DURSA HIIKTICHAA
Transcription
DURSA HIIKTICHAA
DURSA HIIKTICHAA Bismillaahi Ar-Raĥmaan Ar-Raĥiim. Faaruun kan Rabbiiti, Raĥmannii fi Nageenyi Rabbii caalaa Ergamtootaa fi dhuma Nabiyyootaa kan ta’an Nabiyyii Muĥammad irra haa jiraatu. Akkasumas maatii fi ŝaĥaabota isaaniitii fi namoota isaan hordofan hunda irra haajiraatu. Yeroo ammaa kana keessa kitaabonni amantii Islaamaa baay’een afaan biyya keenyaatiin hiikamanii faayidaa guddaa kennuu irra kan jiran ta’us kuusaa beekumsaa (îlmii) Islaamni qabuun yoo walbira qabnee ilaalle reefuu jalqabama malee hinumaayyuu itti hin bu’amne jechuun ni danda’ama. Afaan Oromootiin kan hiikame immoo baay’ee xiqqaadha. Irra-caalaan beekumsa Islaamaa kan katabamee jiru Arabiffaan yoo ta’u, kitaabonni baay’een Afaan Ingliffaatii fi kan biraattis hiikamaniiru. Afaan biyya keenyaatti kan hiikaman kitaabota xixiqqaa malee kitaabonni gurguddaan hanga ammaatti ittumaa hin yaadamne. Kitaabonni gurguddaan akka Bukhaarii, Muslimii fi kkf Afaan Ingiliffaatiin hiikamanii faayidaa guddaa kennaa jiru. Afaan biyya keenyaattis hiikuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee, carraaqqii mata mataa qofaan odoo hin ta’in carraaqqii qindaa’aa ta’e barbaada. Hojii kanaaf hundinuu akkuma dandeettii isaatiin carraaqqii godhee; ofis ta’e ummata isaa, fayyaduun irraa eegama. Kessumaayyuu qaamoleen kanaaf dandeettii qaban kana irratti hojjechuu qabu. Kitaabni fiqhii Almukhtaŝar Fil-îbaadaat kan jedhamu kan D/r Khaalid bin Âli bin Muĥammadiin qopheeffame kun Qur’aanaa fi ĥadiitha bu’uureffachuudhaan aĥkaamota i xahaaraa, ŝalaataa, zakaa, soomaa fi ĥajjii ballinaan ibseera. Almukhtaŝar jechuun kan gabaabfame jechuudha. Akkuma maqaan isaa agarsiisu barreeffamoota fiqhii Islaamaa irratti qophaahaniin wal biratti yoo ilaalamu kitaabni fiqhii kun baay’ee gabaabaadha. Haa ta’u malee, mata-duree kanaan kitaabota afaan biyya keenyaatti hiikamaniin wal biratti yoo ilaalamu beekumsi ballaan kan irraa fudhatamuu fi qorannoo dabalataatiifis kan nama kakaasuudha. Mata-dureewwan kitaaba kana keessatti caqafaman shanan irratti ballinaa fi gadi fageenyaan ibsa kenneera. Haa ta’u malee, dubbisaan kana qofatti odoo hin quufin kitaaba kana bu’uura godhachuudhaan gara Qur’aanaatti, hadiithaa fi kitaabolee fiqhii kan biraatti deebi’ee beekumsa dabalataa argachuu ni danda’a. Hojii hiikkaa kana keessatti ergaa kitaabichaa akkuma jiruun dabarsuuf yaalameera. Jechoota Arabiffaa tokko tokko kan muslimoota hedduu biratti beekamaa ta’anii fi Afaan Oromootiin hiikuuf jechoonni kan hin argamneef, yookiin yoo hiikaman ergaan jaraa haala quubsaa ta’een kan hin darbine, fakkeenyaaf ĥadatha, wuduu’a, tayammuma, xahaaraa, najisa, fi kkf akkuma jiraniin odoo hin hiikamin kaa’amaniiru. Akka barbaachisummaa jaraatiin ibsi miil-jalee (footnote) kan kaa’amaniifis ni jiru. Jechootaa fi ibsoota ulamoonni ĥadiithaa fayyadaman tokko tokko fakkeenyaaf ŝaĥiiĥa, ĥasan, marfuu’â, mawquufa, shaažžii, mu’âllaqaa fi kkf ilaalchisees barreeffama kana keessatti bakka jalqaba dhufanitti ibsi miil-jalee kan godhameef yoo ta’u saniin booda bakka dhufanitti akkuma jiraniin faayidaa irra oolaniiru. Akkasumas Qur’aannii fi du’âa’iin adda addaa ŝalaata keessas ii ta’ee ŝalaataan alatti kan godhaman afaanuma Arabaatiin qara’amuu waan qabaniif jecha akkuma jiraniin qubee laatiiniitiin barreeffamaniiru. Jechoonni Arabiffaa kunneen qubee laatiiniitiinis ta’e qubee biraatiin yeroo kaa’aman akka Arabiffaatti sirriitti dubbifamuu hin danda’an. Qubeewwan Arabiffaa qubeewwan biraatiin adda. Yeroo dubbifaman afaan keessaa bakki jarri irraa bahan (makhaarij al-ĥuruuf) ilaalcha guddaatu kennamaafi. Qubeewwan bakka irraa bahuu qaban irraa yoo hin bahin hiikni (ma’ânaan) jechootaa ni jijjiirama. Rakkina kana ilaalcha keessa galchuudhaan nuti gariin hiiktotaa kan kitaabota amantii Islaamaa gara Afaan Oromootti jijjiirru Amajjii 20/ 2005-tti waajjira mana maxxansaa Najjaashiitti wal-geenyee gariin qubeewwan Arabiffaa yeroo qubeewwan laatiiniitiin katabaman akkamitti katabamuu akka qaban mari'achuudhaan waan armaan gadii irratti walii galleerra:Qubee Arabiffaa ث ح خ ذ ص ض ظ غ iii Qubee Laatiiniin yeroo Fakkeenya katabaman Th, th Thawaaba Ĥ, ĥ Ĥadiitha Kh, kh Khuxbaa Ž, ž Žikrii Ŝ, ŝ Ŝaĥiiĥ Đ, đ Đuĥa Zh, zh Žhuhrii Gh, gh Ghufraanaka َع Â, â Âliim ِع ع ُ Î, î Û, û Îbaadaa Aûužubillaah Ulamoonni Addunyaa irra jiranis yeroo jechoota Arabiffaa qubee laatiiniitiin kataban mallattoota kanneen fakkaatan fayyadamaniiru. Qubeewwan kan biraas kan akka د، ط، قakki jarri ittiin dubbifaman akka Afaan Oromoo keessatti D, X, Q dubbifamaniin garagara. Garuu yeroodhaaf mallattoo biraa hin gooneef. Hiiktonni kitaabota amantii Afaan Arabiffaa gara Afaan Oromootti hiikanis haaluma nu itti waliigalle kanaan odoo hiikanii gaariidha jenna. Dubbistoonnis akkaataa qubeewwan kunneen itti dubbibafaman namoota beekan irraa barachuu barbaachisa. Qopheessaa, hiikaa, maxxansiisaa, fi dubbisaa kitaaba kanaa fayyadamoota akka isaan taasisu Rabbii guddaa fi ol ta’aan kadha. Yahyaa Abbaajabal iv DURSA ABBAA KITAABAA Faaruun kan Rabbiiti, isa galateeffanna, isa of-gargaarsifannas, dhiifamas isa gaafanna, hamtuu nafsee keenyaatii fi badii hojii keenyaa irraa Rabbiin of-eegsifna. Nama Rabbi qajeelche wanti isa dabsu hin jiru. Nama Rabbi dabses wanti qajeelchu hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan baha; inni tokkicha; shariika hin qabu; Muĥammadis (ŝâw) garbicha isaatii fi ergamaa isaa ta’uu ragaan baha. ١٠٢ : آل ﻋﻤﺮانL ? > = < ; : 9 8 7 6 5 4 M “Yaa warra amantan! Rabbiin akka isaaf malutti sodaadhaa. Muslimtoota taatanii malee hin du’inaa.” - (Aala-Îmraan: 102):: 5 4 3 21 0 / . - , + * ) ( ' & % $ # " ! M ١ : اﻟﻨﺴﺎءL > = < ; : 98 7 6 “Yaa namootaa! Rabbii keessan isa nafsee tokkittii (Aadam) irraa isin uumee isii irraas qindii isii (Hawwaa) uumee fi jara lamaan irraa dhiiraa fi dhalaa baay’ee facaase sana sodaadhaa. Rabbii maqaa isaatiin walkadhattanii fi firoomas (kutuu) sodaadhaa. Rabbi isin irratti tooyataadha.” - (AlNisaa’i: 1) § ¦ ¥¤ £ ¢ ¡ ~ } | { z y x w v u M ٧١ - ٧٠ :اﻷﺣﺰاب L ® ¬ « ª © ¨ “Yaa warra (Rabbitti) amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha haqaa dubbadhaa. Dalagaa keessan isiniif tolchee, dilii keessanis isiniif dhiisa; namni Rabbii fi v ergamaa isaatiin bule dhugumaan milkii guddaa milkaaye.” - (AlAĥzaab: 70 – 71). Ittiin aansuudhaan:Beekumsi fiqhii barumsa sadarkaa guddaa fi caalina qaban keesssaa isa tokko. Beekumsi Qur’aanaa fi Sunnaa, barumsi ĥalaalaa fi ĥaraamaa akkasumas kaayyoo fi iccitiin shari'âa isa keessatti argama. Fedhiin isa (fiqhii) barachuu yeruma hunda waan jiruuf jecha, qajeelfama kitaabni Rabbii, Sunnaan Nabiyyii (ŝâw)fi, faanti ŝaĥaabotaa itti akeekan kan ibsuu fi namni hundinuu akka itti fayyadamuu danda’u haala laafaa fi ifaa ta’een kitaaba kana qopheessuun naaf mul’ate. “Almukhtaŝar filÎbaadaat” jechuudhaanis moggaase. Barreessaa isaas ta’e, dubbisaa isaa fayyadamoota akka jara taasisu Rabbii guddaan kadhadha. Inni kana gochuu kan danda’uu fi dhimma kanas kan to’atuudha. Mararfannaan Rabbiitii fi nageenyi isaa Nabiyii keenya Muĥammad irra, maatii isaaniitii fi ŝaĥaabota isaanii irra haa jiraatu. Abu Muĥammad Khalid bin Âli bin Muĥammad Almushayqiĥ: Profeesara (Usataaza) Yuunivarsiitii Alqaŝiim, Kolleejjii Shari’âa kutaa Fiqhii. 25/02/1424 Akka Lakk. Hijraatti vi BAAFATA Qabiyyee Fuula Dursa Hiiktichaa.................................................................................................. i Dursa Abbaa Kitaabaa...................................................................................... v Baafata ................................................................................................................ vii Boqonnaa Tokko Aĥkaamota Xahaaraa fi Bishaanii................................................................ 1 Hiika Xahaaraa 1 Bu’uura Bishaanii 2 Aĥkaama Meeshaalee fi Uffata Kaafiraa ...............................................4 Wantoota Muĥdithni Hojjechuun Hin Eeyyamamne .......................8 Sirna Bobbaatii ............................................................................................ 13 Siwaakii Fi Gosoota Fixraa ...................................................................... 17 Aĥkaamota Wuduu’aa .............................................................................. 22 Shuruuxa (Ulaagaalee) Wuduu’aa Sunnaalee Wuduu’aa 22 23 Ŝifata (Sirna) Wuduu’aa25 Dirqamoota (Furuuđa) Wuduu’aa 27 Aĥkaamota Khuffii fi kkf Irra Haxaahuu Wantoota Wuduu’a Balleessan 34 vii 30 Aĥkaamota Dhiqannaa ............................................................................. 37 Wantoota Dhiqannaa Dirqama Godhan Akkaataa Dhiqannaa 37 40 Aĥkaama Tayammumaa .......................................................................... 41 Aĥkaamota Najisa Irraa Qulqullaahuu ............................................... 46 Aĥkaamota Ĥayđii fi Dhiiga Dahiinsaa............................................... 51 1/ Ĥayđii fi Aĥkaamota Isaa 51 2/ Istiĥaađaa fi Aĥkaamota Isaa 56 3/ Dhiiga Dahiinsaa fi Aĥkaamota Isaa 58 Boqonnaa Lama Aĥkaamota Ŝalaataa ...................................................................................... 60 Dirqamummaa Ŝalaata Waytii Shananii ............................................ 60 Aĥkaamota Ažaanii Fi Iqaamaa............................................................. 63 Shuruuxa (Ulaagaa) Ŝalaataa 68 Sirna Gara Ŝalaataa Itti Adeemamu Arkaanaa Ŝalaataa 91 Waajiboota Ŝalaataa 98 Sunnaalee Salaataa 100 Ŝifata Ŝalaataa viii 102 87 Wantoota Ŝalaata Keessa Jibbaman 110 Wantoota Ŝalaata Keessa Hojjachuun Jaallataman Yookiin Eeyyamaman 113 Sujuud Al-Sahw 116 Žikrii Ŝalaataan Booda Godhamu 123 Ŝalaata Sunnaa (Taxawwu'âa) ........................................................... 126 Ŝalaata Witrii Fi Aĥkaamota Isii 127 Ŝalaata Taraawiiĥaa Fi Aĥkaamota Isii Sunnaalee Raatibootaa Ŝalaataman 133 Ŝalaata Đuĥaa Ŝalaatota Farđii 139 Gadi-Dhiifamaa (Al-Taxawwu’â Yeroo Keessatti Salaatuun Dhowwamu Durfamaadhaan (Masbuuqaan) Haala Ma’imuumni Imaamaa Wajjin Qabaatu 160 ix Al-Muxlaq) 146 Waajibummaa Ŝalaata Jamaa'âa Fi Faayidaa Isaa Aĥkaamota 157 Waliin 136 Sujuud Al-Tilaawaa Taxawwu’â 141 Kan 131 148 Walqabatan Aĥkaamota Imaamummaa 163 Ŝalaata Namoota Dhibee (Ûžrii) Qabanii ....................................... 172 1/ Akkaataa Dhukkubsataan Itti Salaatu 172 2/ Akkaataa Yaabbataan Itti Salaatu 175 3/ Akkaataa Kara-Deemaan Itti Salaatu 176 4/ Ŝalaata Yeroo Sodaan Argamee (Ŝalaatul-Khawf) 181 Aĥkaamota Ŝalaata Jumu'aa ................................................................ 187 Wantoota Ŝalaanni Jumu’âa Ittiin Adda Baatu 188 Ĥukmii Ŝalaata Jumu'aa 194 Ŝalaata Jumu'aa Imalatti 195 Jumu'aan Sirrii Ta’uudhaaf Shuruuxa Barbaachisan 196 Sunnaalee Khuxbaa:- 197 Akkaataa Ŝalaanni Jumu'aa Itti Ŝalaatamu 199 Aĥkaamota Ŝalaata Îidii ........................................................................ 200 Ĥukmii Ŝalaata Ȋidii 202 Waytii Ŝalaata Ȋidii 203 Wantoota Guyyaa Ȋidii Sunnaa Ta’an 204 Akkaataa Ŝalaata Ȋidowwan Lammanii x 205 Ŝalaata Îidii Qađaa Baasuu 209 Yeroo Îidowwan Lammanii Takbiiraa Gochuu: 209 Guyyaa Îidii Baga Geessan Waliin Jechuu (Al-Tahni’aa) 212 Aĥkaamota Ŝalaata Kusuufaa ............................................................. 213 Waytii Ŝalaata Kusuufaa 214 Akkaataa (Ŝifata) Ŝalaata Kusuufaa 215 Ŝalaata Istisqaa’ii ..................................................................................... 216 Ĥukmii Ŝalaata Istisqaa’ii 218 Akkaataa Ŝalaata Istisqaa’ii 218 Aĥkaamota Janaa’izaa ............................................................................ 223 Aĥkaamota Nama Dhukkubsateetii Fi Nama Du’uuf Ka’aa Jiruu 223 Aĥkaamota Du’aa 228 Nama Du’e Dhiquu 229 Aĥkaamota Kafanaa 234 Aĥkaama Reenfa Irratti Salaatuu xi 235 Aĥkaama Reenfa Baachuutii Fi Awwaaluu 240 Aĥkaamota Taâziyaatii Fi Daawwii Qabirii 245 Boqonnaa Sadii Aĥkaamota Zakaa ........................................................................................ 248 Zakaan Dirqama Ta’uudhaaf Shuruuxa Guutamuu Qaban Shanan ......................................................................................................... 250 Zakaa Daynii .............................................................................................. 252 Zakaa Beelladaa ....................................................................................... 254 1/ Zakaa Gaalaa 255 2/ Zakaa Loonii 257 3/ Zakaa Re’ee/ Hoolaa 258 Shirkaa (Walittimakiinsa) Horii Nama Adda-Addaa 261 Zakaa Midhaaniitii Fi Fuduraa ........................................................... 264 Zakaa Maallaqoota Lammanii............................................................. 271 Zakaa Meeshaalee Daldalaa................................................................. 272 Zakaatul-Fixrii .......................................................................................... 276 Zakaa Baasuu ............................................................................................ 278 Zakaa Biyya Biraa Geessuu 280 Namoota Zakaa Fudhatanii Fi Namoota Zakaan Hin Kennamneef............................................................................................... 281 Gosoota Saddeettan 283 Namoota Horiin Zakaa Hin Kennamneef:- 288 Ŝadaqaa Fedhii ......................................................................................... 290 xii Boqonnaa Afur Aĥkaamota Soomaa .................................................................................... 294 Hiika Soomaa 296 Waytii Soomaa:- 296 Nama Soomni Irratti Dirqama Ta’u Sunnaalee Soomaa 299 301 Wantoota Sooma Balleessan 302 Aĥkaamota Qađaa ................................................................................... 307 Namni Sababaa Dullumaatiif Yookiin Dhukkubaatiif Sooma Dhiise Maal Gochuu Akka Qabu 310 Soomaaf Niyyaa Gochuu ....................................................................... 312 Boqonnaa Shan Aĥkaamota Ĥajjii ......................................................................................... 315 Waajibummaa Ĥajjiitiif Shuruuxa Guutamuu Qaban ................ 317 Mawaaqiita Ĥajjii..................................................................................... 323 Akkaataa Iĥraamii Godhannaa ........................................................... 325 Gosoota Nusukaa ..................................................................................... 328 Wantoota Iĥraama Irratti Dhowwaman ......................................... 330 Hojiilee Guyyaa Tarwiyaatii Fi Guyyaa Ârafaa............................. 339 Gara Muzdalifaa Deemuu Fi Hojiiwwan Guyyaa Îidii ................ 342 Akkaataa Xawaafiin Itti Raawwatamu ............................................ 349 Aĥkaamota Ayyaam Al-Tashriiqii Fi Xawaaf Al-Wadaa’â ........ 353 xiii Aĥkaama Uð-Ĥiyyaa, Hadyii Fi Âqiiqaa .......................................... 358 xiv BOQONNAA TOKKO AĤKAAMOTA XAHAARAA FI BISHAANII Ŝalaanni arkaana Islaamaa keessaa shahaadatayniitti (ragummaa lammanitti)1 aanee ruknii (utubaa) lammaffaati. Isiin muslimaa fi kaafira kan addaan baaftuudha. Isiin utubaa Islaamaati; kan namni waan hunda dura irraa qoratamuudha; yoo isiin sirrii taatee fudhatama argatte hojiileen isaa kan biraas fudhatama argatu; yoo isiin fudhatama dhabdee deebifamte hojiileen isaa kan biraas ni deebifamu. Namichi salaatu najisaa fi ĥadatha irraa yoo qulqullaahe malee ŝalaanni isaa waan sirrii hin taaneef jecha waan isii dursanii hojjattan dursanii ilaaluun barbaachisaa ta’a. Kanneen keessaayis inni tokko xahaaraa yoo ta’u, isiinis furtuu ŝalaataati. Xahaaraan ulaagaalee (shuruuxa) ŝalaataa keessaa isa jabaadha. Ulaagaan waan tokkoo immoo waan san dura bu’ee argamuu qaba. Hiika Xahaaraa Akka qooqaatti xahaaraa jechuun xurii qaamaa fi sammuu irraa qulqullaahuu jechuudha. Shahaadataynii (ragummaa lamman) jechuun Rabbiin male (kan dhugaan waaqeffatamu) waaqni biraa akka hinjirree fi Muĥammad garbicha Rabbiitii fi ergamaa isaa ta’uu raga bahuu jechuudha. 1 1 Akka shari’âatti immoo xahaaraa jechuun ĥadatha fi najisa of irraa dhabamsiisuu jechuudha. Ĥadathni kan nama irraa baduu danda’u – ĥadatha guddaa (kan akka janaabaa) yoo ta’e yaada (niyyaa) godhatanii qaama guutuu bishaaniin dhiquudhaan yoo ta’u, ĥadatha xiqqaa (wuduu’a dhabuu) yoo ta’e immoo qaama arfan dhiquudhaan. Yookiin immoo yoo bishaan hin jiraanne yookiin yoo bishaan fayyadamuun miidhaa kan fidu yoo ta’e bakka bishaanii haala addaatiin biyyoo fayyadamuu dha. Ĥadatha lamaan irraa akka itti qulqullaahamu gara fuulduraatti ilaalla. Xuriin yookiin najisni shari’âa keessatti waan fokkataa yoo ta’u najisa irraa akkamitti qulqullaahuun akka danda’amu gara fuulduraatti ilaalama. Bu’uura Bishaanii Bishaan wanti biraa odoo itti hin makatin uumama isaa irra kan jiru yoo ta’e walii-galtee ulamoota hundaatiin (ijmaa’âan) xahuura1 jedhama. Bu’uurri bishaanii kana. Haala isaa sadeen keessaa – foolii, dhandhama, yookiin bifa isaa keessaa tokko yoo waan najisa ta’een jijjiirame bishaanichi ijmaa’âan najisa. Wanti xahaaraa (qulqulluu) ta’e kan akka baala mukaa, saamunaa, qurquraa, yookiin kkf itti makamee yoo jijjiirame, wanti itti Xahuura jechuun bishaan ofiifis qulqulluu ta’ee waan biraas qulqulleessuu kan danda’u jechuudha. 1 2 makame sun baay’ina isaa irraa kan ka’e bishaanummaa isaa yoo hin jijjiirin gariin ulamootaa yaada addaa kan qaban ta’ullee yaada irra sirrii ta’een bishaanichi xahuura. Bishaanichaan ĥadatha irraayis ta’e najisa irraa of qulqulleessuun ni danda’ama. Kanaaf jechas bishaan lamatti qoodama jenna:Tokkoffaan:- xahuura. Kan waa qulqulleessuu danda’u. Innis kan waan najisa ta’een hin jijjiiramin, yookiin waan xahaaraa (qulqulluu) ta’een bishaanummaan isaa kan hin jijjiiramin. uumama isaa irra kan jirus ta’ee bishaanummaa isaa kan hin jijjiirre wanti qulqulluun kan itti makatee maqaa bishaan jedhu kan irraa hin jijjiirin. Lammaffaan:- najisa. Inni ĥadathas ta’ee najisa kan hin qulqulleessineedha. Inni bishaan bifti, fooliin yookiin dhandhamni isaa najisaan jijjiirameedha. Hubachiisa:- Bishaan najisa ta’ee fi akkasumas dhangala’aan najisa ta’e najisummaa isaa waan irraa balleessu kamiinuu qulqullaahuu ni danda’a – itti makuudhaan, yookiin miiruudhaan (dhimbiibuudhaan), yookiin ofumaan jijjiiramuudhaan, yookiin danfisuudhaan, yookiin kkfn qulqullaahuu ni danda’a. Kunis waan murtiin (ĥukmiin) jiraachuus ta’ee dhabamuudhaaf sababaa isaatti rarra’uuf jecha. Hubachiisa:- Nyaachuu fi dhuguu waan hin ta’iniin waan najisa ta’etti fayyadamuun ni danda’ama. Kunis ĥadiitha Muslim Jaabiriin (râ) eeruudhaan gabaase bu’uura godhachuudhaan. Kunis ŝaĥaabonni moora waan du’ee “gogaatti dibatama, dooniitti 3 rirriitama, namoonnis ni bobeeffatu” jennaan Nabiyyiin (ŝâw) waan mirkaneessaniif.1 Hubachiisa:- Bishaan qulqulluu (xahaaraa) ta’e tokko najisummaa isaa yoo shakke jalqabatti waan qulqulluu ta’eef jecha qulqulluudha jenna. Gama biraatiin immoo bishaan najisummaa isaatiin beekame tokko qulqullummaa isaa yoo shakke kunis jalqaba isaatti deebi’a – innis najisa. Kunis ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim Âbdallaah bin Zayd irraa gabaasaniin caqafameera. Wallaahu a’âlam. AĤKAAMA MEESHAALEE FI UFFATA KAAFIRAA Meeshaalee yoo jennu meeshaalee sibiila, muka, gogaa yookiin waan biraa irraa hojjatamanii bishaanii fi waan biraas qabachuudhaan faayidaa kennaniidha. Meeshaalee kanneen fayyadamuun eeyyamamaadha. Rabbi akkana jedha:٢٩ :اﻟﺒﻘﺮة akka bu’uuraatti L Å Ä Ã Â Á À ¿ ¾ M “Inni isa waan lafa keessa jiru hundayyuu isiniif uumeedha. …” (Al-Baqaraa: 29). Nabiyyiin (ŝâw) waan najisa ta’e akka hin gurguramne dhowwuun isaanii ĥadiitha kanaa wajjin walqabtee ibsameera.- hiikticha. 