kan raawwate miira jaalala maallaqaatiin kaka’uudhaan yookiin yakkamtummaa
akka hojii ogummaa isaatti lakkaa’uun hojii isaa kanaan haalli mijataan faayidaa itti argachuu danda’u
yommuu isa mudatu, gochaa isaa akkanaatiin fayyadamuufii kanuma akka argannaa faayidaatti kan
lakkaa’e ta’e haalli jireenya isaafi faayidaan yakkichaan argate gochuma isaa kana ifatti kan agarsiisu
sababa gahaa ta’uunsaa kan tilmaamame yoo ta’e manni murtichaa akka haala dubbichaatti adabbicha
olkaasuun adabbii maallaqaa hanga qarshii kuma dhibba tokkoo gahuu itti murteessuu ni danda’a.
Yoomiyyuu yoo ta’e adabbiin maallaqichaa sababa gocha yakkichaan bu’aa argame dhaaluu dabalatee kan
murtaa’u ta’a.
2.
Gocha yakkichaa raawwachuuf kan isa kakaase sababa jaalala maallaqaa ta’ee, jaalalli maallaqaa kun
yakka ka’umsa ta’e kan hin hundeessine yoo ta’es, adabbii balleessaa akkanaaf malu tumaalee kutaa
addaa seerichaa keessattii adabbiin maallaqaa ibsamee kan hin tumamne yoo ta’ellee manni murtichaa
adabbii hidhaa yookiin tarkaanfii eeggannoo murteessu waliin adabbii maallaqichaa murteessuu ni
danda’a.
Keewwata 93. Adabbii Maallaqaa Galii Gochuu
1.
Adabamtichi adabbii maallaqichaa battalumatti kaffaluu qaba.
2.
Adabamtichi adabbii maallaqichaa battalumatti kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e manni murtichaa
akka haala dubbichaatti kaffaltii maallaqichaatiif yeroo ji’a tokkoo hanga ji’a jahaatti ni kennaaf.
37
3.
Akkasumas, haalli jireenyaa adabamtichaa sababa gahaa kan argamsiisu ta’uu isaa manni murtichaa
yommuu itti amanutti adabbii maallaqichaa muurasa muraasan akka kaffalu hayyamuufii ni danda’a.
Dandeettii isaa dhugaa ta’e tilmaamuun yeroo kaffaltiifi hanga maallaqichaa manni murtichaa ni
murteessa. Yeroon kaffaltii maallaqichaas waggaa sadii caaluu hin danda’u.
Keewwata 94. Adabbiin Maallaqaa Batalumatti Yommuu Hinkaffalamne Tarkaanfii Manni Murtii
Fudhatu
1.
Adabbiin maallaqaa murtaa’e battalumatti yommuu hinkaffalamne hundatti adabamtichi adabbii
maallaqaa itti murtaa’e yeroo murtaa’eef keessatti kaffaluu kan danda’u ta’uu isaa akka mirkanaa’u
manni murtichaa wabii namaa gahaa ta’ee yookiin qabsiisa qabatamaa akka kennu ni ajaja.
Hanga wabii mirkaneessa adabamtichi kennuu qabu manni murtichaa kan murteessu haala dubbichaa fi
sadarkaa jireenya adabamtichaa tilmaama keessa galchuu fi haqa bu’uura godhachuudhaan ta’a.
2.
Adabamtichi yeroo murtaa’e keessatti adabbii maallaqichaa kan hin kaffalle yoo ta’e maallaqani wabiin
itti seename yookiin qabeenyi qabatamaan qabsiisan kenname galii akka ta’u manni murtichaa galmee
yakkaa qabatee jiru irratti barbaachisaa kan ta’e ni murteessa.
3.
Adabamtichi dirqama wabummaa galuu yookiin qabsiisa dhiheessuuf dhiyeessuuf hindandeenye
yookiin heyyamamaa yommuu hin taanetti qabeenyi isaa bu’uura seeraatiin qabamee akka
gurguramuufi maallaqichis galii akka ta’u ni murteessa. Gurgurtaan qabeenyichaas yommuu
raawwatamu seera kana keewwata 98 (3) jalatti kan tumame raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 95. Adabbbii Maallaqichaa Hojiitti Jijjiiruu
Bu’uura armaan olitti keewwata 93 fi 94 jalatti tumameen adabbiin maallaqichaa galii kan hintaane yoo ta’e
namni itti murtaa’e mootummaaf yookiin jaarmiyaa tajaajila hawaasaatiif hojiin tajaajiluun akka kaffalu
manni murtichaa ni ajaja.
Manni murtichaa hanga adabbii maallaqichaa tilmaama keessa galchuun adabbiin maallaqichaa kaffalamee
yeroo itti xumuramu ni murteessa. Ta’us, yeroon murtaa’u waggaa lama caaluu hin danda’u.
Keewwata 96. Adabbii Maallaqichaa Hojii Dirqamaatti Jijjiiruu
Adabamtichi bu’uura armaan olitti keewwata 93-95 jalatti tumameen raawwachuu kan hin dandeenye yoo
ta’e; hojii dirqamaa akka hojjatu manni murtii murteessuu qaba.
Bu’uura keewwata kanaatiin hojii dirqamaa akka hojjatu yeroon manni murtii murteessu
caaluu hin danda’u.
38
waggaa
lama
Keewwata 97. Raawwii Adabbii Hojii Dirqamaa Dhaabuu
Adabbiin maallaqichaa hojii dirqamaatti yommuu jijjiiramu, balleessichi seera kana keewwata 105 jalatti
haalaibsame irraatti dabalataan hiyyumma isaatiin, itti gaafatamummamaatiisaa bulchuu qabuun, haala
fayyummaa isaatiin, yookiin sababoota kan biroo barbaachisummaa qabaniin hojicha dirqmaa hojjachuu
kan hin dandeenye yoo ta’e raawwiin adabbii hojicha diqamaa akka addaan citu manni murtichaa ajajuu ni
danda’a.
Keewwata 98. Qabeenya Dhaaluu
1. Seericha irratti ifattiyommuu tumametti manni murtichaa tummaalee keewwata kanaa armaan gaditti
tumaman hordofuun qabeenyiyakkamtichaa gutummaatti yookiin gar-tokkeen akka dhaalamu
murteessuu ni danda’a.
2.
Gochi yakkaa murtiin balleessummaa itti kennameen yakkamaan kallattiinis ta’e alakallattiin qabeenyi
argate ni dhaalama.Akkasumas, ajaji dhaaluu qabeenya karaa seera qabeessa ta’een argames ni dabalata.
3.
Dhaalli raawwatamu kan hin dandeenye:
(a) jireenya adabamtichaafi maatii isaatiif barbaachisaa kan ta’an tajaajila yeroo hundaa manatiif kan
fayyadan meeshaalee hojiin itti raawwatamu, meeshaalee ogummaa yookiin hojiin qonnaa itti
raawwatamuyommuu ta’an;
(b) yoo xiqqaate yeroo ji’a jahaatiif yookiin manni murtichaa haalawwan addaa ilaaluun
barbaachisaadha jedhee sababa tilmaameen murtii ifa ta’eefi yaada gahaa ta’een yeroo kana caaluuf
lubbuumaatii adabamtichaafi kan ittiin jiraatan yookiin nyaata guyya guyyaaf barbaachisaa ta’aniifi
galiiwwan adda addaa deeggersa jireenyasaaniitiif oolan yommuu ta’an;
(c) Qabeenya dhaalaan darbe kamiyyuu ta’ee adabamtichi kennaadhaan, dhaamoodhaan, yookiin karaa
akaakuu birootiin itti ajajuu kan hindandeenye yommuu ta’u;
(d) yakkichaa irraa bilisa kan ta’e haadha warraa yookiin abbaa warraailaalchisee qabeenya waliinii
keessaa walakkaa, akkasumas, haadha manaa yookiin abbaa manaa yookiin ijoolleewwan yookiin
kannneen biro yakka irraa qulqulluu ta’an qabeenya dhuunfaa isaanii ta’ee,bu’uura seeraatiin yookiin
sirna baratameen dhuunfaan sababa imaanaan fi bulchitummaan, hoji gaggeessumman yookiin
ajajummaa guutuun qabeenya qabiyyee adabamticha jala jiru hunda yoo ta’edha.
Keewwata 99. Qabeenya Qabuu
Namni kamiyyuu sirna heera mootummaa biyyattii yookiin nageenya keessaa fi alaa irratti korannaa gochuu
isaatiin yookiin sababa gocha miidhaa qaqqabsiisu raawwachuu isaatiin bakka hinjirretti kan itti murtaa’e
yoo ta’e manni murtii adabbii itti murteessu kamiyyuu waliin qabeenyi isaa akka qabamu ajajuu ni danda’a.
39
Murtiin qabeenya qabuu yommuu kennamu tumaaleen akkaataa murtii keewwata 98 (3) jalatti ibsaman kan
raawwataman ta’a.
Kutaa Xiqqaa Gadiaanaa Lama
Bu’aa Maallaqaa Kan Biroo Yakkichi Hordofsiisu
Keewwata100. Qabeenya Mootummaaf Galii Ta’uu Qabu
1.
Namni tokko gocha yakkaatiif akka kaka’u yookiin yakkicha raawwachuuf akka isa gargaaru yookiin
yakkicha raawwachuu isaatiif gatii akka ta’uuf kan kennameef yookiin faayidan akka kennamuuf
karoorfame kamiyyuu mootummaadhaaf galii ta’a.
Qabeenyaawwan jedhaman akaakuun kan hin argamne yoo ta’e fudhataan gatii isaanii mootummaaf galii
gochuu qaba.
2.
Qabeenyi yakkaan argame kamiyyuu bu’uura dambiiilee beekamaniitiin guyyaa beeksisi bahee eegalee
hanga waggaa shaniitti abbaan qabeenyichaa yookiin abbaan mirgaa kan hin argamne yoo ta’e
mootummadhaaf galii ta’a.
Ta’us, qabeenyichi kan badu, yookiin faayidaan ala ni ta’a jedhamee kan tilmaamu yoo ta’e
bu’uuradambiichaan gurguramee maallaqichi mana hojii aangoo kennameef hanga waggaa shaniitti
imaanaadhaan kaa’amuu ni danda’a.
Keewwata 101. Qabeenyaa Bakka Buusuu Yookiin Beenyaa Miidhaafi Kasaaraa Kaffaluu.
Yakkichi miidhamticha yookiin miidhamtichaa irraa namoota mirga qaban irraatti miidhaa ol’aanaa
yommuuqaqqabsiise, miidhamtichi yookiin namootni bakka miidhamtichaa mirga qaban namni miidhe sun
miidhaa irraan gaheef beenyaa akka kaffalu, waan balleessee yookiin waan diige sana akka inni duraan
turetti akka deebisu akkasumas miidhaa isaan irra ga’eef beenyaan walgitu bifa kasaaraatiin akka
kaffalamuuf akka itti murtaa’u gaafachuu ni danda’u. Kana gochuuf himannaa hariiroo hawaasaa himannaa
yakkaa waliin dhiyeeffachuu ni danda’u. Kunis bu’uura tumaalee sirna seerayakkaa keessatti tumamaniin ni
gaggeeffama.
Keewwata 102 Beenyaa Miidhamaaf kennamu.
1.
Yakkamtichi yookiin bakka isaa kanneen gaafatamtoota ta’an akkuma haala dubichaafi yookiin sababa
jireenyaa isaaniitiin miidhaa miidhamticha irraa ga’eef beenyaa kaffaluu kan hindandeenye ta’uun
isaanii yommuu beekametti maallaqa mi’a yakkamticha irraa qabame irraa argamu keessaa yookiin
maallaqa wabummaaf qabsiise keessaa yookiin adabbii maallaqaa keessaa yookiin galii hojii humnaatti
40
jijjiramee inni argatu keessaa yookiin herreega qabeenya dhaalameekeessaa miidhamtichaaf akka
kaffalamu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
1.
Mootummaan hanga maallaqa beenyaa miidhamtichaaf kaffale, midhamticha bakka bu’ee yakkamaa
miidhaa sana geessise irraa kallattiin gaafachuufi fudhachuu ni danda’a.
Kutaa Xiqqaa Lama
Adabbiilee Hojii Dirqamaafi Bilisummaa Dhabsiisan
Kutaa xiqqaa Gadaanaa Tokko
Hojii Dirqamaa
Keewwata 103. Galii Hojii Dirqamaarraa Hir’ifameeMaallaqa Mootummaaf Kaffalamu.
1.
Yakkichi cimina kan hin qabne ta’ee adabbiin inni hordofsiisus adabbii hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaallee yoo ta’e, balleessichis hojii hojjechuu kan danda’u ta’ee hawaasichaaf balaafamaa kan hin
fakkaanne yoo ta’e, bilisummaan dhuuunfaa isaa osoo hindaangeffamin too’atamaa adabbii hojii
dirqamaa akka raawwatu manni murtichaa itti murteessuu ni danda’a. Adabbiin kun guyyaa tokko
hanga ji’a jahaagahuu ni danda’a.
2.
Adabbichis kan raawwatamu bakka adabamtichi yeroo hunda hojii isaa itti hojjetutti yookiin iddoo itti
qaxarame yookiin dhaabbata ummataatti yookiin bakka hojiin ummataa itti gaggeeffamutti ta’a. Gatii
dadhabbii adabamtichaa irraa yookiin faayidaa inni bu’aa hojichaa irraa argatu irraa hanga harka sadii
keessaa tokkoo (1/3) herregni hincaalee hir’ifamee mootummaaf galii ni taasifama.
3.
Hangi maallaqa faayidaa adabamtichaa irraa hirifamuu qabuu, bakki adabbichii itti raawatamuufi yeroo
adabbichi turu akkasumas akaakuun too’annichaa barbaachisaa ta’e murticha irratti ni murta’a.
Keewwata. 104. Hojii Dirqamaa Bilisummaa Dhuunfaa Dangeessuu Waliin Murtaa’u.
1.
Haalli dubbichaa roga qabeessa yookiin barbaachisaa ta’uu isaa kan agarsiisuu yommuu ta’u,
keessumattuubu’uura seera kanaa keewwata 103(1) tiin dirqama isaarraa kaa’ameosoo hin guutin kan
hafe yoo ta’e, yookiin naannoo miidhaa qaban yookiin namoota amala badaa qaban irraaadabamticha
adda baasuunyommuu barbaachisu adabbichi hojii
dirqamaa adabbii bilisummaa dhuunfaa isaa
daangessuu waliin akka raawwatamu manni murticha ajajuu ni danda’a.
2.
Manni murtichaa haala dubbichaa bu’uureffachuun akaakuu adabbii bilisummaa daangeessuufi yeroo
adabbicha itti turu ni murteessa.
Adabbiin kunis adabamticha iddoo hojii tokkorraa yookiin hojjechiisaa tokko biraa yookiin dhaabbata hojii
tokkorraa osoo hin gadhiisin, yookiin iddoo jireenyaa isaa osoo hingadhiisin, yookiin iddoo murta’aa
41
too’annoo abbootii aangoo mootummaatiin eegamu tokkorraa osoo adda hin ba’in hojii dirqamaa isaa akka
raawwatu kan isaa taasisuu ta’uu ni danda’a.
3.
Adabamtichi murtii hojii dirqamaa itti murtaa’e sana cabsee yoo argame adabbichi hanga yeroo hafe
sanaatiin haala walgituun gara hidhaa salphaatti ni jijjirama.
Keewwata 105. Yeroo Dhukkubaatti Haala Adabbiin Hojii Dirqamaa Itti Daangeeffamuu
Namni hojiin dirqamaa itti murtaa’e yeroo hojii dirqamaa raawwatutti yoo dhukkubsate haalawwan seera
kana keewwata 97 jalatti ibsamaniin alatti hanga dhukkuba isaarraa fayyutti hojii dirqamaa akka hojjetu
hintaasifamu.
Dhukkuba isaarraa yommuu fayyutti hojii dirqamaa akka itti fufu ni taasifama; hojii dirqamaa itti fufuu yoo
dadhabe garuu, hojii biraa kan fayyaa dhuunfaa isaafi haala isaa waliin walsimu akka hojjetu ni ajajama.
Ajajaakaakuu akkanaa kennuun yookiin raawwatamaa taasisuun yoo dadhabame, manni murtiichaa adabbii
biraa akaakuu kamiiniyyuu adabamticha irratti hinmurteessu.
Kutaa Xiqqaa Gadaanaa Lama
AdabbiileeBilisummaa Dhuunfaa Dhabsiisan
Keewwata 106. Hidhaa Salphaa
1.
Hidhaa salphaan nama yakka ciminni isaa giddugaleessa ta’e raawawateefi balleessichis hawaasichaaf
baayyee balaafamaa fakkaatee yeroo hinmul’annetti adabbii bilisummaa dhabsiisuuf murtaa’uudha.
Tumaan koroora(sharxii) ilaallatu akkuma jirutti ta’ee, hidhaa salphaan guyyaa kudhan irraa hanga
waggaa sadii gahuu ni danda’a.
Ta’us, cimina yakkichaa irraa kan ka’e kutaa addaa seerichaa keessatti tumamee kan jiru yoo ta’e yookiin
yakkoonni dachaa adabbii hidhaa salphaadhaan adabsiisan kan jiran yoo ta’e, yookiin yakkamtichi irra
deddeebiidhaan yoo adabamu yeroon adabbii hidhaasalphaa hanga waggaa shanii gahuu ni danda’a. Manni
murtichaa hidhaan sun yeroo hangamiitiif akka turu murticha keessatti ni murteessa.
2.
Hidhaan sunis manneen sirreessaa dhimmuma kana qofaaf jedhamanii addatti hundeeffaman, yookiin
kutaalee manneen sirreessaa keessatti ni raawwatama.
Keewwata 107. Hidhaa Salphaa Hojii Dirqamaaatiin Bakka Buusuu.
Adabbiin hidhaa salphaa hanga ji’a jaha ga’utumaalee kutaa addaa seerichaakeessatti tumameeyommuu
argamu hundatti adabbii bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu kana raawwachiisuuf, yookiin adeemsa hojii gaarii
mana sirreessichaa irratti rakkoo kaan uumu ta’ee kan tilmaamamu yoo ta’e, yookiin amala adabamtichaas
42
fooyyeessuuf yookiin gara jireenya hawaasummaatti deebisanii galchuuf kan hinmijoofne ta’ee kan argame
yoo ta’e, manni murtichaa bakka hidhaa sanaa hojii dirqamaa murteessuu ni danda’a /keewwata 103,104/.
Kutaa addaa seerichaa keessatti bakka hidhaa salphaa tumaan adabbii hojii dirqamaa buusu kan hin jirre
yoo ta’ellee kan keewwata kanaan tumame raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 108. Hidhaa Cimaa
1.
Adabbiin hidhaa cimaa kan murtaa’u, kanneen yakka cimaa raawwataniifi keessumattuu yakkamtoota
hawaasichaaf balaafamoo ta’an irrattidha.
Galmi adabbii hidhaa cimaa adabamtichi akka sirratuufi gara jireenya hawaasummaatti akka deebi’u
gochuu irratti dabalataan keessumattuu nageenya hawaasichaaf to’annoo cimaa jala akka oolu
gochuudha.
Yeroon turtii adabbii kanaa waggaa tokko irraa hanga waggaa digdamii shanii gahuu ni danda’a.
Seerichaanis ifatti kan tumame yoo ta’e hidhaan umurii guutuu murtaa’uu ni danda’a.Ta’us, tumaaleen
koroora (sharxii) ilaallatan akkuma eegamanittidha.
2.
Adabbiin hidhaa cimaa kan raawwatamu manneen sirreessaa adabbii kan raawwachiisuuf akka ta’anitti
yaadamanii addatti ijaaramaniifi kanumaaf kan qophaa’an keessatti qofaadha.
Haalli raawwii adabbii hidhaa cimaa haala raawwii adabbii hidhaa salphaa irra caalaa ni ulfaata.
Keewwata 109. Tumaalee Waliinii
Tumaaleen bu’uuraa armaan gadii adabbiilee bilisummaa dhuunfaa dhabsiisanu akaakuu lamaaniifuu
raawwatamoo ni ta’u. Kaayyoon tumaalee kanaas bu’aa haalli murtii adaabbiilee bira gahuu barbaade
argamsiisuudha.
Haalli raawwii adabbii waliigalatti garamana hidhaatti galchuu, hidhamtoota gargar baasuu, qunnamtii
hidhamtoonni namoota alaa (gaafattoota) waliin taasisan, sirna keessoofi hir’ina naamusaa
ilaalchiseetarkaanfiilee fudhataman, akkasumas dhimmoota qophilee haala barnootaafi eegumsa
hafuuraa hidhamtootaaf barbaachisan, seera raawwii adabbiifi dambiilee bulchiinsaa manneen
sirreessaa keessatti adda ba’anii ni ibsamu.
Keewwata 110. Hidhamtoota Gargar Baasuu
1.
Yakkamtoonni saalli isaanii gara gara ta’e adabbii isaanii kan raawwatan, manneen hidhaa gara garaa
keessattidha. Dhimmuma kanaaf manneen hidhaa gara garaa kan hin qophoofne yoo ta’e, mana hidhaa
jiru keessatti kutaaleen gara garaa akka jiraatantaasifamee dubartoonniifi dhiironni akka walitti hin
dhufne ni taasifamu.
43
2.
Baalleessitoonni adabbii cimaadhaan akka adabaman, yookiin kutaa addaa keessatti adda ba’anii akka
hidhaman itti murtaa’e yeroo kamiyyuu yoo ta’e, hidhamtoota gaa’ilaf hin geenye yookiin gaa’ila gahan
hidhaa salphaan adabaman waliin gonkumaa akka walitti hin dhufne ni taasifamu.
3.
Hidhamtoonni murtii hinarganne yookiin sababa idaan (daayinaan) qabamanii hidhaman yookiin
dirqama hojii mootummaa isaanitiin kan ka’een hidhamtoota waliin walittidhufeenya kan qaban ta’anii
sababa yakkaa yookiin sababa idaan (daayinaan) namoonni hidhaman hidhamtoota kanneen biroo
waliin walitti hin makaman.
Keewwata 111. Dirqama Hojjechuufi Gatii Hojichaa
1.
Yakkamaa tokko irratti adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu yeroo itti murtaa’u hundatti
adabamtichi dirqamaan akka hojjetu gochuun qaama raawwii adabbichaati. Adabamaan fayya qabeessa
ta’e kamiyyuu hojii bulchiinsa mana sirreessaa irraa ajajamefudhachuu qaba. Hojiin kunis hanga
danda’ame hundatti dandeetti adabamtichaa waliin kan walsimuufi fayyaa isaa kan hinmiine, amala
sirreessuufi muuxannoo hojiifi barumsaanis sammuu isaa gabbisuuf kan isa gargaaru ta’ee yakkamtichi
yeroo adabbii isaa yommuu xumuru deebi’ee gara galma jireenya hawaasummaa barbaachisu qabachuuf
isa dandeessisuun kan isa gahuu danda’u ta’uu qaba.
2.
Hidhamaan hojii dirqamaa kana akka raawwatu dirqisiifame kamiyyuu hojichaaf kan malu yoo ta’eefi
amalli isaas gaarii yoo ta’e, dandeettii hojii isaafi tajaajila inni kennuuf kaffaltiin guyyaa walmadaalaa
ta’e ni heerregamaaf.
Hangi maallaqaa heerregamuufii qabu qabiinsi herreega maallaqaa yerooinni hidhamee turuufi
haalli kenniinsa maallaqaa yeroo inni hidhaa irra bilisaan gadhiifamuu bu’uura dambiilee keessoo
mana sirreessaatiin ni raawatama
Keewwata 112. Haala Hidhaa Jijijjiiruu
Adabbichi adabamticha irratti miira sirreeffama amalaa fideefi yommuu adabamtichi hiikamu jireenya
hawaasummaa baratame qabachuuf kan malu ta’uu danda’uu isaa mirkaneeffachuun yaadota bu’uuraa
armaan gaditti ibsaman hordofuun haalli raawwii adabbii adabamtichaa yeroo yeroon jijijiiramaa akka
deemuu ni taasifama. Haalli raawwiifi hojmaata kanaas seera raawwii adabbiifi dambii keessoo mana
sirreessaa keessatti ni ibsama.
1.
Bulchiinsi mana sirreessichaa barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate,
adabamtichi akkuma galeen
battalumatti yookiin adabbicha raawwachaaosoo jiruu, yoo daran baay’ate, yeroo ji’a sadii hincaalleef
kophaa isaatti adda ba’ee akka hidhamu taasisuu ni danda’a.
Bulchiinsi mana sirreessichaa hidhamtichi kophaa isaatti adda ba’ee akka hidhamu gochuu isaatiin dura,
ogeessa fayyaa, barbaachisaa yoo ta’es, ogeessa xin-sammuu mari’achiisuudhaan hanga eeggannoofi
yerichaa ni murteessa.
44
2.
Yeroon adabbii muummeen kan raawwatamuu akka barbaachisummaafi faayidaa isaatti, akka haala
yerichaatti, hojii dirqamaa gamtaan yookiin dhuunfaanhojjetamu hojjechuun ta’a.
Dhimmi hidhamticha kophaa isaatti adda baasuu hanga danda’ametti yeroo hojiitiin alafi akkasumas
halkan ni raawatama.
3.
Hidhamtoonni amala isaanii haala fooyya’een waan sirreeffataniifi kan fooyya’an waan ta’aniif, hidhaa
irraas yeroon isaan itti hiikaman waan dhiyaateef faayidaa nyaata fooyya’aa argachuu, namni isaan
gaafatu akka irraa hindhorkamnee,hojii salphaa hojjechuu yeroo boqonnaa argachuufi haalakanneen
biroo kan kana fakkaatanitti fayyadamuu, haalli faayidaahidhaa salphisuufi foyyessuu gaggeessaa hojii
mana sirreessichaatiin hayyamamuufii ni danda’a.
Kanneen namusa hin qabne yookiin amalli isaanii kan nama hin gammachiifne yoo ta’e garuu faayidaaleen
isaaniif kennaman akka jalaa hafan gochuuf, yookiin xiiqi qabeessummaan adabamtootaa kun akka
taasifamu barbaachisaa ta’uu isaa kan agarsiise yoo ta’e, faayidalee yeroo hindaangoofneef yookiin
daanga’eef hambisuun ni danda’ama.
Keewwata 113. Daangaa Murtaa’een Korooraan(Sharxiin) Gadhiifamuu.
1.
Amalli
adabamtichaa
quubsaa
yoo
ta’eefi
haalawwan
seeraan
tumaman
guutamanii
yoo
argaman/Keewwata 212/, adabamtichi yeroon hidhaa isatti murtaa’e dhumuu isaatiin dura Korooraan
(sharxiidhaan) dursee gadlakkifamuu ni danda’a
Korooraan (sharxiidhaan) gadlakkifamuu isaatiin dura bakka adabbiif murtaa’e tokko yookiin iddoo hojii
yookiin jaarmiyaa hojii kan kana fakkaatan keessatti yeroo qormaataa akka dabarsu taasisuun ni danda’ama.
2.
Seerri rawwii adabbiilee ilaallatuufi dambiileen bulchiinsa manneen sirreessaa haalawwan raawwii,
hojmaataafi tarreeffama isaanii ni murteessu.
Keewwata 114. Raawwii Adabbii Loltoota Irratti Murtaa’u
Adabbiin bilisummaa dhabsiisu loltoota irratti yommuu murtaa’e, mana hidhaa loltootaa keessatti, bakka
buufata loltootaatti, yookiin bakka da’annoonlooltootaa itti argamutti ni raawwatama. Dambiiin
bulchiinsaafi sirni raawwii adabbii loltoota irratti murtaa’e ittiin raawwatamuu akkuma eegamettidha.
Raawwiin hojmaatichaas dambiii keessootiin kan murtaa’een ta’a.
Keewwata 115. Murtii Hanga ArgatuttiYeroo Qabame Ture Lakkaa’uu
1.
Murtiin bilisummaa dhabsiisu yommuu kennamu, murtiin adabbii osoo hin kennamin dura adabamtichi
sababa yakkichaatiin yeroo inni qabamee too’annaa jala ture manni murtichaa adabbii isaa
muummeewaliin ni lakkaa’aaf.
45
Ta’us, balleessichi bal’eessaa ofii isaatiin eegumsaanakka hidhamu, yookiin yeroon hidhaa isaa akka
dheeratu taasisee yoo jiraate, murtiin osoo itti hinmurtaa’in eegumsaaf yeroon inni qabamee turee hin
lakkaa’amuuf.
2.
Dhimmi, haalli, hojmaanniifi raawwiin eegumsaaf qabamanii turuu bu’uura Seera Sirna Falmii
Yakkaatiin ni raawwatama.
Keewwata 116. Hidhamaan Dhukkubsatee Mana Yaalaa Gale Yeroo Inni Hospitaala Ture Lakkaa’uu
1.
Yakkamaan tokko adabbii itti murtaa’e raawwachaaosoo jiruu dhukkubsachuu isaatiin yaalamuu akka
danda’uufhospitaala yoo gale, yeroon inni mana yaalaa ture sun adabbii raawwachuu qabu waliin ni
lakkaa’amaaf.
Akkasumas sababni hospitaala akka galu isa taasise, hidhamuu issaatiin dura dhukkuba isarra ga’een
yookiin sabababiroon yoo ta’es keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tumame akkuma eegametti
ta’ee, yeroon inni hospitaala ture sun hundi yeroo adabbichaa keessa galee ni lakkaa’amaaf.
2.
Adabamtichi ofumaa ittiyaadee dhukkubichi akka isarra ga’u taasisuun, yookiin gowwoomsuun
hospitaala galee kan ciisee yoo ta’e, haala kanaan yeroon inni hospitaala ture yeroo adabbichaa keessa
galee hinlakkaa’amuuf.
3.
Yakkamtichi adabbii isaa raawwachaaosoo jiruu, sababa dhukkuba sammuutiin gocha isaatiif
ittigaafatamaa ta’uu dhabuu isaa ogeessonni addaa kan mirkaneessan yoo ta’e, adabbichiyeroof akka
addaan citu taasifamee gara mana yaalaa yookiin iddoo itti kunuunfamu birootti akka jijjiramu ni
taasifama.
Dhukkubichi dhukkuba sammuu fayyuu hindandeenye yoo ta’e, yeroon adabbii hafe isa irratti hin
raawwatamu.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Adabbii Du’aa
Keewwata 117. Qajeeltoo
1.
Adabbiin du’aa kan murtaa’u, yakkichixumura kan argate ta’ee, daran baay’ee cimaa ta’uu isaafi
yakkamtichis balaafamaa addaa ta’uu isaatiin, yakkichaaf adaba akka ta’utti seerichaan ifatti tumamee
yoo jiraate, akkasumas yakkamtichaaf sababni adabbii salphisuu kan hin jiree yoo ta’eefi yakkamtichi
yeroo yakkicha raawwatetti yoo xinnaate umuriin isaa waggaa kudhasaddeet kan guute yoo ta’e
qofadha.
2.
Adabbiin du’aa, murtiin isaa duree biyyaatiin kan ragga’e yoo ta’e malee raawwatamu hin danda’u.
Adabbichi dhiifamaan yookiin baraarsaan kan hinmulqamne yookiin kan hin jijjiiramne ta’uun isaa
qoratamuufi beekamuu isaatiin dura raawwatiinsa hinqabaatu.
46
3.
Adabbiin du’aa ummataa duratti, bakka ifa ta’ettifannisuun yookiin karaa biroo kabaja namoomaa isaa
tuqukamiiniyyuu hinraawwatamu. Adabbichi haala kabaja namoomaa isaa eegeen mooraa mana
sirreessichaa keessatti akka raawwatamu ni ajajama. Tooftaan raawwii isaas qaama ol’aanaa seera
raawwachisaa bulchiinsa mana sirreessaa federaalaa yookiin naannoo dhimmichi ilaallatuun ni murta’a.
Adabbiin du’aa raawwatamuun dura adabamticha irratti tarkaanfiindararuu,haaloo bahuu yookiin
miidhaa qaamaa kamiyyuu akka ga’u gochuun dhorkamaadha.
4.
Adabbiin du’aa erga raawwatamee booda, maatiin isaa reeffa isaa yoo gaafate ni kennamaaf. Maatiin
gaafatu kan hin argamne yoo ta’e garuu reeffichi sirna awwaalchaa maluun ni awwaalama.
Keewwata 118. Namni Adabbiin Du’aa Itti Murtaa’e Hamma Adabbiin RaawwatamuttiHaala Itti
Turu
Namni adabbiin du’aa itti murtaa’e hanga adabbichi raggahuufi raawwatamutti, haala hidhamaan
adabbiin hidhaa cimaa itti murtaa’e adabbii isaa raawwatuutiin hidhamee tura.
Bulchiinsi mana sirreessichaa nageenya hidhamtichaaf eegumsa eeggannoo barbaachisaa ta’e ni
taasisaaf.
Hidhamtichi yoo fedheefi kan danda’amu yoo ta’e, kutaa itti hidhame keessatti hojii akka hojjetu ni
taasifama.
Keewwata 119. Raawwiin Adabbii Murtii Du’aaHaalaDhorkamee Itti Turu
Namoota guutummaan Yookiin gar-tokkeedhaan itti gaafatamummaa hinqabne, yookiin nama baay’ee
dhukkubsate, yookiin dubartii ulfaa irratti hanga haala akkasii keessa jiranitti adabbiin du’aa isaan irratti
murtaa’e dhorkamee ni tura.
Keewwata 120. Adabbii Du’aa Jijjiiruu
1.
Dubartiin ulfaa daa’ima lubbuu qabu yoo deesseefi daa’ima kanas sooruufi guddisuun yoo ishee irra jiraate,
adabbichi du’aa kun hidhaa cimaa umurii gutuutti ni jijjiramaaf.
2.
Bu’uura seera kana keessatti /Keewwata 229 fi 230/ jalatti tumameen, adabbiin du’aa dhiifamaan, yookiin
baraarsaan jijjiramuu, yookiin hafaa ta’uu ni danda’a.
47
Kutaa Lama
Adabbiilee Dabalataa
Keewwata 121. Qajeeltoo
Adabbiileen dabalataa kan murta’an, adabbii muummeef dabalata yookiin itti guutii ta’un ta’a. Adabbiileen
kun kan raawwataman, manni murtii murticha irratti ifatti yoo ajaje qofaadha.
Adabbiileen dabalataa tokkoon tokkoon yakkaatiif tumamanii jiraachuu baatanillee, haalawwan kutaa
waliigalaa seera kanaa keessatti tumaman guutamanii yeroo argaman hundatti raawwatamuu ni danda’u.
Manni murtichaa adabbiilee dabalataa kan murteessu, kaayyoo adabbiifi keessumattuu, adabamticha irratti
eegumsaafi jijjirama amalaa geessisuu danda’aan hordofuufi yaada kanaan gaggeeffamuun ta’a.
Keewwata 122. Akeekkachiisa, Dheekkamsa, CeephooBalleessicha Irratti Taasifamu,Dhiifama
Balleessichi Gaafatu.
1.
Manni murtii Kabaja balleessichaa ibsee hubachiisuun bu’aa garii balleessicha irratti, yookiin
haawaasicha biratti kan argamsiisu ta’uu isaa yoo tilmaame, adabbii muummeerratti dabaluun,
dhaddacha yookiin murtiirratti akeekkachiisa, dheekkamsa, ceephoo cimaa murteessuu ni danda’a.
Akkasumas, balleessichi badiisaa amanee miidhamaa yookiin abbootii mirgaa miidhamticha bakka bu’an
ifatti dhiifama akka gaafatu ajajuu ni danda’a.
2.
Yakkichi baay’ee salphaa ta’uu isaa seerichaan ifatti kan tumame yoo ta’e yookiin sababoonni adabbii
salphisan yommuu argaman /keewwata 82 fi 83/, yookiin haala addaatiin adabbii salphisuun kan
danda’amu yoo ta’e /Keewwata 180/, Yookiin adabbichi osoo hinraawatamin akka turu yommuu
taasifamu /Keewwata 192/, manni murtichaa adabbii kana bakka adabbii muumee buusee murteessuu
ni danda’a.
Keewwata 123. Mirga Irraa Mulquu
Akaakuufi haalli badii sanaa sababagahaa kan argamsiisu yoo ta’eefi yakkamtichi mirga isaatiin hojjechuuf
nama hin malle ta’uun isaa yoo beekame, manni murtichaa:
(a) mirga hawaasummaa isaa, keessumattuu mirga filachuu isaa, mirga filannoo tokko keessatti hirmaataa
ta’uufi hojii tajaajila ummatatiif filatamuu irraa yookiin gonfaaf filatamuu irraa, sanada yookiin
waliigaltee irratti ragaa yookiin wabii ta’uu irraa, hojii murtiitiif ogeessa adda yookiin ragaaa ta’ee mirga
hojjechuu irraa; yookiin
(b) mirga maatiirratti qabu irraa, keessumattuu, dandeettii aangoo warrummaaqabachuu irraa,
guddiftummaa yookiin mirga bulchaa (eegduu) ta’uu irraa; yookiin
(c) ogummaa, industrii yookiin daldalaa eeyyama hojii yookiin daldalaa barbaachisu mirga hojjechuu irraa
mulquu ni danda’a.
48
Keewwata 124. Akkaataa Murtiifi Bara Turmaata Adabbii
1.
Adabbiin mirga irraa mulqamuu kamiyyuu (Keewwata 123) yeroodhaaf yookiin dhaabbiidhaan ta’uu ni
danda’a. Yeroof qofa yoo ta’e, ji’a jahaa gadi hinta’u, waggaa shan hincaalu.
Cimina yakkaa balleessichi raawate, balleessitummaa isaa kan duraa, balaafamummaa yookiin gadhummaa
amala isaa, yakkicha irra deddeebi’a jedhamee kan yaaddessu ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa, barbaachisummaa fi
faayidaa adabbii mirga irraa mulquu yookiin bu’aa adabbichi adabamticha irratti qaqqabsiisu, akkasumas
jireenya hawaasummaa isaa eeguuf barbaachisaa ta’uu isaa tilmaamuu fi bu’uura godhatee qabachuun,
tokkoon tokkoon dhimmootaa irratti yeroo turtii adabbii mirga irraa mulquu manni murtichaa ni murteessa.
2.
Murtiin adabbii du’aa yookiin hidhaa cimaa dhimma mirga hawaasummaa irraa mulqamuu dirqamaan
hordofsiisuu qaba. Adabbiin hidhaa cimaa yommuu murtaa’u, yeroo turtii bu’aa mirga irraa mulqamuu
manni murtichaa ni murteessa. Murtii adabbii du’aa yookiin hidhaa umurii guutuu yommuu murtaa’e
waa’ee dhiifamaa (keewwata 229) waa’ee baraarsaa (keewwata 230) fi waa’ee moggaafamuu
(keewwata 232-237) jalatti kan tumamee akkuma eegametti ta’ee adabbiin mirga irraa mulquu hanga
dhumaattii ragga’ee nitura.
Keewwata 125 Adabbiin Mirga Irraa Mulquu Yeroo Itti Ragga’u
1.
Adabbiin mirga irraa mulquu kan raawwatamaa kan ta’u guyyaa murtiin kenname irraa eegalee ta’a.
2.
Adabbiin mirga irraa mulquu kennameyeroof yoo ta’e guyyaa murtichi kenname irraa eegalee dhimmi
adabbichi raawwatamaa ta’uu isaa akkuma eegametti ta’ee yarichi murtaa’e lakkaa’amuu kan eegalu
guyyaa adabbiin muumee itti raawwatame yookiin adabbichi dhiifamaan itti haqame yookiin darbiinsa
yerootiin hafaa itti ta’e irraa eegalee ta’a.
Yakkamticha irratti adabbiin bilisummaa dhabsiisuu itti murtaa’ee korooraan (sharxiin) erga gadhiifamee
booda, korooraan (sharxiin) gadhiifamee yeroo ture hundatti amala gaarii kan agarsiise yoo ta’e yeroon
turtii adabbii mirga irraa mulquu kan herreegamu guyyaa korooraan (sharxiin) hidhaa irraa gadlakkifame
irraa eegalee ta’a.
Yakkamaan mirgi hojii ogummaa isaa hojjechuu murtiidhaan jalaa mulqamee/Keewwata 123 (c)/korooraan
(sharxiin) akka hiikamu yoo taasifamu /Keewwata 205/yeroo karoorichaatti (sharxiichaatti) hojii ogummaa
isaa qormaataaf akka itti fufu manni murtichaa eeyyamuufii ni danda’a.
Keewwata 126. Mirgaafi Kabaja Deebisuufi Moggaasuu
Akkuma haala dubbichaatti bu’uura sericha keessatti tumameen mirga adabbiidhaan irraa mulqamanii turan
kamiyyuu balleessichi gocha yakkichaatiin adabamuu isaatiin dura akkuma turetti deebifamuu fi
moggaafamuu ni danda’a /keewwata 232-237/
49
Keewwata 127 Raayyaa Ittisaa Keessaa Gaggeessuu, Sadarkaa Irraa Gadbuusuu
1.
Baallessichi yakka dhimma raayyaa ittisaa raawwateen salphoo, saragee, yookiin balaafamaa ta’uu isaa
yoo agarsiise mannimurtii loltummaa adabbii muummee itti murteessuu waliin sadarkaa isaa irraa akka
gadbu’u yookiin miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa akka geggeeffamu itti murteesuu ni danda’a.
Adabbiileen kunis kan murta’anu abbaa aangoo raayyaa ittisaa dhimmi isa ilaallatu
waliin dursanii
mariyachuu fi yaada duraa kennamuu hubachuudhaan ta’a
2.
Murtaa’uun adabbiilee kanaa adabbiilee dabalataa biroo armaan olitti ibsaman murteessuu hin
dhowwu.
Keewwata 128. Haala Murtichi Itti Ragga’u.
Murtiin adabbii miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa gaggeeffamuu yookiin sadarkaa irraa gadbu’uu kan
ragga’u bu’uura dambiii bulchiinsa loltummaa ilaallatuun ta’a.
Boqonnaa Sadii
Tarkanfilee Eeggannoo Balleessitoota Gaa’ilaaf Gahan Irratti Raawwataman
Kutaa Tokkoo
Tarkaanfilee Eeggannoo Raawwattoota Yakkaa Itti Gaafatamummaa Hinqabnee fi Itti
Gaafatamummaa Gartokkee Qaban Irratti Haala Addaatiin Taasifaman
Keewwata 129. Qajeeltoo
Manni Murtichaa qorannoo Idilee fi qorannoo ogeessa addaa bu’uura godhachuun (Keewwata 51)
raawwataan yakkichaa itti gaafatamummaa akka hin qabne (keewwata 48) yookiin itti gaafatamummaa gar
tokkee (keewwata 49) yommuu mirkaneeffatu haala dubbichaatiin bu’uura tumaalee armaan gaditti
ibsamaniitiin ni murteessa.
Keewwata 130 Eeggannoof Bakka Murtaa’e Akka Turuufi Akka Yaalamu Taasisuu
1.
Raawwataan yakkaa haala irra jiru irraa kan ka’een nagaa fi tasgabbii hawaasichaa irratti rakkoo kan
geesssisu yookiin namoota waliin jiraatan irratti balaa geessisa jekdhamee yoo amaname, dhaabbata
mijaa’aa ta’e keessa addatti ba’ee akka turu manni murtichaa ajajuu qaba.
2.
Raawwataan yakkichaa yaala kan isa barbaachisu ta’ee yoo argame, dhaabbata keessa jirutti akka
yaalamu, kunis kan hindanda’amne yoo ta’e bu’uuraa keewwata 131 n tumameen gara dhaabbata yaala
gahaa itti argachuu danda’uutti jijjiramee akka yaalamu ni ajaja.
Eegumsa gaarii isaatiifis tarkaanfileen eeggannoo barbaachisaa ta’an ni raawwatamu.
50
Keewwata 131. Yaala
1.
Raawwataan yakkaa dhukkuba yookiin hir’ina sammuu kan qabu yookiin dhagahuu fi dubbachuu kan
hindandeenye yoo ta’e yookiin dhukkuba gaggabdoo kan qabu yoo ta’e yookiin araada dhugaatii
alkooliitiin yookiin qorichoota balaafamootiin yookiin baalawwan sammuu adoochanuun kan summaa’e
yookiin dhukkuboota kana fakkaatan kamiiniyyuu sammuun isaa kan tuqame ta’ee akka yaalamu
yookiin gargaarsa biroo gahaa ta’e akka argatu kan barbaachisu yoo ta’e mana yaalaa yookiin dhaabbata
mijaa’aa ta’e seenee akka yaalamu manni murtichaa ni ajaja.
2.
Akka yaada ogeessi addaa dhiyeessuutti raawwataan yaakka balaafamaa kan hintaanee fi hospitaala
turee yaalamuun isaa kan hin barbaachifne ta’uun isaa kan beekame yoo ta’e deddeebiin qofa akka
yaalamu manni murtichaa ni ajaja.
Yeroo kanatti ogeessaa yaalaa gabaasa dhiyeessuufii danda’uun yookiin qaama aangoon kennameef birootiin
eegumsii fi too’annoon akka irratti taasifamu manni murtichaa ni ajaja. Eegumsi kunis amansiisaa yoo
hintaaneefi bu’aa gaarii kan hin argamsiifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’e yeroo kamiyyuu yoo ta’e haqamuu
ni danda’a.
Manni murtichaa ajaja eegumsaa haquun dura yookiin tarkaanfii malu biroo fudhachuun dura gabaasa
barbaachisaadha jedhu akka dhiyeessuuf ogeessa yaalaa yookiin qaama aangoon kennameef ajajuu ni
danda’a.
Keewwata 132. Yaaroo Turmaataa Murtii Yaalaafi Eegumsaa
1.
Raawwataan yakkaa akka yaalamu yookiin bakka murtaa’e tokko akka turu murtii mannimurtichaa
kenne abbaan aangoo bulchiinsaa dhimmichi ilaallatu ni raawwachiisa.
Raawwatichi kan yaalamu yookiin bakka murtaa’e kan turu yeroohinmurtoofneefidha. Haata’u malee, manni
murtichaa waggaa lama lamaan murticha irraa deebi’ee ni qorata.
Sababni murtichi itti kenname baduu isaa oggeessichi addaa yoo mirkaneesse abbaan aangoo bulchiinsaa
haaluma kana mana murtichaaf yoo dhiyeessu, tarkaanfiin eeggannoo adabamticha irratti akka raawwatamu
ajajamee ture akka hafu manni murticha ni ajaja.
2.
Sababni tarkaanfiin eeggannoo itti fudhatame guutummaatti kan hin badne yoo ta’ellee yeroof qofa akka
gadlakkifamu kanmalu ta’uu isaa ogeessichi addaa kan mirkaneesse yoo ta’e, gabaasa abbaan aangoo
bulchiinsa dhimmichi ilaallatu dhiyeesseef irratti hundaa’uudhaan raawwatichi akka yaalamu yookiin
bakka murtaa’e akka turu ajajni kennamee ture dhorkamee akka turu manni murtichaa ni ajaja.
51
Namni tarkaanfiin eegannoo dhorkameef yeroo waggaa tokkoo gad hintaaneef eegduu filatame tokkoon
too’annoon akka irratti taasifamuufi barbaachisaa ta’ee yommuu argamus bu’uura keewwata 205 tiin
tarkaanfileen qajeelcha amalaa akka irratti fudhataman manni murtichaa ajaja ni kenna.
3.
Eegumsa nageenya waliigalaatiif yookiin haala gaarii nama gadlakkifameef barbaachisaa ta’ee yoo
argame balleessichi akka gadlakkifamu ajajni kennamee ture ni haqama.
Yerooqormaatichaa haala quubsaa ta’een kan xumure yoo ta’e; tarkaanfiin eeggannoo ni hafaaf.
Keewwata 133. Bu’aa Itti Gaafatamummaan Gar-tokkee Adabbii Irratti Qabu.
1.
Akkaataan murtii adabbii namoota Itti gaafatamummaa gar-tokkee qaban ilaalchisee tumame
akkuma jirutti ta’ee /Keewwata 49/ barbaachisaa ta’ee yoo argame manni murtichaa adabbicha
yeroof dhorkee raawwatichi bakka eeggannoon itti raawwatamufiitti daangeeffamee akka turu
/keewwata 130/ yookiin hospitaala akka seenu /keewwata 131/ ni ajaja.
2.
Tarkaanfiin eeggannoo ajajame yoo raawwatamu, gabaasni bulchiinsi dhaabbatichaa yookiin
miseensi eegummsaa itti gaafatamummaan kennameef dhiyeese adabbiin balleessicha irratti
murtaa’ee ture ammas akka raawwatamu barbaachisaa ta’uu isaa yoo mirkaneesse, balleessichi
eegumsaaf bakka tokkotti daangeffamee kan itti ture yookiin yeroon inni yaalamuuf dabarse,
adabbii yeroof dhorkamee ture irraa akka hir’ifamuuf kan malu yookiin kan hin malle ta’uu isaa
bu’uura seera kana keewwata 116 tiin manni murtichaa ni murteessa.
Murtii kanas keennuuf manni mirtichaa bu’uura godhatee kan hordofu, cimina yakka raawwatichi
raawwate, seenaa isaa duriifi haala amala isaa,bu’aa bakka tokkootti daangeeffamee turuun isaa
yookiin yaaliin isaaf taasifame argamsiise akkasumas gara fuulduraatti amala isaa fooyyeffachuu
kan danda’u ta’uu isaa yookiin nama nagaa ta’uuf haala inni agarsiisu madaaluudhaan ta’a.
3.
Raawwataan yakkaa adabbii hafe akka raawwatu taasisuun faayidaa kan hin qabne ta’uu isaa manni
murtichaa yoo itti amane rawwatamuu adabbichaa ni hambisaaf.
Kutaa Lama
TarkaanfiileeEeggannoo WaliigalaaIttisaafi Eegumsaa
Keewwata 134. Qajeeltoo
Tarkaanfileen eeggannoo waliigalaa ittisaafi eegumsaa boqonnaa kana keessatti tumaman haala naannoo
dubbiichaaf kan fayyadaniifi barbaachisaa ta’uu isaanii manni murtichaa yoo itti amane adabbii muummee
waliin yookiin adabbiin muummee erga raawwatamee booda, dabalata ta’anii akka raawwataman murtaa’uu
ni danda’u.
52
Tarkaanfileen eeggannoo ittisaafi eegumsaa akkanaa tokkoon tokkoon yakkaatiif kutaa addaa seerichaa
keessatti tumamanii yoo jiraachuu baatanillee, haalawwan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumaman
guutamanii yommuu argaman hunda raawwatamaa akka ta’an manni murtichaa ifatti ajajuu qaba.
Kutaa Xiqqaa Tokko
Tarkaanfilee Eeggannoo Qabeenya Ilaallatan
Keewwata 135.Wabummaa Amala Gaarii; Qajeeltoo
1.
Namni itti murtaa’e irradeebiin yakka raawwachuuf yaaduu isaa yoo ibse yookiin yakka haaraa akka
raawwatu dhugumaan kan yaaddeessu ta’ee yoo argame,
keessumattuu irra deebi’ee yakka
raawwachuuf kan yaade diinummaa ifa ta’een yookiin doorsisuun kan ta’e yoo ta’e yakkamaan kun
amalaa gaariidhaan akka gaggeeffamu waadaa mirkaneessu akka galuufi wabii gahaa ta’e akka
kennu manni murtichaa dirqisiisuu ni danda’a.
2.
Waadaan mirkaneessa amala gaariin akka gaggeeffamuuf inni seene kun ragga’ee kan turu waggaa
tokko hanga waggaa shanii ta’a.
Wabummaan kun kan kennamu akka haala dubbichaatti wabummaa ofii yookiin namaatiin yookiin
qabsiisaan ta’a.
3.
Yeroon turtii waadaa mirkaneessaafi hanga qabsiisichaafi wabichaa manni murtichaa kan
murteessu, akaakuu doorsisichaa, ciminaafi balaafamummaa isaa, akkasumas sadarkaa jireenya
dhuunfaa, haala qabeenyaa raawwatichaafi wabiiwwan isaa bu’uura godhachuun ta’a
Waada mirkaneessaafi wabummaan kenname murtiicha irratti ibsamee ni barrreeffama.
Keewwata 136. Waadaa Mirkaneessaa Yookiin Wabummaa Kennuu Diduu
1.
Namni yakka ni raawwata jedhamee yaaddessu dirqama mirkaneessaa akka kennu gaafatame,
kennuuf kan hinbarbaanne yoo ta’e yookiin yaada badaafi yaada-jal’ina irratti hundaa’uun
wabummaa ofii yookiin kan namaa kan hinkennine yoo ta’e yookiin yeroo itti murtaa’eef
wabummaa mirkanneessaa barbaachisaa ta’e kan hin kennine yoo ta’e, mana turmaataa buufata
Poolisii baratametti qabamee akka turu manni murtichaa dirqisiisuu ni danda’a.
2.
Manni murtichaa yeroo balleessichi kun mana turmaataa keessa turu battalumatti ni murteessa.
Balleessichi doorsisa isaa irradeddeebiin yoo haaromsuu baateefi amala isaa kan hinfooyyeeffanne
yoo ta’e yookiin yaada badaa isaa kan itti hinfufneefi haala addaa kan kana fakkaatu yoo geessisuu
baate, qabamee yeroo inni mana turmaataa keessa turu ji’a sadii caaluu hin danda’u
Manni murtichaa gaaffiin yoo dhiyaateef sababoota gahaa ta’aniin murtii yerichaa dheereessuu ni
danda’a. Bu’uura gaaffichaatiinis yakkamtichi gadlakkifamee too’annoon akka irratti taasifamu
/Keewwata 148/ yookiin dhimma ittisuufi eeguu cimsuun barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate daran
53
yoo baay’ate murtiin hidhaa hanga ji’a sadiitti haaromfamee akka raawwatamu manni murtichaa
ajajuu
ni
danda’a.
Ta’us yeroo inni qabamee mana turmaataa itti turu ida’amaan ji’a jaha darbuu hindanda’u.
3.
Kana gidduutti balleessichi mirkaneessa gaafatame kan kenne yookiin wabii gahaa ta’e kan
dhiyeesse yoo ta’e ni gadhiifama.
Keewwata 137. Bu’aa Murtichaa
Balleessichi yerooqormaataa kennameef keessatti yakka kan hinraawwanne yoo ta’e waadaan mirkaneessaa
inni kenne ni hafaaf. Wabummaan isaafi kan wabiilee isaas irraa ni bu’a. Qabsiisi yookiin maallaqi
wabuummaaf qabsiises ni deebi’aaf.Yerooqormaataaf kennameef keessatti yakka kan raawwate yoo ta’e
garuu maallaqni wabummaaf qabsiifame mootummaaf galii ni ta’a, yookiin wabiin isaa ni dirqisiifama. Yakka
raawwateefis adabbiileen idileefi tarkaanfiileen eeggannoo akkuma eegamanitiidha.
Keewwata 138. Wabummaa yookiin Qabsiisa Kennuu Dadhabuu.
Namni yakka ni raawwata jedhamee yaaddessaa ta’e qabsiisa wabummaa wal-amansiisaaf akka qabsiisu
gaafatame sababa kansaa hintaaneen dhiyeessuu kan hindandeenye yoo ta’e, yakkamtichi mana turmaataa
irraa gadhiifamee yookiin mana turmaataa turuun isaa hafeefii too’annoon akka irratti taasifamu /keewwata
148/ manni murtichawa ni ajaja.
Keewwata 139. Murtii Tarkaanfii Eeggannoo Irradeddeebi’uu
1.
Namni tokko wabummaa amala gaarii akka kennu erga taasiifamee booda, haalawwan naannootiin
keessumattuu sababa irradeebi’ee dhadachuu isaatiinYookiin amala balaafamummaa agarsiisuu
isaatiin, barbachisaa ta’ee yoo mul’ate, balleessichi irra deebiidhaan waada mirkaneessaa akka
seenuufi wabummaa akka kennuu manni murtichaa murteessuu ni danda’a /Keewwata 135/.
2.
Ta’us, namni jedhame kun keewwata 136(2) keeyyata lammaffaa jalatti tumameen yeroo hidhaa
ol’aanaa mana turmaataa ji’a jaha dursee kan xumure yoo ta’e, fuulduraaf waadaa mirikaneessaa
akka seenu yookiin wabummaa akka kennu gaafatamee yaada badaan kan dide yoo ta’e, maana
turmaataa akka turu osoo hintaasifamin to’annoon akka irratti taasifamu manni murtichaa ajajuu
qaba /Keewwata 148/.
Akaakuun dhaadannichaa keewwata 580 jalatti kan kufu yoo ta’e,raawwatichi bu’uura tumaa kanatiin
himatamuuirraa hin oolu.
54
Keewwata 140. Wantoota Balaafamoo Ta’an Dhaaluu.
1.
Wantoonni yakka raawwachuuf tajaajiluu danda’an yookiin gocha yakkaatiif tajaajilan yookiin bu’aa
gocha yakka ta’an kamiyyuu jireenya, tasgabbii, fayyaa yookiin amala gaarii ummataa miidhuu kan
danda’an yoo ta’an akka dhaalaman manni murtichaa ni ajaja.
Wantoonni dhaalaman akka maqfaman, tajaajilaan ala akka ta’an yookiin Poolisiif yookiin kutaa
qorannoo yakkaaf akka kennaman manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
2.
Wantoonni
yookiin
meeshaaleen
balaafamummaa
hin
qabneyookiin
seeraan
hin
dhorkamnekamiyyuu qabeenya qulqulluu qaama sadaffaa yoo ta’an mirgi namoota kanaa kan
eegameedha.
Keewwata 141. Tumaalee Waliinii,Raawwii Waliigalaa Eeggannoof Taasifamu
Namni kamiyyuu himatamuu isaatiin dura yookiin himatamee dhimmi isaa mana murtiitti yommuu ilaalamu
nageenya waliinii yookiin dhuunfaa irratti balaa geessisuuf dhadatee yoo argame dirqama wabummaa
mirkaneessa amala gaarii akka seenu taasifamuu ni danda’a.
Yeroo barbaachisaa ta’ee argametti namni kamiyyuu himatamuu yookiin itti murtaa’uu kan hindanda’amne
yoo ta’ellee wanti balaafamaan harka isaatti argame hundi akka dhaalamu bu’uura keewwata 140 jalatti
tumameen manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
Kutaa xiqqaa Lama
Sochii Hojii Daangessuun Tarkaanfilee Eeggannoo Taasifaman
Keewwata 142. Eeyyama Dhorkuufi Deebisanii Fudhachuu
Hojii yookiin gocha adda addaa akka raawwatu namni yookiin jaarmiyaan namummaa seeraa qabu eeyyama
ifatti kennameefiin fayyadamu kamiyyuu hojii isaa kanaan balaa ol’aanaa kan geesssisu yookiin yakka cimaa
irradeddeebi’ee kan raawwate yoo ta’e; manni murtichaa sababa yakka muummeetiin adabbii murteessu
waliin dabalata gochuun eeyyamni kenname kun yeroo ji’a tokko hanga waggaa tokkoo gahuuf akka jalaa
qabamu murteessuu ni danda’a.Yakkamtichi yeroo hedduu yakka irradeddeebii yookiin cimaa ta’e kan
raawwate yoo ta’e, hayyamni isaa hanga dhummaatti akka irraa fudhatamu taasifamuu ni danda’a.
Adabbiin mirga hojii tokko hojjechuurraa mulquu akka eegamettidha /Keewwata 123/.
Keewwata 143. Jaarmiyaa Dhorkuufi Cufuu
1.
Jaarmiyaan daldalaa, industirii, amantaa Yookiin siyaasaa yookiinakaakuubiroo kamiyyuu tokko
yakka raawwachuuf yookiin adeemsisuuf faayidaarra yoo ooleefi yakkichis nageenya ummataa
55
irratti miidhaa kan geessisu yoo ta’e, adabbii yakkamticha irratti murta’e irratti dabalataan
jaarmiyaan kun hojii akka dhabuufi akka cufamu manni murtichaa murteessuu ni danda’a.
Akkasumas yakki raawwatame hidhaa cimaa waggaa tokkoo oliin kan adabisisuu yoo ta’u, jaarmiyichi
akka diigamu, qabeenyi isaas akka qulqullaa’u manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
Keewwata 144. Murticha kabaju Dhabuun Bu’aa Hordofsiisu.
1.
Ajajni dhorkuu, ittisuu yookiin cufuu kan waliigalafi dhumaa ta’uu ni danda’a;yookiin yeroo
murtaa’eef yookiin iddo murtaa’eef yookiin kutaa adda ta’e tokko keessa ta’ee murticha keessatti
murtaa’uu ni dandaa’a.
Murtichimaqaa yakkamtichaan yookiin nama birootiin yoo ta’ellee, yookiin jaarmiyichatooftaa
bulchiinsaa akaakuubirootiin geggeessuun yoo ta’es yookiin haala kamiiniyyuu hojii dhorkame akka
itti hinfufne isa taasisa.
2.
Murtii dhorkichaa darbuun bu’uura seerichaatiin ni adabsiisa /Keewwata 459/. Jaarmiyaan
dhorkames deebi’ee kan baname yoo ta’e, irradeebiin ni cufama; jaarmiyaa haaraa ni diigama,
qabeenyi isaas bu’uura seerichaatiin ni qulqullaa’a.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Bilisummaa Dhuunfaa Daangeessun Tarkaanfilee Eeggannoo Raawwataman
Keewwata 145. Balleessichi Bakka Tokko Tokko Akka Hin Geenye Dhorkuu
1.
Adabbii muummee irratti dabalataan yakkamaan tokko badii raawwachuuf sababa kan ta’e
yookiinbadii haaraa raawwachuuf kan isa gargaaru bakka tokko tokko keessumattuu, mana
dhugaatii, mana hoteelaa, bakkawwan bashannanaa, bakka gabaa yookiin bakka uummanni itti
walgahu kamiyyuu akka hingeenye manni murtichaa itti murteessuu ni danda’a.
2.
Manni murtichaa murtii kennu keessattidaangaa bakka dhorkameefi yeroo dhorkichi itti turu ni
murteessa.Yeroon dhorkaa kunis ji’a sadii hanga waggaa tokkoo gahuu ni dandaa’a.
Keewwata 146. Iddoo Murtaa’e Tokko Jiraachuu Yookiin Oolanii Buluu Irraa Dhorkuu.
1.
Kewwata 145 jalatti akkuma ibsametti sababni walfakkaataan eegumsichaaf baayyee barbaachisaa
ta’e yoo argamu, dhimmi dhorkaa kun yakkamtichi magaalaa tokko, ganda yookiin naannoo
murtaa’e tokko akka hin jiraannee yookiin oolee akka hinbulle murtii dhorku hordofsiisuu ni
danda’a.
2.
Murtiin kunis yeroo murtaa’eef ta’a, yeroon isaas akka cimina yakkichaatti, akka amala
yakkamtichaafi akka haala naannoo dubbichaatti waggaa tokkoo hanga waggaa kudhanii gahuu ni
danda’a.
56
Manni murtichaa sababa dhorkichaa ibsuu qaba, daangaa iddoo dhorkameefi yeroo dhorkichi itti
turu ni murteessa.
Keewwata 147. Dirqama Iddoo Yookiin Naannoo Tokkotti Daangeeffami Jiraachuu.
1.
Yakkamtichi jequmsa dabalataa akka uumu yookiin fuulduratti yakkamtummaan kan itti fufu
fakkaatee yoo mul’ate, carraa yakka raawwachuu isaaa akka hir’isuf iddoo yookiin naannoo
murtaa’e tokkotti daangeeffamee akka jiraatu manni murtichaa murteessuu ni dandaa’a.
2.
Iddoo yookiin naannoo yakkamtichi jiraatu akkasumas haala kanaan dirqama daangeffamee
jiraachuun isaa yeroo itti turu manni murtichaa ni murteessa. Yeroon isaas waggaa tokkoo gadifi
waggaa shanii ol ta’uu hin danda’u.
3.
Wabummaan amala gaarii Keewwata 135 jalatti tumameyakkamticha irratti yoo
murtaa’eefi
dhimmichaaf tarkaanfiin eeggannoo gahaa yoo ta’e, tarkaanfiin eeggannoo murtaa’e kun qoft akka
irratti raawwatamu manni murtichaa ni ajaja.
Keewwata 148. Balleessicha Irratti To’annoo Gochuu.
1.
Barbaachisaa ta’ee yoo argame hidhamaan gadilakkifame to’annoon Poolisiin irratti taasifamaa akka
eegamu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
Seerichaarra tumaan faallaa ta’e kan hin jirree yoo ta’e, keessumattuu dhimma keewwata138 jalatti
tumame yoo ta’e malee, balleessichi irradeeddebiin yakkoota raawwatuuf yookiin cimina yakka
raawwateen keessumattuu balaafamaa ta’uun isaa kan mirkana’eefi sababuma kanaan yoo
xiqqaatee hidhaa salphaa waggaa tokkoo kan itti murtaa’e yoo ta’e malee murtiin kun irratti hin
raawwatamu.
2.
Yeroon to’annichaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu ni danda’a. Manni murtichaa yeroo
itti turu ni murteessa.
To’annichis, jireenya hawaasummaa eegamaan itti deebi’uu barbaadu, hojmaata raawwii hordofuufi
jireenya baratamaa hordofuu qabu irratti haala rakkina hin geessisneen raawwatamuu qaba.
Namni to’annoon irratti taasifamu yeroo murtaa’e keessatti yookiin akkuma waamameen abbaa
aangoo tokko biratti akka dhihaatu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
3.
Haala dubbichaafi haala amala balleessichaa hubachuun to’annaan adabamticha irratti taasifamu
miseensa eegumsaa tokko qofaan yoo raawwatame kan gahu ta’uun isaa yoo amaname manni
murtichaa kanuma qofaa murteessuu ni danda’a/keewwata 208/.
keewwata 149. Waraqaalee Hayyamamanii KennamanYeroof Deebisanii Fudhachuu.
Dhimmooti addaa to’annoofi nageenyaaf barbaachisaa ta’an yommuu mudatan murtiilee armaan
olitti bilisummaa dhuunfaa hir’isuuf tumaman dabalata gochuun waraqaaleen adabamtichaaf
57
hayyamamanii kennaman yookiin paaspoortiin yeroof akka jalaa qabaman manni murtichaa ajajuu
ni danda’a.
Murtichis adabbiin itti murtaa’e kun sababni isaafi adabbichis ragga’ee yeroo itti turu ibsee
agarsiisuu qaba.
Keewwata 150. Yakkamticha Biyyaa Baasuu.
1.
Adabamtichi lammii biyya alaa yoo ta’eefi keessumattuu biyya keessa akka jiraatu kan hin
barbaachifne yookiin keessumattuu balaafamaa ta’uun isaa yoo ibsame yeroof yookiin hanga
dhumaatti Itoophiyaa keessaa akka ba’u manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
Tarkaanfiin eeggannoo kun waggaa sadiif yookiin kanaa oliin hidhaadhaan kan adabame yookiin
yaada ogeessa addaatiin nageenya ummataaf balaafamaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e yookiin
nama ittigaafatamummaa hin qabne yookiin ittigafatamummaan isaa hir’ifame irratti ajajamuu ni
danda’a.
Manni murtichaa yeroo ajajichi ragga’ee itti turu murticha keessatti ibsuu qaba.
2.
Manni murtichaa murtii kana murteessuun dura qaama mootummaa dhimmichi ilaallatu
mari’achiisuu qaba.
Waliigalteewwan addunyaalessaa rogummaa qaban kan eegamandha.
3.
Murtiin tarkaanfii eeggannoo biroo kamiyyuu ajaja biyyaa baasuu hin hambisan.
Keewwata 151. Raawwii Isaa.
1.
Murtiin biyyaa baasuu kan raawwatamu karaa abbaa aangoo mootummaafi bu’uura dambii
bulchiinsaatiin ta’a.
2.
Yakkamticha irratti adabbiin bilisummaa dhabsiisu itti murtaa’ee yoo jiraate murtiin biyyaa baasuu
kan irratti raawwatamu adabbii itti murtaa’e erga raawwatee yookiin adabbichi dhiifamaan yookiin
baraarsaan erga hafeefi booda ta’a.
3.
Murtiin kun kan ilaallatu balleessaa ittigaafatamummaa gar-tokkee qabu yoo ta’eefi haalawwan
dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisan yoo ta’e, adabbichi dursee irratti raawwatamuu ni
danda’a;sanaanboodas, eeggannoodhaaf iddoo murtaa’e tokko akka turu /keewwata 130/ yookiin
akka yaalamu /keewwata 131/, tarkaanfiin eeggannoo taasifamu murtii biyyaa baasuutiin bakka
bu’uu ni danda’a.
Raawwatichi ittigaafatamummaa kan hin qabne yoo ta’e eeggannoodhaaf iddoo murtaa’e akka turu
yookiin akka yaalamu tarkaanfileen eeggannoo taasifamu, haalli dubbichaa barbaachisaa ta’ee yoo
argame murtii biyyaa baasuutiin bakka bu’uu ni danda’a.
Keewwata 152. Tarkaanfii Eeggannoo Yaaliif Yeroof Dhorkuu.
58
Yakkamticharratti adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu kan itti murtaa’e yoo ta’eefi korooraan
(sharxiin) akka gadilakkifamu ajajni kan kenname yoo ta’e bakka tokko tokko gahuu, jiraachuu, yookiin
oolee buluurraa dhorkuu, iddoo yookiin naannoo tokkotti daangeffamee yookiin murtiin biyya baasuu
yaaliifi mirgi murticha haquu osoo hin tuqamin bu’uura haalawwan waliigalaafi wabiiwwan seerichaan
hayyamamaniin dhorkamee akka turu manni murtichaa ajajuu ni danda’a /keewwata 207/.
Keewwata 153. Murtiileen Tarkaanfii Eeggannoo yommuu Caban Adabbii Murtaa’u.
Iddoo Murtaa’e tokko tokko akka hin geenye, akka hin jiraannee yookiin oolee akka hin bulle, iddoo yookiin
naannoo murtaa’e tokko dirqamaan akka jiraatu yookiin to’annoon akka irratti taasifamu ajaja dirqamaa
kenname cabsuun akkasumas biyyaa akka bahu itti murtaa’ee erga bahee booda gara Itoophiyaatti akka hin
galle murtii dhorkaa itti murtaa’e cabsuunnamni seene bu’uura seera kana keewwata 459 fi 465 tiin ni
adabama.
Kutaa xiqqaa Afur
Tarkaanfilee Beeksisuu
Keewwata 154. Abbaa Aangoo Dhimmichi Ilaallatutti Beeksisuu
Bu’uura kutaalee darban keessatti tumameen murtii adabbii dabalataa tokko yookiin eeggannoo duraa
yookiin akkaataa eegumsaa ilaallatu yommuu kennu hundatti abbaa aangoo dhimmichi ilaallatu murticha
akka beeku, akka raawwachiisu, yookiin akka to’atu barbaachisaa yoo ta’u, murtichi kenname raawwatamaa
akka ta’uufi eegamuu isaa to’achuuf akka danda’amutti abbaa aangoo bulchiinsaa, kan raayyaa, kan Poolisii
yookiin qaama biroo dhimmichi ilaallatutti osoo hinturin ni beeksisa.
Tokkoon tokkoon dhimmootaa irratti murtichi bu’aa argamsiisuu isaa mirkaneeffachuun akka danda’amutti
manni murtichaa akkaataa ummataaf itti ibsamu ni ajaja.
Keewwata 155. Murtii Ummataaf Ibsuu
1.
Ummata, himatamaa yookiin miidhamaa kan fayyadu ta’uun isaa yoo itti amaname murtichi
guutummaan yookiin gar-tokkeen ummataaf akka ibsamu manni murtichaa ni ajaja.
Ibsamuun murtichaa ummataaf faayidaa kan qabu yoo ta’e manni murtichaa malawwan
sabqunnamtiin akka ibsaman ni ajaja. Faayidaan isaa abbaa dhimmaa dhuunfaaf yoo ta’e garuu
abbaan dhimmaa yoo iyyate malee akka ibsaman hin taasifaman.
2.
Manni murtichaa sirna baratamaa beeksisni ittiin bahu hordofuun akka haala dubbichaafi hamma
barbhaachisummaa isaatti mala murtichi ummataaf ittiin ibsamuufi qabiyyee fi baay’ina ibsichaa ni
murteessa.
Beeksisichas iddoo waltajjii uummanni walgahutti maxxansuudhaan, yookiin malawwan
sabquunnamtii ummataa biroo kamiiniyyuu tamsaasuun raawwachuun ni danda’ama.
59
Keewwata 156. Galmee Murtii irratti Galmeessuu
1.
Adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo murtiin kennaman bu’uura seerichi ajajuufi dambii riikoordii
yakkamtootaa ilaallatuun galmee yakkamtootaa irratti ni galmeeffama.
Yeroo murtichi galmaa’ee itti turuufi akkaataa itti galmaa’u, abbaa mirgaa kan ta’eefis hangi ibsamu,
akkasumaas haqamuu yakkichaa, moggaafamuu yakkamtichaafi bu’aa isaa tumaaleen dambichaa ni
murteessu.
2.
Walumaagalatti adabbiileen yakkaa galmeelee yakkamtootaa irratti kan galma’an balleessitummaa
duraa adabamtichaa abbootiin aangoo murtii dhimmichi ilaallatu akka beekaniifidha. Adabamtichi
moggaafamee kallattii qajeelaa jireenya hawaasummaatti deebi’uu danda’u akka jalaa hin
gufachifne yaaduun garee sadaffaa yookiin namoota dhimmichi hin ilaallanneef hin ibsamu.
Boqonnaa Afur
Namoota Gaa’ilaaf Hingeenye Irratti Tarkaanfilee Eeggannoofi Adabbiilee Raawwatamu.
Kutaa Tokko
Bara Umurii Waggaa Sagaliifi Kudha Shan Gidduu Jiru
Kutaa Xiqqaa Tokko
Tarkaanfilee Eeggannoo Idilee
Keewwata 157. Qajeeltoo
Dargaggoon umuriin isaa waggaa sagalii hanga kudha shanii ta’e, yakkoota seera yakkichaatiin tumaman
keessaa tokko raawwatee yommuu argametti/Keewwata 53/ manni murtichaa tumaalee waliigalaa seerichaa
hordofuufigalma addaa dubbichaa bira gahuuf/keewwata 55/ barbaachisaa yoo ta’es dubbicha hubachuuf
qorannoon barbaachisaa ta’e akka taasifamu erga ajajee booda/Keewwata 54/ tarkaanfilee eeggannoo
armaan gaditti ibsaman keessaa tokko ni ajaja.
Keewwata 158.Dhaabbata Yaalli Itti Taasifamutti Eerguu
Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye yaala kan isa barbaachisu yoo ta’e keessumattuu sammuun
dadhabaa, guddinni sammuu isaa kan qummuune, sammuun isaa kan dhukkubsate, dhukkuba gaggabdoo
kan qabu, araada dhugaatii alkooliitiin kan qabame yookiin wantoota naarkootikiifi saayikotiroppikiitiin
yookiin baalawwan sammuu adoochaniin ssummaawee yoo argame dhaabbata yaalaa barbaachisaa ta’etti
akka yaalamu manni murtichaa ni ajaja.
Kan danda’amu yommuu ta’etti, yaalli kennamu barumsaafi leenjii kan hammate ta’uu qaba.
60
Keewwata 159. To’annoo GochuunBarumsa Kennamu
1.
Raawwataan
yakkaa
gaa’ila
hingeenye
guddisa
gaariin
kan
hin
guddanne
yookiin
maaldhibdummaan kan dhiifame yookiin amalli isaa gara hojii badaatti kan duufe yookiin kan duufu
yoo ta’e, eegduun to’annoon irratti gaggeeffamaa barumsaafi guddisa akka argatu ni ajajamaaf.
Firoota eegduu ta’uu danda’an kan hinqabne yoo ta’e, yookiin qabaates dandeettii kan hin qabne
yoo ta’an, nama gahumsa qabuuf yookiin jaarmiyaa daa’imman eeguufi barsiisuuf hunda’aniif akka
kennamu ni ajajama.
Eegdonni armaan olitti tarreeffaman amala gaarii dargaggoo gaa’ila hingeenye imaanaan isaanitti
kenname kan hordofan ta’uu isaanii mana murtiitti dhihaatanii itti gaafatamummaa isaanii
barreeffamaan ni mirkaneessu.
Eegdonni haala gaarii dargaggoo gaa’eela hin geenye amaanaan isaanitti kenname hordofuu isaanii
miseensonni eeguumsaa dhiheenya isaaniitti argaman /Keewwata 208/ ni to’atu.
2.
Mana barumsa yeroo mara akka deemu, yookiin hojii ogummaa akka shaakalu, namoota tokko
tokko qunnamuu irraa yookiin bakka tokko tokko gahuu irraa akka dhorkamu, yeroowwan
murta’anitti abbootii aangoo eegumsaa duratti akka dhihaatu yookiin gabaasa akka dhiheessu,
dirqamoota kanaafi kana fakkaatan irratti ajajamuu ni danda’u.
Akka haalafi galma dubbichaatti raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye yookiin namoota eegduu
amala isaa ta’an irratti daangaleen kun raawwatamoo akka ta’an ajajamuu ni danda’a.
3.
Barbaachisaa ta’ee yoo argame manni murtichaa yookiin miseensichi eegumsaa namoota yookiin
jaarmiyaalee eegduu amala dargaggichaa ta’an hubachisuufi akekkachiisuu ni danda’a.
Eegdonni sababa kamiiniyyuu itti gaafatamummaa guddisuufi barsiisuu isaanii bahuu yoo dadhaban
manni murtichaa aangoo eegdummaa isaanii irraa kaasuu ni danda’a.
Keewwata 160 Ceephoofi Qeeqa
1.
Barbaachisaafi bu’aa gaarii kan argamsiisu ta’ee yoo isatti mul’ate manni murtichaa raawwataa
yakkaa gaa’ila hin geenye ni ceepha’a yookiin ni qeeqa.
Qeeqni kunis raawwataa yakkaa gaa’ila hin geenye kun bu’aa gochichaa akka hubatuufi fuulduraafis
miira gocha gaariifi amala gaarii akka qabaatu kan isa taasisu ta’uu qaba.
2.
Raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye dandeetti hubannaa isaafi salphina yakka inni raawwate
yookiin haala raawwii isaa tilmaama keessa galchuun dargaggicha sirreessuuf gahaadha jedhee yoo
itti amane manni murtichaa qeeqaan yookiin ceephoo qofaan irra darbuu ni danda’a.
Faayidaa kan qabu yommuu ta’u tarkaanfilee eeggannoo biroo yookiin adabbii kamiyyuu irratti
qeeqni dabalamuu ni danda’a.
Keewwata 161. Mana Barumsaatti Yookiin Mana Jireenyaatti Daangeeffamee Akka Turu Taasisuu.
61
Balleessaan isaa cimaa yoo hin taaneefi raawwataan yakkichaa gaa’ila hin geenyes salphaatti kan sirraa’u
yoo fakkaate dargaggichi mana barumsaa yookiin mana jireenyaa isaatii osoo hin ba’iin sa’aatti yookiin
guyyaa boqonnaa isaatti hojii umurii isaatiin walgituufi bakka murtaa’e tokkotti akka hojjatu manni
murtichaa ni ajaja.
Akka haala dubbichaafi akka cimina balleessaa isaatti raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye mana
barumsaatti yookiin mana jireenyaa isaatti yeroo inni daangeeffamee itti turu manni murtichaa ni
murteessa.
Raawwataan yakkaa eegduu isaa jala ta’ee murticha sirriitti raawwachuu isaa mirkaneessuuf tarkaanfileen
dandeessisan akka fudhataman manni murtichaa ni jajaja.
Keewwata 162. Jaarmiyaa Amala Sirreessaatti Erguu.
Amala yookiin seenaa badaa durii dargaggoo raawwataa yakkaa, akkasumas ciminaafi haala raawwii
yakkichaa tilmaama keessa galchuun gara jaarmiyaa addaa raawwattoota yakkaadargaggoo sirreessuufi
barsiisuuf hundeeffamanitti akka seenan manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
Kanaanis, dargaggichi sirna naamusa rogummaa qabuun eegamaa barumsa waliigalaa, safuufi barumsa
ogummaa addaddaa ittiin jiraatu /shaakala hojii/, akkasumas gara jireenyaa hawaasummaatti akka
deebi’uufi amanamtummaan hojjechaa akka jiraatuuf kan barbaachisan hunda akka baratu ni taasifama.
Keewwata 163.Yeroo Turmaataa Tarkaanfilee Eeggannoo.
1.
Akka
waliigalatti,
yeroon
yaalaa/Keewwata
158/fi
tarkanfileen
eeggannoo
eegamanii
barachuu/Keewwata 159/ragga’anii kan turan hangayeroo abbaan aangoo yaalaa yookiin eegumsaa
ni barbaachisa jedhee murteessee dhiheesseen yoo ta’u, raawwataan yakkaa hanga gaa’ila ga’uttis
itti fufuu ni danda’u. Tarkaanfileen eeggannichaa kaayyoo isaanii galmaan kan gahan ta’uu isaanii
ibsuudhaan abbootiin aangoo itti gaafatamummaan kennameef yaada dhiheessanitti manni
murtichaa yoo amane tarkaanfileen eeggannichaa hafaa akka ta’an ni murteessa.
2.
Murtiin gara jaarmiyaa amala sirreessaatti erguu/Keewwata 162/ kan ajajamu akka waliigalaatti
yoo xiqqaate waggaa tokko yoo baayyate waggaa shan yeroo ta’uufidha. Haala kamiiniyyuu yoo ta’e
bara dargaggichi gaa’ilaaf ga’u seeraan murtaa’e darbuu hin danda’u.
Murtiin akaakuu akkanaa yoo kennamu yeroo ragga’ee itti turu murtii irratti ibsamuu qaba.
Dargaggichi yeroo waggaa tokkoo armaan olitti ibsame erga xumuree booda, bu’uura dirqamoota
waliigalaa seerichaa keessatti tumamaniin/Keewwata 205/ hanga yeroon yaalii murtichaan itti
murtaa’e xumuramutti dambiilee amala gaarii hordofuufi raawwachuu qabu akka eeguufi to’annoo
miseensa eegumsaa jala akka turu taasifamee/keewwata 208/yeroo itti murtaa’e hunda osoo hin
xumuriin qormaataafkorooraan (sharxiin) gadilakkifamuu ni danda’a.
62
Keewwata 164. Tarkaanfilee Eeggannoo Jijjiiruu.
Manni murtichaa raawwataa yakkaa dargaggichaaf kan fayyadu ta’ee yoo arge yaada bulchiinsi
dhaabbatichaa dhiheessu ka’umsa godhachuun bu’uura keewwatootaa armaan olitti ibsamaniin ajaja
kenname jijjiiruu ni danda’a.
Keewwata 165. Bu’aa Seeraa Tarkaanfilee Eeggannoo.
Tarkaanfileen eeggannoo yaalaa, barumsaa yookiin sirreessaa armaan olitti ibsaman keessaa tokko
raawwataa yakkadargaggoon itti murtaa’ee akka adabametti hin lakkaawamu.
Kutaa Xiqqaa Lama
Adabbiilee
Keewwata 166. Qajeeltoo
Tarkaanfileen eeggannoo keewwatoota 158 hanga 162 tti tumaman bu’aa osoo hin argamsiisin yoo hafan,
manni murtichaa badii raawwataa yakkaa gaa’ilaaf hin geenye raawwate madaaluudhaan barbaachisaa yoo
ta’es, ragummaafi qorannoon ogeessa addaatiin akka taasifamu erga ajajee booda /Keewwata 54/ adabbiilee
armaan gadii tumaman keessaa tokko itti murteessuu ni danda’a.
Keewwata 167. Adabbii Maallaqaa
1.
Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye adabbii maallaqaa kaffaluun isaa adabbii ta’ee kan itti
dhagahamu, kan isa barsiisuufi balleessaa isaa irraa kan isa deebisu fakkaatee yoo itti mul’ateefi
adabbii maallaqichaa kaffaluuf kan danda’u ta’uu isaa yommuu hubate manni murtichaa akka
cimina balleessichaafi dandeettii qabeenya maallaqaa isaatti maallaqa adabbii akka kaffalu itti
murteessuu ni danda’a.
Adabbiin maallaqaas adabbiilee biroo waliin dabalataan murtaa’uu ni danda’a.
2.
Tumaaleen adabbii maallaqaa kaffaluufi adabbii maallaqichaa adabbii akaakuubirootti jijjiiruu
ilaallatan /Keewwata 94 fi 95/ balleessitoota gaa’ila hingeenye irratti raawwatiinsa hin qabaatan.
Raawwataan yakka gaa’ila hin geenye ittiyaadee maallaqicha adabbii yeroo kennameef keessatti kan
hin kaffalle yoo ta’e, bakka adabbii maallaqichaa hanga yeroo manni murtichaa murteessuun mana
barumsaatti yookiin mana jireenyaatti daangeffamee akka turu taasisuun ni danda’ama /Keewwata
161/.
Keewwata 168. Hidhaa
1.
Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye akkaataa seerichaatti yakka cimaa adabbii hidhaa cimaa waggaa
kudhan yookiin isaa ol ta’een yookiin adabbii du’aa hordofsiisu kan raawwate yoota’e, manni murtichaa:
63
(a) faayidaa waliigalaatiif jecha tarkaanfiin eeggannoo mirkanneessa nageenyaa, namarraa adda bahee
jiraachuu yookiin sirna addaa raawwachiisa eegumsaa akka irratti raawwatamaniif gara jaarmiyaa
amala sirreessaatti akka ergamu ni ajaja/Keewwata 162/; yookiin
(b) balleessichi balaafamaafi nageenya kan jeequ yookiin tasgabbii kan booressuufi namoota birootiif
fakkeenya badaa ta’uu isaa yommuu hubate, dhimma akkasii kana dambiilee bu’uuraa namarraa
adda baasanii jiraachisuu hordofuun gara mana hidhaa adabbiin itti raawwatamutti kallattiidhaan
akka ergamu ni ajaja /Keewwata 110(2)/.
2.
Cimina yakkaa dargaggichi raawwateefi haala umurii yeroo badii sana raawwate bu’uura godhachuun
hanga yeroo hidhamee itti turumanni murtichaa ni murteessa. Yeroon isaas waggaa tokkoo gadi osoo
hin ta’in hanga waggaa kudhanii gahuu ni danda’a.
Dargaggichi gara jaarmiyaa amala sirreessaatti erga ergamee booda, sababa haala amala isaatiin yookiin
balaa inni geessisuu danda’uun gara mana hidhaatti erguun barbaachisaa ta’uu isaa kan itti amaname
yoo ta’e, yookiin umurii isaa waggaa kudha saddeeti (18) kan guute ta’ee yoo argameefi adabbiin itti
murtaa’es yeroo inni gaa’ila itti gahu caaluun kan hiisisu yoo ta’e, gara mana hidhaatti ni ergama. Yeroo
akkana ta’es manni murtichaa yeroo dargaggichi hidhamee itti turu murteessuuf, balleessichi yeroo
jaarmiyaa amala sirreessaa itti tureefi bu’aa fooyya’iinsaa turtiin isaa hordofsiise tilmaama keessa ni
galcha.
3.
Adabbiin qabamanii mana hidhaa keessa turuu kan raawwatamuu dambii akaakuu seera
hidhaa
salphaan ittiin raawwatamuun ta’a /Keewwata 106/. Akkasumas amalli dargaggichaa kan fooyya’e
ta’uun isaa yoo tilmaamame bu’uura baratameefi seericha keessatti tumameen dambiinkorooraan
(sharxiin) dursanii gadidhifamuu raawwatamaa ni ta’a/Keewwata 113/.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Tumaalee Waliinii
Keewwata 169. Haalawwan Salphaa; Sababa Gahaan Adabbii Hambisuu.
Yakkichi salphaa ta’eraawwatamee yoo xinnaate ji’a jaha erga darbee booda manni murtichaa
barbaachisaa yookiin kan fayyadu ta’ee yoo itti hinmul’anne tarkanfii eeggannoo yookiin adabbii itti hin
murteessu.
Akkasumas, tarkaanfileen eeggannoo barsiisuufi amala sirreessuu yookiin adabbii warra isaatiin yookiin
firootaan dursee kan irratti raawwate yoo ta’e, yookiin dargaggichi ga’ila hin geenye amala gaarii yoo
horateefi kan sirraa’e fakkaatee yoo mullateefi amala yakka irraa deebi’ee raawwachuu kan hin
agarsiifne ta’ee yoo argame manni murtichaa tarkaanfii eeggannichaa yookiin adabicha itti hin
murteessu.
Keewwata 170. DambiiDarbiinsa Yeroo Addaa
64
1.
Yakkichi yeroo raawwatame irraa eegalee akkaataa dhiheessuu himannaa yakkaatiif kan tumame
darbiinsi yeroo idilee yookiin adda walakkaan isaa yoo darbe /Keewwata 217,218/ haalli naannoo
dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisu ta’ee yoo itti amaname yakkoota ciccimoo keewwata 168
jalatti tumaman yoo ta’an malee, manni murtichaa gocha raawwii eeggannoofi adabbii kamiiyyuu
hafaa ni taasisa.
2.
Yakkoota ciccimoo keewwata 168 jalatti tumaman gama ilaallatuun akkaataa dhiheessa himannaafi
adabbiif kan tumame darbiinsi yeroo waliigalaa raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 171. Murticha Daangaan Dhorkuu
Yakkoota ciccimoo ilaalchisee keewwata 168 jalatti kan tumaman akkuma eegamanitti ta’ee, haalawwan
bu’aa gaarii argamsiisan raawwatamanii yoo argaman, to’annoo miseensa eegumsaa
murtaa’eef qormaataan turee, murtii adabbii kenuu
jala ta’ee yeroo
yookiin raawwachuu dhorkuuf kan tumaman
/Keewwata 190-200/ raawwattoota yakkaa ga’ila hin geenye irratti yeroo hundaa raawwatamoo ni ta’u.
Yeroon qormaatichaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii nita’a.
Keewwata 172. Bu’aa Tarkaanfii Eeggannoofi Adabbichi Mirga Hawaasummaa Irratti Hordofsisuu.
Ciminni yakkaa raawwataan yakkichaa raawwate keewwata 168 jalatti kan kufu yoo ta’e, mirga
hawwaasummaa irraa mulquun baayyee barbaachisaa ta’uu isaa manni murtichaa haala adda ta’een yoo
hubate malee, tarkaanfiin eeggannoofi adabbii balleessaa dargaggoo gaa’ila hin geenye irratti murtaa’e
kamiyyuu, dargaggicha irratti bu’aa mirga hawaasummaa dhabuu hordofsisuu hin danda’u.
Keewwata 173. Tarkaanfilee Ittisaafi Eegumsaa Waliigala Ta’an.
Qabeenya mootummaaf galii ta’uu qabu/Keewwata 100/ fi wantoota balaafamoo dhaaluu/Keewwata 140/
akkasumas bakkawwan tokko tokko akka hin turre dhorkuu/Keewwata 145/ tumaaleen ilaallatan
raawwattoota yakkaa gaa’ila hin geenye irratti raawwatamoo ni ta’u.
Akkaasumas, amala isaa fooyyessuun kan hin danda’amneefi hawaasichaaf balaafamaa fakkaatee kan
mul’ate raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye lammii biyya alaa ta’e adabbii amala sirreessuu yookiin
hidhaan turuu itti murtaa’e erga raawwatee booda biyyaa akka bahu manni murtichaa ajajuu ni
danda’a/Keewwata 150/.
Dhimmiadabbiifi tarkaanfii eeggannoo raawwattoota yakkaa gaa’ila hingeenye irratti
murtaa’e
raawwachisuu,abbootii aangoo mootummaafi namoota yookiin jaarmiyaaleeaangoon guddistummaa
kennameef dhimmichi ilaallatuuf /Keewwata 154/ ibsamuu qaba.
Keewwata 174. Murtii Ibsuufi Galmee Murtii Irratti Galmeessuu.
65
Murtiin raawwataa Yakkaa gaa’ila hingeenye ilaallatu yeroo kamiyyuu malawwan sabqunnamtiinhin
ibsamu/Keewwata 155/.
Murtiin adabbiifi tarkaanfiin eeggannoo galmee yakkamtootaa irratti kan galmaa’u/Keewwata 156/ abbootii
aangoo bulchiinsaafi murtii mootummaa dhimmi isaan ilaallatuuf odeeffannoo barbaachisaa kennuuf akka
tajaajilu qofaaf waan ta’eef, sababa kamiiniyyuu waraabbii galmee kanaa namoota biroo dhimmichaaf alagaa
ta’aniif ibsuun gonkumaa kan dhorkamedha.
Keewwata 175. Murtii Haquufi Moggaasuu
Ijoolleen gaa’ila hingeenyee yookiin namoonni bu’uura seeraatiin isaanirratti aangoo qaban yoo gaafatan
adabbii hidhaarraa kan hafe, raawwataa yakkaa gaa’ilahin geenye irratti murtiin tarkaanfii eegannoofi
adabbiileen biroo raawwatamanii waggaa lama keessatti moggaafamuuf haalawwan barbaachisan kan
guutaman yoo ta’e, manni murtichaa murtiileen galmee yakkamtootaa irraa akka haqaman ni ajaja
/Keewwata 232-237/.
Kutaa Lama
Raawwataa YakkaaDargaggoo Waggaa Kudha Shanii Ol, Waggaa Kudha Sadeetii Gadi Jiru
Keewwata 176. Haala Idilee
Raawwataa yakkaadargaggoo waggaa kudha shanii ol,waggaa kudha sadeetii gadi ta’e yommuu yakka
rawwate manni murtichaa bu’uura tumaalee seeraa idileetiin /keewwata 56/yommuu murteessu haalli
naannoo dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisu tahuu isaa kan tilmaame yoo ta’e, bu’uura seerichi
hayyamuun /keewwata 179/ adabbii salphisuufii ni danda’a.
Raawwatichi waggaa kudha sadeeti osoo hin guutiinsababaakaakuu yakkaa raawwate kamiiniyyuu adabbiin
du’aa itti murtaa’uu hin danda’u /keewwata 117/.
Adabbiin bilisummaa dhabsiisuu yommuu raawwatamu, yakkamtoota gaa’ila gahan irraa adda bahee hanga
gaa’ila gahuutti dambiin hidhamuu ciminaan raawwatamuu qaba/Keewwata 110(2)/.
Keewwata 177. Haala Addaa
1.
Balleessichi guddina qaama isaatiin yookiin sammuu isaatiin akka dargaggoo umurii waggaa kudha
shanii gadi jiru ta’eetti yoo tilmaame yookiin yakki inni raawwate cimaa yommuu hin taaneettifi
akka yaada ogeessi adda dhiheessetti balleessitoota dargaggoo waggaa sagalii hanga kudha shanii
ta’aniif boqonnaa kan kutaa tokko keessatti kan murta’an kan yaalaa, barnootaa yookiin
tarkaanfileen amala sirreessuu irratti raawwatamuun barbaachisaa ta’ee yommuu argame,manni
murtichaa bu’uura armaan olitti tumameen adabbii salphisuurra tarkaanfilee eeggannoo kanneen
66
keessaa tokko akka irratti raawwatamu, keessumattuu gara mana yaalaa yookiin gara jaarmiyaa
amala sirreessaatti akka ergamu sababa ifaafi gahaa ta’een ajajuu ni danda’a.
2.
Haalakamiiniyyuu taanaan yeroon yaalchisuu, barumsaan leenjisuu yookiin iddoo amala sirreessaa
tursiisuun yeroo gaa’ila ga’iinsa seera qabeessa ta’e darbuu hin danda’u/Keewwata 163/.
Yeroon kun darbuun dura manni murtichaa barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ateefi keessumattuu
dargaggichi amala sirreessaa irraa yoo gadhiifamu mana hidhaa akka turu /Keewwata 168(2)/
ajajuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, yeroo jaarmiyaa amala sirreessaa ture keessaa hammamtu
adabbii hidhaa itti murtaa’u keessatti lakkaawwamuuakka qabu murteessuuf durseemurtii
tarkaanfii eeggannoo dargaggichaa irratti dabarsee ture qorachuu ni danda’a.
Mata Duree Lama
Adabbii Murteessuufi Dhorkuu, Himannaafi Adabbii Addaan Kutuufi Hambisuu.