1 4 ١٠ :اﻟﺮﺣﻤﻦ L m l k M “Lafas (dachiis) uumamtootaaf qajeelchee kaa’e” (Al-Raĥmaan: 10) Meeshaa kan qulqulluu ta’e (kan hin najisamin) kamiyyuu fayyadamuun ni danda’ama. Hubachiisa:- Meeshaa warqee yookiin meetii, meeshaa warqeen yookiin meetiin itti makamee hojjatame, akkasumas meeshaa warqeen yookiin meetiin itti dibamee hojjatame ittiin nyaachuu fi ittiin dhuguudhaaf fayyadamuun yookiin kaayyoo kanaaf olkaa’achuun dhowwaadha (ĥaraama). Meeshaa suphuuf jecha copha meetii xiqqoo kan itti godhame qofa yoo ta’e malee. Kun rakkoo hin qabu. Meeshaa warqee fi meetii fayyadamuun dhowwaa (ĥaraama) ta’uu isaa kan agarsiisu ĥadiitha Ĥužayfaan (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “meeshaa warqeetii fi meetiitti hin dhuginaa; saafaa jaraarrattis hin nyaatinaa; jarri (meeshaaleen warqee fi meetii) biyya adunyaa kana irratti kan jaraati (kan kaafirootaati). Aakhiraatti immoo kan keessani” jechuu isaaniiti – (Bukhaarii fi Muslim). Ĥadiitha biraa kan Ummu Salamaan gabaasteen immoo Nabiyyiin (ŝâw) “Namni meeshaa meetiitiin dhugu garaa isaatti ibidda jahannamaa dhugaa jira” jedhaniiru – Bukhaarii fi Muslim. Itti dhuguun kan dhorgame warqee yookiin meetii qulqulluus ta’ee kan waan biraatiin wal makamee hojjatameedha. Meeshaan warqeedhaan yookiin meetiidhaan dibame yookiin meeshaa warqee/meetii xiqqoo of keessaa qabu ĥaraama. Meeshaa cabe yookiin dhohe baqsanii suphuuf copha meetii xiqqoo 5 fayyadamuun rakkoo hin qabu. Kanaafis ragaan isaa Anas bin Maalik (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) meeshaa bishaanii kan cabe bakka cabaa isaa meetii baqfamaadhaan duuchaniiru” jechuu isaati – (Bukhaarii). Meetii baqfamaa kan fayyadame Nabiyyii (ŝâw) moo Anas bin Maalik (râ) kan jedhu irratti wal-dhabbiin ni jira. Haa ta’u malee copha xiqqoo fayyadamuun akka danda’amu ijmaa’îin1 jiraachuun gabaafameera. Itti nyaachuudhaaf jecha qabachuus ta’ee fayyadamuun ĥaraamummaan isaa dhiiras ta’e dhalaas ni ilaallata. Ĥadiithonni waan kana dubbatan dimshaashumatti waan dubbatanii fi wanti adda baasu waan hin jirreef jecha. Bareedinaaf (faayaaf) fayyadamuun dubartiidhaaf kan eeyyamameef abbaa manaa isiitiif of bareechuu waan isii barbaachisuudhaaf. Hubachiisa:- Ittiin nyaachuu fi dhuguun alatti meeshaa warqee fi meetii fayyadamuu yookiin kallattiin fayyadamuu dhiisanii kaayyoo biraatiif qabachuu ilaalchisee ulamoota jidduutti addaaddummaan ni jira. Haa ta’u malee of-eeggannoof jecha dhiisuun ni filatama. Meeshaa kaafirootaa:- Najisa ta’uun isaa hanga hin beekaminitti meeshaa kaafiroonni itti fayyadaman itti fayyadamuun ni danda’ama. Nabiyyiin (ŝâw) nyaata yahuudotaa meeshaa jaraa keessatti waan nyaataniif jecha. Najisa ta’uun isaa yoo beekame dhiqanii fayyadamuudha. 1 Ijmaa’îi jechuun waliigaltee ulamootaa jechuudha. 6 Gogaa Du’aa:- Gogaa du’aa (waan odoo hin gorra’amin du’e) odoo hin duugamin fayyadamuun ĥaraama. Gogaa bineensa adamsitootaa (sibaa’âa)1 malee waan jiru hundayyuu yoo duugame fayyadamuun ni danda’ama. Erga duugamee booda fayyadamuun akka danda’amu kan ibsan ĥadiithonni ŝaĥiiĥa2 ta’an baay’een waan jiraniif gogaa bineensaa adamsoo malee waan jiru erga duugamee booda fayyadamuun ni danda’ama. Najisaan isaa alaa dhufe waan ta’eef duuguudhaan ni deemsifama. Nabiyyiin (ŝâw) “bishaanii fi quraziin3 ishee ni qulqulleessu” jechuu isaanii Ibnu Âbbaasiin (râ) eeruudhaan Ahmadii fi AlDaaraquxniin gabaasaniiru. Nabiyyiin (ŝâw) “gogaan kamiyyuu kan qulqullaahu duuguudhaani” jechuu isaaniis Âa’ishaa (râ) eeruudhaan Al-Daaraquxniin gabaaseera. ”Sanadoonni ĥadiithichaa hundinuu amanamoodhas” jedheera. Ibnu Âbbaas (râ) ĥadiitha Nabiyyii irraa (ŝâw) nuuf gabaaseenis: “gogaan duugame kamiyyuu qulqullaaheera” jedhaniiru. – Muslim. Hubachiisa:- Gogaa bineensaa fayyadamuun kan hin danda’amneef Nabiyyiin (ŝâw) gogaa qeeransaa irra taa’uu Sibaa’â jechuun bineensa foon jaraa hin nyaatamne kan akka leencaa, qeeransaa fi kkf ilkaanii fi kalaadaa jaraatiin kan adamsanii nyaatan jechuudha. – hiikticha. 1 Ŝaĥiiĥa jechuun ĥadiitha namoonni amanamaan hubataa ta’an bifa wal fufaa ta’een hanga ergamaa Rabbii qaqqabutti gabaasaniidha. – hiikticha. 2 3 Qurazii jechuun biqilaa gogaa duuguudhaaf gargaaruudha. – hiikticha. 7 (kooraa irra kaa’atanii irra taa’uu) waan dhowwaniif jecha. (Ahmadii fi Abuu-Daawuud akka gabaasanitti). Uffata kaafiraa:- najisummaan isaa yoo hin beekamin uffata kaafirootaa offachuun ni danda’ama – jalqabatti waan xahaaraa ta’eef jecha xahaarummaan isaa shakkiidhaan baduu hin danda’u. Uffata jarri fooyan (oomishan) yookiin cuuphan fayyadamuun ni danda’ama. Nabiyyii (ŝâw) fi ŝaĥaabonni isaanii uffata kaafiroonni oomishanii fi cuuphan ni uffatan ture. Wallaahu A’âlam. WANTOOTA MUĤDITHNI1 HOJJECHUUN HIN EEYYAMAMNE Kabajaa fi sadarkaa jarri qabaniif jecha muslimni tokko xahaaraa yoo qabaate malee wantoota hojjechuun hin eeyyamamneeftu jiru. Wantoota namni ĥadatha guddaas ta’ee xiqqaa2 qabu hojjachuun dhowwamu:- Muĥditha jechuun nama wuduu’a hinqabne, yookaa nama janaabaa ta’e, yookaa dubartii ĥaydii yookaa dhiigni dahiinsaa itti jiru jechuudha. – hiikticha. 1 Ĥadatha guddaa jechuun qaama guutuu dhiqachuu kan dirqama taasisu kan akka janaabaa, haydii fi dhiiga dahiinsaa yoo ta’u ĥadatha xiqqaa jechuunimmoo wuduu’a dhabuu jechuudha. – hiikticha. 2 8 1/ Qur’aana tuquu:- Rabbi ٧٩ :اﻟﻮاﻗﻌﺔ L , + * )M “Qulqulleeffamtoota malee isa hin tuqu” (Al-Waaqi’âa: 79) waan jedhuuf jecha namni ĥadatha qabu (namni wuduu’a hin qabne yookiin janaabaa ta’e) uwwisa malee Qur’aana tuquun hin eeyyamamuuf. Garii ulamootaa biratti qulqulleeffamtoota jechuun janaabaas ta’ee ĥadatha biraa irraa kan qulqulleeffaman jechuudha. Oduma keeyyatni kun kan itti fedhame maleykaadha jechuutti hiikameeyyuu akeeka isaatiin ilma namaas ni dabalata. Nabiyyiin (ŝâw) xalayaa Âmr bin Ĥazmiif ergan keessatti “Qur’aana nama qulqulluu (xaahira) ta’e malee hin tuqin” jechuun isaaniis Nasaa’ii fi ulamoota biraatiinis sanada ŝaĥiiĥa ta’een gabaafameera. Namni ĥadatha irraa qulqulluu hin ta’in Qur’aana harkaan odoo itti hin bu’in uwwisa isaatii wajjin yookiin borsaadhaan yoo baate rakkoo hin qabu. Akkasumas odoo harka isaatiin hin tuqin fuula isaa banee ilaaluunii fi qara’uun rakkina hin qabu. 2/ Ŝalaata sunnaas ta’ee farđii dulachuu:- xahaaraa godhachuu (ĥadatha irraa qulqullaahuu) odoo danda’uu odoo hin godhatin salaatuun dhowwaa ta’uu isaatti ulamoonni guutumaan guutuutti irratti walii-galaniiru. Rabbi (SW) akkana jedha:.-,+*) ('&%$#"! M ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L 76 5 4 3 21 0 / “Yaa warra amantan! gara ŝalaataatti yeroo dhaabattan (dhaabachuuf yeroo yaaddan) fuula keessanii fi harka keessanis hanga ciqileetti dhiqaa. Mataa 9 keessanis (bishaaniin) haxaahaa. Miila keessanis hanga kuburuutti (koronyootti) (dhiqaa). Yoo janaabaa taatan (qaama keessan) dhiqadhaa.” – (Al-Maa’idaa: 6) Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseenis Nabiyyiin (ŝâw) “Rabbi xahaaraa malee ŝalaata hin qeebalu” jedhaniiru. (Muslimii fi kan biraas gabaasaniiru). Beekumsa odoo qabuu beekaa xahaaraa malee namni salaate dilaahaadha, ni adabamas. Odoo hin beekin yookiin irraanfachuudhaan yoo ta’e garuu cubbuu hin qabu. Haa ta’u malee ŝalaanni isaa sirrii miti. Wantoonni nama hadatha guddaa qabu qofa irratti haraama ta’an immoo:1/ Namni janaabaa ta’e Qur’aana qara’uu hin danda’u. Âliyyiin (râ) “Nabiyyii (ŝâw) janaabaa malee Qur’aana irraa wanti dhowwu hin jiru” jedhaniiru. – (Tirmiizii fi kan biraas gabaasaniiru). Haaluma kanaan Ûmar irraayis (râ) kan gabaafame yoo ta’u Al-Bayhaqiin ŝaĥiiĥa jedheera. Âliyyii irraa (râ) haala mawquufa1 ta’eenis gabaafameera. – (Al-Daaraquxniin gaabaasee ŝaĥiiĥa jedheera). Mawquufa jechuun ĥadiitha ŝahaabaa irratti dhaabbate kan Nabiyyii (ŝâw) hin dhaqqabineedha. – hiikticha. 1 10 Dubartiin ĥayđii fi dhiigni dahiinsaa itti jiru Qur’aana qara’uu ni dandeessi – ragaan dhowwu waan hin jirreef jecha. Ĥadiithonni dhorguudhaan gabaafaman dadhaboota (đa’îifa). Namni ĥadathni inni guddaan itti jiru Qur’aana qara’uu odoo hin yaadin žikrii Qur’aanaan wal-fakkaatu gochuu ni danda’a. Fakkeenyaaf Bismillaahi-r-Raĥmaani-r-Raĥiim, Al-Ĥamdu lillaahi Rabbil-âalamiin, fi kkf… 2/ Namoonni ĥadathni guddaan kan akka janaabaa, ĥayđii (dhiiga aadaa) yookiin dhiigni dahiinsa itti jiru wuduu’a malee masgiida keessa taa’uun dhowwaadha (ĥaraama). Rabbi akkana jedha:¤ £ ¢ ¡ ~ } | { z y x w v u t sM ٤٣ :اﻟﻨﺴﺎء L §¦ ¥ “Yaa warra amantan! kan machooftan taatanii waan jettan hanga beektanitti, kan karaa irra dabartan yoo taatan malee, janaabaas taatanii hanga dhiqattanitti ŝalaatatti hin dhihaatinaa” – (Al-Nisaa’i: 43). Kana jechuun keessa turuudhaaf masjiida hin seeninaa jechuudha. Âa’ishaan (râ) ĥajjii irra odoo jirtuu ĥayđiin itti dhufnaan Nabiyyiin (ŝâw) “(ĥayđiirraa) hanga qulqullooftutti mana Rabbii xawaafa gochuu malee waan namni ĥajjii irra jiru godhu hundaayyuu godhi” jedhaniiruun – (Bukhaarii fi Muslim). Masgiida irraa dhowwuuf jecha xawaafa irraa dhowwamte. Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) dubartoota i’îtikaafaaf masgiida seenan yeroo ĥayđiin itti dhufe masgiida keessaa akka bahan ajaju ture” jetteetti – Ibnu Qudaamaan kitaaba isaanii Almughnii 11 jedhamu keessatti ĥadiithni kun Abuu Ĥafŝ Al-Âkbariidhaan gabaafamuu isaa dubbataniiru. Alfuruu’â keessattimmoo sanadni isaa gaarii dha (jayyid) jedhaniiru. Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) odeessiteenis “Nabiyyiin (ŝâw) ‘masgiida keessaa khumraa (sijaadaa) naaf kenni’ naan jennaan ‘ĥayđiin natti jira’ jedheeni; isaanis ‘ĥayđiin kee harka kee keessa hin jiru’ naan jedhani” jetteetti – (akka Muslim gabaasetti). Namni ĥadathni guddaan itti jiru yoo wuduu’a godhate masgiida keessa turuun ni eeyyamamaaf. Âxaa’i bin Yasaar (Rabbi isa haa raĥmatu) “ŝaĥaabota Nabiyyii (ŝâw) keessaa kan ta’an namoonni wuduu’a ŝalaataaf godhatamu eega godhatanii booda janaabuma ta’anii masgiida keessa taa’uu jaraan arge” jedheera – (Sa’îid bin Manŝuur sanada ĥasan1 ta’een gabaaseera). Barbaachisummaan wuduu’a kanaa janaabaa laaffisuuf. Akkasumas namni ĥadathni guddaan itti jiru darbuu qofaaf yoo ta’e masgiida keessa darbuu yookiin keessa odoo hin taa’in dhimmaaf masgiida seenuu ni danda’a. Rabbi ٤٣ : اﻟﻨﺴﺎءL ¤ £ ¢ M “kan karaa irra darbitan yoo taatan malee” waan jedhuuf – (AlNisaa’i: 43). Kana jechuun keessa darbuu jechuudha. Ĥadiitha ĥasan jechuun jabina sanada isaatiin sadarkaa ĥadiitha ŝaĥiiĥaa kan hingeenye garuu ragummaadhaaf kan fayyadu jechuudha. – hiikticha. 1 12 SIRNA BOBBAATII Amantiin Islaamaa guutuudha. Namootaaf amantii jaraatis ta’ee haala jireenya adunyaa irraa waan barbaachiisu odoo hin ibsin hin dhiifne. Sana keessaayis tokko sirna bobbaatii (sagaraa)ti. Kunis kan Rabbiin kabaje ilmi namaa waan Rabbi isa kabajeen horii irraa akka adda bahuufi. Amantiin keenya amantii qulqullinaa fi xahaaraati. Yeroo mana fincaanii seenanii fi yeroo bobbaatii baasan sirnoota raawwatamuu qabantu jiru. Muslimni tokko yeroo sagaraa seenu waan armaan gadii raawwachuun ni jaallatama:1/ ِﺨﺒْﺚِ وَاﻟْﺨَﺒَﺎﺋِﺚ ُ ْ“ ﺑِﺴْﻢِ اﷲِ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ إِﻧﱢﻰ أَﻋُﻮ ُذ ﺑِﻚَ ﻣِﻦَ اﻟBismillaahi Allahumma innii a’ûužu bika minal-khubuthi wal-khabaa’ithi”. Hiikni Isaa: maqaa Rabbiitiin, shayxaanota dhiiraa fi dhalaa irraa Rabbittan maganfadha” jechuudha. Kun sunnaa Nabiyyii (ŝâw) waan ta’eef jecha. 2/ Mana incaanii/ bobbaatii yeroo seenan miila bitaa dura buusanii seenuu, 3/ Yeroo bahu miila mirgaa dura buusuudhaan َﻏﻔْﺮَاﻧَﻚ ُ ‘ghufraanaka’ (dhiifama keen gaafadha) jedhaa bahuu. Kunis mirga keenya kan itti fayyadamnuuf waan kabajamaadhaaf waan ta’eef bitaa keenya immoo waan fokkataa of irraa balleessuu fi waan kkf waan ta’eef jecha. Waan fokkataa of irraa fageessuu fi kkf yoo ta’e malee kan fayyadamuu qabnu harka keenya mirgaatii fi miila keenya mirgaati. 13 4/ Mana fincaanii odoo hin ta’in dirree keessatti bobba’uu kan barbaadu yoo ta’e immoo argaa namaa irraa fagaatee qobaa isaa ta’uu barbaachisa. Dallaadhaan, mukaan yookiin waan biraatiin argaa namaa irraa of-dhoskuu barbaachisa. 5/ Dirree keessattis ta’e mana incaanii keessatti yeroo bobba’u fuula isaatis ta’e dugda isaa gara qiblaatti deebisuun ĥaraama. Qiblaa irraa dabuu qaba. Nabiyyiin (ŝâw) namni yeroo bobba’u fuula isaas ta’ee dugda isaa qiblaatti deebisuu irraa waan dhowwaniif jecha. 6/ Facaateen fincaanii qaama isaas ta’e uffata isaatti akka hin buune of-eeggachuu qaba. Fincaan akka itti hin facaane bakka lallaafaa irratti boola’uu qaba. Fincaan irraa of qulqulleessuu dhabuun qixaaxa qabirii keessaa waan namatti fidu irraa isa tokko. 7/ Harka isaa mirgaatiin qaama saalaa tuquu hin qabu – Nabiyyiin (ŝâw) kana irraa waan dhowwaniif jecha. 8/ Karaa namaarratti, yookiin gaaddisa namni jala taa’u jalatti, yookiin bishaan (laga/malkaa, burqaa, eela, kkf …) kan namni itti fayyadamu keessattii fi bakka namoonni keessa dabruudhaa fi yookiin keessa turuudhaaf itti fayyadaman, akkasumas bakka qabirii muslimootaa keessatti bobba’uun hin eeyyamamu. Kun waan nama irratti miidhaa fiduuf jecha Nabiyyiin (ŝâw) dhowwaniiru. 9/ Waan aayaan Qur’aanaa irra jiru tokko qabatee gara iddoo bobbaatii (yookiin mana fincaanii) deemuu hin qabu. Akkasumas 14 waan žikrii Rabbii of irraa qabu tokko qabatee seenuu utuu dhiisee gaariidha. 10/ Yeroo bobbaatii irra jiru haasa’uu hin qabu. Ibnu Ûmar (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) odoo finca’aa jiranii namni tokko isaan bira darbaa salaama yoo jedhuun deebii hin kennineef” jedheera – (gabaasa Muslim). 11/ Yeroo wuduu’aa i dhiqannaa haasa’uun rakkina hin qabu. Yeroo bobbaatii xumuru karaa bobbaatiin bahu bishaaniin istinjaa gochuudhaan, yookiin dhagaadhaan istijmaara gochuudhaan yookiin waan lamaan kana bakka bu’uu danda’uun qulqulleessuu qaba. Lamaan jaraa (istijmaaraa fi istinjaa’a) yoo walitti qindeesses caalaadha. Lamaan keessaa tokko fayyadamus gaariidha. Hundinuu Nabiyyi irraa (ŝâw) waan argameef jecha. Ulaagaalee Istijmaaraa:1/ Yeroo sadii yookiin sadii ol qulqulleessee haquu 2/ Lafeedhaan yookiin faandoodhaan ta’uu dhabuu – Nabiyyiin (ŝâw) kana irraa waan dhowwaniif jecha. 3/ Waan kabajamaa kan akka nyaata namaa yookiin nyaata horii yookiin kitaaba îlmii kkf ta’uu dhabuu. Istijmaara gahaa kan jedhamu:- mallattoon (atharri) bishaaniin malee bahuu hin dandeenye hafuudha. 15 Istinjaa’a gahaa kan jedhamu:- qaamni sun guutummaan guutuutti qulqullaahuudha. Haala kanaan qulqullaahuu isaa itti amanuun gahaadha. 16 SIWAAKII FI GOSOOTA FIXRAA Nabiyyiin (ŝâw) “siwaakiin (rigaan) afaan qulqulleessituudha, Rabbiinis jaallachiiftuudha” jechuu isaanii Bukhaariin haadhamo’imintootaa Âa’ishaa eeruudhaan mu’âllaqa (fannifamaa) godhee murannoodhaan1 gabaaseera. Ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim Abuu Hurayraa eeruudhaan gabaasaniinis ergamaan Rabbii (ŝâw) “Waa shan fixraa (uumama) irraayyi:- rifeensa qaama saalaa haaddachuu, kittaanamuu (dhayna-qabaa), rifeensa funyaan jala jiru (shaariba) gabaabfachuu, rifeensa bobaa buqqisuu fi qeensa qorachuu” jedhaniiru. Bukhaarii fi Muslim Ibnu Ûmariin eeranii ĥadiitha gabaasan kan biraatiinis Nabiyyiin (ŝâw) “rifeensa funyaan jala jiru kaasaa, areeda gadi-dhiisaa” jedhaniiru. Ĥadiithota kanaa fi kkf irraa ulamoonni murteewwan armaan gadii fudhataniiru:Tokkoffaa:- Siwaakii Ĥadiitha mu’âllaqa (fannifamaa) jechuun jalqaba sanada isaarraa tokko yookaa tokkoo ol walitti aanee kan kufe jechuudha. Ulamoota ĥadiithaa biratti ĥadiithni mu’âllaqni karaa biraatiin kan isa jabeessu ĥadiitha biraa yoo argate male đaîifarraa lakkaa’ama. Mu’âllaqni Bukhaariin murannoon gabaase garuu beektota hunda birattuu fudhatama qaba.– hiikticha. 1 17 Siwaakii (rigaa) fayyadamuun yeruma hundayyuu eeyyamamaa dha. Innis ilkaanii fi irga (foon ilkaanii) xurii fi xiraa irraa qulqulleessuuf mukaa fi kkf fayyadamuudha. Siwaakii yeruma hundaa fayyadamuun sunnaadha. Walumaagalatti yaada irra-fudhatama qabuun namni soomus guyyaa guutuu keessaa yeruma kamiyyuu fayyadamuun sunnaadha. Yeroo tokko tokko immoo guddisee jaallatamaadha:1/ Yeroo wuduu’aa:- kanaafis Bukhaariin Abu-Hurayraa eeruudhaan fannisee (mu’âllaqaan) murannoodhaan ĥadiitha gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ummata kootti jabaata jedhee odoon sodaachuu baadhee yeroo wuduu’aa hunda siwaakii akka fayyadaman ajaja ture” jedhaniiru. Kunis kan ta’u yeroo lulluuqqatan. 2/ Yeroo ŝalaata farđiis ta’e yeroo ŝalaata sunnaa:- kanaafis Bukhaarii fi Muslim Abuu-Hurayraa eeruudhaan ĥadiitha gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Ummata kootti jabaata jedhee odoon sodaachuu baadhee yeroo ŝalaataa hunda siwaakii akka fayyadaman ajaja ture” jedhaniiru. 3/ Irriba halkaniis ta’ee irriba guyyaa irraa yeroo ka’an:Ĥužayfaan (râ) Ĥadiitha gabaaseen “Nabiyyiin (ŝâw) halkan yeroo ka’an afaan isaanii siwaakiidhaan qulqulleessan” jedheera – (Bukhaarii fi Muslim). Kunis irribaan fooliin afaan keenyaa waan jijjiiramuuf. 18 4/ Nyaataanis ta’e waan biraatiin fooliin afaanii yeroo jijjiiramu:kanaafis ĥadiithni Ĥužayfaa kan olitti dubbatame ragaa ta’a. 5/ Qur’aana qara’uudhaaf:- kanaafis Nabiyyiin (ŝâw) “Qur’aanaaf afaan keessan qulqulleeffadhaa” jechuu isaanii Ibnu Khuzaymaan Âliyyii eeruudhaan sanada gaarii (jayyid) ta’een gabaaseera. 6/ Yeroo mana seenu:- Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo mana isaanii seenan siwaakiidhaan jalqabu” jetteetti – (Muslim). 7/ Yeroo machii du’aa:- kana ilaalchisee Muslim Âa’ishaa (râ) eeruudhaan ĥadiitha gabaaseera. Lammaffaa:- Sunnaalee Fixraa Sababni isheen godoota fixraa (uumamaa) jedhamteef waan namni ishee raawwatu uumama Rabbiin garboota akka isaan haala guutuu fi kabajamtuu, akkasumas bifa gaarii fi uumama bareedaa irra jiraatanuuf jecha irratti isaan uumee, itti isaan kakaasee fi ishee isaaniif jaallateen ibsamaniifi. Isheen sunnaalee turtuu kan nabiyyoonni filatanii fi shari’âaleen hundinuu itti waliigalaniidha. Godoonni kunneen kan armaan gadiiti:1/ Rifeensa naannoo qaama saalaa haaddachuu:- rifeensa naannoo qaama saalaa haaddachuun bareedinas; qulqullinas. Haaddachuudhaan yookiin haala biraatiiinis kaasuun ni danda’ama. Inni caalaan garuu haaddachuudha. Sunnaadhaan kan argame kana waan ta’eef jecha. Buqqisuun qaama saalaa miidha. 19 2/ Dhaqna qabachuu (Kittaana):- kunis gogaa fiixee qaama saalaa haguugu irraa kaasuudha – akka fiixeen isaa mullatuuf jecha. Ijoollummaadhaan yoo ta’e waan dafee fayyuuf jecha kittaanni kan godhamu ijoollummaadhaani. Kittaanni ilma dhiiraa kan inni waajiba ta’u yeroo ga’eessummaati1. Kittaanni qaama saala dhiiraa xurii isa keessatti kuufamu irraa qulqulleessa. Durbaaf immoo fedhii isii hirdhisa. 3/ Rifeensa Funyaan jalaa kaasuu: Gabaabsuurra kaasuutu filatama. Sababni isaas kaasuun gabaabsuus of keessatti waan qabatuuf. Bareedinaafis, qulqullinaafis, kaafiroota irraa addaan bahuufis kaasuutu caalaadha. 4/ Qeensa qorachuu:- Kun immoo qeensa qaama qubaa irraa dheeratee bahe odoo hin dheeratin muruudha. Waan kana keessa bareedinni, xurii isa keessatti kuufame dhabamsiisu fi bineensaan wal-fakkaachuu irraayis fagaachuun jiruuf. 5/ Rifeensa bobaa buqqisuu:- Rifeensa kana buqqisuudhaan kaasuun sunnaadha. Sunnaadhaan waan argameef jecha haaduu irra buqqisuutu caala. Haaduunis yookiin haala biraatiinis kaasuun ni danda’ama. Kana kaasuun qulqullinaaf, foolii sababaa rifeensichatiin argamus balleessuudhaaf tajaajila. Ga’eessummaan dhiiraa kan beekamu waa sadihiin. Isaanis: rifeensa qaama saalaa biqilchuu, maniyyii arguu yookiin umuriin waggaa 15 ga’uudha. Kan dubartootaa immoo afur yoo ta’u, innis sadan darbanii fi haydiin itti dhufuudha. 1 20 Hubachiisa:- Rifeensa qaama saalaa haaddachuun, rifeensa funyaan jalaa gabaabsachuun, qeensa qorachuunii fi rifeensa bobaa buqqifachuun yeroo isaan dheerataniidha. Haa ta’u malee guyyaa afurtama bira dabarsuun Ĥadiitha Anasiin (râ) gabaafameen waan dhowwameef jecha jibbamaadha. Mushrikoota, majuusotaa fi bineensaa wajjin hamma walfakkaatanitti dheeressuun hin eeyyamamu. Hubachiisa:- Areeda gadi dhiisuun waajiba. Haaduus ta’ee gabaasuun isaa ĥaraama. Ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Mushrikoota faallessaa! Rifeensa funyaan jalaa kaasaa! Areeda guutaa (guddisaa)” jedhaniiru – (Bukhaarii fi Muslim). 21 AĤKAAMOTA WUDUU’AA Hiika qooqaatiin wuduu’a jechuun bareedinaa fi qulqullina jechuudha. Hiika shari’âatiin immoo haala adda ta’een qaama arfan dhiquudhaan Rabbiin gabbaruudha. Rabbi akkana jedha:.-,+*) ('&%$#"! M ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L 21 0 / “Yaa warra amantan! gara ŝalaataatti yeroo dhaabattan (dhaabachuuf yeroo yaaddan) fuula keessan, harka keessanis hanga ciqileetti dhiqaa. Mataa keessanis (bishaaniin) haxaawaa. Miila keessanis hanga kuburuu (koronyootti dhiqaa). Yoo janaabaa taatan (qaama keessan) dhiqadhaa.” – (Al-Maa’idaa: 6) Aayaan Qur’aanaa kabajamtuun kun ŝalaataaf wuduu’a gochuu waajiba goote. Yeroo wuduu’a godhatan qaamolee dhiqamuu qabanii fi qaamolee haxaa’amuu qabanis ibsiteetti. Shuruuxa (Ulaagaalee) Wuduu’aa 1/ Muslimummaa 2/ Nagummaa sammuu (Al-âql) 3/ Umurii gaarii fi gadhee (fokkataa) addaan baasuu danda’u gahuu (Al-tamyiiz) 4/ Niyyaa gochuu (itti yaaduu) 22 Kaafirri, maraataan, akkasumas daa’imni waan gaarii fi waan badaa addaan baasuu hin danda’in wuduu’a yoo godhatan sirrii hin ta’u. Wuduu’a gochuudhaaf odoo itti hin yaadin (niyyaa odoo hin godhin) yoo wuduu’a godhes wuduu’a ta’uu hin danda’u. Fakkeenyaaf qaama qabbaneeffachuuf yookiin qaama isaa irraa najisa yookiin xurii qulqulleessuuf jecha yoo dhiqate wuduu’a hin ta’u. 5/ Akkuma ammaan dura dubbatame bishaan wuduu’a ittiin godhan qulqulleessaa (xahuura) ta’uu qaba. Yoo najisa ta’e hin ta’u. 6/ Bishaan kallattiidhaan akka qaamaan wal-argatuuf jecha waan bishaan akka gara qaamaa hin geenye dhowwu kan akka dhoqqee, bukoo, moora, xurii kuufamaa, qalama furdaa fi kkf qaama irraa qulqulleessu. Rabbiin qaamoleen wuduu’aa guutummaan guutuutti akka dhiqaman waan ajajeef jecha bishaan akka qaama hin xuqne wanti dhowwu yoo jiraate wuduun godhamuu hin danda’u. Sunnaalee Wuduu’aa 1/ Siwaakii fayyadamuu – kun yeroon isaa akkuma duraan ibsame yeroo lulluuqqiiti. 