Boqonnaa Tokko
Adabbii Murteessuufi Dhorkuu
Kutaa Tokko
Adabbii Murteessuu
Keewwata 178. AkkaataaMurtii AdabbiiSalphisuu yookiin Cimsuu.
Qajeeltoowwan waliigalaa murtii adabbii ilaalchisee tumaman/Keewwata 88/ akkuma eegamanitti ta’anii,
dabalataan adabbicha salphisuuf yookiin cimsuuf seerichi kan hayyame yookiin dirqisiisaayommuu taasise
hunda manni murtichaa tumaalee armaan gaditti ibsaman hordofuun ni murteessa.
Kutaa Xiqqaa Tokko
Dambii Adabbii Salphisuufi Adabbiirraa Bilisa Taasisuu
Keewwata 179. Dambii Idilee Adabbii Salphisan
Manni murtichaa bu’uura keewwata kanaatiin adabbii salphisuu akka danda’u seeraan kan tumame
yommuu ta’u hunda adabbii salphiisuun barbaachisaa ta’ee yomuu argu:
(a) bakka adabbii du’aa, hidhaa cimaa waggaa digdamaa hanga umurii guutuu gahu;
(b) bakka hidhaa cimaa umurii guutuu, adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamaa
gahu;
(c) kutaa addaa seerichaa keessatti ka’umsi adabbii hidhaa cimaa olka’ee tumamee yoo jiraate, bakka
adabbii kanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti ka’umsa ta’ee kan tumame waggaa tokko irraa
eegalee adabbii hidhaa cimaa;
(d) bakka hidhaa cimaa ka’umsi isaa waggaa tokko ta’e, adabbii hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa
shanii gahu;
(e) kutaa addaa seerichaa keessatti ka’umsi adabbii hidhaa salphaa ol-ka’ee tumamee kan jiru yoo ta’e,
bakka adabbii kanaa adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhanii gadi hin taane;
67
(f) bakka adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhanii gadi hin taane, hojii dirqamaa yookiin adabbii
maallaqaa ni murteessa.
Keewwata 180. Akkaataa Itti Fakkaatetti Adabbii salphisuu
Manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbiisalphisuu qaba yookiin ni danda’a jedhamee seeraan tumamee
yommuu argamu, bu’uura armaan gaditti ibsameen adabbii murteessuuf aangoo ni qaba.
Manni murtichaa bu’uura keewwata kanaatiin adabbii salphisuu qaba yookiin ni danda’a jedhamee seeraan
yoo tumame,akaakuu adabbii kutaa addaa seera kanaan tumame yookiin ka’umsa adabbiitiin osoo
hindaangeffamin ka’umsa adabbii sanarraa gadibuusee yookiin akaakuu adabbii biroo salphaa ta’e bakka
buusee murteessuuf aangoo ni qaba. Ta’us,akaakuuadabbiimanni murtichaamurteesssu kamiyyuu kutaa
waliigalaa seera kanaatiin tokkoon tokkoon akaakuu adabbiifka’umsa tumamerraa gadi bu’uu hin
danda’u/Keewwata 106 fi 108/.
Keewwata 181 Tumaalee Waliinii
Hanga seerichi hayyameen manni murtichaa adabbii salphisuun yommuu murteessu, qajeeltoo waliigalaa
balleessummaa ilaallatu bu’uureffachuun hanga adabbichaa ni murteessa /Keewwata 57/.
Manni murtichaa adabbii/Keewwata 179/tiin yookiin /keewwata 180/tiinyommuu salphisu hunda
beenyaan akka kaffalamu murteessuu ni danda’a/Keewwata101/. Barbaachisaa ta’ee yoo argames
adabbiilee dabalataa /Keewwata 121-128/ fi tarkaanfilee eeggannoowaliigalaa ittisaafi eegumsa ilaalchisee
tumaman/ keewwata 134-153/ walitti dabalee murteessuu ni danda’a.
Keewwata 182. Adabbiirraa Bilisa Taasisuufi Adabbii Dhiisuu.
Manni murtichaa balleessicha adabbii kamiyyuurraa bilisa taasisuufi guutummaan yookiin gartokkeen
adabbii dhiisuu kan danda’u seericha irratti ifatti tumamee yoo argame qofadha.
Kutaa Xiqqaa Lama
Dambii Adabbii Cimisu
Keewwata 183. Dambii Idilee Adabbii Cimsu
Adabbiin akka cimu seerichi yoo tume/Keewwata 84/akaakuufi baay’ina sababoota adabbicha cimsuuf ta’an
akkasumas, cimina badii yakkamtichi raawwate madaaluun manni murtichaa tumaarogummaa qabu kutaa
addaa seera kanaan tumameenfiixeeadabbii murtaa’e osoo hin darbiin adabbicha ni murteessa.
Keewwata 184. Yakkoonni QabatamooYommuu Dachaa Ta’an Adabbii Cimsuu.
68
1.
Dhimmi yakka qabatamaa dachaata’e Yoo mudatu/ keewwata 85/ manni murtichaa cimina badii
yakkamtichaa madaaluun bu’uuraa dambiilee armaan gadiittin adabbicha cimsee ni murteessa.
(a) yakkoota dachaa bilisummaa yookiin lubbuu dhabsiisuun adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin
du’a yookiin hidhaa umurii guutuu yookiin yakkoonni kun adabbii hidhaa akaakuu wal-fakkaataa
kan adabsiisan ta’ee, sababa isa tokkoonadabbii olaanaan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti
tumame/Keewwata 106 fi 108/ yoo murtaa’u, keewwata xiqqaa kana (c) fi (e) tiin kan tumame
akkuma eegametti ta’ee, murtiin kun adabbii yakkoota dachaa biroo ilaalchisee murtaa’u hunda
walitti haammatee ni qabatani qabata.
Ta’us, sababa yakka isa cimaatiin, adabbilee armaan olitti ibsaman keessaa tokko murtaa’uun hafee
adabbii olaanaa kutaa waliigalaa seerichaan tumame irraa gadi buufamee adabbiin hidhaa kan
murtaa’e yoo ta’e, sababa yakkoota dachaabirootiin manni murtichaa bu’uuraa keewwata kana
keewwata xiqqaa 1 (b) tiin adabbicha olkaasa.
(b) Yakkoonni dachaa lamaa yookiin isaa ol ta’aniifi adabbilee bilisummaa dhabsisan hordofsiisan yoo
mudatan, tokkoon tokkoon yakkoota dachaan raawwatamaniif adabbiin barbaachisaa
ta’e
murtaa’ee hundumtuu ni ida’ama. Ta’us,akaakuu adabbichaaf kutaa waliigalaa seerichaan adabbii
olaanaa tumame caaluu hindanda’u.
Yakkoonni hidhaa cimaafi hidhaa salphaatiin adabsiisan dachaa ta’anii yoo argaman raawwii
keewwata kanaatiif adabiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni
lakkaawama.
(c) yakkoonni hidhaafi adabbii maallaqaatiin adabsiisan dachaa ta’anii yoo mudatan, adabbiileen
lamaanu walitti dabalamani ni murtaa’u. Akkaataan murtii isaas, gama hidhaa ilaallatuun tumaa
keewwata xiqqaa kana (1) (b), gama adabbii maallaqaa ilaallatuun immoo tumaa keewwata xiqqaa
kana (1) (d) bu’uura godhachuun ta’a.
(d) yakkoonni dachaa lama yookiin isaa ol ta’an adabbii maallaqaa hordofsiisan yommuu mudatan,
tokkoon tokkoon yakkaa dachaan raawwatameef adabbiin barbaachisaa ta’e murtaa’ee hundumtuu
ni ida’ama. Yakkamtichi miira jaalala maallaqaatiin kaka’ee kan raawwate yoo ta’e malee
/Keewwata 92/, adabbii maallaqichaa daangaa adabbii maallaqaa olaanaa kutaa waliigalaa
seerichaa keessatti tumame dabarsuun hin danda’amu.
(e) manni murtichaa sababa yakkoota dachaa ta’an keessaa tokkoon qabeenyi adabamtichaa akka
dhaalamu kan murteesse yoo ta’e, sababa yakkaa birrotiin adabbii maallaaqaa dabalataan
murteessuu hin danda’u.
(f) bu’uura seera kana keewwata 60(c) jalatti tumameen yakkoonni dachaa yoo mudatan, haala
birootiin kan tumame yoo ta’e malee, adabbichi bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa1 tiin ni
murta’a.
(g) adabbiin dabalataa yookiin tarkaanfiin eeggannoo ittisaafi eegumsaa yookiin amala sirreessuu
yookiin nageenyaa kamiyyuu, tumaa rogummaa qabu tokko irratti yookiin yakkoota dachaa ta’anii
69
raawwataman keessaa yakka tokko qofaaf murtaa’ee yoo argamellee adabbii waliigalaa waliin
raawwatamaa taasisuun ni danda’ama.
Keewwata 185. Haala Addaa
1.
Yakkoonnihariiroo qabanyommuu raawwataman, isaan keessaa tokko kan raawwatame yakkibiroo
akka raawwatamu taasisuuf yookiin mijeessuuf yookiin kan biroof dahoo akka ta’u taasisuuf
yaadamee yoo ta’e, bu’uura keewwata armaan olitti tumameen manni murtichaa adabbicha hanga
sadarkaa olaanaatti cimsee murteessuu qaba.
2.
Yakkoonni qabatamoodachaahariiroo qabankan akka ajjeechaa cimaa yookiin wanbadummaa cimaa
kan fakkaatan adabbii kan cimsu yakka addaa tokko kan hundeessan ta’uun isaanii kutaa addaa
seerichaa keessatti yoo tumame, tumaaleen yakkoota akkanaaf ibsaman raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 186.Yakki Dachaa Duraan Raawwatame Murtii Booda Beekamuu Isaa
1.
Balleessichi yakkaan itti murtaa’ee adabbicha raawwachaa osoo jiruu yookiin erga xumuree booda,
murtiin kennamuun dura yakka dachaa biroo raawwate jiraachuun isaa yoo beekame, manni
murtichaa yakkoota dachaa balleessichi raawwateen yeroo tokkotti osoo itti murtaa’ee jiraatee
adabbii olaanaa silaa itti murtaa’uu danda’u osoo hin darbin ni murteessa.
2.
Manni murtichaaadabbii dursee murtaa’e tilmaama keessa galchuun, bu’uura keewwatoota armaan
olitti ibsamaniin murtii barbaachisaa ta’e ni kenna.
3.
Himannaan yakkaa walitti dabalamanii ilaalamuun isaan irra ture, manneen murtii yookiin
dhaddachoota addaddaatti kophaa kophaatti ilaalamanii adabbiileen addaddaa yoo murta’an,
akkaataan murtii adabbii waliigalaa bu’uuraa tumaalee armaan olitti ibsamaniin ta’a.
Keewwata 187. Gocha Tokkoon Yakkoonni Dachaa yommuu Raawwataman Haala Adabbiin Itti Cimu
1.
Yakkamtichi gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa dachaan darbee yoo argame/keewwata
65/,manni murtichaa haala naannoodubbichaayommuu qoratu keessumattuu, yakkamtichi itti
yaadeefi karoorfatee seera darbuu isaa yookiin amala badaa ifa ta’e agarsiisuusaa yoo amane,
bu’uura keewwata 184 jalatti ibsameen adabbii isaa cimsee murteessuu ni danda’a.
Haala birootiin garuu,s tumaa seeraa rogummaa qabuun daangaa adabbii olaanaa yakka cimaaf
tumame osoo hin darbiin manni murtichaa adabbicha ni murteessa.
2.
Yakkoonni dachaa bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan yommuu raawwataman manni
murtichaa adabbicha akka armaan gadiitti ni cimsa:
(a) balleessichi yakkoota dachaa keessaa itti yaadee yoo xiqqaate tokko kan raawwate yoo ta’e
/Keewwata 66 (1) (a) fi (b)/, bu’uura keewwata 184 tiin adabbii itti ni murteessa.
70
(b) yakkoonni dachaa kan raawwataman dagannoon yoo ta’e /Keewwata 66 (1) (c)/, adabbii
olaanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakka cimaaf tumame osoo hin darbiin adabbii itti ni
murteessa.
(c) yakkoonni balleessichi ittiyaadee raawwate nageenyaafi faayidaa hawaasaa kan miidhan ta’anii
yommuu argaman /keewwata 66 (2)/, manni murtii bu’uura keewwata 184 tiin adabbicha ni
cimsa.
Keewwata 188. Badii Irradeddeebi’ameen Adabbii Cimsuu.
1.
Haalawwan seera kana keewwata 67 jalatti ibsamaniin yakki haaraan tokko yommuu raawwatame,
manni murtii adabbii cimsuu kan qabu yoo ta’u, yakkicha haaraaf adabbii fiixee Kutaa addaa
seerichaa keessatti tumame darbuun murteessuu ni danda’a. Manni murtichaa yakkicha haaraaf
yookiin yakkoota dacha haaraa keessaa yakka cimaa ta’eef kutaa adda seerichaa keessatti adabbii
fiixee tumamee hamma dacha ta’utti adabbicha cimsuu ni danda’a.
2.
Akaakuufi baay’ina yakkoota irradeddeebi’amaniin akkasumas, balleessummaayakkamtichaafi
hanga balaafamummaa gochichaatiin, manni murtichaa keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti
adabbii olaanaa ibsame osoo hin hordofiin,akaakuu adabbichaatiif kutaa waliigalaa seerichaatiin
hanga adabbii olaanaa tumameetti olkaasuu ni danda’a.
Yakkamtichi irradeddeebi’aa amaleeffataa yoo ta’e, yakkicha haaraaf adabbii fiixee kutaa addaa
seerichaa keessatti tumame dachaa darbuun manni murtichaa adabbicha olkaasuu qaba.
3.
Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) yookiin xiqqaa (2) tiin adabbiin murtaa’u, yeroo
kamiyyuu yoo ta’e, akaakuu adabbichaaf adabbii fiixee kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame
caaluu hin danda’u /Keewwata 106 fi 108/.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Sababoonni Adabbii Salphisaniifi Cimsan Walirra Bu’uu
Keewwata 189. Sababonni Addaddaa Adabbii Salphisaniifi CimsanWalirra Bu’uu
Sababoonni addaddaa adabbii salphisaniifi cimsan yommuu argaman, manni murtichaa adabbii kan
murteessu bu’uura armaan gadiittitumameen ta’a:
1.
Yakka tokkorratti sababoonni adabbii cimsaniifi salphisan yommuu walirra bu’an, manni murtichaa
dursee sababoota adabbii cimsan tilmaama keessa galchuun adabbichaa cimsee/Keewwata 183/
ittaansuun sababoota adabbii salphisan bu’uura godhachuun adabbicha ni hir’isa/Keewwata
179,180/.
2.
Balleessichi yakkamaa irradeddeebi’aa ta’ee, yakkoota dachaatiin balleessaa yoo ta’e, manni
murtichaa dursee yakkoota dachaaf adabbii ni murteessa, ittaansuun yakkamaa irradeddeebi’aa
ta’uu isaa bu’uura godhachuun adabbicha ni cimsa.
71
3.
Sababoonni adabbii cimsaniifi salphisanaddaddaa armaan olitti keewwata (1) fi (2) jalatti ibsaman
walirra bu’anii kan argaman yoo ta’e, manni murtichaa jalqaba sababoota adabbii cimsan bu’uura
godhachuun
adabbicha
erga
cimsee
booda,sababootaadabbii
salphisanbu’uuragodhachuun
adabbicha ni hir’isa.
Kutaa Lama
Adabbii Daangessuu
Kutaa Xiqqaa Tokko
Adabbii Daangaan Dhorkuu
Keewwata 190. Qajeeltoo
Sababoota badii sanaaf ka’umsa ta’an hunda ilaaluun,adabbii balleessichaa irratti murtaa’e yeroof daangaan
akka dhorkamu gochuun amala yakkamtichaa sirreessuufi fooyyessuuf, jireenya hawaasummaa idileetti
deebisuuf kan fayyaduu danda’u ta’uu isaa manni murtichaa kan mirkaneesse yoo ta’e; bu’uura tumaalee
armaan gadiitiin murteessuu ni danda’a.
Bu’uura tumaalee kanaatiin murtiileen kennaman fedhii sirreeffamuufi gargaarsa yakkamtichaa kan
barbaadan waan ta’eef bu’aa gaarii kennuu dhabuun isaanii yoo beekame yeroo kamiyyuu haqamuu ni
danda’u.
Keewwata 191. Murtii Adabbiif Yeroo Kennuu, Murtii Balleessummaa Haquu
Yakkamtichi duraan kan hin adabamne ta’ee, amalli isaa balaafamummaa akka hin qabne yoo itti amaname
badiin isaa adabbii maallaqaan /Keewwata 90/, hojii dirqamaan/keewwata 103 fi 104/ yookiin hidhaa
salphaa waggaa sadii hin caalleen kan adabsiisu yoo ta’e/Keewwata 106/, manni murtichaa balleessummaa
isaa erga mirkaneessee booda gara ful-duraatti amala isaa sirreeffachuu akka danda’uu amantaan irratti
gatamu kan danda’u ta’uu isaafi murtii kana qofaan hanga dhumaatti fooyya’uu kan danda’uu ta’uu isaa kan
itti amane yoo ta’e, murtii balleessummaa erga kennee booda adabbii osoo hin murteessiin yeroo qormaataa
murtaa’e kennuufii ni danda’a. Qorumsichi bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e, murtichi akka hin turretti
lakkaa’ama.
Keewwata 192.Adabbiin Akka Hin Raawwatamne Dhorkuu.
72
Balleessichi dursee kan itti murtaa’e ta’us, ta’uu baatus/Keewwata 194/, adabbii itti murtaa’e xumuruu
isaatiin dura yeroo murtaa’eef adabbichi dhorkamefii amalli isaa yoo qoratame balleessaa lammaffaa
raawwachuu irraa kan of qusatu ta’uu isaafi fooyya’iinsa amala isaatiifis akeekkaachisni cimaan tokko qofti
kan gahu tahuu isaa manni murtichaa kan itti amane yoo ta’e, adabbicha erga murteessee booda, yeroo
qormaataa murtaa’e kennuun raawwiin adabbichaa dhorkamee akka turu ajajuu ni danda’a. Manni
murtichaa tarkaanfilee eeggannoo murteese garuu/Keewwata 127-159/ hin dhorkuuf.
Qorumsichi bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e, balleessichi adabbii itti murtaa’e raawwachuu hin qabu,
murtichi garuu galmee yakkamtoota irratti galmeeffamee bu’aa biroo waliin ni tura.
Keewwata 193.Murtileen Adabbii Wal’irra Bu’an Yoo Jiraatan,Raawwii Isaaniif Yeroo Kennuu fi
Qoqqooduu
Adabbileen walirra bu’an yommuu jiraatanitti, keessumattu adabbiileen dabalataa yommuu murta’anitti,
manni murtichaa nageenyaafi faayidaa waliigalaa hawaasichaaf barbaachisaa ta’ee yoo arge, dhorkamuu
adabbiilee tokko tokkoofi dhimma yeroo kennuu dhiisuu ni danda’a.
Keewwata 194. Haala Daangaan Adabbii Itti Dhorkamuufi Itti Haqamu.
1.
Raawwii adabbii daangessuun kan hin dandaa’amne:
a.
Tumaaleen waa’ee irra deddeebi’uu ilaalchisee tumaman akkuma eegamanitti ta’ee /Keewwata 67fi
188/ balleessichi kanaan dura adabbii hidhaa cimaa yookiin adabbii hidhaa salphaa waggaa sadii
caaluu kan itti murtaa’e yoo ta’eefi ammas yakka ittiin himatameen adabbiilee kana keessaa tokko kan
isatti murtaa’u yoo ta’e yookiin,
b.
Kanaan dura kan hin adabamne ta’ee, yakki amma ittiin himatame adabbii hidhaa cimaa waggaa shan
caaluu kan itti murtaa’u yoo ta’edha.
2.
Akkasumas:
a.
Raawwii adabbichaa dhorkuun dura balleessichi yakka biroo raawwatee akka ture yoo irra
gahameefi sababuma yakka kanaatiinakaakuufi hangi adabbii itti murtaa’u haala armaan olitti
keewwata xiqqaa (1) (a) jalatti tumame kan guutu yoo ta’e; yookiin
b.
Yakkamtichi adabbichi dhorkameefii qormaataaf yeroo gadi lakkifame keessatti itti yaadee
yakka tokko kan raawwate yoo ta’e /Keewwata 200(2)/;yookiin
c.
Dhimma raawwiin adabbichaa dhorkamuuf irratti yeroon qormaataa kenname bu’aa kan hin
argamsiifne ta’uu isaa manni murtichaa yoo hubate,
murtii adabbii dhorkuu haquu ni danda’a.
Keewwata 195. Qulqulleessuu/Qorannoo/
73
Manni murtichaa murtichaaf dursee qorannoo gochuun barbaachisaa ta’uu isaa yommuu itti amane hundatti
himatamaa murtiin akka dhorkamuuf gaafatu seenaan isaa duraa, amalli isaa duraa, haalli jireenyaa fi hojii
isaa maal akka ture qorannoon taasifamee odeeffannoon mirkanaa’e akka dhihaatuuf ajajuu qaba.
Odeeffannoon kunis miseensa eegumsaa tokko yookiin hojjetaa hawaasummaa amantaan irratti gatamu
yookiin qaama yookiin jaarmiyaa dhimmichi ilaallatuu biroo kamiyyuu irraa dhihaachuu ni danda’a.
Keewwata 196. Tumalee Waliinii; Yeroo Qurumasaaf kennamu.
1.
Manni Murtichaa akaakuu dhorkaa lamaan keessaa/Keewwata 191 fi 192/ tokko yoo filatu sababa isaa
murtii irratti ibsuu qaba.
Seenaan himatamtichaa durii, adeemsi ilaalchaafi amala isaa yommuu madaallamu yeroo kennuun
bu’aa gaarii kan fidu fakkaatee yoo mul’achuu baate manni murtii ajaja dhorkaa kennuu hin
danda’u.
2.
Manni murtichaa yeroo qormaataa balleessichaaf kennamu kan murteessu cimina yakkichaa, miidhaa
irra deddeebiin gochicha yakka geessisuu danda’uu fi amantaa balleessicha irratti
gatamuu danda’u
tilmaama keessa galchuun ta’a.
Yeroon qormaatichaas waggaa lamaa gadi yookiin waggaa shanii ol ta’uu hin danda’u; kan herreegamus
guyyaa murtiin dhumaa itti kenname irraa eegalee ta’a.
Kewwata 197. Haalawwan Qorumsi Itti Kennamu.
1.
Manni murtichaa adabbiin raawwataa yakkichaa irratti murtaa’e akka irratti hinraawwatamne kan
dhorkuuf balleessichi amala gaariidhaan akka gaggeeffamu, dirqama akka raawwatuuf kennameef
akka fudhatu, akkasumas karaa danda’ame hundaan miidhaa balleessaa isaatiin geessiseef beenyaa
akka kaffalu yookiin, miidhamtichaaf akka kaffaluufi dhimmuma kanaaf yeroo murtaa’e keessatti
baasii
mana murtichaa akka kaffalu mirkaneessa erga kennee boodadha/keewwata 101/.
2.
Manni murtichaa balleessichi raawwii dirqama seeneef wabummaa walamansisaa tokko akka seenu
ni dirqisiisa.Wal amansiisi kunis wabummaa namaatiin yookiin hanga qabeenyaafi maallaqaa
qabsiisaatiin manni murtichaa kan murteessu akka haala dubbichaafi hanga dandeettii
balleessichaatiin ta’a.
Keewwata 198. Dambii Qajeelfama Amalaa Balleessicha Irratti Murtaa’u
1.
Manni murtichaa Dambiilee qajeelfama amalaa, eegumsaafi to’annoo barbaachisaa fakkaatee
mul’ate murticha keessatti ni murteessa. Dambileen kun, keessumattu barnoota ogummaa tokko
barachuu, bakka murtaa’e tokko turuu, dirqama hojjechuu yookiin jiraachuu, namoota tokko tokko
waliin akka wal hin qunnamne dhorkamuu yookiin bakkeewwan murta’an tokko tokko gahuu irraa
dhorkamuu, dhugaatii alkoolii dhuguu dhorkamuu, hojii isaatiin galii argatu irraa hunda yookiin
74
gartokkee
maatiisaa, guddistuusaa yookiin bulchaasaatti kennuu, yaala barbaachisaa ta’e
raawwachuu yookiin bu’aa yaalichaa milkaa’aa taasisuu kan dandeessisu, dhimmuma kanaaf
rogummaa kan qabuufi kana kan fakkaatandirqama dambii qajeelfamaa biroo raawwachuu kan
ilaallatan ta’uu ni danda’u.
2.
Dambiileen amala sirreessaa balleessicha irratti murta’an, dandeettifi fedhii balleessichaa, haala
dubbichaafi miidhaa badiin sun geessise bu’uura godhachuun amala balleessichaa fooyyessuuf gara
galma yaadameen gahuuf kan dandeessisan tahuu qabu.
Galmi dambii qajeelfama amalaa, galma murtii dhorkuu irraa adda ta’uufi dirqamootaa seericha
waliin wal hin simne hordofsiisuu hin danda’u.
3.
Haalli haaraan yoo mudate yookiin barbaachisaa ta’ee yoo argame, iyyannoo nama murtiin
dhorkameefiin, miiltoo isaatiin, guddistuu isaatiin yookiin wabii isaatiin dhihaatuun yookiin gaaffii
abbaa alangaatiin dambiileen qajeelfama amalaa murta’an jijjiiramuu ni danda’u.
Keewwata 199. Balleessicha Irratti To’annoo Taasisuu.
1.
Manni murtichaa murtiin adabbii balleessaa tokko irratti murtaa’e akka dhorkamu yoo taasisu,
balleessichi murtiin dhorkameef, bulchaa, guddistuu, ittigaafatamaa eegumsa fooyya’iinsa amalaa
yookiin miseensa eegumsaa aangoon eegumsaa waliigalaa kennameef tokko jala ta’ee to’annoon
akka irratti taasifamu ni ajaja /keewwata 208/.
Bulchaan yookiin miseensi eegumsaa balleessicha murtiin dhorkameef waliin qunnamtii taasisaa
mana isaatti yookiin hojii isaarratti dawwachuuf, Yeroo boqonnaa isaas to’achuu, hanga danda’ame
hundatti haala jireenyasaa akka sireessuufi amala isaa akka fooyyessuuf gargaarsa gorsaa
barbaachisaa ta’e taasisuufii qaba.
Bulchaan yookiin miseensi eegumsaa balleessicha murtiin dhorkameef irratti yeroo yerootti
dhoksaan to’annoo ni taasisa. Komishinii eegumsa fooyya’iinsa amalaa dhimmichi ilalaallatuuf yoo
xiqqaate ji’a sadi sadiin yookiin yeroo barbaachisaa ta’etti gabaasa ni dhiheessa.
2.
Caasaafi hojiin komishinootaafi ittigaafatamtoota eegumsa fooyya’iinsa amalaa seera bahuun ni
murta’a.
Keewwata 200.Qormaatichi Milkaa’uu Dhabuun Bu’aa Hordofsiisu.
1.
Balleessichi murtiin dhorkameef yeroo qormaataaf kennameef keessatti dambiilee qajeelcha amalaa
dirqamaan akka hordofu kennameef keessaa tokko kan cabse, eegumsa yookiin to’annoo bulchaasaa
jalaa miliquuf kan yaale, dagannoon yakka kan raawwate yookiin amantaa itti kenname kan hir’ise
yoo ta’e; dagannoon yakka raawwateef himatamuun isaa akkuma eegametti ta’ee, manni murtichaa
akeekkachiisa ni kennaaf.
75
Barbaachisaa yoo ta’es, karooraafi daangaa seerichaa keessatti akkuma ibsametti, yeroo qormaataa
duraan murtaa’ee ture dheeressuuf yookiin dambii qajeelfama amalaa haaraa akka hordofu
dirqisiisuun ni danda’ama.
2.
Balleessichi akeekkachiisi erga kennameefii booda, amala badaa qabatee yoo itti fufe yookiin yeroo
qormaataaf murtaa’e keessatti ittiyaadee yakka haaraa yoo raawwate, manni murtichaa ajaja
dhorkaa murtichaa jalaa ni haqa. Ta’us yaadni balleessichi dhiheeffatu dursee dhagahamuu qaba.
Balleessichi yeroo qormaataaf kennameef keessatti ittiyaadee yakka haaraa raawwatee kan itti
murtaa’e yoo ta’e, lammata dhorkaan murtii kennamuufii hin danda’u.
3.
Yeroo akkanaatti,manni murtii, murtii adabbii dhorkee ture haquun, adabbii murteesse akka
raawwatamu ni ajaja; yookiin adabbiin irratti murtaa’ee ture akka raawwatamu ni taasisa.
Dhorki adabbichaa kan haqamu sababa yakki haaraan ittiyaadamee raawwatameen yoo ta’e,
tumaaleen yakka irradeddeebii ilaallatan akkuma eegamanitti ta’ee, yakka duraan itti murtaa’eef
adabbii murtaa’e yookiin murtaa’u waliin adabbiin yakka haaraa ida’amee raawwatamaa ni
ta’a/keewwata 188/.
Kutaa xiqqaa lama
Daangaa Murtaa’een korooraan (Sharxiin) Gadhiifamuu
Keewwata 201. Qajeeltoo
Seera
yakkaaKana
keessatti
adabbiin
bilisummaa
dhabsiisuu
yookiin
tarkaanfiin
eeggannootumameyommuu murtaa’e hundatti, yeroon raawwii adabbii seeraan murtaa’e yoo gahuufi haalli
waliigalaa hundis guutameeyoo argamu, adabamticha korooraaf (sharxiif) dursanii gadhiisuun ni
danda’ama/keewwata 202/.
Karooraaf (sharxiif) daangaa murtaa’een gadhiifamuun amala adabamtichaa kan fooyyeessuufi gara
jireenyaa hawaasaa idileetti kan deebisu ta’ee lakkaa’amuu qaba. Adabamaanis kanaaf kan hin malleefi
daangaa murtaa’een hiikamuun isaa bu’aa barbaadame kan argamsiisu ta’uun isaa yoo itti amaname malee
heyyamamuu hin danda’u.
Keewwata 202.Gadhiifamuuf Haalawwan Geessisan
1.
Adabamtichi yeroo hidhaa itti murtaa’e harka sadii keessaa harka lama yookiin murtichi adabbii
hidhaa umurii guutuu yoo ta’e, waggaa digdama yoo xumure,
yaadachiisa qaama dhimmi
ilaallatuun yookiin balleessichaatiin manni murtichaa balleessichi korooraan (sharxiin) akka
hiikamu murteessuu kan danda’u, balleessichi:
(a) adabbii bilisummaa dhabsiisu yookiin tarkaanfii eeggannoo barbaachisaa ta’e raawwachaa osoo
jiruu, hojii isaafi amala isaatiin fooyya’insa mirkanaa’e kan agarsiise yoo ta’e;
76
(b) miidhaa gaheef hanga dandaa’ametti beenyaa irraa eegamu bu’uura manni murtii murteesseen
yookiin waliigaltee miidhaamaa waliin taasifameen kaffaluu isaaf mirkaneessa kan dhiheesse
yoo ta’ee; fi
(c) amalliifi ilaalchi isaa jireenya gaarii jiraachuuf kan isaa dandeessisuufi korooraan (sharxiin)
hiikamuun isaa bu’aa gaarii argamsiisuu ni danda’a jedhamee kan itti amaname yoo ta’edha.
2.
Tumaaleen armaan olitti ibsaman jiraataniyyuu, korooraan (shaarxiin) gadhiifamuun yakkamaa
irradeddeebi’aa amaleeffataa ta’e irratti raawwatamaa hin ta’an.
Keewwata 203. Dhimma korooraan (sharxiin) Gadhiifamuu Beeksiisuu.
1.
Balleessicharratti yeroo murtaa’uufi gara jaarmiyaa itti ergamee yommuu seenu adabbiin itti
murtaa’e raawwatamuu isaadurseekorooraan (sharxiin) kan gadhiifamu danda’u ta’uu isaa, carraa
kana argachuufis dirqama akkamii raawwachuu akka qabu /akka beeku/ni ibsamaaf.
2.
Haalawwan Korooraan (sharxiin) gadhiifamuuf dandeessisan kan guutaman fakkaatanii yommuu
mula’atan, qaamni dhimmi ilaallatu hidhamtichi korooraan (sharxiin) akka gadhiifamu
ofumaayaada dhiheessuun yookiin iyyannoo hidhamitichi korooraan (sharxiin) gadhiifamuun qaba
jedhee dhiheeffate fudhee yaada isaa waliin mana murtittii ni dabarsa.
Keewwata 204. Yeroo Qormaatichaa
Manni murtichaa korooraan (sharxiin) akka gadhiifamuuf ajaja yoo kennu, battalumatti hiikamtichi
korooraan(sharxiin) yeroo inni turuni murteessa. Yeroon korooraa (sharxii) kunis kan turu haala biroon
kan ajajame yoo ta’e malee, akka qajeeltootti adabbii yookiin tarkaanfii eegannoo osoo hin raawwatiin
hafe hanga raawwatuutti ta’a. Haala kamiin iyyuu hangi yeroo kanaas waggaa lamaa gadi ta’uu, tumaan
faallaa ta’e yoo hin jirres, waggaa shan caaluu hin danda’u. Balleessaan hidhaa cimaa umurii guutuun itti
murtaa’e yoo ta’e garuu yeroonqormaatichaa waggaa shanii gadi yookiin waggaa torba caaluu hin
danda’u.
Keewwata 205. Dambii Qajeelfama Amalaafi To’annoo.
1.
Bu’uura tumaalee waliigalaa armaan olitti ibsamaniitiin, balleessichi gadhiifame yeroo qormaataa
murtaa’eefitti, dambii qajeelfama amalaa rogummaa qabu/Keewwata 198/akka hordofu itti murta’a.
Dambiileen qajeelfama amalaa balleessichi gadhiifamee hordofuu qabu kan murta’an keessumattuu,
umuriifi amala hiikamtichaa, erga hiikamee booda carraa yakkaaf saaxilamuun irra gahuu danda’u,
amansiisummaa maatii isaa, hojii ogummaafi haala jireenya hawaasummaa isaa bu’uura godhachuun
ta’a. Yoo danda’ames, haalawwan hiikamtichaaf ittiin bulmaata ta’an, adabamtichi osoo hin gadhiifamiin
dura jaarmiyaa dhimmi ilaalu yookiin miseensota eegumsaa aangoon bulchiinsaa yookiin
guddistummaa kennameefiin yookiin deeggarsa qaama mootummaa rogummaa qabuutiin qophaa’uu
qabu.
77
2.
Akka waliigalaatti, haala birootiin kan ajajame yoo ta’e malee namni gadhiifamu to’annoofi
gaggeessummaa miseensa aangoon eegumsaa kennameef tokkoo jala akka jiraatu ni taasifama
/Keewwata 208/.Haalli sirni eeggannoo kun itti raawwatamuu hin dandeenye yoo mudateefi faayidaa
kan hin qabne ta’uun isaa yoo beekame, nama gadhiifamu irratti raawwatamaa ta’uu dhiisuu ni
danda’a.
Keewwata 206. Bu’aa Qormaatichaa
1.
Haalliqormaatichaafi ajajni korooraan (sharxiin) hiikamuu haqamuun isaa kan qajeelfamu bu’uura
tumaalee waliigalaa armaan olitti ibsamaniin ta’a /Keewwata 200/.
2.
Ajajni korooraan (sharxiin) hiikamuu yommuu haqamu, balleessichi gadhiifamee ture jaarmiyaa
duraan keessa turetti deebi’ee akka galu ni taasifama.
Yeroon korooraan(sharxiin) gadi lakkifamee inni itti ture,yeroo adabbiiyookiin tarkaanfii eegannoo
raawwachuu qabu hafe irraa hin herreegamuuf.
Yakki haaraan gidduutti raawwatameera yoo ta’e,irradeddeebii ilaalchisee kan tumame akkuma
eegametti ta’ee/keewwata 67 fi 188/, adabbiin yakkicha haaraaf murtaa’u, adabbii hafe waliin
walitti ida’amee raawwatamaa ni ta’a.
3.
Namni gadi dhiifame yeroo qormaatichaa, bu’uura dambii qajeelfama amalaa murteeffameefiin kan
xumureyoo ta’e, hiikamuun isaa hama dhuumaatti ta’ee adabbiin hundumtuu ni hafaaf.
Keewwata 2007. Bu’aa Murtii Dhorkaafi Tarkanfilee Eegannoo Biroo.
1.
Adabbii bilisummaa dhabsiisuu waliin hojii ogummaa hojjechuu irraa dhorkamuu /keewwata 123
(c)/, bakkawwan tokko tokko gahuu yookiin oolanii buluurraa dhorkamuu yookiin adabbii
dabalataa bakka murtaa’e tokkotti dhorkamanii jiraachuu yookiin tarkaanfii eeggannoo biyyaa
bahuu /keewwata 145-150/ dabalataan kan murtaa’e yoo ta’eefi dhimmi korooraan (sharxiin)
gadhiifamuuyommuu mudatu, haala waliigala dubbichaarraa kan ka’e murtichi kan fayyaduufi roga
qabeessa ta’ee yoo arge manni murtichaa raawwichi yaaliif akka dhorkamu
taasisuu ni
danda’a/keewwata 152/.
Murtiin kun kan kennamu, keessumattuu, haala sadarkaa fooyya’insaa nama gadhiifamu, amalli
balaafamummaa isaa baduu yookiin hir’achuu isaa, dhimma raawwii adabbii dabalataa yookiin
tarkaanfii eeggannoo yeroof dhorkuun gara jireenya hawaasummaa idileetti deebisuuf bu’aa gaarii
argamsiisuu danda’uu madaaluudhaan ta’a.
2.
Manni Murtichaa kana kan murteessu, qulqulleessa barbaachisaa erga taasisee boodaafi bulchiinsa
mana sirreessaafi miseensota eegumsaa dhimmichi ilaallatu irraa yaada erga fudhatee booda ta’a.
Yeroo kanas, dhimma qormaataaf gadhiifamuu irratti dirqama namni gadhiifamu sun raawwachuu
qabu, kan dhorkamu qabuu yookiin mirkaneessa wabummaa kennuu qabu, to’annoo irratti
taasifamuu qabuufi wantoota biroo kana fakkaatan manni murtichaa ni murteessa.
78
3.
Adabamaan korooraan (sharxiin) gadhiifame yeroo qormaatichaa hunda keessatti, dambii
qajeelfama amalaa isaaf murtaa’een gaggeeffamee qeeqni cimaan kan irra hin geenye yoo ta’ee,
amalli isaas kan fooyya’e fakkaatee yoo mul’ate, badii adabbii bilisummaa dhabsiisuu yookiin biyyaa
baasu hordofsiise lammaffaa akka hin hojjenne ta’uu yoo itti amane, adabbiinyookiin tarkaanfiin
eeggannoo dabalataa itti murtaa’ee ture irratti hin raawwatamu.
Kutaa Xiqqaa Sadi
Miseensummaa Eegumsaa
Keewwata 208. Qajeeltoo
Miseensummaa eegumsaa jechuun,sirna adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo, raawwii isaanii karaa abbaa
aangoo taayitaa miseensummaan eegumsaa kennamuufiin bu’aa akka argamsiisuuf ittiin taasifamudha.
Seerichaan tumamee yommuu argamu hundatti,balleessaan tokko aangoo miseensa eegumsaa jala ta’ee
akka eegamu taasifamuu qaba. Akkasumas, yeroo kamittiyyuu yoo ta’e, balleessaan daangaan yookiin
adabbii xumuree gadhiifame, qajeelcha amala gaarii isaaf miseensa eegumsaa irraa deggersaafi gargaarsa
gaafachuu ni danda’a. Bu’uura gaaffii isaatinis jaarmiyaaleen miseensa eegumsichaa balleessichaaf deggersa
gargaarsa gochuu qabu.
Keewwata 209. Kaayyoofi Hojjii Miseensummaa Eegumsaa
1.
Hojjiin miseensa eegumsaa inni guddaan,balleessitoota jireenya hawwasummaa irraa deebi’anii
akka baratan barbaachisu, yeroo adabbiin isaanii dhorkameefiittis ta’ee yeroo korooraan (sharxiin)
yookiin erga adabbii isaanii xumuranii hiikamanii booda gara jireenya hawaasummaa idileetti akka
deebi’aniifi daddabalanii yakkaakka hin raawwanne gorsa kennuu, gara karaa qajeelaatti
qajeelchuufi gargaarsa amala gaariifi qabatamaa taasisuudha.
Jaarmiyaan aangoon miseensummaa eegumsaa kennameef hanga danda’ametti eegamtoota hojii
irraa akka oolchuuf, hojii kennuufiif, hojii yookiin mana jireenyaa yookiin gargaarsa akka argatan
isaan gargaaruuf, yookiin miindaafi faayidaa hojii isaaniitiin argatan dhimmoota isaanii
barbaachisaa ta’aniif akka oolchaniifi walumaagalatti jireenya hawaasummaa idilee haala isaan
ittiin jiraachuu danda’aniif deeggersaafi gargaarsa kamiiniyyuu ni taasisaaf.
2.
Miseensi eegumsichaa yeroo hundumaa to’annoo isaan irratti ni taasisa. Hojiin to’annichaa
fooyya’iinsa isaanii akka hin gufachiifneef dhoksaan raawwatamuu qaba. Barbaachisaa yoo ta’es,
mana murtiifi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf yeroo yeroon gabaasa ni dhiheessa.
Keewwata 210.Gurmaa’insa
79
1.
Hojiin miseensummaa armaan olitti ibsame kan geeggeeffamu, to’annoo mootummaatiin ta’ee, hojii
kanaaf kan hundeeffaman waldaalee ykn gareewwan mootummaa yookiin amala dhuunfaa qabaniin
ta’a.
Hojiin miseensummaa kun nama dhuunfaa amalli isaa qormaataafi itti gaafatamummaa kanaaf
gahaa tahe yeroo yeroon filatamuufis kennamuu ni danda’aa.
Walumaa galatti hojii kana haala biraatiin gaggeessuun hanga danda’ametti, miseensummaan
eegumsaa manneen hojii poolisiitiif hin kennamu.
2.
Tarreen raawwii hojichaas, seera akkaataa raawwii adabbiifi dhimmicha ilaallatuuf bahuun ni
murta’a.
Boqonnaa Lama
Himannaafi Adabbii Addaan Kutuufi Hambisuu
Kutaa Tokko
Himataanyookiin Himatamaan Jiraachuu Dhabuu
Kutaa Xiqqaa Tokko
Himannaan yakkaa yookiin Iyyannoon Dhuunfaa Jiraachuu Dhabuu
Keewwata 211. Mirga Iyyata Dhuunfaa Yookiin Himata Yakkaa Dhiheessuu Walumaagalatti
1.
Seerichaan haala addaan ifatti kan tumame yoo ta’e malee, dhimma kamiyyuurratti murtiin akka
kannamuufi adabbiin akka murtaa’u taasisuuf himanni kan dhihaatu abbaa alangaan ta’a.
2.
Karaa abbaa alangaanhimanni dhihaachuunsaa, abbootii aangoo mootummaa rogummaa qabanitti
mirga iyyannoo dhuunfaa yookiin himata yakka dhiheefachuu hin hambisu.
Keewwata 212.Yakkoota Iyyannoo Dhuunfaa Qofaan Adabsiisan.
Yakkichi iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu qofaan kan adabsiisu ta’uunsaa, kutaa addaa seera kanaa yookiin
seera yakkaa ittiguutii biroon tumamee yommuu argamu, miidhamaa dhunfaan yookiin bakka bu’aa seeraa
isaan iyyannoon dhuunfaa yoo dhihaate malee himannoo yakkaa dhiheessuun hin danda’amu.
Keewwata 213.Yeroo Iyyannoon Dhuunfaa Itti Dhihaatu.
Iyyannoon dhuunfaa dhihaachuu kan qabu, guyyaa miidhamaan gocha yakkichaa yookiin eenyummaa
raawwataa yakkichaa beeke irraa eegalee hanga ji’a sadiitti yeroo jiru keessatti ta’a.
Miidhamtichi iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu kan dadhabe, sababa ifaa iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu
hin dandeessifneen yoo ta’e male, yeroon kun yoo darbe iyyannoo dhuunfa dhiheeffachuu akka hin
80
barbaannetti ni lakkaa’ama. Iyyannicha dhuunfaas fuudhuun hin danda’amu.Iyyaannoo dhuunfaa
dhiheeffachuu kan dadhabe sababa gahaan yoo ta’e, yerichi lakkaa’amuu kan eegalu, rakkinni isa mudate
guyyaa maqfamee irraa eegalee ta’a.
Kutaa Xiqqaa Lama
Du’uu Himatamaa Yokiin Nama Itti Murtaa’e
Keewwata 214. Murtii Dura Himatamaan Du’uu.
Himatamaan tokko mana murtiitti himatamuu isaatiin yookiin murtiin kennamuun dura yoo du’e,
himannichi dhihaachuu yookiin itti fufuu yookiin murtiin kennamuu hin danda’u.
Keewwata 215. Du’uu Nama Murtiin Itti Murtaa’e.
Balleessichi erga itti murtaa’e booda yoo du’e, murtiin adabbiifi tarkaanfiin eegumsaa hafaa ni ta’a.
Kutaa Lama
Darbiinsa Yeroo Himannoofi Adabbii
Kutaa Xiqqaa Tokko
Darbiinsa Yeroo Himannaa
Keewwata 216. Qajeeltoofi Bu’aa Isaa.
1.
Seeraan haala biroon kantumameyoo ta’e malee, barri yeroo darbiinsaa armaan gaditti ibsame erga
darbee booda yakkakamiyyuu ilaalchisee iyyannoo dhuunfaa yookiin himannaa yakkaa fuudhuufi
dhimmichaa abbaa seerummaan ilaaluun hin danda’amu.
Darbuun barra yeroo darbiinsaa, hirmaataa yakkaa kamiifiyyuu adabbii ni hambisa. Yeroon yeroo
darbiinsaaf murtaa’e yoo darbe, murtiin balleessummaa yookiin adabbiin yookiin tarkaanfiin
eeggannoo murtaa’uu hin danda’u.
2.
Himannichi yeroo darbiinsaan dhorkamuusaafi himannicha fuudhuun kan hin malle ta’uusaa
himatamtichi kan hin iyyanne yoo ta’ellee, abbaan alangaa yookiin manni murtiiyeroo kamittiyyuu
kaasuutu qaba.
Keewwata 217. Darbiinsa Yeroo Himannaa DhiheessuuIdilee
1.
Gocha yakkaatiin darbiinsi yeroo himannaa dhiheessuu kan ragga’ubu’uura armaan gadiitti
ibsameen ta’a:
(a) yakka murtii du’aa yookiin hidhaa cimaa umurii guutuu adabsiisuuf waggaa digdamii shan,
81
(b) hidhaa cimaa waggaa kudhanii ol, hanga waggaa digdamii shan gahuu danda’u adaabsiisuuf
waggaa digdama,
(c) hidhaa cimaa waggaa shanii ol, hanga waggaa kudhaniigahuu danda’u adabsiisuuf waggaa
kudha shan,
(d) yakka hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen adabsiisuuf waggaa kudhan,
(e) yakka hidhaa salphaa waggaa tokkoo ol adabsiisuuf waggaa shan,
(f) yakka hidha salphaa hanga waggaa tokkootti adabsiisu yookiin adabbii maallaqaa qofaan
adabsiisuuf waggaa sadii
2.
Yakkoonni dacha raawwatamanii yommuu argaman:
(a) adabbii olaanaan yakkoota sanaa walfakkaataa yommuu ta’an, barri darbiinsa yeroo yakka isa
tokkoo, yakkoota hundumaa irratti raawwatamaa ni ta’a.
(b) adabbiilee olaanaan yakkoota sanaa addaddaa yommuu ta’utti,barii darbiinsa yeroo yakka
hunda keessaa cimaa ta’e, yakkoota biroo irratti raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 218. Darbiinsa yeroo Addaa Iyyanoo Dhuunfaa.
Tumaan keewwata 213 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, barrii darbiinsa yeroo yakka iyyannoo
dhuunfaa qofaan adabsiisuu waggaa lamadha.
Keewwata 219. Lakkoofsa Darbiinsa Yeroo
1.
Barri darbiinsa yeroo kan herreegamuu haalawwan adabbii cimsan yookiin salphisan tilmaama
keessa osoo hin galin, adabbii olaanaa kutaa addaa seera kana keessatti tumamee bu’uura
godhachuun ta’a. Yakki raawwatame filannoon yookiin dachaan adabbilee raawwatiinsa qabaniin
kan adabsiisan yoo ta’e, barrii darbiinsa yerichaa kan herreegamu hunda keessaa yakka cimaa ta’eef
adabbii kutaa addaa seera kana keessatti tumame bu’uura godhachuun ta’a.
2.
Barri darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu kan eegalu balleessichi guyyaa gocha yakkichaa raawwate
irraa eegaleeti.
Gochi yakkichaa irra daddeebi’amee kan raawwatame yoo ta’e, barri darbiinsa yeroo lakka’amuu
kan eegalu gochi yakkichaa inni dhumaa guyyaa raawwatame irraa eegaleeti. Akkasumas, gochi
yakkichaa yeroo dheeraaf raawwatamaa kan ture yoo ta’e, barrii darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu
kan eegalu, gochi yakkichaa guyyaa dhaabbate irraa eegaleeti.
Yakkichi raawwatameera jechuun kan danda’amu, amaloota isaa keessaa tokko bu’aa yakkichaa kan
ta’e yoo ta’e, barri darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu kan eegalu bu’aan yakkicha guyyaa argame irraa
eegaleeti.
Keewwata 220.Dhorkamuu Bara Darbiinsa Yeroo
82
1.
Seeraan yookiin ijoo dubbiitiin himannaan akka hin jalqabne yookiin akka itti hin fufne wanti
guufachiisu hanga jirutti lakkaa’amuun bara darbiinsa yeroo dhorkamee ni tura.
Akkasumas, himannaan dhihaatee dubbichi abbaa seerummaan osoo ilaalamaa jiruu yoo ta’u,
yookiin himannaan dhaddacha biraatti dhihaate osoo hin raawwatin himannaa yakkaa himatamaan
ittiin himatame irratti murtii kennuun kan hin kan hin malle yoo ta’e, lakkaa’amuun bara darbiinsa
yerichaa dhorkamee ni tura.Gufuun sunis akkuma maqfameen barri darbiinsa yericha battalatti
lakkaa’amu ni eegala.
2.
Himanicha hordofuu ilaalchisee iyyannoo dhiheessuun kan barbaachisu ta’uu isaa seeraan ibsamee
yommuu
argametti,
iyyannoo
dhiheessuu
dhiisuun
lakkaa’amuu
darbiinsa
yeroo
hin
dhorku.Akkasumas, himannichi akka hin jalqabne yookiin akka itti hin fufne gochi balleessichi
fedhaa isaatiin raawwatu lakkaawamuu darbiinsa yeroo hin dhorku.
Keewwata 221. Addaan Cituu Bara Darbiinsa yeroo.
Haala yakkichaan yookiin yakkamtoota waliin wal qabateen qorannoon akka adeemsifamu, sakatta’iinsi
akka taasifamu yookiin waraqaan waamichaa akka kennamu yookiin himannaan akka dhihaatu ajajni
keennamu, gochi raawwatamu yookiin murtiin kennamu lakkaawamuu darbiinsa yeroo addaan ni kuta.
Bari darbiinsa yeroo yommuu addaan yeroo citu,irra-deebiin akka haaraatti lakkaawamuu ni eegala.
Addaan cituun darbiinsa yerichaa bu’aa daanga maaleessani qabaata; hirmaattota yakkaa ta’uun isaanii kan
beekamaniis ta’e kan hin beekamne hundarrattiaddaan cituun isaa kan ragga’u ta’a.
Keewwata 222. Darbiinsa Yeroo Daanga Maleessa.
Darbiinsi yeroo himannaa idilee sababa kamiiniyyuu/Keewwata 217/ daachaan yeroon isaa yoo darbe
yookiin darbiinsa yeroo addaa iyyannoo dhuunfaa yoo ta’e/Keewwata 218/, baruma kana keessaa yeroon
walakkaa caalu kan darbe yoo ta’e, himanaan yakkicha irratti dhihaatu yookiin hordoffiin tasifamu darbiinsa
yeroodhaan hafa ta’a.
Kutaa Xiqqaa Lama
Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo
Keewwata 223. Qajeeltoofi Bu’aa Isaa
1.
Seeraan haala birootiin ifatti kan tumame yoo ta’e malee, adabamticha irratti adabbiin murtaa’e sababa
kamiiniyyuuarmaan gaditti yeroowwan keewwata 224-228 jalatti ibsaman keessatti osoo hin
raawwatamiin kan ture yoo ta’e, mirgi adabbicha raawwachiisuu hafaa ta’a; adabbiin yookiin tarkaanfiin
eeggannoo murtaa’e raawwatamuu hin danda’u.
83
Barri darbiinsa yeroo adabbii muummee raawwatiinsa adabbii dabalataafi tarkaanfilee eeggannoo ni
hambisa. Akkaasumas, barri darbiinsa yeroo adabbii muummichaa dhaalama qabeenyaa adabbii wajjin
walqabata ta’e irratti raawwatiinsa ni qabaata. Ta’us, tarkaanfileen eeggannoo adabbii muummee malee
yommuu murta’an tumaaleen keewwata 224 (1) (d) raawatamaa ni ta’u.
2.
Abbootiin aangoo abbaa seerummaa yookiin bulchiinsa dhimmichi ilaallatu kaka’umsa ofiisaaniitiin
dambii adabbii darbiinsa yeroo kabajanii eeguuf ittigaafatamummaaqabu.
3.
Adabbiin murtaa’e sababadhorkamuu bara darbiinsa yeroon osoo hin raawwatamin yoo hafellee,
galmee yakkamtoota keessatti akka galmaa’etti ni tura.
Keewwata 224. Bara Darbiinsa YerooAdabbii Idilee
1.
Barri darbiinsa yeroo adabbiifi tarkaanfilee eeggannoo kan ragga’u haala armaan gadiitiin ta’a;
(a) murtii du’aaf, yookiin hidhaa cimaa umurii guutuuf waggaa soddoma,
(b) adabbii bilisummaa dhabsiisuu waggaa kudhanii ol ta’eefwaggaa digdama,
(c) adabbii bilisummaa dhabsiisuuwaggaa tokkoo ol ta’eef waggaa kudhan,
(d) murtii adabbii yookiintarkaanfii eeggannoobiroo kamiifiyyuu waggaa shan.
2.
Adabbiileen dacha kan murta’an yoo ta’e, adabbiileen salphaa ta’an darbiinsa yerootiin hafaa kan ta’an,
hundumaa keessaa adabbiin cimaa ta’e yommuu darbiinsa yerootiin hafaa ta’u dha.
Keewwata 225.LaakkoofsaBara Darbiinsa yeroo Adabbii
1.
Barri darbiinsa yeroo adabbii lakkaawamuu kan eegalu, murtichi murtii dhumaa ta’ee
raawwatamuu guyyaa itti danda’u irraa eegalee, yookiin murtichi raawwatamuu eegaleera yoo
ta’e,adabamaan murtiin kun akka irratti hin raawwanneef guyyaa miliqe irraa eegalee ta’a.
Adabamtichi murtiin erga dhorkameefii booda ajajni murtii daangessuu kan haqame yoo ta’e,
yeroon darbiinsa yerichaa kan lakkaawwamu raawwiin adabbicha akka itti fufu guyyaa ajajame irra
eegaleeti.
2.
Adabbileen dacha kan murtaa’an yoo ta’e, lakkoofsa yeroo darbiinsa yerichaatiif bu’uura kan ta’u,
darbiinsa yeroo adabbii hundumaarra cimaa ta’edha.
Keewwata 226. Dhorkamuu Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfii Eegganno
Barri darbiinsa yeroo adabbii dhorkamee kan turu:
(a) raawwii adabbii yookiin tarkaanfilee eeggannoo akka seerichaatti raawwatamuu yookiin raawwiin isaa
ittifufuu yommuu dadhabetti, hanga gufuun kun turuutti,
(b) adabamtichi murtiin dhorkameefii korooraan hiikamee yookiin yeroon kaffaltii idaa kennameeraaf yoo
ta’e, yeroon murtaa’e hanga hin xumuramnetti,
84
(c) adabbii bilisummaa dhabsiisuun yookiin tarkaanfilee eeggannoo biroo raawwachiisuuf hidhamee hanga
turuttidha.
Keewwata 227.Addaan Cituu BaraDarbiinsa Yeroo Adabbii
Barri darbiinsa yeroo adabbii kan addaan citu, abbaa aangoo itti gaafatamummaan raawwachiisu
kennameefiingochiadabbicha raawwachiisuuf yookiin gara raawwii adabichaatti qajeelchu hojiirraa akka
oolu guyyaa jalqabame irraa eegaleeti.
Keewwata 228. Bara Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo Daangamaleessa.
Bara darbiinsa yeroo adabbii idilee seera qabeessaaf /Keewwata 224/ yeroon walakkaa caalu yoo darbe,
balleessichi yeroo kan keessatti itti yaadee yoo xiqqaate yakka hidhaa cimaan adabsisuu raawwachuun
balaafamummaa isaa yoo agarsiseen malee, raawwiin murtii adabbii yookiin eeggannoo sababoota kamiin
iyyuu yoo ta’e hafaa ta’a.
Kutaa Sadii
Dhiifamaa fi Baraarsa
Keewwata 229. Dhiifama
1.
Seeraan haala biroon yoo tumame malee, adabbiinmurtiidhaan murtaa’e qaama aangoonkennamefiin
guutummaan yookiin gartokkeen dhiifamaan hafaa ta’uu yookiin akaakuua adabbii salphaa ta’etti
jijjiiramuu ni danda’a.
Sadarkaan cimina isaanii kamiiniyyuu yoo ta’e, adabbiilee muummeenis ta’e yookiin dabalataan
raawwatamoo ta’aniifi tarkaanfilee eeggannoof dhiifamni kennamuu ni danda’a.
2.
Haalli kenniinsa dhiifamaa seeraan akka tumametti ta’e; haalafi daangaa dhiifama itti kennamu ni
murteessa.
Dhifamni yommuu kennamu murtiin adabamticha irratti murtaa’e bu’aa hordoffiisuu waliin galmee
yakkamtootaa irratti galmaa’ee ni tura.
Keewwata 230.Baraarsa
1.
Seeraan haala birootiin yoo tumame malee, haalonni yommuu qorataman barbaachisummaan
tarkaanfichaa kan fayidu ta’uu isaayommuu agarsiisan,yakkoota walfakkaataniif yookiin
85
yakkamtoota sadarkaa tokkorratti argamaniif daangaa tokko malee yookiin daangaalee yookiin
dirqamoota tokko tokkoon qaama ragummaa qabuun baraarsi waliigala kennamuu ni danda’a.
Haalli kenniinsa baraarsaa akkaataa seeraan tumameen ta’a, seerichi kaayyoo isaa, eenyummaa
faayadamtootaafi daangaa raawwatamiinsa isaa ifatti murteessuu qaba.
2.
Barraarsi yeroo kenname irraa eegalee, himannaan yakkaa kamiyyuu akka hin jalqabamne yookiin
akka itti hin fufne ni dhorka.
Dhimma baraarsi kenname irratti adabbiin kan murta’e yoo ta’e, baraarsichii adabbichafi bu’aalee
yakkaa biroo adabbichi hordofsiisuu kamiiniyyuu ni hambisa. Martiin balleessumaas akka hin
turretti lakkaawamee galmee yakkamtootaa irraa ni haqama.
Keewwata 231. Baasiifi Beenyaa Gama Hariiroo Hawaasaatiin Kaffalamu
1.
Dhiifamafi baraarsi gama hariiroo hawaasaatiin kan bade akka turetti deebisuufi miidhaa
miidhamaarra ga’eef beenyaafi baasii kaffalamu hin hambisu.
2.
Ajaja dhifamaaf yookiin baraarsaaf kennamu irratti haala adda ta’een yoo ibsame malee
mootummaaf kaffalamuu kan qabuufi kasaaraan hin kaffalamne dhiifamaan yookiin baraarsaan ni
haqama.
Kutaa Afur
Moggaasuu
Keewwata 232. Qajeeltoo
1.
Adabbii itti murtaa’e kan xumure yookiin adabbichi darbiinsa yerootiin yookiin
dhiifamaan kan hafeef yookiin murtiin yookiin raawwiin adabbii kan dhorkameef yookiin
korooraan (sharxiin) kan gadilakkifame balleessaan kamiyyuu, dirqamoota seeraa kanatti aananii
jiran yoo raawwate, adabamuun dura maqaa gaarii inni qabu deebi’eefii akka moggaafamuufi
murtiin itti murtaa’e akka haqamu gaafachuu ni danda’a.
Moggaafamuun kan argamu hojii gaariin malee gaaffii naaf ta’aan miti
2.
Yakkamtichi osoo hin adabamiin dura maqaa gaarii qabutti deebi’ee akka moggaafamu gaaffii
dhiheessuuf dandeettii yoo dhabe yookiin kan du’e yoo ta’e, bakka bu’aan seeraa isaa yookiin firoota
dhihoo isaa keessaa tokko gaafficha dhiheessuu ni danda’a.
Keewwata 233. Haalawwan Moggaafamuuf Barbaachisan
Manni murtichaa moggaafamuu kan hayyamu;
(a) adabbichi adabbii cimaa, hanga dhumaatti biyyaa bahuu yookiin dhaalamuu qabeenyaa yoo ta’e,
guyyaa adabbichi xumurame yookiin darbiinsa yerootiin dhorkamee jalqabee, yookiin adabbichi
sababa dhiifamaan haqamuu isaatiin, adabamtichi guyyaa gadilakkifame irraa eegalee yookiin
86
adabamtichi
adabbichi
dhorkameefi yookiin korooraan (sharxiin)
gadilakkifamee yeroo
qoramaatasaa nagaan kan xumure yoo ta’ee, guyyaa adabbichi dhorkameef yookiin korooraan
gadilakkifame irraa eegalee yoo xiqqaate yeroon waggaa shanii kan darbe yoo ta’e, haala birootiin
garuu yeroon darbe yoo xiqqaate waggaa lama yoo ta’e;
(b) adabbiin dabalataa murtaa’e yoo jiraatee, adabbiin kun raawwateera yoo ta’ee; fi
(c) adabamtichi gadi lakkifame hanga dandeettii isaafi haalli yeroo hayyamuufiin ofiisaa ni raawwataa
jedhamee haala tilmaamamuun beenyaa murtiin itti murtaa’e, kasaaraa abbaa seerummaafi kan
biroo kamiiniyyuu haala barbaachisaa ta’een xumuree kan kaffale yoo ta’e;
(d) adabamtichi gadi lakkifame yeroo qubee (a) jalatti ibsame keessatti amala gaariin kan qajeelfame
yoo ta’eefi yakka hidhaan aadabsiisan kamiiniyyuu balleessaa osoo hin ta’in yoo turedha.
Armaan Olitti qubee (a) jalatti kan ibsame moggaaffamuuf kan geessisu yeroon gabaabaa
raawwatiinsa kan godhatu, seera kana keewwata 67 waa’ee irra daddeebiif daangaa yeroo tumamee
hanga hin tuqinittidha.
Keewwata 234. Haalawwan Addaa
1.
Nama adabbiin darbiinsa yerotiin dhorkameef yoo ta’e, adabbicha osoo raawwateera ta’ee,
yeroonaddabichi itti xumuramu qabu ture osoo hin darbiin dura ajajni moggaasuu kennamuu hin
danda’u.
2.
Adabamaan maqaan isaa akka haaromfamuuf gaafatu tajaajila ummataa, humna ittisa biyyaan
yookiin hawaasummaan gumaacha adda galatoomfachiisutaasisee yoo argame, yeroon murtaa’e
osoo hin darbiin dura moggafamuun hayyamamuufii ni dandaa’a.
Keewwata 235. Bu’aalee Moggaafamuu
Moggaaffamuun murtii kan haqu waan ta’eef bu’aalee armaan gadii ni hordofiisa;
1.
Namni adabamee ture guyyaa moggaafame irraa eegalee murtiin mirgaa, gonfa yookiin dhabiinsa
dandeetti itti murtaa’ee ture gara fuldaraati hafaa ta’eefii dandeetti mirga hawwasummaafi maatii
bulchuu,mirga hojii ogummaa hojjechuu deebisee qabachuuf dandeetti ni qabaata.
2.
Murtiin adabbichaa galmee yakkamtootaa irraa ni haqamaaf, gara fuldurattis akka itti hin
murtoofneetti lakkaa’ama.
3.
Diinummaan Yookiin sababa biroo kamiiniyyuu yoo ta’e, balleessaa darbe kaasuun qeequun nama
qeequ yakka maqaa balleessuutiin ni adabsiisa, faayidaa ummataaf kan taasifamedha jechuun of
irraa ittisuunis hin danda’amu.
87
Keewwata 236. Gaaffii Moggaafamuuf Dhihaatu Fudhachuu Dhiisuufi Gaaffficha Irraa Deebi’anii
Dhiheeffachuu.
Gaaffii moggaaffamuuf dhihaate gahaa miti jechuun manni murtii osoo hin fudhatin kan hafe yoo tahe,
waggaan lama osoo hin darbiin irra deebi’uun gaaffii dhiheessuun hin danda’amu.
Keewwata 237. Murtii Kenname Haquu.
Akka moggaafamu erga hayyamameefi booda waggaa shan keessatti du’aan yookiin hidhaa cimaan akka
adabamu murtiin dhummaa irra deebi’ee yoo itti murtaa’e, moggaasni heyyamameef ni haqama;
akkasumas, irra deebi’amee akka moggafamu hayyamamuufiin hin danda’u.
Kutaa Guddaa Lammaffaa
Kutaa Addaa
Kitaaba Sadaffaa
Yakkoota Fayidaalee Mootummaa, Biyyaafi Addunyaalessaa Irratti Raawwataman
Mata Duree Tokkoo
Yakkoota Mootummaa Irratti Raawataman
Boqonaa Tokko
Yakkoota Biyyarratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Sirna Heera Mootummaafi Nageenya Keessoo Biyyaa Irratti Raawwataman
Kutaa Xiqqaa Tokko
Yakkoota Heera Mootumaafi Mootumaa Irratti Raawwataman
Keewwata 238. Yakka Heera Mootumaafi Sirna Heera Mootummaa Irratti Raawwatamu.
1.
Namni Kamiyyuu humnaan, dhaadannaan, korannaan Yookiin karaa seeraa ala ta’e kamiiniyyuu itti
yaadee:
88
(a) heera mootummaa federaalichaa yookiin kan naannoo kan diige, kan jijjiire, yookiin kan dhorke
yoo ta’e; yookiin
(b) sirna heera mootummaa federaalichaan yookiin naannootiin hundeeffame kan diige yookiin kan
jijjiire yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Yakkichi yommuu raawwatamu nageenya yookiin jireenya ummataarra jaqumsi olaanaan gahee yoo
jiraate;raawwatichi hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 239. Hojiirra Oolmaa Aangoo Heera Mootummaatiin Kennamee Gufachiisuu
Namni kamiyyuu gocha humnaatiin, dhaadannaan yookiin karaa biroo seeraa alaa ta’e kamiiniyyuu qaama
yookiin abbaa aangaa aangoon heeraa mootummaa Federaalaan yookiin naannotiin kennameef hojii isaa
akka hin hojjenneef kan gufachiise, kan dhorke yookiin dirqisisee murtii akka keennuu kan taasise yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 240. Meeshaa Waraanaa Qabatanii Finciluun, Yookiin WaraanaSumaansii (Civil War)
Kaasuun Mootummaarratti Yakka Raawwatamu.
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) qaamolee yookiin abbootii aangoo heera mootummaatiin hundeeffaman irratti uummanni,
loltoonni yookiin faannonni fincila hidhannoo akka kaasaniif kan gurmeesse yookiin kan
qajeelche yoo ta’e; yookiin
(b) lammiilee yookkiin jiraattota biyyaa hidhachiisuun yookiin gareen tokko isa biroo irratti
meeshaa waraanaa akka kaasu kakaasuun waraanni sumaansii akka ka’u kan taasiseyoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Gochichi nageenya yookiin jireenya ummataa irratti jeequmsa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e;
hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabsiisa.
3.
Namni kamiyyuu fedhii isaatiin haala keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen sochii gurmaa’e
yookiin ka’e keessatti kan hirmaateyoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa digdamaa gahuu danda’uun ni adabama.
4.
Namni
gurmeessu
yookiin
hirmaatu
sun
lubbuu,
bilisummaa,
qaama,
fayyaa
yookiin
qabeenyanamaarratti miidhaa geessissuun isaa yookiin yakka biraa raawwachuun isaa yoo irratti
mirkanaa’e bu’uura seera yakka kanaaf rogummaa qabuutiin dabalataan itti gaafatamaa ni ta’a.
Keewwata 241. Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu.
Namni kamiyyuu humnaan yookiin karaa heera mootummaatn walfaalleessu biroo kamiiniyyuu, kallattiin
yookiin alkallattiin, tokkummaan ummata biyyattii akka diigamu yookkiin federeeshinichi akka gargar
89
qoqqoodamu, yookiin daangaa yookiin ummata federeeshinicha irraa gar tokko akka foxxoqu gocha taasisuu
kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbicha ulfaataa
yommuu ta’utti hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 242.Birmadummaa Daangaa Yookiin Siyaasaa Biyyattii Cabsuun Yakka Raawwatamu.
Namni kamiyyuu qajeeltoowwan seera, dambiilee yookiin waliigalteewwanaddunyaalessa yookiin seera
biyyattii cabsuun:
(a) gocha nageenya uummataaf yaaddeessaa ta’e raawwachuuf gara daangaa biyyattii kan seene yoo
ta’e; yookiin
(b) hojii aangoo Itoophiyaa ta’e keessa, keessumattuu hojimaata hojiiqorannoo, sakatta’iinsaa yookiin
murtii ta’e keessa seenee, mootummaa yookiin jarmiyaa biyya alaatiif otuu hojjetuu kan argame yoo
ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’utti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 243. Karaa Seeraa Ala Ta’een Biyyaa Ba’uu, Biyyaa keessa Seenuu Yookiin Biyyattii Keessa
Jiraachuu.
1.
Namni kamiyyuu itt yaadee:
(a) seera mootummichaa darbuun biyyaa kan ba’e, gara daangaa biyyattii kan seene, yookiin
biyyattii keessa kan jiraate yoo ta’e; yookiin
(b) gochoota armaan olitti qubee (a) jalatti ibsaman keessaa tokko akka raawwatamu kan taasise
yoo ta’e;
hidhaa salphaanyookiin adabbii maallaqaan yookiin lamaaniinuu ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu kallattiinis ta’ee alkallattiin faayidaa seeraan alaa argachuuf yaaduun nama
Itoophiyaa keessa dhaabbiin jiraataa hintaane, yookiin lammummaa Itoophiyaa hin qabne gara
biyya biroo akka galu kan taasise yoo ta’e; yookiin seeraa ala gara Itoophiyaa akka seenu kan
dandeessisuu sanada yookiinsanadayookiin waraqaa eenyummaa waliindha’ame akka qophaa’uu
kan taasise, kan dhi’eesse yookiin qabatee kan argame yoo ta’e; yookiin namni sun sirna seerri
gaafatu osoo hinguutiin Itoophiyaa keessa akka turuuf gocha kamiiniyyuu kanraawwate yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabama.
3.
Yakkakeewwata kana keewwata xiqqaa (2) darbuun raawwatameen lubbuun yookiin nageenyi
koolugaleessichaabalaa irra kan bu’e yoo ta’e, yookiin haala qabiinsa alnamomaafi garajabinaa ta’eef
kan saaxilamee yoo ta’e, namni yakkicha raawwate hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa
kudha shanii gahuun ni adabama.
90
4.
Gochoota keewwata kana keewwata xiqqaa (1) (a) jalatti tarreeffaman keessaa tokko akka
raawwatamu kan gargaare jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e; bu’uura seera kana
keewwata 90n ni adabama.
5.
Gochichi gochadambii darbuu ifaa ta’e yommuu ta’u, seerri dhimma kanaaf tumamee raawwatamaa
ni ta’a.
Kutaa xiqqaa Lama
Biyya Sarbuu
Keewwata 244. Mootummaa Biiyyatti, Akkasumas Mallattoolee Biyyaattifi Mallatoolee Mootummaan
Beekaman BirooSarbuu.
1.
Namni kamiyyuu jechaan yookiin gochaan yookiin haala biroo kamiiniyyuu ifatti mootummaa
biyyatti kan salphise, arrabse, maqaa isaa balleesseyookiin sobaan yakke yoo ta’e;
hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yokiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shanii gadi hin
taaneen ni adabama.
Gochi maqaa balleessuu, sobaan yakkuu, salphisuu yookiin arrabsuu rawwatameera kan jedhamu
bu’uura keewwata 613 fi 615 n ta’a.
2.
Namni kamiyyuu dabaan, tuffiin yookiin yaadota kana fakkaatan kamiiniyyuu ifatti kan beekame
mallattoo biyyaa jechuunis alaabaa yookiin asxaa Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa
akkasumas, alaabaa yookiin asxaa mootummaa naannoo ifatti kan tarsaase, kan gube, kan balleesse,
kan sarbe, kan mancaase, kan arrabse yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e, hidha
salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 245. Mallattoolee Beekamootti Seeraan Ala Tajaajilamu
Namni kamiyyuu dhimmaa tajaajila kamiifiyyuu yoo ta’e, seera kana keewwata 244 jalatti alaabaawwan
yookiin mallattoolee ibsamanitti seeraan kan eeyyamamuu alatti kan itti tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabbaa.
Kutaa Lama
91
Nageenya Alaafi Humna Ittisa Mootummaa IrrattiYakkoota Raawwataman
Keewwata 246. Yakka Bilisummaa Biyyaa Irratti Raawwatamu.
Namni Kamiyyuu:
(a) bilisummaa biyyattii balaarra buusuuf yookiin biyyattiin birmadummaa ishee akka dhabdu;
(b) bilisummaa biyyattii balaa irra buusuuf mootummaan biyya alaa gidduu akka seenu jajjabeessuuf;
yookiin
(c) mootummaan biyya alaa gocha diinummaa biyyatti irratti akka raawwatu yookiin biyyattiin
mootummaa biyya alaa waliin akka walwaraantu yookiin goch diinummaa akka ishee irratti
raawwatamu, diinummaan akka marfamtu yookiin akka qabamtu, yaaduun gocha kamiiyyuu kan
raawwate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun yookiin dubbichi
cimaa yommuu tahu hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 247. Humna Ittisa Biyyaa Miidhuu
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) uumamaan amala raayyaaf ooluu kan qaban yookiin ittisa biyyaatiif akka ta’an kan
karoorfaman,jaarmiyaalee dinagdee, dhaabbata
yookiin bakka hojii ittisa biyyaa, mala
walqunnamtii yookiin geejiba, hojii, mankuusii, meeshaa yookiin mi’awaraanaakamiyyuu seeraan
ala dabarsee kennuun, diiguun, hojii dabaaraawwachuun yookiin tajaajilaaf akka hin oolle
taasisuun;
(b) mootummaa biyya alaa diina ta’eef loltoota dhiheessuun, yookiin lammiileen Itoophiyaa biyya
diinaa kanaaf loltummaan akka tajaajilan filun yookiin sosobuun, yookiin ofumaaf lammii
Itoophiyaa ta’ee mootummaa biyya diinaa kanaaf hiriiruun;
(c) loltuun waraanaa tajaajila loltummaa raawwachuu akka didu, fincila loltummaa akka kaasu, yookiin
akka ganu, ifatti kakaasuun, yookiin nama dirqama loltumaa qabu yakkoota kana keessaa tokko
akka raawwatu jajjabeessuun yookiin akka kaka’u taasisuun; yookiin
(d) tarkaanfilee eeggannoo lolaa tajaajila ittisa biyyaatiif oolan gufachiisuun, mancaasuun yookiin
tooftaa biroo kamiiniyyuu gocha jal’inaa raawwachuun,
humna ittisaa Itoophiyaa irra miidhaa kan geessise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun yookiiin dubbichi
baayyee ulfaataa yommuu tahe, keessummattuu yeroo waraanaa yookiin waraanni yaaddessaa
ta’etti yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 248.Ganiinsa Olaanaa
92
Namni lammii Itoophiyaa ta’e yookiin fayidaa biyyooleessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan
itti kenname:
(a) meeshaa waraanaa qabachuun yookiin gocha lolaan Itoophiyaa kan morme yoo ta’e;
(b) humna Itoophiyaa waliin walwaraanu waliin yookiin nama yookiin jaarmiyaa faayidaa humna
kanaatiif hojjetu waliin waliigaluun yookiin, iccitiin walqunnamuun humni kun akka itti
mijaa’uufiifiakka milkaa’uuf haala kamiin iyyuu kan gargaare yoo ta’e; yookiin
(c) mi’oota, meeshaalee waraanaa, planoota, barreeffamoota ragaa ta’an yookiin wantoota tajaajila
ittisa biyyaatiif oolan kamiyyuu kallattiin yookiin alkallattiin diinaaf dabarsee kennuun yookiin
tajaajilaafi meeshaalee kana fakkaatan dhiheessuun diina kan deggare yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi
ulfaataa yommuu tahu hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 249. Ganu
1.
Namni lammii Itoophiyaa ta’e yookiin faayidaa Itoophiyaa akka eegsisuuf imaanaan ifatti itti
kenname kamiyyuu itti yaadee:
(a) iccitii faayidaa Itoophiyaa eegsisuuf iccitiin akka eegamuufi akka hin ibsamne taasifame,
sandayookiinarshammee, dhimma ergamtummaa yookiin murtii tokko ummataaf yookiin
mootummaa biyya alaaf, jaarmiyaa siyaasaaf, jaarmiyaa biroo yookiin bakka bu’aa isaatiif kan
ibse, dabarsee kenne, oduu isaa kan dabarse, yookiin ifatti akka himamu kan taasise yoo ta’e;
(b) bakka bu’aa yookiin ergamaa mootummaa Itoophiyaa ta’ee, dhimma mootummaa biyya alaa
waliiin akka raawwatuuf ergame yookiin faayidaaItoophiyaatiif falmuufi raawwachuu qabu
haala ifa ta’een akka gufatu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(c) sanadoota, baarreeffamoota, yookiin ragoota nageenyaa, bilisuummaafi faayidoota gurguddoo
Itoophiyaa ilaallatan kan balleesse, kan mancaase, kan dhokse, akka badan kan taasise, yookiin
gara sobaatti kan jijjiire yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
2.
Gochaan isaa jiraachuu yookiin bilisummaa Itoophiyaa kallattiin balaa cimaa irra kan buusu yoo
ta’e, manni murtichaa hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’u
murteessuu ni danda’a.
3.
Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, adabbiin isaa hidhaa salphaa ji’a jahagadi
hin taane ta’ee akkuma cimina dubbichaatti hanga hidhaa cimaa waggaa shaniitti ol ka’uu ni
danda’a.
93
Keewwata 250. Ganuu Dinagdee
1.
Namni lammii Itoophiyaa ta’e, yookiin faayidaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti
kenname kamiyyuu itti yaadee:
(a) faayidaa ol’aanaa Itoophiyaa yookiin humna ittisaaf jecha iccitiin kan eegamuufi amala
dinagdummaa kan qabu wal-qunnamtii ergaa, murtii, waan hojjetame yookiin sanadaummataaf
yookiin nama biyya alaaf kan ibse, dabarsee kan kenne, qabiyyee isaa kan dabarse, yookiin
isaanumti kun akka argatan kan taasise yoo ta’e;
(b) mi’oota, meeshaalee yookiin wantoota biroo kana fakkaatanakka eeguuf ittigaafatamummaan
itti kennaman kan ibse yookiin dabarsee kan kenne yoo ta’e; yookiin
(c) dhimma liqii mootummaanItoophiyaa waliin wal waraanu baase irratti kan hirmaate yookiin
maallaqa yookiin qabeenya liqichaaf oolu kan buuse yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalleen ni adabama. Dubbichi yommuu ulfaataa ta’etti hidhaa cimaan kun hanga waggaa
digdamaa gahuu ni danda’a.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni
adabama.
Keewwata 251.Dinaan Waliigaluu.
Namni lammi Itoophiyaa ta’e yookiin faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti
kenname kamiyyuu,Itoophiyaanwaraana irratti yommuu argamtu yookiin daangaan ishee hundi yookiin
gar-tokkeen diinaan yeroo wareerametti, kaayyoo diinaa milkeessuuf yaaduun gorsaanis ta’e gochaan diina
kan deggare yoo ta’e; keessumattu:
(a) maqaa diinaatiin hojii siviilii yookiin bulchiinsaa kutaalee seera hiiktuu,poolisiitti, mana hiidhaatti,
eegumsatti, geejjibaatti yookiin kanneen kana fakkaatan birootti kan raawwate; yookiin
(b) to’annoo diinaa jalaa miliquuf kan barbaadan loltoota garee biyyaayookiin baqattoota diinaaf kan
saaxile yookiin dabarsee kan kenne; yookiin
(c) hojii olola,maxxansaa yookiin mala wal-qunnamtii biroo faayida diinaa yookiin wareertoota
tarkaanfachiisu, keessatti kan hirmaate; yookiin
(d) Kallattiin yookiin alkallattiin dhimmaa dinagdee irratti kan waliin hojjate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’utti hidhaa cimaa
umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 252. Basaasa
1.
Namni kamiyyuu mootummaa biyya alaa tokkoof yookiin jaarmiyaa siyaasaa biyyaa alaa tokkoof
yookiin faayidaa jaarmiyaa biyya alaa biroo kamiifuu jecha Itoophiyaa irratti, jaarmiyaalee ishee
irratti, dhaabbilee ishee irratti yookiin lammiilee ishee irratti miidhaahaala geessisuun;
94
(a) tajaajila siyaasaa, dippiloomaasii, kan loltuu yookiin kan dinagdee kan gurmeesse, hojii
kanarratti hirmaataa kan ta’e yookiin kan deggeere yookiin tajaajila kanaaf nama biroo kan file
yookiin kan mindeesse yoo ta’e; yookiin
(b) basaasa kanaaf kan tajaajilu odeeffannoo kan walitti qabe, kan dabarse yookiin akka argamu
kan taasise yookiin odeeffannoo iccitiin eegameefi ummata biratti ifatti hin beekamne manneen
hojii mootummaan yookiin dhuunfaan dhaabbataniif yookiin bakka bu’oota isaaniif akka
ibsamu kan taasise yoo ta’e;
Basaasni kun kan raawwatame faayidaa mootummaa yookiin ummataa irratti haala miidhaa
fiduun yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama. Basaasni kun miidhaa
kan geessise nama dhuunfaa yookiin waldaa dhuunfaa irratti yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa
shan hin caalleen ni adabsiisa.
2.
Basaasni kun tasgabbii keessaafi alaa mootummaa kallattiin miidhuuf kan taasifame yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdama hin caallee ni ta’a. Dubbichi cimaa yoo ta’eefi
keessumattuu yeroo waraanaa yookiin waraanni yaaddessutti, yookiin baasasa siyaasaa,
dippiloomaasii, yookiin loltuu kan taasifame yoo ta’e; manni murtichaa hidhaa cimaa umurii guutuu
murteessuu ni danda’a. Basaasni kun kan taasifame jiraachuunItoophiyaa haala yaaddessaa irra
yeroo jirutti yoo ta’e adabbii du’aa ni murteessa.
Keewwata 253. Tumaaleen Kutaa Kanaa Mootummoota Waraanaaf Walta’aniifis Raawwatamaa
Ta’uu Isaanii
Yakkoota kutaa kana keessatti tumaman keessaa tokko mootummoota mootummaa Itoophiyaa waliin
waraanaaf walta’an yookiin walgargaaran irratti miidhaa qaqqabsiisuuf kan taasifame yoo ta’e, adabbiileen
kutaa kana keessatti tumaman ni raawwatamu. Kunis kan raawwatamu mootummaa seera kana fakkaatu
qabuuf ta’a.
Kutaa Sadii
Tumaalee Waliinii
Keewwata 254. Alkallattiin Gargaaruufi Jajjabeessuu
1.
Namni kamiyyuu sirna heera mootummaa biyyaattii, birmadummaa siyaasaafi daangaa, humna
ittisaa yookiin nageenya keessaafi alaa irratti yakki kan raawwatame yookiin raawwatamuuf kan
yaalame ta’uu isaa yookiin yakki akka raawwatamu hojiin qophaa’uu raawwatamuu isaa osoo
beekuu abbaa aangootti osoo hin beeksisiin kan hafe yookiin balichi akka hin geenye yookiin
raawwwatichi akka qabamu waan danda’amu kan hin raawwanne yoo ta’e; sababa humnaa ol ta’een
yookiin sababa ifa ta’een beekssisuuf dadhabuu isaa yoo ibse malee;
95
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame nageenyi keessaafi alaa biyyattii haala yaaddeessaa irra yeroo jirutti yoo
ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ta’a.
3.
Haalawwan kun yommuu muudatanittiraawwatichi dirqama abbaa aangootti beeksisuuf qabu jalaa
miliquuf jedhee, iccitii hojii yookiin ogummaa isaa sababa godhachu hin danda’u.
4.
Hariiroonmichummaa cimaa yookiin firummaa inni balleessicha waliin qabu dhimmoota armaan
olitti tuqamaniif sababa ittisaa ta’uu hin danda’u/keewwata 83/.
Keewwata 255. Hojii Yakkaaf Kakaasuufi Miiltummaa, Yaalii Kakaasuufi Miiltummaa
Yakkoota keewwata 238 hanga 242 , keewwata 246 hanga 252 tti armaan olitt ibsaman keessaa tokko osoo
hin yaalamiin yeroo hafetti hojiin yaalii kakaasuu yakkaa yakkichi akka raawwatamu taasifame/keewwata
36(2)/, miiltummaa/keewwata 37(3)/, yaalii miiltummaa yookiin kakaasuu /Keewwata 27(2)/;
Hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uun; yookiin keessumattuu gochi kun balaa
inni geessisuu danda’u baayyee cimaa yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.
Keewwata 256. Gochoota DabaAkaakuu QabatamaaTa’een Qopheessuu.
Namni kamiyyuu,yakkootaarmaan olitti keewwatoota 238-242, keewwata 246-252 jalatti tumaman keessaa
yakkatokko raawwachuuf:
(a) loltoota, riphee loltoota, faannota yookiin loltoota bitamtuu kan file, kan gurmeesse yookiin gara
biyya keessaa kan galche yoo ta’e; yookiin
(b) meeshaalee waraanaa, rasaasota, galaa maallaqa yookiin wantoota qabatamaa kanneen fakkaatan
kan qopheesse, kan kuuse yookiin gara biyya keessaatti kan galche yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 257.Tuttuquufi Gocha Qopheessuu Qabatamaa Hin Taane
Namni kamiyyuu yakkoota armaan olitti keewwata 238-242, keewwata 246-252 jalatti tumaman keessaa
tokko akka raawwatamu taasisuuf yookiin deggaruuf:
(a) haasawaan, fakkiin yookiin barreeffamaan ifatti kan tuttuqe yoo ta’e; yookiin
(b) faannonni biyyaa keessattis ta’e biyyaalaatti akka gurmaa’an kan korate, karoora kan baase yookiin
kantuttuqe yoo ta’e; yookiin
(c) garee faannoo kana fakkaatan keessa kan seene, karooricha irrattis kan waliigale,Yookiin ajaja isaas
kan hordofe yoo ta’e; yookiin
96
(d) mootummoota,jaarmiyaa siyaasaa yookiin kan biroobiyya alaa yookiin bakka bu’oota isaanii waliin
hariirookan uume yookiin walitti dhufeenya iccitiitiin kan deggare yoo ta’e; yookiin
(e) hamilee uummatta gadi buusuufi amantaa isaa yookiin dandeettii dandamachuu isaa diiguuf
karoorsuun, mala qindaa’een wanta sirrii hin taane, jibbaan kan guutame yookiin ejjennoo jiru kan
diigu odeeffannoon, haasawaan, barreeffamaan yookiin fakkiidhaan kan tamsaase yookiin kan beeksise
yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin balaa gochi kun silaa dhaqqabsiisuu danda’u keessumattuu baayyee olka’aa kan
ta’e yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 258. Haala Cimaa
Boqonnaa kana keessatti yakkichi hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan akka adabsiisu haalawwan
seerichi tume hundatti, manni murtichaa adabbii du’aa kan murteessu:
(a) yakkichi kan raawwatame biyya irratti jeequmsi yommuu gahetti yoo ta’e yookiin jeequmsi yookiin
lolli sumaansii kun yookiin waraanni biyya alaa wajjin taasifamu yommuu yaaddeessutti, yookiin
giddu seentummaan mootummaa biyya alaa yommuu jiraatuttu,yookiin sababa jeeqamuuu
tasgabbiin labsiin yeroo ariifachiisaa raagga’eeyommuu jirutti yookiin haalawwan addaa jiraachuun
isaanii ifatti yommuu himametti yoo ta’e; yookiin
(b) gochoonni kun kan karoorfamaniifi raawwataman korannaa irraa kan ka’e yoo ta’e yookiin
gartuulee meeshaa waraanaa hidhataniin yoo ta’e; yookiin
(c) yakkamtichi qabeenya,meeshaa waraanaayookiin gargaarsa yookiin deggersa haala kamiiniyyuu
biyya
alaa
yookiin
jaarmiyaa
siyaasaa
yookiin
kanbiroo
mootummaa
biyya
alaa
irraaargatuunyakkicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(d) boombiin, dimaamitiin yookiin meeshaa dhowuunyookiin,meeshaa shororkeessaa namoota hedduu
irratti balaa geessisuu danda’uun yookiin mala kana fakkaatubirookamiiniyyuu yakkicha
raawwateera yoo ta’edha.
Keewwata 259. Adabbiilee Dabalataafi Tarkaanfilee Eeggannoo.
1.
Boqonnaa kana keessatti kan tumame yakki hidhaa cimaan adabsiisu kamiyyuu kan raawwatame
nama muudame
yookiin aangoon gaggeessuumaa kennameefiin yookiin faayidaa dhuunfaa
argachuu barbaaduun yoo ta’e; manni murtichaa adabbii kana waliin adabbii maallaqaa qarshii
kuma dhibba tokko hin caallee murteessuu ni danda’a.
2.
Balleessaan lammii biyya alaa ta’e hidhaa cimaa waggaa shanii yookiin isaa ol ta’e yoo itti murtaa’e;
adabbicha erga xumuree booda biyyaa akka bahu itti murta’a.
3.
Yakki ganuu, basaasaa yookiin iccitii dabarsanii kennuu raawwatamee yommuu argamu hunda
meeshaaleen,mi’oonni,xalayaalee ergaa, yookiin ragoonni raawwannaa yakkichaaf ta’an hundi ni
dhaalamu.
97
Keewwata 260. Qabeenya Dhaaluu
Lammiin Itoophiyaa yookiin namni faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti
kenname kamiyyuu yakkoota seera kana keewwata 238,240 fi 241, 246-251 fi 252 (2) jalatti tumaman
keessaa tokko raawwachuun balleessaa ta’ee kan itti murtaa’e yoo ta’e, manni murtichaa adabbii muummee
murteessu waliin qabeenyaan nama itti murtaa’e
bu’uura seeraatiin akka dhaalamu ajajuuni
danda’a/keewwata 98/.
Boqonnaa Lama
Mootumaa Biyya Alaarratti Yakkoota Raawwataman
Keewwata 261.Mootummaa Biyya AlaarrattiGocha Mormii Raawwatamu
Namni kamiyyuu daaangaa Mootummaa Itoophiyaa keessa ta’ee hariiroo mootummaan Itoophiyaa
mootummaa biyya alaa waliin qabu haala balleessuu danda’uun:
(a) gocha
dabaan,sobaan
yakkuun,
olola
jibbaanyookiin
humnaan
hojiin
siyaasa
yookiin
tasgabbiinkeessoo mootummaa biyya alaa akka jeeqamu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) waraana mootummoonni biyyaa alaa wal-waraanan keessa Itoophiyaan kan hin seenne ta’uu ishee
Gaazexaa Negaaritaa Federaalaarratti haala ifa ta’een kan labsame yookiin seera akaakuubiroo
mootummaan murtaa’ee tumamee kan darbe yoo ta’e; yookiin
(c) mootummaa biyya alaa waraanarra jirurratti gocha diinummaa akka raawwatamututuqe,kan
waliigale yookiinkan jajjabeesse yoo ta’e;
Yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a sadiin, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 262.Gaggeessitoota, Ergamtootaafi Namoota Seera Addunyaalessaatiin Eegumsa Argatan
BirooMootummoota Biyya AlaarrattiYaaka Raawwatamu.
1.
Namni Kamiyyuum, daangaa mootummaa Itoophiyaa keessattibilisummaa yookiin nageenya duree
biyyaa, gaggeessaa mootummaa, ministeera dhimma alaa, ergamaa yookiin maatii isaa yookiin
hordofaa isaa yookiin bakka bu’aa jaarmiyaa addunyaalessaa yookiin qaama nama eegumsa
addunyaalessaa argate biro biyya tokkoo irratti miidhaa kan geessise yookiin balaa kan buuse
yookiin dhaabbata keessatti hojjatu, mana dhuunfaa isaa yookiin konkolaataa isaa irratti balaa kan
geesise yookiin gochoota armaan olitti ibsaman raawwachuuf kan dhaadate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi yommuu raawwatamu keewwata xiqqaa (1) jalatti namoota ibsaman keessaa lubbuun
nama tokkoo kan darbe yoo ta’e, tumaaleen ajjeechaa namaa ilaalchisanii tumaman keessaa
rogummaa kan qaban raawwatamoo ni ta’u.
98
Keewwata 263 Daangaa Mootummaa Biyya Alaa Cabsuu
Namni kamiyyuu seera addunyaalessaa darbuun, gocha seeraan alaa raawwachuuf, jeequmsaa kaasuuf
yookiin gocha balaafamaa ta’e raawwachuuf jecha:
(a) daangaa mootummaa biyyaa alaa keessa kan seene yoo ta’e; yookiin
(b) daangaa mootummaa kanaa keessa ta’ee gocha daangaa aangoo mootummicha keessa jiru garmalee kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’u, hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 264. Mootummoota Biyya Alaa Salphisuu
1.
Namni kamiyyuu mootummaa biyyaa
alaa tokko kallattiin yookiin gaggeessaa isaa yookiin
miseensa diippiloomaatii mootummaa biyya alaa kana, itti waamamaa yookiin ergamaa kan ta’ekan
Itoophiyaa keessattiargamu, ifatti haasaan yookiin gochaan yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan
salphise, kan arrabse, maqaa kan xureesse, yookiin sobaan kan yakke yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Dubbichi ulfaataa yommuu ta’utti, keessumattuu gocha sobaan yakkuu yoo
ta’u hidhichi yoo
xiqqaate ji’a sadii ni ta’a.
Keewwata 265. Mallattoolee Biyya Alaa Beekamoo Salphisuu
Namni kamiyyuu mallattoolee birmadummaa beekamoo mootummaa biyya alaa hariiroo nageenyaa
mootummaa Itoophiyaa waliin qabuu, caalaattuu faajjii yookiin alaabaa bakka bu’aan mootummaa kanaa
fannisu miira lolaatiin, yaada jibbiinsaan, tuffiin yookiin miira kana fakkaatu kamiiniyyuu kan tarsaase, kan
gube, kan balleesse, kan mancaase, kan arrabse yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 266. Jaarmiyaalee Mootummoota Gidduutti Hundeeffaman Salphisuu
Namni Kamiyyuu jaarmiyaa yookiin dhaabbata Mootummoota gidduutti hundeeffameefi Itoophiyaan
miseensa taate bakka bu’aa isaa yookiin maallattoo isaa beekamaa ifatti kan salphise yoo ta’e, seera kana
keewwata 265 jalatti adabbii tumameen ni adabama.
Keewwata 267. Dugda Walii Baasuu
99
Boqonnaa kana keessatti yakkoota mootummoota biyya alaa irratti raawwataman ilaalchisee kan tumaman
hundi isaanii raawwatamoo kan ta’an, mootummoota seerota isaanitiin Itoophiyaaf eegumsa wal-fakkaataa
kennan qofaaf ta’a.
Tumaan armaan olitti ibsame jiraatuyyuu keewwata 253 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’a.
Keewwata 268. Akkaataa Dhiheessa Himannoo
Himanni Yakkoota boqonnaa kana keessatti ibsamanii kan dhihaatu, mootummaan yookiin jaarmiyaan
miidhame jedhu yakkamtichi akka adabamuuf yoo gaafatuufi ministeerri haqaa federaalaa Yookiin abbaan
alangaa muummee Yoo hayyame qofaadha.
Mata Duree Lama
Seerota Addunyaalessaa Darbuun Yakkoota Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Bu’uuraa
Keewwata 269.Sanyii Balleessuu
Namni Kamiyyuu yeroo nagaas ta’e yeroo waraanaatti sabaan, sablammiin, balbalaan, sanyiin,
lammummaan, bifaan, amantiin yookiin siyaasaan garee tokko ta’e guutummaan yookiin gar-tokkeen
balleessuuf yaaduun gocha badichaa gurmeessuun, ajaja kennuun, yookiin gochicha raawwachuun:
(a) haala kamiiniyyuu miseensota hawaasichaa kan ajjeese, fayyummaa qaama yookiin sammuu kan
miidhe yookiin miidhaa qaamaa kan geessise yookiin kan balleesse yoo ta’e; yookiin
(b) miseensonni hawaasichaa sanyiin akka wal-hin horre yookiin lubbuun akka hin jiraanne taasisuuf
mala kamiiniyyuu hojiirra kan oolche yoo ta’e; yookiin
(c) miseensota yookiin daa’imman hawaasichaa dirqamaan bakka tokko irraa bakka biraatti kan jijjiire
yookiin kan bittinse yookiin haala jireenyaa isaan ittiin du’uu yookiin ittiin baduu danda’aniin akka
jiraatan kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi
ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
100
Keewwata 270. Yakka Warranaa Ummata Nagaa IrrattiRaawwatamu
Namni kamiyyuuyeroo waraanaa, walitti bu’iinsa waraanaa, yookiin weerara diinaatti tumaalee
seeraaddunyaalessaafi tumaalee seerota namoomaa addunyaalessaa darbuun ummata nagaa irra miidhaa
geessisuuf gurmeessuun, ajajuun yookiin gochicha raawwachuun, yookiin karaa biroo kamiiniyyuu:
(a) nama kan ajjeese, kan gidirse, haala alnamooma ta’een kan dhaamaase, yaalii xiinlubbummaa
(Bilogica experiment) kan taasise gochoota biroo qaama namaa, sammuu, yookiin fayyaa irratti
gidiraa yookiin miidhaa cimaa geessisuu danda’an kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) maallaqni akka gatii hinarganneef gatii isaa gadi buusuun kasaarsu, maallaqa sobaa maxxansuun
yookiin karoora qindaa’een maallaqa gatii dhabsiisuun yookiin haala kamiiniyyuu itti yaadee
ummata beelaaf kan saaxile, rakkoo irra kan buuse yookiin walumaa galatti jireenya ummataa kan
jeeqe yoo ta’e; yookiin
(c) ummanni bakka isaa irraa akka buqqa’u yookiin akka bittinnaa’ukan taasise, karoora qindaa’een
biyyaa kan baase, yookiin bakka dirqamaan itti turan yookiin bakka hojii dirqamaa itti raawwatan
tokkotti erguun akka hidhamu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(d) tajaajila baasasa, hojii humna ittisaa yookiin hojii bulchiinsaa diinaa keessatti filatamee akka
tajaajilu kan dirqisiise yoo ta’e; yookiin
(e) dirqamaan lammummaa isaa akka dhabu yookiin amantii isaa akka jijjiiru kan taasise yoo ta’e;
yookiin
(f) gocha gumnumma, gocha safuun ala ta’e yookiin gochi humnaan gudeeduu akka raawwatu kan
dirqisiise yoo ta’e; yookiin
(g) gocha sodaachisuu yookiin shororkeessuukan raawwate, furiifkan uggure, yookiin adabbii jilmaa
kan adabe, yookiin gocha haaloo ba’uu kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(h) qabeenya kan dhaale, kan barbadeesse yookiin kan ofii kan taasise, gibira yookiin ashuuraseeraan
alaa yookiin hinmalle kan itti mure yoo ta’e, yookiin tajaajila loltummaaf baay’ee barbaachisaa kan
ta’een ol ashuuraafi gibirri akka kaffalamu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(i) nyaata, iddowwan qonnaa ooomisha nyaataatiif oolan, midhaaan, beelladoota, tajaajiloota bishaan
dhugaatii, hojiilee jal’isii, dhaabbilee fayyaa, yookiin manneen barnootaa kan dhaale, kan diige, kan
balleesse, faayidaan ala akka ta’an kan taasise yookiin kan ofiisaa akka ta’u kan taasie yoo ta’e;
yookiin
(j) siidaalee seena qabeessa, hojiilee ogummaa (art) yookiin iddoolee waaqeffannaa kan barbadeesse,
kan fudhate, faayidaan ala kan taasise, kan ofii kan taasise yookiin isaan kana irratti gocha humnaa
kan raawwate, yookiin wantoota kana kaayyoo loltummaaf kan oolche yoo ta’e; yookiin
(k) namoota nagaa bakka gareen tokko to’ate jiraataniif huccuu, ciisicha, da’oo, qorichaafi meeshaalee
yaalaa yookiin wantoota jireenyaaf barbaachisaa ta’an kan hindhiyeessine, akka isaaniif dhiyaatu
kan hintaasifne yoo ta’e; yookiin
101
(l) walitti bu’iinsi uummamuun dura bu’uura seera biyyaa itti baqataniin yookiin keessa jiraataniin
yookiin seera addunyalessaan namoota akka baqataatti yookiin lammummaa hin qabneetti
beekaman kan miidhe, kan buqqise, akka badan kan taasise, yookiin haala barbaachisuun kan
hinqabne yoo ta’e; yookiin
(m) ijoollee umuriin isaanii waggaa kudha saddeetii gadi ta’e
waraana keessatti akka hirmaatan
taasisuuf miseensummaa tajaajila loltummaaf kan file yoo ta’e; yookiin
(n) meeshaa yookiin tooftaa lolaa uumama naannoo irratti miidhaa cimaa baballateefi yeroo dheeraa
turu geessisuu danda’uun kan fayyadame, sababumaa kanaan fayyaan jiraataa naannoo sanaa akka
jeeqamu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(o) humni balaafamaa ta’e akka gadhiifamu kan taasisuufi kanumaan kan ka’een haala miidhaa olaanaa
jiraataa nagaa irratti geessisuu danda’uun hidhaaleefi buufataale niwukilaraa, humna elektriikii
maaddisiisan kan balleesse yoo ta’e; yookiin
(p) manneen murtii idilee seeraan hundaa’aniifi adeemsa murtiifi wabummaa kennaniin ala adabbii
kan murteesseefi kan raawwachiise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi
baay’ee cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 271. Yakka Waraanaa Namoota Madaa’an, Dhukkubsattoota, Namoota Balaa Galaanaa
Yookiin Qilleensaarra Jiran Yookiin Tajaajila Fayyaa Irratti Raawwatamu.
1.
Namni kamiyyuu haala armaan olitti ibsameen:
(a) namoota madaa’an, dhukkubsattoota,balaa galaanaa yookiin qilleensaa irraa kan jiran yookiin
hojjettoota yaalaa yookiin gargaarsa duraa irratti gocha ajjeechaa,dararuu, gargaarsa yaalaa
haala sanaaf barbaachisaa ta’e dhorkuun, haala garalaafina hinqabneen gocha nama miidhuu
kan raawwate, yookiin darara qaamaa yookiin sammuu biroo kamiiyyuu akka isaan irra ga’u
kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) meeshaalee, mana hojii yookiin mana kuusaa eegumsa fayyaaf, kutaa kenniinsa gargaarsaa
yookiin geejjibaaf kan tajaajilan karaa seeraan faallaa ta’een yookiin seeraan ala yookiin
tajaajilaloltummaaf kan barbaachisuun ala kan diige, tajaajilaan ala kan taasise yookiin kan
fudhate yoo ta’e; yookiin
(c) hojjettoonni tajaajila fayyaa, keennitoonni tajaajila amantaafi gaazexeessitoonni qaajeelfamni
naamusaafi ogummaa kan ajajuun ala akka hojjetan yookiin bu’uura qajeelfamnifi naamusni
oguummaa ajajuun akka hin hojjenne yookiin dambiileefi qajeelfamoota biroo namoota
madaa’an, dhukkubsattoota yookiin nagaa eeguuf ba’an darbanii akka hojjetan kan dirqisiise
yoo ta’e;bu’uura keewwata 270 jalatti tumameen ni adabama.
2.
Keewwata xiqqaa (1) irratti:
a) “madaa’aa” fi “dhukkubsataa” jechuun miseensa raayyaa ittisaas ta’e yookiin nama nagaan balaa
madaa’uu irra ga’en,dhukkubaan yookiin miidhaa biroo qaama isaa irraga’een yookiin sababa
102
jeequmsaafi tasgabbii dhabuu sammuu isaa irra ga’een nama yaalamuun isa barbaachisu
yommuu ta’u, hoosistoota, daa’imman haaraa dhalataniifi dubartoota ulfaa kan fakkaatan
gargaarsi yaalaa ariifachiisaan kan isaan barbaachisuufi sochii diinummaa kamiyyuu irraa of
qusatanii kan argaman ni hammata.
b) “balaa galaanaa yookiin qilleensaa irra kan jiru” jechuun loltuus ta’e yookiin namni nagaa
sababa rakkoo yookiin balaa galaana irratti yookiin bishaan biroo keessatti yookiin qilleensa
irratti isa mudateen nama lubbuun isaa rakkoo ol’aanaa keessa jirufi sochii diinummaa
kamiyyuu irraa of qusattee jiru hunda ni hammata.
Keewwata 272.Yakkoota Booji’amtoota Waraanaafi Namoota To’ataman Irratti Raawwataman.
Namni Kamiyyuu haala armaan olitti ibsameen:
(a) booji’amtoota waraanaa yookiin namoota to’ataman irratti gocha ajjeechaa, dararuu, yookiin
miidhaa dhamaasuu garalaafina alnamoomatiin ta’e akka isaan irratti raawwatamu kan qindeesse,
kan ajaje yookiin gochiicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) namoonni haala kanaan argaman hojii basaasa diinaa, loltummaa yookiin bulchiinsaa akka tajaajilan
kan dirqisiise yoo ta’e;
Adabbi keewwata 270 armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 273.Wanbadummaa Galaanarraa fiSaamichaaYeroo Waraanaa Taasifamu.
Namni kamiyyuu yeroo waraanaa sababa tajaajila loltummaaf ni barbaachisa jedhuun gocha wanbadummaa
galaanaarraa, saamichaa yookiin qabeenyaa diiguu yookiin fudhachuu seeraan ala ta’e kan qopheesse, akka
qophaa’u kan ajaje, yookiin gochuma kana kan raawwate yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti Keewwata 270 jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 274. Tuttuquufi Qopheessuu
Namni kamiyyuuyakkoota keewwatoota armaan olii jalatti ibsaman keessaa tokko raawwachuuf, akka
raawwatamu taasisuuf yookiin raawwii isaa gargaaruuf yaadduu:
(a) jechaan, fakkiin, yookiin barreeffamaan, ifatti kan tuttuqe yookiin kan jajjabeesse yoo ta’e; yookiin
(b) waldaan yookiin gareen wanbadee tokko akka hundaa’u kanneen biroo waliin kan korate, karoora
kan baase yookiin akka hundaa’u kan sossobe yookiin ofii isaatii kan hundeesse, waldaa yokkiin
garee kana keessa kan seene, kaayyoo isaa kan hordofe yookiin ajaja isaa kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 275. Gocha Diinaaf Taasifamuu Qabu Cabsuu
103
Namni kamiyyuu yeroo waraanaa seera addunyaalessaafi waliigalteewwan eegumsa mirga namoomaatiin
karaa faallaa ta’een:
(a) diina booji’ame, meeshaa isaa booji’aaf dabarsee kenne yookiin haala kamiiniyyuu ofirraa ittisuu
dadhabe yookiin gocha ofirraa ittisuu dhiise kan ajjeese yookiin kan madeesse yoo ta’e; yookiin
(b) qaama nama du’ee kan hir’ise yoo ta’e; yookiin
(c) dirree waraanaa irratti diina madaa’e, dhukkubsate, yookiin reeffatokko irratti hannaa kan
raawwate yookiin humna fayyadamee saamicha kan raawwate yoo ta’e, yookiin gochoota kana
keessaa tokko raawwachuuf yaaduun nama madaa’e, dhukkubsaticha, yookiin reefficha kan
sakatta’e, kan qabe yookiin gocha humnaa kan irratti raawwate yoo ta’e; yookiin
(d) gochoota kana keessaa tokko akka raawwatamu kan ajaje yoo ta’e;
Hidhaa cimaan, yookiin yakkichi baayyee cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin
du’aan ni adabama.
Keewwata 276. Meeshaalee Waraanaa Seeraan Ala Ta’anitti Tajaajilamuu
Namni
kamiyyuu
meeshaalee
waraanaa
yookiin
tooftaalee
waraanaa
waliigalteewwan
addunyaleessaaItoophiyaan fudhatteen yookiin seera Itoophiyaatiin ifatti dhorkamaniin diina kan waraane
yookiin meeshaalee yookiin tooftaalee kanaan diinni akka waraanamu ajaja kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama. Dubbichi cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa digdamii shan gahuun, yookiin haalli raawwannaa yakkichaa baayyee cimaa yoo ta’e; hidhaa
cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 277. Waliigaltee Waraana Dhaabuu Yookiin Walta’iinsa Nageenyaa Diiguu.
Namni kamiyyuu waliigalteen waraana dhaabuu yookiin walta’iinsi nageenya mallatteeffamuu isaa ifatti
osoo beekuufi ajajni erga keennameefii booda waraanichi akka itti fufu kan taasise yookiin gocha biroo
kamiiniyyuu dirqamoota waliigaltichaa yookiin walta’iinsichaa keessaa tokko ittiyaadee kan diige yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin dubbichi cimaa yommuuta’etti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 278. Faannoo Ta’uudhaan Yeroo Waraanaa Yakka Raawwatamu
Namni kamiyyuu yeroo waraanaa haala seera addunyaalessaa faallessuunmiseensa raayyaa ittisaa yookiin
humna deggarsa kennu,kan abbootii aangoo mootummaa Itoophiyaatiin beekame osoo hin ta’in,gocha
mormii raayyaa ittisaa Itoophiyaa irratti raawwachuun tajaajilawwan isaa, meeshaa geejjibaa isaa,
malawwan walqunnamtii yookiin geejjibaa isaa irratti miidhaa geessisu kan raawwate yoo ta’e;
104
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi baayyee
cimaa yoo ta’e hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 279 Namoota Madaa’an, Dhukkubsattootaafi Hidhamtoota Irratti Garaa Jabaachuu
Yookiin Wanta Isaan Barbaachisuu Hir’isuu.
Namni kamiyyuu tumaawwan seerota addunyaalessaadarbuun nama madaa’e, dhukkubasataa, yookiin
booji’amaa hidhaa yookiin to’annaa jala jiru garajabinaan kan darare yookiin gocha humnaa kan irratti
raawwate yoo ta’e, yookiin mirga seerota kanaan mirkanaa’aniifitti akka hin fayyadamne kan dhorke yookiin
mirga kanatti fayyadamuu akka hin dandeenye kan ajaje yoo ta’e;hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 280. Haqa Dhorkuu
Namni kamiyyuu yeroo waraanaa yookiin wareeraa seera addunyaalessaaleessaadarbuunnamni nagaan,
madaa’aan, hidhamaanyookiin booji’amaan waraanaamirgabu’uurra seeraatiin haqaa argachuu isaa,
akkasumas mirga bilisummaan ofirraa ittisuu isaa kan namummaa isaa mirkaneessuuf akka dhabu kan
taasise yookiin akka dhorkamu kan ajaje yoo ta’e;
hidhaa salphaa waggaa sad irraa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
Boqonaa Lama
Yakkoota Jaarmiyaalee Nammoomaa Irratti Raawwataman
Keewwata 281. Gocha Diinummaa Jaarmiyaalee Namoomaa Addunyaalessaa Irratti Raawwatamu.
1.
Namni Kamiyyuu yeroo nagaa itti yaadee:
(a) Waldaa FannooDiimaa yookiin Addeessa Diimaa yookiin jaarmiyaalee namoomaa kanneen
fakkaatan, hojjetoota, bakka bu’oota yookiin miiltoowwan isaanii yookiin namoota eegumsa
jaarmiyaalee kanneen jalatti argamanuuirratti hojii lolaa yookiin gocha humnaa kan raawwate,
kan dhaadate yookiin kan salphise yoo ta’e; yookiin
(b) Meeshaalee, hojiilee qabatamaa/Installations/, yookiin manneen kuusaa jaarmiyaalee
kanneenii kan diige yookiin kan miidhaa irraan ga’e yoo ta’e;
Hidhaa salphaan; yakki raawwatame cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen ni adabama.
105
2.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga
waggaa shanii gahuni ta’a.
Keewwata 282 Asxaafi MallattooleeJaarmiyaaleen Namoomaa Addumyaalessaa Ittiin Beekaamaniin
Seeraan Ala Faayyadamuu.
Namni Kamiyyuu ittiyaadee:
(a) asxaa yookiin maallattoolee jaarmiyaaleen namoomaa addunyaalessaa ittiin beekaman armaan
olitti ibsaman hayyama malee kan qabate, kan fannise, yookiin isaanuma kanaankan tajaajilame yoo
ta’e; yookiin
(b) gocha
lolaa
qopheessuuf
yookiin
raawwachuuf
karoorsuun
faajjii
yookiin
maallattoo
akaakuuakkanaatiin yookiin mallaattoo nageenyaa seera addunyaalessaatiin beekame kamiiniyyuu,
keessumattuu alaabaa adiitti seeraan ala kan tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 283.ErgamaaAraaraa IrrattiGocha Diinummaa Raawwachuu.
Namni kamiyyuu, nama garee diinaa irraa ergamaa araaraa yookiin dhiheessaa yaada marii araaraa ta’ee
dhufu yookiin isa waliin nama jiru kan dhamaase, kan sodaachise, kan salphise yookiinseeran ala kan qabe
yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.
Mata Duree Sadii
Yakkoota Loltummaafi Raayyaa Ittisaa Akkasumas Poolisii IrrattiYakkootaRaawwataman
Boqonnaa Tokkoo
Yakkoota Loltummaa
Kutaa Tokko
Dirqama Tajaajilaa CabsuunYakkoota Raawwataman
Keewwata 284. Tajaajila Loltummaa Diduu
106
1.
Namni kamiyyuu,dirqama loltummaan miindeffamuu yookiin loltummaan tajaajiluu qabu
raawwachuu jalaa miliquuf yaaduun, loltummaan akka galmaa’u yookiin bu’uuralabsii ittariin adda
waraanaatti dhihaatee akka tajaajiluuf waamicha dhuunfaan taasifameefiin, beeksisa ifatti
maxxanfameen yookiin beeksisa sabqunnamtiin himameen ajaja darbe kan hin raawwanne yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanniittarii
yommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalle ni ta’a.
Keewwata 285. Ajaja Waamichaa Kabajuu Dhabuu
1.
Namni kamiyyuu, loltummaan filatamuu yookiin tajaajiluu barbaaduu dhabuun osoo hin taane, ajaja
waammichaa kan hin raawwannee yoo ta’e, keessumattuu qorannoo, sakatta’iinsa, barnoota
shaakala loltummaafilannoo loltumaaf taasifamu yookiin dirqama loltummaakamiyyuu akka
raawwatu waamicha taasifameef kan hin kabajne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa, yookiin labsiin yeroo ariifachiisaa yommuu labsametti
yookiin balaa uumamaa yookiin namtolchee yookiin dhukkubni nageenya ummataa balaaf saaxilu
yeroo mul’atetti yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle ta’a.
Keewwata 286. Dirqama Tajaajilaa Jalaa MiliquufDandeettii Dhabuu BeekaaTaasifamu.
1.
Namni kamiyyuu, gocha mataa isaan yookiin kan namabiroon qaama isaa guutummaatti yookiin
gartokkeen hir’isuun, qaama isaa yookiin fayyaa isaa irratti miidhaa geessisuun yookiin tooftaa
biroo kamiin iyyuu qaamaa isaa yookiin fayyaa isaa irratti miidhaa fedha ofiitiin raawwatutti
fayyadamuun, qaama isaa guutummaan yookiin gartokkeen hir’isuun, yeroof yookiin yeroo hundaaf
tajaajilaaf gahaa ta’ee akka hin argamne kan of taasise yoo ta’e;
Akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
2.
Namni kam iyyuum, kaayyoo armaan olitti ibsameef gocha kamiin iyyuu fedhii abbaa dhimmichaan,
abbaan dhimichaa gartokkeen yookiin guutummaan tajaajila kennuu akka hin dandeenye kan
taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
3.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti, labsiin waraanaittarii
yeroo labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan
hin caalle ni ta’a.
Keewwata 287. Tajaajila Loltummaa Jalaa Miliquuf waliindhahuu Raawwatamu
107
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, yeroo hundaaf yookiin yeroof dirqama tajaajila loltummaa qabu
jalaa miliquufm, abbootii aangoo siviilii yookiin loltummaa dhimmicha ilaallatu gowwomsuuf
malawwan karoorfamaniin kan fayyadame yoo ta’e, keessumattuu waraqaa ragaa sobaa
dhiheessuun, jecha yookiin sanadaansoba ta’een gargaaramuun yookiin dhukkubsataa yookiin
qaama miidhamaa fakkaachuun kan gowwomse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii gadi hin taaneen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraana yoo ta’e;adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalle ni ta’a.
Keewwata 288.Baduu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu dirqama tajaajila loltummaa isaa jalaa miliquuf yaaduun, kutaa
waraanaa isaa yookiin hojii tajaajila loltummaan walqabatee dhiisee kan deeme yookiin hayyamaan
erga deemee booda, gara kutaa isaatti yookiin gara hojii tajjaajila isaatti osoo hin deebi’iin kan hafe
yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaa yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi
cimaa yommuu ta’e hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 289. Seeraan Ala Hafuu
1.
Miseensi raayya ittisaa kamiiyyuu, tajaajila loltuummaa jalaa miliquuf karoorfachuun osoo hin ta’in:
(a) hayyama malee yookiin sababa humnaa ol hin taaneen, kutaa Waraanasaa dhiisee kan deeme
yoo ta’e yookiin hojii loltummaasaa osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e; yookiin
(b) sababa humnaa ol hin taaneen yeroo hayyamaa yookiin boqonnaa kennameef kan dabarse yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin
caalle ni ta’a.
Keewwata 290.Itti Yaaduun Gara Kutaa Waraanasaatti Deebi’ee Dhiisuu
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu yeroo waraanaatti:
(a) kutaa waraanaa isaa irraa erga addaan bahee booda, gara Kutaa isaatti yookiin gara waraana gartuu
waraanaa naannawaa sanatti argamutti osoo hin makamiin kan hafe yoo ta’e; yookiin
108
(b) Erga booji’amee booda bilisummaa isaa akkuma argateen battalumatti kutaa waraanaa tokkotti
yookiin abbaa aangoo waraanaatti dhihaatee osoo hin gabaasiin yookiin gara ramaddii isaatti osoo
hin deebi’in kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin yakkicha kan raawwate itti yaadee dirqama loltummaa isaa irraa hanga
dhumaatti baqachuuf yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun
ni adabama.
Kutaa Lama
Aangoo Loltummaatti Seeraan Ala Fayyadamuu
Keewwata 291. Dirqama Tajaajilaa Irra Seeraan Ala Bilisa Taasisuu
1.
Namni kamiyyuu, aangoo hojii yookiin loltummaa kennameef hanga isaa irra dabarsuun yookiin
aangoodhuma isaa kanaan seeraan ala fayyadamuun nama biroo dirqama tajaajila loltummaa isaa
irraa bilisa kan taasise yoo ta’e;
Yooxiqqaate hidhaa salphaa ji’a jahaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa
yommuu kennametti, waraanni
ittariiyommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan
hin caalee ni ta’a.
Keewwata 292. Gocha Humnaafi Dhaadannoo Qaama Gadi Aanaa Irratti Raawwatamu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, nama ajaja isaa yookiin isaajala jiru irratti kan dhaadate, harka
darbuu kan raawwate, yookiin hariiroo nama kana waliin qabuun kan isa salphise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame garjabinaan yookiin gochaa humnaatiin, meeshaa waraanaatiin yookiin
meeshaa balaafamaa biroon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ta’a.
Kutaa Sadii
Yakkoota Hojiiwwan Tajaajila Loltummaa cabsuun Raawwataman
Kutaa Xiqqaa Tokko
Yakkoota Sirnootaafi Naamusa Gaarii Haala Balaaf Saaxiluun Raawwataman
109
Keewwata 293. Dambiilee Waliigalaa Tajaajila Cabsuu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa Kamiyyuu, dambii sirnaa darbuunala /Keewwata 791/ kan ta’an, ajajoota
yookiin damboota hojii tajjaajilaawaliigalaa humnoota ittisaa itti yaadee kan cabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraannii
ittariiyommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa
shan hin caalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon ta’ee, yeroo nagaatti yoo ta’e, adabbichi adabbii naamusaa
/discipline/ ni ta’a; yeroo waraanaatti yookiin haala cimaa birootti yoo ta’e, garuu hidhaa salphaa
waggaa tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 294. Odeeffannoo Guutuu Yookiin Sirrii Hin Taane Keennuu.
1.
Aangoon yookiin hojiin loltummaa isaa gabaasayookiinibsaofiiselaa/official/ qopheessuu yookiin
unkaa sanadaa tajaajilaa guutuu kan ta’e, namni kamiyyuu:
(a) ittiyaadee ijoo dubbii yookiin dubbii dhugaa kan jijjiire yookiin kan dhokse yookiin sanada
mallattoo isaatiin mirkanaa’uu qabu irratti tarreeffama yookiin lakkoofsa kamiyyuu osoo hin
guutiin kan dhiise yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa lamaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uu
ni adabama.
(b) dirqama hojii isaa ta’ee osoo jiruu, diduun qaboo yaa’ii, gabaasa yookiin ibsa osoo hin
qopheessiin yookiin osoo hin ergiin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen
ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni ta’a.
3.
Hayyama boqonnaa argachuuf yookiin yeroo isaa dheeressuuf yaaduun abbaa aangoo dhimmichi
ilaallatu jalaa dhugaa isaa kan dhokse yookiin abbaa aangoo kanaaf mirkaneessa sobaa kan
dhiheesse miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, hidhaa salphaan ni adabama.
4.
Yakkichi kan raawwatame, mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; yookiin yakkichi balaa cimaa ta’e kan
hordofsiisudanda’u yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caale ni ta’a.
Keewwata 295. Machaa’anii Argamuu
1.
Miseensi Raayyaa Ittisaa kamiyyuu;
(a) hojii loltummaa irra yeroo jirutti irra daddeebi’ee kan machaa’e yoo ta’e; yookiin
(b) machaa’ee naamusa kan cabse yookiin ummata kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.
110
2.
Namni maachaa’e kun, meeshaan nama biroo irratti kan dhaadate yookiin balaafamaa ta’ee kan
mul’ate yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 296. Naamusaa/Discipline/ Ala Ta’uu
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu:
(a) hayyama malee buufata waraanaa isaatii, mana jireenyaa loltummaa isaatii yookiin dahannoo
waraanaa isaatii kan deeme yookiin ajaja malee yookiin hayyama malee akka hin geenye bakka
dhorkame yookiin naannoo hayyamameefiin alatti kan argame yoo ta’e; yookiin
(b) lola, goolii yookiin jeequmsa keessatti hirmaataa kan ta’e, yookiin gocha kana akka dhiisuuf ajaja
hogganaan olaanaa tokkoo kenneef diduun kan morme yoo ta’e; yookiin
(c) hospitaala ciisee yookiin daddeebiin yommuu yaalamu dhukkubsattootaaf iddoo aaragalfannaa ta’e
yookiin bakka biroo kamiyyuutti haala isaa caalaattiwalxaxaa taasisuuf yookiin hammeessuuf
yookiin yeroo yaalaa isaa haala dheeressuu danda’uun naamusaan ala kan ta’e yookiin ajaja kan hin
kabajne yoo ta’e; yookiin
(d) haala biroo kamiiniyyuu, jechaan, sochii qaamaan (maallattoon) yookiin gochaan, sirna gaarii
yookiin naamusa loltummaa kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 297.Hogganaa Ol’aanaa Yookiin Miseensa Gonfaan Isaan Walqixa Ta’e Irratti Arrabsoo,
Dhaadannaafi Harka Darbuu Raawwatamu.
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, hogganaa ol’aanaa yookiin miseensa gonfaan isaan walqixa ta’e
tokko kan arrabse, kan itti dhaadate, kan isa jeeqe yookiin harkaa darbuu kan irratti raawwate yoo
ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Gochichi kan raawwatame gocha humnaan yookiin meeshaa waraanaan, wanta balaafamaa ta’een
yookiin meeshaa akaakuu kamiiniyyuu yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsameettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi yakka keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsameef hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle, keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaallee ni ta’a.
Keewwata 298. Hogganaa Ol’aanaaf Ajajamuu Dhabuu.
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, itti yaadee ajajaa ol’aanaa isaatiin yookiin abbaa aangoo
loltummaa dhimmichi ilaallatuun hojiichailaalchisee jechaan, barreeffamaan, mallattoon yookiin
111
karaa biroo kamiiniyyuu kallattiin isumaaf yookiin kutaa waraanaa inni keessatti argamuuf ajaja
kenname kamiiniyyuu osoo hin raawwatin kan hafe yookiin raawwachuu kan dide yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi diddaan isaas kutannoon yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.
3.
Yakkichi addatti cimaa ta’ee,diddaan isaas kan raawwatame diina duratti yoo ta’e; adabbichi hidhaa
cimaa umurii guutuu yookiin du’aa ni ta’a.
Keewwata 299. Fincila Loltummaa
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu loltoota biroo waliin gamtaa’uunwalga’ii
seera qabeessa
hintaane irratti hirmaachuun yookiin haala biroo kamiiniyyuu hogganaa ol’aanaa yookiin abbaa
aangoo loltummaa irratti, yookiin hogganaa ol’aanaa yookiin abbaa aangoo loltummaa mormuun
ajajamuu dhabuu raawwatameen sochii mormuu, dhaadachuu, gocha humnaa yookiin harka darbuu
keessatti hirmaataa yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa
yommuu kennametti, waraanni
ittariiyommuu labsametti yookiin yeroo waranaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’u, yookiin dubbichi cimaa yommuu ta’etti, hidhaa
umurii guutuu yookiin du’a ni ta’a.
3.
Gaggeessitoonni yookiin gurmeessitoonni fincilichaa daangaaleen adabbii armaan olitti ibsaman
osoo hindarbamin adabbiif haala cimaa adda ta’een/keewwata 84(1) (d)/ ni adabamu.
Keewwata 300. Fincila Loltummaa Kaasuuf Korannaa YookiinGamtooma Taasifamu.
1.
Namni kamiyyuu, fincilli loltummaa yookiin sochiin seeraan alaa akka ka’u qopheessuuf kanneen
biroo waliin kan korate yookiin kan gamtaa’eyoo ta’e;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waamicha ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga
waggaa digdamaa gahuun ta’a.
Keewwata 301. Fincilli Loltummaa Akka Taasifamu Kakaasuufi Yaalii Kakaasuu, Miiltummaafi Yaalii
Miiltummaa
112
Mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo
waraanni jirutti fincilli loltummaa akka taasifamu kakaasuun yookiin yaaliin kakaasuu, miiltummaan yookiin
yaaliin miiltummaa hidhaa salphaan ni adabasiisa /keewwata27(2), 36 (2), 37(3)/.
Keewwata 302. Waardiyyaa, waardiyyaa Eegumsaafi waardiyyaa sonii (Xuwaarsaa) Irratti Yakka
Raawwatamu.
Arrabsoon, dhaadannaan, harka darbuun, gocha humnaa, ajajamuu dhabuun yookiin fincilli waardiyyaa hojii
isaa raawwachaa jiru irratti, waardiyyaaeegumsaa yookiin waardiyyaa sonata (xuwaarsaa) irratti
raawwatamu bu’uura keewwata 298 jalatti tumameen ni adabsiisa.
Kutaa Xiqqaa Lama
Yakkoota Dirqama Eegumsa Yookiin Ajajoota cabsuun Raawwataman
Keewwata 303. Dirqama Eegumsa Cabsuu.
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu:
(a) itti yaadee yookiin dagannoon, machiin yookiin sababa biroon hojii waardiyyummaa isaa
raawwachuuf haala isa hin dandeessifne irratti kan argame yoo ta’e; yookiin
(b) hojii waardiyyummaa isaa eeyyama malee kan dhiise yookiin abbaan darabee biroon osoo
bakka isaa hin bu’iin hojii isaa irraa kan dhabame yoo ta’e;
Hidhaa salphaadhaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraana yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa
hincaalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawawatame itti yaadamee diina duratti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa
shanii hanga waggaa digdamii shanii ga’u; yookiin dubbichi cimaa yommuuta’etti hidhaa umurii
guutuu yookiin du’aa ni ta’a.
Keewwata 304. Ajaja Loltummaa Cabsuu
1.
Namni kamiyyuu waardiyyaa idileef, loltuu waardiyyummaa dhaabbateef, waardiyyaa sonii
(xuwaarsaa), loltuu eegduu, yookiin nama hojiilee kana fakkaatan raawwatu kamiifuu gocha ajaja
kennameefiin faallaata’e kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame:
(a) iddo humni elektriikaa yookiin jaarmiyaa ibsaa kennu jiru, hidhaa, ittisa bishaanii, kuusa
bishaanii, da’oo doonii, jaarmiyaalee buufata doonii, yookiin jaarmiyaalee eegumsaa,
113
Riqichoota, cee’umsoota slululaa/allayyootaa/ daandiwwan darbiinsaa faayidaa ol’aanaa
qaban; yookiin
(b) meeshaalee, harkifamtoota baaburaa, yookiin iddoo meeshaaleen motoraan sossocho’an itti
argaman, doononni iddoo qofa’atanii dhaabbatan, man-kuusii meeshaaleen keessa kuusaman
yookiin iddoo biroo iddoo meeshaaleen waraanaa, rasaasni, wantootni dhoo’an, boba’oonni
yookiin meeshaaleen galaa itti kuufaman; yookiin
(c) daangaa yookiin iddoo balaafamaa ta’e ajaja addaa eegumsa ilaalatu mormuun yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadii hin taane ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin
caallee ni ta’a.
Keewwata 305. Ajaja Seeraan Ala Ibsuu Yookiin Jijjiiruu Yookiin Haala Maluun dabarsuu Dhabuu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu hojii tajaajila isaa irra taa’ee, garuu ganuun osoo hin ta’iin:
(a) jecha mirkaneessaa,jecha haa darbuu, yookiin ajaja iccitii nama itti himamuu hin qabnetti kan
ibse yoo ta’e; yookiin
(b) nama iccitichi ibsamuufii qabutti yoo ta’e illee, jecha mirkaneessaa fuudhe, jecha haa darbuu
yookiin ajaja iccitii waliin kan wal hin fakkaanne jecha akaakuubiroo beekaa kan dabarse yoo
tahe; yookiin
(c) ergaa dabarsuu qabu osoo hin dabarsiin kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waaraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii
yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi raawwiin isaa:
(a) dagannoon yommuu ta’u, adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caalle ta’a.
(b) itti yaadamee yoo ta’u; adabbichi hidhaa cimaa wagga digdama hin caalle nii ta’a.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Amanamummaa Hir’isuunYakkoota Raawwataman
Keewwata 306. Mi’ootattiGarmalee Fayyadamuu Yookiin Qisaasuu
1.
Namni kamiyyuu meeshaalee waraanaatiin, rasaasotaan, hidhannoo loltummaatiin, meeshaaleen,
konkolaattotaan, beelladootaan yookiin mi’oota biroo imaanaan itti kenname yookiin harkatti
galfateen yookiin sababa hojii isaatiin yookiin loltummaa isaatiin argate kan fakkaatan kamiyyuutti
garmalee kan tajaajilame, kan ergise yookiin wabummaan kan qabsiise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen yookiin yakkichi salphaa yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a sadii
gadi hin taaneen ni adabama.
114
2.
Namni kamiyyuu,mi’oota armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti tarreeffaman kan gurgure, kan
balleesse, kan gate, kan mancaase, kan qisaase yookiin kan barbadeesse yoo ta’e; seera kana tumaa
biroon kan adabamu yoo ta’e malee; tajaajilli loltummaan isaa yookiin loltummaan isaa erga
xumuramee booda yoo ta’e illee;
Hidha cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama
3.
Meeshaan yookiin miini yakki irratti raawwatame nageenya biyyaaf baayyeebarbaachisaa yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caallee ni ta’a.
4.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichihidhaa cimaa waggaa shanii hanga
waggaa digdamii shanii, dubbichi cimaa yoo ta’e umurii guutuu ni ta’a.
Keewwata 307. Faayidaa Hin Malle Argachuu Yookii Seeraan Ala Balleessuu.
1.
Namnii kamiyyuu galaa, maallaqa, mi’a, boba’aa yookiin qabeenyabiroololtootaa kamiiniyyuu akka
eeguuf, to’atuuf, hojii isaa geggeessuuf, bituuf yookiin raabsuuf itti gaafatamummaan kennameefii:
(a) karaa seeran ala ta’een kan itti faayyadame yookiin haala kamiiniyyuu gatiin isaa akka gadi bu’u
kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) sababa qabeenyichaan faayidaa kamiiniyyuu kan fudhate yookiin akka isaaf kennamu kan
sossobe, yookiin haala kamiiniyyuu yoo ta’e,nyaata, galaa, hidhannoo lolaa, mi’a bitame yookiin
mi’a biroo manami’a, iddoo buufata waraanaa, hoteela, bakka walgahii, yookiin manaloltummaa
kamiyyuu tokko keessa jiru hojii bituu, gurguruu, yookii raabsuu isaa irratti faayidaa hin malle
kan fudhate yookiin akka kennamuuf kan kakaase yoo ta’e;
Gochichi akka amantaa hir’isuu, gaggeessummaa hojii dabaa, matta’aa, hojii mootummaa irratti
dirqisiisuu yookiin kan kana fakkaatan ta’ee, yakkootuma kanaan kan hin adabsiisne yoo ta’e;
hidhaa salphaan, yookiin dubbichi cimaa yeroo ta’utti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdama hin
caalle ni ta’a.
Kutaa Afur
Nageenya, Hamilee Yookiin Humna Raayyaa Ittisaa IrrattiYakkoota Raawwataman
Keewwata 308. Balaa Beeksisuu Dhabuu
115
1.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, haalli tarkaanfiin loltummaa battalumatti irratti fudhatamuu
qabu jiraachuu isaa osoo beekuu ajajaa isaatti, abbaa aangoo loltummaatti yookiin kutaa
waraanaatti otuu hin beeksisiin kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti, waraanni ittarii yeroo
labsametti, yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin
caalle ni ta’a.
3.
Fincila loltummaa, balaa yookiin karooragantummaa beeksisuu dhabuun bu’uura tumaalee
rogummaa qabaniin ni adabsiisa/Keewwata 335/.
Keewwata 309. Eeggannoo Nageenyaa Barbaachisaa Ta’e Fudhachuu Dhabuu
1.
Qondaalli ajajaan tokko yookiin namni biroo tajaajila raayyaa ittisaa keessatti argamu kamiyyuu,
itti yaadeeshaakala loltummaa yookiin dhimma tajaajila ilaallatuun caarraa yeroo kamittiiyyuu
tarkaanfilee eeggannoo yookiin nageenyaa lubbuu yookiin fayyaa namootaa, yookiin belladootaa
eeguuf barbaachisan kaka’umsa ofiin qopheessuu dhabuu isaan; yookiin kuusaalee mi’aa, buufatalee
waraanaa, hojiilee qabatamoo, meeshaalee hojii yookiin mi’ootabiroohojii itti gaafatmummaa isaan
eegamansirritti akka eegaman yookiin nageenyi isaanii akkamirkanaa’uu taasisuu dhabuu isaan
balaan akka isaanirra gahuuttiifi haala yaaddessa irratti akka argaman kan taasise yoo ta’e;
Akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, gochicha adabbiin naamusaa qofti kan isa
hin geenye ta’ee yoo argame hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
3.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti waraanni ittarii yeroo
labsametti yookiin yeroo waraanaatti ta’ee:
(a) itti Yaadamee yommuu tahu, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle, yookiin
balleessichi miidhaa cimaa kan hordofsiise yoo tahe hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni
ta’a.
(b) Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo tahe, adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin
caalle ni ta’a.
Keewwata 310. Mallattoo Balaa SobaTa’e Kennuu
1.
Namni kamiyyuu, itti yaadee yeroo deemsa lootummaa yookiin boqonnaatti, dirree yookiin buufata
waraanaatti, doonii waraanaa tokko irratti, bakka buufata xiyyaaraatti yookiin bakka biroo
116
kamiyyuutti keessumattuu, meeshaa waraanaa luqqifachuun, dhukaasuun, dibbeerukutuun, fiingee
afufuun mallattoon, iyyaan, sochii qaamaan yookiin tooftaabiroo kamiyyuu fayyadamuun mallattoo
balaa soba ta’e kan kenne yoo ta’e;
Hidha cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti,waraanni ittarii yeroo
labsametti, yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi seera kana tumaa biroon addatti adabbii olka’aa
ta’een kan adabsiisu yoo ta’uu baate; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi gocha keewwata xiqqaa (1) jalatti
ibsameef hidhaa salphaa waggaa tokkoo hin caalle; gocha keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef
ammoo hidhaa salphaa waggaa lama hin caalle ni ta’a.
Keewwata 311. Raayyaa Ittisaa Abdii Kutachiisuu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa yookiin ajajaan waraanaa kamiyyuu amala yeroo
keewwata kana
keewwata xiqqaa (2) jalatti kaa’ameen alatti agarsiisuun, keessumattuu karaa faallaa ajaja isaa
kennameen mataadhokfachuun (baqachuun), meeshaa waraanaa isaa, hidhata isaa yookiin
rasaasota isaa gatuun loltoota gidduutti soda facaasuun naamusa dhabuun yookiin joonja’iinsaaf
sababa ta’uun yookiin haalonni akkasii akka hin uumamne yookiin akka maqfaman gochuuf
eeggannoo barbaachisuu raawwachu dhabuun hamilee loltootaa kan tuqe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yookiin waraanaan dura xiqqoo dursee yookiin
battaluma waraanni raawwatetti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taane ni
ta’a.
3.
Yakkichiifi bu’aan inni hordofsisu cimaa ta’ee yommuu argamutti, adabbichi hidha cimaa umurii
guutuuyookiin akkuma haala dubbichaatti du’a ta’uu ni danda’a.
Keewwata 312.Sodaattummaa
Miseenssi raayyaa ittisaa kamiyyuu diina duratti sodaan:
(a) meshaa waraaana isaa kaasuuf yookiin itti fayyadamuuf didaa yoo ta’e; yookiin
(b) osoo hin ajajamiin kan dhokate, kanbaqate yookiin iddoo waraanaa isaaf kenname kan gadhiise yoo
ta’e; yookiin
(c) hiriyoonni isaa yookiin miiltoleen isaa osoo hin ajajamin akka dhokatan, akka baqatan, yookiin
iddoo waraanaa isaaniif kenname akka gadhiisan kan kakaase yoo ta’e;
Baayyee yoo xinnaate hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin
dubbichi baayyee cimaa yoo ta’e hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 313. Diinatti Harka Kennuu
117
Ajajaan waraanaa yookiin miseensii rayyaa ittisa kamiyyuu:
(a) waraanarratti yookiin diina duratti loltummaa isaatiin raawwachuu kan qabu akka haalichaatti
waan isa irraa eegamu hunda osoo hin raawwatiin waraana kan dhaabe, faajjii araaraa kan ol-qabe,
ergamaa kan erge, yookiin faajjii isaa kan gadi buuse yookiin miiltolee isaa waliin ta’uun diinatti
harka kan kenne yoo ta’e; yookiin
(b) itti gaafatamummaa isaa jala kan jirandoonii waraanaa, xiyyaara, taankii yookiin meeshaa waraanaa
kamiyyuu karaa ittiin baraaruu danda’un barbaadee waan isaaf danda’amu hunda osoo hin
raawwatiin; dhiisee kan deeme, kan gadi dhiise, kan mancaase yookiin diinaaf dabarsee kan kenne
yoo ta’e; Yookiin
(c) ittisuuf raawwachuu kan qabu hunda osoo hin raawwatiin da’oo guddaa, magaalaa, buufata doonii,
yookiin buufata xiyyaaraa, buufata waraanaa yookiin bakka da’oo waraanaa diinaaf kan gadhiise
yoo ta’e;
Hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
Keewwata 314.Meeshalee Waraanaa Akka Guutamanitti Dhiisuu
1.
Miseensi raayyaa ittisaa yookiin qondaalli ajaja waraanaa kamiyyuu yeroo waraanaatti, kallattii
xiyyeeffaannoo waraanaa, bafataalee, manneen aaragalfii, rasaasota, meeshaalee waraanaa, mi’oota
tajaajila waraanaaf oolan biroo, riqichoota, karaa ce’umsa sululaa, hadiida baaburaa, yookiin mi’oota
ittisa biyyaatiif tilmaama guddaa qaban tajajilaan ala gochuuf, mancaasuuf, waan isaa danda’amuu
hunda osoo hin raawwatiindinaaf kan dhiise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen yookiin badichi cimaa yeroo ta’utti hidhaa cimaa umurii
guutuun ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa
shanii gahuu danda’uun ni ta’a.
Keewwata 315. Uffata Seeraa Yookiin Meeshaa Waraanaa Dinaatti Seeraan Ala Fayyadamuu
1.
Miseensi rayyaa ittisaa kamiyyuu uffata seeraa diinaa, asxaa yookiin meeshaa waraanaa haala
dogoggorsuun yookiin miidhaa geessisuun uffatee yookiinosoo itti fayyadamuu kan argame yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame, keessumattuu yeroo waraanaatti ta’ee gochichi dogongorsa yookiin
miidhaa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimoo waggaa kudha shan hin caalle ni
ta’a.
Keewwata 316 . Miseensa Madaa’e Yookiin Du’e Dhiisanii Deemuu
118
1.
Miseensi raayyaa itisaa kamiyyuu miseensa dirree waraanaaatti madaa’e yookiin du’e osoo hin
kaasiin yookiin dhiisee deemuun harka diinaatti akka kufu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa Kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Hakiimiin loltuu kamiyyuu dirqama isaa yookiinhojii isaa raawwachuu dhabuun miseensa dirree
waraanaatti madaa’ee tokkoof yaala barbaachisu kennuu dhabuu isaan, namni madaa’a’e sun kan
du’e yookiin miidhaa cimaan kan irra ga’e yoo ta’e;adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (1)
jalatti tumameen ni adabama.
3.
Yakkichi dantaa biyyaa yookiin hamilee raayyichaa irratti miidhaa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu yookiin du’a ni ta’a.
Keewwata 317. Qabeenya Miseensa Madaa’e Yookiin Du’e Harka Jiru Irratti Yakka Raawwatamuu.
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu badhaadhina hin mallee argaachuuf yaadee miseensa dirree waraanaa
irratti madaa’e yookiin du’erraa qabeenya mootummaa yookiin kan biroo kamiiniyyuu kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Kutaa Shan
Tumaalee Waliinii
Keewwata 318. Yakkoota Siviilonni Yookiin Milishonni Raawwatan.
Miseensi siviilii yookiin milishaa dirqama dirree waraanaa biyya keessas ta’e biyya alaa irratti argamu,
bu’uura tumaalee mata duree lammaffaa armaan olii/keewwata 269-283/ jalatti ibsamaniin seerota
addunyaalessaa cabsuunyakkoota raawwatuun itti gaafatamaa ta’uun isaa akkuma eegametti ta’ee
tumaaleen keewwata 284-317 tti jiran irratti raawwatamaa ni ta’u.
Ta’us, yakkoota akaakuu tokko haala walfakkaataa ta’een raawwatamaniif akka miseensa raayyaa ittisaatti
manni murtichaa adabbicha itti hin cimsu.
Keewwata 319. Yakkoota Booji’amtootni Waraanaafi To’atamtoonni Loltuu Raawwatan
1.
Booji’amaan waraanaa yookiin to’atamaan loltuu daangaa Itoophiyaa keessatti yookiin abbaa angoo
loltuu yookiin sivilii Itiyoophiiyaa jalatti argama bu’uura tumalee maata duree lama (2) kanaan dura
jalatti ibsamaniin seerota addunyaalessaa darbuun yakkoota raawwatuun itti gaafatamaa ta’uun
isaa akkuma eegametti ta’e, yakka loltummaa raawwatu kamiifuu adabbiilee maallaqaa yookiin
naamusan ala tumaaleen idilee mata duree kanaa irratti raawwatamoo ni ta’u.
2.
Balleessichi yakkoota loltummaa hin taane kan raawwate yoo ta’e,adabbileenseera kanaan yakkoota
idileef tumaman irratti raawwatamoo ni ta’u.
119
Keewwata 320.Dirqama Loltummaa Cabsuun Yakkoota Qondaalonniifi Ajajaan Qondaalotaa
Raawwatan
Tajaajiloota loltummaa, naamusa yookiin dirqama yookiin sirna loltummaa yookiin walumaa galatti
tajaajiloota loltummaayookiin dirqamoota cabsuun qondaalli yookiinajajaan qondaalaatokko yakka kan
raawwate yoo ta’e; mallattoo sadarkaa gonfa isaatiin garaagarummaan otuu irratti hin taasifamiin,
fakkeenyummaa akka qabaatutti hanga badii balleesseenfiixee adabbiilee seera yakka kanaan tumaman
otuu ol hin darbiin adabbii cimaan ni adabama.
Keewwata 321. Haalawwan Cimoof Adabbiilee Dabalata Ta’an
yakkoonni hidhaa cimaan yookiin du’aan adabsiisan yommuu mudatan, raawwatichi yakkicha kan
raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e;ajajaaqondaala waraanaa yoo ta’e, adabbii maallaqaa qarshii
kuma shantama hin caalleen, ajajaa qoondaala yoo hin taane adabbii maallaqaa qarshii kuma digdamii
Shan hin caalleen manni murtichaa dabalataan isa adabuu ni danda’a.
Balleessichi tajaajila isaa itti fufuuf yookiin gonfa isaa akka qabatetti jiraachuun kan isaa hin malle ta’ee
kan argame yoo ta’e, gonfa isaa irraa akka gadi bu’u yookiin miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa akka
bahu dabalataan itti murtaa’uu ni dandaa’a.
Keewwata 322. Adabbiileen Naamusa Kan Eegaman Ta’uu Isaanii
Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu seerota, damboota yookiin qajeelfamootaa fi ajajoota loltummaa
dhaabbii keessatti kanneen ibsaman kan darbe yoo ta’eefi badichi xiqqaa ta’uusaatiin yakkaan kan isa
hin gaafachiifne yeroo ta’u, bu’uura qajeelfama naamusaa raayyichaatiin adabbiin naamusaa irratti ni
murta’a/Keewwata 792/.
Boqonaa Lama
Yakkoota Raayyaa Ittisaafi Miseensota isaanii irratti raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Miseensota Raayyaa Ittisaa Hojii Isaanii Raawwachaa Jiran Irratti Raawwataman
Keewwata 323. Dirqamni Hojii Haala Hin Malleen Akka Raawwatamu Yookiin Akka Cabu Dirqisiisuu
Namni kamiyyuu dhaadannoon yookiin humnaan miseensi raayyaa ittisaa tokko hojii tajaajila isaa gar malee
akka raawwatu yookiin tajaajila raawwachuu qabu akka hin raawwane kan dirqisiise yookiin dhorke yoo
ta’e ;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
120
Keewwata 324. Miseensa Raayyaa Ittisaa Hojii Isaa Hojjechaa Jiru Irratti Miidhaa Raawwatamu
1.
Namni kamiyyuu miseensa raayyaa ittisaa hojii isaa hojjechaa jiru, osoo inni isa hin tuqiin kan itti
dhaadate, kan miidhe yookiin kan harka itti darbe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
2.
Balleessichi meeshaa qabateen miidhamticha kan sodaachise yoo ta’e,yookiin gocha humnaa kan
irratti raawwate yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’u ni
ta’a.
Gochi kun miidhaa qaamaa cimaa yookiin du’a kan hordofsiise yoo ta’e, tumaaleen seeraa kan
rogummaa qaban dabalataan raawwatamoo ni ta’u /keewwata66/.
Keewwata 325. Halawwan Ulfaatoo
Yakkoonni armaan olitti keewwata 323 yookiin 324 jalatti ibsaman kan raawwataman:
(a) waardiyyaa, waardiyyaa loltuu, loltuu sonii (xuwaarsaa), poolisii loltuu yookiin abbaaaangoo
loltuu biroo hojii isaa hojjechaa jiru irratti yoo ta’e; yookiin
(b) qondaala loltuu yookiin ajajaa qondaala hojii isaan yookiin mallattoo gonfa isaan adda ba’uu
danda’u irratti yoo ta’e;
Dhaadannichi yookiin miidhaan meeshaa waraanaa malee raawwatame sun qaama yookiin fayyaa
namaa irratti miidhaa kan hin geessifne yoo ta’e, balleessichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin
taaneen ni adabama; miidhaa humnaan yookiin meeshaa waaraanaan raawwatame yommuu tahu,
balleessichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneen ni adabama.
Kutaa Lama
Raayyaa Ittisaafi Kutaalee Kenniinsa Tajaajila Deggersaa Isaanii IrrattiYakkoota Rawwataman.
Keewwata 326. Dirqamoota Seeraa Yookiin Waliigaltee Cabsuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) beelladoota, konkolaattota, nyaatawwan, yookiin mi’oota birootajaajila loltumaaf yookiin
raayyaa ittisaaf barbaachisan kamiiyyuu dirqama seeraan dabarsanii kennuu yookiin
dhiheessuu osoo qabuu, dirqama isaa kana sababa hin malleen osoo hin raawwatiin kan hafe
yoo ta’e; yookiin
121
(b) bu’uura dirqama waliigaltee seenen galaa, meeshaa, mi’a, yookiin mi’oota birootajaajila
loltummaaf yookiin raayyaa ittisaaf dabarsee kennuuf yookiin dhiheessuuf waliigale
kamiiniyyuu yookiin tajaajila hojiilee qabatamoof, gamooleef yookiin hojiilee uumataa/Pablic/
kan oolu wantoota kamiin iyyuu dirqama dabarsee kennuu yookiin dhiheessuu isaa osoo hin
raawwatiin kan hafe yoo ta’e;yookiin
(c) walumaagalatti raawwachuu kan qabu hojiilee, tajaajiloota, dirqamoota dabarsee kennuu
yookiin harkaa fudhachuu kan to’ate yookiin kan harkaa fuudhe yookiin kan dabarsee kenne,
dirqamoota waligaltee osoo hin hordofiin yookiin eeggannoo barbaachisu osoo hin taasisiin
hafuu isaatii haala raayyaa ittisaa irratti miidhaa geessisuun boodatti hafe yookiin hojii isaa
osoo hin raawwatiin hafeera yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama. Yakkichi baayyee cimaa yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi akkuma haala dubbbichaatti hidhaa
salphaayookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
3.
Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seera kennameefiin yoo ta’e, tumaaleen seera
kanaa keewwata 90 isarratti raawwatamoo ni tahu.
Keewwata 327. Hojii Daba
1.
Namni kamiyyuu ittiyaadee:
(a) raayyaa ittisaaf akka tajaajilan kan hundeeffaman hojiilee qabatamoo, mi’oota, meeshaalee
yookiin wanta biroo kamiiniyyuu kan diige, kan mancaase, yookiin tajaajilaan ala akka ta’an
kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) muudamaan yookiin abbaan aangoo tokko tajaajila raayyaa ittisaaf kennuu akka hin
raawwanne kan dhorke, yookiin tajaajilicha kan jeeqe yookiin balaarra kan buuse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
3.
Yakkoonni humna ittisaa mootummaa irratti raawwataman bu’uura keewwata 247 tiin kan
adabsiisan ni ta’u.
Keewwata 328. Mi’ootaLoltummaan Daldaluu.
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee,mi’oota qaamolee bulchiinsaa raayyaa ittisaan dhaalamanii, yookiin
raayyaa ittisaaf akka tajaajilan seeraan ummata irraa fudhatamaniitajaajilaa irra jiran, karaa
seeraan ala ta’een kan ergise, idaan kan qabsiise, ergisaan yookiin qabsiisaan kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
122
2.
Namni kamiyyuu mi’oota armaan olitti keewwata xiqqaaa(1) jalatti ibsaman kan gurgure, kan bite,
yookiin guutummaatti faayidaa ofiif kan oolfate yookiin kan balleesse, kan diige, yookiin tajaajilaan
ala kan taasise yoo ta’e;
Yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a jahaan ni adabama.
3.
Dubbichi ulfaataayommuu ta’utti, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
4.
Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana
keewwata 90 irratti raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 329. Uffata Seeraa, Mallattoofi Badhaasa Raayyaa Ittisaa Seeraan Ala Oomishuufi
Daldalaaf Naanneessuu.
1.
Namni kamiyyuu, osoo hin hayyamamiiniif uffatoota seeraa loltummaa, mallattoolee yookiin
badhaasota kan hojjete, kan kuuse, gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin kan gurgure, kan bite yookiin
karaa biroo kamiiniyyuu harkatti kan galfate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkicha kana raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana
keewwata 90 irratti raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 330. Uffata Seeraa, Mallattoofi Badhaasa Raayyaa IttisaaSeeraan AlaUffachuu.
Namni kamiyyuu osoo hin hayyamamiiniif uffatoota seeraa loltummaa, mallattoolee yookiin badhaasota
uffatee yookiin keewwatee kan argame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 331. Tarkaanfilee Eeggannoo Loltummaa Cabsuu
1.
Namni Kamiyyuu wanta raayyaa ittisaaf barbaachisaa ta’e yookiin dambii ajaja yookiin qajeelfama
faayidaa loltuu eeguuf mootummaan yookiin abbaan aangoo siviilii yookiin loltummaa baase kan
cabse yoo ta’e;
seera kanaan tumaa biroon addatti kan adabamu yoo ta’e malee,hidhaa salphaa Waggaa tokkoo hin
caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibbaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii
maallaqaa qarshii dhibba sadii hin caalle ni adabama.
123
Keewwata 332. Ajajoonni Loltummaa Akka Caban Taasisuuf Nama Biroo Kakaasuu
1.
Namni Kamiyyuu ajajoonni loltummaa akka hin raawwatamne, sirni akka hin kabajamne yookiin
dirqamni loltumaa akka cabuuf ifatti ta’uus ta’uu baatus kan kakaase yoo ta’e,
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu yakka kana raawwachuuf gartuu, sochii, yookiin walgahii seeraan alaa kan
gurmeessu yookiin garee sanaatti, sochii sanaatti yookiin walgahii seeraan alaa sanarratti hirmaatee
yoo ta’e; yookiin karoora hojichaa keessa kan seene yookiin miseensa waldaa ta’uun hirmaataa kan
ta’e yookiin gocha akkanaaf gumaacha kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin balaa gochi kun silaa dhaqqabsiisu keessumattuu baayyee kan ol ka’e yoo
ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
3.
Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana
keewwata 90 raawwatamaa irratti ni ta’u.
Keewwata 333. Bakkeewwaniifi Mi’oota Loltummaa Murtaa’an Eeguuf Dhorkaalee Bahan Cabsuu.
Namni kamiyyuu, hayyama malee yookiin karaa seeraan ala ta’een:
1.
Abbootii aangoo loltummaan yookiin sababoota dhimma loltummaannamni akka hin geenye bakka
loltummaa, iddoo hojii yookiin bakka biroodhorkame kamiiniyyuu seenee kan argame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
ibsa, plaanii,saxaxa,suuraa yookiinfakkii biroo, iddoo hojii yookiin meeshaayookiin mi’a biroo
kamiiyyuubakka loltummaa, iddoo hojii, yookiin bakka birookana fakkaatan kamiyyuutti argamuu
kan hojjete,kan fudhate, kanqopheesse, kan baayyise, kan ifa baase yookiin nama biroof dabarsee
kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 334. Ajajoota Yookiin Qajeelfamoota Waliigalaa Sobatti Jijjiiruu Yookiin Balleessuu.
1.
Tumaan keewwata 379fi 381 akkuma eegametti ta’ee, namni kamiyyuu ittiyaadee:
(a) faayidaa yookiin fedhii lammiilee yookiin
humnoota ittisaa filannoon loltummaa yookiin
tajaajilli loltummaa isaan ilaallatu ilaalchisee, ajaja kenname akaakuukamiyyuu yookiin tajaajila
loltummaaf miini akka dhihaatu ajaja kenname fakkeessee kan hojjate, yookiin gara sobaatti
kan jijjiire kan balleesse yookiin akka badu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) ajaja yookiin qajeelfama fakkaatee hojjatame yookiin gara sobaatti jijjiirame kanatti kan
tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin akka ulfaatina dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni
adabama.
124
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hin caalle yookiin
adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 335. Yakkoota Raayyaa Ittisaafi Dirqamoota Loltummaa Irratti Raawwataman Beeksisuu
Dhabuu
1.
Namni Kamiyyuu, yakki baqannaa yookiin fincila loltummaa qophaa’uu yookiin raawwatamuu isaa
osoo beekuu, sababni humnaa ol ta’e osoo hin jiraatiin abbaa aangootti osoo hin beeksisiin kan hafe
yookiin akka hin raawwatamne dhorkuuf yookiin yakkamtichi akka qabamuu waan isaaf danda’amu
kan hin taasifne yoo ta’e;
Yakki baqannaa yookiin fincilaa yoo xinnaate kan yaalame yoo ta’e; hidhaa salphaan, dubbichi
ulfaataa yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
2.
Dirqama yakka abbaa aangootti beeksisuu dhabuun yakka raawwatameef mirga iccitii ogummaa
yookiin abbaa aangummaa akka ittisaatti dhiheeffachuun hin danda’amu. Yakkichi kan raawwatame
yeroo waraanaatti yoo ta’e, walittidhufeenya firooma dhiigaafi jaalalaa sababoota addaa adabbiin
ittiin salphatu taasisanii dhiheeffachuun hin danda’amu/Keewwata 83/.
3.
Yakkoota ganuufi basaasuu beeksisuu dhabuun,bu’uura tumaa eegumsa nageenya biyyaafi
humnoota ittisa biyyaa ilaalchisee seera kanaan tumameen ni adabsiisa/keewwata 254/.
Keewwata 336. Iccitii Loltummaa Ibsuu
1.
Namni kamiyyuu, seera kana keewwata 248-252 jalatti kan tumamaniifi keessumattuu adabbii
ol’aanaa kan hordofsiisan yakkoota ganuufi basaasuun ala, haala ta’een walumaagalatti ummata
biratti ifatti kan hin beekamneefi sababa uumama isaaniitiin gatii guddaa kanneen qaban nama hin
hayyamamneef yookiin ummataaf akka hin ibsamne iccitiin kan eegaman saanadoota yookiin
odeeffannoowwan iccitii loltummaa qaban akaakuu kamiyyuu nama hin hayyamamneef yookiin
ummataaf kan ibse yookiin kan dabarse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taaneen ni adabama.
2.
Yakkichi kan ilaallatu, keessumattuu sanadoota yookiin ragaalee eegaman yoo ta’e, yookiin
yakkamtichi hojjetaa sanadoota kana sirriitti beeku yookiin akka isaan eegu ramadame yookiin
imaanaa fudhate yoo ta’e; yookiin yakkichi balaa cimaa yookiin addaa hordofsiisuu kan danda’u yoo
ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii gadii hin taane ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi gocha keewwata xiqqaa (1) jalatti
ibsameef hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle; keewwata xiqqaa(2) jalatti kan ibsameef ammoo
hidhaa salphaa waggaa sadii hin caallee ni ta’a.
Keewwata 337. Odeeffannoo Sobaa Yookiin Tabjeessaa
125
Namni Kamiyyuu, loltoonni sochiiraa yookiin hojii isaanii raawwachaa osoo jiranii, tarkaanfii eeggannoo
faayidaa loltuumaaf jedhamee ajajame gufachiisuuf yookiin dhorkuuf yookiin sochiilee yookiin
karoorawwan waraanaa raayyaa ittisaa gufachiisuuf yookiin balaan gufachiisuu akka irra gahu taasisuuf;
yookiin loltoonni naamusaan ala akka ta’an yookiin akka hin ajajamne kakaasuuf yookiin ummata gidduutti
tasgabbii dhaabuufi jeequmsi akka ka’u jajjabeessuuf; sirrii ta’uu dhabuu isaanii osoo beekuu itti yaadee
oduulee sobaa kan tamsaase yookiin kan dabarse yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen; yookiin yakkichi ulfaataayoo ta’u hidhaa cimaa hanga umurii
guutuu gahuu danda’uun ni adabama.
Kutaa Sadii
Tumaalee Waliinii
Keewwata 338. Yeroo Balaa Yookiin Waraanaatti Haala Adabbiin Cimsu
1.
Yakkoota kutaalee lamaan armaan olitti ibsaman keessaa tokko kan raawwatame miseensa raayyaa
ittisaa hojii isaa irra jirurratti yookiin humna ittisaa yookiin deggersaa irratti yookiin faayidaalee
loltummaa irratti ta’ee, yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa yommuu kennametti, waraanni
ittarii waliigalaa yommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi tumaan addaa adabbicha
cimsuu biroo kan hin jirre yoo ta’e, manni murtichaa:
(a) bakka hidha salphaa hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle;
(b) adabbichi hidhaa cimaa yommuu ta’etti, kutaa waliigalaa seera kanaatiin waa’ee hidhaa cimaa
kan tumame fiixeen adabbii olaanaa akka eegameetti ta’ee, adabbii olaanaa tumame hanga
dachaatti olkaasuun murteessuu ni danda’a.
Ta’us, yakka baqannaa yookiin fincilaa yookiin karoora beeksisuu dhabuu/keewwata 335/ hidhaa
cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.
2.
Yakkichi dagannoon yoo raawwatameefi akka adabsiisuu seerichaan tumamee yoo argame, manni
murtichaa:
(a) bakka hidhaa salphaa waggaa sadii hin caallee, adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalle;
(b) bakka hidhaa salphaa waggaa shan hin caallee, adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalle;
murteessuu ni danda’a.
3.
Manni Murtichaa adabbii maallaqaa yommuu murteessu, bu’uura tumaa raawwatamaa ta’een
seerichi kan tume adabbii maallaqaa hanga dachaatti murteessuu ni danda’a.
Keewwata 339. Yakkoota Jaalala Maallaqaan Raawwataman
Yakkoonni adabbii hidhaa cimaa hordofsiisan yommuu mudatan hunda, balleessichi yakkicha kan
raawwate sababa jalaala maallaqaan yoo ta’e, akka cimina dubbichaafi hamma qabeenya
126
yakkamtichaattimanni murtichaa adabbii hidhaa waliin adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko
hin caalle dabalee murteessuu ni danda’a.
Boqonnaa Sadii
Haalawwan Keewwatoota 284-337tti Tumaman Poolisii Irrattis Raawwatamoo Ta’uu Isaanii
Keewwata 340. Qajeeltoo Raawwii
Boqonnaa lamaan armaan olii keessatti yakkoota adabbii ni hordofsiisu jedhamanii ibsaman keessaa
tokko kan raawwate miseensa Poolisii yoo ta’e, yookiin yakkichi kan raawwatame miseensa Poolisii
hojiirraa jiru irratti yoo ta’e;yakki kun tumaa biroon kan adabsiisu yoo ta’e malee, tumaaleen boqonnaa
lamaan armaan olii keessatti ibsaman raawwatamoo ni ta’u /keewwata 284-337/.
Keewwata 341. Haalawwan Addaa
Tumaaleenarmaan olitti keewwata 284-337tti ibsaman yommuu miseensota Poolisii irratti
raawwatamaa ta’an, manni murtichaa hojiifi caaseffama addaa poolisii tilmaama keessa galchuu qaba.
Keewwata 342. Tumaaleen Hojjetoota Mootummaa Ilaallatan Poolisii Irratti Raawwatamoo Ta’uu
Isaanii
1.
Yakkoonni caaseffama, dirqama tajaajilaafi nageenya Poolisii irratti raawwataman, tumaalee
armaan olitti tumaman irratti dabalataan seera kana keessatti tumaaleen hojjettoota mootummaa
ilaallatan/Keewwata402 hanga 426/ miseensota Poolisii irrattis raawwatamoo ni ta’u.
2.
Gochi yakkichaa mata duree kana yookiin kitaaba arfaffaa keessatti tumaalee mata duree sadii
jalatti, keessumattuu, dirqamoota tajaajilaa cabsuu/Keewwata 293 yookiin 420/ seeraan ala
faayidaa argachuu, seeraan ala balleessuu yookiin hojiilee haala mijjaawaa hin taaneen
gaggeessuu/Keewwata 306 fi 307 yookiin keewwata 407-419/; akkasumas iccitii hojii
ibsuu/Keewwata 336 yookiin keewwata 396 fi 397/ bu’uura tumaalee ibsamaniin adabsiisuu kan
danda’u ta’ee yoo argame, manni murtichaa yakkichi amala loltummaa kan qabu yookiin hojjetoota
mootummaa kan ilaallatu ta’uu isaa qorachuun tumaa roga qabeessa ta’ee argate raawwatamaa ni
taasisa.
Mata Duree Afur
Faayidaalee Dinagdeefi Maallaqaa Mootummaa Irratti YakkootaRaawwataman
Boqonnaa Tokko
127
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 343. Seerota Addaa CabsuunYakkoota Raawwataman
1.
Qaama mootummaa bu’uura seeraatiin aangoo qabuun miidhaa faayidaa maallaqaa yookiin
dinagdee biyyaa irratti raawwatamu kamiyyuu to’achuuf yookiin ittisuuf Gaazexaa Nagaaritaa
Federaalaa Yookiin Gaazeexaa Seeraa Mootummoota Naannoo irratti seera bahuu darbuun yakki
kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi bu’uura qajeeltoowwan seera yakka kana keessatti ibsamaniin
ni murtaa’a.
2.
Tumaalee dambii darbuun tumaman yookiin akaakuu kanaan kan hin ilaalamne amala dambii
darbuu qaban kan ajajan yookiin kan dhorkan darbuun yakki yommuu raawwatamu yeroo
kamiyyuu, miidhaan raawwatamuun yakkicha hordofsiise qarshii kuma kudhan kan hin caallee yoo
ta’e, adabbiin murtaa’ubu’uura tumaalee keewwatootasera kanaadambii darbuuf tumamaniin ta’a.
Keewwata 344.Akaakuufi Hamma Adabbiilee Yakkaa
1.
Seeronni dhimmicha ilaallatan gara yakka seera yakkaa kana keessatti tumametti ifatti kan hin
qajeelchine ta’anii yommuu argamanitti, manni murtichaa bu’uura tumaalee waliigalaafi daangaa
adabbii idilee seera yakka kanaan hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa ni murteessa
/keewwata 90-92,106 fi 107/.
2.
Badichi ulfaataata’ee, yakkichis kan raawwatame maallaqa hedduun yookiin mi’a gatii ol’aanaa qabu
irratti yoo ta’e yookiin seera kana keewwata 92n akka tumametti yakkamtichi yakkicha akka hojii
isaaidilee taasifatee kan itti fayyadamu ta’ee yommuu argamu; manni murtichaa faayidaan gocha
yakkichaan argame akka dhaallamu taasisuu irratti dabalataan balleessichi adabbii maallaqaa
qarshii kuma dhibba tokko hin caalle akka kaffalu murteessuu ni danda’a.
3.
Ittisaa,
eegumsaafi
dhorkaa
akkasumas
tarkaanfilee
ibsaafi
beeksisaa
dabalataan
murtaa’antumaaleen waliigalaa ilaallatan kan fayyadan ta’uu isaani manni murtichaa yommuu
amanu dabalata taasisee murteessuu ni danda’a.
Keewwata 345. Adabbiilee Dabalataa Ashuuraafi Gibiraa.
Balleessaa ashuuraafi gibirra irra gahuu ilaalchisee adabbiin gama yakkaan murtaa’u kamiyyuu, ashuuraafi
gibirri yeroon kaffalamuu dhabuun adabbiilee bu’uura seera rogummaa qabuun murtaa’an hin hambisu.
Boqonnaa Lama
Tumaalee Addaa
Keewwata 346.Warqee, Maallaqa Callaafi Maallaqa Biyyaa Alaatiin Seeraan Ala Daldaluu.
128
Namni kamiyyuu, yakkamaa maallaqaa irratti badii raawwatu adabuuf tumaa seeraa yakkaa/mata duree
shanaffaa armaan gaditti argamu keessatti/ kan ibsameen ala haala murtaa’e tokkoon, daangaan, to’annoon
yookiin eegumsa addaatiin hojiin daldalaa yookiin sharafaa ittiin hojjetamufiwarqee yookiin qabeenya
biyyaa yookiin biyya alaa ta’e yookiin maallaqa biyyaa alaa kamiyyuu, hayyama osoo hin qabaatin yookiin
seera darbuun kan bite, biyya alaarraa kan fichisiise yookiin gara biyya alaatti kan erge,keessuu imaanaa
ta’ee kan fuudhe, kan kaa’e, kan sharafe, kan gurgure yookiin gurgurtaaf kan dhiheesse yoo ta’e;
dambiin qabeenyaan inni yakka kana ittiin raawwate dhaaluu kan isarratti ragga’u ta’uun isaa osoo hin
hafiin, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni
adabama
Keewwata 347. Albuuda Gati Jabeessa Ta’aniin Seeraan Alan Daldaluu
Haala keewwata armaan olitti ibsameen namni kamiyyuu, karaa seeraan ala ta’een albuudagati jabeessa kan
akka warqee, pilaatiiniyeemii, yuuraaniyeemiifi alabuudabirookanneen fakkaatan, akkasumas dhagaalee gati
jabeessa eeguuf yookiin seeraan ala naannessuu to’achuuf seera bahe cabsuun yakka kan raawwate yoo ta’e;
Adabbbiin armaan olitti keewwata 346 jalatti tumame irratti raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 348. Gocha Dabaa Amanamummaa Maallaqa Mootummaa Irratti Raawwatamu
Namni Kamiyyuu, amanamummaa faayinaanssii mootummaa irratti miidhaa geessisuuf karoorafachuun
yookiin gochichi miidhaa geessisuu akka danda’uu osoo beekuu:
(a) sharafni maallaqaa biyyatti akka rakasu taasisuuf baankii irraa yookiin gara baankiitti galchuuf
jaarmiyaalee biroo seeraan galchuuf dirqamni irra kaa’ame irraa maallaqni akka ba’u kan taasise
yookiin kan kakaase yookiin sanadoota wabummaa yookiin sanadoota dirqama jiilmaan gurguruun,
gatiin isaanii akka gadibu’u kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) maallaqaawwan, sanadoota wabummaa yookiin sanadoota dirqamaa kana namni biraa akka hin
baasne yookiin isaanuma kana akka hin binne kan gufachiise yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan
hin caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni adabama; yookiin yakkichi
bu’aa hamaa kan hordofisiise yookiin kan hordofsiisu yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa digdama hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 349.Karaa Seeraan Alaa ta’eenAshuura Yookiin Gibiraa Mootummaa Kaffaluu Diduu
1.
Namni kamiyyuu, seeraan kan tumameefi abbaa aangoo dhimmi ilaaluun kan murtaa’e ashuura
yookiin taaksii akaakuu kamiyyuu lafarraa, qabeenyarraa yookiin galii addaddaarraa akaakuunis
ta’e maallaqaan kaffaluu qabu, akka kaffalu seeraan yommuu gaafatamu kaffaluu kan dide yoo ta’e;
Dirqamni gibira yookiin ashuura yookiin taaksii kamiyyuu kaffaluu isaa akkuma eegametti ta’ee,
hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
129
2.
Diddaan isaa dhaadannaa, gocha humnaa, harka darbuu yookiin meeshaa waraanaatti tajaajilamuufi
meeshaa kaasanii aggaamuu yookiin jeequmsa yookiin fincila kan hordofsiise yoo ta’e, bu’uura
tumaa dhimmicha ilaallatuun adabbiin tumame dabalataan irratti ni raawwatama /keewwata 85/.
Keewwata 350. Gibirri Akka Hin Kaffalamne Kakaasuu
1.
Namni kamiyyuu, gochaan, kennaan, jechaan, dhaadannaan, yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu
namnibirooashuura yookiin gibira seeraan tumame akka hin kaffallee kan kakaase yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
2.
Sababa babal’ina gocha yakkichaatiin haalli isaa ulfaataa yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa
sadii hanga waggaa kudhanii gahuufi adabbii maallaqaa ni ta’a.
Yakkichi fincila kakaasuuf yookiin abbaa aangoo aangoorra buusuuf kakaasuu yookiin kana kan
fakkaatan tumaalee ciccimmoo ilaalataniin kan gaafachiisu yoo ta’e, tumaa yakkoota dacha ilaallatu
rogummaa qabuun adabbichi ni cima/Keewwata 85/.
Keewwata 351.Maddawwan Galii Mootummaa Irratti Miidhaa Geessisuu.
1.
Namni kamiyyuu gibira, ashuurayookiin kaffaltii biro seeraan murtaa’eefi saanduqa mootummaatti
galii ta’uu qabu akaakuu kammiyyuu, gartokkeen yookiin guutuummaan ofiisaa yookiin nama biroo
yookiin jaarmiyaa namummaa seeraa qabu akka hin kaffallee oolchuuf yaadee:
(a) meeshaa yookiin kaappitaala yookiin galii ashuurri yookiin gibirri irratti murtaa’uu qabu
ilaalchisee yookiin ashuuricha yookiin gibiricha murteessuuf haalawwan rogummaa qaban
kamiyyuu irratti osoo beekuu qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuuf odeeffanoo sobaa kan
kenne yoo ta’e; yookiin
(b) tooftaa akaakuubiroo kamiiniyyuu qaamolee mootummaa dhimmuma kanaaf aangoon
kennameef akka dogoggoran osoo beekuu dhugaa gara sobaattijijjiiruun, dubbicha dhoksuun
yookiin galii sobaa yookiin herreega sobaa qopheessuun yookiin gocha kana fakkaatan
kamiiniyyuu kan dogoggorse yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin
caalleen ni adabama.
2.
Abbaan aangoo yookiin hojjetaan kamiyyuu karaa hin taaneen, gibirri yookiin qaraxni/ashururri/
akka hin kaffalamne yookiin akka hir’atu kan taasise yoo ta’e; seeraan ala aangootti fayyadamuun
(keewwata 407) n gaafatamaa ni ta’a.
3.
Balleessichi yakkicha kan raawwate yakkoota biroo, keessumattuu yakka gowwomsuu yookiin
yakka sanda sobaa qopheessuu haalawwan hundeessaniin yoo ta’e tumaaleen yakkoota kana
ilaalatan dabalataan irratti ni raawwatamu/keewwata 85/.
Keewwata 352. Kellaa Cabsuu/Kontiroobaandii/
130
1.
Namni kamiyyuu ittiyaadee:
(a) mi’a daldalaa, qabeenya, mi’a adda addaa akaakuu kamiyyuu yookiin hojiin warshaa yookiin
ogummaan harkaa omishu wantoota akaakuu kamiyyuuashuurri yookiin gibirri seeraan
murtaa’e kan itti hin kaffalamne Itiyophiyaa keessaa gara biyya alaatti kan baase yookiin biyaa
alaa irraa gara Itoophiyaatti kan galche yoo ta’e;
(b) karaa seeraa alaa keewwata xiqqaa qubee (a) jalatti ibsameen gara biyya keessatti galuu isaa
osoo beekuu mi’a yookiin qabeenya kana kan kuuse, gurgurtaaf kan dhiheessee yookiin kan bite
yoo ta’e; yookiin
(c) mi’oota yookiin oomishaalee biyya keessatti oomishamanii ashuraan osoo itti hin kaffalamin
akka hin naannofne dhorkaman kan naanneese yoo ta’e;
Mirgi namootayaada qajeelaan dhimmichaaf haaraa ta’anii osoo hin tuqamin, mi’a, meeshaa
yakki ittiin raawwatamee fi bu’aa yakkichaa dhaaluu ilaalchisee dambiin tumamee akkuma
eegametti ta’ee, adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen yookii hidhaa salphaan ni
adabama/Keewwata 140/.
2.
Yakkichi kan raawwatame humnaan, dhaadannaan, waliindhahuun, yookiin gareen yoo ta’e; mi’ichi
dhaalamee hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.
3.
Gochoota dambii darbuu gumuruka keessatti yeroof qofa tasa raawwataman irratti adabbiin
murtaa’u bu’uura tumaa dambii darbitootaaf tumameen ta’a /Keewwata784/.
keewwata 353. Dinagdee Biyyaafi Monoppoolii Mootummaa IrrattiYakkoota Raawwataman.
1.
Namni kamiiyyuu, haalawwan armaan olitti addatti ibsaman yookiin dambii darbuun
adabsisaniin alatti/keewwata 784-790/:
(a) mi’oota,oomishota yookiin meeshaalee dhorkaaman yookiin hayyamni yookiin to’annoon
yookiin ashuurakaffaluun isaan barbaaachisu; biyya alaatii fichisiisuu yookiin biyyaa alaatti
erguu, kaa’uu, daddeebisuu; yookiin
(b) bu’aa qabeenyaa lafa biyyaa irraa yookiin lafa keessaa argamutti fayyadamuu, humna
elektiriikaatti tajaajilamuu, albuudaaleen fayyadamuu; yookiin
(c) bineensota bosonaa yookiin bu’aa isaaniin fayyadamuu yookiin bineensoota kana adamsuu
yookiin ajjeessuu; yookiin
(d) bosonoota, paarkotaafi iddoowwan eegamandaangeeffaman keessa qubachuu yookiin
gochoota biroo raawwachuu; yookiin
(e) hojii hayyama mootummaa qofaan hundeeffame yookiin mootummaan monoppolaan kan
to’atu; yookiin
(f) caasaa baankii yookiin dhaabbilee misoomaa mootummaa yookiin keenniisa konseshinii
yookiin hojmaataafi to’annoo baankii, jaarmiyaalee daldaalaas ta’e industrii, warshaalee,
baabura midhaanii yookiin hoteelota to’annoo mootuummaa jala jiran yookiin dhaabbilee
kam iyyuu ilaalchiisee tumaalee bahan itti yaadee kan cabse yoo ta’e;
131
Gochichi tumaa addaa adabbii olaanaa murteessisu keessatti kan hin ibsamanee yoo ta’e,
yakkoota armaan olitti tarreeffaman raawwatee argamuu isaaatiin qabeenyi yakki ittiin
raawwatame kan dhaalamu, hayyamnii daldalaafi waraqaaleen ragaa hojii kan fudhatamu,
hojii industrii isaa akka itti hin fufne kan dhorkamu, yookiin manni daldalaa isaa kan
cufamu ta’uun isaa osoo hin hafin; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu qabeenya jenetikaa walittiqabuu, geejjibuu, dabarsuu, biyyaa baasuu yookiin
biyya keessa galchuu yookiin fayyadamuu ilaalchisee seera bahe kan cabse yoo tahe;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen yookiin hidhaa cimaa
waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma soddomaa
gahuu dandahuun ni adabama.
3.
Namni kamiyyuu karaa faallaa seeraa ta’een bineensitota mararfatamoo kan adamse yookiin
kan ajjeese yoo ta’e; yookiin bineensota yookiin biqiltoota mararfatamoo yookiin bu’aa isaanii
qabatee kan argame, kan walittiqabe, kan geejjibe, kan dabarse, yookiin biyyaa kan baase yoo
ta’e;
akka haaladubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen; yookiin hidhaa cimaa
waggaa kudha lama hin caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantamaa hanga qarshii kuma
dhibba tokko gahuu dandahuun ni adabama.
4.
Gochoota keewwata kanaan ibsaman keessaa tokko kan raawwatame dagannoon yoo tahe,
adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caallee yookiin akka haala dubbichaafi akka
cimina yakkichaatti hidhaa salphaa ji’a jaaha hin caalleen ni ta’a.
Keewwata 354. Haalawwan Yakkicha Cimsan
1.
Mi’a dhorkame dabarsuu, bu’aa hin mallee argachuuf daldalli seeraan alaa yookiin kontrobaandiin
raawwatame yookiin maallaqa tilmaama olaanaa qabu irratti yakka raawwatame yommuu ta’u
yookiin yakkamtichi wanta kana fakkaatan dabarsuu fi seeraan dhorkamee hojjechuu hojii
ogummaa idlee isaa kan godhate yoo ta’e; adabbiin itti murtaa’u qabeenyi yakki ittin raawwatame
dhaalamuun isaa akkuma eegametti ta’ee, adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hin caalleefi
hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.
2.
Yakki keewwata xiqqaa tokko jalatti ibsame kan raawwatame jaarmiyaa namummaan seeraa
kennameefiin yoo tahe; adabbiin seera kana keewwata 90 jalatti ibsame irratti raawwatama ni ta’a.
Mata Duree Shan
Maallaqoota Beekamoo, Sanadoota Dirqamaa Yookiin Waabummaa, Chaappawwan, Teemberoota
(sumudoota) Yookiin Meeshaalee BeekamanIrrattiYakkoota Rawwataman
Keewwata 355. Tumaa Waliigalaa Jarmiyaa NamummaanSeeraa Keennameef Ilaallatu
132
Mata duree kana jalatti, yakkoota tumaalee keewwata 356 hanga 374 tiin ibsaman irratti haallawan seera
kan keewwata 34 guutamanii yommuu argamanitti namoota dhuunfaa qofa osoo hin taane jaarmiyaan
namummaanseeraa kennameefis yakkaan ni adabama.
Boqonnaa Tokko
Maallaqa Sobaa, Sandoota Dirqamaa Yookiin Wabummaa
Keewwata 356. Hojjechuu
Namni kamiyyuu, Itoophyaatti yookiin biyyaa alaatti akka dhugaa taasisee naannessuuf yaaduun,
mallaqoota, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaittiin daldaluuf seera qabeessa ta’an hayyama malee
kan hojjete yookiin fakkeessee kan hojjete yoo tahe;
hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taaneen ni adaba.
Keewwata 357. Sobaatti Jijjiiruu
Namni kamiyyuu, mallaqa, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaittin daldalamu seera qabeessa ta’an
gatii isanii sirrii ta’ee ol gatii ta’een akka naanna’u taasisuuf yaaduun, bifa isaanii jijjiiruun, bifa isaanii sirrii
irratti wantabiroo dabaluun, haalluu isaanii jijjiiruun yookiin tooftaa akaakuubiroon Itoophiyaatti yookiin
biyyaa alaatti gara sobaatti kan isaan jijjiire yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 358. Gatii isaa Gadii Buusuu
Namni kamiyyuu,Itoophiyaatti yookiin biyyaa alaatti gatii isaa akka qabatetti kan ittiin daldalaman akka
ta’anitti yaaduun makaanikaalaan, fizikaalaan, yookiin keemikaalaan yookiin toftaa biroo kamiin iyyuu
fayyadamee maallaqoota seera qabeessa ta’an gatiin isaani akka gadi bu’u kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 359. Biyyaatti Galchuu, Biyyaa Baasuu, Qabachuu, Kaa’uufi Dhiheessuu
133
Namnii kamiyyuu, maallaqoota, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaasobaa ta’an yookiin gatiin isaanii
akka gadi bu’u taasifaman dhuggummaa yookiin gatii isaanii guutuu akka qabatanitti fakkeessee ofii ittiin
daldaluufyookiin naanna’an taasisuuf yaaduun gara biiyya keessaa kan galche, biyyaa kan baase yookiin kan
qabate yookiin kan kaa’e yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 360. Tilmaama Nanneessuuf yaadu
Yakkoota keewwata 356 hanga keewwata 359 jalatti ibsaman ilaalchisee gochoonni kan raawwataman
naanneessuuf yaaduun akka ta’eetti ni tilmaama.
Keewwata 361. Naannessuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee;
(a) maallaqoota, sanada dirqamaa yookiin wabummaasobaa yookiin gara sobatti jijjiraman dhugaa
fakkeessee yookiin gatii murtaa’eef caalaa akka qaban fakkeessee Itoophiyaa keessatti yookiin
biyya alaatti kan nanneesse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
(b) maallaqoota gatiin isaanii hir’ifame gatii guutuu akka qaban fakkeessee akka naanna’an kan
taasise yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni
adabama.
2.
Balleessichi maallaqicha, sanadicha dirqamaa fi wabummaa amantaa dhugaadha jedhuun yookiin
gatii isaa sirriin erga fuudhee booda kan sobaa ta’uu isaa yookiin gatiin isaa hir’achuu osoo beekuu
kasaaraarraa ooluuf;
(a) maallaqa, sanada dirqamaa yookiin wabummaasobaa yookiin gara sobaatti jijjirame dhugaa
fakkeessuun kan naanneesse yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.
(b) mallaqa gatiin isaa hir’ifame gatii guutuu akka qabu fakkeessuun kan naanneesse yoo ta’e;
adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 362. Haala Salphaa
Yakkoota keewwata 356 hanga keewwata 361 jala jaran ilaalchisee hammi maallaqichaa tilmaamni xiqqaan
kan kennamuuf ta’uu isaatiin yakkichi salphaa yommuu ta’utti, adabbichi hidhaa salphaa ni ta’a.
Boqonnaa Lama
Chaappawwan, Tambeeroota (sumudoota), Mallattoolee, Madaalotafi Safaartuulee Gara
Sobummaatti Jijjiiruu
Keewwata
363. Chaappawwan Mootummaa Gara Sobaatti Jijjiiruu Yookiin Seeraan Alaa Itti
Fayyadamuu
134
1.
Namni Kam Iyyuu:
(a) dhimma hojii mootummaa qofaaf kan ooluu chaappaa mootummaa chaappaa yookiin qaama
mootummaa keessaa kan tokkoo gara sobaatti kan jijjire yookiin fakkeessee kan hojjete yookiin
chaappaa gara sobaatti jijjirametti yookiin fakkeeffamee hojjetametti kan tajaajilame yoo ta’e;
yookiin
(b) chaappaa isa dhugaatiin seeraan ala kan ittin hojjete yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Yakkichi faayidaa yookiin mirga biyyaa irratti miidhaa olaanaa kan geessise yoo ta’e;
Adabbichi hidha cimaa Waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahutaha.
Keewwaa 364. Chaappaa Jaarmiyaalee Tajaajila Ummaata Yookiin Dhuunfaa Biroo Gara Sobaatti
Jijjiiruufi Chaappaawwaniin Seeraan Ala Hojjachuu
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) chaappaa jaarmiyaalee tajaajila ummataa yookiin dhuunfaa gara sobaatti kan jijjire yookiin
chaappaa gara sobaatti jijjirameen kan tajaajilame; yookiin
(b) Chaappaa isaa dhugaa ta’een seeraan ala kan hojjete yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi miidhaa ol’aanaa kan geessise yoo ta’e:
Hidhaa cimaa Waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabsiisa.
Keewwata 365. Mallattoolee Beekamoo Gara Sobaatti Jijjiiruu
Namni kamiyyuu:
(a) madda dhufaatii isaanii yookiin mallattoo addaa ifatti beekamee yookiin mallattoomirkaneessaa
qulqullinna yookiin wabummaa, keessumattuu kan gumurukaa, yookiin kan dhimma mi’a
daddeebisuu, yookiin kan warqee, kan meetii yookiin kan albuudaalee gati- jabeessa biroo, yookiin
kan mukaa, kan gogaa yookiin bu’aalee Ooomishootabiroo, kan mi’oota nyaataa, kan qorichoota
(kan daawaalee) yookiin mi’oota eegumsa fayyaa ummataaf fayyadan kan ilaallatan yoo ta’u
chaappaalee, mallattoolee Chaappaa boca baasuun hojjetaman yookiin mallattoolee addummaa
biroo kamiyyuu yoo ta’aniyyuu, akka waan dhugaa ta’anii yookiin akka ittiin hin hojjetamne taasisee
gar-malee ittiin hojjechuuf yookiin namooti biroo akka ittiin hojjetan yaaduun aangoo seeraa osoo
hin qabaatiin kan hojjete, gara sobatti kan jijjire yookiin fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(b) mallattoolee gara sobaatti jijjiraman yookiin fakkeeffamanii hojjetaman akkanaa osoo beekuu, akka
dhugaa ta’an yookiin akka ittiin hin hojjetamne fakkeessuun kan ittiin hojjete yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
Keewwata 366. Tambeerota (sumudoota) Beekamoo Gatii Qaban Gara Sobaatti Jijjiirru
135
1.
Namni kamiyyuu:
(a) akka dhugaa yookiin akka ittiin hin hojjetamne taasisuun ofiisaa ittiin hojjechuuf yookiin
namoonni biroo akka ittiin hojjetan yaaduun tambeerota beekamoo gatii qaban
keessumattuu waraqaalee tembeerummaa qaban, tembeeroota
poostaa, tembeerota
maxxansaman mallattoo kaffaltii maallaqaa ta’an, aangoo seeraa osoo hin qabaatiin kan
hojjete, gara sobaatti kan jijjiire yookiin fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(b) tembeerota sanaan erga ittiin hojjetamee yookiin erga haqamaniin booda irradeebi’ee ittin
hojjechuuf yaaduun ammayyuu gatii akka qabantaasiseebifafakkeessukan kenneef yoo ta’e;
Baayyee yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a sadiin yookiin balleessaan sun olaanaa ta’e
yommuu tilmaamamu hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni
adabama.
2.
Badichi salphaa yommuu ta’u, keessumattuu tembeerota poostaa yookiin ashuuraa duraan ittiin
hojjetame, gara sobaatti kan jijjiiramaniin, kan sobaa ta’aniin yookiin kan haqamaniin tasa kan
tajaajilame yoo ta’e; manni murtichaa adabbii maallaqaa qofa murteessuu ni danda’a.
Keewwata 367. Dhagaa Maadaalotaafi Safartuulee Gara Sobaatti Jijjiiruu
1.
Namni Kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaaduun:
(a) dhagaa madaalotaa, madaalota, safartuulee yookiin meeshaalee biroo daldalaaf yookiin jijirraaf
ramadaman kan sobaa taasisuun kan jijjiire yoo ta’e;
(b) seerri kan hayyamuun ala mallattoolee addummaa to’annoofi mirkaneessa beekamoo wabummaa
qaban yookiin mallattoolee addaddaa meeshaalee kana irratti kan maxxanse yookiin mallattoolee
addummaa kanneen fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(c) meeshaalee sobaa yookiin gara sobaatti jijjiraman kaanneeniin itti yaadee kan hojjete yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Badichi salphaa yeroo ta’etti, manni murtichaa hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalee yookiin adabbii
maallaqaa murteessuu ni danda’a.
Keewwata 368.Biyyaa Baasuu, Biyya Keessaatti Galchuu, Bituu, Imaanaan Kaa’uufi Dhiheessuu.
Namni kamiyyuu, sobaa ta’uu isaanii yookiin gara sobatti jijjiramuu isaani osoo beekuu itti
yaadeechaappaalee, tembeerota (sumudoota), waraqaalee tembeerummaa qaban, mallattoolee, dhagoota
madaallii yookiin safartuulee beekannoo biyyaa kan baase, biyyaa keessatti kan galche, kan bite, harka
isaatti kan galfate yookiin imaanaan ka’uuf kan fuudhe, kan gurgure yookiin gurgurtaaf yookiin kennaaf kan
dhiheesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan yookiin dhimmichi ulfaataa yommu ta’utti hidhaa cimaa
waggaa lama hin caalleen ni adabama.
136
Boqonnaa sadii
Tumaalee Waliinii
Keewwata 369. Yaada Gowwamsuu Osoo Hin Qabaatin Fakkeessanii Hojjachuu
1.