2/ Yeroo wuduu’a jalqaban odoo fuula hin dhiqatin dura harka lamaan dhiqachuu – ĥadiithonni kana hubachiisan waan gabaafamaniif jecha. 23 3/ Fuula dhiqachuun dura lulluuqqachuu i bishaan funyaan seensisuudhaan (istinshaaqaan) jalqabuu; yoo nama soomaa jiru hin ta’in bishaan funyaaniin sirriitti ol fuuchuu, yeroo lulluuqqatus bishaan afaan isaa keessa sirriitti naannessuudha. 4/ Areeda gobbuu akka bishaan jala gahuuf yeroo tokko tokko quba keessa galchanii adda babaasuu, qubbeetii harka tokkoo qubbeetii harka kaanii keessa galchuudhaan qubbeetii harkaatii fi miilaatis gargar qabanii qulqulleessuu. Kun kan godhamu darbee darbeeti. 5/ Mirga bitaa dura buusuu – harka bitaa dura harka mirgaa dhiquu, miila bitaa dura miila mirgaa dhiquu. 6/ Sifatoota wuduu’aa kan sunnaadhaan mirkanaawan gochuu – yeroo tokko tokko qaamolee wuduu’aa hunda yeroo tokko tokko dhiquu, yeroo biraa immoo qaamolee wuduu’aa hunda yeroo lama lama dhiquu, akkasumas yeroo tokko tokko qaamolee wuduu’aa hunda yeroo sadi sadi dhiquu, yeroo tokko tokko immoo adda adda gochuu – fuula isaa lulluuqqii fi istinshaaqaa wajjin yeroo sadii dhiqee harka lamaan yeroo lama lama miila lamaan yeroo tokko tokko dhiquu. 7/ Ažkaara sunnaadhaan mirkanaahan jechuu:- sanneen keessaayis jalqaba irratti ‘Bismillaah’ jechuu, yeroo xumuru immoo waan armaan gadii jechuu:ﺳﺒْﺤَﺎﻧَﻚَ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ُ ) ،( وَأﺷْﮭَ ُﺪ أنﱠ ُﻣﺤَﻤﱠﺪا ﻋَﺒْ ُﺪ ُه وَرَﺳُﻮُﻟ ُﮫ،)أَﺷْﮭَ ُﺪ أَنْ ﻻ إﻟَﮫ إﻻ اﷲ وَﺣْﺪَ ُه ﻻ ﺷَﺮﯾﻚَ ﻟَ ُﮫ (َب إِﻟَﯿْﻚ ُ أَﺷْﮭَ ُﺪ أَنْ ﻻ إﻟَﮫ إﻻ أﻧْﺖَ أﺳْﺘَﻐْﻔِ ُﺮكَ وَأَﺗُﻮ،َوَﺑِﺤَﻤْﺪِك 24 “(Ash-hadu an-laa’ilaaha illallaaha waĥdahuu laa-shariika lahuu wa’ash’hadu anna Muĥammadan âbduhuu warasuuluhuu); ykn (Subĥaanaka Allaahumma wabihamdika ash’hadu an-laa’ilaaha illaa anta astaghfiruka wa’atuubu ilayka)” Hiikni isaa:- “Rabbiin malee (kan dhugaadhaan gabbaramu) ilaahiin biraa akka hin jirre ragaan baha; inni tokkicha; shariika hin qabu; Muĥammadis garbicha isaatii fi ergamaa isaa ta’uu ragaan baha. Yaa Rabbi! Faaruu keetii wajjinin qulqullina siif malu si qulqulleessa; si malee (kan dhugaan gabbaramu) ilaahiin biraa akka hin jirre ragaan baha. Dhiifama keen sigaafadha. Gara keettis nan deebi’a” jechuudha. Ŝifata (Sirna) Wuduu’aa Waan wuduun godhatamuuf kan akka ŝalaataa fi kkf niyyachuu Itti aansuudhaan “Bismillaah” jechuu Itti aansuudhaan harka (ganaa harkaatii fi duuba isaa) yeroo sadii dhiquu Itti aansuudhaan bishaan harka tokkootiin lulluuqqachuu fi istinshaaqa gochuu (funyaan seensisuu); bishaan funyaaniin xuuxate harka isaa bitaatiin funyaan keessaa baasuu. Fuula dhiquu – daangaan fuulaa dheerinaan gara oliitii xiyya rifeensi mataa itti biqilu beekamaa ta’e irraa jalqabee hanga lafee areedaati. Rifeensi areedaa fuula irraa waan lakkaahamuuf dhiquun dirqama. Areedichi yoo haphii ta’e keessa isaas ta’e duuba isaa dhiquun dirqama. Gobbuu yoo ta’e garuu duuba isaa 25 dhiquun dirqama ta’ee akkuma duraan ibsame yeroo tokko tokko keessa isaas adda babaasanii dhiquun jaallatamaadha. Dalgatti immoo daangaan fuulaa gurraa hanga gurraati. Itti aansuudhaan harka lamaan ciqilee wajjin dhiquu:- daangaan harkaa qeensa dabalatee fiixee qubbeetii irraa hanga jalqaba irreeti. Odoo harka hin dhiqiniin duratti waan bishaan qaamaan wal gahuu dhowwu waan akka qalamaa harka irraa balleessuu qaba. Itti aansuudhaan jiidhina yeroo inni harka isaa dhiqatu harka isaa irratti hafe odoo hin ta’in bishaan haaraadhaan mataa isaa hundaa fi gurra isaa lamaan yeroo tokko haxaaha. Akkaataa mataa itti haxaahan:- harka lamaan kan bishaaniin jiidhan xiyya mataa gara duraa irraa kaa’uu, ittiin aansuudhaan hanga xiyya qoleetti harka lamaan deemsisuu, ittiin aansuudhaan harka isaa bakka irraa jalqabetti deebisuudha. Caalaan kana. Haaluma kamiinuu mataa haxaa’us ni ta’a. Ittiin aansees quba shahaadaa lamaan gurra lamaan keessa galchee abbudduu lammaniin immoo duuba gurra isaa haxaahuudha. Ittiin aansee miila isaa lamaan kuburuu (koronyoo) isaa wajjin dhiquudha. Namni harki yookiin miilli isaa citaa ta’e harka isaa irraa yookiin miila isaa irraa kanuma hafe dhiqa. Rabbi ١٦ : اﻟﺘﻐﺎﺑﻦL z y x w M “Haguma dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa” waan jedheef jecha – (Al-Tagaabun: 16). Nabiyyiinis (ŝâw) “yeroo ani waa tokkotti isin 26 ajaje hanguma dandeessaniin isa raawwadhaa” waan jedhaniif jecha – (Bukhaarii fi Muslim). Isa cite irraa waan hafe yoo dhiqe hamma danda’u raawwate jechuudha. Ittiin aansees akkaataa wuduu’a godhannaa armaan olitti ibsameen wuduu’a godhatee eega xumuree booda du’âa’ota Nabiyyiin (ŝâw) yeroo kanatti gochuun isaanii gabaafaman godha. Kanneen keessaayis akkuma ammaan dura ibsame:“(Ash-hadu an-laa’ilaaha illallaaha waĥdahuu laa-shariika lahuu wa’ash’hadu anna Muĥammadan âbduhuu warasuuluhuu); yookiin (Subĥaanaka Allaahumma wabiĥamdika ash’hadu anlaa’ilaaha illaa anta astaghfiruka wa’atuubu ilayka)” jechuudha. Dirqamoota (Furuuđa) Wuduu’aa Furuuđni wuduu’aa arkaana yookiin utubaalee wuduu’aati. Isaanis:1/ Fuula Dhiquu:- Kun lulluuqqachuu (mađmađaa) fi bishaan funyaan seensisuu (istinshaaqa) ni dabalata. Afaanii fi funyaan fuula irraa waan ta’aniif jecha namni fuula dhiqatee lulluuqqachuu fi istinshaaqa dhiise yookiin lamaan keessaa tokko dhiise wuduun isaa sirrii hin ta’u. Rabbi akkana jedha:٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L ) ( M “fuula keessan dhiqaa...” – (Al-Maa’idaa: 6) jechuudhaan fuula guutuu akka dhiqnu waan nu ajajeef jecha. Fuula irraa bakkuma tokko namni dhiquu dhiise ajaja Rabbii hin raawwanne jechuudha. Nabiyyiin (ŝâw) ni lulluuqqatus 27 istinshaaqas ni godhu ture; nus akka kana goonu nu ajajaniiru. Yeroo wuduu’a godhan jara kana lamaan dhiisuun isaanii hin gabaafamne. 2/ Harka lamaan ciqilee wajjin dhiquu:- Rabbi akkana jedha ٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL , + * M “harka keessanis hanga ciqileetti dhiqaa...” waan jedhuuf jecha – (Al-Maa’idaa: 6). Ciqilee wajjin jechuudha. Ĥadiitha Abu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) harka isaanii hanga irreetti dhiqaniiru – (Muslim). Kun ciqileen qaama dhiqamu keessa akka galu agarsiisa. 3/ Gurra lamaan dabalatee mataa guutuu haxaahuu:- Rabbi ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L . - M “mataa keessanis (bishaaniin) haxaahaa” waan jedheef jecha – (Al-Maa’idaa: 6). Gurri lamaan mataa keessa galu. Hojiin Ergamaa Rabbiis (ŝâw) kana waan tureef jecha. Nabiyyiin (ŝâw) garii mataa qofa haxaahanii dhiisuun isaanii hin gabaafamne. Ĥadiitha Âbdullaah bin Zayd (râ) dabarse keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “gurri lamaan mataa irraayyi” jedhaniiru – (Ibnu Maajah, Al-Daaraquxnii fi kan biraatis akka gabaasanitti). Mataa irraa garii qofa haxaahuun gahaa miti. 4/ Miila lamaan kuburuu (koronyoo) wajjin dhiquu:- Rabbi ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L 21 0 / M “…Miila keessanis hanga kuburuutti (dhiqaa)” waan jedhuuf jecha – (Al-Maa’idaa: 6). ‘Hanga’ kan jedhu ‘wajjin’ jechuuf. Ĥadiithonni akkaataa wuduun itti godhamu ilaalchisuun gabaafaman koronyoon qaamolee wuduu’aa 28 dhiqaman keessa akka seenu agarsiisu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraa ammaan dura dubbatameenis Nabiyyiin (ŝâw) “miila isaanii hanga mogoleetti/hojjaatti dhiqaniiru” - (Muslim). 5/ Tartiiba isaa eeguu:- dura fuula dhiquu, ittiin aansee harka lamaan dhiquu, ittiin aansee mataa haxaahuu, ittiin aansee miila lamaan dhiquu. Rabbi akkana waan jedhuuf:- % $ # " ! M ٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL 21 0 / . - , + * ) ( ' & “Yaa warra amantan! gara ŝalaataatti yeroo dhaabattan (dhaabachuuf yeroo yaaddan) fuula keessan, harka keessanis hanga ciqileetti dhiqaa. Mataa keessanis (bishaaniin) haxaahaa. Miila keessanis hanga kuburuutti (koronyootti dhiqaa). Yoo janaabaa taatan (qaama keessan) dhiqadhaa.” – (Al-Maa’idaa: 6). Qaama haxaahamu qaamolee dhiqaman jidduu galchuun isaa tartiiba eeguun sharxii (ulaagaa) ta’uu isaa agarsiisa. Nabiyyiin (ŝâw) haala kanaan ture sirna wuduu’aa kan tartiibessan. Tartiiba kana faallessuun isaanii hin gabaafamne. 6/ Walfaana godhuu:- kana jechuun qaamolee wuduu’aa dubbataman kanneen walfaana dhiquu jechuudha. Qaama tokko eega dhiqee booda kan aadaadhaan yeroo dheeraa jedhamu turee qaama biraa dhiquun hin ta’u. Walfaana dhiquu qaba. Dirqamni walfaanessuu sababaadhaan (ûžriidhaan) hafuu ni danda’a. Fakkeenyaaf waan bishaan akka gogaa qaamatti hin geenye dhowwu tokko balleessuudhaaf yookiin bishaan dabalataa barbaaduudhaafi kkf qaama tokko kan biraa irraa tursiisanii dhiquun ni danda’ama. 29 Aĥkaamota khuffii1 fi kkf irra haxaahuu Haxaahuu (mas-ĥ) jechuun harka jiidhaa qaama haxaahuun eeyyamame irra deemsisuudha. Imaam Ahmad “kana ilaalchisee Nabiyyi irraa (ŝâw) ĥadiithni afurtamni gabaafameera” jedhaniiru. Ibnu Mandah ŝaĥaabota Nabiyyii (ŝâw) saddeetama irraa walitti qindeesseera. Ĥukmii Khuffii (kophee) irra Haxaahuu:- Gochi isaa eeyyamamaa (rukhŝaa) dha. Namni khuffii keewwatee jiru khuffii baasee miila isaa dhiqachuu irra khuffii irra haxaahuutu caalaaf. Kunis eeyyama (rukhŝaa) Rabbii fayyadamuu fi karaa Nabiyyii (ŝâw) hordofuuf akkasumas mubtadi’oota irraa adda bahuu waan of-keessaa qabuuf jecha. Kan hin keewwatin yoo ta’e garuu calaan miila isaa dhiquudha. Nabiyyiin (ŝâw) haala miilli isaanii irra ture irraa faallaa hin dalaganu – yoo miilli isaanii khuffii keessa ture khuffii irra haxaahu ture, yoo miilli isaani khuffii keessa hin turin miila isaanii ni dhiqu ture. Haxaahuuf jecha khuffiin hin keewwatamu, dhiquuf jechas hin babaafatamu.2 1 Khuffii jechuun kophee kuburuu (koronyoo) haguugu jechuudha Dhiquudhaaf jecha khuffii baasuun barbaachisaa miti jechuuf malee baasanii dhiqachuun dhowwaadha jechuu miti. Shii’aan khuffii irra haxaahuu waan hin qeeballeef warra Ahlassunnaa biratti jabeeffamee qabatama. Imaam AlXaĥaawiin âqiidaa irraa lakkaahuudhaan kitaaba âqiidaa keessatti dubbataniiru. Wallahu aâlam. – hiikticha. 2 30 Yeroo khuffi irraa haxaahan:- namni biyya jiru khuffii odoo hin baafatin guyyaa tokkoo fi halkan tokko haxaahuu ni danda’a. Kara-deemaan (musaaffirri) ŝalaata qaŝriidhaan (gabaabsuudhaan) salaatuun eeyyamamuuf guyyaa sadii halkan isiitii wajjin khuffii odoo hin baafatin haxaahuu ni danda’a. Ĥadiitha Âliin (râ) gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Karadeemaadhaaf guyyaa sadii halkan isiitii wajjin, nama biyya jiruuf guyyaa tokko halkan isheetii wajjin” jedhaniiru – (Muslim). Haala lamaanittuu yeroon isaa kan lakkaahamuu jalqabu ĥadathaan booda wuduun godhatamee eega khuffii irra haxaahamee jalqabeeti malee yeroo khuffichi keewwatame irraa jalqabee miti. Shuruuxa (Ulaagaalee) Khuffii irra Haxaahuu Khuffii fi waan khuffii bakka bu’u akka shuraaba miilaa fi kkf irra haxaahuuf ulaagaalee armaan gadii barbaachisa. 1/ Ĥadathaan booda bishaaniin xahaaraa guutuu (wuduu’a) eega godhatee booda kan keewwate ta’uu qaba:- Bukhaarii fi Muslim Almughiiraa bin Shu’ûbaa eeruudhaan ĥadiitha gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Dhiisi (khuffii na irraa hin baasin) eegan xahaaraa godhadhee booda waanan uffadheef jecha” jedhaniiru:: 2/ Khuffichi akka aadaatti kan itti fayyadamuu danda’amu ta’uu 3/ Haxaahuun isaa yeroo shari’âadhaan daangeffame keessa ta’uu 4/ Khuf ichi yookiin kan isa fakkaatu sun mataa isaatti qulqulluu (xahaaraa) ta’uu. Gogaa waan du’ee yookiin gogaa saree fi kkf irra haxaahuun hin danda’amu. 31 Ulaagaalee lamaan marata (imaamaa) irra haxaahuun ni ta’a. 1/ Mataa irraa akka aadaatti waan haguugamuu qabu kan haguuge yoo ta’e, 2/ Xahaaraan guutuun eega godhatamee booda kan uffatame yoo ta’e Jabiiraa irra Haxaahuu Jabiiraa irra haxaahuun ni ta’a. Jabiiraa jechuun jeessoo yookiin carqii qaama cabe ittiin hidhaniidha. Carqii yookiin pilaastara madaan ittiin marame irras haxaahuun ni danda’ama. Kun Ibnu Ûmar irraa gabaafameera. Kana hundaayyuu haxaahuun kan danda’amu yoo bakki itti marame yookiin haguugame hamma barbaachisaa qofa ta’e; cabaa yookiin madaa sanii fi naannoo isaa irraa bakka dhiisuu hin dandeenye qofatti yoo marameedha. Hamma barbaachisu irra darbee yoo marame irraa baasuun dirqama ta’a. Kun kan isa miidhu yoo ta’e isarras haxaahuun ni danda’ama.1 Namni madaa qabu haala armaan gadii keessaa ala hin ta’u:1/ Jabiiraa yookiin carqii kan itti mare yoo ta’eef irra haxaaha. Ulamoonni jabiiraa irra haxaahuun hin barbaachisu, akkasumatti dhiisuudha jedhanis ni jiru. Ulamoonni akka Al-Sha’âbi, Ibnu Ĥazm, Daawud Al-Zhaahirii fi Al-Albaaniin warra ejjenno kana qaban irraayyi. – hiikticha. 1 32 2/ Jabiiraas ta’ee carqii kan itti hin godhin ta’ee madicha dhiquun yookiin haxaahuun kan isa hin miine yoo ta’eef, isa ni dhiqa yookiin ni haxaaha. 3/ Jabiiraas ta’e carqii kan itti hin godhin garuu dhiquunis ta’ee haxaahuun kan miidhaa itti fidu yoo ta’e eega wuduu’a raawwatee booda tayammuma godhata. Wuduu’aa fi tayammuma wal-faana gochuun dirqama miti. Ĥadatha guddaafis ta’ee xinnaadhaa jabiiraa fi kkf irra haxaahuun ni ta’a. Isa irra haxaahuudhaaf yeroon daangeffame hin jiru. Hanga jabiiraan irraa hiikamutti yookiin madichi fayyutti haxaahuun ni danda’ama. Haxaahuun wanti barbaachiseef dhibeedhaaf waan ta’eef jecha daangaan yeroo isaas hammuma dhibeen sun badutti ta’a. Bakka Haxaahamu:- Khuffii fi shuraabni miilaa (kaalsiin) gubbaa jaraatu haxaahama. Maranni (imaamaan) bakki irra guddaan ni haxaahama. Akki itti maratames ni murteessa. Jabiiraan bakki hundinuu, gubbaa isaas ta’ee jalli isaa, bakka dhiqamu irra yoo jiraate ni haxaahama. Akkaataa khuffii fi kkf itti haxaahaman:- qubbeetii harkaa isaa kan bishaaniin jiifaman qubbeetii miila isaa irra kaa’ee hanga mogolee (hojjaa) isaatti haxaaha. Miila mirgaa harka mirgaatiin, miila bitaa harka bitaatiin haxaaha. Yeroo haxaahu qubbeetii isaa adda adda baasa. Itti deddeebisee hin haxaahu. 33 Wantoota Wuduu’a Balleessan Wantoonni wuduu’a balleessan:1/ Wantoota beekamoo karaa lamaaniin bahan kan akka fincaanii, maniyyii, maziyyii, ĥayđii, bobbaatii fi dhuufuuti. Rabbi wantoota wuduu’a gochuu dirqama godhan yeroo ibsu ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة L C B A @ ? > M “… yookiin isin keessaa namni tokko yoo bobbaatii (ghaa’ixa) irraa dhufe…” jedha – (Al-Maa’ida: 6). Ŝafwaan bin Âssaal (râ) akkana jedhe:- “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo kara-deemaa taane yoo janaabaan nu mudate malee fincaan fincoofnus, bobbaatii raawwannus, akkasumas rafnus guyyaa sadii halkan isiitii wajjin khuffii keenya akka hin baafne nu ajaju ture” – (Ahmad, Al-Nasaa’ii fi Al-Tirmižiin kan gabaasan yoo ta’u, Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Namni maziyyiin irraa bahe qaama saala isaatti bishaan naqee wuduu’a akka godhatu Nabiyyiin (ŝâw) ajajaniiru. Akkasumas dhuufuun akka wuduu’a diigu ĥadiithonni ŝaĥiiĥa ta’anii fi waliigalteen ulamootaa (ijmaa’îin) mirkaneessaniiru. Nabiyyiin (ŝâw) “tokkoon keessan ĥadathni yoo itti argame hamma wuduu’a godhatutti Rabbi ŝalaata isaa irraa hin qeebalu” jedhaniiru. Namni tokko “Yaa Abuu-Hurayraa! Ĥadathni maali?” 34 jedhee gaafate. Abuu-Hurayraan “fusaa’aa fi jechuudhaan deebisaniiru – (Bukhaarii fi Muslim). duraaxa1” Kana irratti waliigalteen ulamootaas (ijmaa’îin) ni jira. Karaa lamaaniin alatti qaama keessaa waan bahu ilaalchisee fincaan yookiin bobbaatii yoo ta’eef wuduu’a ni balleessa. Kanaan alatti kan akka dhiigaa, haqqee (balaqqama), yookiin funuuna yoo ta’e garuu wuduu’a ni diigamoo hin diigu jechuu keessatti ulamoota jidduutti adda addummaan ni jira. Yaadni inni sirrii ta’e garuu wuduu’a hin diigu kan jedhuudha. Haa ta’u malee adda addummaa (khilaafa) irraa qulqullaahuuf jecha wuduu’a odoo godhatee gaarii dha. 2/ Sammuun jijjiiramuu yookiin haguugamuu Sammuun kan jijjiiramu maraatummaa fi kkfn yoo ta’u kan haguugamu immoo hirribaan yookiin gaggabuudhaani. Namni sammuun isaa jijjiirame yookiin hirribaa fi kkfn haguugame wuduun isaa ni diigama. Ĥadiithni Ŝafwaan bin Âssaaliin gabaafame kana agarsiisa. Haala kana keessatti namichi odoo hin beekin ĥadathni (dhuufuun) irraa bahuu waan danda’uuf jecha. Irribni xiqqoon garuu wuduu’a hin balleessu. Ĥadiitha Anas bin Maalikiin (râ) akka ibsametti ŝaĥaabonni “rafanii ka’anii wuduu’a odoo hin godhin salaataa turani”– (Muslim). Gabaasa biraatiin “cinaacha jaraatiin gadi ciisu ture” jedhameera – (Abuu-Daawud). Fusaa’a jechuun dhuufuu sagalee hin qabne yoo ta’u duraaxa jechuun dhuufuu sagalee qabu jechuudha. 1 35 Irriba xiqqoo akkanaa irraa wuduu’a godhataa akka turan hin gabaafamne. Ragaalee jiran walitti qindeessinee yoo walitti araarsinu wuduu’a kan balleessu irriba isa jabaadha. 3/ Foon Gaalaa Nyaachuu – Kana ilaalchisee ĥadiithni ŝaĥiiĥaa fi ifaa ta’e Nabiyyi irraa (ŝâw) waan gabaafameef jecha baay’ees ta’e xiqqaan ni diiga. Ĥadiitha Jaabir bin Samuraa gabaaseen namichi tokko foon re’ee fi hoolaa yoo nyaanne wuduu’a godhachuu qabnaa? jechuudhaan Nabiyyii (ŝâw) yoo gaafatu “yoo barbaadde wuduu’a godhadhu yoo hin barbaannes dhiisi” jedhaniiru. Foon gaalaa yoo nyaannehoo wuduu’a ni godhannaa? jedheeni. Nabiyyiin (ŝâw) “eeyyee foon gaalaa yoo nyaatte wuduuu’a godhadhu” jedhaniini – (Muslim). Imaam Ahmad (Raĥimahullaahu) “waan kana ilaalchisee Nabiyyi irraa (ŝâw) ĥadiithni lama gabaafameera” jedhaniiru. Foon gaalaa yoo jedhamu onnee, tiruu, foon mataatii fi foon biraas keessa galu. Foon gaalaa malee foon biraa wuduu’a hin balleessu. Hubachiisa:- Ulamoonni baay’een namni qaama saalaa tuqe wuduu’a gochuun waajiba jedhaniiru. Ĥadiitha Busraa bint Ŝafwaan gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) “namni qaama saala isaa tuqe hanga wuduu’a godhatutti hin salaatin” waan jedhaniif jecha – (Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Nasaa’ii fi Al-Tirmižii). Shaykhul-Islaam Ibnu Taymiyaa (Raĥimahullaahu) namni cubbuu/dilii hojjete, namni fedhii saalaatiin qaama saala isaa 36 tuqee fi fedhii saalaatiin dubartii tuqe wuduu’a godhachuun jaallatamaadha jedhaniiru. Hubachiisa:- Namni xahaaraa (wuduu’a) qabaachuu ofii yaqiina qabu, wanti xahaaraa isaa diigu tokko argamuu fi argamuu dhabuu yoo shakke bu’uurri isaa xahaaraa qabaachuu waan ta’eef jecha xahaaraan isaa hin diigamu. Muslim Abuu-Hurayraa eeruudhan ĥadiitha gabaase keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan garaa isaa keessatti waa tokko yoo itti dhagahamee (afuurri) bahuu fi dhiisuu yoo shakke, yoo sagalee hin dhagahin yookiin fooliin itti hin dhufin masgiida keessaa hin bahin” jedhaniiru. Qaa’îdaan (seerri bu’uuraa) yaqiinni shakkiidhaan hin badu kan jedhuudha. Akkasumas wuduu’a akka hin qabne yaqiina qabaatee wuduu’a godhachuu fi godhachuu dhabuu isaa yoo shakke bu’uurri isaa wuduu’a dhabuudha (kana jechuun wuduu’a haaraa godhachuu qaba jechuudha). AĤKAAMOTA DHIQANNAA Dhiqannaan (Ghusliin) haala addaatiin qaama guutuu bishaaniin dhiquu yoo ta’u akkaataan raawwii isaa gara fuulduraatti ibsama. Ragaan dhiqannaan waajiba ta’uu jecha Rabbii kana:٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL 76 5 4 3 M “… yoo janaabaa taatan (qaama keessan) dhiqadhaa …” jedhuudha – (Al-Maa’ida:6). Wantoota Dhiqannaa Dirqama taasisan 37 Wantoonni Dhiqannaa dirqama (waajiba) godhan jaha:Tokkoffaa: Maniyyiin karaa isaatiin dhiirarraayis ta’e dubarti irraa bahuu. Maniyyiin namtichi odoo hin rafin yookiin immoo isaa irriba keessa jiruu baha. Namichi odoo hin rafin maniyyiin yoo irraa bahe dhiqannaan kan inni dirqama itti ta’u yoo ogga ba’u mi’aan saalaa itti dhaga’ameedha. Kan inni bahe mi’aa saalaatiin ala yoo ta’e dhiqannaan dirqama hin ta’u. Fakkeenyaaf dhukkubaan yookiin qabachuu dadhabuuhdaan yookiin sababaa biraatiin kan bahu dhiqachuun diraqama hin ta’u. Irriba keessa odoo jiruu yoo maniyyiin irraa bahe (iĥtilaama yoo ta’e) sharxii tokko malee dhiqachuun dirqama ta’a. Namichi irriba irra waan jiruuf mi’aan saalaa itti dhagahamuu dhiisuun ni mala waan ta’eef jecha. Namni rafe yeroo ka’u jiidhina yoo arge haala armaan gadiitiin ala hin ta’u:Tokkoffaa:- Jiidhinni sun maniyyii ta’uu isaa yoo bare dhiqachuun sharxuma tokko malee dirqama itti ta’a. Lammaffaa:- Jiidhinni sun maniyyii akka hin ta’in yoo bare dhiqachuun dirqama itti hin ta’u. Garuu waan jiidhinni sun itti bu’e qulqulleessuu (dhiquu) qaba. Sadaffaa:- waan sana yoo shakke dhiqachuun dirqama itti hin ta’u. Garuu jiidhina tuqe san qulqulleessuu (dhiquu) qaba. 38 Lammaffaa: Fiixeen qaama saala dhiiraa qaama saala dubartii keessa galuu:- fiixeen isaa gallaan innis ta’e isiin yoo maniyyii buusuu baataniyyuu dhiqachuun dirqama ta’a. Ĥadiitha Âa’ishaan gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) “damee arfan qaama isii jidduu yoo seenee, kittaanamaan (qaamni saalaa) lamaan yoo wal-tuqan dhiqannaan dirqama ta’a” jedhaniiru – (Muslim).1 Gabaasa biraatiin “(maniyyiin) bu’uu baatullee” jedhaniiru. Sadaffaa: Kaafirri muslima ta’uu Kaafirri yoo Islaamummaatti seene dhiqachuun dirqama itti ta’a. Nabiyyiin (ŝâw) Qays bin Âaŝim yeroo Islaamummaatti seenu akka inni dhiqatu waan ajajaniif jecha – Abuu-Daawuud, AlNasaa’ii fi Al-Tirmižiin kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥadiithichi ĥasan jedheera. Akkasumas yeroo Thumaamaa bin Uthaal islaamayu akka inni dhiqatu ajajaniiru – (Ahmadii fi Âbdurrazzaaq gabaasaniiru). Arfaffaa fi Shanaffaa: Ĥayđii fi Dhiiga Dahiinsaa Rabbi ٢٢٢ :اﻟﺒﻘﺮة L £ ¢ M “yeroo qulqulleeffatan …” jedha – (Al- Baqaraa: 222). Dubartiin ĥayđiin irraa dhaabate dhiqachuudhaan qulqulleeffachuu jechuudha. Ĥadiitha kana Bukhaariinis gabaaseera. “(maniyyiin) bu’uu baatullee” kan jedhu qofatu Muslim qofaan gabaafame. – Hiikticha. 