Namni kamiyyuu yaada gowwomsuu osoo hin qabaatin:
(a) maallaqoota, noottota baankii, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaa, tembeerota gatii qaban
beekamoo yookiin tembeerota Poostaa fakkeessuun kan hojjete, keessumattuu beeksisaan
fakkeessee kan baase yookiin fakkaataa isaa taasisee akka naanna’an taasisuuf yaaduun balaa
dogoggorsuu kan uumu yookiin uumuuf kan danda’u ta’ee kan argame yoo ta’e; yookiin
(b) wantoota fakkaatanii yookiin fakkeeffamanii hojjetaman akkanaa biyyaatti kan galche, biyyaa
alaatti kan baase, imaanaan kan fuudhe, gurgurtaaf yookiin kennaaf kan dhiheesse yookiin akka
nanaanna’an kan taasise yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan, yookiinkeessumattuu haalli isaa doggoggorsuuf yookiin gowwomsuuf kan
yaaddeessu yommuu ta’etti, hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.
2.
Baayyisuun kaayyoo hojii saayinsawaa beekamaaf yookiin odeeffannoof yoo ta’e; yakka hin ta’u.
Keewwata 370. Maallaqaa, Sanadoota Dirqamaa yookiin Wabummaa Yookiin Mallattoolee
Beekamoo, Tembeerota (Sumudoota) Yookiin Chaappaalee Irratti Balaa Geessisuu
Namni kamiyyuu, abbaan aangoo yookiin dhaabbanni dhimmi isaa ilaallatu ifatti osoo isa hin ajajin
yookiin hin hayyaminiif:
(a) maallaqaaf, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaf, mallattoolee addummaa beekamoof,
tembeerotaaf, chaappaalee/tiitaroota/ abbaa aangoo yookiin chaappaalee maxxansuuf yookiin
hojjachuuf kan tajaajilan meeshaalee, unkaalee, kan ittiin danaa (boca) baasan, waraqaalee,
moodeloota yookiin mi’oota yookiin meeshaalee akaakuubirookamiiniyyuu kan hojjete, harka isaa
akka seenu kan taasise, gara biyyaa kan galche, gara biyyaa alaatti kan baase, nama biroof kan
dhiheesse yookiin dabarsee kan kenne yoo ta’e; yookiin
(b) Maallaqoonni, sandadoonni dirqamaa yookiin wabummaa, mallattooleen beekamoo, tembeeronni,
chaappaaleen/tiitaroonni/ abbaa aangoo yookiin chaappaaleen akka hojjetaman yookiin akka
maxxansaman ajajoota kennaman kan fudhate, kan raawwate, kan raawwachiise, dabarsee kenne
yookiin namni biroo dabarsee akka kennu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 371. Meeshaaleefi Malawwan Wantoota Sobaa Hojjechuuf Tajaajilan
1.
Namni kamiyyuu, karaa seeraan alaa ittiin hojjechuuf yaaduun maallaqoota, sanadoota dirqamaa
yookiin wabummaa, mallattoolee beekamoo,tambeerota, chaappaalee (tiitaroota) abbaa aangoo,
yookiin chaappaalee gara sobaatti jijjiiruuf yookiin fakkeessanii hojjechuuf kan tajaajilan
137
meeshaalee, foormota, kan ittiin boca (danaa) baasan, waraqaalee, albuudota, yookiin wantoota
biroo kan hojjete, harka isaa kan galfate, kan qabate yookiin kan biroof kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Ta’us, meeshaaleefi malawwan maallaqoota, chaappaalee mootummaa Yookiin kan abbaa aangoo
Mootummaabiyyoolessaa soba taasise yookiin fakkeessee hojjachuuf kan tajaajilan ta’anii yommuu
argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caallee ni ta’a.
Keewwata 373. Sababoota Adabbii Salphisan
1.
Yakkoota mata duree kanaan armaan olitti ibsaman keessaa isa tokko nama raawwate irratti manni
murtichaa haala addaatiin adabbii salphisuuf/keewwata180/ kan danda’u yookiin haalawwan
addaa yommuu mudatan adabbii kamirraayyuu bilisa taasisuu kan danda’u:
(a) meeshaalee Yookiin malawwan gara sobaatti jijjiiruuf tajaajilan hojirra ooluu isaaniitiin dura
fedhii ofiitiin kan balleesse yoo ta’e;
(b) yakkichi abbootii aangoo biratti beekamuu isaatiin duratti ummata keessa akka hin
naannoofne, akka hin tajaajille yookiin balaa akka hin geessifne kan dhorke yoo ta’e;yookiin
(c) yakkichi raawwatamuu isaa yookiin qophaa’uu isaa kan ibse yookiin balleessichi haqattiakka
dhihaatu kan taasise yoo ta’e dha.
2.
Balleessichi sababa gochaawwan armaan olitti ibsamaniin adabbiin itti murtaa’us murtaa’uu baatus,
gara fuulduraatti balaa qaqqabsiisuu ni danda’a jedhamee kan shakkamu yoo ta’e wabummaa
mirkaneessa amala gaarii akka kennuu /Keewwata 135/ yookiin akka barbaachisummaa isaatti
bilisummaan dhuunfaa isaa akka hir’atu/Keewwata 145-150/ manni murtichaa ajajuu ni danda’a.
3.
Boqonnaa lamaan armaan ol jiraniin akka ibsametti yakki wanta sobaa hojjachuu gara sobaatti
jijjiiruu, gatii isaa gadibuusuu yookiin maallaqa sobaa hojjechuu baayee salphaa yoo ta’e, yookiin
faayidaa mootumaa yookiin kan waliigalaa irratti balaa ol’aanaa tokkollee kan hin geessifne ta’uun
isaa yoo tilmaamame manni murtichaa bu’uura adabbii salphisuu idileetiin /keewwata 179/
adabbicha ni salphisaaf.
Keewwata 373.Sababoota Addaa Adabbii Salphisan
Dambiileen adabbii cimsan kanneen kutaa waliigalaa seera kanaa keessatti ibsaman /keewwata 84(1)
(d)/ fi dambiilee dhaaluu/Keewwata 140/ akkuma eegamanitti ta’ee, yakkichi miira jaalala
maallaqaatiin yommuu raawwatametti adabbiin maallaqaa isaa qarshii kuma dhibba tokko kan hin
caallee ni ta’a.
Yakki maallaqa sobaa hojjechuu kan raawwatame yoo ta’e, adabbiin maallaqaa isaa qarshii kuma dhibba
shaniifi kuma shantama hin caalle ni ta’a.
138
Keewwata 374. Faayidaalee Mootummoota Biyyaa Alaa Eeguu
Maallaqoota biyyaa alaa, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaa, noottota baankii, chaappaalee,
tembeerota, mallattoolee, dhagaa madaallii yookiin safartuulee beekamoo
ilaalchsiee yakkoota adda
ddaa Itoophiyaakeessatti raawwataman irratti tumaaleen mataduree kanaa rawwatamoo kan ta’an,
dhimma akkanaaf walta’iinsi addumyaalessaa taasifamee yommuu jiraatu yookiin dugdabaasiin
faayidaa waliinii irratti hundeeffame yommuu jiraatudha.
Kitaaba Afuraffaa
Yakkoota Faayidaalee UmmataFi Jireenya Hawaasummaa Irratti Raawwataman
Mata Duree Tokko
Yakkota Amanannaa Ummataa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Sanadoota Sobaa Uumuu, Sanadoota sobaatti Jijjiiruufi Balleessuu
Keewwata 375. Soba Qabatamaan Raawwatamu
Namni kamiyyuu mirga yookiin faayidaa nama biroo miidhuuf, yookiin mirga yookiin faayidaa hin malle
kamiyyuu ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun:
(a) falmiileen seeraa yommuu adeemsifaman ragummaan kan dhihaatan, ijoo dubbii tokko
mirkaneessuu kan dandeessisan yookiin kan mirkaneessan fakkaatan kan akka barreeffamaa,
sanadoota biroo yookiin wantoota qabatamoo fakkaatan kan uumee yoo ta’e;yookiin
(b) sanada sobaa qopheessuuf mallattoo qubaa nama birootiin, mallattoo qubeessaatiin, mallattoon
yookiin chaappan kan fayyadame yoo ta’e;
(c) barreeffama dhugaa jijjiiruun yookiin laaquuun mallattoo sobaan, mallattoo harkaan taasifame
yookiin mallattoo qubaan, chaappan, yookiin aangoo yookiin dandeettii hin qabne akka qabu
fakkeessee mallatteessun sanada sobaa kan uume yoo ta’e; yookiin
(d) sanada tokko, keessumattu maqaa yookiin mallattoo nama mallatteessee yookiin qabiyee lakkoofsa,
ijoo dubbii yookiin tarreeffama ibsaa sanadichaa guutummaan yookiin gartokkeen jijjiiruun,
fooyyeessuun hir’isuun yookiin dabaluun yookiin balleessuun sobaatti kan jijjire yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen, yookiin dubbichi baayyee ulfaataayommuu ta’etti hidhaa
cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 376. Haala Dhokataa Ta’een Soba Raawwatamu
139
Namni Kamiyyuu yaada Yakkaa armaan olitti keewwata 375 jalatti ibsameen ka’uun sanadni tokko yommuu
qophaa’utti, bu’aa seera qabeessa kan qabu yookiin qabaachuu danda’u ijoo dubbii sobaa kamiyyuu kan
galche yookiin akka galu kan taasise yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 377. Haalawwan Addaa
Namni kamiyyuu yaada yakkaa armaan olitti keewwata 375 jalatti ibsameen ka’uun:
(a) qabiyyee sanada tokko ilaalchisee dogoggorsuun namni biroo sanada biroo yookiin sanada
qabiyyeebiroo qabu irratti kan mallatteesse se’ee akka doggoggoru kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) maqaa nama hayyama isaa hin taaneen yookiin hin jirreen sanada kan kenne yoo ta’e;
Adabbiin armaan olitti keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 378. Sanada Sobaatiin Tajaajilamu
Namni kamiyyuu sanada sobaan qophaa’een yookiin gara sobaatti jijjiirameen osoo beekuu kan itti
tajaajilame yoo ta’e; adabbii armaan olitti keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 379. SanadootaMootummaa Yookiin Loltummaa Fakkeessanii Qopheessuu Yookiin
Sobaatti Jijjiiruu
1.
Boqonnaa kana keessatti armaan olitti yakkoota ibsaman keessaa tokko kan raawwatame:
(a) galmee mootummaa tokko, sanada beekamaa yookiin sanada faayidaa ummataa ilaallatu irratti
yoo ta’e; yookiin
(b) sanada galmee mootummaa yookiin ummataatti galmaa’e yookiin dhaamoo namni du’e offisaa
harka isaatiin barreesse irratti yoo ta’e; yookiin
(c) sanada ittisa biyyaa, yookiin caasaa,jaarmiyaa, raawwii hojii yookiin dhimmaaraayyaa
ittisaailaallatu irratti yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caallee ni ta’a.
2.
Yakkichi kan raawwatame hojjetaa mootummaa galmeewwan, barreeffamoota, sanadoota
beekamoo yookiin sanadoota biroo kana fakkaatan akka qopheessu, akka galmeessuu, akka eegu,
yookiin isaan kana keessaa waraabbii akka kennu itti gaafatamummaan keennameefiin yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahu ni ta’a.
Raawwiin yakkichaa baayyee ulfaataa yommuu ta’etti adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu ni ta’a.
Keewwata 380. Sanadoota Balleessuu
140
1.
Namni kamiyyuu, yaada yakkaa keewwata 375 jalatti ibsameen ka’ee sanada nama biroo irratti
ajajuu hin dandeenye irratti miidhaan akka qaqqabukan taasise, kan tarsaasekan balleesse faayidaa
irraa akka hin oollee kan taasise, yookiin kan fudhate yoo ta’e;
Dubbichi salphaa yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen, dubbichi ulfaataa yommuu
ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate miseensa maatii isaa, fira dhihoo isaa yookiin nama isaa waliin
faayidaan yookiin jaalalaan walitti hidhame yookiin isa waliin jiraatu irratti yoo ta’e; adabamuu kan
danda’u iyyannoon dhuunfaan yoo dhihaatedha.
Keewwta 381. SanadootaMootummaa Yookiin Loltummaa Balleessuu.
1.
Yakki armaan olitti keewwata 380 jalatti ibsame kan raawwatame sanadoota mootummaa
yookiinummataa yookiin loltummaa irraatti yoo ta’e adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caaleedha.
2.
Yakkichi kan raawwatme hojjetaa mootummaa sanada akkannaa akka qopheessu, akka galmeessu,
akka eegu yookiin akka kennu itti gaafatamummaan kennameefiin yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caalleedha.
Haalli raawwii yakkichaa baayyee ulfaataa yeroo ta’etti adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu ni
ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa
ta’a.
Keewwata
382.SanadootaDaldalaa
Yookiin
Wabummaa
Daddarboo
Sobaatti
Jijjiiruufi
Balleessuu.
1.
Yakki sanada gara sobaatti jijjiiruuyookiin kanumaan tajaajilamuu yookiin namni biroo akka itti
tajaajilanu taasisuu kan raawwatame waraqaa maallaqni ittiin ergamu (Hawaalaa), cheekiin, sanada
waadaa, buukii (dabtara) baankiin yookiin sanada baankiif ittin dabarsan, kardii ittiin daldalamu
yokiin sanada jaarmiyaa mallaqa kaa’u yookiin liqeessu keessatti argamu yookiin sanda aksiyoonaa
irratti yoo tahe adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
2.
Gochi keewwata 380 jalatti ibsame sanadoota yookiin ragoota kanneen irratti kan raawwatame yoo
ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalee ni ta’a.
3.
Gochi Keewwata 380 jalatti ibsame sanadoota yookiin ragoota kanneen irratti kan raawwatame
dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ta’a.
Keewwata 383. Barreeffama Akka Haadhootti (Dhugaatti) Lakkaa’amu yookiin Waraabbii Sirrii
141
Gochi gara sobaatti jijjiiruu yookiin balleessuu waraabbii sirrii bakka sanadicha haadhoo ta’aniiyookiin
warabbii sirii akka sanada haadhootti akka lakkaa’amu mirkanaa’e irratti kan raawwatamubu’uura
seerichaatiintumaalee boqonnaa kanaa ragummaa qabaniin ni adabsiisa.
Keewwata 384. Waraaqaalee Tajaajila GeejjibaUmmataafi Waraqaalee Geejjibaa Sobaatti
Jijjiiruufi Isanuma Kanatti Tajaajilamuu.
1.
Namni kamiyyuu mirga yookiin faayidaa maallaqaa nama biroo irratti midhaa geesisuuf yookiin
faayidaa hin malle argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a) lafarra, gaalaanarra, yookiin qilleensarra namootii, beenladooti yookiini mi’ooti yookiin
shaqaxni kan ittiin deeddebi’an waraaqaaalee geejjibaa, tikeetota yookiin sanadoota geejjibaa
aangoo seeraa osoo hin qabaatiin kan hojjete yookiin gara sobaatti kan jijjire yookiin fakkeessee
kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(b) dhugaa kan ta’an tikeetota, nagahewwan yookiin sanadoota gejjibaa, kanneenuma eerga
tajaajilanii, haqamani yookiin uramanii booda irra deebiin itti fayyadamuf yookiin namni biroo
akka itti tajaajilamu taasisuuf bifa tikeetii, nagahee yookiin sanada geejjibaa dhugaa kan
kenneef yoo ta’e;
Hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu, osoo beekuu tikeetota, nagahewwan yookiin sanadoota geejjibaa gara sobaatti
jijjiiraman yookiin taajaajila kennan kanneen akka dhugaa taasisee kan itti tajjajilame yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan, yookiin akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni
adabama.
Boqonnaa Lama
Waraqaalee Ragaaa Irratti Soba Raawwatamu
Keewwata 385. Waraqaalee Ragaaa Sobaa.
1.
Namni Kamiyyuu faayidaa yookiin fooyya’insa argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a) barreeffamoota mirgaargamsiisuu dandaa’an, ragaaalee haala dhuunfaa ibsan yookiin
waraaqaalee
ragaa yookiin sanadoota mirkaneessaa ragaa dhimma akaakuu kamiiniyyuu
illaallatan gara sobaatti jijjiire yookiin fakkeessee kan hojjete yookiin osoo beekuu sanada kana
fakkaatanitti nama biroof akka itti tajaajilamuf kan kenne yoo ta’e; yookiin
(b) sanada gara sobaatti jijjiirame yookiin fakkeeffamee hojjetame yookiin sanada dhugaa tajaajila
hin yaadamne yookiin isa kana hin ilaallanne osoo beekuu kan itti tajaajilame yoo ta’e;
142
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Sanadni kun dhimma dhuunfaa kan qabate yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni
adabsisa; yookiin sanadichi amala uummatummaa kan qabu ta’ee
akka waraqaa eenyummaa
yookiin waraqaa ragaa dhaloota yookiinragaa mirkaneessa hiyyummaa, aamala gaarii, gahumsa
yookiin gahumsa dhabuu yookiin waraabbii galmee ummataa yookiin to’annaa yoo ta’e; adabbichi
hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taane ni ta’a.
2.
Yakkichi kan raawwatame hojjetaa mootummaa sanadoota kannen fakkaatan akka qopheessu, akka
kaa’u, akka eegu yookiin akka kennu itti gaafatamummaan kennameefiin yoo ta’efi yakka kana kan
raawwate mirga namabiroo irratti miidhaa geessisuuf osoo hin yaadin yoo ta’e/Keewwata 375/;
adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hanga waggaa shanii gahuun yookiin adabbii maallaqaa, yookiin
lamaaninuu ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caallee ni
ta’a.
Keewwata 386.Ragaaa Ofiseelawaa Soba Ta’e Waliin Dha’uun Argachuu
Namni kamiyyuu fayidaa yookiin fooyaa’iinsa argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a) hojjetaa mootummaa yookiin nama ijoo dubii bu’aa seeraa qabu mirkaneessuuf yookiin
hundeessuuf aangoon kennameef kamiyyuu gowwamsuun, sirruummaa guuyaafi baraa, raga,
mallattoo yookiin warrabbii tokko yookiin ijoon dubbii kana fakkaatu kamiiniyyuu sobaan akka
mirkaneessu kan sossobe yoo ta’e; Yookiin
(b) nama biroo dogongorsuuf sanada akkanan kan tajaajilame yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 387. Waraqaa Ragaa Yaalaa Sobaa
1.
Hakiimii,haakiimii ilkanii, caareessaa qorichaa (farmaasistii),hakiimii beelladaa, deesiftuu yookiin
nama biroo ogummaa haakimuummaa isaatiin yaala ilaalchisee waraqaa ragaa kennuuf mirga kana
qabu namni biroo kamiyyuu waraqaan ragaa hojiirra akka ooluu osoo beekuu, nama fudhatu
saanaaf faayidaa hin malle argachiisuu kan danda’u yookiin fayidaa seera qabeessa namabiroo kan
miidhu waraqaa ragaa yaalaa sobaa qopheessee barreessee kan kenne yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama. Yakkichi yeroo irra deddeebi’ametti hojii
oguumaa isaa ilaalchise adabbiin dabalataa murtaa’u kan raggaa’ee ta’a/Keewwta 123 (c)/.
2.
Waraqaaragaa yaalaa sobaa kennuun kan raawwatame kennaan waadaa kennaan yookiin fayidaa
biroon yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii
kuma shantama hin caalleen ta’a.
143
3.
Waraqaa ragaa yaalaa soba sana kan qopheesse hojjetaa mootummaa ta’ee yakkicha kan raawwate
aangoodhuma isaa ofiisalawaa kanaan yoo ta’e; adabbichi yakka keewwata xiqqaa (1) jalatti
ibsameef hidhaa salphaa waggaa sadii gadi hin taane, yookiin dubbbichi ulfaataa yommuu ta’etti
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalee, yaaka keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef hidhaa cimaa
waggaa kudha shan hin caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caallee ni ta’a.
4.
Namni kamiyyuu waraqaa ragaa sobaan qoophaa’e ta’uu isaa osoo beekuu nama biroo gowwomsuuf
kan itti tajaajilame yoo ta’e; adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen ni
adabama.
Keewwata 388. Yakkoota Dachaa
Namnii kamiyyuu waraqaa ragaa sobaa, jecha ragummaa sobaa yookiin waraqaa ragaa sirrii isa hin
ilaallanne yookiin akka inni itti tajaajilamu hin yaadamne argatee itti yaade kanumatti fayyadamuun yakka
dabalataa raawwachuuf kan itti tajaajilame yoo ta’e; keessumattuu yakka amantaa hir’isuu yookiin
gowwomsuu ta’ee, yakkichi yoo xiqqaate kan yaalame yoo ta’e;
Manni murtichaa tumaalee adabbiin yakkoota dacha ittiin cimuu/Keewwta 66/ hordofuun adabbicha ni
murteessa.
Keewwata 389.Kenniinsaafi Galmeessa Jecha Soba
1.
Hojjechiisaan, abbaan yookiin hoji gaggeessaan hoteelaa yookiin mana ciisichaa kamiiyyuu yookiin
to’annaa abbaa aangoof akka ta’u tarreeffama namoota dhuunfaa yookiin gochoota akka galmeessu
bu’uura seeraatiin dirqamni kan irra kaa’ame namni biroo kamiyyuu; itti yaadee:
(a) maqaa namaa, guyyaafi bara, yookiin ibsa namaa yookiin mi’aa dhugaa hin taane kan galmeesse,
kan galmeessise, yookiin akka galmaa’u kan hayyame yoo ta’e; yookiin
(b) bu’uura haala dhugummaa isaatiin osoo hin galmeessin yookiin akka galmaa’u osoo hin taasisin
kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Balleessichi Yakkicha kan raawwate fedhii faayidaan yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa
tokkoo gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 390. Meeshaaleefi Mallawwan Hojii Sobaa Raawwachuuf Tajaajilan
1.
Namni
kamiyyuu
karaa
seeraan
ala
ta’een
itti
tajaajilamuufyaaduun
barreeffamoota
ofiiseelaawaa,waraqaalee ragaa, diippoloomota yookiin sanadoota, gara sobaatti jijjiiruuf yookiin
sobaan uumuuf meeshaaleefi malawwan yookiin wantoota qabatamaa kan hojjete, harkatti kan
galfate, kan qabate, kan kenne, yookiin gurgurtaaf yookiin kennaaf kan dhiheesse yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
144
2.
Balleessichi meeshaalee, malawwan, yookiin wantoot qabatamaa, akaakuu akkanaa tajaajila
akaakuu kamiifuu ooluu isaaniin dura fedhii bilisaa ofiisaatiin kan balleesseyoo ta’e adabbii
kamiyyuurraa bilisa ni ta’a.
Boqonnaa Sadii
Mi’oota Sobatti jijjiiruu
Keewwata 391. Mi’oota Sobatti Jijjiiruufi Qulqullina Isaanii Gadi Buusuu
Namni kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaaduun mi’oota daldalaa sobatti kan jijjire, fakkeessee kan
hojjete yookiin qulqullina isaanii kan gadi buuse yookiin gara birootti kan jijiire yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 392. Naannessuu
1.
Namni kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaadee mi’oota daldalaa sobatti jijjiraman, fakkeffamanii
hojjetaman yookiin kan qulqullinni isaanii gadi bu’ee yookiin kanneen gara birootti jijjiraman akka
dhugaatti, akka hin jijjiramnetti, yookiin hir’ina homaa kan hin qabne fakkeessuun gurgurtaaf kan
dhiheesse, kan gurgure harka ummataatti akka naanna’u kan taasise yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti keewwata 391 jalatti tumameen ni adabama.
2.
Yakkichi dagannoon yommuu raawwatamu adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen
kan adabsiisu haalli isaa baayyee cimaa ta’ee raawwatichi eeggannoo adda taasisuuf
ittigaafatamummaa kan qabu yoo ta’e, keessumattu sababa daldaaltummaa isaatiin eeggannoo
akaakuu akkasii raawwachuun kan isarra eegamu ta’ee yoo argame dha.
Keewwata 393. Mi’oota Biyyaa keessaa Galchu, Biyyaa Alaatti Erguu, Harka Galfachuufi Kuusuu.
Namni kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaaduun yookiin gowwomsaaf kan yaadame ta’uu isaa osoo
beekuu mi’oota daldalaa sobatti jijjiraman yookiin soba kan ta’an yookiin kan manca’an yookiin qulqullinni
isaanii kan gadi bu’e gara biyya keessatti kan galche, gara biyya alaa tti kan erge, harkatti kan galfate yookiin
kan kuuse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 394. Adabbii Cimsuufi Adabbiilee Dabalataa
1.
Raawwatichi yakkoota armaan olitti ibsaman ogummaa isaa godhatee kan qabate yoo ta’e; hidhaa
cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uufi akka ulfaatina dubbichaatti adabbii
maallaqaa qarshii kuma shan gadi hin taaneen ni adabama.
2.
Tummaaleen mi’oota dhaaluufi murtii ibsuu yeroo kamiyyuu akkuma eegamanittidha.
145
Keewwata 395. Haala Fayyaa Miidhuun Mi’a Daldalaa Sobatti Jijjiiruufi Qulqullina Isaa Gadi Buusuu.
Nyaatota, shaqaxootaafi mi’oota daldalaa fayyaaf balaa ta’an yookiin kan saman, fayyaa miidhuu danda’an ,
hojjechuu, quulqullina isaanii gad-buusuufi gurguruu tumaaleen ilaallatan ragummaa yeroo qabaatanitti
raawwatamoo ta’uun isaanii akkuma eegamettidha/Keewwata 527/.
Mata Duree Lama
Iccitii Faayidaa Ummataa Ilaallatu Ibsuu
Keewwata 396. Iccitii Loltummaa Ibsuu
1.
Loltun Yookiin namni tajaajila humna ittisaa keessatti argamu kamiyyuu, ganuufi basaasuu
ilaalchisee haalawwan adabsiisan /Keewwata 248-252/ ala sababa hojii yookiin dirqama
loltummaa isaatiin kan beeke ta’ee, amala isaatiin iccitii kan ta’e yookiin iccitii ta’ee akka eegamu
kan ajajame yookiin ummataaf akka hin ibsamne kan dhorkame odeeffannoo, sanada yookiin ijoo
dubbii kan ibse yookiin kan dabarse yoo ta’e,
Hojichi yookiin dirqamichi erga xumurameen booda yoo ta’ellee, hidhaa cimaa waggaa torba hin
caalleen ni adabama.
2.
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caallee kan ta’u:
(a) yakkichi kan ilaallatu odeeffannoo yookiin Sanada Koodii iccitiin(lakkoofsaan) kan qabame yoo
ta’e; yookiin raawwatichi icciticha akka eeguuf ifatti imaanaan kan itti kenname yookiin
iccitichsa akka hin ibsineef kakuu waadaa kan kenne yoo ta’e; yookiin
(b) yakkichi faayidaa adda ta’e irratti miidhaa kan geessise yoo ta’edha.
3.
Yakkichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e, yakka salphaa armaan olitti keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsameef adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle yookiin adabbii maallaqaa,
yakka cimaa keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef immoo hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleeni
ta’a.
Keewwata 397. Iccitii Hojii Ibsuu
1.
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu /Keewwata 402/ bu’uura tummaa keewwata 396 jalatti ibsameen
iccitii ta’ee eegamuu kan qabuufi sababa hojii isaatiin sanadoota, odeeffannoo yookiin ijoo dubbii
beeke kamiyyuu, hojii yookiin muudama isaa erga gadilakkisee boodallee kan ibse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Balleessichi dirqama yookiin imaanan iccitii eeguu addaa kan itti kenname yookiin keessumattuu
yakkichi miidhaa olaanaa kan qaqqabsiise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi yakka salphaa keewwata xiqqaa (1) jalatti
ibsameef adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalle yookiin hidhaa salphaa waggaa tokko hin
146
caalle; yaaka keewwata xiqaa (2) jalatti ibsameef immoo hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni
ta’a.
Keewwata 398. Iccitii Akka Ibsamu Hayyamame
Faayidaa Ummataaf jedhamee abbaa aangoo siviilii, bulchiinsaa yookiin loltummaa dhimmi ilaallatuun
barreeffamaan hayyamni erga kennamee booda mana murtitti yookiin mana murtii qorannoo taasisuuf
aangoo qabu kamiyyuu duratti iccitiin ibsame hin adaabsiisu.
Keewwata 399. Iccitii Sababa Ogummaan Yookiin Hojiin Beekame Ibsuu
1.
Tajaajilaan amantaa, gorsaan seeraa, abukkaattoon, dubbi fixaan (attorney), jaarsolee murtii
(arbtirators), jaarsolee araaraa, ogeessa addaa (expert), naqaashii (immaanyii), turjumaana, qaama
waliigalteen biratti raawwatu (notaries), daarikteera jaarmiyaa dhuunfaa, gaggeessaa hojii, to’ataa,
yookiin bu’uura tumaalee seera hariiroo hawaasaa yookiin daldaalaatiin hojjetaan iccitii akka eeguu
dirqamni irraa jiru hakiima, hakiima ilkaanii, carreessaa qorichaa (pharmacist), deessistuu, narsii
yookiin hojjetaa yaalaa gargaaraa biroo yookiin kan biroo kamiyyuu sababa ogummaa yookiin hojii
isaatiin iccitii ibsameef hojii ogummaa isaa irraa yommuu jirus ta’e erga gadi-lakkisee booda kan
ibse yoo ta’e; Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatuu hidhaa salphaan yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.
2.
Barataan, hojjetaan yaaliirraa jiru yookiin hojjetaa shaakalaa sababa shakkala barumsaa hojii
ogummaatiin iccitii beekuu danda’e kan ibse adabbii keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni
adabama.
3.
Yakki iccitii ibsuu kan raawwatame daagannoon yoo ta’e; iyyannoon dhuunfaa yommuu dhihaatu
adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caallee yookiin hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalee ni ta’a.
Keewwata 400. Iccitii Akka Ibsamu Hayyamame
1.
Iccitii ibsuun kan hin adabsiisne:
(a) Namni iccitiin eegamuufii qabu ifatti hayyamaerga kennee booda yoo ta’e;
(b) Yaadachiisa yookiin gaaffii nama icciticha qabateen qaamni ogummaa yookiin to’annoo
olaanaa dhimmichi ilaallatu hayyama barreeffamaa kan kenne yoo ta’e;
(c) Dhimma murtaa’e tokko irratti murtii mana murtii ifatti kenname bu’uura godhachuun kan
ibsame yoo ta’e; yookiin
(d) Hojii ummataatiif jecha dhaddacha murtiitti akka ragaa bahu yookiin abbaa aangoo tokkoof
ibsa akka kennu tumaan addaa seerichaa kan hayyamu yookiin kan ajaju yoo ta’edha.
2.
Namni seeraan, mana murtiin yookiin abbaa aangoo dhimmichi ilaallatuun iccitii akka ibsu
ajajame dirqama iccitii eeguu isaa sababa gochuun icciticha ibsuuf diduu hin danda’u.
147
Sababa kammiiniyyuu jechi qalbii jijjirraannaa abbootii amantaa biratti kenname akka ibsamu
dirqisiisun hin danda’amu.
Keewwata 401. Iccitii Saayinsii, Industirii Yookiin Daldalaa Ibsuu
1.
Namni kamiyyuu abbaa mirgaa yookiin abbaa qabiyyichaa miidhuuf yookiin faayidaa argachuufis
ta’e argamsiisuuf yaadee seeraan yookiin waliigalteedhaan yookiin sababa itti gaafatamummaa hojii
isaan dirqama qabu darbuuun odeeffannoo iccitiidhaan qabuun isarraa eegamu kan dinagdee,
saayinsii yookiin mala ijaarsa teeknooloojii yookiin odeeffannoo, industirii yookiin daldalaa,
saayinsii /aartii/ yookiin mala haala hojiirra oolmaa isaa nama itti ibsamuu hinqabneef kan ibse yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalleen ni
adabama.
2.
ittisa biyyaatiif faayidaa kan qabu iccitiin saayinsii yookiin aartii kan ibsame yoo ta’e, tumaan addaa
keewwata 396 jalatti ibsame raawwatiinsa ni qabaata.
Mataduree Sadii
Yakkoota Hojii Mootummaa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 402. Hiika
1. “Hojjataa Mootummaa” jechuun mana hojii mootummaatti yookiin dhaabbata misoomaa
mootummaa keessatti miindeffamee, muudamee, ramadamee yookiin ummataan filatamee
dhaabbataan yookiin yeroodhaaf nama hojjatu kamiyyuu jechuu dha.
2. “ Mana Hojii Mootummaa” jechuun guutummaa guutuutti yookiin gartokkeen baajata
mootummaatiin kan buluu fi mana hojii hojiiwwan mootummaa federaalaa yookiin naannoo
keessatti hojjatamanu kamiyyuu jechuudha.
3. “Dhaabbata Misoomaa Mootummaa” jechuun gaheen abbummaa mootummaa guutummaa
guutuutti yookiin gartokkeen kan keessatti argamu dhaabbata misoomaa yookiin waldaa
aksiyoonaa mootummaa federaalaa yookiin naannoo jechuudha.
4. Mataduree kana jalatti akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee: “faayidaa”
jechuun:
148
a.
Kennaa, liqii, badhaasa yookiin koomishinii maallaqaan yookiin qabsiisa gatii qabu
kamiiniyyuu yookiin qabeenya biraa yookiin faayidaa (mirga) qabeenya irra jiruuun kan
tilmaamu;
b.
Muudama, miindeffama yookiin waligaltee kamiiniyyuu;
c.
Liqii, dirqama yookiin idaakamiiniyyuu guutummaa guutuuttis ta’e gartokkeen kaffaluu,
hambisuu, waldandeessisuu yookiin wantoota kana irraa bilisa taasisuu;
d.
Himata bulchiinsaa, yookiin hariiroo hawaasaa yookiin yakkaa hundeeffame yookiin
hinhundeeffamne, yookiin
adabbii himanni kun qaqqabsiisu yookiin qaqqabsiisuu
danada’u kamiyyuu irraa yookiin dandeettii dhabuu irraa hambisuun yookiin mala kana
fakkaatuun tajaajila yookiin tola taasifamu;
e.
Mirga, gocha yookiin dirqama kamiiniyyuu raawwachuu yookiin raawwachuu irraa of
qusachuu;
f.
Haalawwan armaan olitti ibsamaniin alatti faayidaa yookiin tajaajila maallaqaan hin
tilmaamamneefi;
g.
Armaan olitti qubee “a-f” jalatti faayidaalee tarreeffaman keessaa tokko dhiyeessuu, haala
faayidichi itti argamuu danda’u mijeessuu yookiin kanuma ilaalchisee waadaa seenuu
yookiin fudhachuudha.
5. “Faayidaa hinmalle” jechuun badhaadhina hinmallee yookiin karaa hin malleen faayidaa argame
jechuudha.
Keewwata 403. Tilmaama YaadaFaayidaa Argachuu Yookiin Miidhuu
Ragaaan faallaa ta’e yoo dhihaate malee, yakkoonni malaanmaltummaa kun kan raawwataman faayidaa
hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf yookiin miidhuuf ta’uun isaa yommuu tumametti,
keewwaticha keessatti ijoon dubbii qabatamaa (gochi) ibsame raawwatamuun isaa yoo mirkanaa’e,
gochichi kan raawwatame faayidaa hinmalle ofii argachuuf yookiin nama birooargachiisuuf yookiin
mirga yookiin faayidaa garee sadafffaa miidhuuf akka ta’eetti ni tilmaamama.
Keewwata 404. Qajeeltoo
1. Hojjetaan mootummaa kamiyyuu yakkoota mata duree kana keessatti ibsaman keessaa tokkoon
yommuu taawwatetti, tumaaleen adabbii armaan gaditti tumaman isa irratti ni raawwatamu.
2.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu itti himatame, gochi yakkamtumaan raawwate yookiin osoo
hinraawwatin dhiisee hojii isaaf kenname osoo hojjatuu kan raawwatame yoo ta’eefi gochichis
seerri idilee kan irratti raawwatamu ta’ee, haata’u malee, hojii mootummaa irratti ta’uu isaafi
amantaa isa irratti gatame irraa kan ka’een dirqama irra jiru cabsuu isaatiin adabbichi kan cimu
yoo ta’u, seera yakkaa kanaan tumaaleen mata dureewwan biroo jalatti tumaman raawwatamoo ni
ta’u.
149
3.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu kallattiinis ta’eealkallattiin faayidaa hinmalle ofii argachuuf
yookiin nama biroof argamsiisuuf yookiin mirga nama biroo irratti miidhaa geessisuuf yaaduun itti
gaafatamummaa yookiin gahee itti kennameen wanta raawwachuu qabu akka hinraawwanne
yookiin wanta raawwachuu hinqabne akka raawwatu, nama biroo irraa faayidaa kan fudhate
yookiin kan gaafate, yookiin karaa biroo kamiiniyyuu ofii isaaf yookiin nama birootiif faayidaa
argamsiisuuf aangoo isatti kenname yookiin imaanaa ummataa haala hinmalleen kan itti tajaajilame
yoo ta’e; yookiin
Namni kamiyyuu faayidaa ofii agachuuf yookiin nama birootiif argamsiisuuf yookiin mirga nama
biroo irra miidhaan akka qaqqabu taasisuuf yaaduun, hojjataa mootummaatiif faayidaa hinmalle
kennuuf waadaa kan seene, dhiyeesse, kan kenne yookiin dhiyeessuuf kan waliigale yoo ta’e;
yookiin
Hojii mootummaa sirnaan raawwatameef yookiin gara fuula duraatti raawwatamuuf faayidaa hin
malle nama kamiifiyyuu kan kenne yookiin hojjataan mootummaa kamiyyuu kan fudhate yoo ta’e;
Yakkoota malaanmaltummaa mata duree kana jalatti ibsame raawwateera jedhamee adabbiin
tumaalee armaan gadii jalatti ibsaman isa irratti ni raawwatamu.
4.
Yakkoonni malaanmaltummaa yakkoota mata duree kana, boqonnaa lama, kutaa tokkoofi boqonnaa
sadii, kutaa tokko jalatti ibsaman kan dabalatuufi sossobbii filannoo irratti kennamu /Keewwata
468/, sanadoota mootummaa yookiin loltummaa fakkeessuun qopheessuu yookiin sobatti jijjiiruu
/keewwata 379/,
amantaa hir’isuu cimaa /Keewwata 676 (1)/, maallaqa yookiin qabeenya
malaammaltumman argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuufi yakkichaan deeggaruu
/Keewwata 684/, gowomsaa cimaa hojjataa mootummaan raawwatamu /Keewwata 696 (a)/ ni
haammata.
5.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu adabbii tumaa seeraa darbeen itti murtaa’u irraatti dabalataan
faayidaan, maallaqni yookiin qabeenyi karaa seeraan alaan argate akka dhaalamu yookiin
faayidichis ta’ee qabeenyichi kan hin argamne yoo ta’e gatii walgitu akka kaffalu ni taasifama.
Keewwata
405.
Adabbiin Bulchiinsaafi Itti gaafatamummaan Hariiroo Hawaasaa Dabalataan
Kan Raawwataman ta’uu Isaanii
Bu’uura
tumaalee
boqonnaa
kana
jalatti
ibsamaniitiin
adabamuun yookiin bilisaan gadi lakkifamuun bulchiinsaan yookiin hariiroo
itti gaafatamumma jiru hinhambisu.
150
yakkaan
himatamaanii
hawasaatiin
Keewwata 406. Himannaa Irraa Bilisa Taasisuu
1. Namni kamiyyuu yakkoota malaanmaltummaa keessaa tokkotti hirmaataa erga ta’e booda
dhimmichi mana murtiitti dhiyaachuu isaatiin dura,waa’ee gocha raawwatameefi waa’ee gahee
hirmaattotaa odeeffannoo faayidaa qabu yoo kenne qaama seeraan aangoon kennameefiin bu’uura
seera yakkaa kanaatiin akka hinhimatamne taasifamuu ni danda’ama.
2.
haallifaayidaa qabeessummaaragichaa murteessuufi namni gochicha raawwate akka hin himatamne
itti taasifamu ilaalchisee tarreeffamni raawwii isaa sirina seera rogummaa qabuunni tumuma.
3.
Haala seera qabeessa ta’eentajaajila argateef yookiin argachuu qabuuf faayidaa kamiiniyyuukan
kenne, kennuu isaa nama saaxileef, matta’aa yookiin kennaa yookiin wanta gatii baasu kan kenne
sababa yakkichaan qabeenya dhaalamu irraa ni deebi’aaf.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Hojjattoonni Mootummaa Hojii Mootummaa Irratti Raawwatan
Kutaa Tokko
Yakkoota Malaammaltummaa Qulqullummaafi Amanamummaa Hir’isuun Hojjettoonni
Mootummaa Raawwatan
Keewwat 407. Seeraan Ala Aangootti Fayyadamuu
1. Hojjataan mootummaa kamiyyuu faayidaa hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf yookiin mirga
yookiin faayidaa nama biroo irratti miidhaa qaqqabsiisuuf yaaduun:
(a) muudama yookiin aangoo kennameef gocha ifa ta’een yookiin haala hanqina qabuun
akkaataa hinmalleen kan itti tajaajilame yoo ta’e;
(b) aangoo ifatti kennameef irra darbuun kan hojjate yoo ta’e; yookiin
(c) dhimma aangoon isaa hin hayyamamneef, keessumattuu osoo aangoo hinqabaatiin yookiin
erga hojii irraa dhorkamee, jijjiiramee, aangoo irraa bu’ee yookiin aangoo yookiin itti
gaafatamummaa isaa erga dhiisee booda kan ittiin hojjate yoo ta’e;
Tumaan ifatti dhimmicha ilaallatu kan jiru yoo ta’e, malee akkahaala dubbichaatti hidhaa salphaa
waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii
maallaqaan ni adabama.
151
2. Kaayyoon Itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka cabu barbaadameef, baayyina faayidaa
argamee, sadarkaa aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina miidhaa
nama dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsiise akkaataa raawwii
yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa
kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa kuma shantamaa hincaallee ta’a.
3. Sababoota keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa lama yookiin sanaa ol wal irra
bu’uunii kan argaman yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii
shaniigahuufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
Keewwata 408. Matta’aa Fudhachuu
1.
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu itti gaafatamummaa yookiin dirqama hojii isaatiin waan
raawwachuu hin qabne raawwachuuf yookiin waan raawwachuu qabu akka raawwachuu
dhiisuuf kallattiinis ta’eealkallaatiin ofii isaaf yookiin nama biroof faayidaa akka kennamu kan
gaafate, kan fudhate yookiin jecha waadaa kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaane yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan
hincaalleefi
adabbii maallaqaa qarshii kuma digdama hincaalleen adabama.
2.
Kaayyoon itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka cabu
barbaadameef, baayyina
faayidaa argamee, sadarkaa aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina
miidhaa nama dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise akkaataa
raawwii yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga
waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantamaa hincaallee
ta’a.
3.
Sababoota keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa lama yookiin sanaa ol wal irra
bu’uunii kan argaman yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa
digdamii shaniigahuufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
4.
Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen hojjetaan mootummaa
kamiyyyuu, dirqama hojii gabaa addunyaalessaa waliin walqabateen korporeeshinoota daangaa
biyyootaa darbuun hojjatan dabalatee mootummaa biyya biroo, nama yookiin dhaabbata
kamiyyuu irraa faayidaa yookiin kennaa kan gaafate, kan fudhate, fudhachuuf kan waliigale yoo
ta’e;
AdabbiileeKeewwatoota xiqqaa armaan olii jalatti tumaman keessaa tokkoon akka haala
dubbichaatti ni adabama.
Keewwata 409. Faayidaa Hinmalle Fudhachuu
152
1. Hojjataan mootummaa kamiyyuu, bu’uura itti gaafatamummaa kennameefiin hojii raawwachuun
irraa eegamu raawwachuuf jecha, hojiidhuma kana raawwachuu isaatiin dura yookiin erga
raawwatee booda faayidaan akka kennamuuf kan gaafate, kan argate yookiin jecha waadaa kan
fudhate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen, yookiin hidhaa cimaa
waggaa torbaa hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalleen adabama.
2. Ciminni faayidaa argamee, sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha raawwii
yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e,adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha
shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma soddoma hincaallee ta’a.
3. Yakkichi kan raawwatame qunnamtii daldalaa addunyaalessaa waliin walqabateen itti
gaafatamummaa yookiin dirqama hojii hojjatamuun yoo ta’e, akka haala dubbichaatti bu’uura
keewwatoota xiqqaa armaan olitti ibsamaniin ni adabsiisa.
Keewwata 410.Yakka Matta’aaFudhachuuJaarsoliin Araaraafi NamootniBirooRaawwatan
1.
Jaarsi araaraa, abbaan seeraa araaraa, immaanyii, eegaan yookiin qulqulleessaan qabeenyaa,
turjumaanni hojii isaa akka raawwatu abbaa aangootiin muudame yookiin turjumsiisaan yookiin
abbaa seerummaan yookiin dhimmaa abbaa seerummaa waliin walqabatu irratti kallattii ogumma
isaan yaada isaa yoookiin jecha ragumma isaa kan kennu ogeessi addaa kamiyyuu, waan
raawwachuu qabu akka hinraawwanne yookiin waan raawwachuu hinqabne raawwachuuf nama
dhimmichi ilaallatu irraa faayidaa yookiin kennaa akka kennamuuf kan gaafate yookiin kan fudhate
yoo ta’e;
Seera kana keewwata 408 keewwatoota xiqqaa jalqabaa sadii jalatti adabbiilee ibsaman keessaa
tokkoon akka haala dubichaan ni adabama.
2.
Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti namoota ibsaman keessaa tokko bu’uura aangoo
yookiin gahee kennameefiin waan raawwachuu qabu raawwachuu isaan dura yookiin booda
faayidaan yookiin kennaan akka kennamuuf kan gaafate yookiin kan fudhate yoo ta’e, seera kana
keewwata 409 keewwatoota xiqqaa jalqabaa lama jalattiadabbiilee ibsaman keessaa tokkoon akka
haala dubbichaatti ni adabama.
Keewwata 411. Hojii Mootummaa Haala Mijaawaa Hintaaneen Geggeessuu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu faayidaa hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf yaaduun,
aangoo yookiin itti gaafatamummaa isaatti fayyadamuun:
153
(a) hojii daldalaa yookiin kan biraan, bittaan yookiin gurgurtaan,yookiin hojii raawwatuun
walqabatee qunnamtii hojii kamiiniyyuu faayidaa dhuunfaa isaaf faayidaa akaakuu
kamiiniyyuu kan fudhate yookiin waligaltee faayidaa kana ittiin argatu kan waliigale yookiin
tooftaa biraa kan uume yoo ta’e;
(b) gatii qaama aangoo qabuun murtaa’e oliin waliigaltee meeshaa dhiyeessuu, waliigaltee hojii
ijaarsaa yookiin waliigaltee hojii kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
(c) bu’uura aangoohojii waliigalaa isaatiin faayidaa ummataa yookiin mootummaa imaanaan
yookiin eeguufi kunuunsuun irraa eegamu gocha miidhu mala kamiiniyyuu kan raawwate yoo
ta’e;
Akkaataa haala dubichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa
waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalle ni adabama.
2.
Kaayyoon itti gaafatammumichi yookiin dirqamichi akkacabu barbaadameef, baayyiinni faayidaa
argamee, sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina miidhaa nama
dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise akkaataa raawwii yakkichaa
cimaa kan taasise yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii
gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaallee ni ta’a.
3.
Sababoota keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa lama yookiin sanaa ol wal irra
bu’uuniiyommuu argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii
shaniiga’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hincaalle ta’a.
4.
Raawwatichi yaada faayidaa argachuu yookiin argamsiisuu osoo hinqabaatiin:
(a) Jaarmiyaa ofii isaa yookiin firri isaa dhihoo yookiin michuun isaa abbaa faayidaa yookiin abbaa
aksiyoonaa keessatti ta’eeyookiin hundessaa yookiin miseensa dhaabbata tola oolaa itti ta’eefi
waajjira isaa jidduutti daldalaan yookiin hojii biraatiin, bittaan yookiin gurgurtaan, yookiin
qunnamtii biroo raawwii hojii isaa waliin walqunnamtii qaban kamiiniyyuu waligaltee akka
seenu kan taasise yoo ta’e yookiin;
(b) qabeenyota muraasa akka hinbinne yookiin caalbaasii akka hinhirmaanne seeraan yookiin
dambiin dhorkamee osoo jiruu maqaa isaan yookiin maqaa nama biraan yookiin nama biraa
waliin qabeenya kan bite yookiin caalbaasii irratti kan hirmaate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaallefi adabbii maallaqaan adabama.
“Fira” jechuun bu’uura seera dhimmichi ilaallatuun himatamaa waliinnama firummaa dhiigaa
yookiin ga’iila qabudha.
Keewwata 412. Mi’a Imaanaan Itti Kenname Irratti Seeraan Ala Ajajuu
154
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu seeraan osoo hinhayyamaminiif, ta’us, qabeenya dhuunfaa
gochuuf yaaduun osoo hinta’in:
(a) wanta saamsamaa fuudhe, poostaa, sanada, wantoota gatii qaban yookiin imaanaan yookiin
meeshaa akka saamsameen fuudhe kamiyyuu kan bane, kan bansiise, kan fudhate yookiin
fudhachiise, yookiin oduu isaa kan ibse yookiin meeshicha dabarsee kan kenne yoo ta’e;
(b) mi’oota akka kanaatiin kan itti tajaajilame yookiin namni biroo akka itti tajaajilamu kan
hayyame yoo ta’e;
Gochichi adabbii cimaan kan adabsiisu ta’uu isaa tumaa biraatiin kan ibsamne yoo ta’e malee,
adabbii maallaqaa qarshii kuma torbaa hincaalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa shan
hincaalleen adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame miira faayidaa argachuuf karoorfameen yoo ta’e;adabbichi hidhaa cimaa
waggaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaa ta’a.
3. Gochichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko
hincaalle ni ta’a.
Keewwata 413. Yakka Fudhachuufi Miliqsuu Hojii Irratti Raawwatamu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu, faayidaa qabeenya hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf
yaaduun:
(a) sakatta’iinsaan, qabiinsaan, sirna dhaalaan, gurgurtaa caalbaasiin, dhaala karaa seeraa
raawwatamuun yookiin murtichi qabeenya irratti akka raawwatamu murtaa’uu isaan, yookiin
hojii kana fakkaatu yommuu kamiyyuu yommuu raawwatamutti mi’oota, sanadoota, wantoota
gatii baasan, maallaqa callaa, meeshaalee socho’an yookiin dhumataa kan fudhate yoo ta’e;
yookiin
(b) sababa hojiisaan yookiin meeshaalee imaanan fuudhe yookiin kanneen harka isaa galuu
danda’anyookiin meeshaalee kana fakkaatan yookiin wantoota gatii baasan kan miliqse yoo
ta’e;
Akkaataa haala dubbichaattii hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen
yookiin hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Baayyin faayidaa argamee, sadarkaan itti gaafatamummaa yookiin aangoo balleesicha, yookiin
ciminni miidhaa faayidaa nama dhuunfaa, ummata yookiin mootummaarratti qaqqabsiiseen
akkaataa raawwii gochichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa
hanga waggaa kudha shaniiga’uu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma soddoma hincaalle ni
ta’a.
155
3.
Sababootni Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman lamaan isaanii yookiin sanaa
ol wal irra bu’uun yoo argaman adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii
shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shanatama hincaalle ni ta’a.
Keewwata 414. Aangoon Daldaluu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu dhagahamummaa sababa hojii isaan qabuun yookiin fakkeessee
dhiyeesseen:
(a) sadarkaa hojii, muudama, hojii, badhaasa, gatii tajaajilaa, kennaa addaa qaama aangoo qabuun
murtaa’ee kennamu;
(b) waliigaltee, walta’iinsa daldalaa, caalbaasii hojii, dhiyeessa meeshaa yookiin faayidaa biroo
abbootii aangoo yookiin kutaalee bulchiinsaa to’annoo isa jala jiraaniin
waliigaltee
godhamu;yookiin
(c) akka waliigalaatti faayidaa yookiin murtii deeggarsaa qaama aangoo yookiin kutaa
bulchiinsaan kennamu tokko irraa;
Nama biraatiif argamsiisuuf, kennaa yookiin faayidaa biroo kan gaafate yookiin kan fudhate yoo
ta’e; akkaataa haala dubichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen, yookiin hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma soddomaa hin caalleen ni
adabama.
2.
Kaayyoon itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka cabu barbaadameef, bayyiinni faayidaa
argamee, sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin ciminni miidhaa nama
dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise akkaataa raawwii yakkichaa
cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii
gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaallee ni ta’a.
3.
Sababoonni Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman lamaan isaanii yookiin sanaa
ol wal irra bu’uunii yommuu argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa
digdamii shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
Keewwata 415. Seeraan Ala Walitti Qabuu yookiin Dabarsanii Kennuu
1.
Hojjataan mootumma kamiyyuu faayidaa hinmalle ofii isaaf argamsiisuuf yaaduun:
156
(a) Kaffalamuu kan hinqabne ta’uu isaa yookiin taarifa seeraan murtaa’ee ol ta’uu isaa beekaa
ashuura, gibira, galii addaddaa yookiin faayidaa galii addaddaa, kaffaltii hojii guyyaa
(wage),miindaa, beenyaa, yookiin baasii biroo kan walitti qabe yookiin akka walitti qabamu
kan ajaje yoo ta’e;
(b) mi’a yookiin kaffaltii kamiiniyyuuyommuu raawwatu yookiin kennutti galchuu yookiin
kaffaluu kan irraa eegamu irraa xiqqeessuun kan galii taasise yookiin kan kaffale yoo ta’e;
Akkaataa haala dubichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaanen yookiin hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudha shan hincaalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame armaan olitti keewwata 414 jalatti haalawwan tumaman keessaa
tokkoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii gahuu
danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma soddoma hincaalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame armaan olitti keewwata 414 (3) jalatti haalawwan tumaman keessaa
tokkoon yoo ta’e; adabbichi isaa hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii
gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalle ni ta’a.
4.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan adabsiisa.
Keewwata 416. Seeraan Ala DhimmaLafa Irra Harkisuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhiyaateef
irratti faayidaa nama qabu kamiyyuurraa kallattiin yookiin alkallattiin faayidaa argachuuf, dhimmicha
irratti faayidaa nama qabu kamiyyuu fayyaduuf yookiin miidhuuf jecha seeraan yookiin dambii
yookiinqajeelfama hojii yookiin hojmaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hinmurteessine
yookiin kan turse yookiin abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta’e;
Haalawwan dambiii darbuun kan isa adabsiisaniin ala yommuu ta’u, akka haala dubbichaatti adabbii
maallaqaan, yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 417. Wanta Gatii Qabu Kafaltii Malee Yookiin Kaffaltii Gahaa Hintaaneen Argachuu
1. Hojjataan mootummaa kamiyyuu sababa gahaa osoo hinqabaatin kaffaltii malee yookiin kafaltii
gahaa malee wanata gatii qabu kamiyyuu kan fuudhe yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa shan
hincaalleen adabama.
2. Qabeenya, humna faayinaansii yookiin kennaa fudhachuu galmeessisuu akka qabu seeraan yookiin
dambiiidhaan kan tumame yoo ta’e beeksisuu dhiisuun yookiin galmeessisuu dhiisuun bu’uura
keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiin ni adabsiisa.
157
3. Bu’uura aadaa yookiin haala baratamaa biyyichaa yookiin naannichaatiin kennaa gatii qabuufi
akka mallattoo michummaa salphaatti ilaalamu fudhachuun yookiin fira dhiigaa dhiyoo yookiin
fira gaa’ilaa yookiin michuu dhiyoo ta’e irraa kennaadhaan argachuun yakka keewwata kana
jalatti ibsame kan hundeessu miti.
Keewwata 418. Seeraan Ala Hayyama Kennuufi Raggaasisuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu itti yaadee nama gahumsa hinqabneef yookiin seeraan nama
kennamuufii hinqabne kamiifiyyuu hayyama daldalaa yookiin hojii kan kenne yookiin kan raggaase
yoo ta’e yookiin iddoo waanti tokko itti raawwatamu seeraan ala kan hayyame yookiin kan kenne yoo
ta’e akka haala dubbichaatti hidhaa salphaadhaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen
ni adabama.
Keewwata 419. Qabeenyafi Maallaqa Maddi Isaa Hinbeekamne
1.
Namni hojjataa mootummaa ta’e yookiin ture kamiyyuu:
a.
Galii sadarkaan jireenya isaa, kan amma irra jiru yookiin hojii mootummaa duraan keessa ture
yookiin karaa biraa kan argatuun yookiin seeraan argachaa turee kan caalu yoo ta’e; yookiin
b.
Qabeenyi inni qabu yookiin maddi maallaqaa isaa hojii mootummaa amma irra jiru yookiin
duraan keessa ture yookiin karaa biraa kan argatuun yookiin karaa seera qabeeessa ta’een
argachaa kan ture waliin kan wal hinmadaalle yoo ta’e;
Haala sadarkaa jireenya akkasii akkamiin qabaachuu akka danda’e yookiin qabeenyi yookiin maddi
maallaqichaa haala kamiin harka isaa akka gale mana murtiitiif kan ibse yoo ta’e malee, akka haala
isaatti dhaalamuun qabeenyichaa yookiin abbaa mirgaatiif deebi’uun isaa akkuma eegametti ta’ee;
hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa yookiin dhimmichi cimaa yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa
shan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti yakki ibsame mana murtiitti ilaalaa yommuu jirutti namni
tokko walitti dhiyeenya himatamaa waliin qabuun yookiin haalawwan biroo irraa ka’uun
himatamaadhaaf abbaa imaanaa ta’uun qabeenya tokko yookiin madda maallaqaa akka qabate
yookiin himatamaa irraa kennaadhaan akka argate manni murtii yoo itti amane dhimmicha ragaa
biraatiin kan fashaleesse yoo ta’e malee, qabeenyichi yookiin maddi maallaqichaa abba
qabiyyummaa himatamtichaa jala akka jirutti ni lakkaawama.
Kutaa Lama
Yakkoota Dirqama Hojii Cabsuun Raawwataman
Keewwata 420. Dirqama Hojii Bahuu Dhabuun Yakka Raawwatamu
158
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu dirqama gahee hojii isaa akkaataa barbaadamuun raawwachuu
hafuu isaatiin faayidaa mootummaa, ummataa yookiin nama dhuunfaa irratti miidhaa geessiseera
yoo ta’e
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen ni adabama.
2.
Sababa yakkichaatiin miidhaa cimaan kan qaqqabe yoo ta’e hidhaan salphaafi adabbiin
maallaqichaa hanga adabbii isaa ol’aanaa seeraan murtaa’ee qaqqabuu ni danda’a.
Keewwata 421. Korannaan /Sadoon/ Seeraan Alaa Hojii Dhaabuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu haala faallaa seeraa ta’een yookiin faallaa ogummaa isaa ta’een
hayyama isaatiin korannan /sadoon/ gocha hojii dhaabuu kan raawwate yoo ta’e yookiin gochi hojii
dhaabuu akka raawwatamu kanneen biroo kan tuttuqe yoo ta’e; adabbiin keewwata 420 jalatti
ibsame irratti ni raawwatama.
Keewwata 422. Aangoo Qabeenya Nama Biroo Sakatta’uu Yookiin QabuuttiSeeraan Ala Tajaajilamuu
1. Hojjataan mootummaa kamiyyuu seeraan aangoo osoo hinqabaatiin qabeenya namaa kan sakatta’e,
kan qabe yookiin qabeenyicha kan fudhate yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa torba hincaalleen ni
adabama.
2.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu sakatta’uufi qabuuf seeraan aangoon kan kennameef yoo ta’es
humna barbaachisaa ol ta’e fayyadamuun gara mana yookiinmooraa nama biroo kan seene yoo ta’e,
yookiin sirna seeraan ajajame yookiin hayyamameen ala qabeenya namaa kan sakatta’e, kan qabe
yookiin kan fudhate yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
Keewwata 423. Karaa Seeraan Ala Ta’een Nama Qabuu Yookiin Hidhuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu haala seeraan ibsameen ala yookiin sirnaafi of eeggannoo seeraa
osoo hin hordofiin nama biroo qabuun, hidhuun, yookiin haala kamiiniyyuu bilisummaa isaa kan
dhabsiise yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin adabama.
Keewwata 424. Mala Hojmaataa Hinmalleen Fayyadamuu
1.
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu gahee hojii qabuu, eeguu, to’achuu,dabaaluu, yookiin
qorachuu yommuu gaggeessutti nama shakkame, qabame, ragummaan dhiyaate, mana murtiitti
akka dhiyaate kan waamame, qabamee mana turmaataa yookiin hidhaa jiru, yookiin adabbii
hidhaa raawwataa jiru ibsa tokko akka isaaf kennuufis ta’ee balleessaa isaa akka amanu, yookiin
waan kana fakkaatu akka ibsuuf yookiin karaa inni barbaaduun jecha ragummaa akka kennuuf
kan sossobe, jecha waadaa kan kenneef yookiin kan sodaachise yookiin nama kana irratti haala
159
hinbarbaachisneen yookiin haala gara laafummaa namummaa qabuun ala yookiin gocha kabaja
ilma namaatiif yookiin aangoo hojii isaa waliin walfaallessu kan irratti raawwate yoo ta’e,
keessumattuu, reebicha, gocha gara jabummaa yookiin darara qaamaa yookiin sammuu kan
irratti qaqqabsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin adabbii maallaqaan, yookiin dubbichi cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa
waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Gochichi yakka biroo kan hordofsiise yommuu hordofsiisetti tumaan rogummaa qabu
dabalataan akka irratti hinraawwatamne tumaan keewwata kanaa hindhorku.
2.
Yakkichi kan raawwatame ajaja abbaa aangootiin yoo ta’e; abbaan aangoo kun hidhaa cimaa
waggaa kudha shan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin adabama.
Keewwata 425. Hidhamaa Karaa Seeraan Ala Ta’een Hiikuufi Akka Miliqu gargaaruu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu:
a.
Karaa faallaa seeraa yookiin ajaja kennameefiitiin ala ta’een nama akkaataa seeraatiin
hidhame yookiin qabameefi akka eegu itti kenname kan hiike yoo ta’e; yookiin
b.
Namni akkanaa kun akka miliqu kan taasise, kan hayyame yookiin akka miliqu kan gargaare
yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hincaallen ni
adabama.
2. Malli yookiin haalli seeraan ala hiikuu yookiin miliquun ittiin raawwatame, miidhaan inni
qaqqabsiise, ciminni sababa akka qabamu itti ajajame, yookiin balaafamummaan nama
qabamee yommuu ilaalamu haalli isaaaddatti cimaa yoo ta’e; adabbiin isaa adabbii maallaqaa
hanga fiixee ol’aanaa adabbii idilee gahuu danda’uufi hidhaa cimaa waggaa shan hincaalle ni
ta’a.
3. Yakkichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma
tokkoofi dhibba shan hincaalleefi hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalle ni ta’a.
Keewwata 426. Booji’amtoota Waraanaafi To’atamtoota Loltuu Hiikuufi Akka Miliqan Gargaaruu
1. Hojjataan mootummaa kamiyyuu booji’amtoota waraanaa yookiinto’atamtoota loltuu to’annaa isaa
jala jiran haala faallaa seeraa yookiin ajajaatiin kan hiike yookiin akka miliqan kan gargaare yoo
ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
2. Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa lama hincaalleen ni
adabsiisa.
160
Boqonnaa Sadii
Yakkoota Namoonni Biroo Hojii Mootummaarratti Raawwatan
Kutaa Tokko
Yakkoota Malaamaltummaa Namoonni Biroo Haala Hojii Mootummaatiin walqabateen
Raawwatan
Keewwata 427. Matta’aa Kennuu
1.
Namni kamiyyuu hojjetaan mootummaa tokko itti gaafatamummaa isaatiin yookiin dirqama hojii
isaatiin wanta raaawwachuu hinqabne akka raawwatu yookiin wanta raawwachuu qabu akka
hinraawwanne faayidaa yookiin kennaa kan kenne yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e; hidhaa salphaan,
yookiin akka haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa torbaa hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii
kuma kudha shan hincaallenni adabama.
2.
Namni kamiyyuu dhimma daldala gabaa addunyaalessaa waliin walqabteen abbaa aangoo yookiin
hojjataa mootummaa biyya biroo yookiindhaabbataaddunyaalessaa kamifiyyuu dirqama hojii
isaatiin wanta raawwachuu hinqabne akka raawwatu yookiin wanta raawwachuu qabu akka
hinraawwanne faayidaa yookiin kennaa kan kenne yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e;
bu’uura
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
3.
Faayidaan yookiin kennaan raawwataan yakkichaa dhiyeesse ol’anaa yoo ta’e; yookiin gochichi
mootummaa, ummata yookiin nama dhuunfaa irratti miidhaa cimaa kan qaqqabsiise yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shaniigahuu danda’uufi adabbii
maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalle ni ta’a.
4.
Hojjetaan mootummaa tokko bu’uura itti gaafatamummaa kennameefiin wanta raawwachuu qabu
akka raawwatuuf jecha hojii isaa kanaraawwachuun dura yookiin erga raawwatee booda
hojjataadhuma kanaaf faayidaa yookiin kennaa kan kenne yookiin kan dhiyeesse namni kamiyyuu;
akka haala dubbichaatti adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa
waggaa shan hincaallen ni adabama.
5.
Yakki armaan olitti keewwatoota xixiqqaa jalatti ibsame kan raawwatame dhaabbata namumman
seeraa kennameefiin yoo ta’e; bu’uura keewwata 90 (3) tiin adabbii maallaqqaatiin ni adabama.
6.
Adabbii keewwta kana jalatti ibsame irratti dabalataan manni murtichaa balleessichi mootummaa
waliin waliigaltee yookiin bittaafi gurgurtaaakaakuukamiiniyyuu dhaabbataan yookiin yeroo
murtaa’eef akka hin raawwanne ajaja dhorku kennuu ni danda’a.
Keewwata 428. Wanta Gatii Qabu Kaffaltii Malee Yookiin Kaffaltii Gahaa Hintaaneen Kennuu
161
Namni kamiyyuu haalawwan keewwata 417 jalatti ibsamaniin hojjetaa mootummaa kamiifiyyuu yookiin
nama biroo isa waliin qunnamtii qabu kamiifiyyuu kaffaltii malee yookiin kaffaltii gahaa malee wanat
gatii qabu kamiyyuu kan dhiyeesse, kan kenne yookiin kennuuf kan waliigale yoo ta’e; hidhaa salphaa
waggaa shan hincaallen ni adabama.
Keewwata 429. Daddabarsuu
Namni kamiyyuu ofii isaatiiffaayidaa akaakuukamiiniyyuu argachuu yoo baates nama hojii mootummaa
hojjatuuf matta’aa kennuuf maallaqa, wanta gatii qabu, tajaajila yookiin faayidaa akaakuu kan biroo
nama biraa irraa kan fudhate yoo ta’e yookiin herreega baankii isaa matta’aa akkasii daddabarsuuf kan
oolche yoo ta’e;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan
hincaallee fi adabbbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 430. Aangoo Hinqabnetti Fayyadamuu
Namni kamiyyuu:
a.
Hojii mootummaarraa erga dhorkamee, jijjiiramee, haqamee, geggeeffamee yookiin aangoo yookiin
itti gaafatamummaa isaa erga dhiisee booda hojii isaa irra kan jiru fakkeessuun;
b.
Gara fuula duraatti hojjataa mootummaa nan ta’a jedhee amanuun; yookiin
c.
Hojjataa mootummaa osoo hinta’iin fakkaatee dhiyaachuun;kana nin raawwadha jechuun jecha
waadaa galuun faayidaa yookiin kennaa hinmalle nama biroorraa yoo gaafate yookiin kan fudhate
yoo ta’e ;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaadhaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 431. Dhagahamummaa Duunfaan Daldaluu
Namni kamiyyuu hojjetaa mootummaa ta’uu dhabuu isaatiin hojjetaa mootummaatiif kan tumame
(keewwata 414) kan isa hin ilaallanne yoo ta’es, kan qabu yookiin dhgahamummaa qabu yookiin akka qabu
fakkeesse fayyadamuun mirga addaa yookiin faayidaa biroo hojjetaa mootummaa qofaan kennamuu danda’u
nama biroof argamsiisuuf jecha maallaqa, kennaa, harka fuudhaa, yookiin faayidaa biraa kan gaafate, kan
fudhate, yookiin kanuma ilaalchisee jecha waadaa kan fudhate yoo ta’e ;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaanen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa gadi
hintaaneen ni adabama.
Kutaa Lama
162
Yakkoota Namoonni Biroo Hojii Mootummaarratti Raawwatan
Keewwata 432. Beeksisootaafi Seerota Mootummaa Sarbuu
Namni kamiyyuu aangoo yookiin mirga osoo hinqabaatin itti yaadee beeksisoota abbootiin
aangoo iddowwan waltajjii uummataatti maxxansan, seerota yookiin murtiiwwan bakka isaaniitii
kan kaase, kan balleesse, kan tarsaase, yookiin akka hin dubbifamne kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salpha ji’a jaha hincaalleen, yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaallaeen ni
adabama.
Keewwata 433. Hayyamaan Ala Yookiin Hayyama Kennameen Ala Hojjachuu
Namni kamiyyuu hojiiwwanbu’uura seeraan yookiin
dambiitiin hayyamni itti kennamuu qabu
kamiyyuu hayyama malee yookiin hayyama kennameefiin ala kan hojjete yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa cimaa hanga
waggaa shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 434. Tumaalee Dirqama Galmeessisuu Ilaallatan Darbuu
1.
Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma, du’a, qabeenya, hojiiwwan daldalaa yookiin kan biroo yookiin
qabeenya hinsochoone kan namoota dhuunfaa, hundeeffamuu yookiin hojmaata kubbaaniyyootaa
yookiin ijoowwan dubbii gochoota kana fakkaatanii yookiin mirkaneessaawwan kan galmeewwan
mootummaa keessatti galmaa’uu qaqban
yeroo murtaa’e keessatti abbootii aangoo dhimmi
ilaallatutti osoo hin beeksisiin kan hafe yookiin kanuma sobaan kan galmeessise yoo ta’e ;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen, yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni
adabama.
2.
Beeksisuu hafuun akkasii yookiin hojiin sobaan galmeessiisuu kun irra deddeebi’amee kan
raawwatame yookiin akka amaleeffannaatti kan qabatame yoo ta’e; yookiin , ajaja,yookiin waraqaa
waamichaa seera qabeessa abbaan aangoo dhimmi ilaallatu kenne mormuudhaan yoo ta’e adabbichi
hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lama hincaalle ni ta’a.
3.
Daa’ima godhachuu beeksisuu dhiisuu ilaalchisee tumaan jiru kan eegame dha. (Keewwata 656)
Keewwata 435. Mariiwwan Yookiin Sanadoota Mootummaa Akka Hinibsamne Dhorkaman Ibsuu
Namni kamiyyuu mirga osoo hinqabaatin yookiin ifatti osoo hin hayyamaminiif akkaataa seeraatiin
yookiin bu’uura murtii ifa ta’e kan qaama aangoo qabuun kennameefiitiin sanada, gabaasa,
163
qajeelfama, qaboo yaa’ii yookiin murtii iccitii ta’ee eegamuu qabu guutummaa guutuutti yookiin
gartokkeedhaan sabqunnamtiiwwaniif kan ibse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 436. Karaa Seeraan Ala Ta’een Mirga Kabachiisuu
Namni kamiyyuu osoo mirga hinqabaatiin yookiin karaa faallaa seeraa ta’een:
(a) meeshaa qabsiisaan yookiin wabummaan kenne osoo namni harkaa fuudhe hin hayyamiiniif
yookiin sababuma meeshaa kanaan himanni dhiyaatee falmiirra osoo jiruu kan fudhate yoo
ta’e;
(b) kaffaltii kaffalamuufii qabu argachuuf jecha qabeenya abbaa idaa ta’e mi’a socho’aa kamiyyuu
kan irraa fudhate yoo ta’e; yookiin
(c) Akkuma walligalaatti mirga hin qabne yookiin bu’uura seeraatiin ittiin
hojjachuu hin
dandeenye kan itti fayyadame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin
caalleen adabama.
Keewwata 437. Aangoo Seeraan Ala Qabachuu
1.
Namni kamiyyuu, kaayyoo seeraan ala ta’eef, yookiin faayidaa argachuuf yookiin argamsiisuuf
yaaduun aanggoo abbaa aangoo yookiin koomishinii tokkoo, mallattoo addaa, gonfa yookiin
ajaja ofiseelaa ta’e kennuu aangoosaa gochuun kan itti tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin
caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame nama biroorra badii raawwachuuf, yookiin miidhaan akka irra
qaqqabu taasisuuf yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 438. Hojii Mootummaa Gufachiisuufi Dirqama Deeggarsaa Cabsuu
Namni kamiyyuu haala hojii mootummaa waliin walqabteen, bu’uura seeraan hayyamameen yookiin
ajaja mana murtiitiin kennameen hojjataa mootummaan yommuu gaafatamu dhiyaatee ibsuuf, deebii
barbaachisaa kennuuf, sanadoota dhiyeessuuf yookiin qorachiisuuf yookiin manneen, iddoowwan
yookiin wantoota adda addaa sakattaasisuuf kan dide yoo ta’e; walumaagalatti qorannaf kan hin
attoomne yoo ta’e yookiin karaa biroo kamiinuu hojii mootumma kan gufachiise yoo ta’e; hidhaa
salphaa waggaa shan hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
164
Keewwata 439. Samsama Tarsaasu, Cabsufi Mi’oota Fudhachuu
Namni kamiyyuu aangoo seeraa osoo hin qabaatiin itti yaadee:
(a) mi’a, barreeffama yookiin sanada tokko eeguuf, kaa’uuf, addaan baasuuf yookiin
haguuguufyookiin gara iddoo kamiittuu galuu dhorkuuf chaappaa, mallattoo yookiin
mallattoo addaa ofiseelaa taasifame kan kaase, kan balleesse yookiin kan cabse yookiin karaa
kamiiniyyuu chaappaan, mallattoon, yookiin mallattoon addaa akkasii bu’aa akka hin arganne
kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) mi’a, barreeffama yookiin sanada qabame, dhaalame yookiin sababa kamiiniyyuu abbaa
aangoo yookiin nama biraatiin of eeggannoon akka qabamu yokiin eegamu itti kenname kan
hate, faayidaa dhuunfaa isaa irra kan oolche, kan mancaasee yookiin kan balleesse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 440. Mormuufi Ajajamuu Diduu
1.
Namni kamiyyuu sababa gahaa osoo hinqbaatiin:
(a) hojjataan mootummaa dirqama hojii ofiseelaa ta’e raawwatu hojii isaa akka hin raawwanne
kan morme yoo ta’e;
(b) walgahii seeraan alaa irraa akka bittinnaa’u yookiin iddoo dhorkamaa tokkoorraa akka gadi
lakkisu, yookiin gubaatiin, dambaliin yookiin sababa tatee biroo kan fakkaatuun ummata irra
balaan akka hin geenyeittisuuf tarkaanfii fudhatamu irratti akka hirmaatu hojjataan
mootummaa hojii isaa raawwachaa jiruun yommuu gaafatamu hin ajajamu kan jedhe yoo ta’e;
yookiin
(c) bu’uura seeraanmurtii abbaa aangoo dhimmi ilaallatuun kennamee raawwachuu yoo baate,
keewwata kana jalattiadabbiin tumamee kan itti murtaa’u ta’uun isaa of eeggannoon
barbaachisaa kennameefii osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqa qarshii kuma tokko
hin
caalleen ni adabama.
2.
Mormichi yookiin ajajamuu diduun humna, dhaadannaa, hojii humnaa yookiin harka darbuu kan
hordofsiise yoo ta’e; tumaan Keewwata 441 jalatti ibsame raawwatamaa ni ta’a.
165
Keewwata 441. Gocha Humnaafi Dirqisiisuu
1.
Namni kamiyyuu:
(a) hojjataan mootummaa tokko gocha dirqama hojii isaa ta’e akka hin raawwanne dhadannaan,
dirqisiisuun, yookiin gocha humnaan kan gufachiise yookiin dirqama isaa kana akka
hinraawwanne yookiin wanta raawwachuu hin qabne akka raawwatu kan dirqisiise yoo ta’e;
yookiin
(b) hojjataa mootummaa yookiin nama hojiin isa deeggaru kan reebe yookiin gocha humnaa
yookiin dirqisiisuu yookiin gocha humnaa kan biroo kan irratti raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin
caalleen ni adabama.
2.
Akka cimina badichaafi sadarkaa hojii miidhamtichaatti,miidhamtichi meeshaa waraanaan yookiin
meeshaa kan biroon itti dhaadatame, dirqisiifame yookiin tumame yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa shan hin caalle ni ta’a.
3.
Harka darbuun yookiin gochichi humnaa miidhamticharratti miidhaa qaamaa yookiin hir’ina fayyaa
kan hordofsiise yoo ta’e;tumaanroga qabeessi yakkoota dachaailaallatu raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 442. Gocha Gamtaan Raawwatamu
Dhaadannaan, dirqisiisuun, yookiin gochi humnaa waltajjii ummataa dhorkametti yookiin jeequmsaan
kan raawwatame yoo ta’e; tumaaleen dhimmi ilaallatu dabalataan ni raawwatamu /Keewwata 484 fi
488/.
Mata Duree Afur
Yakkoota Bulchiinsa Haqaarratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Adeemsa Hojii Abbaa Seerummaa Irratti Raawwataman
Keewwata 443. Yakka Beeksisuu Dhabuu
1.
Namni kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatiin:
(a) yakki du’aan yookiin hidhaa cimaa umuriiguutuun adabiisu raawwatamuu isaa yookiin
eenyummaa yakkamtichaa osoo beekuu abbootii aangoo dhimmi ilaallatutti osoo hin
beeksisiin kan hafe yoo ta’e; yookiin
166
(b) seeraan yookiin dambiilee ogummaan tasgabbii ummataa yookiin
nageenyaafi sirnaaf
jecha yakkoota tokko tokko yookiin haalawwan ciccimoo tokko tokko abbootii aangoo
dhimmi ilaallatutti beeksisuuf dirqama osoo qabuu dirqama isaa osoo hin raawwatiin kan
hafe yoo ta’e;
Adabbiimaallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen ni adabama.
2.
Seera kana keewwata 254 fi 335 jalatti kan tumaman kan eegamanittidha.
Keewwata 444. Yakka Eertotaafi Ragaa Baatota Irratti Raawwatamu
1. Namni kamiyyuu, yakka ilaalchisee qaamota haqaaf nama eeruu yookiin odeeffannoo kennerratti
yookiin nama ragummaaf dhiyaate irratti hubaatii, dhiibba yookiin miidhaa kamiiniyyuu kan
qaqqabsiise yoo ta’e; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi miidhamaarra miidhaa qaamaafi fayyaa cimaa ta’e yookiin du’a kan hordofsiise yoo ta’e;
tumaaleen rugummaa qaban dhimma kana ilaallatan dabalataan raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 445. Dhoksuufi Garqaaruu
Namni kamiyyuu beekaa nama yakkaan himatamu dursee akeekkachiisuunis ta’e dhoksuun yookiin
meeshaa yakkicha ittiin raawwate yookiin faana isaa dhoksuun yookiin balleessuun qorannoo taasifamu
dogongorsiisuun yookiin karaa biraa kamiiniyyuu himatamee akka hin dhiyaanne kan gargaare yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 446. Hojii Haqaa Dogongorsuu
Namni kamiyyuu:
(a) kan hin raawwatamne ta’uu isaa osoo beekuu yakki tokko raawwatameera jechuun sobaan
abbootii aaangootti kan beeksise yookiin sababa kamiiniyyuu yoo ta’e yakka ofii isaatiif hin
raawwanne raawwadheera jechuun kan of himate yoo ta’e;yookiin
(b) qorannoo yakkaa yookiin adeemsa himannaa ilaalchisee osoo beekuu odeeffanoo sirrii hin
taane abbootii aangootiif kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 447. Sobaan Yakkuu Yookiin Himachuu
167
Namni kamiyyuu:
(a) qulqullummaa nama biraa osoo beekuu yakka inni hin raawwanneen abbaa aangoo biratti kan
isa yakke yoo ta’e; yookiin
(b) mala biraa kamiinuu, keessumattuu, nama qulqulluu ta’e yakka hin raawwanneen akka
himatamu karoorsee yakki kan raawwatame fakkeessuun yookiin maqaa isaa osoo hin ibsiin
gocha yakkaa sirrii hintaaneen nama biraa kan himate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama. Ta’us, yakkuun sobaan
dhiyaate nama sobaan yakkame irratti adabbii armaan olitti ibsame caalu kan hordofsiise yoo
ta’e, hanga adabbii nama qulqulluu irratti murata’een ni adabama.
Keewwata 448. Haqaaf Deeggarsa Kennuu Diduu
1. Manni murtii yookiin qaamni aangoo abbaa seerummaa waliin walfakkaatu qabu dhimma qabate
irratti
himatamtummaan,
ragummaan
yookiin
raga
ogeessaa
addaa
ta’uun
yookiin
turjumaanummaan, naqaashummaan yookiin qeeqxummaan akka gargaaru bu’uura seeraan kan
waamame yookiin himatamaa yookiin ragaa akka dhiyeessu yookiin akka ergu kan ajajame
namni kamiyyuu:
(a) sababa gahaa osoo hinqabaatiin osoo hin dhiyaatiin kan hafe yookiin dhiyaachuu kan
dide yoo ta’e;
(b) himatamaa yookiin ragaa kan hindhiyeessine yookiin kan hin ergine yoo ta’e; yookiin
(c) dhiyaatee haala faallaa seeraa ta’een gaaffii gaafatameef deebii kennuu yookiin akka
ajajameetti raawwachuuf hayyamamaa kan hin taane yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a lama hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin
caalleen adabama.
2. Balleessichi haala keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsameen yakka raawwaten ilaalchisee sababni inni
dhiyeesse soba ta’ee kan argame yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleefi adabbii
maallaqaan adabama.
3. Namumti kun sababa sobaa dhiyeessuun dirqama isaa irraa kan of hambise yoo ta’e, yakka waliin
dhahuu raawwateen adabbiin hidhaa salphaa irra gahuu qabu hanga fiixee adabbii idilee gahuu
kan danda’u yoo ta’u,keessumattuu, sanda yookiin waraqaa ragaa sobaan yommuu
fayyadamettidambiiin adabbii murtaa’u akkuma eegamettidha.
4. Yakkichi kan raawwatame mana murtiitti yookiin qaama aangoon abbaa seerummaa kennameef
kan biroo duratti yoo ta’e, manni murtichaa yookiin qaamni aangoon abbaa seerummaa
kennameef kan biro sun beellama osoo hin kennin battalumatti adabbii armaan oliitti ibsame
murteessuu ni danda’a.
168
Keewwata 449. Mana Murtii Jeequu
1.
Namni kamiyyuu yommuu mana murtiitti qorannoon gaggeeffamu yookiin hojiin murtii yommuu
geggeeffamutti :
(a) mana murtichaa yookiin abbaa seeraa hojii abbaa seerummaa raawwataa jiru haala
kamiiniyyuu kan arrabse, kan jeeqe yookiin isaan irratti kan baace yookiin kan dhaadate
yoo ta’e; yookiin
(b) hojii mana murtichaa karaa kamiiniyyuu kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii
hincaalleen ni adabama.
Manni Murtichaa beellama osoo hin kennin battalumatti adabbii murteessuu ni danda’a.
2.
Yakkichi kan raawwatame dhaddachaan ala ta’ee yommuu abbaan seerichaa hojii isaa raawwachaa
yommuu jirutti yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle yookiin adabbii maallaqaa
qarshii kuma tokko hin caalle ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dhaddacha irratti yookiin iddoo kamittiyyuu yeroo hojiin abbaa
seerummaa raawwatamuttita’ee humnaan yookiin dirqisiisuun yoo ta’e, tumaan rogummaa qabu
/Keewwata 441/ dabalataan ni raawwatama.
Keewwata 450. Iccitii Adeemsa Murtii Ibsuu
1.
Namni kamiyyuu hayyama seeraa yookiin sababa dhiifama kennisiisuu danda’u osoo hin qabaatiin
ijoo dubbii haala isaatiin iccitii ta’e yookiin manni murtii dhimmichi dhiyaateef dhimmichi iccitii
ta’ee akka eegamu kan murteesseefi adeemsa murtii dhimmichaa irratti sababa argameef beeke
kamiyyuu kan ibse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni
adabama.
2.
Baleessichi yakkicha kan raawwate hojii ogummaa dhuunfaa isaan yookiin sababa hojjataa ta’uu
isaan
iccitii
argate
ibsuun
yoo
ta’e;
tumaaleen
rogummaa
qaban
/Keewwata
397-
399/raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 451. Adeemsa Murtii Ilaalchisee Gabaasa Sirrii Hin Taanee Yookiin Dhorkamee Ibsuu.
1.
Namni kamiyyuu, dhimmoota mana murtiitti beellamarraa yookiin dhagahamaa jiran yookiin murtii
hin argannee ilaalchisee odeeffannoo, yaadannoo, ijoo dubbii yookiin gabaasa sirrii hin taane
yookiin kan dabe kan ibse yoo tae;
169
Adabbii maallaqaa qarshii dhibbaa shan hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti,
keessumattuu yaadi hawaasichaa akka jeeqamu yookiin nama biroo irratti miidhaan akka gahu
taasisuuf kan danda’u yommuu ta’u; hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen ni adabama.
2.
Dhimma seeraan yookiin ajaja mana murtiin dhorkame ibsuun kan adabsiisu tumaa rogummaa
qabuun ta’a/Keewwata 435/.
Akkaataan ibsi itti raawwatame seeraa alaafi dogoggora yoo ta’eefi gochichi yaadamee kan
raawwatame yommuu ta’u, manni murtichaa bu’uura yakkoota dacha ilaalchisee tumameen
adabbicha ni cimsa/Keewwata 184/.
Boqonnaa Lama
Hojii Dhugummaa fi Amanamummaa Adeemsa Hojii Haqaaf Taasifamuu Qabu Irratti Yakka
Raawwatamu
Keewwata 452. Jecha Sobaa Gareen Falmaa Tokko Kennuu
1.
Gareen falmii kamiyyuu mana murtiitti yookiin qaama aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qaban
biratti dhihaatee dhugaa akka dubbatu ajajamee mana murtichaan yookiin qaama aangoo abbaa
seerummaa fakkaatu qabuun ijoo murtaa’u irratti ijoowwan dubbii rogummaa qaban ilaalchisee
osoo beekuu jecha sobaa kan kenne yoo ta’e;
Bu’aa inni barbaadu osoo hin argamin yoo hafellee, hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen;
yookiin jecha sobaa kan kenne adeemsa himannaa yakkaa irratti ta’ee murtii haqadhabeessa ta’e
kan hordofsiisuu danda’u yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
2.
Gareen falmataan sun dhugaa dubbachuuf kakatee yookiin mirkaneessa kan kennee yoo ta’e,
keessumattuu bu’aan barbaadame gartokkeen yookiin guutummaatti kan argame yoo ta’e;
Addabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caallee ni ta’a.
3.
Gareen falmataan faayidaa isaa eegsisuuf jecha falmii sirrii hin taane dhiyeessuuf tumaaleen
keewwata kanaa raawwatamoo hin ta’anu.
Keewwata 453. Ragummaa, Yaada Yookiin Hiika Sobaa.
1.
Sirni abbaa seerummaa yookiin abbaa seerummaa fakkaatu yommuu gaggeeffamu namni ragaa
ta’ee dhiyaate kamiyyuu garee falmataa kamiyyuu fayyaduuf yookiin miidhuuf yaadee ragummaa
sobaa yookiin yaada ogummaa addaa kan kenne yoo ta’e, yookiin dhugaa kan dhokse yoo ta’e; Yadni
170
inni karoorfate galma kan hin geenyeef yoo ta’ellee; hidhaa salphaan yookiin; dubbichi ulfaataa
yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
2.
Ragichi dhugaa dubbachuuf kakatee yookiin mirkaneessa kennee yoo ta’e, keessumattuu bu’aan
barbaadame gartokkeen yookiin guutummaan kan argame yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caallee ni ta’a.
Ta’us, sababa gocha ragichaan himatamaa dhimmaa yakkaa irratti murtiin balleessummaa kan
kenname yoo ta’e; yookiin hidhaa cimaan waggaa kudhanii olii kan itti murtaa’e yoo ta’e hangi
adabbii dogongoraan nama ragaaan irratti ba’ame irratti murtaa’e sun ragicha ragummaa sobaa
kenne irratti murtaa’uu ni danda’a.
3.
Qaama aangoo abbaa seerummaa
yookiin aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabuun ijoo
murtaa’uun ijoo dubbii rogummaa qabu irratti turjumaanni yookiin turjumsiisaan hiika sobaa
kennuu kamiyyuu akkuma dhimmichaatti adabbiin armaan olitti keewwata xiqqaaa(1) yookiin (2)
jalatti ibsame itti murta’a.
4.
Ragummaan yookiin yaadni ogummaa addaa soba, sobaan hiikuun yookiin hiiksisuun isa irra
ga’amee murtii manni murtii yookiin qaamni aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabu kennu irratti
dhiibbaa geessisuu kan hin dandeenye yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen
ni ta’a.
Keewwata 454. Jecha Sirreessuu Yookiin Jijjiiruu
Ragummaan yookiin yaadni ogummaa addaa soba, sobaan hiikamuun yookiin hiiksisuun nama biroo irratti
miidhaa geesisuu fi murtiin dhumaa kennamuun dura balleessichi fedhii isaatiin jecha isaa kan sirreesse
yookiin kan jijjiree yoo ta’e, manni murtichaa haala addaatiin adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
Yakkichi yookiin balaan yakkichi hordofsisuu salphaa ta’ee gochi sirreessuu yookiin jijjiiruu kan
raawwatame yaada qulqullinaatiin yoo ta’e, akkuma haala dubbbichaatti balleessicha dheekkamuu fi
akkeekkachiisa kennuufiin manni murtichaa adabbii biroo kamiyyuu irra bilisa isa taasisuu ni danda’a.
Keewwata 455. Kakaasuu fi Sossobuu
1.
Namni kamiyyuu kennaan, abdiin, dhaadannaan, dabaan yookiin gowwomsuun, dhaga’amummaa isan
sossobuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu nama biroo qaama dhimmi ilaallatu biratti, adeemsa
abbaa seerummaa yookiin abbaa seerummaa fakkaatu irratti sobaan akka yakkuu,ragaa akka ba’u,
yookiin gabaasa, hiikaa yookiin iyyannoo sobaa akka dhiyeessu kan kakaase yookiin kan sosoobe yoo
ta’e;
Haalli raawwannaafi amala isaa yakka kakaasuu ilaalchisee kutaa waliigalaatiin /keewwata 36/
bu’uura tumameen kan isa adabsiisu yoo ta’e malee hojiin inni karoorfate kan hin raawwatamne
yoo ta’ellee hidhaa salphaan ni adabama.
171
2.
Namni kamiyyuu gocha humnaa hojjechuun, gocha dhaadannaa yookiin sodaachisuu raawwachuun,
yookiin faayidaa hin mallee kennuun yookiin dhiyeessuun yakkota hidhaa cimaa waggaa lamaa olin
adabsiisan irratti himannaan sobaa akka dhiyaatu yookiin ragummaan sobaa akka kennamuu kan
taasise yookiin kenniinsa ragummaa yookiin ragaa walitti qabuu irratti gidduu seenuun kan gufachiise
yoo ta’e; yookiinhojjetaa mootummaa hojii seera kabachiisuu yookiin hojii idileeisaarratti
bobba’egidduu seenuun kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.
Keewwata 456.Waliin Dha’uuYeroo Falmii
Namni Kamiyyuu, dhimmoota armaan olitti ibsamaniin ala adeemsa hojii abbaa seerummaa yookiin kan
abbaa seerummaa fakkaatu irratti faayidaa qabatamaa yookiin kan miiraa (moral) argachuuf; haala fayyadu
yookiin miidhuun kenniinsa murtii irratti dhiibbaa uumuuf karoorfatee, mana murtii yookiin qaama aangoo
abbaa seerummaa fakkaatu qabu dogongorsuuf, ragaa gufachiisuuf, yookiin adeemsa murtii sirri dabsuu
yaaduun:
(a) sanada mirkaneessa abbaa qabeenyummaa nama biroo ta’e, sanda yookiin ciraa yookiin ragaa
balleessitummaa akaakuu kamiiniyyuu kan dhokse, hate, balleesse, mancaasee yookiin gartokkeenis
ta’e guutummaan akka hin taajaajille kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) haala bakkawwanii, mi’ootaa yookiin namootaa kan dhokse, kan fooyyeesse, kan mancaase yookiin
kan jijjiire yoo ta’e;
Yakkichi tumaa biroon adabbii ol’aanaa ta’e kan adabsiisu yoo ta’e malee;
Hidhaa salphaa, yookiin yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 457. Gocha Oduu IbsuuAdeemsa Haqaa Dabsuuf Dabaan Raawwatamu
Namni kamiyyuu, dhimma mana murtiitti dhihaatu yookiin mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti
himatamticha yookiin miiltoo isaa akeekkachiisuunis ta’ee abbaa seeraa, ragaa namaa, ragaa ogeessa addaa,
yookiin walumaagalatti gargaaraa hojii mana murtii irratti miira dogoggora geessisuuf karaa dogongora
ta’een murtii akka kennuuf dhiibbaa geessisuuf yaaduun, sirrii kan hintaane yookiin kan dogoggorsu ijoo
dubbii kan dabsu oduu, yaadannoo, yaada ijoo, qeeqa, gabaasa yookiin paampileetii (barreeffamoota
xixiqqoo) karaa kamiiniyyuu kan ibse yookiin kan tamsaase yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen; yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
Keewwata 458. Faayidaa Garee Falmataa Tokko Irratti Gocha Ganuu Raawwatamu
1.
Abukaatoon, dubbi fixaan yookiin gorsaan seeraa kamiyyuu mana murtiitti yookiin qaama aangoo
abbaa seerummaa fakkaatu qabu duratti dhiyaatee falmii akaakuu kamiyyuu akkafalmu karaa seera
172
qabeessa (ooffiseelaa) ta’een yookiin dhimma abbaa dhimmichaan bakka itti buufame fayidaa garee
bakka isaa buufatee aarsaa gochuun yookiin dhimma tokko irratti dhimma garee wal faalmitootaa
lamaanii walitti qabee hojjechuun osoo beekuu dhimmicha kan jalaa balleesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate garee mormaan walii galuun yoo ta’e, adabbiin hidhaa sanaa
hidhaa salphaa waggaa tokko gadii ta’uu hindanda’u. Yakkicha kan raawwate jaalala maallaqaan
yookiin faayidaa qabatamaa argachuuf yoo ta’e; adabbiin maallaqaa hanga qarshii kuma dhibba
tokkoo gahuu ni danda’a.
Yaakkichi kan raawwatame adabbii du’aa yookiin hidhaa cimaan umurii guutuutiin yakka
adabsiisuun nama himatame irratti haala miidhaa geessisuun yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
3.
Yakki keewwata xiqqaa(1) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen ni
adabsiisa.
Boqonaa sadii
Raawwii Murtii Yakkaa IrrattiYakkoota Raawwataman
Keewwata 459.Adabbiilee Dabalataa,Tarkaanfilee Eeggannoo Ittisaafi Eeggumsa Kabajuu
Dhabuu.
Namni Kamiyyuu adabbii dabalataa mirgaa irraa mulqamu /Keewwata 123/ yookiin tarkaanfii
eegannoo/Keewwata 141-154/ erga itti murtaa’ee booda osoo beekuu dhorkaa yookiin dirqama
seeraan itti murtaa’e kan cabse yoo ta’e;
Keewwata biroon adabbii ol’aanaa kan adabamu yoo ta’e malee/Keewwata 465/;
adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hin caalleen yookiin badichi ulfaataa yommuu ta’u hidhaa
salphaa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 460. Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo Gufachiisuu
Namni kamiyyuu adabbiifi tarkaanfii eeggannoo mana murtiitiin yakkamaa tokko irratti murtaa’e haala
kamiiniyyuu akka hinraawwatamne kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 461. Miliquu Hidhamaa
173
1.
Namni Kamiyyuu akkaataa seeraan qabamee yookiin hidhamee iddoo jiruu kan miliqe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame namoota irratti gocha dhaadachuu yookiin humnaa raawwachuun
yookiin qabeenya irratti miidhaa geessisuun yoo ta’e;
Hedhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen ni adabsiisa.
3.
Balleessichi yakka duraatiin kan itti murtaa’e yookiin murtaa’u yoo ta’e waa’ee yakkoota dacha
yookiin irra deddeebii tumaaleen ilaallatan akkuma haala isaatti raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 462. Hidhamaan Akka Miliqu Mijeessuufi Gargaaruu
1.
Namni kamiyyuu hojjetaa mootummaa osoo hin ta’in/Keewwata 402/ namni akkaataa seeraatiin
qabame yookiin hidhame akka miliquuf gocha humnaan, dirqisiisuun, dhaadannaan, dabaan,
fudhatamummaa dhuunfaa isaatiin garmalee tajaajilamuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu karaa
kan mijeessee yookiin kan gargaare yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii gad hin taane, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’utti hidhaa
cimaa waggaa torbaa hincaalle kan ta’u:
(a) miliquun kan raawwatame, kan yaalame; yookiin kan mijaa’e hojii gamtaa gareen, meeshaa
waraanaan yookiin meeshaa biroo kamiiniyyuu yoo ta’e; yookiin
(b) namni akka miliquuf gargaarsi taasifameef siviilii yookiin miseensa raayyaa ittisaa yoo ta’ellee
yoo xiqqaate yakkamaa hidhaa cimaan waggaa digdamaa itti murtaa’e yoo ta’edha.
3.
Yakkamtichi karoora isaa milkeessuuf jeequmsa kaase, gocha humna nama yookiin qabeenya irratti
raawatee, yookiin hojjetaa yookiin eegduu faayiidaan sossobee, yookiin yakka dachaabiroo
kamiiniiyyuu raawwatee yoo ta’e, yakkoonni dachaa yommuu raawwatamanitti tumaaleen adabbii
cimsuu ilaalchisee tumaman raawwatamoo ni ta’u/Keewwata 62 fi 66/.
Keewwata 463. Miliquu Booji’amtoota Waraanaafi Too’atamtoota Loltummaa fi Akka Miliqan
Gargaaruu
Tumaan Keewwata 426 akka eegametti ta’ee, bakka yookiin idoo loltootni itti too’ataman addatti
qophaa’e keessatti booji’amtoota waraanaa yookiin too’atama loltootaa argaman ilaalchisee adabbii
yakkaa itti murtaa’een kan qabaman yoo ta’uu baataniillee tumaaleen armaan olitti keewwata 461 fi 462
jalatti ibsaman haala wal fakkaatuun raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 464. Fincila Hidhamtoota
1.
Namni kamiyyuu akka seeraatti qabamee akka turu yommuu taasifametti:
(a) abbaa aangoo bulchiinsa mana hidhaa, eegduu yookiin bulchiinsa mana hidhaa yookiin nama
too’annoo gaggeessuuf itti gaafatamummaan kennameef kamiyyuu gocha humnaatiin yookiin
174
dhaadannaan dirqama hojii isaa akka hinraawwannee yookiin gocha faallaa dirqama hojii isaa
ta’e akka raawwatu dirqisiisuuf;
(b) namootuma kana keessaa kan dirqama hojii isaa raawwachaa jiru tokko irraa balaa geessisuuf;
yookiin
(c) namoota yookiin qabeenya irratti gocha humna raawwachuun miliquuf yaaduun fincila yookiin
jeequmsa keessatti kan hirmaate yoo ta’e;
Adabbii itti murtaa’uu qabu yookiin itti murtaa’ee inni raawwataa jiru waliin dabalataa kan ta’u
hidhaa salphaa ji’a sadii irraa hanga waggaa shanii gahuun ni adabama.
2.
Namni fincila qopheesse yookiin hooggane:
(a) gochi humnaa yookiin dirqisiisuu yoo hin raawwatamin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen;
(b) gochi humnaa yookiin dirqisiisuun kan raawwatamee yoo ta’e;
tumaaleen adabbii kana caalu hordofsiisan akkuma eegamanitti ta’ee, hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caalleen ni adabama.
3.
Namoota Yookiin qabeenya irra miidhaan kan ga’e yoo ta’e tumaaleen waliigalaa adabbii yakkoota
dacha cimsuu ilaalchisee tumaman raawwatamoo ni ta’u/Keewwata 63,66/.
Keewwata 465. Dhorkaa Naannawaa Tokkoo Cabsuu
Namni kamiyyuu iddoo yookiin naanna’aa tokkotti daangeeffamee akka jiraatu yookiin iddoo murtaa’e tokko
jiraachuu yookiin oolee buluu kan dhorku yookiin biyyaa akka ba’u murtiin itti murtaa’ee osoo jiruu sababa
humanaa ol ta’e osoo hin qabaatin murtii kana kan cabse yoo ta’e;
Barbaachisaa yoo ta’u tarkaanfii eeggannoo itti murtaa’ee inni cabse ol kaasuu danda’uun akkuma eegametti
ta’ee, hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
Yeroon murtiin adabbbichaa itti turu tarkaanfilee eeggannoo bilisummaa dhuunfaa hir’isan waliin hin
heerregamu.
Mata duree Shan
Yakkota Filannooleefi Kenniinsa Sagalee Ummataarratti Raawwatamanu
Keewwata 466. Walga’ii Flannoof Taasifamuu fi Adeemsa Filannoo Jeequu fi Gufachiisuu
1.
Namni Kamiyyuu Walga’ii ummataa filannoo wajjin wal qabate kan seeraan hayyamame yookiin
kenniinsaa sagalee yookiin filannoo too’annoo abbootii aangoo dhimmichi ilaallatuun seeraan
taasifamu karaa seera-qabeessa hin taane kamiiniyyuu kan jeeqe, kan dhorke, kan gufachiise
yookiin akka addaan citu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni
adabama.
175
2.
Namoota yookiin qabeenyarratti gochi humnaa kan raawwatame yoo ta’e; yookiin dhaadannaan
amala lolaa yookiin jeequmsaa qabu kan ka’e yoo ta’e; tumaaleen rogummaa qabanu dabalataan
raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 467. Mirga Sagalee Filannoo Kennuu yookiin Filatamuu Tuquu
1.
Namni kamiyyuu dhaadannoon, dirqisiisuun, aangoo isaatti seeraan ala fayyadamuun yookiin gocha
humnaatiin, waliin dha’uun keessumattu maqaa jijjiiruun, beeksisa yookiin waamicha dhoksuun
yookiin hambisuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu:
(a) Namni biroo mirga filuu yookiin filatamuu isaatti akka hin fayyadamne kan dhorke yoo ta’e;
yookiin
(b) Tooftaa kana fakkaatuun namni biroo mirga isaatti karaa murta’aa ta’e tokkoon akka itti
fayyadamu yookiin mirgumaa isaa kanatti osoo hinfayyadamin hafuuf dirqama akka seenu kan
taasie yookiin kan sossobe yoo ta’e;
hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu akka fedhii isaatti fayyadamuuf bu’uura mirga kennameefiitiin mirga filachuu
isaa karaa murtaa’e tokkoon nama itti fayyadame yookiin osoo itti hin fayyadamin dhiise irratti
miidhaa kan geesise yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 468.Fayyidaa Sossobuu Filannoo Irratti Kennamu
1.
Namni kamiyyuu nama biroo mirga filachuu yookiin filatamuu qabu mirga isaatti karaa murtaa’een
akka fayyadamu yookiin mirga isaa akka dhiisu taasisuuf karaa kallattii yookiin alkallattiidhaan
mallaqa, yookiin faayidaa akaakuubiroo kamiyyuu kan kenne, yookiin kennuuf waadaa kan gale yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hincaallee fi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Namni mirga filachuu yookiin filatamuu qabu kamiyyuu mirga isaa kanatti akka fayyadamu, yookiin
karaa murtaa’e tokkoon akka itti fayyadamu yookiin osoo itti hinfayyadamin akka hafu maallaqa
yookiin faayidaa akaakuubiroo kamiyyuu kan fudhate yookiin fudhachuuf kan waliigale yoo ta’e;
adabbii armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 469. Hojmaata Hinmale
1.
Filatamaa kaadhimamaan kamiyyuu seeraan kan hayyamameen ala maallaqa duula filannoof ta’u
nama, garee yookiin jaarmiyaa kamiyyuu irraa kara kallattiinis ta’ee al kallattiin kan walitti qabe
176
yookiin kan fuudhe yoo ta’e; yookiin dambiiilee heerregaa dorgommii filannoo murtaaa’an kan hin
kabajne yoo ta’e, yookiin herreega dorgommii filannoo keessatti baasii isaa itti yaadee xiqqeessee
kan agarsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu filatamticha kaadhimamaa irraa hayyama osoo hinargatin baasii filannoo
filatamaa kaadhimamaa tokko uwwisuuf maallaqa kan walitti qabe, kan kenne, yookiin karaa
kamiiniyyuu gumaacha kan taasise yoo ta’e;
Adabbiin armaan olitti ibsame irratti ni raawwatama.
3.
Namni kamiyyuu kallattiin yookiin karaa nama birootiin:
(a) Namaan himsiisuun, walii barreessuun, paamfileetiin/barreeffamoota xixiqqoon/, barreeffama
maxxanfamuun yookiin fakkiidhaan, barreeffama maxxanfamee bahuun, radiyoon, mala
sabquunnamtii biroo kamiiniyyuu tamsasuun oduu yookiin haasaa sobaatti gargaaramuun;
yookiin
(b) Karaa biroo waliindha’uu, dabsuu yookiin hojmaata haqaqabeessa ta’een ala ta’e kamiiniyyuu
gargaaramuudhaan, waliindha’ee sagalee filataa kan argate yookiin sagalee filataatiin garmalee
kan fayyadame yookiin sagaleen isaa nama filatichi filateef akka hin tajaajille kan taasise yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 470. Waliindha’uuGalmeessuurratti Raawwatamu
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) Tarreeffama filannoo yookiin galmee filannoo keessatti maqaa yookiin gonfa sobaan yookiin
dandeetti hinqabneen akka galmaa’u kan taasise yookiin dhabiinsa dandeetti seeraan beekame
qabachuu isaa osoo hin ibsin kan galmaa’e yoo ta’e;
(b) Yeroo tokkotti tarreeffama yookiin galmeewwan filannoo lama yookiin lamaa ol ta’an keessatti
maqaa isaa kan galmeessise yookiin seeraan ala waraqaalee sagaleen ittin kennamu yookiin kan
filannoo kan fudhe yookiin akka kennamaniif kan taasise yoo ta’e; Yookiin
(c) Seeraan ala namoota lubbuun jiran, kan du’an, kan badan, yookiin kan lubbuun jiraatanii hin
beekne kan galmeessise yookiin maqaa isaaniitiin waraqaa sagaleen ittiin kennamu kan fudhate
yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin
caalleen ni adabama.
2.
Yakki keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame filatamaa kaadhimamaa dhaan yommuu
raawwatamu adabbichi hidhaa cimaa waggaa lama hincaallee yookiin adabbii maallaqaa qarshii
kuma kudhan hin caalee ni ta’a.
177
Keewwata 471. Gocha waliin Dha’uu Yeroo Kenniinsa Sagalee Raawwatamu
Nani kamiyyuu filannoon beekamaa ta’e akaakuu kamiyyuu yommuu geggeeffamu; filannichaan dura, yeroo
filannichaa, yookiin filannichaan booda gocha raawwatamu akaakuu kamiiniyyuu keessumattuu:
(a) Galmee filannoo, tarreeffama filannoo xumurame, yookiin sagaleen kan ittiin kenname waraqaa
sagaleen ittiin kennamu fakkeessee hojjechuudhaan, Kan sobaa taasisuudhaan, jijjiiruudhaan,
tooftaa nama dogoggorsuun irra isaatti maxxansuudhaan, yookiin hambisuudhaan, balleessuudhaan
yookiin fudhachuudhaan;
(b) Yeroo filannoo tokkotti yeroo tokko ol sagalee kennuudhaan;
(c) Waraqaa sagaleen ittiin kennamu sanduuqa filannoo keessa buusuudhaan yookiin sandduuqa
filannoo keessaa baasee fudhachuun, yookiin karaa kamiiniyyuu nama seeraan ala iddoon jireenyaa
seera qabeessi isaa naannoo filannoon itti gaggeeffamuun ala ta’e, dandeettii kan hin qabne,
dandeetti kan dhabe, sagalee akka kennu, yookiin maqaa nama du’ee yookiin jireenya qabaatee hin
beekneetiin sagalee akka kennu taasisuudhaan yookiin waraqaa sagaleen ittiin kennamu kan
sagalee kennuuf akka hin tajaajille taasifame, kan gara sobbaatti jijjirame, yookiin sobaan kan
hojjetame
osoo
beekuu
sanduuqa
filannoo
keessa
galchuudhaan;
yookiin
akka
galu
hayyamuudhaan; yookiin
(d) Waraqaa sagaleen ittiin kennamu sirritti lakka’uu dhabuudhaan yookiin itti yaadee sagalee
kenname, waraqaa sagaleen ittiin kenname, maqaa yookiin mallatoo dhiisuudhaan, yookiin
mallattoo yookiin maqaa barraa’een ala dubbiisuudhaan, yookiin qaboo yaa’ii adeemsa filannichaa
yookiin bu’aa filannoo ofiiseelaawaa irratti waan dhugaan alaa galmeessuudhaan; yookiin
(e) Bu’aa
yookiin
sanadafilannoo
balleessuudhaan yookiin
hambiisuudhaan,
dhoksuudhaan,
jijjiiruudhaan
yookiin
namoota isaan kana fudhachuuf aangoo hin qabnetti seeraan ala
kennuudhaan;
Bu’aa filannoo sirrii ta’e kan dogoggorse yoo ta’e; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
Keewwata 472. Wal Irra Bu’uu Yakkoota
Yakki waliindha’uu yookiin gara sobaatti jijjiiruu kan raawwatame mala qabatamaan yookiin qabatamaa
hintaaneen dhoksaan yoo ta’e; tumaan adabbiin ittin murtaa’u dhimmuma kana kan ilaallatu dabalataan
raawwatamaa ni ta’a./Keewwata 375,376/.
Keewwata 473. Eegumsa Iccitii Kenniinsa Sagalee Cabsuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Filataan tokko mirga qabu haala kamiin akka itti tajaajilame yookiin sagalee isaa akka kenne karaa
seeraa ala ta’een beekuu kan danda’e yoo ta’e; yookiin
178
(b) Dhimma akaakuu akkanaa akka carraa erga beekee booda jechaanis ta’ee gaazeexaadhaan yookiin
tooftaa akaakuubirootiin itti yaadee ummataaf kan ibse yookiin odicha kan tamsaase yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 474. Waraqaalee Sagaleen Ittiin kennamuu fi Sanduuqota Filannoo Fudhachuufi
Balleessuu:
1.
Namni Kamiyyuu sanduuqa filannoo waraqaaleen sagalee ittiin kennamee hin lakkaa’amne qabatee
jiru, Yookiin waraqaalee sagaleen ittiin kennamu kan sanduuqicha keessa jiran hunda yookiin gar
tokkee isaa iddoodhaa kan kaase, akka miliqan kan taasise yookiin kan balleesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame namoota tokko ol ta’aniin yookiin gocha humnaan yoo ta’e hoogantootaaf
yookiin geggeesitootaaf waa’ee adabbii cimsuu kan tumamee akkuma eegametti ta’ee/Keewwata
84(d)/ adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
3.
Gochi dirqisiisuu buufata filannoo yookiin miseensota buufata filannoo irratti raawwatamuu
bu’uura tumaalee seera kanaa keewwata 440 irraa hanga 442 tti ibsamaniin ni adabsiisa.
Keewwata 475. Adabbiilee Dabalataa
Yakki filannoo ilaalchisee raawwatame adabbii hidhaa kan murteessise yoo ta’e; manni murtichaa adabbii
mirga hawaasummaa irraa yeroo murtaa’eef dhorkamuu yeroo kamiyyuu dabalataan murteessuu qaba
/Keewwata 123(a)/.
Keewwata 476. Sababoota Adabbii Cimsan
Yakkoota mata duree kana keessatti ibsaman keessaa tokko kan raawwate hojjetaa mootummaa yookiin
bakka filannoo yookiin buufata sagaleen itti kennamutti nama miseensummaa ooffiiseelaan yookiin
too’attummaan hojjetu yoo ta’e;gochiichi aangoon seera ala fayyadamuun /Keewwata 407/ yookiin iccitii
mootummaa ibsuun /Keewwata 397/, yookiin yakka kana fakkaatuun kan adabsiisu yoo ta’e malee
adabbichi baayyee yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a tokko ta’ee fiixeen adabbichaa adabbii yakkichaaf
tumame irratti walakkaa isaa dabaluun bu’aa argamuudha.
Haallawwan isaa baayyee cimaa yommuu ta’an yookiin yakkichi daddabalamee yommuu raawwatamu
manni murtichaa adabbicha hidhaa waliin adabbii maallaqaa dabalataan murteessuu ni danda’a.
Mata duree Jaha.
Yakkota Nageenya Ummataa, Nagaafi Tasgabbaa’anii Jirachuu Irratti Raawwataman
179
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Nageenya Ummataa Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Yakkoonni Biroon Akka Raawataman Kakaasan Yookiin Kakaasuu Danda’an
Keewwata 477. HojihiiktummaaBalaafamaa Ta’e
1.
Namni kamiyyuu qaama guutuu osoo qabuu bakka jireenyaa murtaa’e yookiin hojii idilee yookiin
madda galii idilee yookiin beekama jireenya isaatiif barbaachisaa ta’e kan hinqabne ta’ee, amala
hojihiiktummaa yookiin haala jireenya badaan maallaqa argachuuf jedhee mala badaa
balaaleffatamaa ta’e yaadee amaleeffatee kan qabateefi jireenyuma isaa kanaan
nageenyaafi
tasgabbii ummataaf balaafamaa kan ta’e yoo ta’e;
Hojii dirqamaa bilisummaa dhuunfaa hir’isuu waliin kan murtaa’u/Keewwata 104/, yookiin hidhaa
salphaa ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
2.
Balleessichi meeshaa waraanaa yookiin meeshaalee uumama isaaniin yakka raawwachuuf tajaajilan
qabatee kan argame yoo ta’e; hidhaa salphaan kan adabamu yoo ta’u, gocha dhaadannaa yookiin
dirqisiisuu, yookiin namoota dhuunfaa irratti gocha humna yookiin harka darbuu kan raawwate yoo
ta’e; tumaan yakkoota dachaa ilaalchisee tumame raawwatamaa ni ta’a.
3.
Haalawwan yommuu madaalaman barbaachisaa ta’anii yeroo argamanitti manni murtichaa
tarkaanfilee eeggannoo bilisummaa hir’isan /Keewwata 144,149/ adabbii isa muummee irratti
dabalee murteessuu ni danda’a.
Keewwata 478. Miseensa Raawwattoota Gocha Hamaa Ta’uu
1.
Namni kamiyyuu namoota tokko yookiin tokko ol ta’an waliin ta’uun nageenya yookiin fayyaa
ummataa irratti yookiin nama irratti yookiin qabeenya irratti yakka cimaa raawachuuf yookiin
yakkuma kana qopheessuuf kan sade yookiin namni biroo sadoo kana keessatti akka hirmaatu kan
kakaase yoo ta’eefi sadichi gochaan kan ibsame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Kaayyoo tumaa kanaaf ”yakaka cimaa” jechuun yoo xiqqaate yakka hidhaa cimaa waggaa shaniin
adabsiisuudha.
2.
Yakkamtoonni sun baayyee kan ta’an yoo ta’e yookiin meeshaalee waraanaa yookiin meeshaalee
biroo yakka raawwachuuf tajaajilan hidhatanii yookiin qabatani kan argaman yoo ta’e; adabbichi
hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneefi adabbii maallaqaa ni ta’a.
3.
Yakka cimaa biroo lubbuu yookiin qaama namaa, nageenya ummataa yookiin qabeenyaa irratti
raawwatame, yakkoota cimaa akaakuu tokko yookiin addaddaa ta’an kan walitti aananii
raawwataman, yookiin yakkoota cimoo meeshaa waraanaan, baalota sammuu adoochaniin yookiin
180
daldala namaa kan fakkaataniin balaafamuummaan adda yakkichaa kan ibsame yoo ta’e; manni
murtichaa tumaalee yakkoota dachaa bu’uureeffachuun adabbii olaanaa seeraan tumame ni
murteessa /Keewwata. 63, fi 66/.
Keewwata 479. Da’oofi Gargaaraa Rawwattoota Gocha Hamaa Ta’uu
1.
Namni Kamiyyuu bu’uura haalawwan seera kanaan waa’ee miiltummaa(keewwata 37) tumamaniin
adabsiisaniin ala:
(a) hawaasa irratti, namoota dhuunfaa yookiin qabeenya irratti yakka raawwachuuf miseensota
gareewwan yookiin waldaalee gocha hamaatiin osoo hindirqamin osoo beekuu da’oo yookiin
nyaatakan kenne, yookiin karaa biroo kamiiniyyuu kan gargaare, yookiin iddoo jireenyaa
yookiin walga’ii kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hintaaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
(b) dhaaddannaan yookiin haala kamiiniyyuu osoo hindirqamin jiraachuu, karoora, iddoo itti
argaman, yookiin idoo itti walgahii gareewwan yookiin waldaalee kanaa osoo beekuu abbaa
aangoo dhimmichi ilaallatutti osoo hinbeeksisin kan hafe yoo ta’e;
hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Garichi yookiin waldichi baayyee balaafamaa yoo ta’e yookiin dawoo kennuun yookiin gargaaruun
kan raawwatame amaleeffannaan yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hin taane ni
ta’a.
3.
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura tumaalee seeraa kanaan waa’eemiiltummaa/Keewwata
37/tumamaniin adabsiisaniin ala maallaqichi yookiin qabeenyi biroon:
(a) yakka keewwata 262(1) yookiin (2), 481(2) yookiin (3), 499(2), yookiin 585 (3) jalatti
tumaman raawwachuuf; yookiin
(b) meeshaalee waraanaa fayyadamuun walitti bu’iinsa taasifamuu keessatti nama hirmaanaa hin
qabne yookiin siviilota ajjeesuuf yookiin qaama isaarra miidhaa geesisuuf yookiin qabeenya
irratti miidhaa cimaa geesisuuf yookiin mootummaan yookiin jaarmiyaan addunyaalessaa
gocha tokko akka raawwatu yookiin raawwachuu irraa akka ofqusatu dirqisiisuuf yookiin
ummata dorsisuuf karoora qabame raawwachuuf;
Guutummaan yookiin gar-tokkeen akka oolu osoo beekuu, karaa kamiiniyyuu kallattiinis ta’e
alkallattiin maallaqa yookiin qabeenya akaakuubirookamiiniyyuu kan walitti qabe, gocha
raawwattootaaf kan kenne, yookiin kan dhiheesse yoo ta’e;
Qabeenyichi hojiirra oolus, ooluu baatus hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii
gahuun ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu seera kanaan waa’ee miiltummaa bu’uura tumameen /keewwata 37/ haalawwan
adabsiisaniin ala gareen tokko yakka keewwata 262(1) (2), 481 (2)(3) , 499 (2), 585(3) yookiin
keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen yakka akka raawwatu yookiin kaayyoon
seeraan alaa garichaa hojiirraa akka ooluuf gummacha kamiyyuu kan taasise, yookiin yakka ibsame
181
irratti bobbaasuuf nama kan file, yookiin deeggerssi isaa yakkoota ibsaman keessaa tokko
raawwachuuf akka tajaajilu osoo beekuu raawwataa gochichaaf sanada deemsaa yookiin waraqaa
eenyummaa sobaa kan qopheesse yookiin meeshaa waraanaa dabalatee deggersa kamiiyyuu kan
taasise yookiin tajaajila kan kenne yoo ta’e; adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti
ibsameen ni adabama.
Keewwata 480. Yakki Akka Raawwatamu Ifatti kakaasuu yookiin Yakkaan Ni Tole Jechuu
Namni kamiyyuu jechaan, barreeffamaan, fakkiin, sochii qaamaan yookiin gocha biroon ifatti:
(a) hawaasarratti, nama dhuunfaa yookiin qabeenya irratti gocha humna yookiin yakka cimaaakka
raawwatu nama biroo kan kakaase yoo ta’e;
(b) yakka akaakuu akkanaa yookiin raawwaticha kan faarse yookiin ni tole kan jedhe yoo ta’e; yookiin
(c) kaayyoo isaa nama adabame waliin tokko taasisuun, gocha balleeessichaa deggeruun yookiin
abbootii aangoo balaaleffachuun adabbii maallaqaa akka kaffalu seeraan nama itti murtaa’eef
kaffaltii adabichaaf kan ta’u buusii maallaqaa kan gaafate yookiin kan walitti qabe yoota’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqan ni adabama.
Keewwata 481. Meeshaa Waraanaa Daldaluu
1.
Namni
kamiyyuu
mootummaa
balaa
irraa
buusuu
ilaalchisee
tumaalee
tumamaniin
alatti/Keewwata 256/:
(a) hayyama osoo hin qabaatiin yookiin karaa faallaa seeraa ta’een meeshaalee waraanaa, wantoota
dhohan, yookiin rasaasota akaakuu kamiyyuu kaayyoo daldaluutiin kan hojjete, biyyaa alaa
irraa kan fichisiise, gara biyya alaatti kan erge, kan geejiibe, kan bite, kan fudhate, kan kaa’e, kan
kuuse, kan dhokse, gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin akka naanna’an kan taasise yookiin kan
raabse yoo ta’e; yookiin
(b) kaayyoo daldalaaf osoo hin ta’iin namoota shakkaman yookiin balaafamoo ta’aniif osoo beekuu
meshaa waraanaa akaakuu kamiyyuu kan gurgure, kan dabarsee kenne, yookiin kan kenne yoo
ta’e;
Mi’oonni jedhaman kun dhaalamuun isaanii osoo hin hafin adabbii maallaqaafi hidhaa cimaa
waggaa shan hin caalleen, yookiin haalli isaa ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame lubbuu namaa, qaama, qabeenya, qabeenya uumamaa, naannoo irratti
balaa kan hordofsiisu yookiin hordofsiisuu kan danda’u waahiyyoo niwukilaraa qabiiyyee isaa jala
gochuun, fudhaachuun, gara wanta birootti jijjiiruun, naannessuun, raabsuun, yookiin maqsuun,
hatuun yookiin waahiyicha waliin dhahee harka offiitti galfachuun yookiin akka harka isaa gahu
gocha humnaa, dhaadannaa yookiin kan biroo kamiyyuu raawwachuun yookiin gochoota kana
raawwachuuf dhadannaan kan raawwatame yoo ta’e;
182
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabsiisa.
3.
Gochichi kan raawwatame, meeshaa waraanaa yommuu hojjetu adda bahee akka beekamu sirna
moggaasaa barbaachisu yookiin mootummaan dhimmi ilaallatu osoo hin hayyamin, balleessichi
biyya meeshichi wraanaa yookiin rasaasichi itti hojjetame yookiin warshaalame irraa abbaa aangoo
dhimmi ilaallatu irraa hayyama osoo hin argatiin yookiin bu’uura seeraan meeshicha irratti
maallattoon addummaa osoo hin taasifamin meeshaalee jijjirraa fi qaamolee addaddaa meeshaa
daldala meeshaa seeraan alaatiin argamaniin fayyadamee meeshaa waraanaa yommuu hojjete
yookiin warshaale;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha lamaa gahu ni ta’a.
4.
Balleessichi gochoowwan ibsaman kan raawwate jaalala maallaqaan yookiin hojii ogummaa isaa
taasisuun yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu
danda’u ni ta’a.
5.
Seeronni waa’ee hojimaata, qabannaafi itti fayyadama meeshaaf bahan kan darbiinsa dambiitiin
adabsiisan akkuma eegamanitti ta’u /Keewwata 808 fi 809/.
Kutaa Lama
Yakkoota Jeequmsa Ummataa kakaasan yookiin Kakaasuu Danda’an
Keewwata 482. Waldaaleefi Walgahiiwwan Dhorkaman
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) waldaa, garee, walgahii yookiin yaa’ii seeraan, mootummaan yookiin abbaa aangoo dhimmi
ilaallatuun waliigalatti yookiin yeroo murtaa’eef dhorkame keessatti osoo beekuu kan hirmaate
yoo ta’e; yookiin
(b) osoo beeekuu waldaa, garee, walgahii yookiin yaa’ii akkanaatiif manneen, iddoowwan yookiin
mooraa maallaqaan yookiin tolaan akka itti tajaajilamu kan taasise yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni adabama.
2.
Hogganaan, gurmeessaan yookiin ajajaan yakkichaa kan adabamu hidhaa salphaa waggaa tokko hin
caalleen ta’a.
Keewwata 483. Waldaalee Dhoksaa yookiin Gareewwan Meeshaa Hidhatan
Hojjiin yookiin walgahiin isaanii dhoksaa kan ta’e waldaalee seeraan alaa, yookiin gareewwan yookiin
waldaalee seeraa ala ta’aniifi meeshaa hidhatan, keessumattuu leenjii loltummaaf yookiin dhukaasa
183
didhoofyookiin ispoortiif akka hundaa’anfakkeessuun gareewwan yookiin waldaaleen beekaman yakka
keewwata 479 jalatti ibsame yommuu raawwatannamnihirmaataa ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan
ni adabama.
Gaggeessaa, gurmeessaa yookiin miseensa beekamaa waldaa yookiin garee kanaa irratti adabbiin murtaa’u
hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko gadi hin taane ta’a.
Keewwata 484. WalgahiiwwanDhorkaman
1.
Namni kamiyyuu daandii ummataa yookiin iddoo walgahii ummataa irratti walgahii seeraan
dhorkame kamiyyuu irratti fedhaa isaan kan hirmaate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii kuma lama hin caalleen ni adabama.
2.
Gaggeessaan, qopheessaan yookiin ajajaan yakkichaa kan adabamu hidhaa salphaa waggaa lama hin
caalleen ta’a.
3.
Walgahii seeraan alaa namoota meeshaa qabataniin taasifame irratti yaadee namni hirmaate
kamiyyuu hidhaa salphaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
4.
Haala armaan olitti keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen yakkichi yommuu raawwatamu,
gaggeessaa, qopheessaa yookiin ajajaa yakkichaa kan ta’e yookiin namni meeshaa qabate; hidhaa
salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shan gahuu danda’uun ni adabama.
5.
Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef walgahii seeraan dhorkame kan gurmeesse yookiin kan
gaggeesse yoo ta’e;
adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 485. Ooduun Ummata Shororkeessuu
1.
Namni kam iyyuu:
(a) nageenya ummataa
yookiin lubbuu, fayyaa yookiin qabeenya namoota dhunfaaf balaa
yaaddeessaa ta’e keessumattuu balaa weeraraa, ajjeechaa namaa, gubiinsa abiddaa, badiisa
yookiin saamicha akka gahu soodaachisuun; yookiin
(b) waa’ee haalawwan kanaa yookiin walumagalatti waa’ee jeequmsa gahuu yookiin waa’ee badiisa
dhiheenyatti gahuu yookiin wa’ee balaa uumamaa oduu sobaa facaasuun; itti yaadee ummata
kan shororkeesseyoo tahe;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
184
2.
Adabbii olaanaa kan murteessisan tumaaleen rogummaa qaban akkuma eegamanitti ta’ee,
haalawwan jeequmsa fi unkuramni hamaa baay’ee ulfaataa ta’e fiduu danda’an yookiin kan fidan
yoo ta’e; adabbichi hidha cimaa waggaa sadii hin caallee ni ta’a.
Keewwata 486. Oduu Sobaa Odeessuun Ummata Kakaasuu
Namni kamiyyuu haala yakkoota nageenya biyyaa irratti raawwatameen ala ta’een/Keewwata 240,257 (e), fi
261(1)/:
(a) namni mootummaa, abbootii aangoo ummataa yookiin hojii isaanii irratti oduu sobaa, shakkii,
yookiin hamii sobaa kan uumuu yookiin facaasu kanarraa kan ka’eenis yaada ummataa kan jeeqe,
kakaase, yookiin jeequuf kan danda’u yoo ta’e; yookiin
(b) sobaan yakkuuyookiin tooftaa birooakaakuu kaminiyyuu shakkii kan baballise, jibiinsa kan kakaase
yookiin jeequmsa gocha humnaa yookiin kan siyaasaa, kan sanyii yookiin kan amantii kan kakaase
yoo ta’e;
Hedhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan, yookiin yakkicha ulfaataayommuu ta’etti hidhaa
cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 487. Ibsoota Yaadaa Amala Kakaasuu Qaban
Namni kamiyyuu:
(a) iddoo ummanni walitti qabamu yookiin walgahii kam irrattiyyuu gocha seeraan ala ta’eef kan
kakaasu yookiin ibsa haasaa amala dhaadannaa qabu yookiin fakkii kan qopheesse, kan baballise,
kan tamsaase, yookiin dhageessisee yoo ta’e; Yookiin
(b) abbaa aangoo rogummaa qabuun ajajawwan seeraan kennaman yookiin seerotaafi dambiilee bahan
ummanni akka mormu taasisuuf ifatti kan kakaase yoo tahe;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 488. Jeequmsa
1.
Namni kamiyyuu walgahii seeraan alaa nama yookiin qabeenya irratti; gocha humnaa gamtaan
raawwatame irratti fedha isaan kan hirmaate yoo tahe;
Hidhaa salphaa ji’a tokkoo gadii hin taaneen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Gurmeessaan, kakaasaan yookiin gaggeessaan yakkichaa hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneefi
adabbii maallaqaan, yakkichi ulfaataa yeroo ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii
maallaqaan ni adabama.
185
3.
Nama yookiin qabeenya irratti gocha humnaa dhuunfaa isaatiin namni raawwate kam iyyuu; yakki
inni raawwate tumaa seeraa addaan adabbii olaanaa kan adabsiisu yoo ta’e malee, hidhaa cimaa
waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 489. Dhimmoota Ilaalchi Addaa Isaaniif Taasifamu.
Gocha humnaa osoo hin raawwatiin yookiin akka raawwatamu osoo hin kakaasiin walgahii dhorkame,
hiriira, ibsa yaadaa amala kakaasuu qabu, yaa’ii seeraan ala ta’e irraa yookiin dhaadannaa gamtaa irraa
fedha isaaniin yookiin ajaja abbaa aangoon hirmaattonni bahanii adeeman barbaachisaa yommuu tahe
ceepha’amanii, yookiin dheekkamamanii/Keewwata 122/adabbii biroo irraa bilisa akka ta’aniif
murteessuun ni dandaa’ama.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Nageenya Ummataafi Tasgabbiin Jiraachuu Irratti Raawwataman
Keewwata 490. Walga’ii Yookiin Yaa’ii Jeequu
1.
Namni kamiyyuu seeraan kan hayyamame walgahii yookiin yaa’ii kamiiniyyuu jechaan, doorsisuun,
gocha humnaan, humnaan yookiin karaa birookamiiniyyuu seera mormuun kan weerare, kan jeeqe,
kan dhorke yookiin kan bittinse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan ilaallatu abbootii aangoo, boordii yookiin komishinii ofiseelaa (official) ta’e yookiin
kan filannoo, gurgurtaa caalbaasii yookiin hojii ummataa seera qabeessa ta’e kamiiniyyuu
raawwachuuf walgahii yookiin yaa’ii taasifame yoo ta’e; walgahichi yookiin yaa’ichi kan siyaasaa,
bulchiinsaa, amala seera raawwachiistummaa yookiin abbaa seerummaa kan qabu yoo ta’ellee;
adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii dhiibba shanii gadi
hin taane ni ta’a.
3.
Badichi kan raawwatame gareen yookiin meeshaa waraanaa yookiin meeshaa biroo qabachuun yoo
ta’e’ adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle ni ta’a
Keewwata 491. BadiiOfiin Ittigaafatamummaa Ala Ta’uun Gocha Jeequmsaa Rawwatamu
Badii ofiin machaa’uun yookiin haala biroon namni guutummaan ittigaafatamummaan ala of galche yoo
xiqqaate yakka hidha waggaa tokkoon adabsiisu kan raawwate yoo ta’e.
Akka ulfaatinaafi guddina yookiin xiqqeenya balleessaa gocha raawwatameetti adabbii maallaqaan yookiin
hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 492. Nageenyaafi Miira Amantii Tuquu
186
Namni kamiyyuu itti yaadee ifatti:
(a) sirna amantaa, adeemsa ayyaaneffannaa yookiin gochaa amantii hayyamame akka hin
raawwatamne kan dhorke, kan jeeqe, yookiin kan itti qoose yoo ta’e;yookiin
(b) iddoo, fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e; adabbii maallaqaa qarshii
kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen ni adabama.
Keewwata 493. Nageenyaafi Kabaja Namoota Du’anii Tuquu.
Namni kamiyyuu:
(a) gaggeessa reeffaa yookiin sirna awwaalaa kan jeeqe yookiin kan salphise yoo ta’e;
(b) iddoo namni du’e itti boqote kan sarbe, xureesse, siidaa yookiin mallattoo awwaalichaa kan diige
yookiin kan xureesse yookiin reeffa awwaalames ta’ee kan hin awwaalamiin kan salphise yookiin
qaama isa kukkute yoo ta’e;
(c) reeffa ifatti kan xureesse yookiin kan rukute yoo ta’e; yookiin
(d) reeffa yookiin kutaa yookiin hamba qaama reeffaa kamiin iyyuu kan fudhate, akka badu kan taasise
yookiin kan bittinneesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Mata Dure Torba
Yakkoota NageenyaUmmataa, Quunnamtiifi Geejjiba Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Tasgabbiifi Naggeenya Ummataa Irratti Raawwataman
Keewwata 494. Gubiinsa Abiddaa Qaqqabsiisuu
1.
Namni Kamiyyuu namoota yookiin qabeenyaa irratti balaa waliigalaa geessisuu yaadee gamoo
yookiin hojii qabatamaa (mullatu) akaakuu kamiyyuu, miidhaan, oomishaalee qonnaa, bosona,
mukeen yookiin mi’oota biroo kan isaa yookiin nama biroo kamiiniyyuu abidda kan itti qabsiise yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi balaa olaanaa kan hordofsiise yookiin namoota yookiin qabeenya irra miidhaan gahe kan
babal’ate yoo ta’e; keessumattuu kan miidhaman gamoowwanummataa, gamoowwan tajaajilaa
ummataa, manneen jiraattonni keessa jiran yookiinjireenyaaf tajaajilan, mankuusaa nyaataa,
wantoota boba’an yookiin mankuusaalee dhohaa, bosonoota, albuudota, boollota boba’a yookiin
187
calaltoota boba’aa, dooniilee xiyyaarootaayookiinkeessumattuu balaaf mijaawaa kan ta’an mi’oota
biroo kamiyyuu yommuu ta’an; adabbichi hidha cimaa waggaa kudhashan hin caallee ni ta’a.
Keewwata 495. Balaa Uummamaa Geessisuu
Namni Kam iyyuu namoota yookiin qabeenya irratti balaa geessisuufyaadee balaa lolaa yookiin bishaaniin
nyaatamuu, foxoqiinsa lafaa, diigama yookiin kan kana fakkaatan biroo kamiyyuu akka qaqqabu kan taasise
yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti keewwata 494 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 496. Hojiilee Qabatamoo Yookiin Hojiilee Egumsaa Miidhuu
Namni Kam iyyuu namoota yookiin qabeenya irratti balaa geessisuuf yaadee
gamoowwan elektirikii,
yookiin bishaan ilaallatan yookiin humna uumamaa ittisuuf hojiilee hojjetaman keessumattuu ujumoo,
bo’olee, kuusaalee, Ittisa bishaanii, gadhiisa bishaanii yookiin itisaalee dambalii bishaanii kan mancaase
yookiin kan diige yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti keewwata 494 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 497. Dhoosuu
Namni kamiyyuu namoota yookiin qabeenya irratti balaa qaqqabsiisuuf yaadee wantoota balaafamoo
boba’aa, baaruda, dimaamitii yookiin kana kan fakkaatan birookamiiniyyuu akka dhohu kan taasise yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti keewwata 494 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 498. Yakkoota Dagannoon Raawwataman
Namni kamiyyuu armaan olitti keewwata 494 hanga 497 keessatti ibsaman keessaa tokko dagannoon kan
raawwate yoo ta’e;
Akka cimina yakkichaatti hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Balleessichi namoota yookiin qabeenya balaa ulfaataa ta’eef saaxilee kan argame yoo ta’e; manni murtichaa
hidhaa salphaa murteessuu qaba.
Keewwata 499. Wantoota Dhohaniin, Boba’aniin Yookiin Summeessaniin Balaa Qaqqabsisuu
188
1.
Namni Kamiyyuu nageenya ummataa irratti balaa qaqqabsiisuuf karoorfachuun wantoota
dhohaniin, yookiin salphaatti boba’aniin yookiin gaazota summeessaniin osoo beekuu lubbuu,
fayyaa yookiin qaama namaa yookiin qabeenya nama biroo balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Balleessichi balaaf kan saaxile qabeenya qofa yoo ta’eefi miidhaan inni qaqqabsiise salphaa yoo ta’e
adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taane ni ta’a.
2.
Yakkichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhashanii gahuun kan adabsiisu; gochichi
lubbuu yookiin qaama namaa irratti miidhaa qaqqabsiisuuf yookiin dinagdee irratti miidhaa
cimaakan qaqqabsiisu yookiin qaqqabsiisuu danda’uun gochaa ifatti, iddoo taajaajila ummataatti,
dhaabbata mootummaa, dhaabbata tajaajilli itti kennamuu yookiin sirna irratti miidhaa
qaqqabsiisuuf yaadamee dhaabbilee, tajaajiloota yookiin sirnoota eeraman irratti wantoota
baayolojikaalaa, wantoota summummaa qaban dhangalaasuun, gadhiisuun, facaasuun, yookiin
lubbuu, yookiin qaama yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa qaqqabsiisuuf humna kan qaban
yookiin gocha kanaaf kan hojjetaman boba’ootaafi wantoota dhihan kaa’uun, darbachuun, dhoosuun
kan raawwatame yoo ta’edha.
3.
Namni kamiyyuu nageenya ummataa irratti balaa qaqqabsiisuuf karoorsuun osoo hin ta’iin haala
armaan olitti ibsameen lubbuu, qaama, fayyaa yookiin qabeenya nama biroo itti yaadee balaaf kan
saaxile yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu haala keewwata xiqqaa(1) jalatti ibsameen lubbuu, qaama, fayyaa yookiin
qabeenya nama biroo dagannoon balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
5.
Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) yookiin keewwata xiqqaa (3)n yakki raawwatame salphaa
ta’ee yommuu argamu manni murtichaa bakka hidhaa salphaa hojii dirqamaa yookiin adabbii
maallaqaa murteessuu ni danda’a.
Keewwata 500.Wantoota Dhohan, Boba’an, Yookiin Summeessan, Karaa Seeraan Ala Ta’een
Hojjachuu, Qabachuu, Dhoksuu, Yookiin Geejjibuu
1.
Namni kamiyyuu kaayyoo seeraan ala ta’eef karoorfamuu isaanii osoo beekuu wantoota dhohan,
boba’an, yookiin summeessan kan hojjeteyoo ta’e;
hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taane, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa
waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Namni biroon kaayyoo seeraan ala ta’eef ittifayyadamuuf ta’uu isaa osoo beekuu keewwata
xiqqaa(1) jalatti wantoota ibsaman oomishanii baasuuf meeshaalee yookiin qajeelfamoota tajaajilan
nama kanaaf kan kenne namni kamiyyuu;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taane, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa
waggaa torba hin caalleen ni adabama.
189
3.
Namni kamiyyuu kaayyoo seeraan ala ta’aniif karoorfamuu isaanii osoo beekuu wantoota dhohan,
boba’an yookiin summeessan yookiin mi’oota dheedhii isaan kana oomishuuf tajaajilan biyyaa
alaarraa kan fichisiise harkatti kan galfate, kan bite, yookiin kan biroof dabarsee kan kenne, kan
biroo irraa kan fudhate kan kuuse, kan dhokse yookiin kan geejjibe yoo ta’e;
Gochicha kan raawwate gatiin yookiin tolas ta’us, hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneen, yookiin
dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 501. Dambiilee Hojii Gamoo Cabsuu
1.
Namni kamiyyuu hojii gamoo yookiin diigiinsa gamoo akaakuu kamiyyuu yommuu to’atu,
gaggeessu, yookiin raawwatu dambiilee eeggannoo seeraan tumaman yookiin ogummaa yookiin
muuxannoo hojii gamoo ittiin hojjetaman itti yaadee cabsuun nageenya ummataa yookiin lubbuu,
fayyaa yookiin qaama namootaa, yookiin qabeenya nama biroo balaarraa kan buusee yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hin caallee yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 502. Meeshaalee Yookiin Mi’oota Ittisa Balaa Kaasuu Yookiin Gurmeessuu Dhabuu
1.
Namni Kamiyyuu itti yaadee:
(a) jaarmiyaa yookiin warshaa, iddoo albuudaa, kamittuu yookiin iddoo hojii biroo kamiyyuu
keessatti akka balaan hin qaqqabne ittisuuf meeshaa kaa’ame kan balleesse, kan kaase, kan
mancaase, faayida qabeessuummaa isaa kan hambise, yookiin hojiin ala kan taasise yoo ta’e;
yookiin
(b) bu’uura seeraa yookiin ajaja abbaa aangoo dhimmi ilaallatuun dirqama meeshaa hojii
eegumsaaf tajaajiluu qopheessuu dhiisuun nageenya nama biroo balaarraa kan buuse yoo ta’e;
hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle
yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalle ni ta’a.
Keewwata 503. Balaa Ulfaataa Ummatarra Gahu Beeksisuu Dhabuu
Namni kamiyyuu ofiisaa yookiin kanneen biroo irratti miidhaa osoo hin fidiin beeksisuu yookiin tarkanfilee
eeggannoo fudhachuu osoo danda’uu balaa gubiinsaa, dhohiinsaa, lolaayookiin balaa uumamaa kan ta’e
yookiin kan hin taane lubbuu, fayyaa yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa fiduu danda’u abbaa aangoo
yookiin qaamolee ittigaafatamummaa eegumsaa qabanitti kan hin beeksisne yookiin haala kamiiniyyuu
balaan kun akka hin qaqqabne ittisuuf yeroosaatti tarkaanfilee eeggannoo barbaachisaa ta’an kan hin
taasifne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
190
Keewwata 504. Haalawwan Qusataman
Tumaaleen boqonnaa kanaa iddoowwan hojiifi hojiiwwan tajaajilaa ittisa biyyaaf yookiin loltummaaf
dhaabbatan miidhuu yookiin mancaasuu, keessumattuu diiguu yookiin gufachiisuu raawwatiinsa tumaalee
miidhaarra buusuu ilaalatan /keewwata 247(a),308,309 fi 327(a)/ hin hambisan.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Bilisummaafi Tasgabbii Geejjibafi Qunnamtiilee Irratti Raawwataman
Keewwata 505.Hojiiwwan Qabatamoofi Tajaajiloota Faayidaa Ummataaf Hundaa’an Irratti Miidhaa
Qaqqabsiisuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) ummataaf tajaajila kan kennan yookiin faayidaa ummataaf hojiirraa kan oolan geejjiboota
yookiin qunnamtiilee lafaa, bishaanii, galaanaa yookiin qilleensa irra, isaanuma kana
haaromsuuf, suphuuf, irra deebiin hojjechuuf yookiin tajaajila akka kennan taasisuuf hojiilee
ijaarsaa fayyadan dabalatee; yookiin
(b) dhaabbilee yookiin tajaajilawwan Poostaaf, teelegrafaaf, walqunnamtii bilbilaaf yookiin
telekominikeshinaaf walumaagalatti yookiin tajaajila bishaanii, ibsaa, gaazii, humnaa, yookiin
ho’ina ummataaf dhiheessuuf yookiin raabsuuf kan hundaa’an;
Hojmaata idileen kan dhorke, jeeqe, yookiin gufachiise yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii
maallaqaa, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame nama seeraan yookiin waliigalteen dirqamni irra jiruun yoo tahe,
keessumattuu hojiin yookiin dirqamoonni isaa kan addaan citan haallawwan humnaa ol hin taane
yookiin seeraan, yookiin waligalteen kan eyyamamaniin ala yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa yookiin dubbichi ulfaataa
yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle ni taa’e.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin
caalle, yookiin yakkichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa salphaa ji’a jaaha hin caalle ni ta’a.
191
Keewwata 506. Qunnamtiileefi Geejjibaalee Balaa Ulfaataarra Buusuufi Balleessuu
1.
Namni kamiyyuu tajaajila ummataa yookiin mi’a daandii geejjiba, hadiida baaburaa, bishaan yookiin
qilleensa irra taasifamu walitti bu’isaaf, daandii baburaa irra baasuuf, akka liqimfamu, yookiin balaa
biroo namoota yookiin qabeenya irratti miidhaa geessisuu kamiifuu saaxiluuf keessumattuu:
(a) riqicha, hidha, ittisa dambalii, hojii qabatamaa hundeeffame, yookiin meeshaa to’annaa, ittisaa,
maallattoo agarsisiftuu, yookiingeejjiba balleessuun, iddoodhaa jijjiiruun, diiguun ykn akka hin
tajaajille taasisuun;
(b) karaa, daandii baaburaa, bo’oo guddaa (kanalii) yookiin karaa walqunnamtiibiroo kamiiyyuu
irratti balaa fiduu kan danda’u gocha yookiin hojii raawwachuun yookiin gufuu kaa’uun;
(c) ajaja, mallattoo yookiin agarsiftuu sobaa kennuun;yookiin
(d) dirqama, dambii, yookiin eeggannoof tumaalee barbaachisaa ta’an haala kamiin iyyuu cabsuun;
Geejjiba ummataa akka hin hojjenne itti yaadee kan taasise, kan gufachiise, yookin haala balaan
irra gahuu danda’utti akka argamu kan taasise;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Yakki keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame dagannoon kan raawwatame yoo ta’e;adabbichi hidhaa
salphaa yookiin adabbii maallaqaan ta’a.
3.
Adabbiin hidhaa cimaa hangaa wagga kudhanii kan gahu balleessichi osoo beekuu:
(a) dirqama waliigaltee yookiin ogummaa irra jiru cabsuun gochicha kan raawwate yoo ta’e;
yookiin
(b) lubbu, qaama yookiin fayyaa kanneen biroo balaa irra kan buuse yoo ta’e yookiin qabeenya
irratti balaa hedduu olaanaa ta’e kan qaqqabsiise yoo ta’edha.
4.
Yakkichi dagannoon kan raawwatame dirqama hojii ogummaa yookiin waliigalte cabsuun yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a tokkoo gadi hin taane ta’a.
5.
Gochi yakkichaa dhaabbilee yookiin meeshaalee nageenya adeemsa qilleensa irraayookiin galaana
irraa tajaajilan barbadeessuun, mancaasuun yookiin hojmaata isaanii gufachiisuuf jidduu seenuun
kan raawwatame ta’ee xiyyaara balali’aa jiru yookiin doonii imalarra jiru balaaf kan saaxilu yoo
ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu ni danda’a.
6.
Gochi keewwata xiqqaa shan (5) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuni ta’a.
Keewwata 507.Bakka Dhaabbataafi DaangeffamaakontiineentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaaraafi
Doonii Seeraan Ala Qabuu.
1.
Namni kamiyyuu humnaan, dhaadannaan yookiin mala sodaachisuu birookamiiniyyuu, dabaan
yookiin karaa seeraan alaa kamiiniyyuu bakka dhaabbataafi daangeffamaa kontiinentaal shalfiitti
argamu, xiyyaara tajaajila yookiin balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa isaa dhaabbatee jiru,
192
yookiin doonii tajaajila yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa irra dhaabbate itti yaadee
kan qabe yookiin to’annoo jala kan oolche yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Kaayyoo keewwata kanaa fi keewwatoota arfan armaan gadii jiraniif:
(a) “Xiyyaaraa tajaajilarra jiru” jechuun hojjettoonni geejjiba qilleensaa yookiin xiyyaara balali’aaf
murtaa’eef qophii dursaa taasisan irraa eegalee xayyaarichi erga qubatee booda hanga sa’atii
digdamii afuriitti yeroo jiru kan ilaallatudha.
(b) “Xiyyaara balali’aa jiru” jechuun yeroo balballi xiyyaarichaa inni alaa cufame irrraa eegalee balballi
isaa hanga banamutti yeroo jiru kan ilaallatu yommuu ta’u, xiyyaarichi dirqisiifamee kan qubate yoo
ta’e yeroon kun xiyyaaricha, namootaa fi qabeenya hunda gadhiisisuuf yeroo inni fudhatu ni
dabalata.
Keewwata 508. Bakka Dhaabbataafi Daangeffamaa KontiinentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaara
Yookiin Doonii Haala Yaaddeessaarra Buusuu.
1.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi daangeffamaakontiinentaalshalfiitti argamu, xiyyaaraa
tajaajila yookiin balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa dhaabbate, doonii tajaajila yookiin
imalarraa jiru yookiin bakka buufataa dhaabbate keessatti nama argamu irratti itti yaadee karaa
seeraan alaatiin gocha humnaa kan raawwate yoo ta’eefi gochichi nageenya bakkichaa, xiyyaarichaa
yookiin doonichaa balaarra buusuu kan danda’u yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi daangeffamaa kontiinenntaalaashalfiittiargamu ,xiyyaara
tajaajila yookiin balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa isaa dhaabbate, yookiin doonii tajaajila
yookiin imala irra jiru, yookiin buufata galaanaa dhaabbate keessatti nama argamu irratti
dagannoon gocha humnaa kan raawwate yoo ta’eefi gochichis nageenya bakkichaa, xiyyaarichaa
yookiin doonichaa balaa irra buusuu kan danda’u yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uun ni adabama.
Keewwaa 509. Bakka Dhaabbataafi DangeeffamaaKontiinentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaara Xookiin
DooniiIrratti Balaa Qaqqabsiisuu.
1.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi daangeffamaakoontiinentaalshalfiittiargamu yookiin
xiyyaara tajaajila yookiin balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa isaattiargamu yookiin doonii
tajaajila yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa keessatti argamu itti yaadee karaa
seeraan alaatiin kan barbadeesse yoo ta’e, yookiin wantoota kanneen keessaa tokko irratti
miidhaa geessiseen tajaajilaaf, balali’aaf yookiin imalaaf gahaa akka hintaane kan taasise yoo
ta’e, yookiin
nageenyi tajaajilaa, balali’aa yookiin imalaa balaaf akka saaxilamu miidhaa
taasisuu danda’u kan geessiseyoo ta’e;
193
Hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi daangeeffamaakontiinentaalishalfiittiargamu yookiin
xiyyaara tajaajila yookiin balali’a irra jiru yookiin buufata isaatti argamu yookiin doonii tajaajila
yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa keessatti argame dagannoodhaan kan
barbadeesse yoo ta’e, yookiin wantoota kana keessaa tokko irratti miidhaa dagannoodhaan
geessiseen tajaajilli, balala’iinsi yookiin imalli isaa gahaa akka hin taane kan taasise yoo ta’e,
yookiin nageenyi tajaajilaa, balali’aa yookiin imalaa balaaf akka saaxilamu miidhaa taasisuu
danda’u kan qaqqabsiiseyoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uun ni adabsiisa.
Keewwata 510. Mallattooleefi Waamicha Gargaarsaatti Seeraan AlaTaasisuu
1.
Namni kamiyyuu dabaan yookiin sababa gahaa osoo hin qabaatin qunnamtiiwwan irratti jeequmsi
akka ka’u yookiin qunnamtiin akka addaan citu yaaduun mallattoo balaa yookiin gaaffii gargaarsaa
yookiin ergaa baratame yookiin waliigaltee addunyaalessaatiin beekame kan dabarse, meeshaa
nageenyaa yookiin akeekkachiisaatiin fayyadamuun ergaa akeekkachiisaa kan dabarse yookiin
akeekkachiisa balaa teelekoominkeeshinaatiinseeraan ala kan fayyadame yoo ta’e;
2.
Yakkichi xiyyaarabalali’arra jiru yookiin doonii imalarra jiru balaaf saaxiluuf odeeffannoo sobaa
dabarsuun kan raawwatme yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa
digdamii shanii gahu ni ta’a.
3.
Gochi keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame kan rawwatame dagannoon yommuu ta’etti adabbichi
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 511. Wantoota Yookiin Meeshaalee Balaafamoo Ta’an Karaa Seeraan Alaatiin kaa’uu
Yookiin Fe’uu.
1.
Namni kamiyyuu balaa geessisuuf yaadee geejjiboota ummataa kan lafaa, qilleensaa, yookiin
bishaanii irratti wantoota yookiin meeshaalee boba’an, dhoo’an, yookiin kallattiin kan
summeessan,yookiin tuttuqaan, dhukkeessuun (emanations) yookiin bittinsuu fi urkuudhaan kan
balleessan yookiin miidhaan kan kaa’e yookiin akka kaa’aman kan taasise, kan fe’e yookiin kan
feesise, qabatee kan imale yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’auun ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) Nageenya bakka
dhaabbataafi dangeeffamaakontiinental shalfiitti argamu irratti balaa
buusuuf;
(b) Xiyyaara tajaajila irra jiru barbadeessuuf yookiin balali’aaf gahaa akka hin taane yookiin
nageenyi balali’a isaa balaaf akka saaxilamu taasisuuf; yookiin
194
(c) Doonii barbadeessuuf yookiin fe’isa isaa yookiin doonicha irratti miidhaa geessisuuf yookiin
nageenyi imala isaa balaaf akka saaxilamu taasisuuf,
meeshaa yookiin mi’a dandeessisu kamiyyuu tooftaa kamiiniyyuu xiyyaaricha yookiin doonicha
yokiin bakka dhaabbataafi daangeffamaa kontinteentaal shalfiittiargamu irra kan kaa’e yookiin
akka kaa’amu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa kudha shanii gahuun ni adabama.
3.
Namni kamiyyuu balaa buusuuf yookiin miidhaa geessisuuf yaadee osoo hin ta’in osoo beekuu
dambiiilee yookiin qajeelfamoota nageenya eegumsa tiraafiikaa ilaalchisee bahan darbuungochoota
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa tokko kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu geejjiboota ummataa kan lafaa, qilleensaa yookiin bishaanii irratti yakkoota
raawwatamanu ittisuufi too’achuuf itti gafatamummaan kan irra kaa’ame ta’ee osoo jiruu, dirqama
hojii isaa dagannoon osoo hin ba’iin hafee geejjiboota kanneen yookkiin bu’uuraalee tajaajilaa
isaanii irratti wantoonni yookiin meeshaaleen balaa geessisuu danda’an kaa’amanii yookiin
fe’amanii kan argaman yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
5.
Gochi keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi hidhaa
cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 512. Haala Ulfaataa
1.
Yakkoota keewwata 505 hanga 511 jalatti ibsaman keessaa tokko itti yaadamee yommuu
raawwatamu lubbuu, qaama yookiin fayyaa namaarratti miidhaan kan gahe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi
ulfaataa yommuu ta’utti hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabsiisa.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa
kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 513. Hirmaannaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa Kennameefii
Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef kamiyyuu bu’uura seera kana keewwata 34 tiin tumameen
yakkoota boqonnaa kana keessatti ibsaman keessaa tokkorratti hirmaataa yommuu ta’u; bu’uura seera kana
keewwata 90 tiin ni adabama.
Mata Duree Saddeet
Yakkoota Fayyaa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
195
Tumaalee Waliigalaa Eegumsaa Cabsuu
Kutaa Tokko
Yakkoota Dhukkuboota Daddabarsuufi Naannoo Faaluun Raawwataman
Keewwata 514. Dhukkuba Namaa Daddabarsuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee dhukkuba daddarbaanamatti kan tamsaase yookiin kan dabarse yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
2.
Balleessichi:
(a) Yaada jibbiinsaan, haaloon, hammeenyaan yookiinsalphinaan dhukkuba miidhaa ulfaataa
yookiin du’a hordofsiisuunama biroorratti kan tamsaase yookiin dabarse yoo ta’e; yookiin
(b) Yaadni keewwata kana qubee (a) jalatti ibsame yoo jiraachuu baatelleedhukkuba miidhaa
ulfaataa yookiin du’a hordofsiisunama biroorratti kan tamsaase yookiin kan dabarse yoo ta’e;
yookiin
(c) Dhukkuba golfaa/epidemic/ ta’e kan dabarse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa
cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa
ni ta’a.
Keewwata 515. Dhukkuba Beelladaa Tamsaasuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee beelladoota manaa, lukkuuwwanii fi simbirroowwan madaqan kan
lukkuu fakkaatan, bineensota bosonaa adamsaman, qurxummii, kanniisota yookiin bineensota
bosonaa seeraan eegaman gidduutti dhukkuba kan tamsaase yoo ta’e;
Hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Balleessichi:
(a) Yakkicha kan raawwate hammeenyaan yoo ta’e; yookiin
(b) Itti yaadee miidhaa olaanaa kan geessise yoo ta’e,
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taane ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalle yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 516. Ilbiisota Miiddhaanii Yookiin Bosonaa Baayyisuu
196
Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon ilbiisota yookiin jermoota oomisha qonnaa ykn bosonaa
irratti miidhaa kan geessiisan /immii/germ/kan baayyise yoo ta’e; bu’uura adabbii keewwata 515 jalatti
tumameen ni adabama.
Keewwata 517. Bishaan Faaluu
1.
Namni Kamiyyuu itti yaadee bishaan dhugaatii namaaf yookiin beelladootaaf tajaajilu wantoota
fayyaa miidhaniin kan faale yoo ta’e;
Akka haala dubbichaafi akka hamma miidhichaatiin adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaa ji’a
tokkoo gadi hin taaneen, yookiin yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba hin
caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi
kan
raawwatame
boollawwan
bishaanii,
kuusaalee,
burqaawwan,
galoowwan
bishaanii/Water Holes/, laggeen, yookiin haroowwan itti yaadee sumeessuun yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.
3.
Gochi armaan olitti keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo
ta’e; adabbichi hidhaa salphaa, yookiin dubbichi salphaa yoo ta’e adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 518. Bakka Dheedichaa Faaluu
1.
Namni Kamiyyuu lubbuu yookiin fayyaa beelladootaa balaarraa buusuuf yaadee wantoota
summaa’aa yookiin miidhaa geessisaniin dheedichaa yookiin dirree kan faale yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salpaan, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa
waggaa torba hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 519. Naannoo Faaluu
1.
Namni kamiyyuu seera rogummaa qabu darbuun wantoota faalan gara naannootti kan gadhiise yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalleen yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen
ni adabama.
2.
Faalumsichi lubbuu yookiin fayyaa namoota yookiin naannoorratti miidhaa ol’aanaa kan geessise
yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalle ni ta’a.
3.
Balleessichi gocha kanaan tumaa seera yakkaa adabbii ol’aanaa hordofsiisu kan cabse yoo ta’e;
tumaaleen waa’ee yakkoota dachaaf tumaman raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 520. Balfa/Kosii/fi Wanta Biroo Balaafamaa Ta’e Sirnaan Qabuu Dhabuu
Namni Kamiyyuu:
197
(a) Balfa/Kosii/yookiin wanta balaafamaa bu’uura seerota rogummaa qabaniin kan hinqabne yoo ta’e;
yookiin
(b) Kosii yookiin wanta balaafamaa ilaalchisee tarreeffaman maxxanfamuu qabu kan hin maxxansine
yoo ta’e; yookiin
(c) Kosii/balfa/yookiin wanta balaafamaa kan naannesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen yookiin hidhaa cimaa waggaa sadii hincaalleen
yookiin lamaaniinuu ni adabama.
Keewwata 521. Gochoota Sakatta’a Dhiibbaa Naannoo Waliin Wal Falleessan Raawwachuu
Namni Kamiyyuu Sakatta’iinsi dhiibbaa naannoo akka irratti taasifamu piroojektii seeraan ajajame
kamiyyuu hayyama osoo hin argatiin hojii irra kan oolche yoo ta’e; yookiin kanuma kan ilaallatu ibsa sobaa
kan dhiyeesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 522. Tarkaanfilee Eeggannoo Fayyaa Eeguufi Kunuunsuuf Seeraan Tumaman Cabsuu
1.
Namni Kamiyyuu tarkaanfilee eeggannoo dhukkuba namaa daddarboo ittisuuf, daangessuuf yookiin
dhaabuuf seeraan tumamaan itti yaadee kan cabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa lama hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hincaallee ni ta’a.
3.
Tarkaanfii eeggannoo tamsa’ina dhukkuba beelladootaa yookiin minaanii yookiin ilbiisa bosonaa
yookiin imii (germ) yookiin faalama naannoo ittisuuf, daangeessuuf yookiin dhaabuuf tumame itti
yaadamee kan cabe yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalle yookiin adabbii
maallaqaa ni ta’a.
4.
Gochi keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa
salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 523. Rakkoon Yookiin Beelli Akka Qaqqabu Taasisuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee karaa Kallattiin Yookiin alkallattiin keessumattuu dhoksuun, seeraan
ala kuusuun, balleessuun yookiin lubbuu yookiin fayyaa namaaf yookiin beelladaaf barbaachisaa
ta’an minaan, nyaata, galaa /soorata/, qoricha/dawaa/ yookiin wantoota barbaachisoo biroo
deddeebisuu yookiin raabsuu dhorkuudhaan biyya keessatti gidiraan/dararri/, dhabiinsi, beelli,
dhukkubni daddarboon, dhukkubni beelladootaa yookiin rakkoon akka ga’u kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
198
2.
Namni kamiyyuu rakkoon akkanaa yommuu gahetti rakkicha ittisuuf, daangeessuuf yookiin
dhabamsiisuuf kan barbaachisu nyaata, qorichaa/dawaa/ yookiin mi’oota biroo kamiiniyyuu
dhiyeessuuf dhiyeessitummaan, qunnamsiistummaan, dhiyeessaa muummee waliin garee waliigale
ta’uudhaan, deddeebistummaadhaan, bakka bu’ummaan, yookiin haala biroo kamiiniyyuu
dirqamoota yookiin itti gaafatamummaa irra jiru sababni humnaa ol ta’e osoo isa hinmudatiin kan
hin raawwanne yookiin hojii irra kan hin oolchine yoo ta’e;
Bu’uura keewwata xiqqaa (1) tiin ni adabama.
3.
Yakkichi kan raawwatame jaalala maallaqan yoo ta’e, adabichi hidhaa cimaa waggaa digdama hin
caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 524. Hirmaannaa Yakkaa Jaarmiyaa NmummaanSeeraaKennameefii
Yakkoota kutaa kanaan ibsaman keessaa tokkotti jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef yoo
hirmaatebu’uura seera kana keewwata 90n tumameen ni adabama.
Kutaa Lama
Wantoota Fayyaa Namaafi Beelladootaa Irratti Miidhaa Geessisuu Danda’an Oomishuufi
TamsaasuunYakkoota Raawwataman
Keewwata 525. Qorichoota Yookiin Baalaawwan Summaa’aa yookiin Naarkotikiifi Saayikotiroppikii
Oomishuu, Hojjechu, Naannessuu Yookiin Fayyadamuu
1.
Namni kamiyyuu hayyama addaa Osoo hin qabatiin:
(a) Wantoota
summaa’aa
yookiin
qorichoota
yookiin
baalawwan
naarkotikii
yookiin
saayikotiroppikii kan biqilchee, omishe, hojjete, jijjiire yookiin warshaan kan tolche;
(b) Wantoota armaan olitti qubee (a) jalatti trreeffaman keessaa tokko qabatee kan argame, gara
biyyaatti kan galche, biyya alatti kan erge, kan geejjibe, kan kuuse, kan dallaale, kan bite,
gurgurtaaf kan dhiheesse, kan tamsaase, kan naannesse, dabarsee kan kenne yookiin kan biroof
kan argamsiise;
(c) Wantoota armaan olitti qubee (a) jalatti tarreeffaman keessaa tokko, ooomishuuf, qopheessuuf
yookiin tolchuuf meeshaalee tajaajilan kan hojjete, qabatee kan argame, gara biyya keessatti
kan galche, biyya alaatti kan erge; yookiin
(d) Wantoota qubee (a) jalatti ibsaman hojjechuuf, qopheessuf, oomishuuf, gurguruuf yookiin
raabsuuf, mana, mooraa, yookiin iddoo isaa abbaa qabeenyaa yookiin abbaa qabiyyee itti ta’e
kan kenne, kan kireesse yookiin kan hayyame yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin
taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalleen ni adabama.
2.
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba
lama hin caallee kan ta’u:
199
(a) Yakkichi kan raawwatame daldala kanaaf yookiin sadarkaa addunyaalessaatis ta’e biyyaatti
yakka raawwachuuf garee yookiin waldaa gurmaa’etti nama miseensa ta’een yookiin gocha
seeraan alaa kan ogummaa isaa godhatee qabateen yoo ta’e;
(b) Balleessichi wanta seeraan alaa dhorkame yookiin iddoo wanta akaakuu akkanaaf fayyadu osoo
beekuu kan kenne yookiin kan hayyame jaalala maallaqaan, kaayyoo salphummaan yookiin hin
malleen yoo ta’e; yookiin fayyadamtichi daa’ima, dargaggoo gaa’ila hin geenye yookiin
sammuun isaa sirrii hin taane, yookiin araada baala sammuu adoochuun kan qabame yoo ta’e;
(c) Yakkamtichi yakkicha kan raawwate gocha yakkichaaf daa’imman yookiin nama sammuun isaa
sirrii hin taanetti fayyadamuun yoo ta’e;
(d) Yakkichi kan raawwatame mana sirreessaa mooraa mana barumsaa, yookiin dhaabbata tajaajila
hawaasummaa biroo keessatti, iddoo daa’imman yookiin barattoonni dargaggoon barumsaaf,
ispoortiif yookiin sossochiiwwan hawaasummaa biroof itti fayyadamanitti yoo ta’e; yookiin
(e) Yakkamtichi Sababa yakka walfakkaatu duraan raawwateen murtiin balleessummaa irratti
kennamee kan ture yoo ta’edha.
3.
Namni kamiyyuu wantoota summaa’aa yookiin qorichoota yookiin baalawwan naarkotikii yookiin
sayikotiroppikii kan argaman gochoota yakkaa keewwata kana keewwata xiqqaa (1) yookiin (2)
jalatti tarreeffaman keessaa sababa isa tokkoon ta’uun isaa yookiin gochoota yakkaa tarreeffaman
keessaa tokko raawwachuuf kan karoorfaman ta’uu isaa osoo beekuu, wantoota kana qabatee kan
argame, kan geejjibe, kan kuuse yookiin dabarsee kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii gadii hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin
caalleen ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu:
(a) Ofiisaa yookiin namni biroo dhuunfaatti akka itti fayyadamu yaadee wantoota armaan olitti
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa tokko kan biqilche, kan bite, kan fuudhe, kan
hojjete, qabatee kan argame, kan gurgure, kan kenne; yookiin
(b) Wantoota kana keessaa tokkotti hayyama hakiimaa malee yookiin karaa seeraan alaa
birookamiiniyyuu kan fayyaadame yookiin namni biroo akka itti fayyadamu kan taasise yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caallee fi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen
ni adabama.
5.
Wantoota naarkotikii yookiin saayikotiroppikii kaayyoo seeraa alaatiif oolchuuf yaaduun ogeessa
yaalaa dogoggorsuun waraqaa qorichi ittiin ajajamu akka kennamuuf kan taasise yookiin karaa
seeraatiinis ta’ee, seeraan alaatiin waraqaa qorichi ittiin ajajamu argate sana garee sadaffaa hin
hayyamamneef namni dabarse; yookiin waraqaa wantoonni naarkotikii yookiin saayikotiroppikii
ittiin ajajaman itti yaadee ogeessi yaalaa karaa seeraan alaatiin barreesse;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
200
6.
Seera kanaan tumaaleen qabeenya mootummaaf galii ta’uu qabu /Keewwta 140/ fi maallaqa
yookiin
qabeenya
gocha
yakkaatiin
argame
fakkeessee
dhiheessuufi
yakkicharratti
gargaaruu/Keewwata 684/ Jalatti ibsaman akkuma eegamanitti ta’u.
Keewwata 526. Qoricha Humna Kennan (Dopping)
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) Gahumsa qaamaa , uumamaa fi leenjiin argame yeroof caalmaatti akka dabalu taasisuun yeroo
dorgommii ispoortii olaantumaa qaamaafi xinsammuu argachuuf kan gargaaran wantoota
namtolchee seeraan dhorkamaniifi miidhaa geessisan kan omishe, gara biyya keessatti kan
galche, kan gurgure, ogummaa isaatiin kan ajaje, kan raabse; yookiin
(b) Wantoota qubee (a) jalatti ibsamanitti karaa seeraa alaatiin kan fayyadame yookiin namni
biroo akka itti fayyadamu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan yookiin gochichi miidhaa ulfaataa yommuu
geessise, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Namni
kamiyyuu
kaayyoo
keewwata
xiqqaa(1)
jalatti
ibsameef
oolchuuf
yaaduun,
qoricha/dawaa/seeraan hayyamame haala hin malleen yookiin kaayyoo hojjetameef ala kan ajaje,
kan kenne, yookiin kan fayyadame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
3.
Gochoota armaan olitti keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsaman keessa tokko kan
raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalle, yookiin adabbii
maallaqaa qarshii kuma shan hin caalle ni ta’a.
Keewwata 527. Mi’oota Yookiin Nyaatawwan Miidhaa Geessisan Yookiin Badan Hojjechuufi
Gurguruu, Akkasumas Qulqullina Isaanii Gadi Buusuu
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) Nyaatawwan, soorata, wantoota biroo nyaataaf tajaajilan itti fayyadama namaaf akka hin taane
gochuun yookiin wantoota nyaata qopheessuuf/hojjechuuf/tajaajilan qabiyyee miidhuu akka
qabaatan taasisuun kan hojjete yoo ta’e; yookiin fayyaa ummataa haala miidhuun qulqullina
nyaatawwanii yookiin mi’oota kan gadi-buusee yoo ta’e; yookiin
(b) Bu’aalee oomishaa miidhaa qaban akaakuu akkanaa kan kuuse, gurgurtaaf kan dhiheesse, biyya
alaatti kan erge, biyya keessa kan galche, kan fuudhe, yookiin kan raabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti, hidhaa
cimaa waggaa shanii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa gadi hin taane kan ta’u, balleessichi:
201
(a) Faayidaa ummataaf jecha jaarmiyaa mootummaan kan qabame yookiin mootummaa irraa
konseeshiniin kenname dirqama addaa to’achuu yookiin qorachuu kan qabu ta’ee yommuu
argamu; yookiin
(b) Dhukkuba kan fayyisan, fayyummaa kan cimsan, uumama/qabiyyee/ nyaataa kan qaban
yookiin toonikii kan ta’an summaa’ina kan hin qabnee fi ajaja ogeessa yaalaa malee kennamuu
kan danda’an qorichoota/dawaalee/ addaddaa haala badaan oomishamuu isaaniin yookiin
qulqullinni isaanii gadi bu’uu isaan miidhaa beekamaa kan fidan ta’uun isaanii yommuu
beekamu yookiin beekuun yommuu danda’amu, qorichoota/dawaalee/ kana itti yaadee kan
oomishe, qulqullina isaanii kan gadi buuse, kan gurgure, yookiin kan raabse yoo ta’edha.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalle, yookiin
adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 528. Hokaafi NayaataBeelladaa Biroo Midhaa Akka Geessisu Taasisuun Hojjechuu;
Qulqullina Gadi Buusuufi Gurguruu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) Qulqullina hokaa yookiin nyaata uumamaa beelladaa kan gadi buuse yookiin fayyaa yookiin
lubbuu beelladootaa, irratti miidhaa qaqqabsiisuuakka danda’u taasisee kan oomishe yoo ta’e;
yookiin
(b) Hokaa yookiin nyaata akaakuubiroo miidhaadhuma kana kan qaqqabsiisu biyya alaarraa kan
fichisiise, gara biyya alaatti kan erge, kan kuuse, kan gurgure, gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin
kan raabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin caallee
yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 529. Haalawwan Adabbii Cimsan.
Balleessichi Yakkoota armaan olitti keewwatoota 527 fi 528 jalatti ibsaman ogummaa isaa godhatee kan
qabate yoo ta’e/keewwata 92/ yookiin yakkicha kan raawwate mi’oota baay’ina olaanaa qaban irratti yoo
ta’eefi miidhaan ga’es ulfaataa yommuu ta’u, adabbichi tumaalee kana jalatti kan ibsame adabbii olaanaa
bilisummaa dhabsiisuufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hin caalle ni ta’a.
Keewwata 530. Hirmaannaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa Kennameefii
Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef kamiyyuu yakkoota keewwata 525 hanga 529 keessatti ibsaman
keessaa tokkotti hirmaataa yoo ta’e;
Bu’uura seera kana keewwata 90 tiin ni adabama.
202
Keewwata 531. Dhugaatiiwwan Alkoolii Yookiin IspiirtoonFayyaa Nama Biroo Balaaf Saaxiluu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee akaakuun yookiin baayyinni dhugaatiiwwanii kan miidhu ta’uu isaa kan
mirkanaa’e yookiin dhugaatiiwwan alkoolii yookiin Ispiirtooqabanmiidhaa geessisuu danda’an
dargaggoo gaa’ila hingeenyeef yookiin humnaa ol dhuguun isaa nama beekameef dhugaatii alkoolii
yookiin ispiirtoota dhiyeessuun yookiin kennuun yookiin akka dhiyaatu yookiin akka kennamu
taasisuun fayyaa nama biroo balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkichi irra deddeebiin kan raawwatame yoo ta’e; hojii ogummaa isaa dhorkuun akkuma
eegametti ta’ee hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hintaaneen ni adabsiisa.
3.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabsiisa.
Keewwata 532. Gochoota Sammuu Tuqaniin Nama Balaaf Saaxiluu
Namni kamiyyuu itti yaadee fajaajessuuun(Hypnosis), of wallaalchisuun yookiin adoochuun yookiin mala
biroo kamiiniyyuu dandeetti sammuu namabiroo yeroof balleessuun balaaf kan isa saaxile yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti keewwata 531 jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 533. Tolchaan, Falfalaan Yookiin Wantoota Kana Fakkaataniin Nama Irratti Balaa
Geessisuu
Namni Kamiyyuu amalli isaanii balaa yookiin miidhaa hordofsiisuu danda’uu osoo beekuu fayyaa miidhuu
kan danda’an daakuuwwan bittinnaa’an, wantoota dhukkuba qalbii dadhabsiissn fidan, dhugaatiiwwan,
yookiin wantoota kana fakkaatan biroo nama biroof kan qopheesse, kan kenne, kan gurgure, kan raabse
yookiin kan obaase yoo ta’e;
Tumaa armaan olitti keewwata 531 jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 534. Haalawwan Ulfaaataa
1.
Balleessichi yakkoota armaan olitti keewwatoota 532 fi 533 jatti ibsaman ogumma isaa godhatee kan
qabate yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabaama.
2.
Miidhamaan osoo hin hayyamiin yakkichi kan raawwatame yoo ta’e, barbachisaa ta’e yoo argame
dandeettii yaaduu dhaabsiisuu, keessattuu tumaaleen /keewwataa 583/ dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
Boqonnaa: Lama
Tumaalee Yaalaafi Eegumsa Fayyaa Ilaallatan Cabsuu
Keewwata 535. Ogummaa Yaalaafi Eegumsa Fayyaan Karaa Seeraan Ala Ta’een Hojjechuu
203
1.
Namni Kamiyyuu dandeettii ogummaa abbaa aangoo rogummaa qabuun kan murtaa’eefi to’annaan
irratti taasifamu osoo hin qabaatiin yookiin bu’uura dambiiilee rogummaa qabaniin ifatti akka
hojjetu hayyamni osoo hinkennaminiif yookiin kan hayyamameefiin ala haala kamiiniyyuu
dhukkubsattoota yaaluu ogummaa isaa taasifatee kan qabate, yookiin maallaqa fudhachuun kan
qorate, kan yaale, gorsa kan kenne, dawaa/qoricha/ kan gurguure yookiin hojiilee yaalaa akaakuu
kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taane yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi
adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Haala armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen hojii beelladoota yaaluu namni hojjetu
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
3.
Namni kamiyyuu dawaaa /qoricha/ yookiin meeshaa tajaajila yaalaa kan oomishe, gurgurtaaf kan
dhiyeesse, kan gurgure, kan raabse yookiin tajaajila irra kan oolche:
(a) Nageenyummaan isaa,
fayyisummaan isaafi qulqullummaan isaa mirkanaa’ee qaama
rogummaa qabuun kan hin hayyamamne;
(b) Kan fakkeeffame yookiin kan walitti makame yookiin mannee/Saamsa/ isaa irratti
barreeffamni ibsa sobaa kan itti taasifame, kan itti maxxanfame yookiin kan keessa galfame;
(c) Yeroon tajaajilaa isaa kan itti darbe; yookiin
(d) Kan dhorkame, kan manca’e, kan waliin dha’ame, kan faalame yookiin sababa biroo
kamiiniyyuu fayyadamaa irratti miidhaa kan geessisu ta’uun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii gad hintaaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma digdamaa hanga
kuma shantamaa gahuu danda’uun ni adabama.
4.
Ariifachiisaa yookiin barbaachisaa kan ta’e yookiin garalaafinaan yookiin naamusa ogummaa isaa
kabajuun
gorsa,
gargaarsa
yookiin
tajaajila
yookiin
haalawwan
kana
fakkaataniin
dawaalee/qorichoota/ uumamaa yookiin barataman fayyisuun isaanii kan mirkanaa’eefi balaa kan
hin hordofsiifne darbee darbee bilisaan kennuun gargaarsi taasifamu hin adabsiisu.
5.
Naannoo jiraatanitti muuxannoo gahaa qabu jedhamuunnamoonni beekaman bu’uura barmaatilee
naannichaatiin hojiilee yaalaa raawwatan irratti tumaan kun raawwatamummaa hin qabu. Kunis
kan ta’u, namoonni kun hojii isaanii kan raawwatan naannoo jiraatanitti qofa yoo ta’eefi gochi
isaaniis lubbuu, qaama yookiin fayyaa miseensota hawaasa naannoo sanaa balaa irra kan hinbuusne
yookiin kan hinmiine yoo ta’eedha.
Keewwata 536. Wantoota Summaa’aafi Balaafamoo Ta’an Seeraa AlaDhiyeessuu.
Hakiimni, Carreessaan/Pharamacist/, hakiimni ilkaanii, hakiimni beelladootaa, narsiin kamiiyyuu yookiin
wantoota naarkotikii yookiin saayikotiroppikii summa’aa ta’an yookiin wantoota biroo fayyaa irratti
miidhaa ulfaataa geessisuu danda’aniin yaala kennuuf yookiin isaanumaa kana kaa’uuf yookiin gurguruuf
namni hayyamameef biroo kamiyyuu, haalawwan hojmaatni yaalaa idileen hayyamuun alaafi hayyama
204
addaa osoo hin qabaatiin wantootuma kanaan kan hojjete, ummataaf kan kenne yookiin kan gurgure yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleefi adabbii maallaqaatiin, yookiin badichi ulfaataa yoo ta’e; hidhaa
cimaa waggaa torba hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Balleessichi yakkicha kan raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e; adabbiin maallaqichaa hanga qarshii kuma
dhibba tokko gahuu ni danda’a.
Keewwata 537. Gargaarsa Yaalaa Sababa Malee Dhorkuu
1.
Hakiimni, carreessaan/Pharamacist/, hakiimni ilkaanii, hakiimni beelladaa, deessistuun, narsiin
yookiin namni biroon tajaajila yaalaa kennuun hojii isaa ta’uu isaa seeraan beekameef kamiyyuu
karaa hojii isaatiin walfaallessuufi sababa gahaa hin taaneen maalnadhibdeen, ofjaallachuun,
maallaqa garmalee barbaaduun, jibbaan, tuffiin yookiin sababa kana fakkaatu kamiiniyyuu tajaajila
barbaachisaa ta’eefi hojii ogummaa isaatiin raawwachuu qabu osoo hin raawwatin kan hafe yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaan, yookiin yakkichi kan irra deddeebi’ame yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a jahaa hin
caalleen ni adabama.
2.
Namni tokko lubbuu, qaama yookiin fayyaa isaarra miidhaa cimaan kan gahu ta’ee osoo jiruu
gargaarsa kan hin goone namni kamiyyuu kan ittiin adabamu tumaan adabbii olaanaa/Keewwata
575 (2)/ akka eegametti ta’a.
Kitaaba Shanaffaa
Yakkoota Namoota Biroofi Firoota Irratti Raawwataman
Mata Duree Tokko
Yakkoota Lubbuu, Qaamaafi Fayyaa Namaarratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Haala Raawwiifi Akaakuu Ajjeechaa
Keewwata 538. Qajeeltoo
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon meeshaa yookiin toftaa akaakuukamiiniyyuu nama
biroo kan ajjeese yoo ta’e ajjeesaalubbuuti.
205
Adabbiin nama itti yaadee yookiin dagannoon nama ajjeesuun balleessaa ta’erratti murtaa’u, akka
salphinaafi cimina ajjeechaa sanaatti bu’uura tumaalee armaan gaditti ibsamaniin ni murtaa’a.
2.
Ittiyaadee yookiin dagannoon kan ajjeese hundi kan adabamubu’uura adeemsota murtii seera
qabeessa ta’aniifi murtiiwwan isaanii qofaan ta’a.
Keewwata 539. Ajjeechaa Namaa Cimaa
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) Nama ajjeesuuf yaadni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin toftaan itti
fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababa waliigalaa adabbii
cimsu/Keewwata 84/ yookiin sababnibiroo/keewwata 86/yommuu ilaalamu ajjeesaan
keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun;
yookiin
(b) Miseensa garee wanbadee nama ajjeesuuf yookiin yakka wanbadummaa raawwachuuf
gurmaa’ee ta’uun; yookiin
(c) Yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijaawuf yookiin yakki raawwatame akka hin ibsamne
taasisuuf jecha; ittiyaadee nama kan ajjeese yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin
du’aan ni adabama.
2.
Yakkamtichi adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu itti murtaa’ee, adabbicha raawwachaa osoo jiruu,
haala armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen nama kan ajjeese yoo ta’e du’aan ni
adabama.
Keewwata 540.Ajjeechaa Nama Dasiiba
Namni kamiyyuu haalli ajjeechaa akkaataa keewwata 539 jalatti ibsameen cimaa yookiin akkaataa
keewwata 541 jalatti ibsameen salphaa haala hin taaneen itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuun ni adabama.
Keewwata 541. Ajjeechaa Namaa Salphaa
Namni kamiyyuu:
(a) Daangaa haalaa dirqisiisaa darbuun/Keewwata 75/ yookiin daangaa ofirraa ittisuu seera qabeessa
ta’e darbuun /Keewwata 78/; yookiin
(b) Sababa olaanaa gar malee nama aarsuun yookiin sababa tasaa hin eegamne sammuu jeequun
yookiin miira olaanaan yookiin miira ho’aan qabamuurraa kan ka’een ta’ee; tilmaama sammuun
haalawwan kana raawwachuuf nama geessisaniifi gartokkeen dhiifama kennisiisaniin; itti yaadee
nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;
206
Hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 542. Namni Biroo Akka Of Ajjeesu Kakaasuufi Gargaaruu
(1) Namni kamiyyuu namni biroo akka of ajjeesu kan kakaase yookiin kan gargaare yoo ta’e yaaliin of
ajjeesuu yommuu taasifametti hidhaa salphaan, gochi of ajjeesuu yommuu raawwatametti hidhaa
cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
(2) Akka of ajjeesu namni kakaafame yookiin gargaarsi taassifameef ijoollee gaa’ilaaf hin geenye
yookiin sababa dhukkuba sammuun yookiin dheerina umuriin dandeettii dhabee kan ture yoo ta’e,
adabbiin kakaasaa yookiin gargaaraa irratti murtaa’u namni kakaafame yookiin gargaarame of
ajjeesuuf kan yaale yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen, kan of ajjeese yoo ta’e hidhaa
cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
(1) Namni kamiyyuu keewwata kana keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala
dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;
Hedhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii
kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.
(2) Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu
kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;
adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma sadii hanga kuma jaha gahuu danda’uun ta’a.
(3) Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii
yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama
macheessan yookiin faajjeessan fudhachuun haala ittigaafatamummaa irraa bilisa isaa baasisu
keessa erga ofgalchee booda yoo ta’ellee;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii
maallaqaa qarshii kuma kudhani hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 544. Daa’ima Ajjeesuu
(1) Haati tokko da’uuf ciniinsuunyommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbin itti
yaaddee daa’imashee kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.
Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imichaarra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e,
manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa.
(2) Haati tokko haalawwan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ala daa’imashee itti
yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan
raawwatamoo ni ta’u.
207
(3) Yakka keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen namni biroo raawwataa yakkaa
muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa
osoo hin taasifaminiif akka haala dubbichaafi akka hamma balleessaa isaatti bu’uura tumaalee
seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.
Kutaa Lama
Yakka Ulfaarratti Raawwatamu, Ulfa Baasuu
Keewwata 545. Qajeeltoo
(1) Ulfa sadarkaa kamiirrattuu argamu haalawwan keewwata 551 jalatti ibsamaniin ala itti yaadanii
ulfa baasuun bu’uura tumaalee armaan gaditti ibsamaniin ni adabsiisa.
(2) Manni murtii akaakuufi hanga adabbichaa kan murteessu gochi ulfa baasuu ittiyaadamee kan
raawwatame haadhaan yookiin garee sadaffaa biroon ta’uusaa, gochichi kan raawwatame garee
sadaffaan yoo ta’e haati kan hayyamte yookiin kan hin hayyamne ta’uusaa tilmaama keessa
galchuun ta’a.
Keewwata 546. Gocha Ulfaa Baasuu Dubartiin Tokko Ofirratti Raawwattu
(1) Dubartiinitti yaaddee ulfa ishee ofirraa baastu hidhaa salphaan ni adabamti.
(2) Meeshaa ulfi ittiin bahu kennuun yookiin deggersa biro kamiiniyyuu kennuun dubartiin tokko ulfa
ishee yommuu ofirraa baastu raawwataa yakkaa muummee ta’uun yookiin miiltummaan hirmaataa
kan ta’e namni biroo hidhaa salphaan ni adabama.
Keewwata 547. Gocha Ulfa Baasuu Nama Biroon Raawwatamu
(1) Seeraan kan hayyamameen ala itti yaadee dubartii ulfoofte irratti gocha ulfa baasuu kan raawwate
yookiin gochi ulfa baasuu yommuu raawwatamutti namni gargaare hidhaa salphaan ni adabama.
(2) Gochi ulfa baasuu kan raawwatame dubartiin ulfoofte sun kan hin hayyamne yookiin hayyama ishii
kennuuf yommuu hin dandeenyetti yoo ta’e; yookiin doorsisaan, dirqisiisuun, gowwomsuun yookiin
bu’aa gochichi hordofsiisuu beekuu yeroo hin dandeenyetti hayyama ishee argachuun yoo ta’e;
Addabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’u ni ta’a.
(3) Gocha ulfa baasuu seeraan hayyamameen ala raawwatamuuf dubartiin ulfaa hayyama ishii kennite
hidhaa salphaan ni adaabamti.
Keewwata 548. Haalawwan Ulfaataa
Gochi ulfa baasuu kan raawwatame seeraan kan tumameen ala yoo ta’e, adabbichi akka armaan gaditti ni
cima.
208
(1) Balleessichi yakkicha kan raawate jaalala maallaqaan yookiin faayidaa argachuuf yookiin hojii isaa
yeroo hundaagodhachuun yoo ta’e /keewwata 92/; adabbii keewwata 547 jalatti ibsame irratti
dabalataan adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame nama ogummaa yaalaa gahaa hin qabneen yoo ta’e, adabbichi hidhaa
salphaa waggaa tokkoo gadii hintaaneefi adabbii maallaqaa ni ta’a.
(3) Ogeesssi yakkicha raawwate keessumattuu, hakiimaan, caarreessaan (Pharmacist), deessistuun
yookiin narsiin /nurse/ yoo ta’eefi gochichas kan raawwate hojii ogummaa isaatti seera ala
fayyadamuun yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaa irratti dabalataan manni murtichaa yeroo
murtaa’e tokkoof yookiin yakkicha irra kan daddeebi’e yoo ta’e; balleessicha hanga dhumaatti hojii
ogummaa isaa irraa ni dhorka/Keewwata 123/.
Keewwata 459. Dubartii Ulfaa Hin Qabne IrrattiGocha Yaalii Ulfa Baasuu Raawwachuu
Dubartii ulfa hin qabne tokkon ulfadha jechuun gochi yaalii ulfa baasuu kan raawwatame yoo ta’e tumaan
waliigalaa yakka raawwatamuu hin dandeenye ilaalchisee tumame raawwatamaa ni ta’a /Keewwata 29/.
Keewwata 550. Haalaawwan Adabbii Salphisan
Ulfi kan addaan cite haalawwan armaan gaditti keewwata 551 jalatti tarreeffamaniin ala sababa rakkoo
jireenyaa hundee gadifageeffateefi kan turuun yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin haala
itti fakkaatuun adabbicha ni salphisa.
Keewwata 551. Ulfa Addaan KutuufHaalawwan Seeraan Hayyamaaman
(1) Daangaa yeroo ogummaa yaalaatiin hayyamame keessatti dhaabbata yaalaan ulfi yoo addaan cite
kan nama hin adabsiifne:
(a) Sababa dirqisiisanii gudeedamuun yookiin saalqunnamtiifiroota gidduutti taasifameen ulfi kan
argame yoo ta’e;
(b) Itti fufuun ulfaa lubbuu haadhaa irrattis ta’e ulfichaarratti yookiin fayyaa haadhaa irratti balaa
kan hordofsiisu yoo ta’e yookiin dhalachuun daa’immichaa fayyaa yookiin lubbuu haadharratti
balaa kan fidu yoo ta’e;
(c) Ulfichi hanqina qaamaa fayyuu hin dandeenye (deformed) kan qabu yoo ta’e; yookiin
(d) Dubartiin ulfoofte tokko hir’ina qaamaa yookiin sammuu kan qabdu ta’uu ishiitiin,gaa’ilaaf kan
hin geenye ta’uu ishiitiin daa’ima dhalatu guddisuuf qophii sammuu yookiin qaamaa kan hin
qabne yoo taatedha.
(2) Hojii yaala ariitiin taasifamuun yoo ta’e malee balaa ulfaataa maqfamuu hin dandeenyeefi yeroo hin
kennine yoo mudatu bu’uura seeraa kana keewwata 75n gochi ulfa baasuu raawwatamu hin
adabsiisu.
Keewwata 552. Sirna Ulfi Addaan Itti Cituufi Sirnicha Cabsuun Adabbii Hordofsiisu
209
(1) Bu’uura Haalawwan armaan olitti keewwata 551 jalatti tarreeffamaniin sirna ulfi addaan itti
citu, haala mirga dubartoota ulfaa hin tuqneen ministeerri eegumsa fayyaa yeroo gabaabaa
keessatti qajeelfama ni baasa.
(2) Sababoota keewwata 551(1) (a) jalatti ibsamaniin Ulfa addaan kutuuf dubbartittiin dirqamaan
gudeedamuu yookiin firarraa ulfaa’uu ishii ibsuu qofti gahaa ta’a.
(3) Qajeelfama keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame namni cabse kamiyyuu, adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni
adabama.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Qaamaafi Fayyaa Namaarratti Raawwataman
Keewwata 553. Qajeeltoo
(1) Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon wantoota yookiin tooftaa kamiiniyyuu qaama nama
biroo kan hir’ise yookiin fayyummaa isaa kan miidhe yoo ta’e, bu’uura tumaalee boqonnaa kana keessatti
ibsamaniin ni adabama.
Tumaaleen kun harka darbuu, rukutuu, maadeessuu, qaama hir’isuu, miidhaawwan yookiin
balleessaawwaan qaamarratti raawwataman kamiiniyyuu, akkasumas miidhaawwan fayyummaa qaama
yookiin sammuu namaarratti raawwataman hunda ni dabalata.