1 39 Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) “Yeroo ĥayđiin sitti dhufe ŝalaata dhiisi; yeroo sirraa deeme dhiqadhuu salaati” jedhaniiru – ( Bukhaarii fi kan biraa). Jahaffaa: Du’a Ĥadiitha Ummu Âxiyyaan gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) yeroo mucattiin isaanii duutu dubartoota isii dhiqaniin “yeroo sadii, yeroo shan yookiin kanaa ol dhiqaa…” jedhaniiru (Bukhaarii fi Muslim). Akkaataa Dhiqannaa Dhiqannaan haala lama qaba:1/ Haala dhiqannaa guutuu:- kun isa dirqama (waajiba) ta’ee fi isa jaallatamaa (mustaĥabba) ta’e walitti qabata. Kunis:Niyyachuu (qalbiiin yaaduu) Ittiin aansee bismillaah jechuu, harka lamaan yeroo sadii dhiquu, qaama saalaa dhiquu Ittiin aansee wuduu’a guutuu godhachuu – miila lamaanis dhiquu wajjin, yeroo tokko tokko miila tursiisanii yeroo dhiqannaan qaamaa raawwate dhiquun ni danda’ama. Ittiin aansee yeroo sadii mataatti bishaan naqachuu, jalee rifeensaas sirriitti jiisuu qaba. Ittiin aansee qaama guutuu yeroo tokko dhiquu; mirga mirga dura buusuu, bishaan akka gogaa qaamaatiin walargatu qaama rirriituu. 40 Ittiin aansee akkuma ammaan dura dubbatame ažkaarota wuduu’aan booda godhaman gochuu. 2/ Haala Dhiqannaa Gahaa:- kun immoo niyyaa gochuudhaan qaama guutuu bishaaniin waliin gahuudha; lulluuqqachuu fi istinshaaqa ni dabalata. Hubachiisa:- niyyaan haala armaan gadii qaba:1/ Tokkoffaan- dhiqannaa sunnaa yookiin dhiqannaa waajibaa niyyachuu yoo ta’u, lamaan keessaa tokko kaan irraa of-geessisa. 2/ Lammaffan:- ĥadatha xiqqaa fi ĥadatha guddaa yookiin dimshaashumatti ĥadatha kaafachuu yookiin salaatuuf, yookiin Qur’aana qara’uuf ĥadatha kaafachuu niyyachuu – ĥadathni lamaanuu ni ka’u. 3/ Sadaffaan:- Ĥadatha guddaa kaafachuuf niyyachuu – ĥadathni lammanuu walumaan kaafamu. AĤKAAMA TAYAMMUMAA Hiika qooqaatiin tayammuma jechuun fedhuu jechuudha. Akka hiika shari’âatiin immoo fuulaa fi harka lamaan haala adda ta’een lafa bareedaa ta’een (biyyeedhaan) haxaahuudhaan Rabbiin abbaduudha. Rabbi akkana jedhe: + * ) ( ' & % $ # " !M ? > = < ; : 9 876 5 4 321 0 / . - , 41 R QP O N M L K J I H G F E D C B A @ L a`_^]\ [ZYXWVU TS “Yaa warra amantan! gara ŝalaataatti yeroo dhaabattan (dhaabachuuf yeroo yaaddan) fuula keessan, harka keessanis hanga ciqileetti dhiqaa. Mataa keessanis (bishaaniin) haxaahaa. Miila keessanis hanga kuburuutti (koronyootti dhiqaa). Yoo janaabaa taatan (qaama keessan) dhiqadhaa. Dhukkubsataa yookiin kara-deemaa yoo taatan yookiin isin keessaa namni tokko yoo bobbaatii (ghaa’ixa) irraa dhufe, yookiin dubartiitti buutan (qunnamtii saalaa gootan), kanaan booda bishaan yoo dhabdan gara lafa qulqulluu yaadaa. Isa irraayis fuula keessanii fi harka keessan haxaaha. Rabbi isin irratti rakkina tokkoyyuu gochuu hin barbaadu. Haa ta’u malee akka isin isa galateeffattaniif jecha isin qulqulleesuu fi tola isaa isiniif guutuu barbaada”– (Al-Maa’idaa:6) ٦ :اﻟﻤﺎﺋﺪة Tayammumni akkuma Qur’aana keessatti mirkanaahe, sunnaa Nabiyyiitii (ŝâw) fi walii galtee ummataatiin (ijmaa’îidhaan) mirkanaaheera. Haala kanaan qulqullaahuun ummata kanaaf caalina. Rabbi ummata kana kan inni adda ittiin taasiseedha. Waan kana ummata kanaaf malee ummata biraatiif xahuura (qulqulleessaa) hin goone. Ummata kanaaf laaffisuu fi tola itti ooluuf kana godhe. Bukhaarii fi Muslim akkasumas gabaastonni biraas Jaabiriin eeruudhaan ĥadiitha gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Anaan duratti eenyuufuu kan hin kennamin waa shan naaf kenname:- fageenya adeemsa ji’a tokkoo irra otuun jiruu shororkaadhaan (sodaadhaan) injifannoo argadha; dachiin masgiidaa fi xahuura naaf godhamte; namni ŝalaanni itti qaqqabe 42 hundinuu bakkuma jirutti haa salaatu” gabaasa biraatiin immoo “masgiidnis ta’ee wanti inni ittiin of-qulqulleessu isuma bira jira” jedhaniiru. Ĥukmii Tayammumaa:- hanga bishaan argamutti yookiin hanga sababaan tayammumaa dhabamutti akkuma bishaaniitti ĥadatha nikaasa; yeroo bishaan argame yookiin sababaan tayammumni godhatameef yoo ka’e tayammumni ni bada. Haala Tayammumni Bakka Bishaanii itti Bu’u:1/ Yoo bishaan dhabame – bishaan bakka san yookiin naannoo san yoo hin jiraanne. Rabbi ٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL J I H G M “…yoo bishaan dhabdan gara lafa qulqulluu yaadaa. Isarraayis fuula keessanii fi harka keessan haxaahaa” jedha (Al-Maa’ida:6). Bishaan dhabamuun yoo barbaadee dhabeef nama biyya jiruufis ta’e karadeemaafis walqixa. 2/ Yeroo bishaan jiru dhugaatiidhaaf yookiin nyaata bilcheeffachuudhaaf barbaadame, yookiin bishaan jiruun xahaaraan yoo godhatame mataa isaa irratti, nama biraa irratti yookiin beellada irratti dheebuun miidhaa geessisuun kan sodaatamu yoo ta’e, 3/ Bishaan fayyadamuun dhukkuba iduudhaan yookiin dhukkuba irraa fayyuu tursiisuudhaan qaama irratti miidhaa akka geessisu yoo sodaatame; Rabbi:L:98M “Dhukkubsataa … yoo taatan" kan jedhurraa hanga 43 ٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL L K J M … dachii qulqulluu barbaadaa …” jedhutti – (Al-Nisaa’i:43). Bishaan garii qaamaa gahu yoo argame hamma ittiin dhiquun danda’amu ittiin dhiqanii qaama bishaan gahuu dhabeef immoo tayammuma godhachuudha. Rabbi:- ١٦ :اﻟﺘﻐﺎﺑﻦ L z y x wM “Hanguma dandeessan Rabbiin sodaadhaa …” jedha – (AlTagaabun: 43). Dirqamoota (Furuuđa) Tayammumaa:1/ Fuula haxaahuu, 2/ Harka lamaan hanga kuu’iitti1 haxaahuu 3/ Fuulaa i harka tartiiba isaanii eeganii walfaana haxaahuu Hubachiisa:- Waan tayammumni ittiin godhatamu Wanti tayammumni ittiin godhatamu bakka lamatti qoodama:1/ Waan qaama lafaa irraa ta’e – biyyoo, ashawaa, dhagaa yookiin dimshaashumatti kkf tayammuma ittiin gochuun ni danda’ama. Rabbi ٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL L K J M “…dachii qulqulluu yaadaa …” waan jedheef jecha – (Al-Nisaa’i: 43). Nabiyyiin (ŝâw) fi ŝaĥaabonni isaanii yeroo ŝalaanni itti gahe biyyoodhaanis ta’ee waan biraatiin Arabiffaan kuu’ii jechuun bakka ganaa (shanacha) harkaatii fi dhudhuma addaan baasu jechuudha. 1 44 bakkuma itti salaatanitti tayammuma godhatu ture. Kanaaf jedhanii biyyoo baatanii hin deeman ture. 2/ Waan qaama lafaa irraa hin ta’in – kan akka afaa (minxaafii), muka, sibiilaa fi kkf tayammumni ittiin godhachuu kan danda’amu yoo dhukkee qabaatan qofa. Akkaataa Tayammumni Ittiin Godhatamu:- harka isaa lamaaniin erga biyyoo rukutee booda fuula isaa haxaahuudha, ittiin aansee harka (ganaa harkaatii fi dugda ganaa harkaa) haxaahuudha. Lamaaniifuu adda addatti harka isaatiin biyyoo rukutatus ni ta’a, jechuun yeroo tokko harka isaa biyyoo irra kaa’ee fuula eega haxaahee booda ammas harka biyyoo irra kaa’ee harka isaa yoo haxaahe ni ta’a jechuudha. Garuu kan Nabiyyi irraa (ŝâw) argame akkaataa godhannaa duraati. Akkaataan godhannaa lammaffaa kan argame ŝaĥaabota irraayyi. Tayammumni kan Diigamu:1/ Kan tayammumni godhatameef ĥadatha xiqqaadhaaf yoo ta’e wantoonni wuduu’a diigan hundinuu tayammumas ni diigu. Kan godhatameef ĥadatha guddaadhaaf yoo ta’e immoo wantoota dhiqannaa waajiba godhan kan akka janaabaa, ĥayđii fi dhiiga dahiinsaatiin diigama. Iddo-bu’aan ĥukmii (murtee) waan bakka bu'ee qabata. 2/ Yoo jalqaba bishaan dhabaaf tayammuma godhate yeroo bishaan argame tayammumni ni bada, yeroo rakkoon akka dhukkubaa kan isaaf jecha tayammumni eeyyamame deemes tayammumni ni bada. 45 Namni bishaan yookiin lafa qulqulluu dhabe yookiin sadarkaa qaama isaa bishaaniinis ta’e biyyoodhaan tuqsiisuu hin dandeenye irra yoo gahe wuduu’aa fi tayammuma malee haaluma jiruun salaata. Rabbi nafsee namaa dandeettii isiitii olitti hin dirqisiisu. Ŝalaata haala kanaan salaates deebisee hin salaatu; waan itti ajajame raawwateera. Rabbi ١٦ :اﻟﺘﻐﺎﺑﻦ L z y x wM “hanguma dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa …” jedha– (AlTagaabun: 16). Nabiyyiinis (ŝâw) “waa tokkotti yoon isin ajaje hanguma dandeessan raawwadhaa” jedhaniiru. Hubachiisa:- odoo ŝalaata keessa jiruu yoo bishaan argame:Ŝalaata odoo hin jalqabin bishaan yoo argame tayammumni ni bada; wuduu’a godhachuun dirqama ta’a. Eega ŝalaata xumuree booda bishaan yoo argame ŝalaanni isaa sirriidha. odoo ŝalaata keessa jiruu bishaan yoo argame, raka’âa tokko fixeera yoo ta’e ŝalaata isaa ni guuta. Raka’âa tokko kan hin fixin yoo ta’e garuu ŝalaata kutee wuduu’a godhatee salaata. Hubachiisa:- Namni akka bishaan argamu shakke yookiin beeke yoo kan waajibni akka salaata jamaa'aa isa hin darbine ta'e hanga bishaanichi argamutti salaata tursiisuun ni jaallatama; kan isa darbu yoo ta'e immoo tayammumaan salaatuu qaba. AĤKAAMOTA NAJISA IRRAA QULQULLAAHUU Muslimni yeroo salaatuu barbaadu akkuma ĥadatha irraa qulqullaahuun isa irraa barbaadamu qaamni isaa, uffanni isaatii fi 46 bakki ŝalaata isaa najisa irraa qulqullaahuun irraa barbaadama. Rabbi qulqullina uffataa ilaalchisee ٤ : اﻟﻤﺪﺛﺮL § ¦ M “uffata keetis qulqulleessi” jedha – (Al-Muddathir: 4). Nabiyyiinis (ŝâw) Asmaa’i (râ) uffata isii irraa dhiiga ĥayđii akka dhiqxu ajajaniiru – (Muttafaqun âlayhi)1 Bakka itti salaatan qulqulleessuu ilaalchisee ĥadiitha Anasiin (râ) gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) fincaan namichi baadiyyaa tokko masgiida keessatti fincaaneetti bishaan baaldiidhaan itti naqaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Najisa qulqulleessuun haala lama irraa ala hin ta’u:Tokkoffaan: yoo waan lafa irra jiruu fi lafaa wajjin walqabate kan akka dallaa, bakka itti marfame yookiin dhakaa yoo ta’e dhiqaa tokko kan najisa san balleessuun qulqulleessuun ni danda’ama. Kana jechuun bishaan itti dhangalaasuudhaan najisichi bishaaniin haguugama jechuudha. Nabiyyiin (ŝâw) fincaan namichi baadiyyaa masgiida keessatti fincaanetti bishaan akka itti nammu waan ajajaniif jecha. Lammaffaa:- Najisichi lafa irraa yookiin waan lafaan walqabate irraa yoo hin ta’in kutaalee armaan gadii qaba:- Muttafaqun âlayhi jechuun akka Ibnu Hajar Al-Âsqalaaniin Buluughulmaraam keessatti itti fayyadamanitti ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim itti waliigalan jechuudha. 1 47 Kutaa tokkoffaan:- najisa ulfaataa yoo ta’u innis najisa sareeti. Kun kan qulqullaahu dhiqaa torbaan yoo ta’u san keessaa tokko biyyoodha. Biyyocha dhiqaa torban san keessaa tokkoo wajjin gochuudha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Sareen qodaa keessa afaan isaa yoo seensise kan jalqabaa biyyoo gochuudhaan yeroo torba dhiqaa” jedhaniiru – (Muslimii fi gabaastonni biraa gabaasaniiru). Inni irra gaariin biyyoon jalqaba irratti ta’uudha. Kutaan lammaffaan:- najisa laafaa yoo ta’u innis boolii daa’ima harma haadhaa malee fedhii isaatiin nyaata biraa hin yaatiniiti. Najisni mažiyyiis1 akkasuma. Najisa kana balleessuuf najisichatti bishaan facaasuun ni gaha. Ummu Qays daa’imasii kan nyaata hin nyaatin gara Nabiyyii (ŝâw) qabattee dhufnaan Nabiyyiin (ŝâw) gudeeda isaanii irra kaa’ani; daa’imtichi uffata isaanii irratti boola’e. Nabiyyiin (ŝâw) bishaan fichisiisanii itti naqan malee hin dhiqne – (Muttafaqun Âlayhi). Harma haadhaatiin alatti fedhii fi filmaata isaatiin nyaata biraa kan nyaatu yoo ta’e booliin isaa akkuma boolii nama guddaati. Booliin daa’ima durbaa najisummaan isaa akkuma boolii nama guddaati. Haala kana keessatti akkuma najisoota biraatti dhiqama. Mažiyyii jechuun kan yeroo namni tokko fedhii saalaa irra jiruu yookiin booda fedhii sanii dhangala’aa bahuudha. 1 48 Kutaan Sadaffaan:- najisa jiddugaleessa. Innis najisoota lamaan armaan olitti ibsamanii ala kan ta’eedha. Fakkeenyaaf fincaan daa’ima durbaa, fincaan nama guddaa, dhiiga dhangala’aa fi kan biraatis kan qulqullaahan hanga qulqullaahaniiru jechuun yaadamutti dhiquudhaan. Hubachiisa:- beeyladni foon isaa nyaachuun ĥalaala ta’e kan akka gaalaa, loon, re’ee, hoolaa fi kkf fincaanii fi dikeen jaraa xahaaraadha. Nabiyyiin(ŝâw) Uraniyyoonni gaala ŝadaqaa bira deemanii fincaanii fi aannan isii akka dhugan ajajaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Abuu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “mooraa re’ee fi hoolaa keessatti salaataa; bakka boqonnaa gaalaa keessatti hin salaatinaa” jedhaniiru – (Ahmadii fi Al-Tirmižiin kan gabaasan yoo ta’u, Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Hubachiisa:- wantoonni Najisa Ta’an 1/ Bineensota foon isaanii nyaachuun ĥaraama ta’an kan akka leencaa, yeeyyii, qeeransaa fi kkf dha. Ĥadiitha Abuu-Qataadaan gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) adurree ilaalchisee “isiin najisa miti, isiin isin irra naannofti” jedhaniiru – (Al-Tirmižii fi gabaastota biraa). Kanaafuu bineensi kanaan ala ta’ee fi irraa of-eeguun kan nama hin rakkifne najisa ta’uu isaa agarsiisa. Namni kana keessaa adda; odoma kaafira ta’eeyyuu xahaaraadha. Akkasumas yeroo ajjeefaman dhiiga dhangala’aa kan hin qabne kan akka tafkii, qaajjibboo, bookee fi kkf xahaaraadha. Akkasumas wantoonni dhiheenya namatti qaban irraa kan ka’e isaan irraa of eeguun 49 nama rakkisu kan akka adurree, harree fi kkf xahaaraadha. Kana jechuun dafqi isaa, gororri isaatii fi rifeensi isaa xahaaraadha jechuudha. 2/ Waan foon isaa hin nyaatamne keessaa kan bahu kan akka fincaanii, dikee, dhiigaa fi kkf najisa. Kan akka maniyyii namaa, aakkeen, gororri, aannan, jiidhinni qaama saala dubartii, dhuufuunii fi kkf kana keessa hin galan. Akkasumas wanti lubboolii dhiiga dhangala’aa hin qabne keessaa bahu, akkasumas gororrii fi dafqi bineensa isa irraa of eeguun nama rakkisu najisa miti. 3/ Du’aan (baktiin) hundinuu, bineensi bahra keessaa, ilmi namaa fi lubbuun dhiiga dhangala’aa hin qabne qofti odoo hafanuu kan biraa najisa. 4/ Qaamni bineensa irraa cite hundinuu najisa. Garuu rifeensi, baalleen, rifeensi gaalaa, suufiin, gaafti, ađlaafaa fi qaamotiin namaa xahaara. 5/ Dhiigni yeroo horiin qalamtu dhangala’u yookiin otuma lubbuun jirtuu dhiigni qaama isii keessaa bahu najisa – dhiigni namaa odoo hafuu. Dhiigni qaama saalaa (dubartii) keessaa bahus najisa. Dhiigni kanaan ala jiru hundinuu xahaaraadha. 50 AĤKAAMOTA ĤAYĐII FI DHIIGA DAHIINSAA 1/ Ĥayđii fi Aĥkaamota isaa Ĥayđiin (dhiigni aadaa) dhiiga uumamaan yeroo murtaa'aaf dubartii keessaa bahuudha. Gaaffii:- Ĥayđiin waggaadhaan yookiin guyyootaan kan daangeffameedha moo miti? Waggaa yookiin guyyaa murtaahee ala dhiigni dubartii irraa bahu akka shri’âatti ĥayđii hin jedhamuu? Akka ilaalcha filatamaatti ĥayđiin waggootaanis ta’e guyyootaan kan daangeffame miti. Rabbi akkana jedha:£ ¢ ¡ ~ } | {z y x w v u t sr q p M ٢٢٢ : اﻟﺒﻘﺮةL ° ¯ ® ¬ « ª ©¨ § ¦ ¥ ¤ “Dhiiga xurii irraas si gaafatu. Inni faalamaadha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa jedhi. Hanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan of qulqulleeffatan gara Rabbiin isin ajajeen isaan bira dhaqaa. Dhugumatti, Rabbiin warra gara Isaa tawbatanii fi ofqulqulleessan ni jaalata.”– (Al-Baqaraa:222). Akkuma aayaan kun agarsiiftu dubartoota biratti beekamaa kan ta’e dhiigni fokkataan kun yeroo kamiyyuu yoo argame dubartiin dhiigni kun itti argame ĥukmii dubartii ĥayđiin itti dhufee qabatti. Waggoota yookiin guyyoota murtaahaa ta’aniin hin daangeffamu. 51 Dubartii ĥayđiin itti jiru yookiin yeroo irraa dhaabatu ilaalchisee murteewwan Qur’aanaa fi sunnaadhaan murtaawan jiru:1/ Ĥayđiin odoo itti jiruu salaatuus ta’e soomuu hin dandeessu. Nabiyyiin (ŝâw) Faaximaa bint Abii Hubayshiin (râ) “yeroo ĥayđiin sitti dhufe ŝalaata dhiisi” jedhaniiruun – (Bukharii). Dubartiin utuu ĥayđiin itti jiru soomtu yookiin salaattu soomni isiis ta’e ŝalaanni isii sirrii miti. Nabiyyiin (ŝâw) waan dhowwaniif jecha. Wanti tokko dhowwame jechuun wanti sun yoo raawwatame sirrii ta’uu dhabuu isaa agarsiisa. Ajaja Rabbiitii fi ergamaa isaa akka diddetti ilaalama. Ĥayđi irraa yoo qulqulloofte sooma qađaa baafti, ŝalaata garuu qađaa hin baaftu. Kana ulamoonni itti waliigalaniiru. Âa’ishaan (râ) “zabana Nabiyyii (ŝâw) yeroo ĥayđiin nutti dhufe sooma qađaa akka baafnu ajajamna ture, ŝalaata garuu akka qađaa baafnu hin ajajamnu turre” jette. (Muttafaqun Âlayhi). Ĥayđi irraa kan isiin qulqulloofte eega fajriin bahee yeroo xiqqoodhaan booda otuma ta’eeyyuu yookiin immoo kan ĥayđiin itti dhufe odoo aduun hin lixin yeroo xiqqoodhaan dura otuma ta’eeyyuu soomni isii kan guyyaa sanii sirrii ta’uu hin danda’u. 2/ Mana Rabbii (kaâba) xawaafuun hin eeyyamamuuf. Masgiida keessas taa’uu hin dandeessu. Âa’ishaan odoo ĥajjii irra jirtuu ĥayđiin itti dhufnaan Nabiyyiin (ŝâw) “waan namni ĥajjii irra jiru hojjetu hojjedhu – mana Rabbii xawaafa gochuun odoo hafuu” jedhaniiruun – (Muttafaqun Âlayhi). 52 3/ Ĥayđiin irraa dhaabatee hanga dhiqattutti abbaan manaa isii qunnamtii saalaa wajjin gochuu hin danda’u. Rabbi akkana jedha:£ ¢ ¡ ~ } | {z y x w v u t sr q p M ٢٢٢ : اﻟﺒﻘﺮةL ° ¯ ® ¬ « ª ©¨ § ¦ ¥ ¤ “Ĥayđii irraayis sigaafatu, ‘inni waan fokkataadha; yeroo ĥayđii dubartii irraa fagaadhaa, hanga qulqullaahanuttis itti hin dhihaatinaa; yeroo qulqullaahan iddoo Rabbi isin ajajeen itti dhaqaa (qunnamtii godhaa) Rabbi warra cubbuu irraa deebi’an ni jaallata, warra qulqullaahanis ni jaallata’ jedhiini” – (Al-Baqaraa:222). ‘ irraa fagaadhaa’ jechuun ‘qunnamtii saalaa dhiisaa’ jechuudha. Ĥadiitha Anas (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Nikaaha (qunnamtii saalaa) malee waan jiru hundaayyuu godhaa” jedhan – (Muslim). Gabaasa biraatiin immoo “waan Qunnamtii saalaatiin ala jiru” jedhan. Abbaan manaa isii qunnamtii saalaatii ala waan jiruun itti fayyadamuu ni danda’a. Fakkeenyaaf dhungachuu, haxaahuu, kkf . 4/ odoo ĥayđiin itti jiruu abbaan manaa isii isii hiikuu hin danda’u. Rabbi akkana jedha:١ :اﻟﻄﻼق L ' & % $ # " ! M “Ati yaa Nabiyyichaa! Dubartoota hiikuu yeroo yaaddan, îddaa jaraatiin hiikaa.” – (AlXalaaq: 1). Kana jechuun ji’a qulqullina jaraa jalqaba irratti akkuma ĥayđi irraa qulqullaahaniin odoo itti hin bu’in hiikaa jedhuudha. Ibnu Ûmar Haati-manaa isaa odoo ĥayđii irra jirtuu hiiknaan Nabiyyiin 53 (ŝâw) akka deebifatuu fi booda yeroo isiin ĥayđi irraa qulqulloofte yoo barbaade akka hiiku ajajaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). 5/ Dubartiin ĥayđiin itti jiru Qur’aana xuquu hin dandeessu. Ĥadiitha Abuu-Bakar bin Muĥammad bin Âmr bin Ĥazm abbaa isaa irraa, akaakayyuu isaa irraa nuuf dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) xalayaa warra Yamaniif ergan keessatti “Qur’aana nama qulqulluu (xaahira) ta’e malee akka hin xuqne” jedhani. – (Maalik, AlNasaa’ii fi Al-Daaraquxniin gaabasaniiru). Qulqullaahuu jechuun:- dhiigni dhaabachuu yoo ta’u innis mallattoo lama qaba:1/ Al-quŝŝatul bayđaa’i:- dhangala’aa adii yeroo dhuma ĥayđii irratti gadameessa keessaa bahuudha. 