(2) Manni murtichaa beenyaa miidhamaaf kaffalamu kan murteessuu ulfaatina miidhaa ga’eefi haala garee
walfalmitootaa tilmaama keessa galchuun bu’uura tumaalee waliigalaa kallatii beenyaa ilaalchisee seera
kanaan tumameen ni ta’a/Keewwata 101/.
Keewwata 554. Haalawwan Shakkisiisoon Yommuu Mudatan Qorannoo Beekaa Yookiin Ogeessa
Addaatiin Taasifamu
Manni murtichaa amala miidhaa qaamaa tokkoo, bu’aa inni hordofsiisu yookiin cimminaisaarraatti wanti
shakkissiisu yoo mudate dhimmicha murteessuuf gochoota dhimmaa yakkaarratti raawwataman qorannoo
yaalaatiin ogeessi beeku akka isa gargaaru gaafachuu ni danda’a.
Keewwata 555. Miidhaa Qaamaa Cimaa Ittiyaadamee Raawwatamu
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) Lubbuu miidhamaaf haala yaaddessuun yookiin qaama yookiin sammuu isaarra mudaa yeroo maraa
fiduun nama biroo irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e; yookiin
(b) Qaama yookiin kutaa qaamaa yookiin qaama miiraa barbaachisoo ta’an nama biroo keessaa tokko kan
hir’ise, akka hin tajaajille kan taasise yookiin haala suukkanneessaa fi ifatti mul’atuun bifa isaa kan
balleesse yoo ta’e; yookiin
210
(c) Karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa yookiin dhukkuba cimaa nama biroo irraan kan gahe yoo ta’e;Akka
haala dubbichaa fi akka ulfaatiina miidhichaatti hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen yookiin
hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen ni adabama.
Keewwata 556. Miidhaa Qaamaa Salphaa Itti Yaadamee Raawwatamu
1.
Namni kamiyyuu haallawwan armaan olitti keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala, itti yaadee qaama
yookiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii
maallaqaatiin ni adabama.
2.
Gochichi himannaa/iyyannaa/ yakkaa dhiyeessuun kan adabsiisuu fi adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa
hanga waggaa sadii gahuu danda’u kan ta’u:
(a) Balleessichi miidhaa kan geessise summiidhaan yookiin meeshaa ajjeesuun yookiin meeshaa biroo
miidhaa qaamaa geessisuu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e; yookiin
(b) Balleessichi dirqama ogummaa yookiin kan biroo cabsuun miidhaa kan geesise yoo ta’e; yookiin
(c) Miidhamtichi dadhabaa, dhukkubsataa yookiin ofirraa ittisuu kan hindandeenye yoo ta’eedha.
Keewwata 557. Haalawwan Adabbii Salphisan.
1.
Namni Kamiyyuu qaama yookiin fayyaa nama biroo irratti itti yaadee miidhaa kan geessise:
(a) Daangaa haala dirqisiisaa darbuun /Keewwata 75/ yookiin ofiirraa ittisuu seeraqabeessa ta’e hanga
isaa irraa dabarsuun/Keewwata 78/ yoo ta’e; yookiin
(b) Sababa tuttuqaa garmalee nama aarsuun, sababa tasaa hineegamne sammuu jeequun, yookiin miira
ol’aanaa yookiin miiraa fedhii ol’aanaa irraa maddeen ta’ee, haallawwan isaa tilmaama sammuutiin
gochicha raawwachuun kan nama ga’anuu fi gartokkeen dhiifama kan kennisisanu yoo ta’an;
(c) Miidhaan ga’eSeeraan kan dhorkame yookiin miidhichi amala gaarii/Hamilee/kan tuqu yommuu
ta’etti bu’uura gaaffii eeyyama miidhamaa maalummaa fi bu’aa gochichaa tilmaamuu danda’uutiin yoo
ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa lama hincaalle yookiin adabbii maqallaqaa qarshii kuma afur
hincaalle ni ta’a.
2.
Haala keewwata kana keewwata xiqqaa (1)(c) jalatti ibsameen miidhamtichi haala umuriin yookiin
sammuun yookiin kan biroo kamiiniyyuu waan gaaffichi yookiin eeyyamichi hordofsiisu guutummaan
yookiin gartokkeen hubachuu kan hin dandeenye yoo ta’e; adabbiin balleessicha irratti murtaa’u hidhaa
salphaa waggaa afur hincaalle ni ta’a.
Keewwata 558. Yaada Balleessichaan Ol Miidhaa Gahe
211
Namni kamiyyuu miidhaa qaamaa salphaa qaqqabsiisuuf yaadee dagannoon miidhaa qaamaa cimaa kan
qaqqabsiise/geessise/yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuun ni adabama.
Keewwata 559.Miidhawwan Qaamaa Dagannoon Raawwataman
1.
Namni kamiyyuu dagannoon qaama yookiin fayyaa nama birooirratti miidhaa salphaa kan qaqqabsiise
yoo ta’e;Hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen
ni adabama.
2.
Miidhaan qaqqabe akka isa keewwata 555 jalatti ibsamee yoo ta’e yookiin kan miidhaa qaqqabsiise
dirqama ogummaa yookiin kan biroo qaama yookiin fayyaa nama biroo eeguu kan qabu kan akka nama
ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa yoo ta’e adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaaneefi
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokkoo gadi hintaane ni ta’a.
3.
Yakkichi kan adabsiisu miidhichi ulfaataa yoo ta’e himata/iyyata/ yakkaa dhiyeessuun, miidhichi
salphaa yoo ta’e iyyannoo dhuunfaa dhiyeessuu dhaan ta’a. Hangi miidhichaa kan murtaa’u keewwata
555 fi 556 jalatti kan tumame bu’uureffachuun ni ta’a.
Keewwata 560. Harka Darbuu
1.
Namni kamiyyuu miidhaa qaamaa yookiin hir’ina fayyaa osoo hingeessisin gocha harka darbuu
yookiin dhiibbaa nama biroo irratti kan raawwate yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu adabbii maallaqaa qarshii dhibba sadii hincaalleen
yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen ni adabama.
Dirmaammuuwwan, mallattooleen kulkula dhiigaa yookiin dhukkubni yookiin gidiraan dafee darbu
akka miidhaa qaamaatti yookiin hir’ina fayyaatti hin lakkaa’aman.
2.
Badiiwwan kanneen keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsamaniin ala ta’an seera kanaan
waa’ee dambiii darbuu keewwata 840 jalatti bu’uura tumameen ni adabsiisu.
3.
Midhamaan harka darbuu isarratti raawwatame battalumatti harka darbuun kan deebise yoo ta’e
manni mirtichaa qooda adabbii biroo murteessuu akkuma barbaachisummaa isaatti garee tokko
yookiin garee lamaanuu dheekkamuun yookiin akeekkachiisuun bira darbuu ni danda’a.
Boqonnaa Sadii
Karaa Gochoota Barmaatilee Miidhaa Geessisanii Lubbuu, Qaamaafi Fayyaa Namaa Irratti Miidhaa
Geessisuun Yakkoota Raawwatamanu.
212
Keewwata 561. karaa Gochoota Barmaatilee Miidhaa Geesisaniin Lubbuu Dubartoota Ulfaafi
Daa’immaniirratti Miidhaa Geessisuu.
1.
Namni Kamiyyuu:
a) Garaa dubartii ulfaa sukkuummuudhaan yookiin qaama dubartii da’aa jirtuu hurgufuudhaan;
yookiin
b) Handhuura daa’ima haaraa dhalatee dhoqqee yookiin wantoota akka dhoqqee fafakkaatan
dibuudhaan,
daa’imicha
aduu
akka
hinargannee
gochuudhaan,
yookiin
dhadhaa
liqimsiisuudhaan, huubaqoonqoo daa’imichaa muruudhaa; amaarsaa baasuudhaan yookiin
akka hintalaalamne taasisuun; yookiin
c) Kan kana fakkaatuufi miidhaan isaa oguummaa yaalaatiin kan beekame gocha barmaatilee
raawwachuudhaan lubbuun dubartii ulfaa yookiin daa’imaa akka darbu kan taasise yoo ta’e;
Adabbii Maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaa ji’a sadii hanga waggaa tokkoo gahuun
ni
adabama.
2.
Duuti dubartittii yookiin kan daa’imichaa kan qaqqabedagannoon yoo ta’e, dhimmuma kanaaf
tumaan seera kanaa rogummaa qabu raawwatamaa ni ta’a./Keewwata 543/.
Keewwata 562. Karaa Gocha Barmaatilee Miidhaa Geesisaniitiin Qaama Dubartii Ulfaa Yookiin
Daa’imaa Irratti Miidhaa Qaqqabsiisuu
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) Garaa dubartii ulfaa Sukkuumuudhaan yookiin qaama dubartii da’umsa irra jirtuu
hurgufuudhaan; yookiin
(b) Handhuura daa’ima haaraa dhalatee dhoqqee yookiin wanta akka dhoqqee fakkaatu
dibuun, daa’imichi ifa aduu akka hin arganne dhorkuun,huuba qoonqoodaa’imaamuruun,
amaarsaa baasuun, akka hintalaalamne gochuun; yookiin
(c) Kan kana fakkaatu fi gocha barmaatilee miidhaa qabachuun isaa ogummaa yaalaatiin
beekame raawwachuudhan;
Dubartii ulfaa yookiin daa’ima irratti miidhaa qaamaa yookiin kan sammuu kan geesise yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
2.
Faayyaa qaamaa yookiin sammuu irra miidhaan kan ga’e dagannoon yoo ta’e; dhimma kana
ilaalchisee rogummaa kan qabu tumaan seera kanaa raawwatamaa ni ta’a./Keewwata 559/.
Keewwata 563. YaadaAddaa mana Murtichaa
213
Yakkoota armaan olitti keewwatoota 561 fi 562 jalatti ibsaman ilaalchisee umurii, sadarkaa barumsaa,
muuxannoo jireenyaa yookiin sadarkaa jireenyaa hawaasummaa raawwataa yakkichaa tilmaama keessa
galchuun manni murtichaa qooda adabbii maallaqaa yookiin adabbii bilisummaa dhuunfaa dhabsiisuu
murteessuurra akeekkachiisa cimaa kennuu qofaan bira darbuu ni danda’a.
Keewwata 564. Nama Hiriyummaa Gaa’ilaan Yookiin Walquunnamtii Saalaa Gaa’ilaan Ala Ta’een
Jiraatu Irratti Miidhaa Qaqqabsiisuu
Namni Kamiyyuu qaama Yookiin fayyummaa sammuu hiriyaa gaa’ilaa isaa Yookiin nama gaa’ilaan ala
saalquunnamtii waliin jiraatuu irratti midhaa cimaa yookiin salphaa haala qaqqabsiisuun miidhaa kan irratti
raawwate yoo ta’e;
Tumaan seera kanaa rogummaa qabu /Keewwata 555 hanga 560/irratti raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 565. Dubartiikittanuu
Namni Kamiyyuu dubartii daangaa umurii kamiyyuu keessatti argamtu kan kittane yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shanii gadi hn taaneen ni
adabama.
Keewwata 566. Nafsaalaa Dubartii Hodhuu
1.
Namni kamiyyuu nafsaala dubartii tokkoo kan hodhe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Gocha keewwata xiqqaa tokko jalatti ibsameen miidhaan qaamaa yookiin fayyaa kan ga’e yoo ta’e;
tumaan seera yakkaatiin adabbii ol’aanaa murteessisu akkuma eegametti ta’ee adabbichi hidhaa
cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahu ni ta’a.
Keewwata 567.Karaa Gochoota Barmaatilee Miidhaa Qaban Birootiin Miidhaa Qaamaa Raawwatamu
Namni kamiyyuu haalawwan boqonnaa kanaan
tarreeffamaniin ala sababa gocha barmaatilee
alnamoomummaan isaa beekameefi miidhaa qabaachuun isaa ogummaa yaalaatiin mirkanaa’een miidhaan
qaamaa yookiin sammuu yookiin duuti nama biroo irra akka gahu kan taasise yoo ta’e;
Akkuma haala dubbichaatti adabbiilee keewwata 561 yookiin 562 jalatti tumaman keessaa tokko
raawwatamaa irratti ni ta’a.
Keewwata 568. Karaa Gochoota Barmaatilee Miidhaa Qabaniin Dhukkuba Daddabarsuu
214
Gochoota Barmaatilee miidhaa qaban keewwatoota armaan olii keessatti ibsaman keessaa sababa isa
tokkootiin miidhamaan dhukkuba daddarbaan kan qabame yoo ta’e, raawwatichi bu’uura seera kanaan
dhukkuboota daddarboo baayyisuu ilaalchisee tumaameetiin dabalataan ni adabama.
Keewwata 569.Gochoota Barmaatilee Miidhaa Qabanii Keessatti Hirmaataa Ta’uu
Yakkoota boqonnaa kana keessatti ibsaman keessaa tokkotti hirmaataa kan ta’e, warri yookiin namni
biroon kamiyyuu hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 570.Tumaaleen Gochoota Barmaatilee Miidhaa Qaban Dhorkan Akka Hinraawwatamne
Kakaasuu
Tumaaleen Seera kanaa gochoota barmaatilee miidhaa qaban dhorkan akka hinraawwatmne karaa ifaanis
ta’ee alkallattiin kan kakaase yookiin kan sochoose, kaayyoo akaakuu akkasii raawwachiisuuf ummata kan
gurmeesse, sochii kaayyoo kanaaf gurmaa’een kan hirmaachiise, yookiin kaayyoo kanaaf deeggarsa kan
kenne namni kamiyyuu;hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hintaanen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba
shanii gadi hintaaneen yookiin lamaaniinuu ni adabama.
Boqonnaa Afur.
Yakkoota Lubbuu, Qaama, Yookiin Fayyaa Namaa Balaaf Saaxiluun Raawwataman
Keewwata 571. Lubbuu Namaa Balaaf Saaxiluu
Namni kamiyyuu itti yaadee nama biroo balaa du’aa dhiyeenyatti gahuuf kan saaxile yoo ta’e;
Akkuma haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa sadii hincaalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin
taaneen ni adabama.
Keewwata 572. Dambiii Tiraafiikaa Cabsuun Balaaf Saaxiluu
1.
Konkolaachisaan yookiin lafoon kamiyyuu dagannoon dambiii tiraafiikaa cabsuudhaan lubbuu,
qaama, fayyaa yookiin qabeenya nama biroo balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Hidhaa salpaa ji’a tokkoo hanga waggaa sadiigahuun yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba
tokkoo gadi hintaaneen yookiin lamaaniinuu ni adabama.
2.
Gochichi lubbuu, qaama, fayyaa yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e;
tumaan seera kanaafi dambiii tiraafiikaa cabee dhimmichaaf rogummaa qabu dachaan
raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 573. Qaama Namaa Balaaf Saaxiluu
215
1.
Namni kamiyyuu maallaqa yookiin fayyidaa biroo argachuuf jedhee:
a) Lubbu isaatiin osoo jiruu qaama isaa yookiin kutaa qaama isaa nama biroof kan kenne yoo ta’e;
yookiin
b) Nama yookiin jarmiyaa biroo waliin waliigaltee taasiseen du’a isaa booda qaama isaa yookiin kutaa
qaama isaa kennuuf kan waliigale yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu maallaqa yookiin faayidaa biroo argachuuf jecha qaama yookiin kutaa qaamaa
nama biroo hayyama/fedhii/ miidhamtichaatiin kan fudhate yoo ta’e gochichi kan raawwatame:
a) Miidhamtichi lubbuun osoo jiruu yoo ta’e dhidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii
gahuu danda’uun;
b) Du’a miidhamtiichaan booda yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
3.
Namni kamiyyuu dirqisiisuun, waliindhahuun, goowwoomsuun yookiin namni dhimmichi ilaallatu
osoo hin hayyamin qaama yookiin kutaa qaamaa nama biroo kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamiishanii gahuu danda’uun ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu haalawwan keewwatoota xiqqaa armaan ol jiran jalatti ibsamaniin alatti karaa
seera, dambiii yookiin qajeelfamaan faallaa ta’een nama dirqisiisuudhaan yookiin namni jedhame
sun osoo hin hayyamin yookiin osoo inni hinbeekin qaama isaa irratti qorannoo Saayinsii yookiin
yaalaa, qo’annoo yookiin yaalii kan taasise; yookiin odeeffannoo haala kanaan argame karaa
akaakuu kamiiniyyuu nama biroof kan ibse yookiin kan kenne yoo ta’e;
Akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa
waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
5.
Jarmiyaan namummaan seeraa kennameef gochoota armaan olitti keewwata xiqqaa (2),(3) yookiin
(4) jalatti tareeffaman keessaa isa tokko kan raawwate yoo ta’e; bu’uura seera kana keewwata 34 fi
90(3) tiin ni adabama.
Keewwata 574. Nama Balaaf Saaxiluu Yookiin Balaa Keessatti Dhiisuu
1.
Nama biroo sababa fayyaa, umurii, haala yookiin kan biroo isaa kamiiniyyuu of eeguu hindandeenye
sababa kamiiniyyuu yoo ta’e eegdummaan yookiin ittigaafatamummaan jiraachisuuf kan fudhate,
namni kamiyyuu nama jedhame sana itti yaade:
a) Lubbuu yookiin fayyaa isaa irratti balaa dhiyeenyatti gahuu hinoolleef kan saaxile yoo ta’e;
yookiin
b) Haala kana fakkaaturratti yommuu argamutti isa gatee kan deeme yoo ta’e;
Barbaachisaa yommuu ta’u adabbiin aangoo warrummaa irraa mulquu akkuma eegametti ta’ee,
hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaaneen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame daa’imarratti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hincaalle
ta’a.
216
Keewwata 575. Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhiisuu
1.
Namni kamiyyuu haala isaa yookiin garee sadaffaa irratti balaa hingeessisneen karaa kallattiin
yookiin alkallattiin gargaaruu osoo danda’uu, nama biroo balaa ulfaataa lubuu, qaama, yookiin
fayyaa isaa irra gahuu danda’u irratti argamu itti yaadee osoo hingargaarin kan hafee yoo ta’e;
hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Balleessichi:
a) Haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geesise
himatamtichuma yoo ta’e; yookiin
b) Miidhamticha baraaruuf yookiin gargaaruuf dirqama ogummaa yookiin waliigalteekan yaalaa,
kan galaanaa yookiin seeraa biroo kan qabu yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa lamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
Keewwata 576. Ijoollee Ga’elaaf Hingeenye Miidhuu,
1.
Ijoollee gaa’ilaaf hingeenye kan eegu yookiin itti gaafatamummaadhaan guddisuu namni kamiyyuu,
sababa yookiin haala kamiiniyyuu mucicha kan miidhe, kan dagate, humna isaatii ol kan hojjechiise
yookiin kan rukute yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi fayyaa, nageenya, guddina barnootaa yookiin qaama yookiin xinsammuu mucichaa irratti
miidhaa ol’aanaqa yommuu hordofsiisu, barbaachisaa yommuu ta’u adabbiin aangoo warrummaa
(family rights) irraa mulquu akkuma eegametti ta’ee; hidhaa salphaa waggaa tokkoo gad hintaaneen
ni adabsiisa.
3.
Tumaan kun maatiwwaniifi namoonni biroon itti gaafatamummaa walfakkaatu qaban tarkaanfii
naamusaa guddisa gaarii fudhataniifi kan seeraan wal hinfaallessine hin’ilaallatu /Keewwata 68/.
Keewwata 577. Jeequmsa/Lola
1.
Namni kamiyyuu miidhaa ittisuuf, ofiisaa yookiin kan biroo ittisuuf yookiin kanneen wallolan
addaan dhorkuuf osoo hintaane, jeequmsa yookiin lola namoota sadii gadi hintaane gidduutti
taasifameefi lubbuu, qaama, fayyaa yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa hordofsiisu keessatti
hirmaataa ta’ee kan argame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu meeshaa waraanaa yookiin meeshaa akaakuubiroo nama madeessuu yookiin
ajjeesuu danda’u qabachuun, yookiin fayyadamuun jeequmsa yookiin lola keessatti hirmaataa yoo
ta’eefi miidhaan kan hindhaqqabne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa tokkoo gahuun ni adabama.
217
3.
Haala yeroo jeequmsaa/lolaa ture irraa kan ka’een, keessumattu haaloo namoota wallolan gidduu
tureen haala lola kaasuu yookiin machii yookiin meeshaalee waraanaa, dhagoota yookiin wantoota
biroo madeessuu yookiin ajjeesuu danda’an kan qabatan yookiin wantootumti kun kan
keennamaniif ta’uu isaatiin lolicha keessatti namni kan madaa’e yookiin kan ajjeefame yoo ta’e;
adabbichi hanga adabbii idilee ol’aanaa gahuu ni danda’a.
4.
Yeroo akkas ta’ettis namni miidhaa yookiin du’a qaqqabsiise adda bahuu yookiin beekamuu kan
danda’e yoo ta’e;
Adabbiilee keewwatoota rogummaa qaban biroo jalatti ibsamaniin dabalataan ni adabama
/Keewwata 66/.
Keewwata 578. Lola Morkii
1.
Namni kamiyyuu morkii lubbuu, qaama yookiin fayyaa walmorkitootaa balaa irra buusuu
danda’uun, dursee aadaadhaan yookiin barmaatileedhaan murtaa’eefi meeshaalee ajjeesan kan
dabalate keessatti hirmaataa yoo ta’e;
Miidhaan qaamaa ga’us ga’uu baatus hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2.
Balaan du’aa akka hingeenye tarkaanfileen eeggannoo barbaachisoo ta’an kan fudhataman yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hin caallee yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lama
hincaalle ni ta’a.
3.
Walmorkitoota keessaa hanga tokko du’utti morkichi itti fufa kan jedhame yoo ta’eefi morkataan
biroo kan du’e yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalle ni ta’a.
4.
Morkataan kamiyyuu dambiiilee addaa yookiin dambiiilee barmaatilee lolamorkii osoo beekuu kan
cabseefi gocha seeraan ala raawwatame kanaan morkataa isa biroo kan madeesse yookiin kan
ajjeese yoo ta’e; bu’uura tumaalee seera kanaan waa’ee miidhaa yookiin ajjeechaa ilaalchisee
tumamaniin ni adabama.
Keewwata 579. Lolli Morkii Akka Taasifamu Gaafachuu, Kakaasuufi Gargaaruu
1.
Namni kamiyyuu lola morkii kan gaafate yookiin gaaffii nama birooakaakuu akkanaa kan dabarse
yookiin kan fudhate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaatiin yookiin morkichi adeemsifameera yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaalleen ni adabama.
2.
Gochichi irra deedeebiin kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalle ni
ta’a.
3.
Walmorkitoota keessaa tokko fedhii isaatiin morkicha keessaa kan ba’e yookiin morkichi akka
hintaasifamne kan ittise yookiin kan dhorke yoo ta’e; manni murtichaa nama kana yookiin
walmorkattoota lamaanuu adabbii irraa bilisa gchuu ni danda’a.
218
4.
Namni kamiyyuu doorsisaan, jajjabeessuun, tuffii isaa ibsuun yookiin haala biroo kamiiniyyuu
namni tokko nama sadaffaa biroo waliin lola morkii akka taasisu kan kakaase yoo ta’e;
Adabbii maallaqaatiin yookiin morkichi adeemsifameera yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa tokko hin
caalleen ni adabama.
5.
Sirrummaa adeemsa lola morkii mirkaneessuuf yookiin bu’aalee badaa inni hordofsiisuu
gamanumaa dhaabuuf ragoonni filataman, miseensonni bu’aa lolichaa murteessan, hakiimonni
yookiin gargaarsa duraa kan kennan walmorkitoonni akka wallolan yoo jajjabeessan yookiin yoo
kakaasan malee adabbilee armaaqn olitti ibsamaniin hin adabaman. Tumaaleen miiltummaa
ilaallatanis isaan irratti hin raawwataman.
Mataduree Lama
Yakkoota Bilisummaa Namaarratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Bilisummaa Dhuunfaa Namaarratti Raawwataman
Keewwata 580. Doorsisa
Namni Kamiyyuu haala naasuu yookiin sodaa nama biroorratti kakaasuun, balaa yookiin miidhaa cimaa
kan irratti gahu ta’uu isaa ibsuudhaan, kan isa sodaachisu yoo ta’e; iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti
dhihaatu, adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jahaa hin
caalleen ni adabama.
Tumaan keewwata kanaa manni murtichaa balleessichi garafuuldraatti amala gaariin akka qajeelu
waadaa mirkaneessaa akka galuufi wabii gahaa akka waamu/Keewwata 135/ ajajuu irraa kan dhorku
miti.
Keewwata 581. Doorsisa Himannaa Yookiin Salphisuu
Namni kamiyyuu nama biroo irratti yookiin nama nama kana waliin firooma dhiigaa yookiin gaa’ilaa
yookiin jaalalaan walitti hidhame irratti iyyannoo himannaa yookiin himannaa yakkaa yookiin wanta
kabaja yookiinwanta maqaa gaarii tuqun ibsa jedhee doorsisuudhaan namni biroon fedhii isaa kan
faallaa naamusa gaarii ta’e akka raawwatuuf yookiin dirqama akka seenu kan sossobe yoo ta’e,
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu, adabbii armaan olitti keewwata 580 jalatti ibsameen ni
adabama.
Keewwata 582. Dirqisiisuu
219
Namni kamiyyuu haala keewwata armaan olittiin ibsameen nama biroo irratti yookiin nama isaa wajjin
firooma dhigaa yookiin gaa’ilaatiin yookiin jaalalaan wal hidhe irratti gocha humnaatiin yookiin balaa cimaa
geesisuuf dhaadachuudhaan yookiin karaa seeraa alaa yookiin hinmalle birookamiiniyyuu bilisummaa
miidhamtichaa giduu seenuudhaan wanti tokko akka raawwatu yookiin akka hin raawwanee yookiin wanti
tokko akka ta’u akka hayyamu yookiin akka hin hayyamne kan dirqisiise yoo ta’e;
Tumaa adabbiicimaa olaanaa kana caalu murteessuun gaafatamaa yoo ta’e malee, hidhaa salphaa waggaa
sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 583. Dandeetti MurteessuuDhabsiisuu
1.
Namni kamiyyuu nama biroo fedhii isaatiin ala dhahichaan/hypnotic/, alkooliin yookiin baalawwan sammu
adochan yookiin wantoota yookiin qorichoota /dawaalee/ sayikotiroppikii kennuun yookiin mala
birookamiiniyyuu faajjeessuun/adoochuun/ dandeettii yaaduu yookiin murteessuu nama kana yookiin
bilisummaa hojii isaa kan dhorke yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Tumaan keewwata kanaa akka haala dubbichaatti tumaalee rogummaa qaban waliin dabalataan
raawwatamuu ni danda’a/Keewwata 532-534/.
Keewwata 584. Tokko Ta’uu Yakkootaa
Doorsisichi, gochi humnaa, dirqisiisuun yookiin dandeetti murteessu dhabsiisuun gochi akaakuu
akkanaaraawwatame amala isaanii bu’uura kan ta’e, kan akka wanbadummaa, dirqisiisuun fayyadamuu,
sodaachisuu(blackmail), dirqisiisanii guddeduu yakkota fakkaatan raawwachuuf karoorfachuun yookiin
yakkoonni kunyommuu raawwatmanitti yoo ta’e, tumaan yakkoota kanaaf rogummaa qabu raawwatamaa ni
ta’a.
Keewwata 585. Seeraan Ala Qabanii Tursuu
(1) Namni kamiyyuu haala faallaa seeraa ta’een yookiin ajaja seera qabeessa malee nama biroo kan qabe, kan
hidhe yookiin maqaa hidhaamaan qabee kan kaa’e yookiin haala birookamiiniyyuu asiif achi akka hin
deemne bakka murtaa’etti kan dhorke yookiin bilisummaa isaa kan dhabsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hintaaneen ni adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame:
(a) Sobaan dhukkuba sammuu qaba yookiin balaafamaadha jechuun yoo ta’e; yookiin
(b) Yeroo guyyaa torbaa ol ta’eef yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle ni ta’a.
220
(3) Gochichi kan raawwatame mootummaan, jaarmiyaanaddunyaalessaa, namni dhuunfaa yookiin jaarmiyaan
namummaanseeraa keennameef hojii tokko yoo raawwateyookiin raawwachuurra ofqusate malee lubbuu,
qaama yookiin bilisummaa nama uggurameerratti miidhaa cimaan akka gahu yookiin hidhaan akka itti fufu
dhaadachuun kan ta’e yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabama.
(4) Yakka keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsame kan raawwate hojjetaa yookiin abbaa aangoo
mootummaa yoo ta’e tumaan addaa seerakana keessatti ibsame /keewwata 423/ raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 586. Nama Ugguruu
Namni kamiyyuu humnaan nama birooukkaamsuun kan fudhate yoo ta’e yookiin gochicha kana kan
raawwate doorsisuun, dirqisiisuun, dabaan, gowwoomsuun yookiin haala birookamiiniyyuu hayyama nama
biroo erga argate booda yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.
Keewwata 587. Dubartii Butuu
(1) Namni kamiyyuu dubartii tokko nanfuudha yaada jedhuun humnaan kan bute yoo ta’e, yookiin gocha kana
kan raawwate sodaachisuun, doorsisuun, dabaan yookiin gowwomsuun hayyamamtuu akka taatu erga
taasise booda yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabama.
(2) Gocha butiitti aanee raawwataan yakkichaa dubartitti dirqisiisee kan gudeeda yoo ta’e, bu’uura tumaa seera
kanaan waa’ee dirqisiisanii gudeeduu ilaalchisee tumameen dabalataan ni adabama.
(3) Gochicha butiitti aanee isa buteefi ishii butamte gidduutti raawwatamuun fudhaafi heeruma
ittigaafatamummaa yakkaa hin hambisu.
(4) Miidhamtittiin gochicha butiitiin miidhaa samuufi qabatamaa (material) ishiirraa ga’eef bu’uura tumaalee
seera hariiroo hawaasaa rogummaa qabaniin mirgi beenyaa gaafachuu ishii kan eegamedha.
221
Keewwata 588. Dubartii Dhukkubsattu Sammuu Yookiin Ofirraa Ittisuuf Humna Hin Qabne Butuu
Namni kamiyyuu dubartii maraatte, hir’ina yookiin qummuuna sammuu (retarded), ofwallaalte yookiin
ofirraa ittisuu yookiin miidhaa of irraa faccisuu kan hin dandeenye yookiin ofirraa ittisuu akka hin
dandeenye kan taasifamte haala ishii osoo beekuu ittiyaadee kan bute yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhashanii gahuun ni adabama.
Keewwata 589. Ijoollee Gaa’ila Hin Geenye Butuu
(1) Namni kamiyyuu ijoollee gaa’ila hingeenye humnaan ukkamsee kan fudhate yoo ta’e; yookiin
gochicha kana kan raawwate doorsisuun, dirqisiisuun, dabaan, gowwoomsuun yookiin haala
birookamiiniyyuu hayyama ijoollee erga argatee booda yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uun ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu ijoollee gaa’ila hin geenye maraatuu, hir’ina yookiin qummuunasammuu qabu,
ofwallaale yookiin ofirraa ittisuu yookiin miidhaa ofirraa faccisuu kan hin dandeenye yookiin ofirraa
ittisuu akka hin dandeenye kan taasifame haala isaa osoo beekuu ittiyaadee kan bute yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa digdamaa gahuu danda’uun ni adabama.
(3) Namni kamiyyuu mirga guddisuu yookiin eeguu warraasaa yokkiin bulchaasaa seeraqabeessa ta’e
dhabsiisuuf karoorfachuun ijoolle gaa’ila hin geenye kan fudhate, kan bute yookiin seeraan ala
qabee kan turse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
(4) Balleessichi ijoollee gaa’ila hin geenye guyyaa fudhaterraa kaasee guyyaa soddooma keessatti warra
isaatti yookiin bulchaa isaatti kan deebise yoo ta’eefi keewwata ittiaanuu jalatti haalawwan yakka
cimsan tarreeffaman keessaa tokkollee kan hin jirre yoo ta’e;
adaabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 590. Haalawwan Yakkicha Cimsan
(1) Doorsisni, dirqisiisni, dandeetti murteessuu dhabsiisuun, seeraa ala qabanii tursuun yookiinbutuun
kan raawwatame:
(a) Faayidaa hin malle miidhamtichaarraa argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yookiin
gocha safuu alaaf (debauchery) yookiin sagaagalummaaf yookiin gocha faallaa safuu ta’eef
fayyadamuuf yookiin gochicha kanaaf dabarsanii kennuuf yaaduun; yookiin
(b) Miidhamticha saamuuf yookiin furii (ransom) fudhachuuf yookiin
(c) Haala garjabina addaatiin yoo ta’e; yakkichi kan cimu ta’ee, adabbichis tumaalee armaan
gadiitiin akka ibsametti ta’a.
(2) Yakkichi:
222
(a) Doorsisa yookiin dirqisiisuu/keewwata 580-582/ yommuu ta’u, hidhaa salphaa ji’a sadii hanga
waggaa shanii gahuu danda’u;
(b) Dandeetti murtii dhabsiisuu yookiin seeraan ala qabanii tursuu /keewwata 583 fi 585/
yommuu ta’u; hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen;
(c) Butuu/Keewwata 586 fi 587/ yommuu ta’u; hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa
kudhashanii gahuu danda’uun;
(d) Dubartii dhukkubsattuu sammuu taate yookiin ofirraa ittisuuf human hin qabne butuu
/Keewwata 588/ yommuu ta’u; hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa digdamaa gahuu
danda’uun; yookiin
(e) Ijoollee gaa’ila hin geenye butuu (hatuu) /Keewwata 589/ yommuu ta’u, hidha cimaa waggaa
kudhani hanga waggaa digdamiishanii gahuu danda’uun ni adabsiisa.
Keewwata 591. Daa’ima Waljala Dabarsuufi Daa’ima Kan Ofii Hin Tane Fudhachuu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) Daa’ima tokko daa’imaa birootiin kan jijjire yoo ta’e; yookiin
(b) Daa’imaa ofii hindeenye (hingodhanne) kan kooti jedhee kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 592. Ijoollee Gaa’ilaaf Hingeenye Dhiyeessuu Diduu.
Namni kamiyyuu ijoolle gaa’ila hingeenye akka eegu kan imaanaa fudhate bu’uura seeraatiin yookiin
ajaja yookiin murtii mana murtiin nama yookiin dhaabbata mucicha akka fudhatu mirga isaa ta’eef
dabarsee hinkennu kan jedhe yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tookko hincaalleen yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.
Keewwata 593. Haala Addaa Firooma Ol Lakkaa’aman (Ascendants) Ilaallatu.
Ijoollee gaa’ila hingeenye kan bute/Keewwata 589/ yookiin hindhiyeessu kan jedhe/Keewwata
592/abbaa yookin abbaa dhiigaa yookiin gudifataa yookiin fira dhiigaaol lakkaa’amu kan biroo yoo
ta’eefi kanas kan raawwate yaada eegdummaa isaa mirkaneessuun qofa yookiin miira kabajaa ol’aanaan
kaka’uun yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen yookiin adabbii
maallaqaa qarshii dhibba shan hincaalleen ni adabama.
223
Keewwata 594. Haalawwan Ulfaatoo
Yakki keewwata 592 yookiin keewwata 593 jalatti ibsame kan raawwatame ijoollee gaa’ila hingeenye
fageessee jiraachisuuf yookiin naannoo amantii inni itti amanuuf yookiin mira isaatiif alagaa ta’etti akka
madaqu taasisuuf yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hincaalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan
hincaalle ni ta’a.
Keewwata 595.Sababa Siyaasaan Nama Ugguruu
1.
Namni kamiyyuu sababa siyaasaaf dorsisaan, dabaan, gocha humnaan yookiin dirqisiisuun nama
biroo ugguree lubbuu isaa qaama isaa, yookiin fayyaa isaa yookiin bilisuumaa isaa irratti balaan
akka ga’u taasisuuf:
(a) Abbaa aangoo, waldaa, garee yookiin paartii siyaasaa tokkoof dabarsee kennuuf gara biyya
alaatti akka bahu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) Garee yookiin Paartii siyaasaa biyyaa keessatti argamu tokkoof dabarsee kan kenne yoo ta’e;
yookiin
(c) Biyya keessatti ummata irraa adda ba’ee akka turu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu uggurichakan ajaje yookiin kan gurmeesse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waaggaa digdama hincaalleen ni adabama.
Keewwata 596. Nama Garboomsuu
1.
Namni Kamiyyuu:
(a) Nama biroo dirqisiisee garbummaan kan qabe, kan gurgure, kan dabarse, qabsiisaan kan biroof
dabarsee kenne, kan bite yookiin tooftaa akaakuu kamiiniyyuu kan ittin daldale, bakkaa gara
bakkaatti kan naannesse yookiin humna isaatti kan tajaajilame yoo ta’e; Yookiin
(b) Haala dhokataanis yoo ta’e akka garbaatti nama kan qabe yookiin kan turse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma shantama hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu nama haala armaan olitti ibsameen argamu iddoo ga’umsaa daangaa Itoophiyaa
keessatti yookiin biyya alatti argamu geessisuuf yookiin dabarsee kennuuf karoorfachuun itti
yaadee karaa lafaa, galaanaa, yookiin qilleensaan kan erge, kan geejjibe, naanneessa isaa kan
gaggeesse yookiin kan gargaare yoo ta’e; adabbii armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen
ni adabama.
3.
Yakkichi
kan
raawwatame
daa’imman,
dubartoota,
dhukkubsattoota irratti yoo ta’e;
224
sammuun
kan
dadhaban
yookiin
Adabbichi hidhaa cimaa wagggaa kudhanii hanga waggaa digdamaa gahuu danda’uun
ta’a.
Keewwata 597. Dubartootaafi Ijoolleen Daldaluu
1.
Namni kamiyyuu dubartii yookiin ijoollee gaa’ila hingeenye hojii dirqamaa akka hojjetu /hojjettu/
taasisuuf yaaduun humnaan, doorsisuun, dabaan, gowwomsuun, ugguruun/ukkaamsuun/yookiin
nama dubartitti yookiin ijoollee irratti ittigaafatamummaa qabuuf maallaqa yookiin faayidaa biroo
kennuun miidhamtitti (miidhamticha) kan file, harka isaa kan galche, kan dhokse, iddoo irraa iddootti
kan naanesse, biyyaa kan baase, yookiin gara biyyaatti kan galche yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa ga’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma
shantama hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu miidhamaa keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame daangaa Itoophiyaa keessatti yookiin
biyya alaatti bu’uura kaayyoo keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen itti yaadee karaa
lafaa, galaanaa, yookiin qilleensaan kan erge, kan geejjibe, naanneessicha kan gaggeesse yookiin kan
gargaare yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti keewwata xiqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 598. Karaa Seeraan Alaan Lammiilee Itoophiyaa Hojiif Biyya Alaatti Erguu
1. Namni kamiyyuu osoo eeyyama hinqabaatin yookiin karaa biroo seeraan alaa kamiiniyyuu lammii
Itiyoophiyaa hojiif gara biyya alaatti kan erge yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uufi adabbii maqallaqaa qarshii
kuma digdamii shan hincaalleen ni adabama.
2. Sababa gocha kanaan lammiin Itoophiyaa ergamte sun mirga namoomaa, lubbuu yookiin qaama ishii
irratti miidhaan kan qaqqabe yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa
digdamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalleen ni ta’a.
3. Gochi walfakkaatu lammiilee Itiyoophiyaa dhiira ta’an irratti yommuu raawwatamu tumaaleen
keewwata kanaa raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 599. Yakkoota Mata Duree Kana Keessatti Ibsaman Irratti Hirmaannaa Yakkaa Waldaa
Seeraan Alaafi Jaarmiyaa Namummaan Seeraan Kennameefii
1. Mataduree Kanaan akka tumametti bilisummaa namoota irratti yakki raawwatame; jechuun
doorsisni, dabni, dirqisiisni, dirqamaan qabanii tursiisuun, ugguruun, dirqamaan garboomsuun,
gurgurtaan yookiin naannessuun garbaa, yookiin dubartootaafi ijoolleen daldaluun yookiin karaa
seeraan alaatiin lammiilee Itoophiyaa gara biyyaa alaatti erguun kan raawwatame karaa
kamiiniyyuu garee yookiin waldaa namoota daldaluuf hundeeffameen yoo ta’e; garichi yookiin
waldichi diigamee adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaalleen ni adabama.
225
Adabbiin kun balleessitonni dhuunfaa dhuunfaa isaaniitiin yakka raawwataniif adabbii isaanitti
murtaa’u hin hambisu.
2. Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, akka akaakuuafi
cimina yakkichaan bu’uura seeraa kana keewwata 90 tiin ni adabama.
Keewwata 600. Hir’ina Hordoffii Yookiin Too’annaa
1.
Daangaa caasaa mootummaa keessatti abbaan aangoo daangaa naannoo sadarkaa sadarkaan jiru
bulchu, daangaasaa keessatti naanneessi garbaa akka hinrraawatamne yookiin gochoonni daldala
garbaa waliin wal qabatan akka hinraawwatamne hordofee yookiin too’atee tarkaanfii
barbaachisaa isa irraa eegamu kan hinfudhanne yoo ta’e; akka ulfaatina dubbichaatti keewwata
596-599tti hanga adabbii maallaqaa ol’aanaa tumameen adabamuu ni danda’a.
2.
Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan
hincaalleen ni ta’a.
Boqonna Lama
Yakkoota Mirga Namoota Biroo Irratti Raawwataman
Keewwata 601. Mirga Siviiliitti Bilisaan Fayyadamuu Dhorkuu
1.
.Namni kamiyyuu doorsisuun, gocha humnaan, gowwomsuun yookiin karaa biroo seeraan ala
ta’een:
(a)
Namni biroon mirga siviilii heera mootummaan yookiin seerota biroon kennamaniif keessa
tokko keessumattuu mirga warrummaa yookiin guddistummaa, himachuu yookiin mana
murtiitti dhiyaachuutti akka hinfayyadamne kan dhorke yoo ta’e; yookiin
(b)
Namni biroon mirga kana keessaa tokkotti karaa murtaa’een akka itti fayyadamu kan
dirqisiise yoo ta’e;
Gochichi tumaa biroo ifa ta’een kan adabsiisu yoo ta’e malee hidhaa salphaa waggaa sadii
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Yakkoonni hojii bilisaummataafi siyaasaa tuquu, keessumattuu yakkoonni mirga sagalee kennuufi
filannoo tuquu kan raawwataman yoo ta’e,tumaaleenaddatti dhimma kana ilaallatan raawwatamoo
ni ta’u /Keewwata 467/.
Keewwata 602. Mirga Bilisummaan Socho’uuSarbuu
1.
Namni kamiyyuu seeraan aangoo osoo hinqabaatiin namni biroon Itoophiyaa keessa bilisaan akka hin
naannoofne kan dhorke yoo ta’e;
226
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Balleessichi hojjetaa mootummaa yoo ta’e; tumaa rogummaa qabu kan seera kanaan
tumameen ni
adabama /Keewwata 407/.
Keewwata 603. Mirga Bilisummaa Hojii Sarbuu
1.
Namni Kamiyyuu dorsisuun, gocha humnaan, gowwomsuun yookiin karaa seeraan alaa birootiin nama
biroo:
(a) Hojii yookiin haala hojii murtaa’e tokko akka fudhatu, yookiin hojjechiisaan isaa haalawwan hojii
akka fudhatu yookiin akka fooyyeesu yaaduun hojii akka didu yookiin akka dhaabu kan dirqisiise;
yookiin
(b) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)(a) jalatti kanneen ibsaman raawwachuuf kaayyoo isaa kan
ta’e garee yookiin waldaa tokko keessa akka galu yookiin miseensa garee tokko akka ta’u kan
dirqisise, yookiin garee yookiin waldaa akaakuu akkanaa keessaa akka barbaadetti yookiin yeroo
barbaadetti akka hinbaane kan dhorke yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa ji’a sadii gad hin taneen yookiin adabbii
maallaqaatiin ni adabama.
2.
Doorsissicha yookiin gochicha humanaa namni raawwate yookiin namoonni raawwattan meeshaalee
waraanaa yookiin meeshaalee biroo kan qabatan yoo ta’e, yookiin gochi dhorkuu yookiin dirqisiisuu
gocha namoota baay’ee yoo ta’e, manni murtichaa hidhaa keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame adabbii
maallaqaa waliin ni murteessa.
Keewwata 604. Manneen Dhuunfaa Yookiin Iddoowwan Daangeffaman Sarbuu.
1. Namni kamiyyuu seeraan ala:
(a) Namni jiraataa seera qabeessa ta’e osoo mormuu gara manaa, mooraa, bidiruu yookiin idoo biroo
jireenyaaf tajaajilu kamiyyuu yookiin gara idoo mana isaa yookiin iddoo jireenyaa isaa waliin
walqabateefi daangeffame yookiin iddoo biqiltootaa yookiin gara qabeenya biroo qabiyyee
dhuunfaa ta’e tokko kamiyyuu kan seene yoo ta’e; yookiin
(b) Namni kan keessa hinjiraanee yoo ta’elle gara gamoo, biiroolee, mankuusaa yookiin dallaa/Mooraa/
mana hojii, jaarmiyaa, kubbaaniyaa yookiin waldaa namummaa seeraa qabu tokko osoo
hineeyyamaminiif humnaan kan seene yoo ta’e; yookiin
(c) Jiraataan seera qabeessa ta’e osoo isa hinmormin yookiin isaa hayyamee erga seenee booda akka
ba’u yommuu gaafatu kan hinbaane yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
227
2.Yakkicha kan raawwate gocha akaakuu akkanaa akka raawwatu kan hin hayyamamneef, yookiin yoo
hayyamameefis seera, eeggannoo yookiin sirna hordofuu qabu kan hin hordofne hojjetaa mootummaa
yoo ta’e; tumaan adda/keewwata 422/ raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 605. Haalawwan Yakkicha Cimsan
Yakkichi kan raawwatame:
(a) Meeshaa qabachuun, doorsisuun, yookiin gocha humnaan fayyadamuun yoo ta’e; yookiin
(b) Walta’iinsa tuuta namootaan yoo ta’e; yookiin
(c) Haala biroon seeraan kan hayyamame akkuma eegametti ta’ee, galgala saatii 12:00 hanga ganama
saatii 12: 00tti yeroo jirutti yoo ta’e; yookiin
(d) Hojjetaa yookiin abbaa aangoo mootummaa fakkaatee dhiyaachuun yoo ta’e,
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hincaalle ni ta’a.
Keewwata 606. Mirga Dhuunfaa Walii Barreessuu Yookiin Quunnamuu Sarbuu
(1) Namni Kamiyyuu seeraan osoo hin hayyamamniinif:
(a) Kan isaa kan hintaane quunnamtii hojii mana hojii raawwachiisaa dhimma yookiin kan
dhuunfaa kan ta’e xalayaa saamsame yookiin hin saamsamne yookiin kan waliibarreessuu, kan
telegraamaa, kan bilbilaa (telephone), kan elektironikaa, yookiin kan telekominikeeshinaa
yookiin tooftaa birookamiiniyyuu taasifamu, xalayaa yookiin envelooppii saamsamee yookiin
kan daldalaa yookiin kan dhuunfaa kan ta’e tokko, mi’a saamsame yookiin wanta ergame
kamiyyuu ittiyaadee kan bane yookiin waan keesa jiru kan beeke yoo ta’e; yookiin
(b) Xalayaa yookiin wanta saamsame akaakuu akkanaa kan isaaf hin ergamne dogoggoraan yookiin
dagannoon banuun wantoota tokko tokko erga beekee booda nama biroo kan beeksise yookiin
faayidaa kan irra argate yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin
caalleen yookiin akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu ittiyaadeefi karaa seera ala ta’een xalayaa yookiin mi’a ergamu akaakuu akkanaa
bakka ittiergame akka hin geenye kan addaan kute yookiin kan hambise, bakka biroo akka
dhaqqabu kan taasise yookiin kan barbadeesse yoo ta’e gochichi tumaa adabbii olaanaa
hordofsiisuun kan gaafachiisu yoo ta’e malee iyyannooyakka dhiheessuun hidhaa salphaa ji’a jaha,
hincaalleen ni adabama.
(3) Tumaaleen yakkoota iccitii hojii baasuu hojjettoota mootummaatiin raawwataman, mi’a imaanaan
kenname
irratti
seeraan
ala
ajajuufi
fudhannaafi
miliqsuu
raawwii
raawwatamu/keewwata 396,397,412 fi 413/ ilaallatan akka eegamanittidha.
Mata Duree Sadii
228
hojii
keessatti
Yakkoota Kabajarratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 607. Qajeeltoo
(1) Sadarkaan jireenya hawaasummaa yookiin gonfi balleessichaa yookiin miidhamtichaa maaliyyuu
yoo ta’e, haalawwan tumaalee armaan gadii keessatti ibsaman keessa tokkoon yakkoonni kabaja
yookiin gurra gaarii irratti raawwataman ni adabsiisu.
Yakkoonni kun namoota uumamaa yookiin qaamolee namummaan seeraa kennameef irratti
raawwatamuu ni danda’u. Namoota uumamaa ilaalchiseeyakkoonni kun namoota lubbuun jiran,
du’an yookiin murtiin baduu kan itti murtaa’e irratti raawwatamuu ni danda’u.
(2) Manni murtichaa yakkoota addaddaa kanaaf adabbii kan murteessu ciminaa yakkichaa, haala
miidhamtichaa, ballinaan beekamuu yookiin odeeffamuu yakkichaa tilmaama keessa galchuun ta’a.
Keewwata 608. Tooftaalee Yakkichi Ittiin Raawwatamu
Yakkoonni kallattiin yookiin alkallattiin kabaja yookiin maqaa gaarii miidhuu jechaan, sagaleen,
barreeffamaan, fakkiin, maallattoon, qisuun yookiin sochii qaamaan yookiin karaa birookamiiniyyuu
raawwatamuu ni danda’u. Karaa kamiiniyyuu galmeessisuun, baay’isuun, daddabarsuun, beeksisuun yookiin
ifatti agarsiisuun, bareessuun, karaa alkallattii kamiyyuu kan mul’atuun yookiin kan dhagahamuun tooftaan
yakkichi ittiin raawwatamu yookiin odeeffamu, tooftaa idileefi kallattii yakkichi ittiin raawwatamu waliin
walqixa ilaalama.
Keewwata 609. Qama Namummaan Seeraa KeennameefiinYakkichiYommuu Raawwatamu Adabbii
Murtaa’u
(1) Yakkichi kan raawwatame jaarmiyaa qaamni namummaa seeraan kennameefiin yommuu ta’u,
adabbiin itti murtaa’u adabbii maallaqaa ta’a.
(2) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) n adabbiin qaama namummaan seeraan kennameef
irratti murtaa’u, yakka kana dhuunfaa isaatiin raawwachuun isaa kan itti mirkanaa’e
hojigaggeessaan, daarekteeriin, bulchaan, to’ataan, abbaanaan (agent) bakka bu’aan (proxy) yookiin
miseensi biroo akka hin adabamne hin dhorku.
229
Keewwata 610. Beenyaa
(1) Miidhaa qabatamaa (Material) yookiin hamilee (moral) miidhamticharra ga’eef beenyaa kennamu
mana murtiitiin kan murtaa’u bu’uura tumaalee waliigalaa seera kanaan /keewwata 101/,
ulfaatinaafi hanga miidhaa akkasumas haala balleessichaafi miidhamtichaa tilmaama keessa
galchuun ta’a.
(2) Beenyaa hamilee (moral) mana murtiitiin kan ajajamu keessumattuu murticha, kutaa murtichaa
tokko yookiin kutaa raawwatamaa murtichaa/keewwata 155/beeksisa baasuun (maxxansiisuun)
ummataaf beeksisuun kan raawwatamu yommuu ta’u yaada walfakkaatuun murteessuufi tokkoon
tokkoon dhimmaarratti hanga eegumsaa barbaachisu waliin wal simachuu qaba.
Keewwata 611. Mirga Addaa (Immunity)
Heera Mootummaan kan hundeeffaman miseensonni seera baastuu, seera raawwachiistuu yookiin seera
hiiktuu bu’uura hojii isaaniitiinii fi hojii idilee isaanii yommuu raawwatan akkaataa hojmaataa (form)
isaaniin odeeffannoo yookiin haasawwaan sirrii ta’an keennaniin yookiin taasisaniin kabaja tuqaniiru
jechuun himatamuu hin danda’an.
Keewwata 612. Qeeqawwaniifi Haasawwan Hinadabsiisne.
Akka maqaa balleessuutti yookiin kabaja tuquutti lakkaawamanii kanneen hin adabsiisne:
(a) Kenna uumamaan, sochii hojii ogummaa yookiin hawaasummaa, aartii,hojii yookiin kalaqa
ogbarruu yookiin saayinsawaa irraattiyaadawwan bilchaataayookiin cheephoowwan bu’uura qaban
jecha sirrii ta’ee fi nama hin quuqneen kennaman; yookiin
(b) Wantoonni jedhaman hojicha waliin rogummaa qabaniifi raawwii hojii keessa ta’anii kan
dubbatamanis kabaja tuquuf yaaduun osoo hinta’in, yeroo hojii isaa raawwatutti,keessumattuu
qorannoon, gabaasa gochuun yookiin jecha ragummaa fuudhuun, mana murtii yookiin mana hojii
bulchiinsaatti falmuun,
yeroo tajaajila
odeeffannoo mootummaa
hayyamametti hojjetaa
mootummaan, abukaatoon yookiin dubbifixaan ogeessa addaatiin yookiin ragaa namaatiin,
gaazexessaan yookiin nama birookamiiniyyuu garaa qulqullummaan haasawwan, ibsawwan yookiin
yaadawwan taasifaman yookiin irradaddeebiin dubbatamaniidha.
Boqonnaa Lama
Tumaalee Adda; Kabaja Tuquu
Keewwata 613. Maqaa Balleessuufi Hamii Sobaa
230
(1) Dubbichi dhugaa ta’ee kabaja yookiin maqaa gaarii nama biroo miidhuuf yaaduun namni biroo hojii
akkanaa hojjeteera, wanta akkasii raawwateera, waan badaa akkasii qaba jechuun garee sadaffaatti
kan beeksise yookiin kan ibse namni kamiyyuu;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu maqaa balleessuun hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Namni tokko yakka bu’uura murtiin balleesummaan isaa itti mirkanaa’e yookiin haala seeraan kan
itti adabame yookiin dhiifama yookiin baraarsa kan itti argate tuquun dubbachuun yookiin ibsuun
akka maqaa balleesuutti lakkaawamee bu’uura adabbii armaan olitti ibsameken ni adabsiisa.
(2) Dubbiin odeeffame yookiin ibsame soba ta’uun isaa osoo beekamuu gochichi kan raawwatame yoo
ta’e; iyyannoon dhuunfaa balleessichaarratti yommuu dhihaatu hamii sobaan hidhaa salphaa ji’a
tokkoo gadi hintaaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
(3) Balleessichi yakkicha kan raawwate maqaa gaarii irratti miidhaa olaanaa geesssisuufyaaduun yoo
ta’e; miidhamaan iyyannoo dhuunfaa yommuu dhiheessu, adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi
hintaaneefi adabbii maallaqaa ni ta’a
(4) Dubbiin odeeffame yookiin ibsame soba ta’ee gochichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e,
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin
adabbii maallaqaan ni adabsiisa.
(5) Abbaa aangoo biratti nama sobaan yakkuun yookiin himachuun bu’uura keewwata 447 tiin kan
adabsiisu waan ta’eef yakka maqaa balleessuutiin dabalataan hin adabsiisu.
Keewwata 614. Dhugaafi Fayyidaalee Olaanaa Eeguuf Garaagarummaa Taasifamu
(1) Namni maqaa balleessuun himatame, miidhuuf karoorfadhee hin dubbanne, yookiin kanan
dubbadhe ittiamanuu baadhullee namni biroo kan dubbate yookiin ummanni kan beekudha; yookiin
shakkiin yookiin osoo hinta’in hin hafu jedhee duuchaatti ofirraa ittisuu hin danda’u.
(2) Balleessichi kan dubbate yookiin kan ibse dhugaa ta’ee yookiin dhugaa ta’uusaa beekuuf sababa
gahaa qabaatee yeroo gochicha raawwatu;
(a) Maqaa yookiin kabaja nama biroo balleessuuf yookiin miidhuuf yaada kan hin qabne ta’uu
isaa;yookiin
(b) Faayidaa waliigalaa ummataaf yookiin faayidaa olaanaaf yookiin kaayyoo safuuf (hamileef)
barbaachisaa ta’eef ta’uusaa;
Kan hubachiise yoo ta’e yakka maqaa balleessuun hin adabamu
(3) Raawwatichi kan himatame hamii sobaan yoo ta’e; faayidaa ummataa yookiin faayidaa olaanaa
biroo tuquunhaala kamiiniyyuu adabbii jalaa bahuu hin danda’u.
Keewwata 615. Arrabsoo fi Salphisuu
231
Gochichi bu’uura dambii darbuutiin/keewwata 844/ kan adabsiisuu yoo ta’e malee namni kamiyyuu
miidhamaatti kallattiin dubbachuun yookiin wagiboon, arrabsoon kabaja isaa kan tuqe yookiin maallattoon
yookiin haala birookamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalleen yookiin adabbii
maallaqaa qarshii dhibbaa sadii hincaalleen ni adabama.
Keewwata 616. Kakaasuufi Haaloo Bahuu
(1) Namni arrabsuun yookiin salphisuun himatame gocha isaa kana dhiifamaan akka darbamu kan
taasisu gochi yookiin hojiin kakaasuu isarratti raawwatame nama sadaffaa biroo irrattillee yoo
aggaamame hedduu leeyyaasisaa /Saalfachiisaa/, ciigaasisaa yookiin jibbisiisaa ta’uu danda’uun
kakaafamee yookiin dhiibamee yoo ta’e; manni murtichaa adabbii irratti murteessuu dhiisuu ni
danda’a.
(2) Miidhamtichi arrabsoo yookiin salphisuu isarra ga’eef akaakuu gocha isarratti raawwatameen
battalumatti haaloo kan bahe yoo ta’e, manni mirtichaa akka haala dubbichaatti balleessitoota
lamaan yookiin lamaan isaanii keessaa isa tokko bilisa taasisuu ni danda’a.
Keewwata 617. Jecha Ofiikaasuufi Gaabbuu
(1) Dhimmichi mana murtiitti ilaalamaa yommuu jirutti namni kabaja tuquun himatame gochicha
kanan raawwadhe seeraa ala jechuun gaabbii isaa barreeffamaan yookiin jechaan mana murtichaaf
kan ibse yoo ta’e; manni murtichaa adabbicha salphisuu ni danda’a/Keewwata 179/.
(2) Yommuu kun ta’us, namni dhimmichi ilaallatu dhimma barbaachisaa ta’e hundaaf akka oolchutti,
himatamtichi kanan jedhe kaaseera, balleesseeras jechuun gaabbii isaa kan ibse ta’uusaa kan
agarsiisu barreeffama mirkaneessaa manni murtichaa miidhamaaf kennuu qaba.
Keewwata 618. Haalawwan Addaa Yakkicha Cimsan
(1) Maqaa balleessuun, hamiin sobaa, arrabsoon yookiin salphisuun hojjetaa mootummaa dirqama hojii
isaa raawwachaa jiru irratti yookiin karaa hojii mootummaa isaa waliin walqabateen ittiaadamee
kan raawwatame yoo ta’e; iyyannoon dhuunfaa yommuu dhihaatutti:
(a) Yakkichi arrabsoo yookiin salphisuu yommuu ta’u, hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleefi adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalle;
(b) Yakkichi maqaa balleessuu yommuu ta’u, hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa tokkoo
gahuu danda’uu fi adabbii maallaqaan; yookiin
(c) Yakkichi hamii sobaa yommuu ta’u, hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi adabbii
maallaqaan; yookiin
232
(d) Yakkichi kan raawwatame maqaa gaarii miidhamtichaa irratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuuf
karoorfachuun yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaaneefi adabbii maallaqaan ni
adabama.
(2) Seera kanaan kabaja biyyaa tuquu/Keewwata 244/, mootummaa biyyaa alaafi jaarmiyaalee
mootummoota gidduutti hundeeffaman salphisuu /Keewwata 264 fi 266/, muudamaa loltuu
olaanaa arrabsuu/keewwata 297/ fi mana murtii sarbuu/keewwata 449/ tumaaleen addaa ibsaman
akkuma eegamanittidha.
Keewwata 619. Yakki kabaja Namoota Badan yookiin Du’an Tuqu Yommuu Raawwatamu Haala
Himannaan Itti Dhihaatu
(1) Bu’uura Boqonnaa kanaatiin yakkoota kabaja tuquun adabsiisan keessaa tokko kan raawwatame
nama du’e yookiin baduun isaa mirkanaa’e irratti yoo ta’e; iyyannoo dhuunfaa dhiheessuuf mirga
kan qaban ijoollee isarraa dhalatan yookiin guddifate, haadha warraa isaa, isaan kun kan hinjirree
yoo ta’e, warraa isaa dhiigaa yookiin kan guddifatan, akkasumas Obboleessotaa fi Obboleettota ni
ta’u.
(2) Darbiinsi yeroo himannaa dhiheessuu kabaja dhuunfaa tuquu tumaalee darbiinsa yeroo idileen ni
qajeelfama.
Wantoonni
yaadannoo
kabajaa
nama
miidhamee
tuqaniiru
jedhaman
gara
damee
seenaqabeessuummaa, ogummaa, hogbarruu, yookiin saayinsawaatti kan naanna’an hojjiiwwan
ummataa akaakuu kamiyyuu kan ilaallatan yoo ta’e; gochi yakkisiisu yommuu raawwatametti
du’uun yookiin baduun miidhamaa erga mirkanaa’ee yoo xiqqaate waggaa soddoma erga daarbee
booda iyyannoon dhuunfaa isaa fudhatama hin qabu.
Mata Duree Afur
Yakkoota Amala Gaariifi Maatii /Firoota/ IrrattiRaawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Amala Gaarii Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi QulqullummaaIrratti Raawwataaman
Keewwata 620. Dirqisiisanii Gudeeduu
(1) Namni kamiyyuu gocha humnaa fayyadamuun yookiin doorsisa cimaan yookiin akka of wallaaltu
yookiin karaa birookamiiniyyuu akka ofirraa ittisuu hindandeenye taasisuun,gaa’ilaan ala
dirqisiisee dubartii tookko wajjin saalquunnamtii kan raawwate yoo ta’e;
233
Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhashanii gahuun ni adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame:
(a) Ijoollee durbaa umuriin ishee waggaa kudha sadii ta’ee, waggaa kudha saddeet hin guunnerratti
yommuu ta’u; yookiin
(b) Mana itti sooraman, bakka Koolugaltummaa, iddoo kaddhataa, dhaabbata yaalaa, barnootaa,
amala sirreessaa, bakka hidhaa yookiin turmaataa namoota qabamanii gaggeessuumma,
to’annoo yookiin aangoo balleessichaa jala jiru keessatti kan argamtu yookiin eegumsa yookiin
to’annoo himatamtichaa jalatti kan argamtu yookiin hirkattuu isaa dubartii taaterratti yommuu
ta’u; yookiin
(c) Dheerina umuriin (dullumaan), dhukkuba qaama yookiin sammuutiin, dadhabina yaadaan,
yookiin sababa birookamiiniyyuu maalummaa gochichaa/amala/ yookiin bu’aa gochichi
hordofsiisuu adda baastee beekuuf yookiin ofirraa ittisuuf dubartii hin dandeenye irratti
yommuu ta’u; yookiin
(d) Garajabinaan yookiin gidirsuun/dararuun/ yookiin gamtaa dhiirota baay’inni isaanii tokkoo ol
ta’een yommuu ta’u;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuu danda’u ni ta’a.
(3) Dirqisiisanii gudeeduun miidhaa olaanaa qaamaa yookiin sammuu yookiiin du’a kan hordofsiise
yommuu ta’u; adabbichi hidhaa umurii guutuu ni ta’a.
(4) Dirqisiisanii gudeeduu waliin wal qabatee yakki miidhamtuu seeraan ala qabanii tursuu yookiin
ugguruu (ukkamsuu) raawwatame yookiin miidhamtuun sababa yakkichaan dhukkubni kan ittidarbe yommuu ta’u, tumaaleen seera kanaa rogummaa qaban dabalataan raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 621. Dhiira Tokko Dirqisiisanii Saalquunnamtii Akka Raawwatu Taasisuu
Dubartiin tokko dhiira tokko dirqisistee ishii waliin saalquunnamtii akka raawwatu kan taasiste yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabamti.
Keewwata 622. Kabaja Qulqulluummaa Irratti Gocha Humnaa Raawwatamu
Namni Kamiyyuu nama saalaan faallaa isaa ta’e humnaan, doorsisaa cimaan, yookiin karaa birookamiiniyyuu
mormuu akka hindandeenye erga taasisee booda, gocha saalquunnamtii fakkaatu yookiin gocha akaakuu
kamiyyuu kabaja qulqullummaaf (safuuf) faalla ta’e akka raawwatu Yookiin raawwachuuf tole akka jedhu
kan dirqisiise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen ni
adabama.
234
Keewwata 623. Namoota Sammuu Isaanii Wallaalan Yookiin Sammuun Dadhaboo Ta’an Yookiin
Mormuu Hin Dandeenye Irratti Kabaja Qulqulluummaa(Safuu) Sarbuun Miidhaa Raawwatamu
Namni kamiyyuu dandeetti dhabuu miidhamtichaa osoo beekuu humnaan yookiin doorsisaan osoo hinta’in
nama sammuun
raata’e, sammuun qummuune yookiin dadhabe, maraatuu yookiin sammuun isaa
dammaqina hin qabne yookiin sababa birookamiiniyyuu maalummaa gochichaa yookiin bu’aa gochichi
hordofsiisu adda-baasee beekuu hindandeenye waliin saalquunnamtii kan raawwate yookiin gocha
kanafakkaatu yookiin amala gaariif (Safuuf) faallaa ta’e biroo kan raawwate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen, yookiin hidhaa cimaa waggaa
kudhashan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 624. Namoota Hospitaala Keessa Jiran, Hidhaman Yookiin To’annaa Jala Jiran Irratti
Kabaja Qulqullummaa (Safuu) Sarbuun Miiddhaa Raawwatamu
Namni Kamiyyuu muudama isaa, aangoo yookiin gonfa isaa fayyadamuun mana itti sooramu, buufata
koolugaltootaa yookiin kenniinsa barnoota guddisa gaarii kamiyyuu, Sirreessa amalaa, dhaabbilee yookiin
iddoolee hidhaa yookiin to’annoo gaggeessummaa, to’annoo yookiin aangoo isaa jalatti bulu yookiin
hospitaala keessatti nama argamu waliin saalqunnamtii kan raawwate yookiin gocha kana fakkaatu yookiin
amala gaariif faallaa ta’e biroo kan rawwate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa
tokkoo gadi hintaaneen ni adabama.
Keewwata 625. Rakkoo Olaanaa Yookiin Maxxantummaa Dubartiin Tokko Qabdu Sababa
Godhachuun Gocha Raawwatamu
Haalawwan armaan olitti ibsamaniin ala, namni kamiyyuu rakkoo qabatamaa olaanaa yookiin gadda
sammuu dubartii tokkorraa gahe sababa godhachuun yookiin sababa eegdummaan, barsiisummaan,
bulchummaan,
hojjachiistummaan
yookiin
qunnamtii
kana
fakkaatu
birookamiiniyyuu
aangoo,
ittigaafatamummaa yookiin dandeettii argate fayyadamuun dubartii jedhamte waliin saalqunnamtii kan
raawwate yookiin gocha saalqunnamtii fakkaatu yookiin gohca akkaakuu biroo kabaja qulqullummaaf
(safuuf) faallaa ta’e kan raawwate yoo ta’e; Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaan
ni adabama.
Keewwata
626. Ijoollee Umuriin Isaanii Waggaa Kudha Sadii Ta’eefi Waggaa Kudha Saddeet
Hinguunne irratti Miidhaa Saalqunnamtii Raawwatamu
(1) Namni kamiyyuu ijoollee umuriin ishee waggaa kudha sadiiyii ol ta’ee, waggaa kudha saddeet hin guunne,
saala faallaa qabdu ,waliin saalqunnamtii kan raawwate yookiin shamarreen kun gocha akkakuu akkanaa
isa waliin akka raawwattu kan taasise yoo ta’e;
235
Hidhaa cimaa waggaa sadiiyii hanga waggaa kudha shan gahuu danda’uun ni adabama.
(2) Dubartiin tokko dardaraumuriin isaa waggaa kudha sadii ta’ee waggaa kudha saddeet hin guunne ishee
waliin saalqunnamtii akka raawwatu kan taasifte yoo ta’e;
Hidhaa cimaa hanga waggaa torbaa gahuu danda’uun ni adabamti.
(3) Namni kamiyyuu dardara isa waliin saala faalla ta’e qabuufi umuriin isaa waggaa kudha sadii ta’ee, waggaa
kudha saddeet hin guunne irratti gocha saalqunnamtii fakkaatu yookiin gocha akaakuu biroo kabaja
ulfinaaf (safuuf) faallaa ta’e kamiiyyuu kan raawwate yookiin dardarri kun gocha akaakuu akkanaa akka
raawwatu kan kakaase yookiin ittiyaadee gocha akaakuu akkanaa dardara kana iratti kan raawwate yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadiiyii gadi hin taaneen yookiin hidhaa cimaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni
adabama.
(4) Miidhamaan barataa, barataa barumsa shaakala ogummaa, hojjettuu/hojjetaa/manaa balleessichaa,
yookiin dardara balleessichi guddifatummaan guddisu yookiin akka eegu yookiin akka kunuunsu amaanaan
itti kenname yookiin karaa birookamiiniyyuu kallattiin hirkattummaa isaa yookiin to’annoo isaa jalatti kan
argamu yoo ta’e;
(a) Keewwata xiqqaa (1) jalatti yakka ibsameilaalchisee adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga
waggaa digdamaa gahuu danda’u ni ta’a.
(b) Keewwata xiqqaa (2) jalatti yakka ibsame ilaalchisee, adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadiiyii hanga
waaggaa kudhanii gahuu danda’u ni ta’a.
(c) Keewwata xiqqaa (3) jalatti yakka ibsame ilaalchisee, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba
hincaalle ni ta’a.
(5) Yakkichi miidhamaa irratti miidhaa qaamaa yookiin sammuu ulfaataa yookiin du’a kan hordofsiise yoo ta’e;
tumaan seera kanaa rogummaa qabu dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 627 Daa’imman Irratti Miidhaa Saalquunnamtii Raawwatamu
1.
Namni Kamiyyuu Shamarree isa waliin saala faallaa qabdu, umuriin ishee waggaa kudha sadii hinguunne
waliin saalquunnamtii kan raawwate, yookiin shamarreen kun gocha akaakuu akkanaa isa waliin akka
raawwattu kan taasise yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Dubartiin tokko dardara umuriin isaa waggaa kudha sadii hinguunne ishee waliin saalqunnamtii akka
raawwatu kan taasifte yoo ta’e;
hidhaa cimaa Waggaa Kudhan hin caalleen ni adabamti.
3.
Namni kamiyyuu dardara isa waliin saala faallaa qabuufi umuriin isaa waggaa kudha sadii hinguunne
irratti gocha saalqunnamtii fakkaatu yookiin kabaja qulqullummaaf/Safuuf/ faallaa ta’e gocha akaakuu
biroo kamiiniyyuu kan raawwate yookiin dardarri kun gocha akaakuu akkanaa akka raawwatu kan
kakaase yookiin itti yaadee dardara kana biratti gocha akaakuu akkanaa kan raawwate yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
236
(4)Miidhamtichi barataa, barataa barumsaa shaakala ogummaa, hojjettuu manaa
balleessichaa, yookiin nama balleessichi guddistummaan guddisuu yookiin eegu yookiin
akka kunuunsu nama amaanaadhaan Itti kenname, yookiin karaa biroo kamiiniyyuu
kallattiin maxxantummaa yookiin too’annaa isaa jalatti nama argamu yoo ta’e:
(a) Keewwata xiqqaa (1) jalatti yakka ibsame ilaalchisee, yakkichi nama biroodhaan yeroo
raawwatamu irra caalaatti nama akkanaa irratti adabbichi ni cima.
(b) Keewwata xiqqaa (2) jlatti yakka ibsame ilaalchisee, adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadiiyii
hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’u ni ta’a
(c) Keewwata xiqqaa (3) jalatti yakka ibsame ilaalchisee, adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii
hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’u ta’a.
(5)Gochichi miidhamaa irratti miidhaa qaamaa yookiin sammuu ulfaataa yookiin du’a kan
hordofsiise yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu ni ta’a.
Keewwata 628. Sababoota Biroo Yakkicha Cimsan
Miidhaa dirqisiisanii guddeeduu yookiin saalquunnamtii kan ilaallatu yakki biroo kamiyyuu yommuu
raawwatamu (keewwata 620-627), tumaan rogummaa qabu adabbii ol’aanaa yoo kaa’e malee hidhaa cimaa
waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuun kan adabsiisu:
(a) Midhamtittiin kan ulfoofte yoo ta’e; yookiin
(b) Dhukkuba nafsaalaatiin qabamuu isaa osoo beekuu miidhamtuu/miidhamaa/dhukkubicha kan
qabsiise yoo ta’e; yookiin
(c) Miidhamtuun/miidhamaan/ gadda ulfaataa yookiin dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu
isarra/isheerra gaheen kan ka’e of kan ajjeefte/ajjeese yoo ta’eedha.
Kutaa Lama
Saalquunnaamtii Amala Uumamaaf/Safuuf/Faallaa Ta’e.
Keewwata 629. Middisa (Homosexua) Fi Gochoota Biroo Kabaja Qulqulloomaaf/Safuuf/Faallaa Ta’an
Namni kamiyyuu nama biroo isa waliin saala walfakkaatu qabu waliin miiddisa yookiin gocha biroo kabaja
qulqulluummaaf/Safuuf/yookiin amala gaariif faallaa ta’e kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaadhaan ni adabama.
237
Keewwata 630. Haalawwan Waliigalaa Yakkicha Cimsan
1.Balleessichi:
(a) Rakkina maallaqaa yookiin gadda sammuu nama biroo yookiin bulchaa, guddistuu, eegduu, barsiisaa
hojjechiisaa, Yookiin mindeessaa nama kanaa ta’uudhaan itti gaafatamummaa, aangoo, yookiin
dandeetti argate yookiin quunnamtii biroo kana fakkaatu isaan gidduu jirutti seeraan ala
fayyadamuun gocha armaan olitti keewwata 629 jalatti ibsame kan irratti raawwate yookiin namni
kun isa waliin gocha akaakuu akkanaa akka raawwatu kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) Bu’uura seera kana/Keewwata 92/jalatti ibsameen gochicha ogummaa isaa taasifatee kan qabate yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin haalli ulfaataan yommuu mudatu hidhaa cimaa
waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
2.
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhashanii gahuu danda’u
kan ta’u:
(a) Balleessichi humnaan, doorsisaan yookiin dirqisiisuun, dabaan yookiin gowwomsuun kan fayyadame
yookiin of irraa ittisuu dadhabuu, humna dhabuu, yookiin qummuuna/ of wallaaluu miidhamtichaatti
garmalee kan fayyadame; yookiin
(b) Balleessichi miidhamticha (Miidhamtitti) kan darare yookiin gocha garajabinaa kan irratti raawwate,
yookiin dhukkuba nafsaalaa akka qabu beeku kan itti dabarse yoo ta’e; yookiin
(c) Miidhamtichi (miidhamtittiin) dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu irraa kan ka’een kan of
ajjeese (ajjeeste) yoo ta’eedha.
Keewwata 631. Miidhaa Middisaafi Gocha Biroo Kabaja Qulqullummaaf (Safuuf) Faallaa Ta’e Ijoollee
Gaa’ila Hingeenye Irratti Raawwatamu
1.
Namni Kamiyyuu dardara isawaliin Saalla akaakuu tokko qabuufi gaa’ila
hingeenye irratti miidhaa middisaa kan raawwate yoo ta’e;
(a) Umuriin miidhamtichaa waggaa kudh sadii ta’ee waggaa kudha saddeet kan hinguutne yommuu ta’u,
hidhaa cimaa waggaa sadiiyii hanga waggaa kudha shanii gahuun;
(b) Umuriin miidhamichaa waggaa kudha sadiiyii gadi yommuu ta’u, hidhaa cimaa waggaa kudha shanii
hanga waggaa digdamii shanii, ni adabama.
2.Dubartiin tokko shamarree gaa’ila hingeenye irratti miidhaa middisaa kan raawwatee
yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabamti.
238
3.
Namni kamiyyuu dardara isa waliin saala akaakuu tokko qabuufi gaa’ila hingeenye
irratti gocha kabaja qulquullummaaf (safuuf) faallaa ta’e akaakuu biroo
kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.
4.
Miidhamtichi barataa, barataa barumsa shakala barumsa ogummaa, hojjetaa
manaa balleessichaa, yookiin dardara balleessichi guddistummaan guddisu yookiin
dardara akka eegu yookiin akka kunuunsu itti kenname, yookiin karaa biroo
kamiiniyyuu kallattiin dardara maxxantummaa isaa yookiin too’annaa isaa jalatti
argamu yoo ta’e:
(a) Tumaa keewwata xiqqaa (1) ilaalchisee, yakkichi nama biroon yeroo raawwatamu irra caalaa
nama akaakuu akkanaa irratti adabbichi ni cima.
(b) Tumaa keewwata xiqaa (2) ilaalchisee adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadiiyii hanga waggaa
kudhanii gahuu danda’u ni ta’a.
(c) Tumaa keewwata xiqqaa (3) ilaalchisee adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaane ni ta’a.
(d) Gochichi miidhamticha irratti du’a yookiin miidhaa qaamaayookiin sammuu cimaa hordofsiiseera yoo ta’e,
yookiin miidhamtichi (miidhamtittiin) dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu irraa kan ka’een of kan
ajjeese ( ajjeefte) yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu ni ta’a
Keewwata 632. Miidhaa Kabaja Qulqullummaa (Safuu) Ijoollee Gaa’ila Hingeenyee Irratti
Raawwatamu keessatti Hirmaannaa Jaarmiyaan i Namummaan Seeraa Kennameef Qabu.
Itti gaafatamaan, hojjetaan, yookiin namni biroo kamiyyuu ijoollee gaa’ila hin geenye guddisuuf, barsiisuuf,
leenjisuuf yookiin karaa biroo kamiiniyyuu kunuunsuuf jarmiyaa hundeeffamee ijoollee jarmiyaa akaakuu
akkanaa keessatti argamu irratti, seera kana keewwata 626-628 fi keewwata 631 jalatti gochoota ibsaman
keessaa tokko kan raawwate yommuu ta’uufi hojmaanni yookiin bulchiinsi jaarmiyichaa raawwii yakkichaaf
haala mijaa’aa kan uume yoo ta’e; yookiin gochichi kan raawwatame jaarmiyichi eegumsa gahaa gochuu
dhabuu isaatiin yoo ta’e;
akka akaakuufi cimina yakkichaatti bu’uura seera kana keewwata 90 tiin ni adabama.
Keewwata 633. Beelladoota Irratti Saalquunnamtii Raawwachuu
Namni Kamiyyuu beelladoota irratti saalquunnamtii kan raawwate yoo ta’e;
hidhaa salphaadhaan ni adabama.
Kutaa Sadii
239
Naamusawwan Badaa KanneenBirootiin Fayyadamuu
Keewwata 634. Gocha Sagaagalummaa Nama BiroottiYeroo Hundaa Fayyadama Taa’uu
Namni kamiyyuu faayidaa argachuuf jedhee, gocha sagaagalummaa nama biroo itti fayyadama isaa yeroo
hundaa taasifatee kan qabate, nama biroo gocha sagaagalummaf kan dhiyeesse yookiin mijeesse, mana isaa
guutummaan yookiin gartokkeen gocha kanaaf kan oolche, yookiin kan kireesse yookiin karaa biroo
kamiiniyyuu gocha sagaagalummaa nama biroo itti fayyadama yeroo hundaa taasisee kan qabate yoo ta’e;
hidhaa salphaa fi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 635. Dubartootaafi Ijoollee Gaa’ila Hingeenye Sagaagalummaaf Mijeessuun Daldaluu
Namni kamiyyuu faayidaaf jedhee yookiin fedhii saalquunnamtii nama birooguutuuf:
(a) Fedhii isaaniitiin ta’uyyuu, dubartoonni yookiin ijoolleen gaa’ila hingeenye sagaagalummaa irratti
akka bobba’an kakaasuun, sossobuun, dhiyeessuun yookiin tooftaa kamiiniyyuu jaajjabeessuun
yookiin mijeessuun kan daldale yookiin iddoo irraa iddootti kan naannesse; yookiin
(b) Nama
jedhame sagagalummaaf dhiyeessuuf mana sagaagaltummaa kan kaa’e yoo ta’e;
keessumattuu gochi seeraan ala dirqamaan qabanii kaa’uu waliin yommuu raawwatamu
raawwatamummaan tumaalee adabbii cimaa akkuma eegametti ta’ee;
Hidhaa cimaa waggawa shan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 636. Haalawwan Yakkicha Cimsanu
Ogummaa jedhamee kan qabatame hojiin namoota sagaagalummaaf dhiyeessuu yookiin idoo irraa iddootti
naannessuu:
(a) Miidhamtichi gaa’ilaaf kan hingeenye yoo ta’e; yookiin
(b) Miidhamtichi haadha manaa yookiin toora dhalootaa gadi lakkaa’aman, ijoollee guddifataa, ijoollee
haadha manaa, oboleessa yookiin obboleetti yakkamtichaa, ijoollee inni guddistummaan eegu
yookiin sababa kamiiniyyuu akka inni eegu yookiin kunuunsu amaanaan kan itti kenname yoo ta’e;
yookiin
(c) Yakkamtichi gochicha kan raawwate rakkina maallaqaa yookiin gadda sammuu miidhamtichaa
yookiin
aangoo
eegdummaa,
hojjechiistummaa,
barsiisummaa,
kireessitummaa
yookiin
liqeessitummaa yookiin kan kana fakkaatu biroo nama kanarratti qabu sababa taasisuun yoo ta’e;
yookiin
(d) Yakkamtichi dabaan, gowwoomsuun, humnaan, doorsisuun yookiin dirqisiisuun kan fayyadame
yookiin aangoo miidhamticharratti qabutti seeraan ala tajaajilamuun yoo ta’e; yookiin
240
(e) Miidhamtichi nama sagaagalummaaf haala mijeessuu hojii ogummaa isaa taasisee qabatetti
dabarfamee kan kenname yoo ta’e; yookiin gara biyya alaatti geeffamee yookiin oduun, teessoon
yookiin iddoon jireenya isaa beekamuu kan hindandeenye yoo ta’e; yookiin
(f) Miidhamtichi leeyyoon, dhiphinaan yookiin abdii kutuu irra kan ka’een of ajjeesuuf kan kaka’e yoo
ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadiiyii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uu fi adabbii
maallaqaa qarshii kuma digdama hin caalee ni ta’a.
Keewwata 637. Dubartootaafi Ijoollee Gaa’ilaaf Hingeenye Sagaagalummaaf Dhiyeessuuf Qophilee
Taasifamanu
Namni Kamiyyuu dubartoota Yookiin Ijoollee gaa’ilaaf hingeenye hojii sagaagalummaaf akka oolan
dhiyeessuuf yookiin iddoo irra iddootti naanneessuuf qophiilee kan taasise yookiin haalawwan kan mijeesse
yoo ta’e;
adabbii salphaan, yookiin akka haala dubbichaatti, keessumattu hirmaannaa nama sagaagalummaaf haala
mijeessuu hojii ogummaa isaa taasisee kan qabate yoo ta’e yookiin qophileen guutummaan guutuutti kan
xumuramanii fi miidhamtoota hedduu irratti raawwatamuuf kan karoorfaman yoo ta’e; hidhaa cimaa
waggaa sadii hincaalleefi badichi cimaa yommuu ta’u adabbii maallaqaa qarshii dhibba shanii gadi
hintaaneen ni adabama.
Keewwata 638. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa Kennameefii
Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef yakkoota kutaa kana keessatti tumaman keessatti hirmaataa
yoo ta’e; akka akaakuu yakkichaafi akka haala dubbichaatti bu’uura seera kana keewwata 90(3) tiin ni
adabama.
Kutaa Afur
Yakkoota Amala Gaariirratti Raawwataman
Keewwata 639. Hojii Addaggummaafi Leeyyaasisaa Naamusa Gaariifi Amala Gaariif Faallaa Ta’e
Iddoo Ifa Ta’etti Raawwachuu
1.
Namni Kamiyyuu itti yaadee iddoo uummanni yeroo baay’ee itti argamutti yookiin ummata duratti gocha
saalquunnamtii, yookiin amala gaariif yookiin naamusa gaariif gonkumaa faallaa ta’e, gocha ciigaasisaa
biroo Kamiyyuu kan raawwate Yookiin haalaan kan agarsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadiiyii hanga waggaa tokkoogahuun, yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko
hincaalleen ni adabama.
241
2.
Balleessichi gochicha ijoollee gaa’ila hingeenye duratti kan raawwate yoo ta’e;
adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 640. Wantoota Ciigaasisoo Yookiin Salphisoo Yookiin Amala Gaariif Faallaa Ta’an
Ummataaf Ibsuu.
1.
Namni Kamiyyuu:
a) Barreeffamoota, fakkiilee, ibsoota fakkiin ibsamanu/Posters/, fiilmota yookiin wantoota biroo
ciigaasisoo yookiin amala gaariif faallaa ta’an kan qopheesse, gara biyya keessatti kan galche
yookiin gara biyya alaatti kan erge, kan geejjibe, kan fuudhe, kan qabate, uummatatti kan agarsiise,
gurgurtaaf yookiin kiraaf kan dhiyeesse, kan raabse, kan tamsaase yookiin karaa biroo
kamiiniyyuu iddoo irra iddootti kan nanaaneesse yookiin wantoota kanaan kan daldale; yookiin
b) Wantoonni kun akkamitti yookiin eenyurraa argamuu yookiin nanaanna’uu, tamsa’uu akka
danda’an mala kamiiniyyuu kallaattiinis ta’e alkallattiin kan beeksise, kan agarsiise yookiin akka
beekamu kan taasise yoo ta’e; wantoonni inni ittiin himatame dhaalamuun isaanii yookiin akka
balleeffaman (maqfaman) taasifamuun isaanii osoo hin hafin hidhaa salphaa ji’a jahaa gadii
hintaanee fi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2. Yakkamtichi:
a) daldala akaakuu akkanaa ogummaa isaa godhatee kan qabate yookiin kan irratti bobba’e;
b) Wantoota akkanaa ijoollee gaa’ila hingeenyetti itti yaadee kan agarsiise, kan kenne yookiin
dabarsee kan kenne yoo ta’e; yookiin
c) Kaayyuma kanaaf jecha ijoolleen gaa’ila hingeenye saalquunnamtii kan raawwatan fakkeessuun
kan agarsiise yookiin nafsaalli isaanii akka mul’atu kan taasise yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalle
ni ta’a.
Keewwata 641. Wantoota Ciigaasisoo Yookiin Amala Gaariif Faallaa Ta’an Agarsiisuu
Namni kamiyyuu wantoota ciigaasisoo yookiin amala gaariif faallaa ta’an tiyaatiraan, siniimaadhaan,
fiilmoota sosocho’aniin raadiyoodhaan, viidiyoodhaan, televizyiiniin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu akka
darbu kan gurmeesse, ummata kan dhageessise yookiin akka mul’atu kan taasise yoo ta’e;
adabbiileen keewwata armaan olitiintumaman isarratti ni raawwatamu
Keewwata 642. Hojiilee Hayyamaman
242
Saalquunnamtii yookiin fedhii saalquunnamtii kakaasuuf kan hinyaadamne, hojiileen amalaa isaanii
hundaan kan ogummaa, kan hogbarruu yookiin sayinsaawaa ta’an akka gochoota ciigaasisaa yookiin amala
gaariif faallaa ta’anii lakkaa’amuu hin danda’an.
Keewwata 643. Ibsootaafi Beeksisoota Amala Gaariif Faallaa Ta’an
1.
Namni Kamiyyuu wantoota, oomishoota yookiin hojiilee amala gaariif faallaa yookiin gocha
qulqullummaatiin ala ta’an agarsiisa ummataaf kan dhiyeesse yoo ta’e;
hidhaa salphaa ji’a tokko gad hintaaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu wantootuma kana gara namoota hingaafannee yookiin isaanumarratti fedhii ogummaa
hinqabneetti mala kamiiniyyuu kan erge yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hincaalleen yookiin
hidha salphaan ni adabama.
Keewwata 644. Ijoollee Gaa’ila Hingeenye Hojiilee Balaarra Buusan Irraa Eeguu
Namni kamiyyuu faayidaaf yookiin miira Kakaasuuf jecha:
a) Fedhii saalquunnamtiiuumamaa ijoollee gaa’ila hingeenyee garmalee kakaasuuf, balleessuuf yookiin
dogongorsuuf yookiin ijoollee gaa’ila hin geenye irratti yaada garajabeenyaa yookiin ajjeestummaa
yookiin farra hawaasummaa kan ta’an yookiin jireenyawarrummaa kan raasangarmalee kakaasuuf,
dadammaqsuuf yookiin keessatti uummuuf kan danda’an barreeffamoota, fakkiiwwan yookiin
wantoota foddaa mana daldalaatiin, iddoo miini daldalaa itti agarsiifamutti yookiin bakka
biroohaalaummatatti mul’achuu danda’u kamiiniyyuu kaa’uun vidiyoon yookiin mala biroo
kamiiniyyuu akka mul’atu kan taasise yoo ta’e;
b) Wantoota fakkiiwwan yookiin barreefamoota akkanaa osoo beekuu ijoollee gaa’ila hin geenyeef kan
dhiyeesse, kan ergise, kan kenne yookiin kan itti gurgure yoo ta’e;
barbaachisaa yaamuu ta’u dhaalamuun mi’ichaa osoo hinhafin hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga
waggaa sadii gahuufi adabbi maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 645. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa Kennameefii
Jaarimiyaan namummaan seeraa kennameef yakkoota kutaa kana keessatti tumaman irratti hirmaataa yoo
ta’e; akka akaakuu yakkichaafi akka haala dubbichaatti bu’uura seera kana keewwata 90(3) tiin ni adabama.
243
Boqonnaa Lama
Yakkoota Maatii Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Sirna Fuudhaa Fi Eerumaa Irratti Raawwatamanu
Keewwata 646. Fuudhaafi Eeruma Dabaan Yookiin Gowwomsuun Raawwachuu
1.
Namni kamiyyuu fuudhaafi eeruma yommuu raawwatu yookiin raawwachuuf jecha fuudhaafi eerumicha
diiguuf yookiin akka ragga’u taasisuuf kan dandeessisan sababoota seeraan tumaman keessaa tokko kan
guutu ijoo dubbi ittiyaadee kan fuudhaafi eeruma waliin raawwatu kan dhokse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa lamaa hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen ni
adabama.
2.
Namni kamiyyuu itti yaadee eenyummaa isaa ilaalchisee nama biroo dhoksuun, dogongorsuun,
waliindha’uun yookiin gowwoomsuun fuudhaafi eeruma kan raawwate yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii
msaallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 647. Fuudhaafi Eeruma Seeraan Dhorkame Raawwachiisuu Yookiin Raawwachuu
1.
Namni kamiyyuu fuudhaafi eeruma seeraan dhorkame itti yaadee kan raawwachiise yoo ta’e;
hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen ni
adabama.
2.
Fuudhaafi eeruma seeraan dhorkame itti yaadee namni raawwate, namni hayyame yookiin namni fudhaafi
eeruma akaakuu kanaatiif ragaa ta’e adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni
adabama.
3.
Gochi keewwata Xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e hidha salphaa ji’a sadii
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabsiisa.
Keewwata 648. Fuudhaa Fi Eeruma Umurii Malee
Seera maatii rogummaa qabuun kan hayyamameen ala namni kamiyyuu itti yaadee shamarree gaa’ila
hingeenye kan fuudhe yoo ta’e:
244
(a) Umurii miidhamtitti waggaa kudha sadii Yookiin isaa ol yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa sadii
hincaalleen; yookiin
(b) Umuriin miidhamtittii waggaa kudhasadii gad yommuu ta’u hidha cimaa waggaa torba hin caalleen
ni adabsiisa.
Keewwata 649. Fuudhaafi Eeruma seeraan Alaa Raawwachuufi Raawwachiisuun Haala Yakkaan Itti
Gaafachiisu
Fuudhaafi eerumichi kan diigame yoo ta’e malee yakka keewwata 646 yookiin 647 jalatti ibsame irratti
himannaan dhiyaachuu hindanda’uu.
Keewwata 650. Fuudhaafi Eeruma Irratti Fuudhaafi Eeruma Raawwachuu
1.
Namni kamiyyuu fuudhaafi eeruma seeraan ragga’ee duraan jiru osoo qabuu fuudhaafi eerumni kun
digamuu yookiin haqamuu isaatiin dura fuudhaafi eeruma biroo kan raawate yoo ta’e;
hidhaa salphaan; yookiin dubbichi ulfaataa yoommuu ta’u keessumattuu balleessichi haala dhugaa ofiisaa
dhoksuun nama fuudhaafi eeruma lammaffaa isa waliin raawwate beekaa kan dogoggorse yoo ta’e; hidhaa
cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
2.
Namni hinfuune kamiyyuu namni biroon fuudhaafi eeruma ragga’e qabaachuu isaa osoo beekuu nama kana
waliin fuudhdaafi eeruma kan raawwate yoo ta’e;
hidhaa salphaan ni adabama.
3.
Fuudhaafi Erumaa lamaan keessaa tokko hanga diigamutti yookiin haqamutti lakkaa’amuun darbiinsa
yeroo himannaa yakkichaa dhorkamee ni tura.
Keewwata 651. Haala Addaa
Fuudhaafi eeruma irratti fuudhiifi eerumni kan raawwatame bu’uura fuudhaafi eeruma seera rogummaa
qabuun haala addaatiin sirnoota amantii yookiin aadaa irratti hundaa’anii raawwataman beekamtiin
kennameefiin yoo ta’e;
adabbiin armaan olitti ibsame raawwatamaa hin ta’u.
Keewwata 652. Sagaagalummaa
1.
Namni gaa’ila qabu tokko fuudhaafi eeruma bu’uura seera hariiroo hawaasaan ragga’e osoo qabatee jiruu
nama biroo waliin saalquunamtii kan raawwatee yoo ta’e;
245
Iyyannoo dhuunfaa walfuutoota keessa inni miidhamee dhiyeeffatuun, hidhaa salphaan yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.Osoo beekuu nama fuudhaafi eeruma seeraqabeessa ta’e
qabu waliin nama
sagaagalummaa raawwate irrattis adabbiin kun raawwatamaa ni ta’a
Iyyataan gochichi sagaagalummaa akka raawwatamu kan jajjabeesse yookiin kan irratti waliigale yookiin
dhiifama kan taasiseef yookiin gochuma kana irraa faayidaa kan argate yoo ta’e; namni balleesse sun
yakkaan gaafatamaa hin ta’u
2.
Gochi sagaagalummichaa kan rawwatame abbaan warraafi haati warraa sababa lola isaan gidduutti
uumameen waliin jiraachuun isaanii waggaa tokko ol yeroo ta’uuf hafee yommuu turetti yoo ta’e; manni
murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbii salphisuufi ni danda’a
3.
Balleessichi osoo wal hinhiikin yookiin walfuutota keessa tokko dhiisee osoo hindeemin mana jireenyaa isaa
keessa sanyoo kan ke’ate yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadiii gad hintaane ni ta’a.
Keewwata 653. Du’uu Iyyatichaa
Miidhamtichi iyyannoo dhuunfaa osoo hindhiyeeffatin yoo du’e, balleessichi yakkaan hingaafatamu.
Miidhamtichi iyyannoo dhuunfaa erga dhiyeeffatee booda balleessicha irratti himannaan dhiyaatee adabbiin
hidhaa kan itti murtaa’e yoo ta’e; miidhamtichi yoo du’es yoo du’uu baates haallawwan naannoo,
keessumattuu balleessichi itti gaafatamummaa maatii bulchuu yookiin deggaruu kan qabu ta’uun isaa
murtichaaf sababa gahaa ta’ee yoo argame;manni murtichaa sababicha ibsuun adabbichi akka hafuuf ajajuu
ni danda’a.
Kutaa Lama
Yakka Saalqunnamtii Firoota Gidduutti Raawwatamu
Keewwata 654. Saalquunnamtii Firoota Gidduutti Raawwatamu
Saalquunnamtiin namoota fuudhaafi eerumni isaanii sababa firooma dhiigaan seera rogummaa qabuun
dhorkamee gidduutti itti yaadamee raawwatamu; adabbiin aangoo maatii irraa mulquu akkuma eegametti
ta’ee; akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaa ji’a sadii gad hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa sadii
hincaalleen ni adabsiisa.
Keewwata 655. Gocha Addaggummaa Amala Gaariif Faallaa Ta’e Firoota Gidduutti Raawwatamu
Gochi Saalquunnamtii fakkaatu yookiin kabaja qulqulloomaaf (safuuf) faallaa ta’e biroon namoota firooma
dhiigaa qaban gidduutti raawwatamu hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaaneen ni adabsiisa.
Kutaa Sadii
246
Galmee Kabajaa Irratti Fi Dirqamoota Maatii Darbuun YakkootaRaawwatamanu
Keewwata 656. Dhaloota Yookiin Gatamee Argamuu Daa’imaa Beeksisuu Dhabuu
1.
Bu’uura seerri ajajuun dhalachuu daa’ima tokko itti gaafatamaa galmee kabajaatti namni hinbeeksisne
kamiyyuu; adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hincaaalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a tokko
hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu daa’ima gatame argee abbaa aangoo dhimmichi ilaallatutti osoo hin beeksisin kan hafe
yoo ta’e;
adabbii keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 657.Galmee Kabajaa Sobatti Jijjiiruu, Daa’ima Fakkeessanii Dhiyeessuu Yookiin Jijjiiruu
1.
Namni kamiyyuu ijoo dubbii galmee kabajaa nama biroo irratti galmaa’uu qabu kamiyyuu kan dhokse
yookiin gara sobaatti kan jijjire, keessumattuu eenyummaa yookiin dhaloota daa’ima tokkoo ilaalchisee itti
yaadee ibsa sobaa kan galmeesse yookiin kan galmeessise yoo ta’e;
hidhaa salphaadhaan ni adabama.
2.
Yakkichi bu’aa ulfaataa dursee beekamuu danda’u ture kan hordofsiise yookiin hordofsiisuu danda’u ta’ee,
keessumattuu bu’aa gochii daa’ima wal jala jijjiranii galmeessisuu hordofsiisu kan ilaallatu yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabsiisa.
Keewwata 658. Dirqama Soorata Keenuu Raawwachuu Dhabuu
Namni kamiyyuu sababa gahaa malee:
(a) Bu’uura seeraan soorata kennuu qabu abbootii mirgaaf, murtiin hiikaa hanga kennamutti abbaa
warraa yookiin haadha warraa gaaffii hiikaa fudhaafi eerumaa dhiyeesseef ta’ullee, hinkeennu kan
jedhe yookiin kennicha kan bacancarse yoo ta’e; yookiin
(b) Bu’uura seeraan, yookiin dirqama waliigaltee seeneen dubartii fuudhaafi eerumaan ala ulfeesseef
yookiin daa’ima fuudhaafi eerumaan ala godhateef dirqama maallaqaa guutuu qabu kan hinbaane
yoo ta’e; Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaa
ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
Keewwata 659. Dirqama Daa’ima Guddisuu Raawwachuu Dhabuu
1.
Warri yookiin namni biroo aangoo bulchuu yookiin guddisuu qabu kamiyyuu faayidaa barbaaduun yookiin
dirqama isarra jiru dagachuun:
247
(a) Ijoollee itti gaafatamummaa isaa jala jiru haala hamaa keessatti eeggannoofi kunuunsa gahaa malee
kan dhiise yookiin balaa xinsammuufi qaamaaf kan saaxile yoo ta’e; yookiin
(b) Miidhaa xinsammuu yookiin qaama akka irraan gahu nama, jaarmiyaa yookiin dhaabbata beekuuf
yookiin tilmaamuu danda’uuf mucicha yeroo dheeraaf kan kenne yoo ta’e;
dubbichi ulfaataa yoo ta’e aangoo maatii irraa mulquun akkuma eegametti ta’ee; hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Hanga adabbii darbuunis ta’ee, miidhuun miidhaan dursee beekamuu danda’u yookiin karoorfame mucicha
irra kan ga’e yoo ta’e; tumaan biroo seera kanaa rogummaa qabu dabalataan raawwatamaa ni
ta’a/Keewwata66/.
Boqonnaa Sadii
Tumaalee Waliinii
Keewwata 660. Yakkootni Dachaa Ta’uu
1.
Yakkoota sirna fudhaafi eerumaa irratti raawwataman keessa tokko /keewwata 648, 649 yookiin 652/
yakka firummaa irratti raawwatamu waliin/Keewwata 654/ walfaana raawwatamanii yommuu argaman;
tumaaleen lamaanuu walfaana raawwatamoo ni ta’u.
2.
Yakkoonni bilisummaa saalquunnamtii irratti raawwataman /Keewwata620 fi 623 hanga 628 fi 639/; Yakka
firummaa irratti raawwatamu/Keewwata 654/ waliin walfaana yommuu argaman tumaaleen rogummaa
qaban walfaana raawwatamoo ni ta’u.
3.
Yakkoonni kabaja qulqullinaaf (safuuf) faallaa ta’an /keewwata 622 - 631 fi 639/; yakkaa faallaa amala
gaarii firoota gidduutti raawwatamu/Keewwata 655/; waliin walfaana yommuu argaman tumaaleen
rogummaa qaban walfaana raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 661. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Ijoollee Gaa’ila Hingeenyee
1.
Namnigaa’ila hingeenye miidhaan saalquunnamtii, gochi kabaja qulqulluummaaf (safuuf) faallaa ta’e yookiin
saalquunnamtiin uumamaan ala ta’e kan irratti raawwatame yakkichaan gaafatamaa hin ta’u; murtiileen
guddisa gaariifi eegumsaa barbaachisoo ta’an isa irratti raawwatamuu ni dandaa’u.
2.
Nama gaa’ila hingeenye namoota biroo irrattiyakkicha raawwate irratti tumaaleen idilee seera kanaa
raawwatamoo ni ta’u /keewwata 52-56/.
Kitaaba Jahaffaa
Yakkoota Qabeenya Irratti Raawwataman
Mata Duree Tokko
248
Yakkoota Mirga Qabeenyaa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 662. Qajeeltoo
1.
Mirga qabeenyaafi dinagdee yookiin mirga maallaqaan shallagamuu danda’amu nama biroo irratti
giddugalummaan taasifamu, xiqqaa ta’uu isaa irraa kan ka’een dambiii darbuun kan adabsiisu yoo ta’e
malee, bu’uura tumaalee armaan gaditti ibsamaniin ni adabsiisa.
2.
Qabeenya mootummaa, ummataafi dhuunfaatiif seera kanaan eegumsi ni taasifama.
Bu’uura seera kanaan qabeenya irra miidhaan ga’eera kan jedhamu osoo yakkichi raawwatamuu baatee
haala qabeenyichi itti argamuu qabu ture kan jijjiiru miidhaan yookiin manca’inni ga’ee yoo jiraateedha.
Keewwata 663. Tilmaama Seeraan Alaa Yookiin Garmalee Badhaadhu
1.
Raawwataan yakkaa faayidaa seeraan ala ta’e ofiif yookiin nama sadaffaa biroof argamsiisuuf yaadee gochi
inni raawwate yakka ta’uun isaa seeraan kan tumame yommuu ta’u gochichi faayidaa hinmalle argachuuf
kan raawwatamedha jedhamee tilmaamama.
2.
Badhaadhinni haala akkanaatiin yaadame yoo argamuu baatellee fedhiifi gochi seeraan ala badhaadhuu
walfaana argamuun isaanii yoo mirkanaa’e yakki xumura argate akka raawwatametti lakkaa’ama.
Dhimmi qabeenya haala kanaan fudhatame deebisuu yookiin miidhaa qaqqabeef dursanii beenyaa kaffaluu
fedhii raawwatichaatiin kan raawwatame ta’uyyuu yakkicha hinhambisu. Garuu manni murtichaa adabbii
murteessuu irratti kana tilmaama keessa galchuu ni danda’a /keewwata 82 (e)/.
Keewwata 664. Miseensota Maatii Gidduutti Yakkii Yommuu Raawwatamuu Himannaa Dhiyaatu.
1.
Yakkoota kanneen akka wanbadummaa, butuu (extortion), yookiin sodaachisuu fakkaatan humnaan
yookiin dirqisiisuun raawwatamaniin ala yakkoonni biroon kan raawwataman:
(a) Warraafi ijoollee,guddifataafi guddifatamaa, abbaa warraafi haadha warraa wal hin hiikne, yeroo
fuudhaafi heerumaatti abbaa buddeenaafi ijoollee buddeenaa, ijoollee hadhaan yookiin abbaan
yookiin lamaaniinuu firooman gidduutti yoo ta’u; yookiin
(b) Firoota mana miidhamtichaa jiraatan gidduutti yoo ta’u;
Himannaan isaa kan ilaalamu iyyannoo dhuunfaa dhiyeessu qofaan ta’a.
2.
Miidhamaan dhuunfaa iyyannoo himannaa dhiyeessuu dhabuun isaa hirmaattoota yakkaa hidda
firoomaa armaan olitti ibsamaniin kan hin aguugamne itti gaafatamummaa jalaa isaan hin oolchu
/Keewwata 4/.
249
Boqonnaa Lama
Qabeenya IrrattiYakkoota Raawwataman
Kutaa Tokko
Qabeenya Socho’u Irratti Yakkoota Raawwataman
Keewwata 665. Hanna.
1.
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmallee argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun
qabeenya nama biroo kan ta’e mi’a socho’u yookiin mi’a qabeenyaa hinsochoone irraa adda ba’e kaasee
kan fudhate, kallattiin qabeenya ofii isaa kan taasise yookiin alkallattiin qabeenya isaa waliin akka
walmakuu kan taasise yoo ta’e;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
2.
Raawwatichi qabeenya hinsochoone irraa mi’a socho’u sana kan addaan baase ofuma isaan yoo ta’eefi
gocha kana kan raawwate qabeenya hin sochoone yookiin socho’u irratti miidhaa geessisuun yoo ta’e;
tumaaleen keewwata 689-691 seera kanaa dabalataan isa irratti raawwatamoo ni ta’u.
3.
Namni kamiyyuu haala salphaan kan hate mi’a nama biroo gatii baay’ee xiqqoo qabu yoo ta’u, bu’uura
tumaalee dambiii darbuu jalatti tumamaniin ni adabama /Keewwata 852 fi 853/.
Keewwata 666. Humna /Power/ Hatuu
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmalle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun tamsaasa
humnaa qabeenya nama biroo ta’e yookiin sarara nama biroof diriire irraa gaazii, hurka, elektiriikaa yookiin
human akaakuu biroo fudhachuun kan ofii isaa kan taasise yoo ta’e;Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan
yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 667. Qabeenya Waliinii Mi’oota Ta’an Hatuu
4.
Namni Kamiyyuu badhaadhina hinmalle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun sababa abbaa
qabeenyummaa waliiniitiin, shariikummaan yookiin dhaaltummaan mi’a qabeenya waliinii ta’e kan fudhate
yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
250
5.
Qabeenyichi waliinii wanta dhumataa ta’ee himatamtichi kan fudhate gahee isaaf malu kan hincaalle yoo ta’e
isa hin adabsiisu.
Keewwata 668. Namoota Du’an IrrattiHanna Raawwatamu
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmalle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun awwaala
namoota du’aniirraa yookiin mana awwaalaa keessaa yookiin reeffaa awwaalame yookiin hinawwaalamne
irraa mi’a kan fudhate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 669. Hanna Cimaa
Akka cimina yakkichaafi akaakuu mi’a hatameetiin, sadarkaa jireenyaafi haala yakkamtichaa, akkasumas
akaakuu raawwii hannichaan, haalawwan adabbii cimsan kanneen armaan gaditti tarreeffaman yommuu
mudatan adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hintaane yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhashan
hincaallee kan ta’u;
1.
Yakkichi kan isaan ilaallatu:
(a) Mi’i hatame mi’a amantii bakka amantiin itti raawwatamu keessatti kan argamu yookiin mi’a
golambaa keessa kaa’ame, yookiin mi’a gatii qabeessa saayinsaawaa, aartii yookiin seena qabeessa
gamoo ummataaf banaa ta’e keessa kan kaa’ame;
(b) Beellada yookiin minaan eegduu adda hinqabne yookiin mi’a yookiin meeshaa eegduu adda hin
qabne telekoominkeeshinaaf, humna elektirikaaf, bishaaniifi dhangala’aaf yookiin tajaajila
jaarmiyaa biroo kamiifuu kanooluu yookiin mi’a yookiin meeshaa akka taa’u yookiin akka ergamu
mankuusaaf, jaarmiyaa yookiin mana hojii mootummaa tokkoof keessumattuu mana poostaaf
yookiin jaarmiyaa geejjibaaf kan kenname yoo ta’edha.
2.
Yakkicha kan raawwate:
(a) Miseensa raayyaa ittisaa ta’ee yakkicha kan raawwate hiriyyoota yookiin hoggantoota isaa
irratti yoo ta’e yookiin mi’i hatame raayyaa kan tajaajilu yookiin akka tajaajilu kan ramadame
yommuu ta’u;
(b) Hojjetaa mootummaa yookiin nama hojii daldalaa tokkoofi kan kana fakkaatu hojii addaa
raawwatu hojjetaa baankii, abukaattoo, raawwachiisaa waliigaltee,bakka bu’aa (abbaanaa)
aangoon bakka bu’ummaa kennameef yookiin hojiigaggeessaa daldalaa aangoo sababa
akkanaan kennameefiin hojjechaa jiru ta’ee gochicha kan raawwate keessattuu sababa aangoo
kennameefiin qabeenya mootummaa, ummataa yookiin dhuunfaa harka isaa gale irratti yoo
ta’e;
(c) Abbaa hoteelaa, kireessaa manaa, deddeebisaa mi’aa, hammaala yookiin hojii kana fakkaatu kan
hojjetu ta’ee qabeenyi hatame kan maamila isaa yommuu ta’u;
251
(d) Hojjetaa manaa, hojjetaa yookiin shaakalaa hojii ta’ee hojii isaa sababa gochuun bulchaa yookiin
hojjechiisaa isaa irratti haala miidhaa qaqqabsiisuun yommuu ta’udha.
3. Raawwatichi:
(a) Miseensa garee namoota yookii qabeenya irratti yakka raawwachuuf hundeeffamee yoo ta’e;
(b) Hannicha kan raawwate haala biroo kamiyyuu balaafamaa adda ta’uu isaa agarsiisuun caalaattuu
meeshaa waraanaa ittiin miidhu yookiin ofirraa ittisu yookiin meeshaa mana ittiin cabsu qabachuun
yoo ta’u yookiin hojjetaa mootummaa of fakkeessuun yommuu ta’u, yookiin halkaniin yookiin
dallaa cabsuun, dallaa utaaluun, balbala cabsuun, keenyan (gidaara) uruun /diiguun/ yookiin
gareen ta’uun yoo ta’e, yookiin haala balaafamaa hineegamneen jeequmsa ummataa yookiin balaa
(badiinsa) caalaattuu kan akka fincilaa, gubiinsa, lolaa, danbalii kan fakkaatan da’oo godhachuun
yoomuu ta’udha.
Keewwata 670. Wanbadummaa
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmalle ofii isaaf argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee
mi’a socho’aa qabeenya nama biroo ta’e fudhachuuf akka isaaf mijaa’uuf yookiin yommuu fudhatuttis
ta’ee erga fudhatee booda bu’a qabeessummaa mormii isaa mudatee hambisuuf jecha, nama biroo irratti
gocha humnaa yookiin gocha dararuu (dhamaasuu) cimaa ta’e yookiin doorsisa cimaa kan raawwate
yookiin karaa biroo kamiiniyyuu ofirraa ittisuu akka hindandeenye nama kana kan taasise yommuu ta’u;
Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 671. Wanbadummaa Cimaa
1.
Raawwatichi yakka keewwata 670 jalatti ibsame kan raawwate:
(a) Miseensa garee wanbadoota gocha humnaa namoota yookiin qabeenya irratti raawwachuuf
hundaa’e ta’uun yoo ta’e; yookiin
(b) Miidhamtichaan sin ajjeesa jedhee balaa du’aa dhugumatti akka irraan ga’u sodaachisuun,
keessumattuu meeshaa waraanaan yookiin meeshaa akaakuu biroo balaafamaa addaa
ta’een sodaachisuun yookiin haala darara qaqqabsiisuun dhamaasuun yookiin miidhaa
qaamaa ulfaataa qaqqabsiisuun yoo ta’e; yookiin
(c) haala biroo balaafamummaa addaa isaa agarsiisu kamiiniyyuu yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuun ni adabama.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate garee yakka raawwachuuf gurmaa’e waliin ta’uun yookiin meeshaa
waraanaa yookiin meeshaa balaafamaa biroo qabachuun, tooftaa tasgabbii ummataa balaa irra buusu
yookiin garajabina addaa agarsiisu kan fayyadame, yookiin gochi humnaa raawwatame miidhaa qaamaa
dhaabbataa yookiin du’a kan hordofsiise yoo ta’e manni murtichaa hidhaa cimaa umurii guutuu yookiin
dubbichi baay’ee ulfaataa yommuu ta’etti murtii du’aa murteessuu ni danda’a.
252
Meeshaa waraanaan wanbadummaan amaleeffannaangareen raawwatamu adabbii du’aa kan hordofsiisu
ta’a.
Keewwata 672. Saamicha
Namni kamiyyuu saamicha kan raawwate yoo ta’e; keessumattuu gochichi kan raawwatame:
(a) Nyaatawwan, galaawwan, mi’oota, meeshaalee yookiin qabeenyota biroo raabsaman lubbuu
ummataaf, dinagdee yookiin guddina biyyaaf faayidaa ol’aanaa kan kennan irratti yoo ta’e; yookiin
(b) Balaa kan akka balaa konkolaataa, tasa dirqamuun qubachuu xiyyaaraa yookiin dhidhimuu doonii
balaawwan fakkaatan lafarratti, galaanarratti yookiin qilleensarratti qaqqqaban sababa gochuun
yoo ta’e;
akka haala dubbichaatti bu’uura tumaalee wanbadummaasalphaaf yookiin cimaaf tumamaniin ni
adabama /keewwata 670 yookiin 671/.
Keewwata 673. Wanbadumma Galaana Irraa
Namni kamiyyuu gocha wanbadumma galaana irratti kan raawwate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti bu’uura tumaalee armaan olitti wanbadummaa salphaaf yookiin cimaaf tumamaniin
ni adabama /Keewwata 670 yookiin 671/.
Keewwata 674. Haalawwan Addaa
Walta’iinsawwan adduunyaalessaa haala faallessuun yeroo waraanaatti gochawanbadummaan, saamicha
yookiin wanbadummaa galaanaarraakanneen raawwatan bu’uura tumaalee addatti isaan kanaaf
tumamaniin ni adabamu /Keewwata 273/.
Keewwata 675. Amantaa Hir’isuu
1.
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmalle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun wanta gatii
qabu yookiin maallaqa callaa kan nama biroo ta’eefi tajaajila murtaa’e tokkoof yookiin imaanaan isatti
kenname guutummaan yookiin gartokkeen ofii isaaf kan taasise yookiin nama biroof kan taasise, kan
fudhate, kan fudhachiise, kan dhokse yookiin tajaajila ofii isaatiif yookiin nama biroof kan oolche yookiin
gochawwan kana fakkaatan kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
2.
Himatamtichi maallaqa yookiin mi’a yookiin wanta gatii qabu kan imaanaan itti kenname akka gurguru,
yookiin akka bitu yookiin akka jijjiiru yookiin tajaajila murtaa’eef akka oolchu bu’uura jedhameen
raawwatee bakka sanaa maallaqni, miini, yookiin wanti gatii qabu inni argate kan nama biroo akka ta’etti
ni lakkaa’ama.
253
3.
Himatamtichi yommuu gaafatamu mi’a yookiin maallaqa callaa imaanaan yookiin galfataan itti kenname
deebisuuf yookiin kaffaluuf yookiin haala mi’ichi itti jiru agarsiisuuf yookiin tajaajila maluuf kan oolche
ta’uu isaa hubachiisuu kan hindandeenye yoo ta’e qabeenyicha faayidaa hinmallee, ofii isaaf yookiin nama
biroof oolchuuf yaada akka qabutti ni lakka’ama.
Keewwata 676. Amantaa Hir’isuu Cimaa.
1.
Yakkichi kan raawwatame qabeenya mootummaa yookiin jaarmiyaa ummataa irratti yoo ta’e yookiin
yakkicha kan raawwate abbaa aangoo yookiin muudamaa mootummaa yookiin abbaa imaanaa
yookiin filatamaa ummataa yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
2.
Yakkichi hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa kudha shan
hincaalleen kan adabsiisu:
(a) Yakkicha kan raawwate guddistuu yookiin eegduu qabeenyaa, qulqulleessaa herreegaa, gorsaa
seeraa yookiin herreegaa, bakka bu’aa (abbaanaa), abukaattoo, bulchaa qabeenyaa yookiin sababa
hojii isaatiin yookiin itti gafatamummaa isaaf kennameen qabeenyichi kan harka isaa gale nama
biroo kamiyyuu yoo ta’e; yookiin
(b) Himatamtichi sanada imaanaan fuudhe irratti isa itti kenne dirqama abbaa idaa taasisu fakkeessee
barreessuun yookiin sanadaa maallaqni ittiin fuudhamu fakkeessuun yookiin gocha akaakuu biroo
kamiyyuu qabeenya mallatteessaa irratti miidhaa qaqqabsiisuun kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(c) Yakkicha kan raawwate waa’ee maallaqa walitti qabuu nama ummataaf waamicha taasisu ta’ee
faayidaa ofiif yookiin waldaa daldalaa tokkoof yookiin baankiif yookiin jaarmiyaa biroof jecha nama
maallaqa yookiin wantoota gatii qaban kan walitti qabu yoo ta’edha.
Keewwata 677. Qabeenya Mootummaa Yookiin Ummataatti Seeraan Ala Tajaajilamuu Yookiin
Qisaasuu
1. Namni kamiyyuu itti yaadee faayidaa hinmalle ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf osoo ta’in:
(a) Qabeenya mootummaa yookiin ummataatti seeraan ala kan tajaajilame, kan ergise, kan gurgure, kan
biroof kan dabarse, kan jijjiire yookiin wabummaan kan qabsiise; yookiin
(b) Qabeenya mootummaa yookiin ummataa kamiyyuu amaanaan itti kennaman yookiin itti
dabarfaman yookiin sababa hojii yookiin aangoo isaan irratti ajajuu yookiin isaan argachuu kan
danda’u dabarsee kan kenne, kan gate, miidhaan akka isaan irra ga’u kan taasise, kan qisaase
yookiin kan mancaase yoo ta’e;
akka ulfina dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
254
2
.Gochichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hincaallee ni
ta’a.
Keewwata 678. Qabeenya Nama Birootti Seeraan Ala Tajaajilamuu
Namni kamiyyuu ofiisaa yookiin nama biroo haala seeraan aladuroomsuuf (sooromsuuf) yaaduun osoo
hintaane abbaan qabeenyichaa mirga isaatti akka hin fayyadamne taasisuuf, gowwomsuuf yookiin ofiisaaf
yookiin nama biroof yeroof akka fayyadu taasisuuf qabeenya nama biroo kan fudhate yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaatu adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen yookiin
dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti; hidhaa slphaa waggaa tokko hincaalleen ni adabma.
Keewwata 679. Argatanii Dhoksuu
Namni kamiyyuu badhaadhina seeraan ala ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun:
(a) Qabeenya nama biroo ta’ee dogoggoraan, mudannoo tasaa hin yaadamneen, humna amala
uumamaa isaatiin dhufe kan akka danbalii bishaaniifi qilleensaa jiru yookiin haala akaakuu biroo
fedhii abba qabeenyichaan ala ta’e kamiyyuun wanta /mi’a/ harka abbaa qabeenyaatii ba’ee harka
isaatti argamu ofiif yookiin nama biroof kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b) Beellada qabeenyummaan isaa kan nama biroo ta’e sababa baqatee bira dhaqeen harka isaa wan
galeef kan ofiisaa kan taasise yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaatu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni
adabama.
Keewwata 680. Qabeenya Kufee Argame Kan Ofii Taasisuu
(1) Namni kamiyyuu qabeenya bade tokko argatee kanuma abbaa aangootti osoo hin beeksisiin yookiin
abbaa qabeenyichaa beekuuf wanta barbaachisu hunda osoo hin taasisiin qabeenyicha kan ofii kan
taasise yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaatu adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen
yookiin akka ulfaatina dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen ni adabama.
(2) Akkasumas maallaqa yookiin qabeenya dhokfame yookiin awwaalame argatee bu’uura seeraan
mootummaaf galii akka ta’u beeksisa barbaachisaa ta’e osoo hin kennin yookiin qabeenya mi’ichi
yookiin maallaqichi irraa argameef nama abbaa qabeenyaa ta’eef qooda gahee kennamuu qabu osoo
hin kennin qabeenyicha kan ofiisaa kan taasise yoo ta’e; bu’uura armaan olitti keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsameen ni adabama.
255
Keewwata 681. Mi’a Yookiin Qabeenya Uummamaa Abbaa Hin Qabne Fudhachuu
(1) Wantoota abbaa hin qabne, dhimma abbaa qabeenyummaa qabeenya uumamaa ilaallatu akkasumas
dhimmi bineensota bosonaa bilisaan jiran qabeenya nama kamiyyuu hin taane lafarratti,
qilleensarratti yookiin galaana keessatti argaman qabuun tumaalee seera hariiroo hawaasaafi
mootummaa dhimma kana ilaallataniin kan qajeelfaman ta’a /Keewwta 353,849,850/.
(2) Mi’oota seena qabeessa arki’oolojikaalaa yookiin artii qabeenyummaan isaanii kan mootummaa
ta’een haala hin malleen badhaadhuuf karoorfachuun mi’oota kana ofiif taasisuun yookiin imaanaa
hir’isuun, akka akaakuu yakkichaatti tumaalee waa’ee hannaa yookiin imanttaa hir’isuu ilaallataniin
kan adabsiisu ta’a.
Keewwata 682. Dhoksuu
(1) Namni kamiyyuu mi’ichi kan argame sababa yakka qabeenya tokko irratti raawwatameen ta’uu isaa
osoo beekuu mi’a kana bituunis ta’ee, ergisaan, kennaan, qabsiisaan kan fuudhe yookiin haala kana
fakkaatu birookamiiniyyuu kan fudhate, kan itti tajaajilame, kan kaa’e yookiin kan dhokse, dabarsee
kan gurgure yookiin walta’iinsa gurgurtaafi jijjiirraa keessatti wal qunnamsiisaa ta’ee kan gargaare
yoo t’a’e;
hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’u, hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleefi
adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Bu’aa gochi yakkichaa argamsiiseen kan dhufe ta’uu isaa osoo beekuu bakka mi’a gocha yakkaa
kanaan argamee, wanta akaakuu biroo yookiin maallaqa callaa jijjiirraan argame yookiiin gatii itti
gurgurameen kan bitame fuudhee akaakuu armaan olitti ibsameen ittiyaadee namni dhokse bu’uura
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
(3) Gochi keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsame dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; hidhaa
salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabsiisa.
(4) Adabbiin himatamticha irratti murtaa’u nama jalqaba yakkicha raawwate irratti adabbii murtaa’u
waliin qunnamtii kan hin qabnedha.
(5) Yakka raawwataan muummee sababa firoomaan akka hin himatamne (Keewwata 664) yookiin
sababa qunnamtii jaalala hiriyyummaan adabbichi akka salphatuuf /Keewwata 83/ tumaaleen
tumaman nama mi’a dhokse irratti raawwatiinsa hin qaban.
Keewwata 683. Yakka Dhoksuu Cimaa
Adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisuu hanga hidhaa cimaa waggaa kudha shaniifi adabbiin
maallaqaas hanga qarshii kuma digdamaa gahuu kan danda’u himatamtichi:
256
(a) Miseensummaa garee namoota yookiin qabeenya irratti yakka raawwachuuf hundeeffameen
yakkicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) Hayyama hojii yookiin daldalaa kennameef qabeenya yakkaan argame dhokusuuf
kan itti
tajaajilame yoo ta’e; yookiin
(c) Qabeenya kana kan dhokse bu’aa wanbadummaa, saamichaa, wanbadummaa galaanaa, butannaa,
sodaachisuu ta’uu isaa yookiin mi’ichi kan argame qabeenya raayyaa ittisaarra yookiin
walumaagalatti qabeenya mootummaa keessaa ta’uu isaa osoo beekuu yoo ta’edha.
Keewwata 684. Maallaqa Yookiin Qabeenya Gocha Yakkaan Argame Seera Qabeessa Fakkeessanii
Dhiheessuufi Yakkicha Gargaaruu
(1) Namni kamiyyuu malaammaltummaan, baala sammuu adoochuun yookiin qoricha naanneessuun
daldala meeshaa waraanaa seeraa alaatiin yookiin seera kana keewwata 243(2)(3), 262(1)(2),455
(2),506 (3) (4), 507 hanga509,510 (2), 511 (2) (3) (5) yookiin 512 keessatti yakka ibsameen yookiin
yakka cimaa wal fakkaataa kamiiniyyuu maallaqa yookiin qabeenya argate seeraan ala argamuu isaa
dhoksee faayidaa yookiin hojiirra oolchuun, naanneessuun yookiin daddabarsuun seera qabeessa
fakkeessee kan dhiheesse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuufi
adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hincaalleen ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu gochoota yakkaa keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa isa tokkoon kan
argame ta’uu isaa osoo beekuu maallaqa yookiin qabeenya seera ala ta’e kan jijjiire, kan dabarse,
kan fuudhe, qabatee kan argame yookiin maallaqa yookiin qabeenya kanatti kan fayyadame yoo
ta’e;
Adabbii armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
(3) Namni kamiyyuu yakki armaan olitti keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsame raawwatamuu
isaa osoo beekuu yookiin beekuuf kan isa dandeessisu sababa gahaa osoo qabuu abbaa aangoo
dhimmi ilaallatutti osoo hin beeksisin kan hafe yoo ta’e;
hidhaa slphaa ji’a jahaa hincaalleen ni adabama.
(4) Namni kamiyyuu yakka armaan olitti keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame ilaalchisee Poolisiin
hordofaa jiraachuu isaa yookiin yeroo dhihootti hordoffii kan taasisu ta’uu isaa, eeruun dhihaachuu
isaa, yookiin bu’uura dambii keessootiin dhimmichi hojjetaa isa ilaallatutti kan darbe ta’uusaa
beekee yookiin shakkee nama yakkichaan shakkametti yookiin nama birootti Odeeffannoo kan
kenne yookiin oduu kan dabarse yoo ta’e,
hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hintaaneen ni adabama.
(5) Namni kamiyyuu yakka armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen bu’aa yakkaan argame
ta’uusaa osoo beekuu nama yakkicha raawwatu gargaaruuf yookiin madda seeraa alaa qabeenyichi
irraa argame dhoksuuf yookiin miliqsuuf yaaduun qabeenyichi seera qabeessa akka ta’u kan taasise
yookiin bakka tokkorraa bakka birootti kan naanneesse yoo ta’e; yookiin amala dhugaa isaa, madda
isaa, iddoo inni itti argamu, bittaafi gurgurtaa isaa, sochii isaa yookiin mirga qabeenyicharraa
257
madduu akka hin beekamne kan taasise yookiin kan miliqse yoo ta’e; adabbii armaan olitti
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
(6) Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef yakkoota armaan olitti ibsaman keessaa tokkorratti
hirmaataa yoo ta’u, adabbichi kan irratti murtaa’u bu’uura seera kana keewwata 90 jalatti
tumameen ta’a.
(7) Bu’uura keewwata kanaan yakka cimaa jechuun:
(a) Yakkichi hidhaa cimaa waggaa kudhan yookiin isaa ol adabsiisuu kan danda’u yoo ta’u; yookiin
(b) Sababa yakkichaan hangi maallaqaa Yookiin gatiin qabeenyichaa argame yoo xiqqaate kuma
shantama yoo ta’edha.
Kutaa Lama
Yakkoota Qabeenya Hinsochoone Irratti Raawwataman
Keewwata 685. Hoomaa Beelladaan Qabeenya Nama Biroorratti Miidhaa Geessisuu
1.
Namni kamiyyuu mirga osoo hinqabaatiin itti yaadee marga, kaloo lafa nama biroo irratti argamu bakka
qonnaas ta’ee bosonaa, iddoo biqiltootaas ta’ee qabiyyee lafaa isaa haala biroo kamiyyuu irratti argamu
irratti hoomaa beelladaa bobbasee kan dheechise, gara bakka kanaatti kan geesse yookiin akka naanna’an
kan gadhiise yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isa irratti dhiyaatu adabbii maallaqaa qarshii dhibbashan hincaalleen
yookiin hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen ni adabama.
2.
Haalawwan isaa yommuu salphaa ta’anitti keessumattuu sirriitti eeguu dhabuun yoo ta’e tumaaleen
dambiii darbuu raawwatamoo ni ta’u /keewwata 851(b)/.
Keewwata 686. Qabeenya Namaa Irratti Jeequmsa Raawwachuu
1. Namni kamiyyuu mirga osoo hinqabaatiin faayidaa argachuuf jecha:
(a) Lafa yookiin gamoo qabiyyee nama biroo ta’e kan weerare yookiin kan qabate yoo ta’e; yookiin
(b) Haala biroo kamiiniyyuu lafa qabiyyee seeraqabeessaa nama biroo ta’e irratti jeequmsa kan
raawwte yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isa irratti dhiyaatu adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaan ni
adabama.
6.
Gochi jeequmsaa kan raawwatame gocha humnaatiin, doorsisaan yookiin gamtaa mamoota baay’eetiin
yookiin nama meeshaa balaafamaa qabateen yoo ta’e; himannoo yakkaa dhiyeessuun hidhaa cimaa hanga
waggaa shanii gahuun ni adabsiisa.
Keewwata 687. Qabiyyee Namaa Irratti Miidhaa Geesiisuu
258
Namni kamiyyuu mirga osoo hinqabaatin faayidaa argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a) Haala qabeenya hinsochoone yookiin qabeenya socho’an isuma waliin wal qabatanii kan nama biroo
kan jijjire yoo ta’e; yookiin
(b) Yaa’iinsa bishaanii kan dhuunfaa yookiin kan ummataa ta’e kan jijjire yoo ta’e;
yoo xiqqaatee hidhaa salphaa ji’a sadiifi adabbii maallaqaatiin yookiin akka haala dubbichaatti
hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 688. Mallattoolee Daangaa Bakka Isaaniirraa Jijjiiruufi Balleessuu
1.
Namni kamiyyuu mirga osoo hinqabaatiin mirga qabeenyaa nama biroo irratti miidhaa qaqqabsiisuuf,
yookiin faayidaa hinmalle ofii isaaf argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun, daangaa lafaa
nama biroo adda baasuuf mallattoo dhaabame yookiin mallattoo kana fakkaatu bakka isaarra kan kaase,
kan jijjire yookiin bakka sobaa kan dhaabe, gara sobaatti kan jijjire; yookiin mallattichi akka hin
beekamne kan balleesse yoo ta’e;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa ji’a sadii gad hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa shan
hincaalleen ni adabama.
2.
Gochichi kan raawwatame yaada armaan olitti ibsameen kan hintaane yoo ta’e; adabbichi hidhaa
salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Kutaa Sadii
Qabeenya Nama Biroorratti Miidhaa Geessisuu
Keewwata 689. Tumaalee Waliigalaa
Namni kamiyyuu itti yaadee qabeenya nama biroo kan ta’e mi’a, meeshaa, beellada, muka, (biqiltoota),
midhaan, oomisha qonnaa, bosona, mana, hojiilee gamoo yookiin wantoota kamiyyuu yookiin lafa qabiyyee
isaa jala jiru kan diige yookiin gatii kan dhabsiise yookiin akka hintajaajille kan taasise yoo ta’e; tumaan
keewwata 685 jalatti ibsame akkuma eegametti ta’ee;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isa irratti dhiyaatu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 690. Haala Ulfaataa
1.
Yakkichi himannaa yakkaa dhiyeessuun hidhaa cimaa waggaa torba hincaalleefi adabbii maallaqaan
adabsiisuu kan danda’u:
(a) Yakkamtichi yaada jibbaa yookiin miidhaa geessissuun qabuun miidhaa cimaa kan geessise yoo ta’e
yookiin yaada addaa kan hin qabne yoo ta’e illee gochichi miidhaa daran olaanaa ta’e kan geessise
yoo ta’e; yookiin
259
(b) Yakkichi kan raawwatame doorsisaan, humnaan yookiin namoota baay’een keessumaattuu
jeequmsa, fincilli hojii cufuu yookiin dhaabuu yommuu uumamu hojjettootaan yookkiin
hojjechiistotaan yoo ta’eedha.
2.
Qabeenyi raawwatichi barbadeesse yookiin miidhaa ol’aanaa irraan ga’e mi’a waaqeeffannaa, mi’a
seenaqabeessa, saayinsaawaa yookiin aartii ta’ee gatii ol’aanaa qabu yookiin ummataa kan ta’eefi
eegumsa ummataatti amanuun eegduu malee kan jiraatu gamoo, siidaa, bakka seena qabeessa ta’e
yookiin tajaajila ummataaf, faayidaa biyyaaf barbaachisaa ta’ee dhaabbata meeshaa hundeeffame, sarara
bilbilaa yookiin humna ibsaa yookiin qonnaa yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalle yookiin dubbichi baay’ee ulfaataa yommuu ta’etti
hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamaa gahuu danda’u ni ta’a.
3.
Yakkichi kan raawwatame nama ajjeesuuf, qaama isaa irratti miidhaa geessisuuf yookiin qabanii tursiisuuf
sodaachisuun yookiin qaamni mootummaan qaama namummaa seeraa kenneef, gareen yokiin namni
dhuunfaa wanta tokko akka raawwatu yookiin raawwachuu irraa akka of qusatu dirqisiisuuf yaadamee
yommuu ta’etti;
adabbiin armaan olitti keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 691. Tooftaawwan Ulfaatoo
Raawwatichi qabeenya nama biroo diiguuf, miidhuuf, gatii dhabsiisuuf yookiin tajaajilaan ala akka ta’u
taasisuuf, tasgabbii ummataa irratti balaa kan dhaqqabsiisan kan akka jigoo, lolaa, dhoo’insa, yookiin
gubiinsa wanta fakkaatuun kan
tajaajilame yoo ta’e; dhimmoota kanaaf adabbii cimaa murteessuuf
keewwattoonni tumaman dabalataan raawwatamoo ni ta’u /Keewwata 66/.
Boqonnaa Sadii
Yakkoota Mirga Qabeenyaa Irratti Raawwtaman
Kutaa Tokko
Yakkoota Gowwoomsuu Of Keessaa Qaban
Keewwata 692. Gowwoomsuu
1.
Namni Kamiyyuu badhaadhina hinmallee ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun
wantoota dogoggrsaa ta’an dubbachuun, eenyummaa yookiin haala ofii dhoksuun yookiin wanta ibsuu
qabu dhoksuun yookiin amantaa yookiin tilmaama dogongoraa nama birootti fayyadamuun, gochuunis
ta’ee gochuu dhabuun nama biroo gowwoomsee faayidaa qabeenyaa isaa yookiin garee sadaffaa gocha
miidhuu akka raawwatu kan isa taasise yoo ta’e;
260
Hidhaa salphaan yookiin akka ulfaatina dubbichaatti hidhaa cimaa hanga waggaa shanii hincaalleefi
adabbii maallaqan ni adabama.
2.
Gocha gowwoomsuu salphaasaragummaan tajaajila nama biroo akka argachuu fakkaatu faayidaa
hinmalle argachuufnama raawwate irratti adabbiin tumaalee dambiii darbuu ni raawwatamu
/keewwata 858 fi 859/.
Keewwata 693. Maallaqa Irratti Ajaju Osoo Hinqabaatiin Cheekii Kennuu
1.
Namni kamiyyuu yeroo cheekiin ba’utti yookiin baankiif dhiyaatutti maallaqni gahaan inni irratti ajaju
kan hinjirree ta’uu isaa osoo beekuu cheekii kan baase/kan kenne/yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin akka ulfaatina dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2.
Gochichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaa wagga tokko
hin caalleen ni adaba.
Keewwata 694. Haala Waliin Dha’ameen Daldala Gabaa Aksiyoonaa Adeemsisuu
Namni kamiyyuu sababa gabaa aksiyoonaan yookiin gabaa biroon aksiyoona yookiin gatii gabaa
aksiyoonaa ilaalchisee daldalli aksiyoonota ummataa akka jiru kan fakkeessu haala sobaa yookiin
dogoggorsaa uumuuf yaaduun:
(a) Daldala aksiyoona abbummaa aksiyoona irratti jijjirama fayyadu kamiyyuu kan hin fidne kan
adeemsise yoo ta’e; yookiin
(b) Walittidhiheenya hangaa yeroofi gatiin aksiyoonotaa gaafataman nama sanaan yookiin nama biroon
akka bitaman yookiin namuma sanaaf yookiin nama biroof gaaffiin bittaa akka dhihaate yookiin
akka dhihaatu osoo beekuu aksiyoonota sana bituuf gaaffii kan dhiheesse yoo ta’e; yookiin
(c) Walittidhiheenya hangaa, yeroofi gatii aksiyoonotaa gaafataman namuma sanaan yookiin nama
biroon akka gurguraman yookiin namuma sanaaf yookiin nama biroof gaaffiin gurgurtaa akka
dhihaate yookiin akka dhihaatu osoo beekuu aksiyoonota sana gurguruuf gaaffii kan dhiheesse yoo
ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidha cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
261
Keewwata 695. Aksiyoonotaan Yookiin Meeshaalee Daldalaan Tirgaa Taphachuu
Namni Kamiyyuu biyya keessattis ta’e, biyya alaatti kubbaaniyoota yookiin aksiyoonota jaarmiyaalee
daldalaa biroo yookiin mi’oota yookiin meeshaalee daldalaa kamiyyuu kan galma’an yookiin kan hin
galmoofne gatiin isaanii olka’uufi gadibu’uu sababa godhachuun galii yookiin bu’aa argachuuf yaaduun
aksiyoonota yookiin mi’oota yookiin meeshaalee daldalaa sana ofiif taasisuuf yaada dhugaa osoo hin
qabaatiin wantoota kana kan gurguru yookiin kan bituu fakkeessuun barreeffamaanis ta’e jechaan
waliigaltee akaakuu kamiyyuu kan qopheesse yookiin kan mallatteesse yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adaba.
Keewwata 696. Gowwomsaa cimaa
Yakki gowwomsaa cimaan hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleefi adabbii maallaqaa hanga
qarshii kuma shantamaa hincaalleen kan adabsiisu:
(a) Balleessichi keewwata 676 1 fi (2) (a) jalatti bu’uura ibsameen sadarkaa hojii yookiin
ittigaafatamummaa amantaan irratti gatamu irratti kan argamu yoo ta’e; yookiin
(b) Raawwatichi aksiyoona, sanada idaa, sanada boondii yookiin wabummaa kamiyyuu kan waldaa,
kan baankii, kan daldalaa, kan gabaa aksiyoonaa yookiin kan mana hojii industirii baasuun
ummatarraa maallaqa walitti qabuuf waamicha kan taasise, yookiin ofiisaaf yookiin
jaarmiyaasaaf yookiin jaarmiyaa raawwatichi abbaa gahee aksiyoonaa itti ta’eef kan gurgure
yoo ta’e; yookiin
(c) Yakkichi kan raawwatame bulchiinsa yookiin tajaajila ummataarratti yoo ta’edha.
Keewwata 697. Yakkoota Biroo
Yakkoota armaan olitti ibsaman malee waa’ee aksiyoonotaa, sanadoota mi’aa, boondota yookiin waa’ee
sanadoota wabummaa kamiyyuu labsiiwwan yookiin dambiilee bahan irrtti yakki tumame yoo jiraate
tumaan biroo faallaa ta’e yoo jiraate malee;
hidhaa salphaan, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shan hincalleen ni adabssiisa.
Keewwata 698. Gocha Gowwomsuu Inshuuransii Ilaalchisee Raawwatamu
1.
Namni kamiyyuu badhaadhina hinmalle ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun:
(a) Balaa inshuraansiin galameef uumuun; yookiin
(b) Faayidaa Waliigalticha keessatti ibsame irratti haala dhiibbaa uumuun hanga maallaqa
inshuraansichaa, bara waliigaltichaa, yookiin ijoo dubbii fayyadamtoota inshuraansii ilaallatu
262
dhoksuun, dogoggorsuun, mirkaneessuun yookiin kanuma kan ilaallatu ibsa sobaa kennuun
waldaa inshuraansii tokko kan gowwomse yoo ta’e; yookiin
(c) Karaa birookamiiniyyuu sochii inshuraansii waliin wal qabateen gocha gowwomsuu kan
raawwate yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin haalawwan isaa caalaattu ulfaatoo yoo ta’an, hidhaa cimaa waggaa
shan hincaallee fi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni adabama.
2.
Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e bu’uura seera kana
keewwata 90 tiin ni adaba.
Keewwata 699. Sanada Sobaan Gowwomsuu
Gochi gowwomsuu akaakuu kamiyyuu kan raawwatame sanada sobaatti jijjirameen yoo ta’e tumaaleen
rogummaa qaban dabalataan raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 700. Amantaa Ummataatti Fayyadamuun Gowwomsuu
(1) Namni kamiyyuu ofiif badhaadhina argachuuf yaadee afuuran sii waama, jinniin sihaarkisa, mora
/falfala/ sirraa kuffisa, tolchan siif hojjedha, hiree keen sittihima, dhimma keen sii ibsa, urjiin
siidhaha (ayyanna siidhaha), abjuu keen siihiika, hiree kee fuulduraa siibeeka, barruu harkaa kee
siidubbisa, ekeraan siidubbisa jechuun, yookiin amantaa namaatti seeraan ala tajaajilamuu kan
dandeessisu karaa birookamiiniyyuu nama biroo kan gowwomse yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu haalli raawwii isaa tumaalee dambii darbuun kan isa
adabsiisu yoo ta’e malee /keewwta 861/adabbii maallaqaan, yookiin yakka irradeddeebi’ame
yommuu raawwatetti, hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa
shan hincaalleen ni adabama.
(2) Gochi gowwomsuu kan raawwatame akaakuu keewwata 692 jalatti ibsameen yoo ta’e, adabbiin
keewwata tuqame kanaan tumamee raawwtamaa ni ta’a.
Keewwata 701. Gochoota Gowwomsuu Biroo
(1) Namni kamiyyuu dhukkuba yookiin hir’ina cimaan qaba yookiin miidhaa qaamaa yookiin
xinsammuu olaanaa yookiin kasaaraa maallaqaa yookiin wantoota biroo narraa gahe jechuun,
haasawaa sobaa taasisuun tooftaa gowwomsuu miira gaddaa namootaa harkisu biroo kamiyyuu
fayyadamuun nama dhuunfaa yookiin ummatarraa maallaqa yookiin wantoota biroo kan
walittiqabe yoo ta’e;
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan
hincaallee fi adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu rakkoolee armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti tarreeffaman keessaa tokko
nama biroorra kan gahe fakkeessee nama jedhame ummataaf dhiheessuun kadhaaf kan itti
263
fayyadame yoo ta’eefi namuma kana gargaaruuf jechuudhaan nama dhuunfaa yookiin ummatarraa
maallaqa yookiin wantoota biroo kan walitt qabe yoo ta’e; adabbii armaan olitti keewwata xiqqaa
(1) jalatti ibsameen ni adabama.
(3) Namni kamiyyuu nama biroorratti miidhaa geesisuun kaayoo armaan olitti keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsame kan fayyadame yoo ta’e;
Hidha cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uu fi adabbii maallaqaan ni
adabama.
Tumaaleen waa’ee miidhaa namarra geessisuu ilaallatan (keewwata 548 fi 549) dabalataan
raawwatamoo akka hintaane tumaan keewwata xiqqaa kanaa hin dhorku.
(4) Namni kamiyyuu dhimmoota Siyaasaa, amantaa, aadaa, hawwasummaa, namoomaa yookiin
kaayyoo biroo kamiyyuu sababa godhachuun seeraan yookiin abbaa aangoo dhimmichi ilaallatuun
hayyamemeefis ta’e osoo hin hayyamaminiif nama dhuunfaa yookiin ummatarraa mallaqa yookiin
wantabiroo kamiyyuu walitti qabee, maallaqa yookiin wanta kana guutummaan yookiin gartokkeen
kaayyoo ittin walitti qabeef ala seeraan ala kan oolche yoo ta’e;
Waa’ee maallaqa seeraan ala walitti qabuu kan ilaallatu tumaan keewwat 862 seera yakkaa kanaa
akkuma eegametti ta’ee, hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaallee fi adabbii maallaqaa qarshii kuma
soddoma hin caalleen ni adabama.
(5) Jarmiyaan namummaan seeraa kenameef, yakkoota keewwata kana keewwata xiqqaa (2), (3)
yookiin (4) jalatti ibsaman keessaa tokkotti hirmaataa yoo ta’e, bu’uura seera kana keewwata 90 tiin
ni adbama.
Keewwata 702. Hir’ina Bulchiinsa Hojiitiin Miidhaa Faayidaa Nama Biroorratti Raawwatamu
(1) Namni kamiyyuu dirqama seeraatiin yookiin waliigalteetiin fayyidaa qabeenyaa nama biroo akka
eegu yookiin hojicha akka gaggeessu imaanaa dirqama seeraa yookiin waliigaltee fudhatee,
ittigaafatamummaa keenameefitti seeraan ala fayyadamuun yookiin dirqama irra jiru raawwachuu
dhabuun faayidaa qabeenyaa eegu irratti yookiin jaarmiyaa keessatti hojjetuuf tajaajila raawwatu
irratti ittiyaadee miidhaan akka irra gahuu kan taasise yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Gochichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen ni adabsiisa.
(3) Himatamtichi yakkicha kan raawwate faayidaa qabeenyaa ofiif argachuuf yookiin nama biroof
argamsiisuuf yaadee yoo ta’e; adbbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo gdi hintaane ta’ee, adabbiin
maallaqaa qarshii kuma soddoma hincaalle dabalataan irratti ni murtaa’a.
Keewwata 703. Haala ulfaataa
264
(1) Yakkichi kan raawwatame:
(a) Aangoo keennameefiin hojiisaa raawwachaa kan jiru yookiin addatti amanamuummaan
kennameef guddistuu, eegduu, raawwataa waliigaltee hojjetaa baankii, bulchaa qabeenyaa
yookiin qulqulleessaa herreegaa yookiin nama biroo
muudamaan aangoo argate yookiin
imaanaan addaa irra jiru kamiyyuu yoo ta’e yookiin nama biroo ittigafatamummaan akaakuu
akkanaa fakkatu kennameef kamiyyuu yoo ta’e; yookiin
(b) Qabeenya mootummaa yookiin ummataa irratti yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin
caalleen ni adabsiisa.
(2) Raawwatichi bu’uura Ittigaafatamummaa yookiin hojii kennameefiin raawwachuu kan qabu akka
hinraawwanne yookiin raawwachuu kan hin qabne akka raawwatu nama biroorra fayyidaa akaakuu
kamiiniyyuu kan gaafate yookiin kan fudhate yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi
hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa torba hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma
digdama hin caalleen ni dabama.
Dubbichi ulfaataa yoo ta’u, hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taanee fi adabbii maallaqaa qarshii
kuma dhibbba tokko hin caalleen ni adabama.
(3) Raawwatichi bu’uura itti gaafatamummaa yookiin hojii kennameefiin raawwachuu kan qabu
raawwachuuf yoo jedhu yookiin erga raawwatee booda fayidaan akka kennamuuf kan gaafate, kan
argate yookiin abbaa dhimmaarraa jecha abdii kan fudhate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti hidhaa slphaa waggaa tookkoo gdi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa
waggaa shan hincalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalleen ni adabama.
(4) Hojjetaan
yookiin
muudamaan
mootummaa
faayidaa
mootummaarratti
kan
raawwatu
gaggeessummaa hojii dabaa, maalaammaltummaa yookiin faayidaa hinmalle fudhachuu tumaaleen
ilaallatan akkuma eegamanittidha /Keewwata 409,410 fi 412/.
Keewwata 704. Faayidaa Argatta Jechuun Sossobuun Nama Biroo Kakaasuu
(1) Namni kamiyyuu faayidaa qabeenyaa ofiif argachuuf yookiin nama biroof argmsiisuuf yaaduun
yaadadadhabina miidhamtichaa ifa ta’e, amantaa isarratti gate yookiin hojii daldalaatiin
muuxxannoo kan hin qbne ta’uusaa sababa gochuun, qabeenya miidhamaan qabu waliin kan wal hin
gitneefi kasaaraa olaanaa kan isarratti hordofsiisu ta’uusaa osoo beekuu, hojjedheen buufadha
amantaa jedhu akka qabaatu taasisuun waraqaalee gatii qaban yookiin mi’oota daldalaa akka bitu,
akka gurguru yookiin gocha biroo kana fakkaatu akka raawwatu kan isa kakaase yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa Yommuu isarratti dhihaatu, hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni
adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbii maallaqaan ni dabsiisa.
265
Keewwata 705. Namoonni Dandeettii Hinqabne Hojii Qabeenya Isaanii Miidhu Akka Raawwatan
Kakaasuu
(1) Namni kamiyyuu yaada keewwata 704 jalatti ibsameen yaadadadhabina, amantaa miidhamticha
irrtti qabu yookiin muuxannoo fi dandeettii kan hin qabne ta’uusaa bu’uura godhachuun ijoollee
gaa’ila hin geenye yookiin nama seeraan dandeetti hin qabne (dhabe);
(a) Faayidaa isaaf yookiin nama biroof maallaqa akka kennuuf, akka liqeessuuf, kanumaaf waadaa
akka seenuuf, walamansiisa idaan narra jiraa akka kennuuf yookiin faayidaa biroo akka kennuuf
sossobuun kan kakaase yoo ta’e; yookiin
(b) Walumaagalatti qabeenya ofiisaa yookiin kan nama biroorratti hojii miidhaa geessisuu danda’u
akka raawwatu yookiin hojii raawwachuu qabu akka dhiisu kan isa kakaase yoo ta’e;
iyyannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaattu, hidha salphaan yookiin adabbii maallqaan ni
adabma.
(2) Akkasumas kaayyoo walfakkaatuun jecha (Waadaa) kana fakkatu yookiin sanada maallaqni ittiin
kaffalamu yookiin walii mirkaneessaa kan fuudheefi kan ofii kan taasise yookiin nama biroof
dabarsee kan kenne, akaakuu kanaan ni adabama.
Kutaa Lama
Yakkoota Kompiitaraan Raawwataman
Keewwta 706. Hayyama Malee Kompiitara Seenuu, Tajaajila Kompiitaraa Fudhachuu Yookiin
Fayyadamuu
1.
Namni kammiyyuu gara kompiitaraa, sirna komiitaraa yookiin
gara neetworkii kompiitaraa hayyama malee kan seene yoo ta’e
adabbii maallaqaan ni adabama.
2.Namni kamiyyuu Gara kompiitaraa, sirna kompiitaraa yookiin neetwoorkii kompiitaraa hayyama
malee seenuun itti yaadee; daataa yookiin tajaajila kompiitaraa kan fudhate yookiin kan itti fayyadame
yookiin namni biroo akka itti fayyadamu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan, yookiin dubbichi baayyee ulfaataa yoo ta’e;
hidhaa cimaa Wagaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma digdama hincaallen ni
adabama.
3.Yakkichi dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa kuma lama hin caalle ni ta’a.
266
Keewwata 707. Daataa Irratti Miidhaa Geessisuu
(1) Namnii kamiyyuu hayyama malee gara sirna kompiitaraa yookiin neetwoorkii kompiitaraa
/computer network/seenee isaan kana keessa kan jiru daataa kamiyyuu ittiyaadee ittidabaluun,
jijjiiruun, haquun, yookiin balleessuun miidhaa kan geessise yoo ta’e;
hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame:
(a) Hatuuf, walinidhahuuf, gowwomsuuf yookiin butuuf akka danda’amutti karoora kamiyyuu
baasuuf yookiin hojiirra oolchuuf yookiin maallaqa, qabeenya, tajaajila kompiitaraa, yookiin
daataa kamiiyyuu seeraa ala to’achuuf yookiin argachuuf yoo ta’e; yookiin
(b) Karoorri armaan olitti qubee (a) jalatti ibsame jiraachuu baatus, dubbichi ulfaataa yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma digdama
hincaalle ni ta’a.
(3) Gochichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa qarshii kuma lama hincaalle ni ta’a.
Keewwata 708. Tajaajilamaan Hayyamameef Tajaajiloota Kompiitaraa Akka Hinarganne Addaan
Kutuu
(1) Namni kamiyyuu gara Kompiitaraa, sirna kompiitaraa, yookiin neetwoorkii kompiitaraa (computer
net work) hayyama malee seenuun tajaajilamaan hayyamameef tajaajiloota kompitaraa akka hin
arganne itti yaadee kan isa jalaa addaan kute yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa qarshii kuma lama hincaalle ni ta’a.
Keewwata 709. Gochoota Raawwii Yakkoota Kompiitaraa Mijeessuf Raawwataman
Namni kamiyyuu gochoota keewwatoota sadeen armaan olitti tumamaniin tarreeffaman keessaa tokko
raawwachuuf akka isa gargaaru yaaduun meeshaalee, koodota yookiin jecha ittiin darbiinsaa (Password)
gara biyya keessaatti kan galche, kan omishe, kan gurgure, gurgurtaaf kan dhiheesse, kan raabse, kan bite,
kan fuudhe yookiin qabatee kan argame yoo ta’e;
hidhaa slphaan yookiin adabbii maallaqaan yookiin lamaaniinuu niadabama.
Keewwata 710. Yakkoota Biroo
267
Kutaa kanaan kan tumamaniin ala yakki biroon kompiitaraan kan raawwatame yoo ta’e, seerri rogummaa
qabu raawatamaa ni ta’a.
Keewwata 711. Dhachaa Ta’uu Yakkoota
Yakki akakuu kamiyyuu kompiitaraan raawwatamu yakka biroo seera yakkaa kanaan hin adabsiisu kan
hordofsiise yoo ta’e; tumaan yakka kanaaf rogumma qabu dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
Kutaa Sadii
Yakkoota Dadhabina Yaaada Yookiin Rakkoo Namaa Bu’uura Godhachuun Raawwataman
Keewwata 712. Araaxaa
(1) Namni kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin
muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun:
(a) Dhala seeraan hayyamamee ol ta’een maallaqa kan liqeesseef yoo ta’e; yookiin
(b) Maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hintaane bakka isaa akka kennuuf kan
isa taasise yookiin waadaa kan isa seensise yoo ta’e;
hidhaa salphaan, yookiin akka haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi
adabbii maallaqaan ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu yaada wal fakkaatuun mirga araaxaa irratti bu’uureffame kan fuudhe, ittisaaf kan
ittifayyadame, yookiin nama biroof kan dabarse yoo ta’e; akakuu armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 713. Dirqisiisuun Fayyadamuu
Namni kamiyyuu faayidaa qabeenyaa hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf jecha maallaqa yookiin
wanta gatii qabu yookiin sanada yookiin mirga kan kennu yookiin idaa kan hambisu yookiin wanta faayidaa
kana fakkaatu qabu kamiyyuu akka kennamuuf taasisuuf yakka wanbadummaan ala /Keewwwata 670/
gocha humnaa yookiin doorsisa olaanaa nama biroorratti kan raawwate yookiin akka ofirra hin ittisne kan
taasise yoo ta’e;
Baayyee yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a sadiin, yookiin akka cimina yakkichaatti hidhaa cimaa waggaa shan
hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 714. Faayidaa Argachuuf Sodaachisuu
Namni kamiyyuu miidhamticha yookiin nama isa waliin qunnamtii firoomaa yookiin jaalalaa dhihoo qabu
oduu yookiin wanta miidhuu danda’u dhugaa yoo ta’ellee tooftaa kamiiniyyuu nan ibsa yookiin nan beeksisa
yookiin nan saaxila jechuun sodaachisee, haala qabeenya miidhamtichaa yookiin nama biroorratti miidhaa
geessisuun miidhamtichi akka callisu kan taasise yoo ta’e,
Bu’uura tumaa armaan olitti keewwata 713 jalatti ibsameen ni adabama.
268
Keewwata 715. Haala Ulfaataa
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalle kan
ta’u, araaxaa fudhachuun, dirqisiisanii fayyadamuun, yookiin faayidaa argachuuf sodaachisuun namni
himatame:
(a) Ogummaa yookiin hojii seeraqabeessa hayyama itti argateen seeraan ala hojjechuun yakkicha kan
raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) Yakkicha kan raawwate nama gaa’ila hin geenye yookiin dandeettii hin qabne yookiin nama
dadhabina yaadaa qabu ta’e miidhuuf yoo ta’e; yookiin
(c) Dursee bu’aa gochichaa tilmaamuun, gochichairra deddeebi’uun miidhamticha irratti miidhaan
qabeenyaa akka gahu yookiin miidhamtichi akka of ajjeesu kan isa kakaase yoo ta’edha.
Mata Duree Lama
Yakkoota Dhimma Daldalaa fi Dinagdeerratti Raawwataman
Keewwata 716. Hirmaannaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan seeraa Kennameef
(1) Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef bu’uura tumaa seera kana keewwata 34 jalatti
ibsameen yakkoota mata duree kana keessatti ibsaman keessaa tokkotti hirmaataa yommuu ta’utti,
akka akaakuu yakkichaatti bu’uura keewwata 90 tiin ni adabama.
(2) Haala keewwata xiqqaa (1) armaan olii jalatti ibsameen yakki yommuu raawwatamu gahee
gaggeessaa hojii jaarmiyichaa keessatti qaburraa kan ka’een yakkicha keessatti hirmaataa kan ta’e
hojii geggeessaan, dubbii fixaan, miseensi, bulchaan yookiin miseensi to’annaa yookiin qaamni
qulqulleessaa herreegaa bu’uura tumaalee mata-duree kanaa rogummaa qabaniin ni adabama.
(3) Tumaan keewwata kanaaraawwatiinsa tumaa keewwata 143 hin hambisu.
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Mirga Qabatamoo Hintaane
Irratti Raawwataman
Keewwata 717. Maqaa Gaarii Nama Biroorratti Miidhaa Qaqqabsiisuu
(1) Namni kamiyyuu dabaan yookiin miidhaa geessisuuf yaaduun haasawaa soba ta’uusaa beeku
yookiin yaada badaa ibsuun haala hojii daldalaa isaa waliin walqabateen maqaa gaarii nama biroo
baayyee kan miidhe yookiin shakkii keessa kan galche yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu, adabbii maallaqaa qarshii kuma tokkoo gadi
hintaaneen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadii gadiiyii hintaaneen ni adabama.
269
(2) Himannaa hamii sobaa kan ilaallatu tumaan seera kanaa/Keewwata 613(3)/ keewwata kana waliin
dabalataan raawwatamuu hin danda’u.
Keewwata 718. Ibsawwan Sobaa Miidhaa Geessisan
Namni kamiyyuu hundeessaa, miseensa, bulchaa, hojii gaggeessaa, dubbii fixaa, boordiigaggeessitoota,
miseensaboordii odiitii yookiin qulqulleessaa ta’uun dhimma addaddaa jaarmiyaa, waldaa daldalaa
yookiin waldaa hojii gamtaa tokko kan beeku ta’ee osoo jiruu, uummani akka beeku kan taasifamu
beeksisa yookiin gabaasa yookiin yaada, yaa’ii waliigalaaf dhihaatu irratti odeeffannoo miidhuufi sirrii
hintaane ittiyaadee kan kenne yookiin akka kennamu kan taasise yoo ta’e;
Iyyaannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaatu, adabbii maallaqaa qarshii kuma tokkoo gadi
hintaaneen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadiiyii gadi hintaaneen ni adabama.
Keewwata 719. Dorgommii Daldalaa Sirrii Hintaane
Namni kamiyyuu waliin dhahuun yookiin hojmaata biroo kamiyyuu yaada gaarii hojiin daldalaa
gaafatuuf faallaa ta’een nama birooratti ittiyaadee dorgommii daldalaa barbaachisaa hintaane kan
raawwate; keessumattuu:
(a) Faayidaa dorgomtoota isaarraa fooyya’e argachuuf jecha maqaa gaarii, mi’oota yookiin
hojimaatawwan, sochiiwwan yookiin daldala nama
biroo tuffachiisuun yookiin waa’ee
omishawwan, hojmaata, sochii yookiin daldala ofiisaa ibsa sirrii hintaane yookiin ibsa sobaa
kennuu; yookiin
(b) Mi’oota, hojmaatawwan yookiin omishoota yookiin daldala isaa kan biroo waliin tarkaanfilee
waliindhahaan fudhachuun; yookiin
(c) Waa’ee haala yookiin dandeettiiaddaa isaa kanneen biroorratti amantaa uumuuf jecha tooftaa
sobaa, maallattoo addummaa yookiin mallattoo yookiin maqaa ogummaa fayyadamuun; yookiin
(d) Hojii isaanii barbaachisaa ta’e yookiin dirqama hojii isaanii akka hin raawwanne taasisuuf yookiin
akkaataa oomishaa, gurmaa’iinsaa, yookiin iccitii hojmaataa hojjachiisaa isaanii akka argatan
yookiin akka ibsan kakaasuuf jecha hojjettoota, bakka bu’oota yookiin gargaartoota dorgomtoota
daldalaa isaaf faayidaa hinmalle kennuun yookiin dhiheessuun; yookiin
(e) Karaa biroo kamiyyuu yaada gaariif faallaa ta’een iccitiiwwan argaman yookiin ibsaman kanneen
ibsuun yookiin isaaniin fayyadamuun yoo ta’e; Iyyannoon dhuunfaa yommuu isa irratti dhihaatu
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadiiyii gadi
hintaaneen ni adabama.
Keewwata 720. Mallattoolee, Madda Itti Argamu Beeksisuu, Saxaxa (Design) Yookiin Akkayyaa
(model) Cabsuu
270
(1) Namni Kamiyyuu ittiyaadee:
(a) Haala Ummata dogoggorsuun mallattoolee, mallattoolee addummaa, yookiin beeksisoota
burqaa irraa argaman kan daldalaa, kan industirii yookiin kan qonnaas ta’ee, oomisha yookiin
mi’a nama biroo yookiin wantoota isaan kun ittiin maraman yookiin saamsaman irratti
taasifaman kan cabse yookiin fakkeesse kan dhiheesse; yookiin
(b) Gara sobaatti kan jijjiirame, kan gargalfame, fakkaatee kan dhihaate yookiin haala hinmalleen
kan maxxanfame ta’uusaa mallattoon inni beeku kan irra jiruoomisha yookiin mi’a kan gurgure,
gurgurtaaf kan dhiheesse, gara biyya keessaatti kan galche, gara biyya alaatti kan erge, kan
raabse yookiin gabaaf kan dhiheesse; yookiin
(c) Qabiyyee isa jala jiran oomishoota yookiin mi’oota mallattoo kana ofirraa qaban burqaa isaan
irraa argaman ibsuu kan dide yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
(2) Namni kamiyyuu seeraan kan galma’aaniifi seerota yookiin walta’iinsawwan biyyoolessaan yookiin
addunyaalessaan kan eegaman mirga kalaqa, keessumattuu saxaxa (designs) yookiin akaakuuwwan
industirii, mirga abbummaa kalaqaa yookiin hojmaatawwan ilaalchisee akkaataa armaan olitti
ibsameen gochi seeraa alaa kan raawwatame yoo ta’e adabbii walfakkaataa ta’een ni adabama.
(3) Gochi keewwata xiqqaa(1) yookiin (2) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, hidhaa
salphaa waggaa shan hincaalleen ni adabsiisa.
Keewwata 721.Mirga Ogbarruu, Artii Yookiin Hojii Kalaqa Sammuu Darbuu
(1) Namni kamiyyuu ittiyaadee mirga ogbarruu, artii yookiin hojii kalaqa sammuu ilaalchisee seera
tumame kan cabse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
(2) Gochichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan hincaalleen ni
adabsiisa.
Keewwata 722. Mirga Iyyannoo Dhuunfaa Dhiheessuu
Yakkoonni boqonnaa kanaa kan adabsiisan iyyannoo dhuunfaa dhiheessuun yommuu ta’an, mirga
iyyannoo dhuunfaa dhiheessuu kan qaban namoota miidhaman yookiin waldaalee ogummaa isaaniiti.
Keewwata 723. Haalawwan Ulfaatoo
Yakkoota boqonnaa kana keessatti ibsaman keessaa tokko kan raawwatame gowwomsa raawwachuuf
akka mijaawu yaadamee yoo ta’e; adabbii gowwomsaaf tumame dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
271
Keewwata 724. Tarkaanfilee Dabalataa
Adabbii yakkaafi gaaffii seera hariiroo hawaasaatiin dhihaatu kamiyyuu irratti dabalataan manni
murtichaa wantoota qaama yakkichaa ta’an, mi’oota yookiin hojiiwwan, akkasumas maallaqni gurgurtaa
yookiin hojicha irraa argame akka dhaalamu ni ajaja.
Manni murtichaa murtichi ummataaf akka ibsamu ni taasisa.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Dhiheessa Himannaa Idaa Kaffalchiisuu, Raawwii Murtiifi Dhimma Kasaaruu Irratti
Raawwataman
Keewwata 725. Waliin Dhahuun Idaa kaffaluu Dadhabuu
Namni kamiyyuu idaa kaffaluu hin dandeenye kan isarraa jiru ta’uusaa ittiyaadee kan dhokseefi dirqama
isaa raawwachuu dadhabuu isaa yookiin hayyamamaa ta’uu dhabuu isaa osoo beekuu waliigaltee kan
raawwate yoo ta’e;
Iyyannoon dhuunfaa yommuu isarratti dhihaatu, adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalleen
yookiin hidhaa salphaan ni adabama.
Keewwata 726. Haala Hinmalleen Kasaaruu
(1) Abbaan idaa hojii daldalaa irratti bobba’e kamiyyuu daldala isaa yommuu raawwatu galmee
herreegaa yookiin herreega barbaachisaa ta’e qabuu dhabuun, baasii madaalawaa hintaane baasuun
yookiin irraan buufadha tilmaama balaafamaa jedhuun mi’oota baayyee bituun, kuusuun, yookiin
haala biroo kamiiniyyuu yookiin daldala isaa sirriitti gaggeessuu dhabuun ittiyaadee idaasaa
kaffaluu haala isa hindandeessisne keessa akka seenuu kan of taasise yookiin haala isaa kana kan
hammeesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
(2) Gochicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii
maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen ni adabama.
(3) Abbaa idaa galmee daldalaa irratti hingalmoofne irratti himannaan kan dhihaatu, iyyannoo
dhuunfaa abbaa maallaqaan dhihaatu qofaan ta’a. Iyyannichi dhuunfaas, abbaan idichaa qabeenya
kan hin qabne ta’uun isaa akka beekamuuf guyyaa itti iyyate irraa eegalee yeroo ji’a sadii jiru
keessatti dhihaachuu qaba.
(4) Abbaan maallaqaa hojiiwwan armaan olitti ibsaman akka raawwatu kakaasee dadhabina yaadaa
yookiin dagannoo abbaa idichaa fayyadamee gara kanatti kan qajeelche yookiin araaxaa (hiiqii)
fudhachuun kan ittifayyadame abbaa idichaa irratti himata dhiheessuu hin danda’u.
Keewwata 727. Waliin Dhahuun Kasaaraan Akka Qaqqabu Taasisuu
272
(1) Kasaaruun isaa murtiin kan itti murta’e abbaan idaa Kamiyyuu:
(a) Qabeenyaa isaa keessaa hanga murtaa’e tokko nama biroof dabarsuunis ta’ee balleessuun
mancaasuun, gatiin isaa akka gadibu’u yookiin tajaajilaan ala akka ta’u taasisuun; yookiin
(b) Kalaqa sobaan, keessumattuu qabeenya isaarraa tokko tokko hir’isuunis ta’ee miliqsuun, idaa isarra
hin jirre yookiin gaaffii maallaqaa amanuun yookiin anaarraa jira jedhee fudhachuun yookiin idaan
osoo irra hin jiraatiin idaan sirra jira jedhee garee sadaffaan akka isa gaafatu kakaasuun, yookiin
tooftaa fakkeessuu birookamiiniyyuukeessumattuu tooftaa qabiinsa herregaa sirrii hintaaneen,
waliif babarreessa gara sobaatti jijjirame yookiin madaala herreegaa sobaa fayyadamee qabeenya
dhugaan qabuu gadii akka qabu fakkeessuun,abbootii maallaqa mirga isarraa maallaqaa gaafachuu
qaban miidhuuf yaadee qabeenyichi akka harkaasaatii bahu yookiin akka manca’u /qisaasamu/ kan
taasise yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hintaaneen ni adabama.
(2) Yakki raawwatame miidhaa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e yookiin gochichi kan raawwatame raayyaa
ittisaa yookiin jaarmiyaa mootummaa yookiin dhaabbata tajaajila kennu irratti yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa saddeet hincaalle ni ta’a.
(3) Garee sadaffaan kamiyyuu maallaqa gaafattoota miidhuuf gocha akaakuu akkanaa kan raawwate yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun ni adabama.
(4) Raawwatichi yakkicha raawachuuf gocha yakka gowwomsuu hundeessuu raawwatee kan argame yoo
ta’e; tumaan waa’ee gowwomsuu ilaallatu dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 728. Gocha Waliin Dhahuu Raawwii Murtiirratti Raawwatamu
(1) Abbaan idaa raawwii murtiin himatame qabeenya kan hin qabne ta’uun isaa barreeffamaan erga
beekamee booda faayidaa gaafattoota maallaqaa miidhuuf yaaduun bu’uura armaan olitti keewwata 727
jalatti ibsameen gocha qabatamaan yookiin kalaqa sobaan qabeenyi isaa akka hir’atu kan taasise yoo
ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
(2) Maallaqa gaafattoota irratti miidhaa qaqqabsiisuuf
gocha akaakuu akkanaa kan raawwate gareen
sadaffaa kamiyyuu hidhaa salphaan ni adabama.
Keewwata 729. Qabeenya Qabsiisaan Yookiin Seeraan Qabame Seeraan Ala Fudhachuu Yookiin
Balleessuu
(1) Abbaan idaa kamiyyuu faayidaa argachuuf yookiin argachiisuuf yookiin maallaqa gaafataa irratti
miidhaa qaqqabsiisuuf yaaduun qabeenya socho’u yookiin hinsochoone maallaqa gaafataan
qabsiisaan, dabarsaan (lien) qabate kan fudhate, kan biroof kan dabarse, kan miidhe, gatiin isaa
akka hir’atu yookiin akka hintajaajille kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen ni adabama.
273
(2) Maallaqagaafattoota irratti miidhaa qaqqabsiisuuf yaaduun gocha akaakuu akkanaa kan raawwate
garee sadaffaan kamiyyuu hidhaa salphaa waggaa sadii hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa
qarshii kuma shantama hincaalleen ni adabama.
Keewwata 730. Qabeenya Ajaja Mana Murtiin Qabame Seeraan Ala Fudhachuu Yookiin
Balleessuu
(1) Namni Kamiyyuu maallaqa gaafattoota miidhuuf jecha ajaja mana murtiin kan kabajame yookiin
qabame mi’a tarreeffama kasaaraa keessatti galmeeffame yookiin tarreeffama mirgi qabiyyee ittiin
kenname keessatti lakkaawamee barreeffame seeraa ala kan fudhate, seeraan ala hojiirra kan
oolche, kan balleesse, kan mancaase, gatiin isaa akka hir’atu yookiin tajaajilaan ala akka ta’u kan
taasise yoo ta’e;
Hidha salphaan ni adabama.
(2) Maallaqa gaafattoota miidhuuf gocha akaakuu akkanaa kan raawwate garee sadaffaan hidhaa
salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
(3) Gochoonni bu’uura keewwata kanaan adabsiisan kan raawwataman maallaqa gaafattoota qofa
miidhuuf yoo ta’e; tumaan seera kana keewwata 439 dabalataan raawwatamaa hin ta’u.
Keewwata 731. Maallaqa Gaafattoota Gidduutti Loogii Hin Barbaachiisne Taasisuu
Abbaan idaa kasaaruun isaa murtiin beekame yookiin qabeenya dhabuu isaaf mirkaneessa seera-qabeessa
dhiheesse kamiyyuu idaa isaa guutummaan kaffaluu kan hindandeenye ta’uusaa osoo beekuu tooftaa
kamiiniyyuu, keessumattuu:
(a) Idaa yeroon kaffaltii isaa hingeenye kaffaluun yookiin yeroon kaffaltii isaanii yommuu gahu
idaawwan maallaqa caallaa yookiin sanadoota kaffaltii idaa baratamaniin ala karaa ta’een kaffaluun;
yookiin
(b) Akka kennu osoo hindirqamiin fedhii isaatiin idicha akka kaffalu wabummaa yookiin qabsiisa
mirkaneessu kennuu; yookiin
(c) Karaa walfakkaataa birookamiiniyyuu maallaqa gaafattoota muraasa fayyaduun kanneen biroo kan
miidhe yoo ta’e;
Hidhaa salpaha waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 732. Sagalee Caalmaa Argachuuf Faayidaa Kennuu
(1) Abbaan idaa kamiyyuu maallaqa gaafattoota keessaa deeggarsa sagalee isaa tokko argachuuf
yookiin mana murtii irraa mirkaneessa walta’iinsaa argachuuf jecha:
(a) Gaafataa maallaqichaaf yookiin walgahii waliigalaa irratti bakka bu’aa isaa kan ta’eef; yookiin
(b) Bulchiinsa qulqulleessa herreega kisaaraaf yookiin miseensa qulqulleessaa herreegaa nama
ta’eef; bu’aa murtaa’e kan kenne yookiin kennuuf waadaa kan seene yoo ta’e;
Hidhaa salphaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun ni adabama.
274
(2) Abbaa idichaa fayyaduuf jecha gocha akaakuu akkanaa kan raawwate garee sadaffaan yookiin
faayidaa akaakuu akkanaa garee sadaffaaf akka kennu yookiin waadaa akka seenu kan taasise
namni biroo kamiyyuu; adabbii walfakkaatuun ni adabama.
Keewwata 733. Waliin Dhahuun Walta’iinsa Argachuu
(1) Abbaan idaa kamiyyuu beelama yeroo walta’iinsaa dheeressuu yookiin mirkaneessa walta’iinsaa
mana murtiirraa argachuuf jechaa tooftaa kamiiniyyuu, keessumattuu qabiinsa herreegaa yookiin
sanada herreegaa, waliibabarreessa yookiin madaala herreegaa sirrii hintaaneen yookiin waliin
dhahameen haala maallaqa isarra jiru maallaqa gaafattoota, abbaa seeraa waa’ee kasaarichaa
qorannaa taasisu yookiin abbaa aangoo dhimmichi ilaallatu kan dogoggorse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
(2) Abbaa idaa fayyaduuf jecha garee sadaffaan gocha akaakuu akkanaa kan raawwate yoo ta’e adabbii
walfakaataan ni adabama.
Kutaa GuddaaSadaaffaa
Seera Dambii Darbuu
Kitaa Torbaffaa
Kutaa Waliigalaa
Mata Duree Tokko
Dambiilee Adabbii Ilaallatan
Boqonnaa Tokko
Daangaa Raawwatiinsa Seerichaa
Keewwata 734. Qajeeltoowwan Waliigalaa Seera Yakkaatti Qajeelchuu
Kitaaba kana keessatti haala addaatiin kan tumame yoo ta’e malee akaakuu dubbichaa akkasumas
yaadaafigalma seerichaa ilaaluun qajeeltoowwaniifi dambiileen bu’uuraa kutaa waliigalaa seera yakkichaa
dambii darbuurratti raawwatamoo ni ta’u /keewwata 3 keewwata(2)/.
Keewwata 735. Dambii Darbuu
Namni tokko dambii darbeera kan jedhamu seera qaamni aangoo qabu baaseen kan ibsameefi tumaa wanti
tokko akka hin raawwatamne ajaju yookiin dhorku kan darbe yookiin balleessaa salphaa yakkaan hin
275
adabsiifne kan raawwate yoo ta’eefi cabuun seera akaakuu akkanaa yookiin balleessaa salphaan tumaalee
armaan gaditti ibsamaniin kan adabsiisu yommuu ta’udha /Keewwata 746 hanga 775/.
Keewwwata 736. Balleessaawwan Seerichi Irratti Raawwataman
1.
Qajeeltoo seera qabeesssummaan akka ibsametti /keewwata 2(1) hanga (4)/ seerra dambii darbuu kanaan
yookiin seera biroon balleessaawwan tumaman qofti ni adabsiisu.
2.
Adabsiisuun kan dandaa’anis adabbiileen seera kana keessatti ifaatti ibsaman qofaan ta’a. Tumaleen kunis
raawwatamoo kan ta’an gocha raawwatameef keewwattooti adabbii caalaa tuman yommuu hin jirree
qofaadha.
Gochi tokko kan adabsiiisu seera yakkaa yookiin seera dambii darbuu keessaa isa tokko qofaan malee
lamaniin miti /keessata 2(5)/.
(3) Gochootnni dambii darbuu kan adabsiisan, yommuu raawwataman bu’uura tumaalee jiraniin malee
gochichaan booda seera bahe gara duubaatti deebi’ee akka raawwatamu taasisuun hinta’u /Keewwata 5/.
Seerri dambii darbuu kun yeroo itti ragga’e irraa eegalee tumaaleen kutaa addaa seerichaa keessatti
ibsaman dambii darbuu seerichaan ibsaman kamiifiyyuu raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 737. Seerichi Walqixa Raawwatamaa Ta’uu Isaa.
Tumaaleen dambiii darbuu ilaallatan garaagarummaa osoo hingodhiin balleessitootas hundarratti walqixa
raawwatamoo ni ta’u /Keewwat 4/.
Keewwata 738. Iddoo Ilaalchisee Raawwatiinsa Seerichaa
1.
Iddoon gochoonni dambii darbuu itti raawwatamaniiru jedhametti iddoo dambi darbaan wanta gochuu
hinqabne itti raawwate yookiin gochuu qabu hinraawwannedha/Keewwata 25/. Gochoonni kun kan ittiin
geggeeffaman qajeeltoo daangaa aangoo naannootiin ta’a/Keewwata11/.
2.
Namni Itoophiyaa keessa jiru himannaan gochoota dambiii darbuu inni raawwatee kan ilaalamu bu’uura
seera Itoophiyaan ta’a. Yeroo kanattis tumaaleen himannicha bakka bu’iinsaan ilaaluus/Keewwata 12/ ta’ee
himatamticha dabarsanii kennuu/Keewwata 21/ raawwatamoo hin ta’an.
3.
Balleessonni gochoota dambiii darbuu biyya alaatti Lammii Itoophiyaatiin yookiin Itoophiyaa irratti
raawwataman Itoophiyaa keessatti hinadabsiisan /Keewwata 18/. Lammiin Itoophiyaa mirgoonni addaa
kennamaniif badiiwwan dambiii darbuu kana yeroo biyya alaa jirutti yoo raawwate Ittophiyaa keessatti
ittiin hin himatamu/Keewwata 14/.
4.
Danbiilee seeraa loltummaa Itoophiyaan tumamana qofa darbuun badichi Itoophiyaa keessatti yookiin biyya
alaatti kan raawwatame yoo ta’eyyuu himannichi kan ilaalamu seera Itoophiyaa hordofuun manneen murtii
loltummaatti ta’a/Keewwata 792/. Haa ta’u malee raawwatichi badii isaa kanaan manneen murtii biyya
alaatti itti adabameera yoo ta’e manni murtichaa adabbiin haaraan akka hafu taasisuu ni danda’a.
Keewwata 739. Murtii Biyya Alaatti Kenname
276
Himanni dambiii darbuu manneen murtii Itoophiyaa keessatti yommuu ilaalamutti akkaataa adabbiin itti
murtaa’u ilaalchisee mana murtii biyya alaatti murtiin dambiii darbuufi balleessitummaan yakkaa yookiin
adabbbii ilaalcha keessa hingalu/keewwata 22/.
Boqonnaa Lama
Itti Gaafatamummaa Yakkaa
Keewwata 740. Gochoota Adabsiisaniif Namoota Adabaman
1.
Gocha dambiii darbuu raawwachuuf qophiifi yaaliin taasifaman hinadabsiisan.
2.
Akkasumas dambiii darbuuf kan taasifamu Kaka’umsi, miiltummaafi yakka erga raawwatee booda
raawwataa yakkichaa gargaaruun hinadabsiisu. Kan adabamandambiii darbaafi dambiii darbitoota
qofaadha /Keewwata 32/.
3.
Dambiii darbuu ilaalchisee Jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef kakaastummaan yookiin
miiltummaan hinadabamu; kan adabamu itti gaafatamaa yookiin hojjetaa jaarmiyichaa bu’uura seera
kana keewwata 32 tiin seera, dambiii yookiin qajeelfama dambii darbummaa muummeen yeroo cabse
qofadha.
4.
Tumaaleen dambiii darbuu ilaallatan yaada seera yakka /Keewwata 52-55) raawwattoota yakkaa gaa’ila
hingeenye irratti raawwatamoo ni ta’u.
5.
Yakkoota Karaa maloota sabqunnamtiin raawwataman irratti himataa ta’uu ilaalchisee tumaaleen seera
yakkaa keessatti tumaman rogummaa qaban/Keewwata 42-47/ dambiii darbuu irrattis raawwatamoo ni
ta’u.
Keewwata 741. Haalawwan Adabsiisan
1.
Tumaaleen seera yakkichaa itti gaafatamummaafi itti gaafatamummaa dhabuu yakkaa ilaallatan
(keewwata 48-50) dambiii darbuu irratti raawwatamoo ni ta’u.
2.
Gochi dagannoon raawwatame hinadabsiisu jedhame haalawwan seerichaan ifatti tumameen alatti itti
yaadee yookiin dagannoon /Keewwata 57-59/dambiii kan darbe namni kamiyyuu adabbii tumaa dambiii
darbuu keessatti ibsameen ni adabama.
3.
Itti gaafatamummaafi adabamtummaan dambiii darbaa yoomiyyuu yoo ta’e dhuunfaan ta’a /Keewwata
41 fi 88/.
Keewwata 742. Tarkaanfilee Dhimmicha Qulqulleessuuf Fudhataman.
Yakkoota idilee ilaalchisee tarkaanfileen rogummaafi qorannoo beekaa addaa fudhataman/Keewwata 51 fi
54/ akka raawwataman mana murtiin kan ajajamu itti gaafatamummaan balleessichaa karaa biroon
murtaa’uu kan hindandeenye yoo ta’e qofadha.
277
Keewwata 743. Haalawwan Hinadabsiifneefi Dhiifama Kennisiisan
1.
Gochoota seeraan ajajaman yookiin hayyamaman /Keewwata 68/, dirqama hojii ogummaa/Keewwata
69/,
fedhii
miidhamaa
/Keewwata
70/,
dirqisiisamuu
cimaa
ta’e/Keewwata
71/,
haala
barbaachisaa/keewwata 75/fi of irraa ittisuu seeraqabeessa/Keewwata 78/ kan ilaallatan tumaaleen
seera yakkaa dambiii darbuufis raawwatamoo ni ta’u.
Dirqisiifamuu ofirraa ittisuun danda’amu yookiin haala barbaachisaa yookiin of irraa ittisuu seera
qabeessa ta’e hanga irra dabarsuu yommuu ta’u balleessichi ni adabama; manni murtichaa garuu
daangaa bu’uura seeraan hayyamameen/Keewwata 766/ adabbicha salphisuufii qaba.
2.
Qaama olaanaa irra ajajni yommuu kennamutti, ajajamtichi ajaja hogganaa olaanaa daangaa aangoo
isaaf kennamee keessatti hojjetichi kennamuuf fudhatee ajajuma kana keessaa osoo hin ba’iin gocha
dambii darbuu kan raawwate yoo tahe hin adabamu. Namni ajaja kenne sun gocha kanaaf itti
gaafatamaa ni ta’a/Keewwata 73/.
Ajajamtichiajaja fudhate irra darbuun gocha itti yaadee raawwateef itti gaafatamaa ni ta’a.
Keewwata 744. Dogongora
1.
Namni dambii darbe kamiyyuu seera wallaaluu yookiin mirgi raawwachuu jira jechuun dogongoruun
/Keewwata 81) akka sababa ittsaa taasisee dhiheeffachuu hin danda’u.
2.
Raawwatichi gochicha kan raawwate gonkumaa beekuu dhabuu yookiin fedhii dhabuu isaa haala
mirkanaa’aa dogongora agarsiisuun yoo ta’e dambiii darbuun itti gaafatamaa hin ta’u/keewwata 80/.
Keewwata 745. Haalawwan Adabbii Salphisaniifi Cimsan
1.
Namni dambiii darbuun balleessaa ta’ee argame haalawwan adabbii salphisan seera yakkichaa keessatti
ibsamaniin/Keewwata 82 fi 83/ gochicha raawwateera yoo ta’e; manni murtichaa bu’uura armaan gaditti
ibsameen/Keewwata 766/ haalawwan kana tilmaama keessa galchuun adabbicha salphisuuf yookiin
adabbii akaakuu biroon jijjiiruuf ni danda’a.
2.
Balleessichi haalawwaan adabbii cimsan seera yakkaa keessatti ibsamaniin /Keewwata 84 fi 85/ gochicha
kan raawwate yoo ta’e; Manni Murtichaa bu’uura armaan gaditti ibsamuun /Keewwata 767 hanga 770/n
adabbicha ni cimsa.
3.
Haalawwan adabbii cimsaniifi salphisan walfaana yommuu argaman manni murtichaa lamaanuu sirriitti
madaaluun adabbicha ni murteessa /Keewwata/89/.
Mata Duree Lama
Dambiilee Adabbiilee Ilaallatan
Boqonnaa Tokko
Adabiilee Raawwatiinsa Qabaniifi Tarkaanfilee Eeggannoo
Kutaa Tokko
278
Adabbiilee Muummee
Keewwata 746.. Adabbiileen Yakkaa ldilee Ta’an Raawwatiinsa kan Hin Qabne Ta’uu Isaanii
1.
Dambii darbuun yoomiyyuu yoo ta’e hidhaa cimaa yookiin hidhaa salphaa yakkootaaf tilmaamaniin hin
adabsiisu. Dambii darbuun yakka irraa kan addaa bahu adabbii adda hordofsiisuunidha.
2.
Dambii darbitoonni loltoota yookiin balleessitoota dargaggoo yommuu ta’an adabbiin addaa raawwatamu
akkuma eegametti ta’ee; dambii darbuu ilaalchisee adabbiileen raawwataman tumaalee armaan gadiitti
ibsamana keessatti kanneen argamana qofadha.
3.
Hawaasichaaf jecha tarkaanfileen eegumsaa yookiin yaalaa fudhatamuu yommuu qabaatan keessumattuu
namoota itti gaafatamoo ta’uu hin dandeenye /keewwata 130 fi 131/ ilaalchisee manni murtichaa abbaa
taayitaa bulchiinsaa seera qabeessa ta’eef ni beeksisa /Keewwata 154/.
Keewwata 747. Hidhaa Mana Turtii
1.
Gochoonni dambii darbuu yommuu raawwataman adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisuu kan
murtaa’u hidhaa mana turtii qofaadha.
Dambii durbuun yeroo daddabalamutti adabbiin murtaa’uufi tumaaleen addaa seeerichaa kan ka’an
adabbiin olaanaan akkuma eegametti ta’ee/keewwata 719/ yeroon turtii hidhaa mana turmaataa guyyaa
tokko irraa hanga ji’a sadii ni ta’a.
Manni murtichaa adabbii kan murteessu tumaa addaa seericha keessatti ibsame yeroo addaa gadi aanaa
yookiin olaanaa osoo hin darbiin sadarkaa balleessummaa adabamtichaa tilmaama keessa galchuun ni
ta’a/Keewwata 88/.
2.
Tumaaleen korooraan /sharxiin/ gadhiifamuu ilaallatan/Keewwata 201-207/ hidhaa mana turtiif
raawwatiinsa hin qaban.
Keewwata 748. Raawwii Hidhaa Mana Turtii Idilee
1.
Hidhaan mana turtii idilee kan raawwatamu bakkeen turtii addaa manneen murtii yookiin buufatawwan
poolisii waliin walqabatanitti ta’a. Dhiironniifi dubartoonni itti murtaa’e kan hidhaman garagaara ta’a.
Yeroo kamittiyyuu yoo ta’e namni hidhaa mana turtiitiin akka adabamu itti murtaa’e gara manneen
fooyyeessa amalaa yookiin amala sirreessaa akka ergamu; sababa yakkaatiin hidhaamtoota hidhaan
adabaman waliin akka walmaku taasisuun hin danda’amu/Keewwata 746 (1)/.
2.
Namni hidhaan mana turtii itti murtaa’e hojii dirqamaa akka hojjetu hin dirqisiifamu; gatii hojii
argachuufis mirga hin qabu/Keewwata 111/. Tasgabbiifi nageenyi waliigalaa bakka hidhaa mana
turmaataa hanga hin tuqamnetti namni hidhaa mana turtii raawwatu nyaata, xalayaafi gaafattoota alaa
dhufuuf fudhachuu ni dandaa’a.
Keewwata 749. Hidhaa Mana Turmaataa Mana Jireenyaa Yookiin Jaarmiyaa Keessatti Raawwatamu
279
1.
Haalli dhuunfaa balleessichaa yookiin iddichaa kan hayyamu yeroo tahu, namni itti murtaa’e mana isaatti,
mana nama amanamaatti yookiin jaarmiyaalee miti-amantii yookiin amantii kaayyoo kanaaf oolan
keessatti hidhaa mana turmaatichaa to’annoo yookiin tarkaanfii eeggannoo gahaa tahe waliin akka
raawwatu manni murtichaa ajajuu ni danda’aa.
2.
Humni dandeettiin ol ta’e yommuu mudatutti dabalataan adabamtichi mana itti hidhame keessaa akka
bahuuf kan hayyamamuuf gochoota amantii raawwachuuf, hakiimaan qoratamuuf, yaala barbaachisaa
ta’e argachuuf yookiin gara mana murtiitti dhihaachuuf akka danda’u yeroo dhimma kanaaf gahu qofaaf
akka bahu manni murtichaa murteessuu ni danda’a.
Namni mana isaatii akka hin baane itti murtaa’e nyaata isaa ofumaa of danda’a
Keewwata 750. Akkaataa Raawwii Adabbii Addaa Loltootaafi Balleessitoota Dargaggoo Taa’an
1.
Sababa dirqama loltummaa isaanii raawwachuu dhabuutiin hidhaan mana turmaataa loltoota irratti kan
murtaa’u/Keewwata 792/ bu’uura dambii loltummaatiin ta’ee kan raawwatamu naamusaafi to’annoo
loltummaa jala ta’uun iddoowwan kaayyoo kanaaf oolanitti ta’a.
2.
Balleessitoonni dargaggoo ta’an hidhaan mana turmaataa isaan irratti murtaa’e adabbicha kan
raawwatan bu’uura haalawwan waa’ee isaaniif addatti tumamaniin mana barumsaatti yookiin manatti
hidhaa mana turmaataa taasifamuun/keewwata 161/ yookiin kun kan hin danda’amne yoo ta’e
jaarmiyaa, jaarmiyaa tola oolaa yookiin eegumsa nama amanamaa manni murtichaa filate jala ta’eeti.