2/ Goguu:- hanga jirbiin qaama saala ittiin cuftu bifa isaa jijjiiruu dhabutti dhiigni dhaabachuudha. Yeroo dhiigni isii dhaabate qulqulloofteetti, yeroon ĥayđii isiitis dhumeera jechuudha; kanaafuu dhiqachuun dirqama itti ta’a. Kanaan booda wantoota sababaa ĥayđiitiin akka hin hojjenne irraa dhowwamtee turte hojjechuu jalqabdi. Eega qulqullooftee booda wanti boora’aan kan irraa bahu yoo ta’es homaatti lakkaahuu hin qabdu. Ummu Âxiyyaan (râ) “Eega qulqulloofnee booda waan boora’aa fi daalacha nutti dhufu homaatti hin lakkoofnu turre” jetteetti – (Abuu-Daawuudii fi kan biraatis akka gabaasanitti). Waan kana Nabiyyiin (ŝâw) otuma beekanuu waan hin dhowwiniif jecha jechi isii kun akkuma waan isaan irraa 54 fudhatameetti lakkaahama – jechuunis ĥukmii raf’îi qabata yookiin marfuu’â1 jenna. odoo hin qulqullaahiniin duratti akkuma dubartii ĥayđiin itti jiruutti ilaalamti (ĥukmii dubartiin ĥayđiin itti jiru qabdi). Akka aadaa isiitti yeroon ĥayđiisii beekamaan eega dhumee booda dhangala’aan daalachaa fi boora’aan kan itti turu yoo ta’e garuu dhiqattee saalaatuu qabdi. Akkasumas daalachii fi booruun ĥayđiin dhufuudhaan duratti argamu homaa irraa hin lakkaa’amu. Hubachiisa:- Dubartiin ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti jiru yeroon ŝalaataa odoo keessaa hin bahin yeroon raka’âa tokko salaachisuu danda’u qofti eega hafe yoo qulqulloofte ŝalaanni yeroo sanii dirqama itti ta’a. Fakkeenyaaf odoo aduun hin lixin yeroo hamma raka’âan tokkoo dura buutee ĥayđii irraa yoo qulqulloofte âŝrii guyyaa kanaa salaatuun dirqama itti ta’a. Halkan walakkaadhaan duratti yoo qulqulloofte îshaa’ii halkan sanii qofa salaatti. Eega waytiin ŝalaataa seenee booda odoo hin salaatin ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa yoo itti dhufe ilaalcha irra fudhatama qabuun ŝalaata isa waytii duraa irratti hamma raka’âa tokkootiin Seera muŝxalaĥa ĥadiithaatiin Nabiyyii irraa (ŝâw) jechaanis ta’ee hojiidhaanis yookiin beekanii callisuudhaan ĥadiithni gabaafame kamiyyuu marfuu’â jedhama. Nabiyyii (ŝâw) odoo hin-eerin saĥaabaa irraa kan gabaafame yoo ta’e 1 55 dhaqqabdee kaatee odoo hin salaatin ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti dhufe san qađaa baasuun dirqama itti ta’a. 2/ Istiĥaađaa fi Aĥkaamota isaa Istiĥaađaa jechuun yeroo isaa malee sababaa dhibee hidda dhiigaatiin dhiigni dhangala’uu jechuu yoo ta’u, akka hiika shari’âatiin immoo ĥayđiis kan hin ta’in dhiiga dahiinsaas kan hin ta’in dhiiga dubartii irraa bahu jechuudha. Dubartiin yeroo hunda dhiigni irraa hin dhaabanne, yookiin immoo kan yeroo xiqqoo qofa irraa dhaabatus kanuma keessa galti. Dubartiin mustaĥaađaa taate haala sadii qabaatti:Haalli Tokkoffaan:- Istiĥaađaadhaan qabamuu isiitiin duratti yeroo ĥayđii beekamaa kan ta’e yoo qabaatte – fakkeenyaaf istiĥaađaadhaan qabamuu isiitiin duratti akka aadaa isiitti ĥayđiin jalqaba ji’aa irratti yookiin jidduutti guyyoota shaniif yookiin saddeetiif kan irra turu yoo ta’e, yeroo isii kanas kan beektu yoo ta’e, dubartiin akkanaa kun yeroo hanga beektu san turti (eegdi) – ŝalaatas soomas ni dhiifti, akka ĥayđii isiitti lakkoofti, yeroon isiin aadaa isiitiin beektu sun yoo raawwate dhiqattee salaatti. Dhiiga kanaa ala ta’e akka dhiiga istiĥaađaatti fudhatti. Nabiyyiin (ŝâw) Ummu Ĥabiibaadhaan “Hamma ĥayđiin kee si tursiisaa ture turi, saniin booda dhiqadhuu salaati” jedhaniiruun – (Muslim). Haalli Lammaffaan:- Yeroo ĥayđii idilee fi beekamaa kan ta’e kan hin qabne taatee garuu dhiigni isii kan addaan bahu yoo ta’e – gariin dhiiga isii haala ĥayđii kan qabu yoo ta’e, fakkeenyaaf 56 gurraacha, furdaa fi foolii kan qabu ta’ee gariin immoo haala ĥayđii kan hin qabne diimaa, kan foolii hin qabne, furdaas kan hin ta’in yoo ta’e, dubartiin haala kana qabdu dhiiga haala ĥayđii qabu akka ĥayđiitti fudhattee ŝalaataa fi sooma dhiiftee turti. Kan saniin ala ta’e akka istiĥaađaatti lakkoofti. Dhiigni haala ĥayđii qabu yeroo irraa dhaabate dhiqattee saalaatti; ni soomtis. Akka xahaaraattis lakkoofti. Nabiyyiin (ŝâw) Faaximaa bint AbiiĤubayshiin (râ) “Ĥayđii yoo ta’e inni dhiiga gurraacha beekamaadha, yeroo san ŝalaata dhiisi; kaan yoo ta’e wuduu’a godhadhuu salaati” jedhaniiruun – (Abuu-Daawuudii fi AlNasaa’iin akka gabaasanii fi Ibnu Ĥibbaanii fi Al-Ĥaakim ŝaĥiiĥummaa isaa akka mirkaneessanitti). Haalli Sadaffaan:- yeroo ĥayđii beekamaa ta’e kan hin qabnee fi mallattoo ĥayđicha waan biraa irraa ittiin adda baaftus yoo hin qabaanne namoota baay’ee biratti kan barame ji’a keessaa guyyaa jaha yookiin guyyaa torba ŝalaataa fi sooma malee turti. Kun haala dubartii baay’ee waan ta’eef jecha. Nabiyyiin (ŝâw) Ĥimnaa bint Jaĥshiin “Kun dhiitichoo shayxaanaati; guyyaa jaha yookiin guyyaa torba akka ĥayđiitti lakkaahii booda sanii dhiqadhu; yeroo qulqulloofte guyyaa digdamii afur yookiin digdamii sadii salaati, soomi; kun siif ga'a. Akkasumas akkuma dubartii ĥayđiin itti dhufuu godhi” 57 jedhaniiruun – (jarri shanan1 kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥummaa isaa mirkaneesseera). Dubartiin mustaĥaađaa taate akka qulqulluutti (akka xahaaraatti) yeroo ilaalamtu wantoota dirqama itti ta’an:1/ Haala ibsinee dabarsineen wantichi akka ĥayđiitti fudhatamu sun yoo dhaabate dhiqachuun dirqama itti ta’a. 2/ Dhiiga bahu dhowwuuf jirbii i kkf qaama saalaa isii keessa galchitee waan isa qabachuu danda’uun jabeessitee hidhuu qabdi – akka keessaa hin buuneef. 3/ Dhiiga Dahiinsaa i Aĥkaamota isaa Dhiiga dahiinsaa (nifaasa) jechuun dhiiga gadameessi ciniinfuu wajjin dahiinsaan dura, yeroo dahiinsaa fi dahiinsaan booda baasuudha. Waan ĥalaala ta’uu danda’uun dhiigni dahiinsaa akkuma ĥayđiiti. Fakkeenyaaf qaama saala isiitii ala waan jiruun isiitti fayyadamuun ni ta'a; waan ĥaraama ta’uunis tokkuma – fakkeenyaaf qunnamtii saalaa, sooma, ŝalaata, hiikaa (xalaaqa), xawaafa, masgiida keessa turuu, yeroo dhiigichi dhaabbate Ibnu Ĥajar Al-Âsqalaaniin kitaaba isaanii buluughulmaraam jedhamu keessatti akka fayydamanitti jara shanan jechuun Ahmad, Abuu-Daawud, AlNasaa’ii, Al-Tirmizii fi Ibnu Maajaah. – Hiikticha. 1 58 dhiqachuun dirqama ta’uu, ŝalaata dhiiftee sooma qađaa baasuun – kana hundaanuu dubartii ĥayđiin itti jirtuun wal fakkaata. Hubachiisa:- Dhiigni dahiinsaa irra guddaatti kan turu guyyaa afurtama. Ĥadiithni Ummu Salamaadhaan darbe waan jiruuf jecha. Jara akka Ûmar, Anas, Ibnu Âbbaas, Ummu Salamaa fi ŝaĥaabota biraa irraayis gabaafameera. Guyyaa afurtama yoo guute dhiqattee salaatti; ĥukmii warra qulqulluus ni qabatti. Dhiigni dahiinsaa guyyaa afurtamaan duratti yoo dhaabate yeroon dhiiga dahiinsa isii dhumeera jechuu waan ta’eef jecha dhiqattee salaatuu fi waan sababaa dhiigichaatiin irraa dhowwamtee turte hundaayyuu hojjechuun irra jira. Hubachiisa:- Dubartiin ulfi uumaa namaa godhate irraa bahe, haala dhokataadhaan illee haa ta’u micireen naqa qabu irraa yoo bahee saniin booda dhiigni itti dhufe ĥukmii dubartii dhiigni dahiinsaa itti jiruu (nufasaa’a) qabaatti. Irra guddaatti tolchaan miciree ilma namaa kan addaan bahee beekamu baatii sadii keessatti. Yeroon gabaabaa jedhamu immoo guyyaa saddeetamii tokko. Tolchaa namaa kan hin godhatin dhiigni ititaan (âlaqaan) yookiin kan akka cittuu foonii (muđghaan) yoo irraa bahe dhiiga saniin booda bahu akka dhiiga dahiinsaatti hin lakkooftu; ŝalaatas ta’e sooma hin dhiiftu. Ĥukmii nufasaa’aa hin qabaattu. Hubachiisa:- Dubartiin ulfa dahiinsaatiin dura bishaan irraa bahuuf jecha îbaadaa hin dhiiftu. Ĥukmiin isaatis qulqulluu (xaahira) ta’uu isaati. Sababaa isaatiif jecha qaama saalaas ta’e uffata inni tuqe dhiquun dirqama hin ta’u. Wuduu’as hin balleessu. 59 BOQONNAA - LAMA AĤKAAMOTA ŜALAATAA DIRQAMUMMAA ŜALAATA WAYTII SHANANII Ragaa lamaaniin (shahaadataynii) booda ŝalaanni ruknii Islaamaa isa jabaadha. Rabbi ergamaa isaa isa dhumaa kan ta’e Muĥammad (ŝâw) irratti ŝalaata kan murteesse murteewwan biraa irraa haala adda ta’een halkan Mi’âraajii samii keessatti. Kunis guddina isii, jabina dirqamummaa isiitii fi ulfina isiin Rabbiin biratti qabdu agarsiisa. Ŝalaata jechuun hiika afaaniitiin du'âa’ii jechuudha. Rabbi L sr q M“waŝalli âlayhim (jaraafis du'âa’ii godhi)” jedha – (AlTawbaa: 103). Akka shari'âatiin immoo hiikti isaa:- hojii takbiiraadhaan jalqabamtee tasliimaan (salaamataadhaan) raawwatamtu, jechootaa fi raawwiilee adda ta’an kan of-keessatti qabduudha. Kan kanaan moggaafamtes waan du'âa’ii of-keessatti qabatteef. Namni salaatu [hanga xumurutti] du'âa’ii îbaadaa irraa yookiin faaruu irraa yookiin kadhaa irraa hin citu. Kanaaf jecha ŝalaata jedhamtee moggaafamte. Dirqamummaadhaan kan isiin murtoofte hijraadhaan duratti halkan Israa’iiti. Guyyaa fi halkan keessa ŝalaanni shan – hundinuu yeroo murtaaheefitti – muslima ga'eessa ta’e irratti (buluugha gahee fi sammuu nagaa qabu irratti) dirqama. Rabbi akkana jedha:60 ١٠٣ :اﻟﻨﺴﺎء L y x w v u t s M “… ŝalaanni mu’imintoota irratti dirqama yeroodhaan daangeffamte taateetti” – (Al-Nisaa’i: 103). Kana jechuun ŝalaanni yeroo ergamaan Rabbii (ŝâw) jechoota isaaniitiinis ta’ee hojjaadhaan ibsan keessatti akka raawwatamtu murtoofte jechuudha. Rabbi akkana jedha:٥ : اﻟﺒﯿﻨﺔL r q p o n m l k j i h M “Amantii isa qofaaf qulqulleessanii, qajeeltotas ta’anii Rabbiin akka gabbaran, ŝalaatas sirreessanii akka salaatan zakaas akka kennan malee hin ajajamne” – (Al-Bayyinaa: 5). ٣١ :إﺑﺮاھﯿﻢ L y x w v u t M “Garboota koo warra amanan saniin (sirriitti ŝalaataa) jedhiin salaata sirriitti dhaabuu” – (Ibraahiim: 31). Ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim Ibnu Ûmariin eeruudhaan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Islaamummaan kan ijaarame waan shan irratti:- Rabbiin malee (kan dhugaadhaan gabbaramu) waaqni biraa akka hin jirree fi Muĥammad ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, ŝalaata sirriitti salaatuu, …” jedhaniiru. Hubachiisa:- Guddisaan daa’imaa yeroo inni waggaa torba gahe ŝalaatatti ajajuun dirqama itti ta’a; garuu daa’imicha irratti dirqama miti. Garuu ŝalaatatti akka yaaduu fi ŝalaata irratti akka leenji’uuf jecha akkasumas yoo inni salaatu isaafis ta’e guddisaa 61 isaatiif akka ajriin galmeeffamuuf jecha ŝalaatatti ajajama. Rabbi ١٦٠ :اﻷﻧﻌﺎم L dc b a ` _ ^ M “Namni hojii gaarii hojjete isaaf kudhan kan san fakkaattutu jiraaf” jedha – (Al-An’âam: 160). Ĥadiitha Ibnu Âbbaas gabaasaniin dubartiin tokko daa’ima isii ol’kaaftee daa’imni kun yoo ĥajjii godhe ni ta’aafii? jechuudhaan Nabiyyii (ŝâw) gaafannaan “eeyyee, atis ajrii argatta” jechuudhaan deebisaniiruuf – (Muslim). Kanaafuu guddisaan isaa ŝalaataa fi xahaaraa isa barsiisuu qaba. Daa’imichi waytii ŝalaataa keessa yoo ga'eessa gahe dura bu’ee kan salaate yoo ta’e sanumatu isaaf gaha; kan hin salaatin yoo ta’e immoo salaatuun dirqama itti ta’a – waytiin ŝalaataa keessaa bahuun dura yeroon hamma raka’âa tokkoo yookiin sanii olii odoo hafee jiruu buluugha yoo gahes ni salaata. Ŝalaanni kaafiras ta’e maraataa irratti waajiba miti. Garuu waytiin ŝalaataa keessaa bahuun dura yeroon hamma raka’âa tokkoo odoo hafee jiruu kaafirtichi yoo Islaamaye yookiin maraatichi yoo fayye (of-beeke) ŝalaata san salaatuun dirqama itti ta’a. Hubachiisa:- Ŝalaata waytii isaa irra dabarsuun hin danda’amu. Rabbi ١٠٣ :اﻟﻨﺴﺎء Ly x w v u t s M “… ŝalaanni mu’imintoota irratti dirqama waytiidhaan daangeffamteedha” jedha – (Al-Nisaa’i: 103). Kana jechuunis dirqama waytiilee murtaawan keessa raawwatamtuudha jechuudha. Waytiilee murtaawan san irra dabarsuun hin danda’amu. Yoo rakkoodhaaf jecha tursiisee ŝalaata itti aanuu wajjin walitti qabee (jam’â ta’ikhiir godhee) salaatuu barbaadeef ni ta'a. Kunis ŝalaatonni 62 sunneen walitti qabuun (jam’îin) kan danda’amanii fi namni sunis walitti qabee (jam’îi godhee) salaatuun kan eeyyamamuuf yoo ta’eedha. Haaluma kamiinuu, janaabaafis ta’e najisaaf yookiin waan biraatiif ŝalaata waytii isaa dabarsuun hin eeyyamamu. [Waan san of irraa deemsisuu yoo hin dandeenye] haaluma kam irrayyuu ta’ee salaatuu qaba. Hubachiisa:- Waajibummaa isaa odoo hin mormin nuffiidhaan (taatiyoodhaan) namni ŝalaata dhiise yaada ulamootaa lamaan keessaa yaada irra sirrii ta’een namni sun ni kafara. Kun ragaaleen kan agarsiisanii fi yaada sirrii ta’eedha. Fakkeenyaaf ĥadiitha Jaabir (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Nama tokkoo fi kufrii jidduu kan jiru ŝalaata dhiisuudha” jedhaniiru – (Muslimii fi kan biraatis gabaasaniiru). Ĥadiitha Buraydaan (râ) dabarseen immoo Nabiyyiin (ŝâw) “Âhdiin (daangaan) nuu fi isaan jidduu jiru ŝalaata; namni isii dhiise dhugaatti kafare” jedhaniiru – (warri shanan sanada ŝaĥiiĥa ta’een gabaasaniiru). AĤKAAMOTA AŽAANII FI IQAAMAA Ažaanii jechuun hiika afaaniitiin beeksisuu (i’âlaama) jechuu yoo ta’u akka hiikkaa shari’âatti immoo žikroota murtaawaa ta’aniin waytiin ŝalaataa seenuu beeksisuudhaan Rabbiin gabbaruudha. Iqaamaa jechuun hiika afaaniitiin waa tokko qajeelaa gochuu yoo ta’u akka hiika shari'âatiin immoo žikroota murtaawaa ta’aniin ŝalaataaf dhaabbatamuu beeksisuudhaan Rabbiin gabbaruudha. 63 Ažaaniin kan karaa godhame (kan murtaahe) akka lakkoofsa ĥijaraatti waggaa tokkoffaa keessatti. Sababaan isaas ŝaĥaabonni waytii ŝalaataa baruuf waan jara dhibeef mallattoo tokko gochuufiif wal-maryatan. Âbdullah bin Zayd (râ) ažaanii kana abjuudhaan (manaamaan) arge. Waĥyiinis ni mirkaneesse. Rabbi akkana jedha:٩ : اﻟﺠﻤﻌﺔL 0/ . - , + * ) ( ' & % $ # " ! M “Yaa warra amantan! Guyyaa jimaataa yeroo ŝalaataaf waamichi godhame gara Rabbiin žakkaruutti dafaa deemaa; bittaa fi gurgurtaas dhiisaa …” jedha – (Al-Jumu'aa: 9) ٥٨ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL $ # " ! M “Yeroo gara ŝalaataatti waamtan …” jedha – (Al-Maa’idaa: 58) Ažaanii fi iqaamaan farđul kifaayaadha. Farđul kifaayaa jechuun hojii tokko hojjachuun isaa muslimtoota hunda irratti dirqama ta’ee garuu yoo namootiin gahaa ta’an hojii san hojjetan warri hafan cubbuudhaan kan itti hin gaafatamne jechuudha. Ažaanii fi Iqaamaan mallattoowwan (sha’âa’ira) Islaamummaan ittiin mullatu irraayyi. Kara-deemtotas ta’anii biyya ofiis jiraatan ŝalaatota shananiif ažaanii fi iqaamaa gochuun dhiirotii irratti waajiba (dirqama). Ažaanii fi iqaamaa kan dhiisan namoonni naannoo tokkoo lolatu itti banama. Mallattoota Islaamummaan ittiin ifa ta’u irraa waan ta’aniif jecha dhiifamuu hin qaban. Hubachiisa:- Nama qobaa isaa salaatuuf Ažaanii fi Iqaamaan sunnaadha. Ĥadiitha Ûqbaa bin Ảamir (râ) nuuf dabarseen 64 Nabiyyiin (ŝâw) “Nama gaara gubbaatti hoolota/re’oota isaa eeggataa ažaanii godhee salaatu Rabbiin kee itti gammada” jedhaniiru – (Al-Nasaa’ii). Hubachiisa:- Ažaanii fi iqaamaan sirrii ta’uu kan danda’an dhiirri sammuun isaa fayyaa ta’e, umurii waa beekuu danda’u (tamyiiza) gahee fi amanamaa ta’e tokko eega waytiin ŝalaataa seenee booda himoota murtaawan odoo irraa hin hir’isin tartiiba jaraa eegee walfaanaa yoo godheedha. Akkaataa Ažaaniin ittiin baafamu lamaan:Tokkoffaan:- Ažaanii Bilaal yoo ta’u himoota kudha shan qaba. Kun ažaanii Bilaal (râ) bakka Nabiyyiin (ŝâw) jiranitti yeroo hunda godhaa tureedha. Lammaffaan:- Ažaanii Abuu-Maĥžuuraa yoo ta’u himoota kudha sagal qaba. Kunis akkuma ažaanii Bilaal ta’ee tarjii’î itti dabalama. Kana jechuun shahaadaa lamaan (ash’hadu an-laailaaha illallaaha, wa’ash’hadu anna Muĥammadan Rasuulullaah) sagalee xiqqaa namoonni naannoo isaa jiran qofti dhagahuu danda’aniin eega jedhee booda sagalee isaa olfuudhee lammata dabalee jedha. Akkaataa lamaan kana jijijjiiraa fayyadamuun jaallatamaadha. Wantoota ažaaniif jaallataman:- Jechoota ažaanii yeroo baasu suuta jechuu – hamma barbaachisaa caalaa odoo hin harkisin, yeroo tokko tokko hima tokko irratti dhaabachuu yeroo tokko tokko immoo hima lama lama walitti qindeessuu, yeroo ažaanii godhu qiblaatti deebi’uun jaallatamaadha, sagalee isaa ol 65 kaasuufis ni gargaara. yeroo ‘ĥayya âlaŝŝalaat’ jedhu gara mirgaatti yeroo ‘ĥayya âlalfalaaĥ’ jedhu immoo gara bitaatti xiqqoosii dabuu, ažaanii fajrii (subĥii) keessatti ‘ĥayya âlalfalaaĥ’ lammaffaatiin booda yeroo lama ‘assalaatu khayrun minannawm’ (ŝalaanni irriba caala) jechuudha. Waan kanatti Nabiyyiin (ŝâw) ajajaniiru. Namoonnis yeroo kana baay'inaan ni rafu. Yeroo iqaamaa godhu daddafuun jaallatamaadha – namoota bakka san jiran beeksisuu waan ta’eef jecha dheeressuun barbaachisaa miti. Namni ažaanii godhe iqaamaas gochuun jaallatamaadha. Eeyyama imaamaa malee iqaamaa gochuun hin danda’amu. Yeroo iqaamaa kan murteessu imaama waan ta’eef jecha odoo inni hin akeekin gochuun hin ta’u. Akkaataa Iqaamaa itti Godhan Lamaan:Tokkoffaan:- iqaamaa Bilaal yoo ta’u hima kudha tokko qaba. Lammaffaan: Iqaamaa Abuu-Maĥžuuraa yoo ta’u inni immoo hima kudha shan qaba. Lammanuu wal-jijijjiiranii gochuun jaallatamaadha. Hubachiisa:- ažaaniin kan murtaaheef waytiin ŝalaataa seenuu beeksisuuf waan ta’eef jecha waytiin ŝalaataa seenuun dura yoo godhame hin ta’u; kaayyoon barbaadames hin argamu; nama dhagahus gowwoomsuu ta’a. Akka murtee filatamaatti ažaaniin waliigalaa jalqaba waytiitti ta’uu qaba. Kunis mu’ažžinoonni Nabiyyii (ŝâw) lamaan kan godhaa turan waan ta’eef jecha. 66 Ažaanichi garee yookiin tuuta murtaawaa tokkoof yoo ta’e ažaanichi kan godhamu yeroo ŝalaaticha salaatuuf ka’an ta’a. Ažaanii Jalqabaa:- Ažaanii lammaffaa kan yeroo fajriin bahu godhamuun dura ŝalaata fajriitii fi ažaanii jalqabaa gochuun jaallatamaadha. Ĥadiitha Ûmar (râ) gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Bilaal kan ažaanii godhu halkaniin; hanga Ibnu Ummu Makh’tuum ažaanii godhutti nyaadhaa, dhugaa” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Yeroon ažaanota lamaan jidduu jiru nama irriba irra jiru dammaquu kan isa dandeessisu, nama ŝalaata irra jiru immoo soomuu kan barbaadu yoo ta’e qiyaama irraa (ŝalaata irraa) gara saĥuuriitti deebi’uu kan isa dandeessisu ta’uu qaba. Mu’ažžinichaaf deebii kennuu:- namni ažaanii Mu’ažžinaa dhagahu waan inni jedhu jechuudhaan deebii kennuun sunnaa dha; ‘ĥayya âlaŝŝalaat ĥayya âlalfalaaĥ’ yeroo inni jedhu immoo ﻻ َﺣ ْﻮ َل وَﻻ ﻗُ ﱠﻮ َة إﻻ “ ﺑﺎﷲlaa ĥawla walaa quwwata illaa billaah” jechuudhaan deebii kenna. Mu’ažžinni eega ažaanii fixee booda akkana jedha:- آت ﻣﺤﻤﺪا اﻟﻮﺳﯿﻠﺔ، اﻟﻠﮭﻢ رب ھﺬه اﻟﺪﻋﻮة اﻟﺘﺎﻣﺔ واﻟﺼﻼة اﻟﻘﺎﺋﻤﺔ،“ اﻟﻠﮭﻢ ﺻﻞ ﻋﻠﻰ ﻣﺤﻤﺪ ”واﻟﻔﻀﯿﻠﺔ واﺑﻌﺜﮫ ﻣﻘﺎﻣﺎ ﻣﺤﻤﻮدا اﻟﺬي وﻋﺪﺗﮫ Allaahumma ŝalli alaa Muĥammad, Allaahumma Rabba haažihidda’awatittaammaa waŝŝalaatil-qaa’imaa aati Muĥammadan alwasiilata walfađiilata wab’-th’hu maqaaman mahmuudan al-lažii wa’adtah. 67 Mu’ažžina lammaffaadhaafis sadaffaadhaafis deebii ni kenna. Garii ažaanii yoo dhagahe kanuma dhagahe qofaaf deebii kenna. Sababa (uzrii) malee yookiin deebi’uu kan yaade yoo ta’e malee ažaaniidhaan booda masjiida keessaa bahuun ĥaraama. Namni tokko odoo taa’aa jiruu Mu’ažžinni ažaanii gochuu yoo jalqabe hamma inni ažaanii xumurutti namichi obsee taa’uu qaba malee ka’uu hin qabu – shayxaanaa wajjin akka wal hin fakkaanneef jecha. Waan kana Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaan (Rabbi isaan haa-raĥmatu) dubbate. SHURUUXA (ULAAGAA) ŜALAATAA Afaan Arabaatiin sharxii jechuun mallattoo jechuu yoo ta’u akka hiika shari'âatti immoo waa tokko dhabamuun isaa waan kaanis dhabamuu isaa kan agarsiisu, argamuun isaa immoo waan kaan argamuu yookiin dhabamuu kan hin agarsiifne jechuudha. Shuruuxa ŝalaataa jechuun ulaagaalee sirrummaan ŝalaataa irratti dhaabbatu yookiin irratti hundaa’u jechuudha. Sharxii Tokkoffaa:- Waytiin Ŝalaataa Seenuu Rabbi ١٠٣ :اﻟﻨﺴﺎء Ly x w v u t s M “… ŝalaanni mo’imintoota irratti dirqama waytiidhaan daangeffamteedha” jedha – (Al-Nisaa’i: 103). Kana jechuun ŝalaanni kan raawwatamu waytiilee murtaawanii fi daangeffaman keessa jechuudha. Rabbi ŝalaataaf waytiilee murtaawan godhe. Ŝalaatonni shanan akka waytiilee adda ta’anii fi murtaawan qabanii fi waytiilee saniin 68 dura raawwachuun waliigalaniiru. akka hin taane muslimoonni itti Dura-taa’aa mo’imintootaa kan turan Ûmar bin Al-Khaxxaab (râ) “Ŝalaanni waytii Rabbi murteesseef qabdi, waytii san keessa malee sirrii hin taatu” jedhaniiru. Waytiileen kunneen kan armaan gadiiti:1/ Ŝalaata Zhuhrii:- waytiin ŝalaata zhuhrii kan jalqabu dabiinsa aduutiin – sarara jidduu irraa gara lixaatti yeroo isiin dabduudha. Rabbi ٧٨ :اﻹﺳﺮاء L @ ? > = M “ŝalaata eega aduun dabdee hanga dukkana halkaniitti salaati …” jedha – (Al-Israa’i: 78). Dabuun isii kan beekamu gaaddidduun gara lixaa irraa eega dhabamee gara bahaatti yeroo argameedha. Waytiin zhuhrii gaaddidduun waan hundaayyuu hamma waan sanii hanga dheeratutti ni tura . Garuu gaaddidduu yeroo isiin dabdu jiru hin dabalatu. Booda kanaa ni dhumata. Ĥadiitha Âbdallaah bin Âmr nuuf dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “waytiin ŝalaata zhuhrii yeroo aduun dabdee jalqabee hanga gaaddidduun nama tokkoo dhaabii isaatiin wal qixxaatutti” jedhaniiru – (Muslim). Waytii jalqabaa irratti (Awwal-alwaqt) dafanii salaatuun ni jaallatama; yoo ho’i jabaa ta’e garuu nama qobaa salaatuufis ta’e jamaa’âadhaaf ho’i sun hanga gadi bu’utti zhuhrii hanga Asrii jala gahutti tursiisuun jaallatamaadha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Yoo ho’i jabaate qabbaneeffadhaa ŝalaataa; jabinni ho’aa afuura jahannamaa irraa waan ta’eef jecha” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). 69 2/ Ŝalaata Âŝrii:- waytiin isii kan eegalu dhuma waytii zhuhri irraa jalqabeeti; jechuun yeroo gaaddidduun waan hundaayyuu dheerina waan saniitiin wal-qixxaate irraa jalqabeeti. Ammas gaaddidduu yeroo aduun dabdu jiru hin dabalatu. Kan turu immoo yaada lamaan ulamootaa keessaa yaada irra sirrii ta’een hanga aduun daalachooftutti. Ĥadiisa Âbdallah bin Âmr gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) waytiin Asrii odoo aduun hin daalachaa'in duratti” jedhaniiru – (Muslim). Kun waytii filatamaadha. Yeroon rakkinaaf ta’u immoo hanga aduun lixxutti ni tura. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Odoo aduun hin lixin dura Aŝri irraa namni raka'aa tokko argate Aŝrii argateera” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaanni âŝrii waytii gosa lama qabaachuudhaan ŝalaata kan biraa irraa adda taati – waytii filatamaa (waqtal-ikhtiyaar) fi waytii rakkinaa (waqtal-đaruuraa). Jalqaba waytiitti dafanii salaatuun sunnaadha. Ŝalaata jiddu-galeettii jechuudhaan kan Rabbi caalina isii ibses isiidha. Rabbi L ( ' & % $ # " ! M “ŝalaatotaa fi ŝalaata jiddugaleettiis eeggadhaa; ajajamoota ta’uudhaanis Rabbiif dhaabbadhaa” jedha – (Al-Baqaraa: 238). Kun ŝalaata âŝrii ta’uun isii ĥadiithotaan mirkanaaheera. 