Hidhaan mana turtii murtaa’u qoqqoodamee yeroo gara garaatti akka raawwatamu taasisuuf ni
danda’ama. Ta’ees yeroon hidhaa mana turmaataa kan guyyaa tokkoon tokkoonii sa’aatii sadii gadi ta’uu,
walumaagalatti yeroon hidhaa mana turmaataa immoo guyyaa kudha shan caaluu hin danda’u.
Keewwata 751. Bakka Hidhaa Mana Turmaataa Hojii Dirqamaa Murteessuu
1.
Adabbii hidhaa mana turmaataa murteessuun yeroo danda’amutti haalawwan dubbichaa yookiin
haalawwan raawwii murtichaa kan malan ta’anii yommuu argaman, manni murtichaa balleessichi galii
argatu irraa hir’isee mootummaaf galii taasisuu waliin yeroo walfakkaatuuf kan turu, bilisummaa kan
hir’isu yookiin kan hin hir’ifne hojii dirqamaatti jijjiiruu ni danda’a / keewwata 103 fi 104/. Dheerina
yerichaafi hanga maallaqa hir’ifamuu manni murtichaa murtii isaa keessatti sirriitti ifatti ni murteessa.
2.
Tumaaleen keewwata kanaa loltuu dirqama irra jiru yookiin balleessitoota dargaggoo ta’an irratti
raawwatamoo hin ta’an
Keewwata 752. Adabbii Maallaqaa, Haala Idilee
1.
Balleessichi irra deddeebi’aa ta’uu yoo baate /keewwata 769/ yookiin tumaan addaa seerichaa adabbii
caalaa kan murteesse yoo ta’e malee, adabbiin maallaqaa dambii darbaa irratti murtaa’u qarshii tokko
irraa hanga qarshii dhiibba sadii gahuu ni danda’a.
280
Badiin yeroo daddabalametti, adabbii cimsuun taasifamu akkuma eegametti ta’ee; dambii darbichi
badicha kan raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e; adabbiin maallaqichaa hanga qarshii dhibba shanii
gahuu ni dandaa’a.
Manni murtichaa adabbii maallaqichaa yommuu murteessu haala galii balleessichaa ulfaatina badichaafi
sadarkaa ballessummaa isaa tilmaama keessa galchuu qaba /Keewwata 90/.
2.
Haalawwan isaa yommuu ilaalaman adabbiiwalitti dabaluun barbaachisaa kan taasisan yoo ta’e;
keessumattuuballeessichi badicha kan raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e/keewwata 91 fi 92/ yookiin
tumaan addaa seerichaa adabbiilee kana filannoon kan kaa’e yoo ta’e adabbiin maallaaqaa hidhaa mana
turtii waliin walitti dabalamuu ni dandaa’a.
3.
Nama itti murtaa’eef yoo barbaachise idicha qoqqoodee yeroo yerootti akka kaffaluu hayyamuun manni
murtichaa yeroo kanfalti hanga ji’a sadii gahuu danda’u murteessuufii ni danda’a.Haalawwan sunis
sababa gahaa kanargamsiisan yoo tahe, manni murtichaa yeroo kanfaltichaa hanga waggaa tokkootti
dheeressuu ni danda’a/keewwata 93/.
Dambii darbaan adabbiin maallaqaa itti murtaa’e hojii gatii walgitu qabu hojjechuun adabbii
maallaqichaa akka kaffaluu hayyamamuufii ni danda’a/keewwata 95/.
4.
Jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef ilaalchisee adabbichi adabbii maallaqaa qofa ni ta’a.
Tumaaleen seera kanaa keewwata 768 fi 770 akkuma eegamanitti ta’ee adabbiin maallaqichaa qarshii
kudhanii hanga qarshii kuma tokkoofi dhibba lamaa gahuu ni danda’a.
Keewwata 753. Haala Adabbiin Maallaqaa Hojii Dirqamaatti Jijjiiramuu
1.
Adabbiin Maallaqichaa yeroo murtaa’e sana keessatti kan hinkaffalamne yoo ta’e, hunda isaa yookiin
adabbii maallaqaa hin kaffalamiin hafe galii argatu irra hirrisuun mootummaaf galii akka taasisu waliin
hojii dirqamaa bilisummaa dhuunfaa hir’isuu yookiin hin hir’isnetti akka jijjiiramu manni murtichaa ni
ajaja.
2.
Manni Murtichaa bu’uura tumaalee waliigalaa seera kanaa rogummaa qabuutiin yeroo hojiin dirqamichaa
itti turu ni murteessa/Keewwata 96 fi 103/.
Keewwata 754. Adabbii MaallaqaaBalleesiitoota Loltootaafi Dargaggoo Irratti Murtaa’u Galchuu
1.
Loltuun tokko seera idilee darbuun balleessaa kan raawwate yoo ta’e; adabbii maallaqaa isatti murtaa’e
yookiin adabii maallaqaa osoo hin kaffalamin hafe galchisiisuuf manni murtichaa yeroo murtaa’eef
mindaa loltichaa irraa akka hir’ifamu ajajuu ni danda’a
2.
Dambii darbichi balleessaa dargaggoo yommuu ta’u manni murtichaa ulfaatina badichaa, haala jireenyaa
balleessichaa, akkasumas akeekkachiisummaa adabbichaa tilmaama addaa keessa galchuun adabbii
maallaqichaa daangaa malu keessatti ni murteessa.
Baalleessichi dargaggoon adabbii maallaqichaa kan hin kaffallee yoo ta’e manni murtichaa bu’uuraa haala
dubbichaatiin rogaqabeessa ta’een akkaataa isatti mul’atteen adabbii maallaqichaa gara hidhaa mana
turmaataa dargaggootaaf murtaa’uutti ni jijjira.
Keewwata 755. Beenyaa Miidhamaafi Hamilee
281
Haallawwan Dubbichaa rogaqabeessa ta’anii yoomuu argaman miidhaamitichi miidhaa dambii darbaan
isaarraa ga’eef mirgi beenyaa hamilee yookiin wantootaa (material) gaafachuu isaa akkuma eegamettidha
/Keewwata 101 fi102/.
Kutaa lama
Adabbiilee Dabalataa
Keewwata 756. Akeekkachiisaafi Qeeqa.
1.
Hidhaa mana turmaataa, hojii dirqamaa yookiin adabbii maallaqaa irratti dabalataan manni murtichaa
jechaan yookiin barreeffamaan balleessicha akeekkachisuu, qeequu, itti dheekkamuu yookiin
miihdamticha dhiifama akka gaafatu taasisuu ni danda’a/Keewwata 222/.
2.
Manni murtichaa badiin raawwatame baayyeen salphaa ta’uu isaa kan tilmaame yoo ta’e, yookiin sababa
adabbiin itti salphatu kan qabu ta’ee yommuu argu qooda adabbiilee muummee adabbii armaan olitti
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsamee murteesssuu ni danda’a.
Keewwata 757.Raawwatamuu Dhabuu Adabbii Mirgarraa Mulqamuu
1.
Mirga
Hawaasummaa
yookiin
maatii,
hojii
mootumaa
yookiin
ogummaa
hojjechuu
irraa
mulquu/Keewwata 123/ dambiii darbuu irratti raawwatamoo hinta’an.
2.
Akkasumas
gonfa
loltummaa
gad
butuu
yookiin
miseensummaa
raayyaa
ittisaa
keessaa
baasuu/Keewwata 127/ loltuu dambiii darbee irratti raawwatamaa hin ta’u.
Kutaa Sadii
Tarkaanfiwwan Eeggannoo
Keewwata 758. Wabummaa Amala Gaarii
1.
Wabummaan amala gaarii ajajamuu kan danda’u gochi dambiii darguu nageenya yookiin tasgabbii
ummataa irratti yookiin nageenya namootaa yookiin qabeenyotaa irratti irra deddeebi’amee yommuu
raawwatamuu fi ni dabalama jedhamee yommuu itti amanamu qofadha/Keewwata 134/. Yeroo waggaa
tokko caaluuf wabuummaa akka kennu taasisuun hindanda’amu.
2.
Balleessichi wabummaa kennuu osoo danda’uu kan dide yoo ta’e wabummaa jedhame sana hamma
dhiyeessutti yeroo guyyaa kudha shan hincaalleef mana turtii idilee/Keewwata 748/Yookiin balleessichi
loltuu yoo ta’e mana hidhaa turtii loltootaa /Keewwata 750/ akka turu manni murtichaa ni ajaja.
Yeroo kanas dheeressuun hin danda’amu.
Keewwata 759. Dhaaluufi Mootummaaf Galchuu
1.
Nageenya, tasgabbii, fayyaa, yookiin jreenyaa gaarii ummataaf balaafamoo kan ta’an yookiin badii
dambiii daarbuu raawwachuuf akka mijaa’an /gargaaranyookiin ittiin raawwachuuf kan karoorfame
yookiin kan ittiin raawwatame mi’oonnii fi meeshaaleen balaafamoon akka dhaalaman barbaachisaafi
kan malu ta’ee yoo argame; manni murtichaa adabbiilee muummee irratti dabalataan tumaalee
282
waliigalaa seerichaa hordofuun mi’oonni jedhaman akka dhaalaman murteessuu ni danda’a/Keewwata
140/.
Nageenyaa ummataa eeguuf barbaachisaa ta’ee yommuu argamu mi’ootaafi meeshaalee balaafamoo
kana eeggannoof jecha dursanii dhaaluun ni danda’ama /Keewwata 141/.
2.
Akkasumas manni murtichaa mi’oonni yookiin meeshaaleen kun mootummaaf galii akka ta’an
murteessu ni danda’a /Keewwata 100/.
Keewwata 760. Jaarmiyootafi Hayyama Hojii Dhorkuu
Badiin dambiii darbuu fayyadama hayyama hojii yookiin bulchiinsa jaarmiyaa waliin quunnamtii qabu irraa
deeddeebi’amee yoomuu raawwatametti waraqaa hayyama hojii deebisanii fudhachuun/Keewwata 142 /
yookiin jaarmiyaa cufuun yookiin hojii isaa dhorkuun /Keewwata 143/guutummaanis ta’e gartokkeen
murteessuun kan danda’amu yeroo murtaa’e qofaafiidha.
Yeroon murtiilee eeggannoo kanneenii haala kamiiniyyuu ji’a jaha kan caalu ta’uu hindanda’u. Manni
murtichaa tokkoon tokkoon haalichaa yeroo itti turuufi daangaa dubbichaa ifattini murteessa.
Keewwata 761. Haalawwan Gurguddoo Dhaaluufi Dhorkuun Raawwatamoo Itti Ta’an
Tarkaanfileen mi’ootaafi meeshaalee dhaaluu, yookiin mootumaaf galii taasisuu, hayyama deebisanii
fudhachuu, jaarmiyaan akka hin hojjenne dhorkuu yookiin cufuu kan murta’an keessumattuu:
(a) Maallaqa yookiin bulchiinsa/Keewwata 784-791/;
(b) Sabquunnamtii fi beeksisa/Keewwat 804 fi 812/;
(c) Meeshaa
waraanaafi
rasaasota,
abidda,
wantoota
dhoo’an
yookiin
balaafamoo
ta’an
too’achuu/Keewwata 808 fi 829/;
(d) Hoteelotaafi iddoowwan bashannanaa too’achuu /Keewwata 820 fi 821/;
(e) Eegumsa fayyaa ummataa too’achuu, keessumattuu kan akka wantoota summaa’aafi adoochaa,
qorichoota (dawaalee), alkoolota, dhugaatiilee, nyaataawwan yookiin walumaagalatti mi’oota karaa
seeraan alaatiin qopheessuu yookiin daldaluu/Keewwata 918 fi 831-834 /;
Dhimmoota ilaallatan irrattidha.
Keewwata 762. Bilisummaa Dhuunfaa Dhorkuufi Hir’isuu
1.
Dhorkichi barbaachisaa fakkaatee yommuu itti mul’atu, keessumattuu balleessichi amaleeffataa kan ta’e
yookiin amaleeffachuun isaa hin hafu jedhamee kan tilmaamame yoo ta’e; gara iddoowwan gochoota
dambiii darbuu raawwachuuf mijaa’anii yookiin kakaasan/jajjabeessan/ tokko tokkoo akka hingeenye
manni murtichaa murteessuu ni danda’a/Keewwata 145/.
Yeroon dhorkichi itti turu murticha keessatti kan murtaa’u yoo ta’u, haala kamiiniyyuu ji’a jaha caaluu
hindanda’au
283
2.
Bakka murtaa’e tokko jiraachuu yookiin oolanii buluu irraa dhorkuun, dirqamni iddoo yookiin naannoo
tokkotti murta’ani jiraachuu, too’annoo jalatti akka eegamu taasisuun, sanadoota oofiisalaa’aa
fudhachuun, biyaa keessa akka hinjiraanne yookiin biyyaa akka ba’u taasisuuni fi kana kan fakkaatan
tarkanfileen biroon bilisummaa dhuunfaa hir’isan/Keewwata 146-150/ dambii darbaa irratti
raawwatamoo hin ta’an.
Kutaa Afur
Tarkaanfilee Beeksisuu
Keewwata 763. Abbaa Aangoo Dhimmichi Ilaallatutti Beeksisuufi Murtii Ummataaf Ibsuu
1.
Beeksisuun barbaachisaa fakkaatee yommuu argamu hundatti manni murtichaa dhimmicha abbaa
aangoo dhimmichi ilaallatutti beeksisuu qaba/keewwata 154/.
2.
Akkasumas faayidaaleen ummataa yookiin dhuunfaa yommuu dirqisiisan murtichi ummataaf ni
ibsama /keewwata 155/.
Keewwata 764. Galmee Yakkamtoota Irratti Galmeessuu
1.
Manneen murtii seenaa himatamtichaa yeroo darbee sirriitti akka beekan adabbiileen dhumaa dambiii
darbuu ilaalchisee kennaman tumaalee waliigalaa seera kanaa hordofuun galmee yakkamtootaarratti
akka galmaa’an manni murtichaa ni murteessa /keewwata 156/.
2.
Wantoota galmee yakkamtootarratti galmaa’an nama biroof ibsuun bu’uura tumaalee yakkoota
ilaalchisee ibsamaniitiin kan qajeelfamu ta’a/Keewwata 156/.
Boqonnaa Lama
Akkaataa Raawwii Adabbii
Keewwata 765. Adabbii Dhorkuufi Korooraan/sharxiin/ Hiikuun Kan Hindanda’amne Ta’uusaa
Gochoonni dambiii darbuu addummaa amala isaaniirraa kan ka’een mijaa’ina hojmaatichaaf adabbiin isaa
akaakuu tokkofi salphaa ta’ee si’oominaan akka raawwatamu barbaachisaa waan ta’eef adabbiin osoo hin
murtaa’in yookiin osoo hin raawwatamin akka turu taasisuu akkasumas korooraan/sharxiin/hikuu
tumaaleen ilaallatan dambiii darbuuf raawwatamoo hinta’an /Keewwata 190 irraa hanga 200/.
Keewwata 766. Adabbii Salphisuu
1.
Sababoonni adabbii salphisan kan argaman yoo ta’e/Keewwata 745 (1) /qooda hidhaa mana
turmaataa balleessichi hojii dirqamaa akka hojjetu yookiin adabbii maallaqaa akka kaffalu manni
murtichaa murteessuu ni danda’a. Manni Murtichaa adabbii xiqqaa idilee seeraan murtaa’e osoo gad
hin darbin murteessuu qaba.
Dheerinni fi hammi isaa kan murtaa’u sadarkaa balleessummaa raawwatichaatiin ta’a
284
2.
Badichi salphaa yommuu ta’etti miidhaan raawwatame xiqqaa ta’ee yommuu mul’atuufi keessumattu
gochichi dambiii darbuu badii jalqabaa yookiin of eeggachuu dhabuun kan raawwatame yoo ta’e;
manni murtichaa qeeqa, dheekkamsa yookiin akekkachisa fuulduraaf ta’uuf kennuufii qofaan bira
darbuu ni danda’a.
Keewwata 767. Adabbii Cimsuu Idilee
Sababoonni waliigalaa adabbii cimsan kan mudatan yoo ta’e/Keewwata 745(2)/ manni murtichaa
adabbicha kan cimsu seerichaan isa murtaa’e osoo hindarbin ta’a/keewwata 183/.
Keewwata 768. Badiin Yommuu Dachaa Ta’u Adabbii Cimsuu
1.
Badiiwwan dambiii darbuu qabatamoo ta’an dacha ta’anii yommuu argaman adabbiin tokkoon tokkoon
isaaniitiif murtaa’e walitti ida’amee murta’a . Ida’amni adabbiilee adabbii ol’aanaa idilee keewwata 747
yookiin keewwata 752 jalatti tumame caaluu ni danda’a. Ta’us, adabbiin hidhaa mana turmaataa isaa
waggaa tokko, adabbiin maallaqaa isaas qarshii kuma tokkoo fi dhibba lama caaluu hindanda’u.
Jaarmiyaa namuummaan seeraa kennameef ilaalchisee adabbiin maallaqichaa qarshii kuma shan
hincaalu.
2.
Gocha tokkoon tumaaleen dambiii darbuu tokko ol yommuu cabnitti manni murtichaa yaada murtiilee
waliigalaa hordofuun adabbicha cimsuu ni danda’a/Keewwata 187/.
Keewwata 769. Yommuu Irra Deddeebi’ummaatti Adabbii cimsuu
1.
Badiin dambiii darbuu inni haaraan yommuu raawwatametti badii dambiii darbuu akaakuu kamiyyuu
darbe ilaalchisee adabbiin murtaa’e guutummaan yookiin dhiifamaan yookiin darbiinsa yerootiin hafaa
ta’e irraa eegalee waggaan tokko yoo darbe akka badii daddabalameetti/ irra deddeebi’ameetti
hinlakkaa’amu.
2.
Badiin irra deddeebiin raawwatameera yommuu jedhamutti manni murtichaa gocha dambiii darbuu
isa haaraa ilaalchisee adabbii ol’aanaa isa idileen hindaangeeffamu. Haalawwan dubbichaa fi sadarkaan
balleessummichaa
sababa
gahaa
yommuu
argamsiisutti,
keessumattuu
badiidhumaa
sana
amaleeffachuun kan daddabale yoo ta’e, manni murtichaa adabbii ol’aanaa dambiii darbuu adabbiilee
adda addaa ilaalchisee ibsame hanga dachaa isaatti murteessuu ni danda’a/Keewwata 747 fi 752/.
Keewwata 770. Dachummaafi Irraa Deeddeebi’amuu
Irra deddeebi’ummaan balleessaa fi dachummaan yakkaa walfaana yommuu argaman adabbichi
bu’uura keewwatoota lamaan armaan olitti ibsamaniitiin ni murta’a. Ta’us, hidhaan mana turmaataa
isaa waggaa lama; adabbiin maallaqichaa namoota dhuunfaa ilaalchisee qarshii kuma lamaa fi dhibbaa
afur; jaarimiyaa namummaan seeraa kennameef ilaalchisee qarshii kuma kudhan caaluu hindanda’u.
Boqonnaa Sadii
Haalawwan Himannaan Itti Dhiyaatu, Himannaafi Adabbiin Itti Dhorkamuufi Haafaa Itti Ta’u.
Keewwata 771. Akkaataa Himannaan Itti Dhiyaatu.
285
1.
Sababa seera dambiii darbuu kana yookiin seerota addaddaa yookiin danboota darbuutiin himannaan
kan dhiyaatu bu’uura qajeeltoowwan armaan gadiitiinidha.
(a) Gochi dambiii darbuu kan raawwatame qaama, kabaja bilisummaa namaa yookiin qabeenya dhuunfaa
irratti yoo ta’e; himannichi dhiyaachuu kan danda’u, midhamtichi ofuma isaatii yookiin bakka
bu’aa/abbaanaa/ isaa kan bu’uura dambiiilee idilee seeraa Hariiroo Hawwasaatiin hayyamameefi fi
dandeettiin /aangoon/kennameef yookiin namni mirga qabbu iyyannoo dhuunfaa yommuu
dhiyeeffatudha.
(b) Seera, ajaja, dambiii yookiin qajeelfama bulchiinsaan yookiin abbootii aangoo kutaa raawwachiistuu
ba’e cabsuun badiin dambiii darbuu kamiyyuu kan himachiisuufi kan adabsiisu manni hojii yookiin
jaarmiyaan kutichaa iyyannoo dhuunfaa yommuu dhiyeeffatu qofadha.
(c) Dhimmoota dambiii darbuu biroo hunda ilaalchisee himannicha kan dhiyeessu abbaa alangaa ta’ee
bu’uura sirna seera Falmii Yakkaatiin ta’a.
2.
Badiiwwan dambiii darbuu loltummaa qofa ta’aniif raawwatamoo kan ta’andambiiilee naamusaa
raayyaa ittisaati.
Keewwata 772. Haalawwan Iyyannoon Dhunfaa Itti Dhiyaatu.
Himannaan dambiii darbuu akka ilaalamuuf iyyannoo dhuunfaa dhiyeeffachuun barbaachisaa ta’uun isaa
seeraan kan tumame yoo ta’e/Keewwata 771/; haala fi yeroo himannaan ittidhiyaatu akkasumas mirga
iyyannoo kan ilaallatan tumaaleen waliigalaa raawwatamoo ni ta’u/Keewwata 211-213/.
Keewwata 773. Darbiinsa Yeroo
Gocha dambiii darbuu akaakuu kamiyyuu yoo ta’e osoo himannaan irratti hindhiyaatin waggaa tokko yoo
darbe; adabbiin murtaa’es osoo hinraawwatamin waggaa lama yoo darbe darbiinsa yerootiin ni dhorkama.
Jalqabamuu, dhorkamuu, addaan cituufi xumura dhumaa darbiinsa yeroo kan ilaallatan tumaaleen
waliigalaa/keewwata 219 hanga 222 fi 225-228/ raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 774. Dhifamaafi Baraarsa
Adabbiilee dambiii darbuu bu’uura haalawwan waliigalaa seera yakkaa keessatti tumamanin dhiifamaan
yookiin baraarsaan hafoo akka ta’an taasisuun ni danda’ama/Keewwata 229 hanga 231/.
Keewwata 775. Moggafamuu
Namni adabbiin itti murta’e; adabbichi hundi yookiin gartokkeen erga raawwatamee yookiin darbiinsa
yerootiin erga dhorkamee yookiin dhiifamaan erga haqamee waggaa tokko booda haalduree tokko malee
maqaan isaa qulqulluun ni deebi’aaf.
286
Kitaaba Sadeettaffaa
Kutaa Addaa
Mataduree Tokkoo
Badiiwwan Dambiii Darbuu Faayidaalee UmmataafiHawwasummaa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokkoo
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 776. Tumaa Waliigalaa Badiwwan Dambiii Darbuu Mataduree Kan Jalatti Ifatti
Hinhaammatamne Ilaallatu
Namni Kamiyyuu halawwan mataduree Kanaan addatti ibsamaniin ala:
(a) Amanamummaa mootummaa, maallaqa, badhaadhinaa fi ofitti amanummaa ummataa; yookiin
(b) Sirna hawaas, nageenya, tasgabbii, fayyaa fi naamusa gaarii ummataa; yookiin
(c) Geejjiba lafarraa, qillensarraa, lagaafi gaalaana irraa akkasumas sirna idilee, nageenya yookiin
bilisummaa quunnamtii postaa fi talakoomunikeeshinaa; yookiin
(d) Walumaagalatti galii ashuuraafi gibiraa, gumuruuka, dinagdee, nyaata, fayyaa, eegumsa bosonaa
yookiin dhimma imaammata mootummaa; ilaalchisee eeguuf, haala gaariin qabuuf yookiin irra
deebi’anii dhaabuuf seera,dambiii, ajaja, qajeelfama yookiin tarkaanfii eeggannoo abbaa aangoo
dhimmichi ilaallatuun ba’e kan cabse yoo ta’e;
Goochichi tumaa ifa seeraa yakkaatiin yookiin seera addaatiin kan hin adabsiisne yoo ta’e bu’uura
tumaalee armaan oliitti ibsamaniin murtaa’uun adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana
turmaataan ni adabama/Keewwata 747 fi 752/.
Keewwata 777. Hirmaannaa Jarmiyaan Namummaan Seeraa Kennameef Adabbii Dambiii Darbuu
Keessatti Qabu
1.
Itti gaafatamaan yookiin hojjetaan jaarmiyaa namummaan seeraa kennameefii haala hojii
jaarmiyichaa waliin walqabateen fayyidaa jaarmiyichaa karaa seera alaan tarkaanfachiisuuf
yaaduun yookiin dirqama seeraa jaarmiyichaa cabsuun; yookiin jaarmiyichaatti garmaalee
meeshummaan fayyadamuun dabnii darbummaan/Keewwat 32 fi 34/ seera, dambiii yookiin
qajeelfama cabsuun tumaalee mataduree kanaan ibsaman keessaa tokko yommuu darbu,
jaarmiyaan isa mindeesse akka dambiii darbaatti lakka’amee bu’uura keewwata 752 fi 768-770
seera kanaatiin ibsameen ni adabama.
2.
Haala keewwata xiqqaa (1) armaan olii jalatti ibsameen badiin dambiii darbuu yommuu
raawwatamu gahee hojii gaggeessuu jarmiyichaa keessatti qabu irraa kan ka’een badichaa dambiii
287
darbuu keessatti kan hirmaate itti gaafatamaan yookiin hojeetaan jaarmiyichaa bu’uura tumaalee
rogaqabeesa mata duree kana jalatti ibsamaniin ni adabama.
Boqonnaa Tokko
Gochoota Dambiii Darbuu Faayidaalee Mootummaafi Ummataarratti Raawwataman.
Kutaa tokko
Gochoota Dambii Darbuu Amantaa Mootummaaafi Ummataarrattii Raawwataman
Keewwata 778. Maallaqa Seeraqabeessa Fuuchuu Diduu
Namni Kamiyyuu maallaqa biyyaa gatii seeraan murtaa’e qabu, albuuda yookiin waraqaa irra hojjetame
sababa gahaa osoo hinqabaatiin hinfuudhu kan jedhe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turtiitiin ni adabama.
Keewwata 779. Maallaqa Sobaa Of Harkaa Qabaachuu Beeksisuu Dhabuu
Namni kamiyyuu albuudarraa yookiin waraqaarraa kan hojjetame maallaqa sobaa yookiin kan gara sobaatti
jijjirame isa dhugaa se’ee erga fuudhee booda maallaqni kun sobaa ta’uu isaa yookiin gara sobaatti kan
jijjirame ta’uu isaa akka beekeen baattalatti haalli naannichaa hanga hayyameefiin; kan beeku yoo ta’e
bakka irra dhufe, yoo kana ta’uu baate ammo maallaqni sobaa yookiin gara sobaatti jijjirame kun isa harka
jiraachuu isaa abbaa aangoo dhimmichi ilaallatutti osoo hin beeksisin yookiin maallaqicha dabarsee osoo
hinkennin kan hafe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 780. Safartuuleefi Madaalota Seera Qabeessa Hintaanetti Tajaajilamuu
Namni kamiyyuu seera yakkaatiin kan tumameen alatti/Keewwata 367/:
(a) Quunnamti daldalaa kanneen biroo waliin raawwatu keessatti seeraan qoratamee kan hin hayyamamne
yookiin seera, dambiii yookiin qajeelfama dhimma kanaa waliin kan walhinsimne meeshaa safaraa yookiin
madaalaatiin osoo hojjetuu kan argame yoo ta’e; yookiin
(b) Walumaa galatti seera
dambiii yookiin qajeelfama dhimma mirkaneessa sirruummaa safartuulee fi
madaalota seeraqabeessa, madaalotaa fi safartuulee qorachuu fi fayyadamuu ilaalchisee bahe kan cabse yoo
ta’e;
Adabbiin dhaaluu kan eegame ta’ee hidhaa mana turmaataan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
288
Keewwata 781. Waraqaalee Geejjibaa Yeroon Isaanii Darbeen Yookiin Gara Sobaatti Jijjiramaniin
Fayyadamuu
Namni kamiyyuu akka dhugaqabeessa yookiin gatiqabeessa taasisee waraqaa yookiin tikeetii geejjibaa
ummataa gara sobaatti jijjirameen yookiin yeroon isaa itti darbeen yookiin itti hojetameen kan tajjajilame
yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 782. Maqaa Gonfaafi Waraqaa Ragaaa Waliindha’uun Fudhachuu fi Itti Tajaajilamuu
Namni kamiyyuu gocha seera yakkaan kan tumameen ala ta’een faayidaa maallaqaa yookiin sammuu
hinmalle argachuuf karoorfachuun/Keewwata 385/:
(a) Waraqaa Ragaaa dandeetti yookiin diippiloomaa yookiin waraqaa gonfaa barnootaa yookiin hojjii
argachuuf jecha qormata, dorgommii yookiin galmaa’uu irratti gocha waliindha’uu kan raawwate
yoo ta’e; yookiin
(b) Dippiloomaa, Waraqqa barnootaa yookiin maqaa gonfaa hinqabne
yookiin mirgi isaa hin
hayyamneef kan qabu fakkeessee kan dhiyeeffate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 783. Niishaanota Siviiliifi Maallattoolee Gonfaa Seeraan Alan Hojjechuu, Isaan Kanaan
Daldaluufi Wantoota Kana Godhachuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Hayyama Seeraqabeessa osoo hin qabaatiin niishaanota siviilii, madaalota yookiin maallattoolee
gonfaa kan hojjete yookiin gara sobaatti kan jijjiire yookiin imaanaan kan kaa’e yookiin kan dabarse
yookiin ummataatti kan gurgure yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e;
(b) Hojii akkanaatti niishaanota gara sobaatti jijjiiramaniin yookiin madaalotaan yookiin isaanitti
tajjajilamuuf mirga osoo hinqabaatiin niishaanotatti yookiin maallatolee addummaatti kan
tajjajilame yookiin kan godhate yoo ta’e;
Adabbiin irra dhaalamuu isaa osoo hin hafin adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataatiin
ni adabama.
Kutaa Lama
Badiiwwan Dambiii Darbuu Galii Ashuuraafi Gibira, Dhimmoota Fayyinaansiifi Bulchiinsa
Irratti Raawwataman,
Keewwata 784. SeerotaAshuuraafi Gibiraa Cabsuu
Namni kmiyyuu haalawwan bu’uura keewwata 343-345 seera yakkaa kanaatiin adabsiisanuun ala:
289
(a) Galii mootummaa keessumattuu ashuura, gibira, gumuruka, poostaa fi telekominikeshina, mirga adamoofi
qurxummii qabuu, qabeenyota uumamaa lafarratti yookiin lafa keessatti argamanitti fayyadamuu yookiin
mirga kana akkaataabiroo kamiyyuu maddawwan galii; yookiin
(b) Tambeera, beeksisoota maxxanfaman, ashuuraa, galmeeffama, jijjiirraa maqaafi kanneen amala akkanaa
qaban maallaqni kan ittiin kaffalamu ilaalchisee seera, dambii yookiin qajeelfama kan cabse yoo ta’e
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataatiin ni adabama.
Keewwata 785. Warqee, Maallaqa Callafi Sharafa Biyyaa Alaatiin Seeraa Alan Hojjechuu Ilaalchisee
Seera Bahe Cabsuu
Namni kamiyyuu haala seera yakkaa keewwata 346 jalatti ibsameen ala haala murtaa’een, daangaan,
to’annoon yookiin eegumsa addaatiin, qaqbeenyaa biyyaa yookiin biyyaa alaa kan ta’e hojiin daldalaa
yookiin sharafni ittiin raawwatamu warqee yookiin maallaqa callaa akaakuu kamiyyuu ilaalchisee seera,
dambii yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba sadii hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a sadii hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 786. Eegumsa Albuudota Gatijabeessa Ilaalchisee Seerota Bahan Cabsuu
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 347 tiin adabsiisaniin ala eegumsa albuudota
gatijabeessa, to’annoo, abbaa qabeenya ta’uu, bittaa yookiin gurgurtaa ilaalchisee seera, dambii yookiin
qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 787. Sanadoota, Aksiyoonota Yookiin Waraqaalee Dirqamaa Daddarban Seerota Ilaallatan
Cabsuu
Namni kamiyyuu kan akka cheekii, hawaalaa(bill of Exchange), kan fakkaatan sanadoota daddarban
akkasumas seera, dambii yookiin qajeelfama aksiyoonota yookiin waraqaalee dirqamaa kan kubbaniyoota,
daldalaa yookiin industirii ilaallatan kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adaba.
Keewwata 788. Seerota Qusannaafi Baankotaa Ilaallatan Cabsuu
Namni kamiyyuu dhaabbilee yookiin kuubbaaniyoota bankii, dhaabbilee liqeessitoota ta’an, kubbaniyoota
yookiin fandiiwwan yookiin ummanni maallaqoota yookiin qusannaa akka kaawwatu yookiin hojii baankii
yookiinstookii eksichanjii (Stock exchange) keessatti akka hirmaatu waamicha kan taasisan jaarmiyaaleen
290
mootummaa yookiin dhuunfaa hundeeffamuu, banamuu, bulchiinsaafi to’annoo kan ilaallatu seera, dambii
yookiin qajeelfama kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 789. Seerota Lootariiwwanii fi Walmorkiiwwan Ilaallatan Cabsuu
(1) Namni Kamiyyuu:
(a) Abbaa aangoo dhimmi ilaallatu irraa hayyama osoo hin argatiin bu’aa argachuuf jecha
lootaariiwwan, taphaawwan walmorkii akka ogummaatti qabaman ifatti kan hundeesse;
yookiin
(b) Bu’aa argachuuf jecha hayyama malee ifatti yookiin iddoo ummataaf banaa ta’etti, yookiin
bakka walgahiif qophaa’etti tapha tirgaa yookiin walmorkiiwwan yookiin taphoota
carraa/hiree/biroo kamiyyuu mootummaandhorkaman hundeessee kan daldale yookiin; tapha
yookiin morkii akkanaa keessatti kan hirmaate; yookiin
(c) Karaa birookamiiniyyuu seera, dambii yookiin rogummaa qabu kan cabse yoo ta’e
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
(2) Kaayyoo faayidaa ummataaf yookiin gocha tola-ooltummaaf jecha lootariiwwaniifi walmorkiiwwan
akkaataa seeraatiin hundeeffaman kan adabsiisan miti.
Keewwata 790. Seerota To’annoo Gatii Ilaallatan Cabsuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Sibiilota, Shaqaxoota(Mi’oota daldalaa),Oomishaalee, mi’oota akaakuu kamiyyuu monoppoolaan
qabaman yookiin hin qabamne tarreeffama gatii mootummaan murtaa’e haala sirrii ta’een
maxxanfamee bahe caalchisee kan gurgure; yookiin
(b) Seeraan kan ajajame yookiin hayyamame keessumattuu gatii liizii tajaajila qabeenyaa yookiin kiraa
akaakuu biroo kamiyyuuf murtaa’ee olitti kan kaffalchiise yookiin kan gaafate; yookiin
(c) Karaa biroo kamiiniyyuu shallaggii gatii kan ilaallatu seera, dambii yookiin qajeelfama rogummaa
qabu kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 791. Seerota Hojjiwwan Daldaalaafi Ogummaa Hundeessuu, Adeemsisuuf To’achuuf
Bahan cabsuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa kanaan yookiin seerota addatti hojjiwwan oguummaaf yookiin
daldalaaf tumamaniin haala adabsiisuun ala jaarmiyaalee industiriifi daldalaa, artiiwwan, oggeessota,
hojiiwwan yeroo yookiin weeyitawaa yookiin waldaalee ogummaafi waldaalee akkakuu kamiyyuu seera,
291
dambii yookiin qajeelfama hayyamuuf, dandeetti barbaachisuuf, galmeessuuf, hojii isaanii adeemsisuuf
yookiin to’achuuf bahe kan darbe yoo ta’e; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Boqonnaa Sadii
Dirqamoota Loltummaa Cabsuufi Badiiwwan Dambii Darbuu Raayyaa Ittisaa, Akkasumas
Poolisiirratti Raawwataman
Keewwata 792. Badiiwwan Dambii Darbuu Loltummaa Murteessuu
Yakkoota loltummaa ilaalchisee tumaalee seera yakkaa kana keessatti/Keewwata 284-325/ haalawwan
tumamaniin ala, dirqamoota loltummaa cabsuufi badiiwwan naamusa loltummaa irratti raawwataman,
ajajaafi dambii abbaa aangoo raayyaa ittisaa dhimmi ilaallatu baasuun ni murtaa’u
Keewwata 793. Adabbiilee Naamusaa Loltummaa
(1) Yakka loltummaan balleessaa ta’ee kan argame miseensi raayyaa ittisaa gonfa qabu kamiyyuu yookiin
raayyaa ittisaa keessa kan hojjetu namni biroo kamiyyuu, booji’amaan yookiin to’atamaan waraanaa
dambii raayyaa ittisaa rogummaa qabu keessatti adabbii naamusaa ibsameen ni adabama.
(2) Haalawwan addaa isaanif addatti tumaman malee/Keewwata 319 fi 754/ namoonni kun yakkoota idilee
kan raawwatan yoo ta’e; adabbiilee idilee tumaalee idilee keessatti ibsamaniin ni adabamu.
Keewwata 794. BadiwwanDambii Darbuu Raayyaa Ittisaarratti Raawwataman
Badiin miseensa raayyaa ittisaa irratti yookiin raayyaa ittisaarratti yookiin tajaajilawwan isaaniin wal
qabatan irratti raawwatamu kamiyyuu akkasumas faayidaalee isaan kanaa ilaalchisee dambiilee, ajajoota,
tarkaanfilee eeggannoo abbaa aangoo loltummaa dhimmi ilaaluun bahan cabsuun yakkaan kan adabsiisu
yoo ta’e malee dambii darbuun adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabsiisa.
Keewwata 795. Dambichi Raayyaa Poolisiif Raawwatamaa Ta’uusaa
1.
Qajeeltowwan armaan olitti ibsaman, dirqama poolisii fi yeroo dirqamarra jiran nageenya isaaniif malu
ilaalchisee dambiilee tumaman irraatti adabiilee dambii darbuu raawwataman ilaalchisees raawwatamoo
ni ta’u.
2.
Tumaaleen hojii miseensoonni poolisii akka hojjetaa mootummaa ta’anii raawwatan ilaallatan akka
eegamanittidha.
Boqonnaa Afur
Badiwwan Dambii Darbuu Dirqamoota Hojii Mootummaafi Mannen Hojii/Abbaa
Angoo/Mootumaarratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Badiiwwan Dambii Darbuu Dirqamoota Hojii Mootummaarratti Raawwataman
Keewwata 796. Aangootti Seeraa Ala Fayyadamuu
292
Hojjetaan mootummaa Kamiyyuu seera yakkaa keewwata 407 kan adabsiisuun ala, aangoo kennameefirra
oldabarsee kan hojjete yookiin seeraa ala aangoo isaatti kan tajaajilame yoo ta’e;
Adabbii Maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 797. Mirgaa Dirqisiisuu Hangasaarraa Dabarsuu
Haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 422-424 tiin adabsiisaniin ala mana sakatta’uu, mi’a qabuu
yookiin dhaaluu, saamsuu yookiin saamsa kaasuu, qaama sakaatta’uu yookiin qorachuu, nama qabuu,
hidhuu, to’annoo jala oolchuu, jecha qorannaa fudhuu yookiin gocha biroo kana fakkaatu kamiyyuu akka
raawwatu hojjetaan mootummaa aangoon seeraan kennameef aangoo isaa kana keessumattuu tooftaa aarsu,
gaddisiisu, sirna gaarii kan hin hordofne yookiin sirri kan hin taane fayyadamuun seeraan ala kan itti
tajaajilame yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaattaan ni adaba.
Keewwata 798. Haqummaa Hir’isuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 411-419n adabsiisaniin ala
gocha haqummaa hinqabne raawwachuuf jecha aangoo kennameefitti seeraa ala kan tajaajilame yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 799. Gargaarsa Loogii Qabuu Kennuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu haala bu’uura seera yakkaa keewwata 408, 409 fi 414n adabsiisuun ala,
fayidaa dhuunfaa isaaf jecha nama dhimma isaa biraa qabu yookiin aangoo isaa jala jiru loogiin kan gargaare
yoo ta’e;
Adabbii Maallaqaan Yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a sadii hincaalleen ni adabama.
Keewwata 800. Waraqaalee Ofiiseelaa Mana Hojii Mootummaan Keenaman Maalnadhibdeen
Keennuu
Hojjetaan Mootummaa Kamiyyuu:
(a) Tooftaa mirkaneessa eenyummaa tokko baratame hunda fayyadamee eenyummaa nama sanaafi
sanada yookiin waraqaa ofiiseelaa jedhame sana fuudhuuf mirga qabachuun isaa dursee osoo hin
mirkaneeffatin nama hin beekamneef waraqaa hadarbuu/Passport/, waraqaa eenyuummeessaa,
hayyama, garagaalcha galmee yakkamtootaa (record),waraqaa ragaa amala gaarii yookiin ragaa
hiyyuummaa yookiin walumaa galatti sanda yookiin waraqaa ragaa ofiiseelaa eenyummaa nama
tokko ibsu kan kenne; yookiin
293
(b) Namni biroo abbaa sanadichaa kan hin taane yookiin sanadichatti fayyadamuuf mirga kan hinqabne
ta’uusaa osoo beekuu sanada yookiin waraqaa ofiiseelaa akaakuu akkanaatti akka fayyadamu kan
hayyame yoo ta’e; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a sadii hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 801. Dhimmoota Salphaa Ta’an, Adabbiilee Sirna Adeemsaa (Naamusaa)
Hojjetaan mootummaa tokko yommuu hojii mootummaa raawwatu balleessaa dambiii darbuu salphaa kan
raawwate yoo ta’eefi Manni Murtichaas balleessaa kanaaf tarkaanfii naamusaa fudhachuu qofti gahaa ta’ee
yoo itti mul’ate adabbii seera kana keessatti ibsame dhiisuun sababa adabbii kanaaf isa qaqqabsiise ibsuun
adabbii naamusaa yookiin bulchiinsaa isatti fakkaate murteessuuf, nama dambiii darbes hogganaa kutaa
bulchiinsaatti dabarsee ni kenna.
Kutaa lama
Balleessaawwan Dambiii Darbuu Mana Hojii Mootummaa Irratti Raawwataman
Keewwata 802. Beeksisoota Ofiseelaa Miidhuu
Namni kamiyyuu seera yakkaa kana akkaataa keewwata 432tiin haalawwan adabsiisaniin alatti, beeksisa
yookiin ibsa (Placards) ofiseelaa ifatti maxxanfame bakka isaatii kan kaase, kan baqaqse, kan balleesse, kan
haqe, kan laaqe, itti yaadee kan miidhe yookiin kan xureesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaallee yookin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan
hincaalleen adabama.
Keewwataa 803. Ibsoota Ofiseelaa Dirqisiisaa Ta’an Yookiin Wantoota Galmaa’an Kennuu Dhiisuu
Yookiin Galmeessuu Dhiisuu
1.
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa keewwata 434 tiin yookiin akkaatumaa seera addaa kan birootiin
haalawwan adabsiisaniin alatti, ibsa yookiin wanta ofiseelaa galmaa’uu qabu kennuu yookiin
galmeessisuun isa irraa eegamu yeroo seeraan murtaa’e keessatti osoo hinkenniin yookiin
hingalmeessisiin kan hafe yoo ta’e
Adabbii maallaqaa yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan hincaalleen adabama.
2. Dhimmoota fayyaa ilaallatan irratti ibsaalee ogummaa kennaman kan ilaallatu tumaan addaa /Keewwata
835/ kan eegamedha.
Keewwata 804. Beeksisa Barbaachisaa Hintaane
Namni kamiyyuu akkaataa seera yakkaa keewwata 435 fi 451 tiin haalawwan adabasiisaniin alatti gahee
hojii, mariiwwan, yookiin murteewwan mana hojii mootummaa tokko ibsuu kan dhorku seera ofiseelaa kan
darbe yoo ta’e adabbii maallaqaa yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
294
Keewwata 805. Aangoo Nama Biraatti Fayyadamuu
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa Keewwata 436tiin haalawwan bu’uura seeraan kan dhabe yookin
nama biraaf kan dabarse yookiin mana murtiitiin yookiin gonkumaa wanta dhorkame akka waan aangoo
qabuutti taasisuun beekaa kan itti fayyadame yoo ta’e adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan
ni adabama.
Keewwata 806. Abbaa Aangootiif Gargaarsa Gochuu Diduu
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa Keewwata 440 tiin haalawwan adabsiisaniin alatti dirqama hojii
isaa raawwachaa osoo jiruu hojjataan mootummaa tokko kaayyoo murtaa’e tokkoof jeeqama nageenya
ummataa, raawwii yakkaa, yookiin miliquu yakkamaa ittisuuf kan gargaaru, deeggarsa yookiin gargaarsa
baay’ee barbaachisaa akka kennuuf yommuu waamu yookiin gaafatu wanti humnaa ol ta’e osoo isa
hinqunnamin yookiin deeggarsa gaafatame osoo kennee mataa isaa irratti yookiin qabeenya isaa irratti
balaan qaqqabsiisu osoo hin jiraatiin kan dide yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaalleen
yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokkootiin ni adabama.
Keewwata 807. Ajaja Raawwachuu Dhiisuu
1.
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa Keewwata 440tiin haalawwan adabsiisaniin alatti:
(a) Maqaa isaa yookiin eenymmaa isaa akka himu, hojii yookiin ogummaa, bakka jireenya, teessoo yookiin
haala dhuunfaa isaa kan ilaallatu dhimmoota kan biroo tarreessuun akka ibsu;
(b) Akka dhaabbatu yookiin sochoa’u/deemu, daandii darbiinsa ummataa akka gadi lakkisu, sanadoota
qabate, meeshaalee imalaa yookiin wantoota shakkisiisaa ta’an kamiyyuu akka sakattaasisu yookiin
ajaja kana fakkaatu kan biroo kamiyyuu akka raawwatu hojjataa mootummaa dirqama hojii isaa bahaa
jiruun yommuu gaafatamu yookiin ajajamu hayyamamaa kan hintaane yoo ta’e
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko
hincaalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu keewwata kana keewwata xiqqaa (1) (a) keessatti dhimma ibsame ilaalchisee
odeeffannoo hintaane kan kenne yoo ta’e adabbii walfakkaatuun adabama;
Boqonnaa Shan
BadiwwanDambii Darbuu,Tasgabbii, Nageenyaafi Nagaan Jiraachuu Ummataa Irratti Raawwataman
Kutaa Tokko
BadiiwwanDambii Darbuu,Nageenya Ummataa Irratti Raawwataman
295
Keewwata 808. Meeshaalee Waraanaafi Rasaasota To’achuu
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa Keewwata 481 tiin haalawwan adabsiisaniin ala :
(a) Meeshaalee dhukaasaa yookiin meeshaalee waraanaafi rasaasota kan biroo hojjachuu, oomishuu,
dabarsanii kennuu, to’achuu, kanumaan daldaluu yookiin itti tajaajilamuu ilaalchisee seera, dambiii
yookiin qajeelfama kan darbe yookiin;
(b) Nama hin hayyamamneef keessumattuu ijoollee umuriin isaanii gaa’ilaaf hingeenyeef osoo beekuu
meeshaalee waraanaa yookiin rasaasawwan kan gurgure yookiin dabarsee kan itti kenne yookiin
hordoffii barbaachisaa osoo hintaasisin
akka itti fayyadamu kan hayyame yoo ta’e Adabbii
maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 809. Meeshaa Waraanaa Dhorkamaa Qabachuu fi Kanumaan Fayyadamuu
Namni kamiyyuu meeshaa waraanaa akka qabaatu yookiin akka qabatu hinhayyamamneef ifatti yookiin
iddoo ummanni jirutti qabatee yoo argame yookiin kan hayyamameef yoo ta’es yeroo yookiin iddoo
dhorkametti meeshaan kan fayyadame yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko gahuun yookiin
hidhaa mana turmaataa hanga guyyaa saddeet gahuun ni adabama.
Keewwata 810. Lammiiwwan Biyya Alaa To’achuu
Namni kamiyyuu akkaataa Seera Yakkaa Keewwata 243tiin adabsiisuun ala, daddabarsuu lammiiwwan
biyya alaa (transit), biyya keessa galuu beeksisuu, yeroo murtaa’eef yookiin hin murtoofneef jiraachuu
yookiin seera, dambiii yookiin qajeelfama hordoffii (to’annoo) jiru kan darbe yoo ta’e adabbii maallaqaa
yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 811. Hayyama Malee Maqaa Jijjiiruu Yookiin Maqaa Biroon Waamamuu
(1) Namni kamiyyuu eenyummaa isaa dhoksuuf yookiin to’annoo abbaa aangoo dhimmi ilaalu jalaa miliquuf
yaaduun karaa seeraa alaan maqaa sobaa ofii kennee, maqaa isaa isa dhugaa kan jijjiire yookiin
sanumarratti maqaa biroo kan dabale yookiin maqaa nama biroon kan fayyadame yoo ta’e;Adabbii
maallqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
(2) Ittifayyadamni maqaa dhugaa hintaane kan ogummaa, ogbarruu, yookiin kan kanafakkaatu seera
qabeessa ta’e yookiin maqaa masoo barmaatileen beekamu bu’uura keewwata kanaatiin kan adabsiisu
miti.
Kutaa Lama
Badiiwwan Dambii Darbuu Nageenya, Tasgabbii fi Sirna Ummataarratti Raawwataman
Keewwata 812. Sabquunnamtii Ummataafi Beeksisa Eegsisuuf Seerra Bahe Cabsuu
Namni kamiyyuu sanadoota maxxanfaman, beeksisoota ummataa, barreeffamootaafi fakkiiwwan iddoo ifa
ta’etti maxxanfaman yookiin ergaa raadiyoon, televiziyoonaan, interneetaan yookiin sabqunnamtii biroon
296
darbu maxxansiisuu, beeksisuu, kuusuu, gurguruu, raabsuu yookiin to’achuu ilaalchisee seera, dambii
yookiin qajeelfama bahe kan darbe yoo ta’e;
Adabbii Maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 813. Ibsawwan, Oduu Yookiin Beeksisoota Naasisoo
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 485 fi 486n adabsiisaniin ala, jireenya gaarii
yookiin tasgabbii ummataa jeequuf karoorfaman yookiin jeequu danda’an oduu sobaa, arbeeffaman,
waldhahan kan ibse, kan tamsaase, abbaa aangootti kan beeksise, yookiin kan iyyate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 814. Mallattoo Balaa Sobaa Kennuu
Namni kamiyyuu waamicha gargaarsaa barbaachisaa hintaane beekaa taasisuun yookiin ergaawwan sobaa
dabarsuun:
(a) Manneen hojii tajaajila yookiin qajeelchota gargaarsaa, tajaajilawwan geejjibaa, yaalaa yookiin
balaarra baraarsan poolisii, ittisa balaa ibiddaa yookiin tajaajilawwan biroo kana fakkaatan; yookiin
(b) Hakiimoota yookiin namoota hojii yaalaa hojjetan waamicha kanaaf akka socho’an kan taasise yoo
ta’e; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 815. Hojii, Nageenyaafi Boqonnaa Namoota Biroo Jeequu
(1) Namni kamiyyuu keessumattuu lola yookiin jeequmsa kaasuun, iyyaan, sirbaan, didichuufi wacaan
mallattoolee sagalee iyyaa kennaniin, wantootaan, yookiin bilbilaan (bell), konkolaattota iyyaniin,
meeshaalee yookiin mi’oota sagalee kennan biroon seeraan ala tajaajilamuun hojii, boqonnaa
yookiin nageenya namoota biroo kan jeeqe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokkoo hin caaleen adabama.
(2) Iyyichi yookiin jeequmsichi kan raawwatame bu’uura dambii poolisiitiin yookiin barmaatileen
murtaa’een halkan yoo ta’e, yookiin dhiheenya hospitaalotaa, manneen barnootaa yookiin
dhaabbilee kana fakkaatan yoo ta’e; yookiin walumaagalatti ittiyaadamee hammeenyaan yookiin
dabaan kaka’uun kan ta’e yoo ta’e; Manni murtichaa adabbii maallaqaa yookiin hidhaa mana
turmaataa ji’a tokko gahuu danda’u murteessuu ni danda’a
Keewwata 816. Hasawaa Amantii Arrabsuufi Salphisu
Namni Kamiyyuu haala bu’uura seera yakkaa keewwata 492 fi 493n adabsiisuun ala, iddoo ummatani
arguufi dhagahuu danda’utti mallattoon yookiin haasawaan amantii, sirna amantii, mallattoolee yookiin
tajaajiltoota amantii haala tuffachiisu kan agarsiise, kan arraabse, kan salphise yookiin haala miira
yookiin waaqeffannaa nama biroo tuquun kan dubbate yoo ta’e;
297
Adabbiimaallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 817.Guyyaa Ayyaanaa Kabajuu
Namni kamiyyuu dirqamaan akka kabajaman seeraan kan murtaa’an akkaataa kabaja ayyaanotaa eeguu
ilaalchisee seera, dambii yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa saddeet hincaalleen ni adabama.
Keewwata 818. Balaa Alkooliin Qaqqabsiisu Ittisuu
Namni kamiyyuu seera yakkaan kan tumameen ala:
(a) Dhugaatiiwwan alkooliifiispiirtoo qaban warshaatti hojjechuufi isaan kanaan daldaluu ilaalchisee
seera, ajaja, yookiin dambii to’annoo bahe kan darbe yoo ta’e;
(b) Yeroo seeraan hayyamameen ala sa’aatii ta’etti manneen daldalaa ummataaf banaman keessatti
dhugaatiiwwan alkoolii kan gurgure, kan bite, kan dhuge yoo ta’e;
(c) Dhugaatiiwwan alkoolii qaban kana namoota gaa’ila hin geenyeef, sammuun isaanii sirrii waan
hintaaneef ittigafatamummaa guutuun kan hin gaafatamneef yookiin baay’ee machaa’uun isaaniifi
balaafamoo ta’uun isaanii ifatti kan mul’ataniif baay’ina hanga ol ta’e iddoowwan ummataaf banaa
ta’anitti kan gurgure, kan kenne yookiin kan dhiheesse, akka itti kennaman yookiin akka itti
gurguramaan kan taasise yoo ta’e;
(d) Waltajjii ummanni walitti qabamu yookiin ummataaf kan banameefi idddoo ummanni ilaaluutti itti
yaadee namni biroo akka machaa’u kan amansiise nama biroo kan macheesse yookiin ofiisaa kan
machaa’e yoo ta’e;
Adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaaa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 819 Machaa’uun Yookiin Wanta Sammuu Jeequ Dhamdhamuun Uummata Jeequu
Namni kamiyyuu waltajjii ummataatti hojii nama qaanessuufi salphisu kan raawwate,
haasawaa
sodaachisuu kan dubbate yoo ta’e;
Gama kutaa bulchiinsaan irratti raawwatamuu kan qaban adabbiileen eeggannoo eegumsa tasgabbii kan
irratti raawwataman ta’uun isaanii osoo hinhafiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaalleen
yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa saddeet hincaalleen ni adabama.
Keewwata 820 Manneen Nyaataafi Dhugaatii Eeguufi To’achuu
Namni kamiyyuu abbaa manaa, hojii gaggeessaa, abbaa qabiyyee yookiin eegduu mana dhugaatii, mana
nyaataa, mana ciisichaa, yookiin hoteelaa kamiyyuu ta’e manneen daldalaa kanaaf seera, dambii yookiin
qajeelfama bahe kamiiniyyuu kan darbe yoo ta’e, keessumattuu,
298
(a) Mirga daldalichatti fayyadamuu, sirna
adeemsa daldalichaafi mirkaneessa tajaajila daldalichi
hawaasaaf kennu; yookiin
(b) Seera, dambii yookiin qajeelfama haala sa’aatii daldalichi itti banamu yookiin itticufamu yookiin
to’annoo biroo kamiyyuu ilaalchisee bahe kan darbe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 821 Manneen Tiyaatiraafi Bakkawwan Bashannanaa Ummataa Eeguu
Abbaan qabeenyaa, gurmeessaan, hojii gaggeessaan, abbaan qabiyyee, dursaan(director) yookiin bakka
bu’aa(abbaanaa) mana siniimaa, mana tiyaatiraa yookiin mana bashannanaa ummataa akaakuu kamiyyuu
seera, dambii yookiin qajeelfama manneen siniimaa, manneen tiyaatiraa yookiin manneen bashannanaa
ummataa akaakuu kamiyyuu ilaalchisee bahe kan darbe yoo ta’e; keessumattuu:
(a) Hojicha hundeessuu yookiin ummatatti agarsiisuuf hayyama argachuu yookiin seera kana
keewwata 826n kan ibsameen ala nageenya isaaniifi akkaataa gaggeessaa hojii isaanii ilaalchisee;
yookiin
(b) Waa’ee naamusa gaarii, faayidaa sirna (tasgabbii) ummataa yookiin daa’immaniifi dargaggoota
gaa’ila hingeenye eeguu, dhimma qorannoofi mirkaneessa duraa hundaa’e; yookiin
(c) Iddoowwan tiyaatiraa, siniimaa, fiilmiin itti agarsiifaman sa’aatii ittibanaman, itti cufaman yookiin
agarsiisni bashannanaa itti dhihaatan yookiin iddoowwan yookiin dhaabbattoota kana to’achuuf
seera, dambii yookiin qajeelfama bahe kan darbe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 822 Beelladoota Haala Suukanneessaan Dararuu
Namni kamiyyuu:
(a) Waltajjii ummanni walitti qabamutti(walgahutti), mana ummataaf banametti yookiin bakka
ummatatti mul’atutti sababa barbaachisaafi mirga osoo hin qabaatiin beelladoota irratti gocha
garajabinaa kan raawwate, haala badaan kan dhamaase yookiin kan darare yookiin hojii garajabinaa
suukanneessaa ta’e kan raawwate yoo ta’e;
(b) Haala beelladootni garajabinaan itti dararaman, qaamni isaanii muramee itti hir’atu yookiin
garajabinaan itti ajjeefaman kan itti agarsiifamu qopheessee ummatatti agarsiisuuf beelladoonni
akka walwaraanan kan taasise yookiin waraana beelladoota qabaman waliin taasifamu kan
qopheesse yookiin beelladoota qabaman irratti kan dhukaase yookiin hojiin akaakuu akkanaa kan
itti agarsiifamu kan gurmeesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Kutaa Sadii
Dambii Darbuu Tasgabbii Ummataa Irratti Raawwatamu
Keewwata 823 Jireenya Nagaa Ummataa Tuquu
Namni kamiyyuu haala seera yakkaa keessatti tumameen ala:
(a) Saree hamaa yookiin balaafamaa ta’e yookiin bineensa akaakuu biroo kakaasuun;
299
(b) Mana namaarratti dhakaa darbachuun yookiin mi’oota jaboofi qara ta’an namarra buusuun yookiin
madeessuuf, miidhuuf yookiin balaa qaqqabsiisuuf kan danda’u wanta akaakuu kamiyyuu buusuun
yookiin darbachuun;
(c) Poolisiitti osoo hinbeeksisiiniifi osoo hin hayyamsiisiin yookiin akeekkachiisa kan ta’u maallattoo
barbaachisaa ummataaf osoo hin taasisiin kiyyoo diriirsuun yookiin meeshaa akeekkachiisaa
yookiin meeshaa biroo balaafamaa ta’e kamiyyuu iddoo kamiyyuu kaa’uun nama biroobalaaf kan
saaxile yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin
caalleen ni adabama.
Keewwata
824
Namoota
Yookiin
Beelladoota
Balaafamoo
Ta’an
Irratti
To’annoo
BarbaachisaaTaasisuu Dhabuu
Namni kamiyyuu:
(a) Dhukkubsattoota maraatummaan hidhaman, ittigaafatamummaa guutuun gaafatamuu kan
hindandeenye, dhugaatii alkooliin yookiin wantoota fajaajeessaniin kan summaa’an yookiin
beelladoota yookiin bineensota sababa balaafamummaa isaaniin mana eegumsaa isaan kanaaf
qophaa’etti kan hidhaman
akkasumas hammeenya, balaafamummaa, amala ciniinuu yookiin
waraanuu kan qaban eeguufi jireenya isaanii to’achuuf seera, dambii yookiin qajeelfama bahe kan
darbe yoo ta’e;
(b) Namoonni yookiin beelladoonni akaakuu akkanaa iddoo ittieegamanii kan badan yookiin kan
miliqan ta’uu isaanii ittiyaadee abbootii aangootti osoo hinbeeksisiin kan hafe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko
gahuu danda’uun ni adabama.
Keewwata 825. Darbiinsa (curfew) Sa’aatiifi Halkan Naanna’uu To’achuu
Namni Kamiyyuu darbiinsa sa’aatii halkanii, halkan naanna’uu dhorkuu yookiin daangessuu ilaalchisee
seera, dambii yookiin qajeelfama abbaa aangoo dhimmi ilaallatuun bahe kan hin kabajne yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tookko hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen
ni adabama.
Keewwata 826. Hojiilee Gamoo To’achuu
Namni kamiyyuu haala seera yakkaa keewwata 501n kan adabsiisuun ala:
(a) Gamowwan uumataa yookiin kan dhuunfaa kanneen ta’an kamiyyuu; ijaaruu, ofeeggannoon
qabachuu, haaromsuu, suphuu yookiin diiguuf; yookiin
(b) Iddoowwan walgahii ummataa, galmoota, iddoowwan agarsiisa tiyaatiraafi bashannanaaf yookiin
walgahiif tajaajilan, yookiin meeshaalee iddoowwan kanaaf kaa’aman (mijeeffaman) yookiin
nageenya gamoowwan jireenyaa, daldalaa yookiin industirii eeguuf seera, dambii yookiin
qajeelfama bahe kana cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
300
Keewwata 827. Daandileefi Bakkawwan Walgahii Ummataa To’achuu
Namni kamiyyuu nageenya ummataa keessumattu:
(a) Dambiilee rogummaa qaban kabajuu dhabuun yookiin tarkaanfilee eeggannoo barbaachisoo ta’an
osoo hinfudhatin mi’oota, kosii, balfa yookiin wantoota biroo balaa hintuffatamane geessisuu
yookiin gufuu ta’uu danda’an akkakuu kamiyyuu iddoo ummanni irradaddeebi’u yookiin walgahii
ummataaf banaa ta’etti kaa’uun, rarraasuun, urgufuun yookiin gatuun, yookiin
(b) Wantoota gate yookiin kaa’e kanneen yookiin qotaawwan, ijaarsawwan yookiin hojiiwwan iddoo
akkanaa kaa’e kana jiraachuu isaanii kan agarsiisan maallattoolee akeekkachiisaa yookiin ibsaa
kaa’uu dhibaa’uun yookiin haalli dirqisiisaan osoo hin jiraatiin yookiin sababa gahaa malee faayidaa
ummataaf jecha ibsaawwan dhaabaman kaasuun yookiin tajaajila isaan kennan gidduu seenuun
nageenya ummataa balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 828. Nageenya Qunnamtii Balaarra Buusuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 505-513n haala adabsiisaniin ala lafoowwan beelladoota
yookiin konkolaattoota akaakuu kamiyyuu ilaalchisee hayyama naanna’uu, haalaafi to’annoo, akkasumas
konkolaataan jiraachuu beeksisuu, qabiinsa, haaromsaafi ittifayyadama ilaalchisee seera, dambii yookiin
qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 829. Ibidda, Dhukaatotaafi Waahiyyoo Balaafamoo To’achuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 494-500 tiin haalawwan adabsiisaniin ala:
(a) Dirqama gubiinsa yookiin balaa ibidddaa to’achuufi keessumattuu sarara elektirikaa yookiin
kanneen kana fakkaatan biroo diriirsuu, aara baaftuu, gemmiiwwan, danfistoota bishaanii yookiin
mi’oota biro, ibdaan tajaajilan balaa akka hin qaqqabsiisne addabaasuufi
haguuguu, haala
barbaachisuun qabuufi suphuu kan ilaallatu seera, dambii yookiin qajeelfama kan cabse yoo ta’e;
yookiin
(b) Damaamitoonni, boombonni, meeshaa waraanaa ukkaamsu(mortars), richitiiwwan gammachuu
iddoowwan murta’anitti akka hin dhoone kan dhorku yookiin dhukaasawwan kana fakkaatan
yommuu
raawwataman
eeggannoon
barbaachisaa
ta’e
akka
taasifamu
kan
dirqisiisu
yookiinwantoota boba’an darbachuu yookiin wantoota dhohan yookiin boba’an karaa kana
fakkaatuun fayyadamuu, wantoota balaa ibiddaa qaqqabsiisuu danda’an bakka hin malletti gatuu
kan dhorku seera, dambii yookiin qajeelfama kan cabse yoo ta’e; yookiin
(c) Zayitootaafi zayitoota boba’aa, akkasumas bu’aa isaan kanaa, baarudaafi wantoota dhohan, boba’an,
summaa’an, qorqan yookiin waahiyyoota balaafamoo ta’an kamiyyuu oomishuu yookiin
qopheessuu, qabuu, akkaataa qabinsaa, geejjibuu, bituu, faayidaarra oolchuu ilaalchisee seera,
dambii yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii Maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Boqonaa Jaha
301
Badiiwwan Dambii Darbuu Eegumsa Fayyaa Ummataafi Qulqullina Irratti Raawwataman
Keewwata 830 Fayyaafi Fayyummaa Ummataa To’achuu
Namni Kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 510-524 tiin adabsiisaniin ala:
(a) Waa’ee bishaaniifi tajaajila bishaaniif sararoota hundaa’an yookiin hojiiwwan qabatamoo fakkaatan
iddoowwaniifi dhaabbatawwan ummanni itti walittiqabamun, manneeniifi manneen jireenyaa,
warshaalee yookiin dhaabbatawwan oomishaa, akkasumas eegumsa qulqulliinaafi fayyummaa
mooraawwan industiriifi daldalaa ittiin raawwatamu ilaalchisee,yookiin
(b) Dhukkuboota keessumattuu dhukkuboota sammuufi daddarboo, golfaafi dhukkuboota beelladaa
ittisuuf, jiraachuu isaanii beeksisuu, yaalawwan ittisuuf gargaaran raawwachuu yookiin to’achuu
ilaalchisee;
(c) Faalama naannoo ittisuuf, dhorkuu, dhaabuu, yookiin walumaagalatti to’achuu ilaalchisee;
Seera, dambiii yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 831. Waahiyyootaafi Qorichoota/Dawwaalee/Summaa’oofi Adoochan To’achuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 525 tiin haala adabsiisuun ala:
(a) Hayyama seeraqabeessa malee yookiin ajaja hakiimaa ifa ta’e osoo hin qabatiin biqiltoota,
waahiyyoota, qorichoota yookiin oomishoota naarkootiikii yookiin saayikootirooppikii, summaa’oo,
fayyaa kan miidhan yookiin fayyaaf balaafamoo ta’an kan biqilche, kan oomishe, kan qopheesse, kan
gurgure, gurgurtaaf kan dhiyeesse, kan harkaan gahe yookiin kan kenne; yookiin
(b) Isaan kana hayyama malee kennuu hindanda’amu kan jedhu dhorkaan ifa ta’e jiraachuu baatullee
qorichoota,waahiyyoota yookiin oomishoota akkanaa dambiiileen seeraan tumaman yookiin
dambiileen
hojmaataa
barataman
barmaatileen
gaafatan
hordofuu
dhabuun
namoota
ittigaafatamummaa hinqabneef, gaa’ila hingeenyeef, dhukkubsataniif yookiin wantoonni kun akka
isaan miidhan yookiin akka isaaniif hintaane ifatti kan beekamaniif osoo beekuu kan gurgure,
gurgurtaa kan dhiyeesse yookiin kan harkaan gahe; yookiin
(c) Dambiiileen, barmaatileen hojii yookiin ogummaa yookiin beekumsi uumamaa kan gaafatu
eeggannoo osoo hintaasisiin, keessumattuu yaaddoon dogongoruu yookiin faajja’uu yommuu jiraatu
qorichoota, waahiyyoota yookiin oomishoota akkanaa kan kaa’e yookiin kan gurgure, kan raabse;
yookiin
(d) Akeekkachiisuun dirqama isaa yookiin kan isaaf dandamu ta’ee osoo jiruu balaa summeessuu
yookiin miidhuu isaan kun hordofsiisan kan inni beeku namoota biroo osoo hin akeekkachiisiin kan
hafe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 832 Namni Biroon Akka of Wallaaluu Yookiin Akka Raata’u Taasisuu
1.
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa/Keewwata 532 fi 533/ tiin haala adabsiisuun ala
haalli ogummaa isaa akkana akka raawwatu osoo hin hayyaminiif yookiin keenniinsa
waliigalaa yaalaa yookiin qorichaa/barmaatilee raawwii cabsuun/fudhatamummaa
302
qabaniif haala faallaa ta’een nama biroo shaakala qorannoo yaalaa yookiin hojmaata yaalaa
yookiin
barmaatilee
dandeettii
yaaduu
yookiin
bilisummaan
murteessuu
dhabsiisuuf/balleessuuf yookiin jijjiiruuf kan isa saaxile yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
2.
Yaaliiwwan yaalaa yookiin gochoota namaa yaalaaf oolan gocha dunquqqeessuun
to’aachuu, gochootni yaada dabarsuu, ergaa fageenyarraa erguu, seeraan hayyamamaniifi
bashannana qofaaf taasifaman kan adabsiisan miti.
Keewwata 833. Nyaatawwan, Dhugaatiiwwaniifi Mi’oota Daldalaa Biroo To’achuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 527 fi 528 tiin haalawwan adabsiisaniin ala:
a) Nyaatawwan, foon, aannan, dhugaatiiwwan alkoolii yookiin alkoolii hintaane, mi’oota daldalaafi
hokaawwan beelladaa kaa’uu, gurguruu, geejjibuu, haala gaariin kaa’uufi qabiinsa isaanii to’achuu
ilaalchisee hayyama kenname; yookiin
b) Banamuufi cufamuu, adeemsa hojiifi to’annaa manneen daldalaa kan ilaallatu
Seera, dambiii yookiin qaajeelfama kan cabse yoo ta’e; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana
turmaataan ni adabama.
Keewwata 834. Ogummaalee Yaalaa, Fayyisuufi Hospitaalota To’achuu
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 535 fi 536 tiin haalawwan adabsiisaniin ala:
(a) Ogummaalee yaalaa, qoricha qopheessuufi raabsuu, yaala beelladootaafi yaala sukkuummaa yookiin
humnoota uumamaa fayyadamuun taasifamu/Physiotherapy/fi yaala buusota qaamaa tuttuquun
raawwatamu/chiropractic/dabalatee ogummaalee yaala kanaan walqabatan hojjechuuf hayyamuufi
raawwachuu ilaalchisee; yookiin
(b) Waahiyyoota Qorichaa yookiin qorichoota gurguruu yookiin raabsuu ilaalchisee, yookiin
(c) Dhukkubsattoonni deddeebi’anii yookiin hospitaala ciisanii yaalaman kan itti keessummeeffaman
iddoo yookiin dhaabbata yaalaa akaakuu kamiyyuu banuu, kan ilaallatutti beeksisuu, hojii isaa
qajeelchuufi adeemsisuu ilaalchisee; seera, dambiii yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataatiin ni adabama.
Keewwata 835. Dirqama Beeksisuu Raawwachuu Dhabuu
Seeraan dirqamni dhimmoota tokko tokkoo beeksisuu isaan irra jiraatee, keessumattuu dhimmoota
daddarbuu yookiin tamsa’uu dhukkuba daddarbaa, araada baala sammuu adoochuu, dhukkuba
beelladootaa, gochoota amala yakkaa qaban yookiin hawaasicha hundaaf balaafamoo ta’an ittisuuf fayyadan
hakiimonni, hakiimonni ilkaanii, qopheessitoonni qorichaa, deessistoonni, hakiimoonni beelladootaa,
akkasumas namoonni dhukkubsattoota akka dhukkubsachiisan seeraan hayyamameef abbaa aangoo
dhimmichi iaallatutti kan hin beeksifne; adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hincaalleen yookiin dubbichi
ulfaataa yoo ta’e, yookiin yommuu daddabalametti hidhaa mana turmaataan ni adabamu.
Keewwata 836. Hojii Yaalaa Raawwachuu Dhabuu
303
Hakiimoonni, qopheessitoonni qorichaa, hakiimoonni beelladootaa, deessistoonni yookiin namni biroon
ogummaa yaalaa akka raawwatu hayyamameef kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 537 fi 575 tiin
haala adabsiisuun ala ta’een nama gargaarsi isaanii barbaachisu irratti miidhaan yookiin balaan kan ga’u
ta’ee osoo jiruu sababa gahaa osoo hinqabaatiin hojiiwwan yaaluu yookiin qoricha barbaachisuu ajajuu,
kennuu, yookiin dhukkubsachiisuu osoo hinraawwatiin kan hafan yoo ta’e;
Adabbii Armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 837. Dambii Reeffa Awwaaluufi Gubuu Ilaalchisee Bahe Cabsuu
Namni kamiyyuu reeffa agarsiisuu, awwaaluufi gubuu ilaalchisee seera, dambiii yookiin qajeelfama bahe kan
darbe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataatiin ni adabama.
Mataduree Lama
Badiiwwan Dambiii Darbuu Namootaafi Qabeenyota Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 838. Tumaa Waliigalaa Hirmaannaa Badiiwwan Dambiii Darbuu Mataduree Kana Jalatti
Hinhaammatamne Ilaalatu.
Gochichi bu’uura seera yakkaatiin yookiin tumaa seera addaa birootiin kan adabsiisu yoo ta’e malee namni
kamiyyuu tumaalee addaa seera dambiii darbuu kana keessatti ibsameen ala namoota yookiin qabeenya
eeguuf seera, dambiii, ajaja, qajeelfama yookiin tarkaanfii eeggannoo bahe kan cabse yoo ta’e;
Bu’uura tumaalee waligalaa seera dambiii darbuu kanaan adabbii maallaqaa yookiin hidhaa mana turmaataa
murtaa’uun ni adabama.
Keewwata 839. Hirmaannaa Jaarmiyaan Namummaan Seeraa Kennameef Badiiwwan Dambiii
Darbuu Mata Duree Kan Jalatti Ibsaman Keessatti Qabu
1. Itti gaafatamaan yookiin hojjetaan jaarmiyaa namummaan seeraa kennameefi haala hojii jaarmiyichaan
walqabateen faayidaa jaarmiyichaa karaa seera alaan adeemsisuuf yaaduun yookiin dirqama seeraa
jarmiyichaa cabsuun yookiin jaarmiyichatti seeraan ala meeshummaan fayyadamuun
dambiii
darbitummaan/Keewwata 32 fi 34/ seera, dambiii yookiin qajeelfama cabsuun tumaalee mataduree kana
jalatti ibsaman keessaa tokko yommuu darbu jaarmiyaan mindeesse sun akka dambiidarbaatti
lakkaa’amee bu’uura seera kana keewwata 752 fi 768-770 tiin ni adabama.
2. Haala armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen badiin dambiii darbuu yommuu raawwatamu
gahee hojii geggeessaa hojii jaarmiyichaa keessatti qabu irraa kan ka’een itti gafatamaan yookiin hojjetaan
jaarmiyichaa badi cha dambiii darbuu keessatti hirmaataa ta’e bu’uura tumaalee rogummaa qaban
mataduree kana jalatti ibsamaniin ni adabama.
Boqonnaa Lama
Badiiwwan Dambii Darbuu Namootarratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Dambiilee Eegumsaa Qaamaaf Bahan Darbuu
304
Keewwata 840. Harka Darbuufi Gocha Humnaa Salphaa
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 560(1)n haala adabsiisuun ala:
(a) Nama biroo osoo hinrukkutiin yookiin osoo hin madeessin harka darbuu yookiin gocha humnaa
salpaa kan irratti raawwate yoo ta’e; yookiin
(b) Namabiroo irratti kosii, wanta jabaa yookiin dhangala’aa jeequ yookiin hooqsisuu yookiin xureessu
kan gate yookiin kan dhangalaase yookiin kan darbate yoo ta’e;
Adabbii maallaqa qarshii dhibaa tokko hincaalleen yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa saddet
hincaalleen ni adabama.
Keewwata 841. Reeffa Yookiin Madaa’aa Beeksisuu Dhabuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Abbaa aangoo dhimmi ilaallatutti osoo hin beeksisin reeffa daa’ima du’ee dhalate yookiin du’ee
dhalatee jedhamee yookiin nama biroo kan dhokse, kan awwaale, bishaan keessatti kan gate, kan
gube yookiin haala biroo kaminiyyuu akka badu kan taasise yookiin reeffa argee abbaa aangoo
jedhametti osoo hin beeksisin kan hafe; yookiin
(b) Sababa Ofirraa ittisuun yookiin haala dirqisiisaan nama biroo madeesse yookiin ajjeesee, kanuma
abbaa aangoo dhimmichi ilaallatutti osoo hin beeksisin kan hafe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 842. Badiiwwan Dambii Darbuu Bilisummaa Dhuunfaa Irratti Raawwataman
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewata 585n haala adabsiisuun ala ijoollee gaa’ila hingeenye, nama
ittigaafatamummaa hin qabne yookiin hir’ina samuu qabu yookiin nama seeraan yookiin karaa biroon
eegumsa isaa jala jiru dhaabbata mootummaa yookiin dhuunfaa keessa akka galu yookiin to’annoo jala akka
oolu yookiin nama jedhame kana dambiin ala yookiin tarkaanfilee eeggannoo seeraan kaa’amaniin haala
faallaa ta’een dhaabbata akaakuu akkanaa keessa akka seenu yookiin to’annaa jala akka oolu kan taasise yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 843. Mirga Iccitii Dhuunfaa Eeguu Tuquu
Namni kamiyyuu badiin raawwate salphaa ta’uu isaan yookiin dangannoon kan raawwatame ta’uu isaan
adabbii seera yakkaa keewwata 606 jalatti ibsame kan irratti hin murteessine ta’ee yommuu argamu iccitii
dhuunfaa jireenya dhuunfaa isaafi haala jireenya isaa yookiin quunnamtii xalayaa isaa kan jalaa ibse yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 844.Badiiwwan Salphaa Kabajarratti Raawwataman
Gochoonni arrabsoo yookiin salphisuu salphaa bu’uura seera yakkaa keewwata 615n adabsiisuu hin qabne
yommuu raawwataman, keessumattuu arrabsoon yookiin salphisuun sun kan hintamsaane yookiin garee
sadaffaaf yookiin miidhamtichaaf kan hingalleef yommuu ta’e, miidhamtichi haaloo yommuu bahu yookiin
balleessichi waan dubbatetti gaabbee dhiifama yommuu gaafatu tumaaleen waliigalaa adabbiirraa bilisa
taasisuu ilaallatan akkuma eegamanitti ta’ee manni murtichaa adabbii maallaqaa hanga qarshii dhibba tokko
305
gahuu danda’u yookiin hidhaa mana turmaataa hanga guyyaa saddeet gahuu danda’u ittimurteessuu ni
danda’a.
Kutaa lama
Badiiwwan Dambii Darbuu Amala Gaarii (Morality) Irratti Raawwtaman
Keewwata 845. Badiiwwan Naamusa Gaariifi Amala Gaarii (Morality) Irratti Raawwataman
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 639-641n adabsiisaniin ala gocha naamusa
gaarii yookiin amala gaarii tuqu ifatti yookiin iddoo ummanni argutti itti yaadee kan raawwate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana tumrmaataan ni adabama.
Keewwata 846. Gaaffii Sagaagalummaa Safuun Ala Ta’eefi Gocha Addagguummaa
Namni kamiyyuu daandiirratti, bakka ifatti (Waltajjiitti) yookiin ummataaf banaa ta’etti;
(a) Karaa naamusa gaarii yookiin amala gaariin faallaa ta’een, nama hin barbaadne yookiin hingaafanne
saalqunnamtiif tuttuquun kan aarse, yookiin
(b) Gaaffii gama safuutiin fudhatama hin qabneen namni biroon saalqunnamtii yookiin gocha faallaa
naamusa gaarii ta’e yookiin gochoota badaa akaakuu kamiyyuu hawwaasaan balaaleffataman akka
raawwatu kan kakaase; yookiin
(c) Gochoota sagaagalummaa yookiin hawasaan balaaleffataman kanneen kana fakkatan irratti
bobba’auun jiraatoota olla isaa yookiin naannoo isaa kan jeeqe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 847. Beeksisaafi Ibsa Gocha Addaggummaaf Kakaasu Baasuu
Namni kamiyyuu gocha addaggummaa jijjabeessuf yookiin fedhii saalqunnamtii nama birooguutuuf jecha
namni sagaagalummaa barbaade iddoo akaakuu akkanaatti ofgammachiisuu ni danda’a jedhee tooftaa
kaminiyyuu ifatti kan beeksise yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 848. Tooftaawwan Ulfa Baasuu Beeksisuu
Namni kamiyyuu seeraan kan hayyamameen ala tooftaawwan ulfa baasuuf karoorfaman yookiin oomisha
isaanii kan beeksise yookiin gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin tajaajila ulfa baasuu nan kenna jedhee ifatti
kan beeksise yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Boqonnaa Afur
Badiiwwan Dambii Darbuu qabeenyarratti Raawwataman
Kutaa Tokko
Qabeenyota Biyyooleessaa Eeguu
Keewwata 849. Qabeenyota Seena Qabeessa, Artii fi Uumamaa Eeguu
Namni kamiyyuu haala bu’uura seera yakkaatiin adabsiisuun ala;
306
(a) Qabeenyota seena qabeessa, ambaa durii (Archaeological) yookiin artii, bakkawwan qabeenya
uumamaa eegaman , burqituuwwan yookiin qabeenyota biyyoolessa akkaakuu kamiyyuu eeguuf;
yookiin
(b) Qabeenyonni seenaqabeessa, ambaa durii/Archological/, haala teessuma lafa/geographical/
yookiin uumamaa faayidaa biyyooleessa qaban argamuu isaanii ibsuun dirqama ta’uu isaa, yookiin
ambaaleen yookiin wantoota akaakuu kamiyyuu minyaa ta’an yookiin dhorkamaniin daldaluu
yookiin isaanuma kana gara biiyya alaatti erguu yookiin gara biyya keessatti galchuu, dhorkuu,
murteessuu, yookiin to’achuu; yookiin
(c) Siidaalee seena qabeessa yookiin ambaa, bakka bareeda uumamaa qabu yookiin keessumattuu gatii
iddoo eegamaa miidhuu, mancaasuu yookiin miidhaarra buusuu ilaalchisee seera, dambii yookiin
qajeelfama bahe kan cabse yoo ta;e
Adabbii maallaqaan yookiin hidha mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 850. Biqiltootaafi Beelladoota Eeguu
Namni kamiyyuu biqiltootaafi bosona biyyoolessa, beelladootaafi bineensoota bosonaa eeguuf seera, dambii
yookiin qajeelfama bahe kan cabse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Kutaa Lama
Qabeenyota Biroo Eeguu
Keewwata 851. Qabeenyota Mootummaafi Dhuunfaa eguu
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 685-687n adabsiisaniin ala, qabeenya
mootummaa yookiin dhuunfaa eeguuf seera, dambii yookiin qajeelfama bahe kan darbe keessumattuu:
(a) Seeraan osoo hin hayyamaminiif lafa qabiyyee mootummaa yookiin dhuunfaa jala jiru irraa biyyoo,
dhakaa, muka, cirracha yookiin wanta biroo lafarraa argamu marga, biqiltoota tarreen dhaabaman
kuduraa yookiin fuduraa yookiin wanta biroo kan fudhate; yookiin
(b) Wayitii kamiyyuu yoo ta’e osoo hin hayyamaminiif yookiin mirga osoo hin qabaatiin lafa dallaan itti
ijaarame yookiin sanyiin ittifacaafame yookiin lafa midhaan yookiin fuduraa qabate keessa kan
seene yookiin kan darbe yookiin iddoo akaakuu akanaatti horiin gaafaa yookiin kotteduudaan akka
keessa darban kan itti oofe, kan gadhiise yookiin bobbaasee kan dheechise; yookiin
(c) Bakka adamoo yookiin qurxummiin kiyyeeffamu(qabamu) dhorkamaa keessa karaa seeraa alaan
kan seene; yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama
Keewwata 852. Hanna Salphaa
(1) Namni kamiyyuu rakkinaan yookiin fedhiin kaka’ee yookiin hubannaa dhabuun qabeenyaa nama
biroo gatiin isaa xiqqoo ta’e battalatti nyaachuuf yookiin itti tajaajilamuuf kan fudhate yoo ta’e;
307
Adabbii maallaqaa qarshii shantama hin caalleen yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha
shan hin caalleen ni adabama.
Balleessichi hannicha kan raawwate rakkina yookiin dhabiinsa sirriitti mirkanaa’een yookiin kakaafame yoo
ta’e, manni murtichaa adabbii itti murteessuu dhiisuu ni danda’a
(2) Warra ollakkaawwaman, ijoollee gadilakkaawwaman yookiin hiriyaa gaa’ilaa wal hin hikne irratti
hanni salphaan raawwatame kan adabsiisu hin ta’u.
(3) Wanti hatame sun gatiin isaa salphaa ta’uu yookiin ta’uu dhabuu, yakki hannaa jiraachuu isaaf wanti
bu’uura ta’e yaadni badhaadhina hin malle argachuu/keewwata 665/ hanna salphaaf fudhatama
haaqabaatu haadhabu yaadni jedhu madaalamuu kan qabu akka haala dubbichaatti, bu’uura
barmaatilee naannichaafi wanta hatame sana ilaaluun ta’a.
Keewwata 853. Asheeta Cabsuufi Oyiruurraa Funaannachuu
Namni kamiyyuu wayitii waggaa kamittuu:
(a) Bakkuma sanatti nyaachuuf qabeenya nama biroo kan ta’e fuduraa, asheeta miidhaanii, kuduraa fi
oomishaalee qonnaa biroo yookiin kuduraafi fuduraa hayyama malee kan cabsate/kutate/ yookiin
kan funnaannate yoo ta’e; yookiin
(b) Qonnaawwan Iddoowwan kuduraafi fuduraa yookiin oyyiroota midhaan guutummaatti irra hin
kaane qabiyyee nama biroo jala jiran irra bahaa fi lixa aduu gidduu sa’atii jirutti, miidhaan,
fuduraalee fi wantoota biroo kana fakkaatan kan kutate kan walittiqabe yookiin kan funaane yoo
ta’e;
Adabbii armaan olitti ibsameen ni adabama.
Keewwata 854. Mi’oota Shakkisiisaa Ta’an Tokko Tokko Sababa Malee Qabuu
Namni kamiyyuu eessaa akka isaan fide yookiin tajaajila maaliif akka itti fayyadamu sababa gahaan
hubachiisuuf kan isaaf hin danda’amne ta’ee cuftuuwwan, furtuuwwan, amartiilee (qubeelaa) furtuun ittiin
qabatamu, qabduuwwan, dhagaraawwan addaddaa, meeshaalee, sanadoota gati qabeessa yookiin mi’oota
biroo qabatee yoo argame;
Adabbii maallaqaa qarshii dhibba tokko hin caalleen yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan
hincaalleen ni adabama.
Keewwata 855. Qabeenyota Miliqusuu fi Abaa Aangoo Dhimmi Ilaallatutti Beeksisuu Dhabuu
Namni kamiyyuu:
(a) Mi’a gatii qabu namni biraa irraanfate yookiin gatee yookiin mi’a lafa keessatti awwaalamee argame
/Keewwata 680/ argatee; yookiin
(b) Mi’a hannaan yookiin yakka biroo qabeenyaarratti raawwatameen argame akaakuu kamiyyuu osoo
hin beekin nama biroorra erga argatee yookiin fudhatee booda qabeenyichi bu’aa yakkaa ta’uu isaa
shakkee, beekee, yookiin mirikaneesse;
Haalawwaniifi sababoonni naannoo biroon akka beeksisuu akkuma hayyamaniifiin battalumaatti
abbaa aangoo dhimmi ilaallatutti osoo hin beeksisin kan hafe yoo ta;e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.7
308
Keewwata 856. Qabeenya Nama Biroo Mancaasuu Yookiin Gatiinsaa Akka Hir’atu Taasisuu Namni
kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 689 fi 690(1)n adabsiisaniin ala, ittigaafatamummaa
haala gaariin qabuu kan isaarra jiru mana, gamoo yookiin keenyaan nama biroo haala quubsaa ta’een qabuu
dhabuun yookiin suphuu dhabuun, lafa nama biroo irratti hojiiwwan ijaarsaa raawwachuun, karaa gala fi
bahaa dhabsiisuu, meeshaalee (materials) yookiin mi’oota tokko tokko gatuun, bo’oowwan bishaanii yokkin
dhangala’oonni biroo keessa yaa’an kallatti gedderuun yookiin haala barbaachisuun qabuu dhabuun
konkolaattoota yookiin beelladoota fe’isa harkisan yookiin guluffii haala badaan yookiin ariitii
barbaachisuun ol oofuun yookiin baayyisee fe’uun, meeshaalee waraanaa yookiin meeshaalee biroo
akkaataa itti fayyadama isaanii osoo hin beekin yookiin maalnadhibdeen fayyadamuun yookiin dagannoon
qabeenya nama biroo kan mancaase yookiin gatiin isaa akka hir’atu kan taasise yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Keewwata 857. Siidaalee Ummataa Irratti Miidhaa Dhaqqabsiisuu
Namni kamiyyuu miidhaa olaanaan yommuu dhaqqabu haala bu’uura seera yakkaa 690(2)n adabsiisuun ala,
siidaa, gamoo yookiin fakkii yaadannoo bocame tajaajila yookiin bashannana ummataaf jedhamee hojjetame
yookiin hojii kana fakkaatu biroo kan mancaase yookiin kan xureesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Kutaa Sadii
Badiiwwan Walumaagalatti Dambii Darbuu Qabeenyaarratti Raawwataman
Keewwata 858. Faayidaa Nama Biroo Dabaan Miidhuu
Namni Kamiyyuu badhaadhina seeraa alaa argachuuf karoorfachuun osoo hinta’in hammeenyaan, miidhuuf
yaaduun yookiin sababa biroo kaminiyyuu kaka’ee tooftaa waliin dhabu yookiin dogoggorsuu fayyadamuun
namni tokko gocha fayidaa qabeenya ofiisaa yookiin garee sadaffaa biroo miidhu akka raawwatu kan taasise
yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 859. Saragummaa
Namni kamiyyuu kaffaluu akka hin dandeenye osoo beekuu manneen nyaataa, manneen bunaa, hoteelota
yookiin manneen ciisichaafi dhaabbilee daldalaa kana fakkaatan ummataaf tajaajila kennan keessa seenee
nyaatawwan, dhugaatiwwan, cisicha yookiin fayyidaalee akaakuu kamiyyuu kan ajaje yookiin kan argate yoo
ta’e;
309
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaamana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 860. Faayidaalee Biroo Waliindhahuun Argachuu
Namni kamiyyuu faayidaalee kaffaltii qofaan argaman ta’uu isaanii osoo beekuu waliin dhahuun kaffaltii
malee faayidaa kan argate yoo ta’e; keessumattuu,
(a) Malawwan geejjiba ummataa yookiin dhuunfaa akaakuu kamiyyuu lafarra, qilleensarra yookiin
bishaanirra daddeebi’anitti kan fayyadame yoo ta’e; yookiin
(b) Gara agarsiisaa, bashannanaa, diraamaa, eegzibishinii yookiin qophii bu’aaf qophaa’e kan fakkaatu
kamiyyuu keessa kan seene yoo ta’e;
(c) Maashinoota awutomaatikii santima keessa seensisuun/buusuun hojjetanitti fayyadamuun mi’oota
kan argate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 861. Nanbeeka Jechuu
Namni kamiyyuu haalawwan bu’uura seera yakkaa keewwata 700n adabsiisaniin ala:
(a) Amala wanta tokko dafee amanuu nama birootti fayyadamee haala siifan beekaa akaakuu
kaminiyyuu taasifamuun tolcha, ekeroota waamuun, tooftaa maallaqni dhokate ittiin argamu
agarsiisuun yookiin haala kana fakkaatu kaminiyyuu maallaqa kan fudhate yoo ta’e; yookiin
(b) Beeksisuun yookiin karaa biroon faayidaa argachuuf hojiiwwan yookiin tajaajilawwan akaakuu
akkanaa akka kennu ifatti kan dhiheesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 862. Hayyama Malee Maallaqa Walitt Qabuu
Namni kamiyyuu Seeraan yookiin abbaa aangoo dhimmi ilaallatun osoo hin hayyamaminiif ifatti naanna’ee
maallaqa kan walitti qabe yookiin kan gaafate yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
Mallaqicha walitti qabuun kan raawwatame gamoolee sirni amantii itti raawwatamu keessatti yookiin
naannoo nama dhuunfaa, ogummaa, ispoortii yookiin kilaboota biroo, waldaalee yookiin gamtaa garee
addaddaattifi keessumattuu maallaqicha walitti qabuun kan raawwatame tolaoltummaaf yookkiin hojii
isaanii ittiin gaggeessuf yoo ta’e; tumaan keewwata kanaa raawwatamaa hin ta’u.
310
Boqonnaa afur
Badiiwwan Dambii Darbuu Dhimmoota Dinagdee, Daldaalaafi Bulchiinsa Galaanaa Irratti
Raawwtaman
Keewwata 863. Tumaalee Galmeelee Daldalaafi Herreegaa Ilaallatan Darbuu
Namni kamiyyuu dirqama seera, dambii yookiin dambii ittiin bulmaataa irraa madde darbuun yeroo fi
sirnaan galmeelee daldalaafi herreegaa osoo hin qabatin kan hafe yookiin qabuu kan dhibaaye yookiin
barreeffamoota nagaheewwan yookiin sanadoota daldalaa biroo hanga yeroo seeraan murtaa’eetti osoo hin
tursin kan hafe yookiin tursuu kan dhibaaye yoo ta’e,
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hincaalleen ni adabama.
Keewwata 864. Sirna Raawwii Murtii Dirqamaa Irraatti Didaa Ta’uu
Abbaan idaa yookiin garee sadaffaan kamiyyuu haala bu’uura seera yakkaa keewwata 728-730n adabsiisuun
ala, ajaja ifaafi seera qabeessa qaamni himachuuf yookiin herreega qulqulleessuuf aangoo qabu kenne
raawwachuu kan dide yoo ta’e; keessumattuu diddaan isaa kan ilaallatu:
(a) Qabiyyee isaa jalatti kan hin argamne yoo ta’ellee mi’a, liqii, gaaffii idaa, mi’a isarra jiru, qabsiisa
socho’u yookiin hin sochoone qaama qabeenya isaa hundaa ta’eefi barbaadamu yookiin dirqama
biroo kana fakkaatu dirqama beeksisuu; ibsuu yookiin dhiheessuu yommuu ta’u; yookiin
(b) Jechi isaa akka dhagahamu yookiin kanneen biroo biratti akka dhihaatu, walgahii akka hirmaatu,
kenniinsa sagalee irratti akka hirmaatu yookiin kaffaltii idaa yookiin sirna raawwii murtii dirqamaa
tumaa seeraa ilaallatuun kan ajajame gocha biroo kamiyyuu akka raawwatu dirqama waamicha
sirriitti isaa gahe deebisuu yommuu ta’u;
Adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa saddeeti hin caalleen ni adabama.
Keewwata 865. Dambiilee Dooniiwwan Daldalaa Ilaalchisee Bahan Cabsuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Kaapteeniin doonichaa, qondaalli yookiin hojjetaan kan keessa jiru dirqama mallattoo kennuu,
doonii daawachuu, qorachuu, to’achuu fi tarkaanfii nageenyaa kan fakkaatu fudhachu; yookiin
(b) Qabiinsa Galmeelee galaanaa, galmeellee yookiin sanadoota biroo doonichaa, yookiin
(c) Galaana
yookiin
buufata
doonii
irratti
fe’isa,
Poostaa
yokkin
imaaltoota
geejjibuu,
korsiisuu/yaabsiisu/fi buusuu, fe’uufi haarcaasuu yookiin socho’uu; yookiin
(d) Eegumsa qulqullinaa yookiin fayya; ilaalchisee seerota, dambiilee yookiin qajeelfamoota doonii
daldalaa bahan kan cabse yoo ta’e; seerri yakkaa yookiin tumaan biroo seera addaa kana ilaallatu
raawwatamaa yoo ta’e malee; adabbii maallaqaan yookiin hidhaa mana turmaataan ni adabama.
311
312
313

Similar documents