3/ Ŝalaata Maghribaa:- waytiin isii kan jalqabu aduun lixuudhaani. Bakka gadi-bu’aas ta’ee bakka ol’ka’aa (gaara gubbaa) irra taa’anii arguun haala hin danda’amneen guutuudhaan guutuutti yeroo isiin lixxu. Mana keessa 70 taa’uudhaan aduun lixuu beekuu kan danda’amu dukkanni halkanii gara bahaatiin yeroo innii dhufuu jalqabuudha. Ĥadiitha Ûmar (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Halkan gara kanaan (gara bahaatiin) yeroo inni as gara galu, guyyaan immoo gara kanaan (gara lixaatiin) yeroo achi gara galee deemu namni soomu ni faxara” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Waytiin maghribaa ifti diimaan (al-shafaqul-aĥmar) hanga seenutti tura. Shafaqii jechuun adiin diimaadhaan kan walmakateedha. Ittiin aansee diiminni isaa badee adiin qulqulluun hafa, ittiin aansee innis ni lixa. Inni adiin lixuun inni diimaan lixuu agarsiisa. Ŝalaata maghribaa jalqaba waytii isii irratti salaatuun sunnaadha. Ĥadiitha Al-Tirmižiin gabaasee ŝaĥiiĥas jedheen Nabiyyiin (ŝâw) maghriba kan ŝalaataa turan eega aduun lixxee haguugamteeti. Al-Tirmižiin “Kun ejjannoo ŝaĥaabotaatii fi irra guddeessa ulamoota jaraan booda jiraniiti” jedheera. Jibriilis guyyaa jalqabaas ta’e guyyaa lammaffaa kan inni Nabiyyii (ŝâw) salaachise eega aduun lixxee waan ta’eef jecha. 4/ Ŝalaata Îshaa’ii:- Waytiin isii kan jalqabu yeroo waytiin maghribaa dhumuudha. Jechuun al-shafaqul-aĥmar eega lixee jalqabee hanga halkan walakkaatti tura. Ĥadiitha Âbdallaah bin Âmr gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “waytiin îshaa’ii hanga halkan walakkaati” jedhaniiru – (Muslim). Ŝalaata îshaa’ii hanga waytii dhumaatti tursiisuun nama qobaa salaatuufis ta’e jamaa’âadhaaf jaallatamaadha. Namoota irratti kan jabaatu yoo ta’e kan jaallatamu jalqaba waytii irratti dafanii salaatuudha. Innis rakkina hanbisuuf jecha. Nabiyyiin (ŝâw) yoo 71 namoonni dafanii dhufan dafanii ŝalaataa akka turanii fi yoo namoonni turan immoo turanii ŝalaataa akka turan Jaabir (râ) gabaaseera – (Muttafaqun Âlayhi). Irribaan akka ŝalaanni hin darbine ŝalaata îshaa’ii dura rafuun ni jibbama. Îshaa’iin booda namaan haasa’uunis ni jibbama. Kunis dafanii rafanii dafanii ka’uu waan nama dhowwuuf jecha. Halkan gara dhumaa irratti ka’ee ŝalaata tahajjudaa akka salaatuu fi ŝalaata sub’hiis dammaqinaan (nashaaxaan) akka salaatuuf jecha ŝalaata îshaa’ii booda dafanii rafuu barbaachisa. Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata îshaa’ii dura rafuu fi ŝalaata îshaa’ii booda haasa’uu akka jibbaa turan Abuu-Barzaan (râ) gabaaseera – (Muttafaqun Âlayhi). Kun îshaa’ii booda faayidaa malee kan taa’u yoo ta’eedha. Kaayyoo sirrii ta’ee fi dhimma fayyaduuf yoo ta’e taa’uun rakkina hin qabu. 5/ Ŝalaata Fajrii:- waytiin isii kan jalqabu yeroo fajriin lammaffaa bahu yoo ta’u hanga aduun baatutti tura. Ĥadiitha Âbdallaah bin Âmr gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Waytiin ŝalaata subĥii fajriin eega bahee jalqabee hanga aduun hin bahinitti tura” jedhaniiru – (Muslim). Fajriin bahuun isaa yoo mirkanaahe dafanii salaatuun jaallatamaadha. Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata subĥii ghalasaan (golgolaan) ŝalaataa akka turan Jaabir (râ) gabaaseera – (Muttafaqun Âlayhi). 72 Namni ŝalaata salaatuu irraanfate yookiin irribaan yoo dabarse qađaa baasuudhaaf daddafuun dirqama itti ta’a. Ĥadiitha Anas (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni irraanfachuudhaan yookiin rafuudhaan ŝalaata dabarse yeroo yaadate haa salaatu; kana malee qulqulleessaa (kaffaaraa) hin qabu” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaata dabarte dafanii qađaa baasuudhaaf daddafuun dirqama ta’a; namoonni hin beekne tokko tokko akka yaadanitti yeroon ŝalaata san fakkaattu hanga seenutti eeguun sirrii miti. Waytiin ŝalaata salaatuun dhowwamu hanga bahuttis hin ’eegamu, achumaan dafanii salaatuudha. Hubachiisa:- qađaan akkuma ŝalaata yeroo isaatti ŝalaatamuutti ŝalaatama. Qađaan jamaa’âadhaan ni ŝalaatama; ŝalaata jahriyyaa (kan sagaleen ol’qabamee qara’amu) yoo ta’e sagalee ol’qabanii qara’uudhaan ŝalaata jahriyyaa yoo hin ta’in immoo sagalee gadi qabanii qara’uudhaan ŝalaatama. Ŝalaatonni darban yoo baay’ee ta’an tartiiba jaraatiin qađaa baasuudha. Dura subĥii, ittiin aansee zhuhrii, … haala kanaan ŝalaata. Nabiyyiin (ŝâw) duula khandaq keessatti yeroo ŝalaanni âŝrii isaan darbu kan isaan ittiin jalqaban salaatuma âŝriitiin; ittiin aansuudhaan maghriba salaatan – (Muttafaqun Âlayhi). Irraanfachuudhaan, wallaaluudhaan, ŝalaanni waytii isaa keessa jiru akka hin darbine sodaachuudhaan, Jumu'aa fi jamaa’âa argachuudhaaf jecha tartiibni hafuu ni danda’a. Ŝalaatonni sunnaa, rawaatiboonnii fi witriin ŝalaatota farđii wajjin qađaa baafamu. 73 Rakkinaaf yoo ta’e malee ŝalaata waytii filatamaa irra dabarsuun hin ta’u. Sharxii Lammaffaa:- Âwrata haguuguu Âwrata jechuun qaama haguuguun isaa dirqama ta’u, saaxila baasuun isaa kan nama jibbisiisuu fi saalfachiisuudha. Rabbi akkana jedha:- L ( ' & % $ # " M “Yaa ilmaan Aadam, masgiida hundattuu (waan âwrata keessan haguugu) bareedina keessan qabadha.” – (Al-A’âraaf: 31). Yeroo ŝalaataa hunda haguugaa jechuudha. Ĥadiitha Âa’ishaadhaan gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “Dubartiin geessuun waan qaama isii haguugu yoo uffatte malee Rabbi ŝalaata isii hin qeebalu” jedhaniiru – (Abuu-Daawudii fi Al-Tirmižiin kan gabaasan yoo ta’u, AlTirmižiin hadiisun ĥasan jedhaniiru). Rabbi waa’ee kaafirootaa yeroo dubbatu, âwrata saaxila gochuun gocha fokkataa ta’uu isaa aayata armaan gadiitiin ibsa:³ ² ± ° ¯ ®¬ « ª © ¨ § ¦¥ ¤ £ ¢ ¡ ~ } | { M ٢٨ :اﻷﻋﺮاف L ´ “Yeroo hojii fokkataa wahii hojjetan ‘isii irratti abbootii keenya argine, Rabbis isiitti nu’ajaje’ jedhu; ‘Rabbi waan fokkataatti hin ajaju, Rabbi irratti waan hin beekne dubbattuu?’ jedhiini.” – (Al-A’âraaf: 28). Qullaa isaanii Ka’âbaa naanna’u ture; kana amanti irraa lakkaahu turan. 74 Ulaagaalee waan âwrata haguuguu:- wanti ŝalaata keessa âwrata haguuguu qabu kan uffachuun isaa eeyyamamaa, qulqulluu fi bifa qaamaa kan hin argisiifne ta’uu qaba. Âwrata Dhiiraa Âwranni dhiiraa mumayyizaas ta’e kan ga'eessaa1 – hannuuraa qabee hanga jilbaati. Ĥadiithni Âliyyi irraa gabaafames kanuma agarsiisa:- “sarbaa kee hin saaxilin; sarbaa nama lubbuun jiruus ta’ee kan nama du’ee hin ilaalin” jedhaniiru – (Abuu-Daawudii fi Ibnu-Maajaa). Ĥadiitha Âmr bin Shu’âyb abbaa isaa irraa akaakayyuu isaa irraa gabaaseenis Nabiyyiin (ŝâw) “qaamni hannuuraa fi jilba jidduu jiru âwrata” jedhaniiru – (AlDaaraquxniin kan gabaase yoo ta’u, sanadni isaas ĥasan). Dubartiin geessuun qaamni isii hundinuu âwrata. Nabiyyiin (ŝâw) “Dubartiin âwrata” jedhani- (Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Ĥadiitha Âa’ishaadhaan (râ) gabaafameenis Nabiyyiin (ŝâw) “Dubartiin geessuun waan qaama isii haguugu yoo uffatte malee Rabbi ŝalaata isii hin qeebalu” jedhaniiru. Al-Tirmižiin akkana jedhe:- “ulamoonni ejjennoon isaanii kanuma; dubartiin eega geessee booda âwrata isiirraa womti xiqqoonuu saaxilaahee yoo salaatte ŝalaanni isii sirrii miti.” Aayatoonni armaan gaditti dhihaatan kunii fi Ĥadiithonni armaan olii kanuma jajjabeessu:Mumayyiza jechuun umurii buluughaa kan hin gahin ta’ee garuu waa addaan baasee kan beeku jechuudha.– hiikticha. 1 75 ٣١ : اﻟﻨﻮرL x w v u t sr q p o nm l k j i h gM “… bareedina jaraa kan ifa-gale malee hin saaxilin; shaashii jaraas laphee jaraatti haa maran; bareedina jaraa (kan keessaas) dhirsoota jaraatiif yookiin abbootii jaraatiif yookiin, … yoo ta’e malee hin saaxilin; …” (Al-Nuur: 31). ٥٩ :اﻷﺣﺰاب L xw v u t s r q p o n m M “Ati yaa Nabiyyichaa! Haadha manaa kee, ilmaan dubartootaa keetii fi dubartoota mo’iminootaatiin ‘jilbaaba of irra gadi dhiisaa’ jedhiin …” (Al-Aĥzaab: 59). ٥٣ :اﻷﺣﺰاب L ½¼ » º ¹ ¸¶ µ ´ ³ ² ± ° M “… yeroo meeshaa (ergifachuuf) gaafattan girdoodhaan (golgaadhaan) duuba ta’aa gaafadhaa; …” (Al-Aĥzaab: 53). Aayattoonni kanneenii fi Qur’aana keessaayis ta’ee sunnaa (ĥadiitha) keessaa wanti kana agarsiisan baay’eedha. Dubartiin dhiira ormaa (ajnabii) biratti qaamni isii hundinuu âwraa ta’uu kan agarsiisan. Ŝalaata keessas ta’e ŝalaataan alatti bakka dhiirri ormaa jirutti qaamni isii saaxilamuu hin qabu. Bakka dhiirotiin ormaa hin jirretti yoo salaatte garuu ŝalaata keessa fuula isiitii fi harka isii ifa baasuu qabdi. Ĥadiitha Asmaan gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) dubartiin uffata isiitiin akka salaattu waan eeyyamaniif jecha. 76 Mumayyizaan1 mataa isii, fuula isii, ganaa harka isiitii fi miila isii malee qaamni isii hundinuu âwraadha. Rabbi ŝalaata keessatti waan âwrata haguugu caaluttis ajajeera – innis bareedina (ziinaa) godhachuudha. Rabbi akkana jedha:٣١ :اﻷﻋﺮاف L ( ' & % $ # " M “Yaa ilmaan Aadam, masgiida hundattuu (âwrata keessan kan haguugu) bareedina keessan qabadhaa” jedha – (Al-A’âraaf: 31). Âwrata haguuguu qofa odoo hin ta’in faaya qabachuuttis ajajeera. Kunis muslimni ŝalaata keessa Rabbii ol ta’e fuuldura dhaabachuudhaaf uffata qabu keessaa uffata irra gaarii fi bareedaa ta’e uffachuu akka qabu agarsiisa. Bakka kanatti namtichi salaatu haala isaa keessaatiinis ta’e haala isaa alaatiin haala guutuu irratti argamuu qaba; akka aadaa naannootti mataa haguuggachuun akka bareedinaatti kan ilaalamu yoo ta’e mataa isaas haguuggachuu qaba. Sharxiin Sadaffaan:- Najisa irraa Fagaachuu Namni salaatu qaama isaa, uffata isaatii fi bakka itti salaatu najisa irraa qulqulleessuu qaba. Najisni kan ŝalaata dhowwu xurii addaa kan akka waan du’ee, dhiiga dhangala’aa, boolii fi udaaniiti. Rabbi L § ¦ M “Uffata keetis qulqulleessi” jedha. Ibnu Siiriin ‘bishaaniin dhiqi Mumayyizaa jechuun durba umurii waa addaan baaftee beekuu dandeessu geesse garuu kan ammallee buluuga hingeenye jechuudha. 1 77 jechuudha’ jedheera. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) waa’ee namoota lamaan qabirii keessatti adabamaa turan yeroo ibsan: “lamaan jaraa keessaa tokko boolii irraa of hin qulqulleessu ture” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Nabiyyiin (ŝâw) ĥayđiin yoo uffata isii tuqe irraa dhiqxee akka ittiin salaattu Asmaa (râ) ajajaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Kophees qulqulleessanii akka ittiin salaatan ajajaniiru. Boolii masgiida keessatti boola’amettis bishaan akka itti naqamu ajajaniiru. Kan biraas ragooleen istinjaa’aatii fi istijmaaraa akkasumas ragooleen biraas kana agarsiisu. Ŝalaataan booda najisa of irratti argee yoom akka isa tuqe yoo hin beekin ŝalaanni isaa sirriidha. Akkasumas ŝalaataan dura najisni akka isa tuqe kan beeku ta’e garuu ofirraa balleessuu irraanfatee yoo ittiin salaate ilaalcha irra fudhatamaa (raajiha) ta’een ŝalaanni isaa sirriidha. Odoo ŝalaataa jiruu akka najisni itti jiru yoo beekee sochii guddaa malee of irraa balleessuu yoo danda’e, fakkeenyaaf akka kophee baafachuu, marata of irraa fuuchuu, kkf of irraa balleessee ŝalaata isaa itti fufa. Ŝalaata keessa ofirraa balleessuu yoo hin dandeenye ŝalaanni isaa ni bada. Iddoolee Ŝalaata itti Salaatuun hin eeyyamamne Tokkoffaa:- Bakka awwaalaa: bakka awwaalaa (qabrii) irratti salaatuun hin danda’amu. Bakka namni itti awwaalame kamittuu jechuudha. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “bakka awwaalaatii fi bakka dhiqannaa (ĥammaama) waan darbe lafti hundinuu masgiida” jedhaniiru – (Al-Nasaa’ii malee warri shanan kan gabaasan yoo ta’u, Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). 78 Nabiyyiin (ŝâw) “gara qabiriitti hin salaatinaa qabrii irras hin taa’inaa” jedhaniiru – (Muslim). Bakka awwaalaatti salaatuun kan dhowwameef najisa sodaachuuf odoo hin ta’in akka namoonni qabirii daangaa malee kabajanii hin waaqeffanneef. Akka namoonni warra awwaalaman hin gabbarreef karaa itti cufuuf. Salaatul janaazaan garuu kana irraa adda. Isa qabirii irrattis ta’e bakka qabriitti salaatuun ni ta’a. Kana waan Nabiyyiin (ŝâw) godhaniif jecha. Kun dhorgaa san keessaa isa baasa. Naannoon bakka awwaalliitii fi bakki bakka awwaallii jedhamee waamamu hundinuu itti hin salaatamu – dhorgaan bakka awwaallii sanii fi naannoo bakka awwaalli san keessa galu ni qabata. Gara qabiriitti garagalanii salaatuunis hin ta’u. Ĥadiitha AbuuMirthad Al-Ghanawiin (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “gara qabiriitti hin salaatinaa” waan jedhaniif jecha – (Muslim). Akkasumas masgiida qabirii irratti ijaarame keessattis salaatuun hin ta’u. Dura masgiidichi eega ijaaramee booda reenfi isa keessatti kan awwaalame yoo ta’e qabirichi diigamee masgiida keessaa baafamuu qaba. Lammaffaa:- Bakka fincaan/bobbaatii baasuuf itti marfame keessatti salaatuun dhowwaadha. Waan boolii itti baasuuf itti marfamee fi shayxaanonnis waan bakka sanitti argamaniif jecha. Sadaffaan:- Bakka itti dhiqannaaf qophaahe (ĥammaama) keessattis salaatuun hin ta’u – bakka âwranni (qaamni saalfachiisaan) itti saaxilamuu fi bakka shayxaanonnis itti siqatan 79 waan ta’eef jecha. Kan dhowwamu ulaa bakka san irraa jalqabee guutuudhuma bakka saniiti. Ĥadiitha Abuu-Sa'îid (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “bakka awwaalliitii fi bakka dhiqannaa (ĥammaama) waan darbe lafti hundinuu masgiida” jedhaniiru – (Al-Nasaa’ii malee warri shanan sanada ŝaĥiiĥaan gabaasaniiru). Arfaffaa:- Mooraa gaalaa keessatti salaatuun hin ta’u. Kunis bakka jireenyaa fi boqonnaa gaalaa jechuudha. Akkasumas bakka gaalotiin eega laga buutee dhugdee booda itti boqottutti salaatuunis hin ta’u. Ĥadiitha Jaabir bin Samuraa (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) mooraa gaalaa keessatti salaatuu dhowwaniiru – (Muslim). Shanaffaa:- Idoo najisa ta’ettis salaatuun hin ta’u. Ragooleen sharxii najisa irraa fagaachuu jedhu keessatti caqafaman kanaafis ragaa ta’u. Hubachiisa:- Bakka suuraaleen dhaabaman yookiin fannifaman jiranitti salaatuun jibbamaadha – sahaboonni kan akka hin goone waan gabaafameef jecha. Sharxii Arfaffaa:- Gara Qiblaatti Gara-galuu Ŝalaanni sirrii ta’uuf shuruuxa (ulaagaalee) barbaachisan keessaa tokko gara qiblaatti gara-galuudha. Innis gara Ka’âbaa kabajamaati. Qiblaa jedhamtee kan waamamteef waan namoonni gara isii dhufaniif (iqbaala godhaniif) fi namni salaatus fuula isaa gara isiitti waan gara-galchuuf. Rabbi akkana jedha:- 80 ١٥٠ : اﻟﺒﻘﺮةL s r q p o n ml k j i h M “Fuula kee gara masjidal-ĥaraamitti gara-galchi; iddoo kamiyyuu jiraattan … fuula keessan gara isaatti gara-galchaa; …” (AlBaqaraa: 150). Abuu-Hurayraan (râ) waa’ee namticha ŝalaata isaa qajeelchee hin salaatinii ĥadiitha dabarsan keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaataaf dhaabachuu yeroo barbaaddu wuduu’a sirriitti godhadhu; saniin booda gara qiblaatti gara-galii takbiiraa godhi” jedhaniiru – (Muslim). Namni masjidal-ĥaraam keessa jiraatee gara Ka’âbaatti dhihaate qaama isaa guutuudhaan garuma Ka’âbaatti kallattiidhaan garagaluun dirqama itti ta’a. Kunis kallattiidhaan Ka’âbaatti garagaluu waan danda’uuf jecha. Qixa Ka’âbaa irraa xiqquma dabuun hin eeyyamamuuf. Dachii kana irratti gara kamiyyuu jiraatee namni Ka’âbaa irraa fagoo jiru gara Ka’âbaan jirutti gara-galee ŝalaata. Gara mirgaatti yookiin gara bitaatti xiqqoo dabuun rakkoo hin qabu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “bahaa fi lixa jidduu kan jiru hundinuu qiblaadha” jedhaniiru – (Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Ŝaĥaabota biraa baay’eerraayis gabaafameera. Kun namoota Madiinaatii fi biyyoota qiblaan jaraa qiblaa Madiinaatiin wal-fakkaatuuf. Biyyoota biraatiifis akkasuma. Fakkeenyaaf nama gara bahaatti argamuuf qiblaan isaa kibbaa fi kaaba jidduutti kan argamu ta’a. Nama gara lixaatti argamuufis akkasuma. 81 Hubachiisa:- Haala armaan gadi jiraniin dirqamni qiblaatti garagaluu ni hafa:1/ Gara Ka’âbaatti gara-galuu yoo hin dandeenye:fakkeenyaaf qiblaa irraa gara biraatti gara-galfamee hidhamee yookiin fannifamee gara qiblaatti deebi’uu yoo hin dandeenye haaluma jiru irratti ŝalaata – qiblaatti gara-galuu baatus ni salaata. Kana ulamoonni itti walii-galaniiru. Dirqamoonni raawwachuun isaanii kan hin danda’amne yoo ta’an dirqamummaan jaraa ni hafa. 2/ Haala dirqisiisaa (đaruuraa) keessatti:- fakkeenyaaf yeroo lolli hammaate, yookiin nama lolaa irraa, ibidda, bineensa, diina yookiin kkf irraa baqataa jiru yoo ta’e. 3/ Yeroo namaaf hin mijjoofne yookiin nama rakkisu:fakkeenyaaf dhukkubstaan qiblaatti gara-galuu hin dandeenye yookiin qiblaatti gara-galuun itti ulfaatee kan isa rakkisu yoo ta’e jarri akkanaa kun haaluma jiran, qiblaa irraa gara biraatti deebi’anii yoo jiraatanillee irratti saalaatu. Ŝalaanni isaanii sirriidha. Sharxii (ulaagaa) raawwachuun isaa hin danda’amne waan ta’eef dirqamummaan isaa ni hafa. Rabbi L z y x wM “hanguma dandeessan Rabbiin sodaadhaa” jedha – (Al-Tagaabun: 16). Nabiyyiinis (ŝâw) “Waan tokko akka hojjettan yoon isin ajaje hanguma dandeessan hojjedhaa” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarseen [sababaa lolaatiin] yeroo sodaan jabaate gara qiblaatti deebi’aniis odoo hin deebi’inis akka salaataa turan gabaafameera – (Bukhaarii). 82 4/ Kara-deemaa ta’ee deemsa irra odoo jiruu sunnaa salaatuu yoo barbaade [konkolaataa, farda, gaangee, gaalaa fi kkf …] yaabbatees haa ta’u yookiin miilaanis deemaa haa ta’uu waan hin mijjoofneef gara qiblaatti deebi’uu yoo hin danda’in garuma mijjaaheefitti gara-galee salaatuu ni danda’a. Anas, Ibnu Ûmarii fi kan biraatis (râ) kana ilaalchisuun ĥadiitha gabaasaniiru. Hubachiisa:- Qiblaa baruudhaaf waan adda addaa fayyadamuun ni danda’ama:Namni itti himuu:- Namni ga'eessii fi amanamaa ta’e yoo itti hime kan inni itti hime fudhata. Miĥraabota Islaamaa yoo arge sanneenuma akka karaa qiblaatti fayyadama; yeroo hunda gara miĥraabota saniitti gara-galuun qiblaa sirrii ta’uu waan agarsiisuuf jecha. Mallattoota samii keessa jiran:- kan akka urjiilee – keessumattiiyyuu urjiin al-quxb jedhamu yeroo hunda ittiin fayyadamuun ni danda’ama. Rabbi akkana jedha:- / .- M ١٦ :اﻟﻨﺤﻞ L 1 0 “Mallattootas (godhe); urjootaanis jarri ni qajeelfamu” – (Al-Naĥl: 16). Aduu fi ji’aan beekuu Meeshaalee ammayyaa fi waan biraatiinis beekuun ni danda’ama. Hubachiisa:- namni qiblaa tilmaamaan (ijtihaadaan) beekuu danda’u ragaalee qiblaa akeekan kan beeku ta’uu qaba. 83 Tilmaamuu warra danda’u irraa namni ta’e biyya isaa keessattis ta’e karaa deemaas tilmaamuu (ijtihaada gochuu) ni danda’a. Namni tilmaamuu hin dandeenye nama tilmaamuu danda’u hordofuu qaba. Yookiin immoo yoo biyya isaa keessa jiraate yookiin biyya isaatti dhihoo yoo jiraate, yookiin masjiidatti dhihoo yoo jiraate nama gaafatee qiblaa baruu qaba. Odoo nama hin hordofin yookiin hin gaafatin qiblaa sirrii hin ta’initti yoo salaate ŝalaata isaa itti deebi’ee salaatuu qaba. Akka aadaatti masjiidaa fi magaalaa irraa kan fagaate yoo ta’e tilmaamumaan salaata; ŝalaanni isaas sirriidha. Sharxii Shanaffaa:- Niyyaa Gochuu Shuruuxa ŝalaataa keessaa tokko niyyaadha. Hiika qooqaatiin niyyaa jechuun yaaduu jechuu yoo ta’u akka hiika shar'iâatiin immoo îbaadaa Rabbitti nama dhiheessu tokko hojjechuudhaaf yaadaan murteessuu jechuudha. Iddoon niyyaa qalbiidha. Afaaniin dubbachuu hin barbaachisu. Afaaniin dubbachuun bid’âadha. Nabiyyiis (ŝâw) ta’anii ŝaĥaabonni isaaniis kana hin goone. Ŝalaata salaatuu barbaadu san – zhuhrii, âŝrii, … qalbii isaatiin yaada (niyyaa godha). Ĥadiitha Ûmar (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “hojiileen (kan madaalaman) niyyaadhaan …” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaata salaatu san yookiin ŝalaata waytiin isii seene takbiirataliĥraamii wajjin niyyaa godha – niyyaan akka isiin îbaadaa wajjin walitti qindooftee dhuftuuf jecha. Yeroo xiqqoodhaaf dura buutee dhuftus rakkina hin qabu. 84 Ŝalaata guutuu keessatti niyyaan fufamtuu ta’uun (itti fufuun) sharxiidha. Ŝalaata keessatti yoo addaan kute ŝalaatattiin ni baddi. Addaan kutuuf yoo mame hin baddu. Hundeen (aŝliin) niyyaa ni jira. Akkasumas gocha ŝalaata keessa raawwachuun dhowwaa ta’e raawwachuudhaaf yoo murteesse ŝalaanni hin badu. Hubachiisa:- Namni qobaa isaa ŝalaata farđii salaatuu jalqabe kaayyoo sirrii ta’e tokkoof jecha gara sunnaa hin daangeffamneetti (naafilaa muxlaqaatti)1 jijjiiruu ni danda’a. Fakkeenyaaf eega qobaa salaatuu jalqabee booda jamaa'âa wajjin salaatuuf yoo fedhe. Niyyaa jijjiiruun bakka adda addaatti qoodama:Tokkoffaan:- ŝalaata farđii beekamaa tokko irraa yookiin ŝalaata sunnaa yeroodhaan yookiin iddoodhaan yookiin haalaan 85 Lammaffaan:- ŝalaata beekamaa tokko irraa gara ŝalaata beekamaa tokkootti jijjiiruu – kana yoo ta’e niyyaan isaa waan addaan citeef jecha ŝalaanni jalqaba hidhatame ni bada. Kan lammaffaas niyyaan isaa jalqaba irratti waan hin jirreef jecha hidhamuu hin danda’u. Sadaffaan:- kan hin daangeffamne irraa (muxlaqa irraa) gara beekamaatti jijjiiruu dha. Kun sirrii miti. Hubachiisa:- Ŝalaata keessa jijjiirraan (niyyaa) kan biraa ni danda’ama. Qobummaa irraa (infiraada irraa) gara ma’imuumummaattis ta’e gara imaamummaatti jijjiiruun, sababaa (ûžrii) wayiitiif imaamummaa irraa gara ma’imuumummaatti yookiin qobummaatti, akkasumas sababaa wayiitiif ma’imuumummaa irraa gara imaamummaatti yookiin qobumaatti jijjiiruun ni danda’ama. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) dhaabatanii odoo ŝalaataa jiranii Ibnu Âbbaas gara bitaa isaaniitiin cinaa isaanii dhaabateera – (Muttafaqun Âlayhi). Nabiyyiin (ŝâw) qobummaa (infiraada) irraa gara imaamummaatti jijjiiraman jechuudha. Kan biraas kan akka ĥadiitha Âa’ishaas (râ) jiru. tubxiluu a’amaalakum” (hojiilee keessan hin balleessinaa) kan jedhu irratti hundaa’u. – hiikticha. 86 SIRNA GARA ŜALAATAA ITTI ADEEMAMU Muslimni tokko jamaa'âa (tuuta) muslimaa wajjin ŝalaata isaa salaatuudhaaf gara masjiidaa yoo bahe tasgabbii fi obsaan deemuu qaba. Ija cabsachuu (waan hin eeyyamamin ilaaluu dhiisuu), sagalee gadi qabuu, asiifi-achi ilaaluu baay'isuu dhiisuu barbaachisa. Al-Ŝaĥiiĥaynii1 keessatti akka gabaafametti ĥadiitha AbuuHurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “gara ŝalaataatti yeroo dhuftan – gabaasa biraatiin immoo:- yeroo iqaamaa dhageessan – tasgabbiidhaan (sakiinaadhaan) deemaa; waan qaqqabattan salaataa; waan isin darbe immoo guutaa” jedhaniiru. Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan gara ŝalaataa yaadee yeroo deemu akkuma waan ŝalaata keessa jiruuti” jechuu isaaniis Muslim gabaaseera. Takbiiratal-iĥraamiin argachuudhaa fi jalqaba irraa kaasee jamaa’âa wajjin ŝalaata irratti akka argamuuf jecha dura bu’ee gara masjiidaatti bahuu qaba. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “tokkoon keessan wuduu’a isaa haala gaariidhaan godhatee gara masjiidaa yeroo deemu tarkaanfii isaa tokko tokkoon sadarkaan kan dabalamuuf cubbuunis kan irraa haqamuuf ta’u malee hin hafu” jedhaniiru. 1 Al-Ŝaĥiiĥaynii jechuun Bukhaarii fi Muslim jechuudha. 87 Ulaa masjiidaa gahee yeroo ol-seenuu jedhu miila isaa mirgaa dursuudhaan ِﺳﻠْﻄَﺎﻧِﮫِ اﻟْﻘَﺪِﯾﻢِ ﻣِﻦ اﻟﺸﱠﯿْﻄَﺎنِ اﻟﺮﱠﺟِﯿﻢ ُ َأَﻋُﻮ ُذ ﺑِﺎﷲِ اﻟْﻌَﻈِﯿﻢِ وَﺑِﻮَﺟْﮭِﮫِ اﻟْﻜَﺮِﯾﻢِ و “A’ûužubillaahil-âzhiim wabi wajhihil-kariim wasulxaanihilqadiim minashayxaanirrajiim” (Rabbii gudddaadhaan, fuula isaa kabajamaa fi aangoo isaa dursaadhaan shayxaana abaaramaa ta’e irraa maganfadha) jedha – (Abuu-Daawud kan gabaasan yoo ta’u, Al-Nawawiin sanadni isaa bareeda (jayyid) ta’uu isaa mirkaneessaniiru). Ittiin aansuudhaan akka ĥadiitha Abuu-Ĥumaydiin yookiin AbuuHurayraadhaan gabaafameen du'âa’ii kana jedha:َ“ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ﺻَﻞﱢ ﻋَﻠَﻰ ُﻣﺤَﻤﱠﺪٍ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ اﻏْﻔِﺮْ ﻟِﻲ ُذﻧُﻮﺑِﻲ وَاﻓْﺘَﺢْ ﻟِﻲ أَﺑْﻮَابَ رَﺣْﻤَﺘِﻚAllaahumma ŝalli âlaa Muĥammadin Allaahummaghfirlii žunuubii waftaĥ lii abwaaba raĥmatika” (yaa Rabbi! Muĥammadi irratti rahmata buusi; yaa Rabbi! Cubbuulee kiyya naaf dhiisi, hulaalee raĥmata keetii naaf bani). Yeroo bahuu barbaadu miila isaa bitaa dursee baha. Ittiin aansees du'âa’ii yeroo seenu jedhe san ammas jedha – bakka ‘waftaĥ lii abwaaba raĥmatika’ jedhuti garuu ‘waftaĥ lii abwaaba fađlika’ (hulaalee tola keetii naaf bani) jedha. Kunis masjiidni bakka raĥmataa waan ta’ee fi masjiidaa ala wanti jiru immoo bakka rizqii waan ta’eef jecha – innis tola Rabbiiti. Gara masjiidaa yeroo seenu taĥiyyatal-masjidaaf raka’âa lama odoo hin salaatin taa’uu hin qabu. Ĥadiitha Abuu-qataadaan dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan yeroo masjiida 88 seenu raka’âa lama odoo hin salaatin hin taa’in” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ittiin aansees ŝalaata eeggata. Ŝalaata eeggachuudhaaf yeroo masjiida keessa taa’u žikrii godhaa Qur’aana qara’aa taa’uu qaba. Xapha irraayis fagaachuu qaba. Qubbeetii harka isaa tokkoo qubbeetii harka isaa kaan keessa galchuudhaan walkeessa diruu hin qabu. Namni ŝalaata eeggatu kana akka hin goone dhowwamee jira. Ĥadiitha Ka’âb bin Ûjraa (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan wuduu’a godhatee gara masjidaa fedhee yoo bahe qubbeetii isaa walkeessa hin dirin; inni ŝalaata keessa jira” jedhaniiru – (Ahmad, Abuu-Daawudii fi AlTirmižiin kan gabaasan yoo ta’u ĥadiithni Abuu-Hurayraa kan AlĤaakim ŝaĥiiĥa jedhanis kana ni gargaara). Ŝalaata eeggachuuf odoo hin ta’in akkanumaan masgida keessa namni taa’u qubbeetii harka isaa walkeessa diruun hin dhorgamu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata irraa eega salaammatanii booda masgida keessatti qubbeetii harka isaanii walkeessa diruun isaanii gabaafameera – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Abuu-Hurayraan odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Namni tokko ŝalaata eeggachuu irra hanga jirutti salaatuma keessa jira; malaa’ikoonni isa irratti ŝalaata buusu (du'âa’ii godhuuf)” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝaffii duraa argachuudhaaf daddafuun sunnnaadha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Namoonni 89 faayidaa ažaanii fi ŝaffiin duraa qaban odoo beekanii, carraa malees kan hin arganne odoo ta’aniiyyuu carraa buufatu ture” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Gara imaamaatti dhihaachuun sunnaadha. Ĥadiitha AbuuMas'ûud dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namoonni tasgabbii fi beekumsa qaban natti haa aanan” jedhaniiru – (Muslim). Kun dhiiraafi. Dubartiidhaaf kan caalu ŝaffii dubartii isa dhumaati. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Caalaan ŝaffii dubartii isa boodaati” jedhaniiru – (Muslim). Wanti kana ta’eef argaa dhiiraa irraa waan fagaatuuf jecha. Wanti dhiiraa fi dubartii addaan baasu yoo jiraate garuu dubartiidhaafis caalaan ŝaffii duraati. Imaamnii fi warri salaatan ŝaffii qajeelchuuf itti yaadda’uu qabu. Shaykhul-Islaam kun waajiba jedhu. Ĥadiitha Anas (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “ ﺳَﻮﱡوا ﺻُﻔﻮﻓَﻜُﻢ ﻓﺈنﱠ ﺗَﺴْﻮِﯾَﺔَ اﻟﺼﱡﻔُﻮف ﻣِﻦْ ﺗَﻤﺎمِ اﻟﺼﱠﻼةHiriirota (ŝufuufa) keessan sirreeffadhaa, ŝufuufa sirreeffachuun guutummaa ŝalaataa irraa ilaalama” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Al-Nu’imaan bin Bashiir (râ) dabarseenis Nabiyyiin (ŝâw) “Ŝufuufa keessan sirreeffachuu qabdu, yookiin Rabbi jidduu fuula keessanii addaan baasa (wal isin dhabsiisa)” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝufuufa qajeelchuu jechuun gurmuu fi kuburuu miilaa paaraalelii taasisuudhaan sirreessuu dha. Hiriirota jidduuttis banaa jiran cufuunii fi walitti siquunis hiriira qajeelchuudha. Jaabir bin Samuraa (râ) akkana jedha:- “Nabiyyiin (ŝâw) bahanii ‘akka malaa’ikoonni Rabbii jaraa biratti hiriiranitti 90 hin hiriirtanii?’ jedhan; ‘malaa’ikoonni Rabbii jaraa biratti akkamitti hiriiru?’ jechuudhaan (ŝaĥaabonni) isaan gaafannaan ‘hiriira duraa guutu; hiriira keessattis walitti dhihaachuudhaan walqixxeessu’ jechuudhaan deebisaniiruuf” – (Muslim). Imaamatti kan dhihaatu yoo ta’e yookiin immoo garri lamaanuu walqixa yoo ta’an ŝaffiin duraa garri mirgaa gara bitaa ni caala. Sunnaan hiriirri duraa gara imaamaatti akka dhihaatu gochuudha. Ittiin aansuudhaan jidduu jaraatti iddoo sujuudii qofa hanbisuudhaan hiriironni walitti siqanii dhaabatu. Hanga hiriirri duraa guututti hiriira lammaffaa jalqabuun hin ta’u. Ragooleen dabarsine kana agarsiisu. UTUBAALEE ŜALAATAA Utubaan waa tokkoo moggaa waan sanii hunda keessaa isa jabaadha. Kan waan san qabee dhaabu jechuudha. Garaagarummaa sharxii fi ruknii jidduu jiru:- sharxiin ŝalaataan dura yoo ta’u rukniin ŝalaata keessa. Akkasumas shuruuxni jalqaba ŝalaataa irraa qabee hanga dhuma ŝalaataatti odoo wal irraa hin citin turuu qabu; rukniin garuu yeroo tokko dhume kan biraatu iddoo bu’a. Garaagarummaan ruknii fi waajiba jidduu jiru:- rukniin irraanfiidhaanis ta’e wallaaluudhaan hafuu hin danda’u. Waajibni garuu irraanfiidhaa fi wallaaluudhaan hafee sujuudalsaĥwiidhaan suphamuu danda’a. 91 Garaagarummaa Ruknoowwan, Waajibootaa fi Sunnaalee jidduu jiran:Ruknoowwan (Al-Arkaan):- beekaas ta'ee irraanfiidhaan ruknoowwan keessaa waa tokko yoo dhiise ŝalaanni sun ni baddi. Raka’âan rukniin tokkollee keessatti odoo hin raawwatamin hafte raka’âan sun guutuun akka hin raawwatamneetti fudhatamtee raka’âan itti aantu bakka isii buuti. Ibsi kanaa gara fuulduraatti ni dhufa. Waajiboota:- beekaa waajiboota keessaa tokkollee odoo hin raawwatin yoo hafe ŝalaanni ni bada. Irraanfiidhaan odoo hin raawwatamin yoo hafe garuu ŝalaanni hin badu. Sujuud assahwiin ni supha. Sunnaalee (sunan):- beekaas ta’e beekumsa malee odoo hin raawwatamin yoo hafe ŝalaanni hin badu. Haa ta’u malee akkaataa raawwii ŝalaataa ni hir’isa. Yeroo biraa kan hojjetu ta’ee irraanfiidhaan kan dhiise yoo ta’e sujuud-al-sahwiidhaan yoo suphe ni jaallatama. Ruknoowwan Ŝalaataa kan aramaan gadiiti:Rukniin tokkoffaan:- Ŝalaata farđii keessatti dhaabachuu Rabbi ٢٣٨ :اﻟﺒﻘﺮة L ( ' & M “… Rabbiif ajajamoota ta’aatii dhaabadhaa” jedha – (Al-Baqaraa: 238). Ĥadiitha Îmraan dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “dhaabadhuu ŝalaati; yoo hin dandeenye taa’ii ŝalaati; yoo hin dandeenye cinaacha kee irra ciisii ŝalaati” jedhaniiru – (Bukhaari). 92 Sababaa dhukkubaatiin dhaabachuu yoo dadhabe haaluma jiru irratti taa’ees ta’e ciisee ŝalaata. Namni sodaa irra jirus, namni qullaa jirus, qoricha fudhachuudhaaf jecha akka hin dhaabanne kan irraa barbaadamuu fi taa’uu yookiin ciisuu kan isa barbaachisus, akkasumas demdemoon (xaaraan) gubbaa isaa jiru gabaabaa ta’uu isaatiif dhaabachuu kan hin dandeenyee fi bakka jiruuyis bahuu kan hin dandeenye akkuma nama dhukubsataatti haaluma jiru irratti salaatuu danda’a. Hubachiisa:- Namni imaama dhaabatee salaatuu hin dandeenye hordofee salaatu dhaabachuu dhiisuudhaaf sababa (ûžrii) qaba. Yaada yookiin ejjennoo ulamootaa lama keessaa yaada isa irra sirrii ta’een imaamtichi yoo taa’ee ŝalaata jalqabe warri duuba isaa jiran isa hordofuuf jecha taa’anii salaatuun dirqama itti ta’a. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo dhukkubsatan taa’anii salaatanii warra isaan duuba jiranis akka taa’an ajajaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Imaamni dhaabatee ŝalaata eega jalqabee booda dhaabachuu dadhabuudhaan yoo taa’e warri duuba isaa jiran dhaabatanii salaatuun dirqama itti ta’a. Ĥadiitha Âa’ishaan dabarsiteen AbuuBakriin (râ) dhaabatanii ŝaĥaabota eega ŝalaata jalqabsiisanii booda Nabiyyiin (ŝâw) taa’anii ŝaĥaabonni dhaabatanii salaachisaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaata sunnaa dhaabataniis taa’aniis salaatuun ni danda’ama. Dhaabatanii salaatuun dirqamaa miti. Haa ta’u malee ŝalaanni taa’anii salaatan ajriin isaa walakkaa kan dhaabatanii salaataniiti. Rukniin Lammaffaan:- Takbiiratal-iĥraam 93 Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ittiin aansii gara qiblaatti deebi’ii takbiiraa (Allaahu Akbar) jedhi” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Nabiyyiin (ŝâw) takbiiraa malee ŝalaata jalqabuun isaanii hin gabaafamne. Jechi isaas ‘Allaahu Akbar’ jechuu yoo ta’u jechi biraa iddoo bu’uu hin danda’u. Nabiyyii irraa (ŝâw) kan argame kana waan ta’eef jecha. Ruknii Sadaffaa:- Faatiĥaa Qara’uu Ĥadiitha Ûbaadaa bin Al-Ŝaamit (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “namni faatiĥatalkitaabiin hin qara’in ŝalaanni isaa hin jiru” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Faatiĥaa qara’uun ŝalaata farđiis ta’ee ŝalaata sunnaa keessatti imaamaafis ta’ee ma’imuumaaf yookiin munfaridaaf (nama qobaa salaatuuf) rukniidha. Nabiyyiin (ŝâw) namticha ŝalaata isaa haala sirrii hin taaneen salaate san haala kamiin akka salaatuu qabu yeroo barsiisan raka’âa hunda keessattuu akka inni faatiĥaa qara’u waan ajajaniif jecha. Yeroo imaamni sagalee isaa ol-qabee qara’u malee yeroo kana kanuma imaamni qare’etu ma’imuumaafis gaha. Ruknii Arfaffaa:- Raka’âa Hunda keessattuu rukuu'â gochuu:Rabbi ٧٧ : اﻟﺤﺞL i h g f e M “Yaa warra amantan! rukuuâ godha, sujuudas godhaa …” jedha – (Al-Ĥajj: 77). Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniinis rukuu’îin ajaja Nabiyyiitiin (ŝâw) mirkanaaheera – (Muttafaqun Âlayhi). Rukuu'â jechuun hiika qooqaatti gugguufuu jechuudha. 94 Nama dhaabatee salaatuuf rukuu'â gahaa kan jedhamu ganaan harkaa lamaan hanga jilba irra godhamanitti gugguufuudha. Kun uumama sirrii ta’e kan qabu yoo ta’eedha – harki isaa lamaan kan hin dheeratin kan hin gabaabbatinis yoo ta’aniidha. Uumamni isaa sirrii yoo hin ta’in tilmaama kanaatu fudhatama. Gariin ulamootaa akka jedhanitti gara dhaabiitti (qiyaamaatti) odoo hin ta’in gara rukuu'âatti irra dhihaachuudha. Nama taa’ee salaatuuf rukuuâ gahaa jechuun fuulli isaa qixa lafa fuuldura jilba isaa jiruun yoo wal ilaaleedha. Ruknii Shanaffaa:- Rukuu'â irraa ol-jechuudhaan akka haala duraan turaniitti sirraahanii dhaabachuu (al-i'itidaal minalrukuu’î):Ĥadiitha Abuu-Mas'ûud Al-Badrii (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “namichi salaatu rukuu'âa fi sujuuda keessaa (yeroo oljedhu) dugda isaa yoo hin sirreessin ŝalaanni isaa sirrii miti” jedhaniiru – (warri shanan kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsan keessattis Nabiyyiin (ŝâw) “ittiin aansuudhaan hanga sirrooftee dhaabatutti ol-jedhi” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ruknii Jahaffaa:- Sujuuda Kun raka’âa hunda keessatti yeroo lama qaamolee torban lafa irra kaa’uudha. Rabbi Li M “sujuuda godhaa” jedha. Nabiyyiinis (ŝâw) kanatti ajajuu isaanii ĥadiithonni ni agarsiisu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ittiin 95 aansii hanga sujuuda irratti tasgabbooftutti sujuuda godhi" jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Hojii isaaniitiinis kana agarsiisaniiru. Ĥadiitha Maalik bin Al-Ĥuwayrith dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “akka yeroo an salaatu na argitanitti ŝalaataa” jedhaniiru – (Bukhaarii). Qaamoleen torban: addaa fi funyaan, harka lamaan, jilba lammanii fi fiixee miila lammaniiti. Qaamolee torban kana hundaanuu sujuuda gochuu qaba. Ruknii Torbaffaa:- Sujuuda lamaan jidduutti taa’uu Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ittiin aansii sirrooftee hanga teessutti oljedhi” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Âa’ishaanis (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo sujuuda irraa ol-jedhan sirraahanii hanga taa’anitti sujuuda hin godhan” jetteetti – (Muslim). Ĥadiithni Abuu-Mas'ûud Al-Badrii (râ) kan asiin dura darbes kanuma agarsiisa. Ruknii Saddeettaffaa:- Hojiilee caqafaman hunda keessatti ragga'uu (xumaâniinaa) Xumaâniinaa jechuun xiqqoollee ta’us ragga'uu jechuudha. Hamma yeroo žikrii waajibaatis jedhameera. Ĥadiitha AbuuHurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ittiin aansii hanga rukuuâ irratti raggaatutti rukuuâ godhi, … ittiin aansii hanga sujuuda irratti tasgabbooftutti sujuuda godhi…” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ruknii Salgaffaa fi Kurnaffaa:- Tashahhuda Xumuraatii fi isaaf jecha taa’uu 96 Tashahhuda jechuun ‘Attaĥiyyaatu …’ kan jedhu hanga dhumaatti qara’uudha. Nabiyyiin (ŝâw) hanga guyyaa du’aniitti kana kan hin dhiifne yoo ta’u “akka yeroo an salaatu na argitanitti salaataa” jechuudhaanis itti ajajaniiru. Ibnu Mas’ûud (râ) “tashahhudni nu irratti farđii (dirqama) ta’uudhaan duratti [waan biraa] jenna ture” jedheera – (Al-Daaraquxniin gabaasanii ŝaĥiiĥas kan jedhan yoo ta’u Ibnu Abdulbarr shaažžiidha1 gara jedhutti dabaniiru). “farđii ta’uun duratti” jechuun isaa farđii ta’uu isaatiif ragaadha. Ruknii Kudha raawwachuu Tokkoffaa:- Ruknoowwan kana tartiibaan Nabiyyiin (ŝâw) tartiiba isii eeggatanii kan salaataa turan yoo ta’u “akka yeroo an salaatu na argitanitti salaataa” jechuudhaanis itti ajajaniiru. Namticha ŝalaata isaa odoo hin sirreessin salaate san yeroo barsiisanis jecha ُﺛﻢﱠthumma ‘ittiin aansee’ jedhu fayyadamuun tartiiba isaa barsiisaniiru. Ruknii Kudha Lammaffaa:- Salaamtaa (Al-Tasliim) Ĥadiitha Jaabir bin Samura (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessaniif kan gahu harka isaa sarbaa isaa irra eega kaa’ee booda gara mirgaa fi bitaa isaatti obboleessa isaa irratti salaammatuudha” jedhaniiru – (Muslim). Kan kanaa gadii gahaa Seera Ĥadiithaatiin (Musxalahal-Ĥadiithiin) ĥadiitha shaažžii jechuun ĥadiitha gabaasaan amanamaa ta’e tokko gabaasee fi gabaastonni biraa immoo isa faallessanii dha. – اﻟﺸﺎذ ھﻮ اﻟﺤﺪﻳﺚ اﻟﺬي ﻳﺮوﻳﻪ اﻟﺜﻘﺔ وﻳﺨﺎﻟﻒ ﻓﯿﻪ اﻟﺮواة اﻟﺜﻘﺎت hiikticha. 1 97 miti. Nabiyyiinis (ŝâw) hojii isaanii irratti eeggataa turan. Ŝalaata sunnaa keessatti salaamni tokko ni gaha. Kunis ĥadiitha Ibnu Ûmarii fi Âa’ishaatiin mirkanaaheera. WAAJIBOOTA ŜALAATAA Waajiboonni ŝalaataa saddeeti:Tokkoffaa:- Takbiiratal-iĥraamiin ala kan jiran takbiiraaleen ŝalaata keessatti godhaman hundinuu Nabiyyiin (ŝâw) waan ajajaniif jecha waajiba ta'u. Ĥadiitha Abuu-Muusaan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “yeroo (imaamni) takbiiraa godhu isinis takbiiraa godhaa; yeroo inni ‘sami'âllaahu liman ĥamidah’ jedhu ‘Rabbanaa walakal-ĥamdu’ jedhaa” jedhaniiru – (Muslim). Nabiyyiin (ŝâw) hojiidhaanis agarsiisaa turaniiru. Dalagaa tokko irraa gara dalagaa biraatti yeroo ce’umsa godhan ce’umsi kun žikrii fi mallattoo akka hin dhabneef jecha. Lammaffaan:- Al-Tasmiiâ yookiin ‘ ﺳَﻤِﻊَ اﷲ ﻟِﻤَﻦْ ﺣَﻤِﺪَهsamiâllaahu liman ĥamidah’ (Rabbi nama isa faarseef ni dhagaha) jecha jedhu:- kun kan waajiba ta’u imaamaa fi nama qobaa isaa salaatu irratti. Ma’imuumni kana hin jedhu. Sadaffaan:- Al-Taĥmiid yookiin ‘ رَﺑﱠﻨَﺎ وَﻟَﻚَ اﻟْﺤَﻤْ ُﺪRabbanaa walakalĥamd’ (yaa Rabbii keenya! faaruun keeti) jecha jedhu:- kun imaama, ma’imuumaa fi nama qobaa isaa salaatu irratti waajiba. Ĥadiithni Abuu-Muusaa asiin dura darbe kanaafis ragaa ni ta’a. 98 Arfaffaan:- rukuu’îi keessatti ﺳﺒْﺤَﺎنَ رَﺑﱢﻲَ اﻟْﻌَﻈِﯿﻢ ُ ‘subĥaana Rabbiyalâzhiim’ (Rabbiin koo guddaan qulqullaa'e) jecha jedhu yeroo tokko jechuudha; hanga sadiitti dabaluun sunnaadha. Kun guutuu isa xiqqaadha. Hanga kudhaniittis jechuun ni danda’ama. Kun imaamaaf isa dhumaati (kanaan olitti dabaluu hin danda’u). Shanaffaan:- sujuuda keessa ﺳﺒْﺤَﺎنَ رَﺑﱢﻲَ اﻷَﻋْﻠَﻰ ُ ‘subĥaana Rabbiyalaâlaa’ (Rabbiin koo kan olta’e qulqullaa'e) jecha jedhu yeroo tokko jechuudha; hanga sadiitti dabaluun sunnaadha. Ĥužayfaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) rukuu’â keessatti ‘subĥaana Rabbiyalâzhiim’ sujuuda keessattimmoo ‘subĥaana Rabbiyal-a'âlaa’ jedhan ture” jedheera – (warri shanan akka gabaasanii fi Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa akka jedhetti). Ĥadiitha Ûqbaa bin Âamir dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) kanatti ajajuun isaaniis gabaafameera. Kunis arkaanonni akka žikri irraa duwwaa hin taaneef. Jahaffaa:- Sujuudota lamaan jidduutti yeroo tokko رَبﱢ اﻏْﻔِﺮْ ﻟِﻲ ‘Rabbighfirlii’ (Rabbii koo dhiifama naa godhi) jechuudha; hanga sadiitti dabaluun ni danda’ama. Hanga kudhaniittis ni danda’ama. Kun imaamaaf baay'ina isa dhumaati. Ĥužayfaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) sujuuda lamaan jidduutti ‘Rabbighfirlii, Rabbighfirlii’ jedhu ture” jedheera – (Al-Nasaa’ii fi Ibnu Maajah). Kunis rukniin bakka kanaa akka duwwaa hin taaneef. Torbaffaa fi Saddeettaffaa:- Tashahhuda Duraa (AlTashahhudal-awwal) fi isaaf taa’uu:- kunis kan armaan gadiiti: اﻟﺴﱠﻼ ُم ﻋَﻠَﯿْﻨَﺎ،ُ اﻟﺴﱠﻼ ُم ﻋَﻠَﯿْﻚَ أَﯾﱡﮭَﺎ اﻟﻨﱠﺒِﻲﱡ وَرَﺣْﻤَ ُﺔ اﷲ وَﺑَﺮَﻛَ ُﺘﮫ،ُت واﻟﻄﱠﯿﱢﺒَﺎت ُ ت ﷲ واﻟﺼﱠﻠَﻮَا ُ اﻟﺘﱠﺤِﯿﱠﺎ وَأﺷْﮭَ ُﺪ أنﱠ ُﻣﺤَﻤﱠﺪا ﻋَﺒْ ُﺪ ُه وَرَﺳُﻮُﻟ ُﮫ، أَﺷْﮭَ ُﺪ أَن ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ،َوَﻋَﻠَﻰ ﻋِﺒَﺎدِ اﷲ اﻟﺼﱠﺎﻟِﺤِﯿﻦ 99 ‘Attaĥiyyaatu lillaahi, waŝŝalawaatu, waxxayyibaatu, assalaamu âlayka ayyuhannabiyyu waraĥmatullaahi wabarakaatuhu assalaamu âlaynaa wa'âlaa îbaadillaahiŝŝaaliĥiin; ash’hadu anlaa’ilaaha illallaaha wa’ash’hadu anna Muĥammadan âbduhuu warasuuluhuu’. Hiikaan isaa:- ‘taĥiyyaan (salaamni) kabajaa kan Rabbiiti; ŝalawaannis, wantoonni gaariinis. Yaa Nabiyyii! nageenyi isini irra haa jiraatu, raĥmanni isaas, barakaan isaas; akkasumas nageenyi nurra haa jiraatu; garboota Rabbii gaggaarii irras; Rabbiin malee (dhugaadhaan kan gabbaramu) waaqni biraa akka hin jirre ragaan baha; Muĥammad garbicha isaatii fi ergamaa isaa ta’uu isaaniis ragaan baha’ jechuudha. Yookiin jechoota biraa kan gabaafaman kan kana fakkaatan fayyadamuudha. Kunis ĥadiithni Ibnu Mas’ûud (râ) kan dubbatamee darbe waan jiruu fi akka ĥadiitha Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Âbdallaah bin Buĥaynaa irraa gabaafametti Nabiyyiinis (ŝâw) yeroo irraanfatanii dhiisan sujuudal-saĥwiidhaan waan suphaniif jecha. Irraanfiidhaan waan hafuu danda’uuf ruknii miti. SUNNAALEE SALAATAA Hojiileen (afâalli) fi jechoonni (aqwaalli) ŝalaataa kan kutaalee lamaan dabarsine keessatti hin dubbatamin sunnaaleedha. Jara kanneen dhiisuudhaan ŝalaanni hin badu. 100 Sunnaaleen ŝalaataa gosa lamatti qoodamu:Gosti tokkoffaan:- Sunnaalee jechaa (sunanul-aqwaal):Kunneen baay’eedha. Kunneen keessaayis sunnaa baniinsaa (istiftaaĥa), maganfannaa (ta'âwwuža), maqaa Rabbiitiin jalqabuu (basmalaa), yeroo tokko tokko basmalaa sagalee olqabanii jechuu, aamiin jechuu (ta’imiin), ŝalaatota fajrii, maghribaa, îshaa’ii, zhuhrii fi aŝrii keessatti faatiĥaadhaan booda Qur’aana irraa waan namaaf laafe qara’uu yoo ta’an sifatuŝŝalaatiin keessattis gara fuulduraatti ni ’ibsamu. Sunnaalee jechootaa (aqwaala) keessaa tokko Rabbanaa walakalĥamdu eega jedhee booda ٍﻣِﻞْءَ اﻟﺴﱠﻤَﺎءِ وَﻣِﻞْءَ اﻷَرْضِ وَﻣِﻞْءَ ﻣَﺎ ﺷِﺌْﺖَ ﻣِﻦْ ﺷَﯿْﺊ ﺑَﻌْ ُﺪmil’assamaa’i wamil’al-arđi wamil’a maashi’ita min shay’in baâdu ([faaruu] samii guutu, lafas kan guutu, kanaan alattis waan ati feete hundaayyuu kan guutu) kan jedhuu fi ĥadiithaan kan gabaafaman žikroonni biraatis jiru. Rukuu'âa fi sujuuda keessatti yeroo tokkoo ol tasbiiĥa (sub’ĥaana Rabbiyal-âzhiim yookiin sub’ĥaana Rabbiyal-aâlaa) jechuunis sunnaadha. Sujuudota lamaan jidduuttis yeroo tokkoo ol Rabbighfirlii jechuunii fi kan biraatis sunnaadha. Tashahhuda dhumaa keessatti ﺢ اﻟ ﱠﺪﺟَﺎل ِ ﻦ ِﻓ ْﺘ َﻨ ِﺔ ا ْﻟ َﻤﺴِﯿ ْ َو ِﻣ،ِﺤﯿَﺎ وَا ْﻟ َﻤﻤَﺎت ْ ﻦ ِﻓ ْﺘ َﻨ ِﺔ ا ْﻟ َﻤ ْ ب ا ْﻟ َﻘ ْﺒ ِﺮ َو ِﻣ ِ ﻋﺬَا َ ﻦ ْ ﺟ َﮭ ﱠﻨ َﻢ َو ِﻣ َ ب ِ ﻋﺬَا َ ﻦ ْ ﻚ ِﻣ َ اﻟﱠﻠﮭُ ﱠﻢ إﻧﱢﻲ أﻋُﻮذُ ِﺑ Allaahumma innii A’ûužubika min âžaabi jahannama wamin âžaabil-qabri wamin fitnatil-maĥyaa wal-mamaati wamin fitnatilmasiiĥiddajjaal (Yaa Rabbi! Ani ažaaba jahannamaa, ažaaba qabrii, cinqii jireenyaatii fi du’aa akkasumas fitnaa Al-Masiiĥ-alDajjaal irraa sittin maganfadha) kan jedhuu fi kan kana irratti dabalamus sunnaadha Kun ŝifata ŝalaataa keessatti ni dhufa. 101 Gosti lammaffaan:sunnaalee hojiiti (sunanul-afâal). Fakkeenyaaf yeroo takbiiratal-iĥraam harka lamaan olkaasuu, yeroo rukuu’îin bu’amu, san irraayis yeroo ol-jedhamuu fi tashahhuda tokkoffaa irraa yeroo olka’amu harka lamaan olkaasuu, harka mirgaa harka bitaa irra kaa’uu, yeroo dhaabatan (qiyaama irratti) harka lamaan laphee irra kaa’achuu, bakka sujuudii ilaaluu, yeroo rukuu’îi harka lamaan jilba irra kaa’achuu, yeroo sujuudii garaa sarbaa irraa (gudeedarraa) fageessuu, sarbaas mogolee irraa (hojjaarraa) fageessuu, rukuu’îi keessatti dugda sirreessanii diriirsuu fi mataas ol yookiin gadi odoo hin qabin qixuma saniin gochuu, nama biraa hanga hin rakkifnetti irree lamaan cinaacha irraa fageessuu, adda, funyaanii fi qaamolee biraatis tolchanii iddoo jaraa irra gochuu fi kan biraatis sunnaaleen hojiitii fi jechaa ni argamu. Ŝifata ŝalaataa keessatti caalmaadhaan ni ’ibsamu. ŜIFATA ŜALAATAA Ŝifata ŝalaataa jechuun raawwatamuudha. sirna akkaataa ŝalaanni itti Nabiyyiin (ŝâw) yeroo ŝalaataaf dhaabbatan gara qiblaatti garagalanii dhaabachuudhaan harka isaanii lamaan yeroo tokko tokko hanga qixa gurmuu isaaniitti yeroo tokko tokko immoo hanga qixa gurra isaaniitti ol-kaasu ture. Kanaafuu haala lammanuu jijijjiiranii fayyadamuun ni jaallatama. Harka isaanii lamaan ol- 102 kaasanii qubbeetii harka isaanii gara keessaa garagalchuudhaan ‘Allaahu akbar’ jedhu ture. qiblaatti Ittiin aansees harka isaanii mirgaatiin harka isaanii bitaa qabatu. Yeroo tokko tokkos harka isaanii mirgaa harka isaanii bitaa irra yeroo biraa immoo harka isaanii mirgaa dhundhuma isaanii irra kaa’anii lammanuu laphee isaaniirra kaa’u. Ittiin aansees ŝalaata isaanii du'âa’iidhaan banu. Du'âa’ii tokko qofa irratti xiyyeeffannaan hin godhanu ture. Du'âa’iilee baniinsaa isaan irraa gabaafaman hundayyuu [jijijjiiraa] fayyadamuun ni danda’ama. Sanneen keessaayis kan armaan gadii ni argaman:- ﺳﺒْﺤَﺎﻧَﻚَ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ُ َ وَﻻ إﻟَﮫَ ﻏَﯿْ ُﺮك،َ وَﺗَﺒَﺎرَكَ اﺳْ ُﻤﻚَ وَﺗَﻌَﺎﻟَﻰ ﺟَﺪﱡك،َ وَﺑِﺤَﻤْﺪِكSub’ĥaanaka Allaahumma wabiĥamdika watabaaraka ismuka wata’âalaa jadduka walaailaaha ghayruka (yaa Rabbi faaruu keetii wajjinin si qulqulleessa; maqaan keetis kabajame, ulfinni keetis olta’e, si malee (dhugaadhaan) gabbaramaan biraa hin jiru). َ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ﻧَﻘﱢﻨِﻲ ﻣِﻦ ﺧَﻄَﺎﯾَﺎي،ِاﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ﺑَﺎﻋِﺪْ ﺑَﯿْﻨِﻲ وَﺑَﯿْﻦَ ﺧَﻄَﺎﯾَﺎيَ ﻛَﻤَﺎ ﺑَﺎﻋَﺪْتَ ﺑَﯿْﻦَ اﻟْﻤَﺸْﺮِقِ وَاﻟْﻤَﻐْﺮِب ِ اﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ اﻏْﺴِﻠْﻨِﻲ ﻣِﻦْ ﺧَﻄَﺎﯾَﺎيَ ﺑِﺎﻟْﻤَﺎءِ وَاﻟﺜﱠﻠْﺞِ وَاﻟْﺒَﺮَد،ِﺾ ﻣِﻦَ اﻟﺪﱠﻧَﺲ ُ َب اﻷَﺑْﯿ ُ ْﻛَﻤَﺎ ُﯾﻨَﻘﱠﻰ اﻟﺜﱠﻮ Allaahumma baa’îd baynii wabayna khaxaayaaya kamaa baa’âdta baynal-mashriqi wal-maghribi, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunaqqathawbul-abyađu mina-d-danasi, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bilmaa’i wathalji walbaradi (Yaa Rabbi! Akka jidduu bahaa fi lixaa wal irraa fageessite jidduu kootii fi jidduu dilii kootii walirraa fageessi (cubbuu irraa na fageessi); yaa Rabbi! Akka uffanni adiin xuri irraa qulqullaahutti anas dilii koo irraa na qulqulleessi; yaa Rabbi! dilii 103 koo irraa bishaanii fi cabbiidhaan na dhiqi). Yookiin kanneenii alattis du'âa’iilee gabaafaman fayyadamuun ni danda’ama. Ittiin aansees ِ أَﻋُﻮ ُذ ﺑِﺎﷲِ ﻣِﻦَ اﻟﺸَﯿْﻄَﺎنِ اﻟﺮﱠﺟِﯿﻢAûužu billaahi minashayxaanir-rajiim jedhu ture. Hiikti isaas:- ‘shayxaana abaaramaa ta’erraa Rabbitti maganfadhe' jechuudha. Yookiin immoo ،ِ ﻣِﻦْ َھﻤْﺰِهِ وَﻧَﻔْﺨِﮫِ وَﻧَﻔْﺜِﮫ، ِأَﻋُﻮ ُذ ﺑِﺎﻟﻠﱠﮫِ اﻟﺴﱠﻤِﯿﻊِ اﻟْﻌَﻠِﯿﻢِ ﻣِﻦَ اﻟﺸﱠﯿْﻄَﺎنِ اﻟﺮﱠﺟِﯿﻢ ﺑﺴﻢ اﷲ اﻟﺮﺣﻤﻦ اﻟﺮﺣﯿﻢAûužu billaahis-samii’îl--liim minashayxaanirrajiim, min hamzihii, wanafkhihii, wanaf’thihii, bismillaahirraĥmaanir-raĥiim jedhu ture. Ŝalaata sagaleen olqabamee qara’amu (ŝalaata jahriyyaa) keessatti yeroo tokko tokko basmalaa sagalee olqabanii qara’u ture. Ittiin aansees faatiĥaa qara’anii yeroo fixan aamiin jedhu ture. Saniin booda ŝalaata fajrii keessatti yeroo baay’ee suuraalee mufaŝŝala dhedheeraa keessaa qara’u ture. Ŝalaata zhuhrii keessatti yeroo tokko tokko suuraalee xiwaal almufaŝŝal keessaa, yeroo biraa immoo awaasix almufaŝŝal keessaa, ŝalaatota âŝriitii fi îshaa’iitti awaasix almufaŝŝal keessaa, ŝalaata maghribaatti suuraalee gaggabaaboo (qiŝaar almufaŝŝal) kan qara’an yoo ta’u yeroo tokko tokkos ni dheeressu ture.1 Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata Ulamoonni suuraalee qur’aanaa akka dheerina isaaniitiin qooda afuritti qoodu:- 1) Al-Sab’û Al-xiwaal, 2) Al-mi’uun/ Alma’iin, 3) Al-Mathaanii, 4) Almufaŝŝal jechuudhaan. Almufaŝŝal kan jedhaman Al-Ĥujuraat irraa hanga AlNaas yoo ta’an isaanis sadiitti qoodamu:- Xiwaal Al-Mufaŝŝal (Al-Ĥujuraat irraa hanga buruuj), Awaasix Al-Mufaŝŝal (Al-Xaariq hanga Al-Ðuĥaa), Qiŝaar AlMufaŝŝal (Al-Ðuĥaa hanga Al-Naas). – Hiikticha. 1 104 maghribaa keessatti (yeroo adda addaatti) Al-Mursalaat, Ax-Xuur, Al-A’âraafii fi suuraalee biraas qara’uun isaanii gabaafameera. Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata fajrii, maghribaa fi îshaa’ii raka’âawwan duraa keessatti sagalee olqabanii qara’aa kan turan yoo ta’u raka’âawwan kanaan ala jiran keessatti sagalee isaanii gadi qabanii qara’u ture. Ŝalaata hunda keessattuu raka’âa duraa raka’âa lammaffaa irra dheeressu ture. Ittiin aansees akkuma baniinsa irratti (jalqaba irratti) harka isaanii lamaan olkaasanitti asittis olkaasanii ‘Allaahu Akbar’ jechuudhaan rukuu’îi bu’u ture. Qubeetii isaanii sassaaquudhaan harka isaanii lamaan mijeessanii jilba isaaniirra kaa’u ture; irree isaanii lamaan cinaacha isaani irraa fageessu ture; dugda isaaniis ni diriirsu ture; mataa isaaniis ol yookiin gadi odoo hin qabin qixuma saniin gochuudhaan ﺳﺒْﺤَﺎنَ رَﺑﱢﻲَ اﻟْﻌَﻈِﯿﻢ ُ ‘subĥaana Rabbiyalâzhiim’ fi žikroota biraas jedhu ture. Sunnaan imaama yoo ta’e rukuu’îin hanga tilmaama tasbiiĥa 10 dheerachuu yoo ta’u ma’imuumni hordofaa imaamaa ta’a. Namni qobaa salaatu gabaabsuus dheeressuus ni danda’a. Ittiin aansees ‘ ﺳَﻤِﻊَ اﷲ ﻟِﻤَﻦْ ﺣَﻤِﺪَهsamiâllaahu liman ĥamidah’ jechuudhaan mataa isaa rukuu’î irraa olqaba. Akkuma yeroo rukuu’îi bu’u harka isaa lamaan olkaasetti yeroo kanas olkaasa. Yeroo sirraahee dhaabatu ‘ رَﺑﱠﻨَﺎ وَﻟَﻚَ اﻟْﺤَﻤْ ُﺪRabbanaa walakal-ĥamdu’ jedha. Nabiyyiin (ŝâw) sirraahanii dhaabachuu kana (I'itidaala) hammuma rukuu’îi dheeressu ture. Bakka kanattis žikroota sunnaadhaan (ĥadiithaan) gabaafaman jedha. Ittiin aansees 105 takbiiraa gochuudhaan harkasaa lamaan odoo ol hin kaasin sujuuda bu’a. Addaa fi funyaaniin, harkasaa lammaniin, jilbasaa lammanii fi fiixee miila isaatiin sujuuda godha. Qubbeetii harka isaatii fi miila isaa gara qiblaatti akeeka. Sujuuda keessatti ni sirraaha. Adda isaatii fi funyaan isaa mijjeessee lafa irra kaa’a; ganaa harka isaatti ni hirkata; ciqileewwan isaa adda baasee olqaba; irree isaas cinaacha isaa irraa ni bana; garaa isaa sarbaa isaarraa, sarbaa isaa immoo mogolee isaa irraa ol-qaba. Sujuuda keessa ﺳﺒْﺤَﺎنَ رَﺑﱢﻲَ اﻷَﻋْﻠَﻰ ُ ‘subĥaana Rabbiyal-a’âlaa’ jedha. Dheerinni sujuudii hanguma rukuu’îi ta’a. Bakka kanatti žikroota sunnaa ta’an jedha. Rabbiin kadhata. Ittiin aansees ‘Allaahu Akbar’ jechuudhaan mataa isaa ol-qaba. Ittiin aansees miila isaa kan bitaa afee irra taa’a; miila isaa mirgaa fiixee isaatiin dhaaba; harka isaa lamaan sarbaalee isaa irra godha. Ittiin aansees وَارْ ُزﻗْﻨِﻲ، وَا ْھﺪِﻧِﻲ، وَاﺟْ ُﺒﺮْﻧِﻲ، وَارْﺣَﻤْﻨِﻲ،اﻟﻠّ ُﮭﻢﱠ اﻏْﻔِﺮْﻟِﻲ Allaahummaghfirlii warĥamnii wajburnii wahdinii warzuqnii jedha. Hiikaan isaas:- ‘yaa Rabbi! Dhiifama naaf godhi; raĥmata naaf godhi; na waldhaani; na qajeelchi; na razzaqi’ jechuudha. Dheerinni taa’ichaa hanguma dheerina sujuudii ta’a. Ittiin aansees takbiiraa godhee sujuuda bu’a. Ittiin aansees takbiiraa godhaa mataa isaa ol-qaba; ejjannoo miila isaa irra dhaabachuudhaan jilbaa fi sarbaa isaa irratti hirkatee1 ol-ka’a; Bakka kanatti jechi filatamaan isa harka isaatiin lafa qabatee ol ka'a jedhuudha. -gulaalaa 1 106 yoo barbaade xiqqoo boqotee – jechuunis jalsatal-istiraaĥaa taa’ee ol-ka’a. Eega sirraahee dhaabatee booda qara’uu jalqaba; raka’âa duraa keessatti isti'âažaa yoo hin godhin (Aûužu billaahi minashayxaanir-rajiim yoo hin jedhin) raka’âa isa kana keessatti jedha.1 Du'âa’ii baniinsaa gonkuma hin godhu; raka’âa lammaffaa kana akkuma raka’âa tokkoffaatti salaaata. Ittiin aansees haaluma sujuuda lamaan jidduutti taa’etti miila isaa bitaa irra (iftiraashaan) tashahhuda tokkoffaa taa’a. Harka isaa mirgaa sarbaa isaa mirgaa irra, harka isaa bitaa sarbaa isaa bitaa irra kaa’a. yeroo tokko tokko immoo harka isaa mirgaa fiixee jilba isaa mirgaa irra harka isaa bitaas jilba isaa bitaa irra kaa’a; yeroo tokko tokko akka amartiitti geengessee abbudduu harka mirgaa isaa quba isa jidduu irra kaa’ee quba isii xiqqoodhaa fi quba isii xiqqootti aantee jirtu dachaasee quba shahaadaa (ashaaraa) isaa fuulduratti akeeka. Yeroo tokko tokko immoo qubbeetii isaa hundaayyuu dachaasee quba shahaadaatiin akeeka. Yeroo du'âa’ii quba shahaadaa isaa ilaalaa sochoosa. Kanas ni jedha:‘Attaĥiyyaatu lillaahi, waŝŝalawaatu, waxxayyibaatu, assalaamu âlayka ayyuha-nnabiyyu waraĥmatullaahi wabarakaatuhu assalaamu âlaynaa waâlaa îbaadillaahiŝŝaaliĥiin; ash’hadu anlaa’ilaaha illallaaha wa’ash’hadu anna Muĥammadan âbdu’huu warasuuluhuu’. Yookiin immoo gosa tashahudoota sunnaadhaan Ibnu Ĥazm raka’âa hunda keessattuu isti’âazaa gochuun dirqama jedhu. – hiikticha. 1 107 (ĥadiithaan) gabaafaman keessaa kan biraa jedha. Nabiyyiin (ŝâw) taa’icha isii kana ni xiqqeessu ture. Ittiin aansee takbiiraa godhaa olka’a; yeroo sirraahee dhaabate harka isaa ol-kaasa. Ittiin aansees raka’âawwan sadaffaa fi arfaffaa raka’âawwan lamaan duraa irra gabaabsee ŝalaata. Raka’âa sadaffaa fi arfaffaa keessatti faatiĥaa qofa qara’a – ŝalaanni zhuhrii odoo hafuu – yeroo tokko tokko isa keessatti faatiĥaa irratti dabalee kan biraa qara’a. Ittiin aansees miila bitaa isaa mirga jala dabarsee afee (tawarrukaan) tashahhuda dhumaatiif taa’a; dugda miila bitaa isaa gara lafaatti deebisee mogolee miila mirgaa isaa jalaan baasa; miila mirgaa isaa ni dhaaba; teessuma isaa lafa irra godha; yeroo tokko tokko miila isaa lammanuu afee gara mirgaatiin baasa1. Ittiin aansees tashahhuda dhumaa godha; innis tashahuduma duraa irra deebi’uu yoo ta’u kan armaan gadii dabalata: إﻧﱠﻚَ ﺣَﻤِﯿ ٌﺪ،َ ﻛَﻤَﺎ ﺻَﻠﱠﯿْﺖَ ﻋَﻠَﻰ إِﺑْﺮَاھِﯿﻢَ وَﻋَﻠَﻰ آلِ إﺑْﺮَاھِﯿﻢ،ٍاﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ ﺻَﻞﱢ ﻋَﻠَﻰ ُﻣﺤَﻤﱠﺪٍ وَﻋَﻠَﻰ آلِ ُﻣﺤَﻤﱠﺪ َ إﻧﱠﻚ،َ ﻛَﻤَﺎ ﺑَﺎرَﻛْﺖَ ﻋَﻠَﻰ إِﺑْﺮَاھِﯿﻢَ وَﻋَﻠَﻰ آلِ إﺑْﺮَاھِﯿﻢ،ٍ وَﺑَﺎرِكْ ﻋَﻠَﻰ ُﻣﺤَﻤﱠﺪٍ وَﻋَﻠَﻰ آلِ ُﻣﺤَﻤﱠﺪ،ٌﻣَﺠِﯿﺪ ٌﺣَﻤِﯿﺪٌ ﻣَﺠِﯿﺪ ‘Allaahumma ŝalli alaa Muĥammadin wa alaa aali Muĥammadin kamaa ŝallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima innaka ĥamiidun majiid; wabaarik alaa Muĥammadin wa alaa aali Muĥammadin kamaa baarakta alaa Ibraahiima w alaa aali 1 Miila lamaan diriirsanii gara mirgaatiin baasuu raga itti hin argine-Gulaalaa. 108 Ibraahiima innaka hamiidun majiid.’ (Yaa Rabbi! Muĥammadi irratti ŝalaata buusi; maatii Muĥammad irrattis buusi; akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiimi irratti ŝalaata buufte; ati faarfamaa fi kabajamaadha. Muĥammadii fi maatii Muĥammadi irratti barakaa buusi; akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiimi irratti barakaa buufte; ati faarfamaa fi kabajamaadha). Yookiin Nabiyyii irratti (ŝâw) ŝalaata buusuuf kan gabaafaman akkaataa biraas fayyadamuun ni danda’ama. žaaba jahannamaa irraa, âžaaba qabrii irraa, fitnaa jireenyaatii fi du’aa irraa, akkasumas fitnaa Al-Masiiĥ-ad-Dajjaal irraa Rabbiin of-eegsisa; du'âa’iilee Qur’aanaa fi sunnaadhaan mirkanaahan godha. Ittiin aasee ‘Assalaamu Alaykum waraĥmatullaah’ jechuudhaan gara mirgaattis gara bitaattis salaama godha. Salaamataan booda yeroo sadi ‘ أﺳْﺘَ ْﻐﻔِ ُﺮ اﷲastaghfirullaah’ eega jedhee booda ، ﺗَﺒَﺎرَﻛْﺖَ ﯾَﺎ ذَا اﻟْﺠَﻼلِ وَاﻹﻛْﺮَام،ُاﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ أَﻧْﺖَ اﻟﺴﱠﻼ ُم وَﻣِﻨْﻚَ اﻟﺴﱠﻼم Allaahumma antas-salaam waminkas-salaam, tabaarakta yaažaljalaali wal-ikraam’ (Yaa Rabbi! Ati salaama; salaamnis sirraayyi; abbaa guddinaa fi abbaa kabajaa kan taate ati tolli kee baay'ate). Ittiin aansees žikroota sunnaadhaan gabaafamaniin Rabbiin žakkara. Ibsi isaa gara fuul-duraatti ni dhufa. 109 WANTOOTA ŜALAATA KEESSA JIBBAMAN Ŝalaata keessa fuulaan, lapheedhaan, onneedhaan millachuun (aliltifaat) ni jibbama. Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) dabarsiteen Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaata keessa odoo jiruu millachuun butiinsa shayxaanni ŝalaata garbichaa irraa butuudha” jedhaniiru – (Bukhaarii). Haajaadhaaf yoo ta’e garuu rakkina hin qabu. Fakkeenyaaf sodaa irra yoo jiraate yookiin kaayyoo sirriidhaaf yoo ta’e rakkina hin qabu. Qaama isaa guutuudhaan yoo garagale ŝalaanni ni bada. Ûžrii malee qiblaatti garagaluu waan dhiiseef jecha. Ŝalaata keessa gara samiitti ija baasuun (ol-ilaaluun) jibbamaadha. Gariin ulamootaa ĥaraamas jedhaniiru. Nabiyyiin (ŝâw) nama kana godhu gocha isaa irratti jibbaniiru. Akkana jedhan:- “Namoonni ŝalaata keessa ija jaraa gara samiitti olfannisan maaltu jara tuqeeti?” Kana irratti jecha isaanii jabeessanii jecha armaan gadiis jedhaniiru:- “gocha jaraa kana irraa of-qabuu qabu; yookiin iji jaraa ni butamti” – (Bukhaariin Anasiin eeruudhaan akka gabaasetti). Ilaalchi nama salaatuu gara iddoo sujuudii ta’uu akka qabu duraan dubbatameera. Ija isaa waan fuuldura isaa jiru gidaara, barreeffamootaa fi kkf irra naannessuu hin qabu. Gochi akkanaa kun ŝalaata isaa irraa isa fageessa. Ŝalaata keessa barbaachisaa ta’ee odoo hin argamin ija dunuunfachuun jibbamaadha. Garuu barbaachisaa ta’ee argamnaan fakkeenyaaf fuuldura isaa wanti isa jeequ kan akka faaya adda-addaa yoo jiraatan ija isaa dunuunfachuun hin jibbamu. 110 Barbaachisaa ta’ee yoo hin argamin yeroo ŝalaata keessa dhaabbatan gidaara/dadaa fi kkftutti hirkachuun jibbamaadha – dadhabina dhaabachuu waan hanbisuuf jecha. Wanti inni itti hirkate kaafamuudhaan namichi ŝalaata keessa kan kufu yoo ta’eef ŝalaanni isaa ni bada. Kan kana godhe sababaa dhukkubaatii fi kkf yoo ta’e garuu rakkina hin qabu. Ŝalaata keessa sujuuda irra odoo jiruu harka (dhundhuma) isaa diriirsuun/afuun lafa irra diriirsanii lafaan walitti maxxansuun ni jibbama. Ĥadiitha Anas (râ) odeesseen Nabiyyiin (ŝâw) “sujuudii keessa sirraahaa; tokkoon keessan dhudhuma isaa akka sareetti hin diriirsin” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaata keessa sochiinii fi gochi barbaachisaa hin taane ni jibbama – harkaan, miilaan, areedaan yookiin uffataa fi waan biraatiinis hojii barbaachisaa hin ta’in hojjechuun akkasumas haajaa malee lafa haxaahuun ni jibbama. Ŝalaata keessa [akka nama boonuutti] harka mudhii irra kaa’achuun (takhaŝŝurri) jibbamaadha. Takhaŝŝurri gocha kaafirootaatii fi boontotaa waan ta’eef jecha. Jaraa wajjin walfakkaachuu irraa dhowwamneerra. Ĥadiitha Abuu-Hurayraa muttafaqun âlayhi ta’e keessatti namni salaatu harka isaa mudhii irra kaa’atee akka hin salaanne dhowwameera. Ŝalaata keessa qubbeetii harkaa caccabsuunii fi wal-keessa diruun jibbamaadha. Fuuldura isaa wanti isa jeequ odoo jiruus salaatuun jibbamaadha. Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) dabarsiteen Nabiyyiin (ŝâw) 111 gaabii/shaalii (khamiiŝaa) mallattoolee sararamtoota qabu uffatanii salaatanii ŝalaata keessa yeroo tokko mallattoolee san ilaalan; yeroo ŝalaata xumuran “khamiiŝaa (shaalii) kiyya kana gara Abuu-Jahm geessaatii anbijaaniyyaa1 Abuu-Jahm naafidaa; amma ŝalaata koo irraa na jeeqxe” jedhan – (Muttafaqun Âlayhi). Bakka suuraaleen adda addaa jiranitti salaatuun jibbamaadha. Yaada irra sirrii ta’een suuraaleen sun kan dhaabatan ta’anis kan hin dhaabbatin ta’an bakka sanitti salaatuun jibbamaadha. Wanti tokko sammuu isaa odoo jeequu fi odoo isa mudduu ŝalaatatti seenuun jibbamaadha. Fakkeenyaaf odoo fincaan yookiin bobbaatiin (udaan) yookiin dhuufuun isa mudduu, qorri jabaan yookiin ho’inni jabaan odoo jiruu, yookiin isaa nyaata barbaaduu yoo nyaanni dhihaate ŝalaatatti seenuun jibbamaadha. Ĥadiitha Âa’ishaan gabaasteen Nabiyyiin (ŝâw) “Nyaanni dhihaatee ŝalaanni hin jiru; boolii fi bobbaatiin isa muddaas ŝalaanni hin jiru” jedhaniiru – (Muslim). Abuu-Jahm shaalii (khamiiŝaa) mallattoolee saramtoota qabu Nabiyyiidhaaf (ŝâw) hadiyyaa (kenna) kenne; Nabiyyiin (ŝâw) hadiyyaa san fudhatanii uffatanii yeroo ittiin ŝalaatan ŝalaata keessa isaan jeeqe; sababaa kanaaf khamiiŝaa san deebisanii shaalii kan biraa kan mallattoo hin qabne kan maqaan isaa anbijaaniyyaa jedhamu akka erguuf itti ergan. Anbijaaniyyaa wanti jedhameef biyya Anbijaan jedhamutti waan omishameef. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo shaalicha deebisan anbijaaniyyaa akka erguuf kan isaan gaafataniif hadiyyaa koo natti deebisan jechuudhaan Abuu-Jahm akka isatti hin dhagahamneef. (Maddi:- Taysiirul-âllaam Sharĥ Ûmdatul-Aĥkaam – Aala Bassaam). – Hiikticha. 1 112 Dhorgaalee (nawaahii) kanneen ulamoonni karaahummaatti (jibbamaa ta’uutti) fudhataniiru; isheenis namoota gorsuudhaa fi barsiisuu irraa kan madditee dha. Wallaahu Aâlam. WANTOOTA ŜALAATA KEESSA JAALLATAMAN YOOKIIN EEYYAMAMAN HOJJECHUUN Namni salaatu nama dhiheenyaan fuul-dura isaa qaxxaamuru of irraa deebisuun sunnaadha Ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan ŝalaata irra odoo jirtanii nama fuul-dura isaa qaxxaamuruu dhufe hin dhiisin, yoo inni dide humnaan of irraa haa deebisu (fal-yuqaatilhu); isaa wajjin qariinaatu (shayxaanatu) jira” jedhaniiru – (Muslim). Ŝalaata addaan kutuun isaa ĥaraama ta’e fakkeenyaaf ŝalaata farđii nama qaxxaamuruu dhufe deebisuun waajiba. Akkasumas yoo qaxxaamuran ŝalaata kan balleessan kan akka harree, saree gurrachaa fi dubartiis deebisuun waajiba. Garuu fuul-dura namicha salaatuu golgaan (sitraan) – kan akka gidaaraa (dadaa) fi kkf olka’aa kan ta’e – yoo jiraate sitraa saniin duuba dabarfachuun homaa hin qabu. Sutraa yoo hin qabaatin bakka sujuudii isaa duubaan dabarfachuun rakkina hin qabu; ulamoonni bakka dhaabbii miila namticha salaatu irraa hanga dhudhuma sadiiti jedhaniiru. Sutraa godhachuun nama qobaa isaa salaatuu fi imaamaaf sunnaadha; Abuu-Daawuudii fi Ibnu Maajah Abuu-Sa’îid Al113 Khudrii (râ) eeruudhaan ĥadiitha gabaasan keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan yeroo salaatu gara sutraatti haa salaatu; ittis haa dhihaatu” jedhaniiru. Sutraan imaamaa ma’imuumaafis sutraadha. Sutraan kan dhaabattu ta’uun isii sunnaadha – hamma hirkoo kooraa duubaa (mu’akhirat al-raĥl) yookiin hamma dhudhuma tokkoo; qalloos ta’ee ballaa, wanti olka’aa ta’e hundinuu ni danda’ama. Halluun jiraachuun qofti hin gahu. Ĥadiitha AbuuHurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan yeroo salaatu fuul-dura isaa waa tokko haa kaa’u; yoo hin argatin ulee haa dhaabu; kun yoo hin jiraanne sarara haa sararu” jedhaniiru –(Ahmad, Abuu-Daawudii fi Ibnu Maajah kan gabaasan yoo ta’u, Imaamu Ahmadii fi Ibnul-Madiiniin ŝaĥiiĥa jedhaniiru). Hubachiisa:- Sareen gurraachi, yookiin harreen, yookiin dubartiin namticha salaatuu fi sutraa jidduu yoo darban ŝalaanni ni bada. Ĥadiithni Abuu-Žarriin eeruudhaan Muslim gabaase kana agarsiisa. Yookiin immoo fuul-dura isaa daangaa dhudhuma sadii keessa yoo darban ŝalaanni ni bada. Namni tokko odoo inni ŝalaata keessa jiruu wanti tokko yoo itti argame – fakkeenyaaf namni gara inni jirutti seenuudhaaf eeyyama yoo isa gaafate, yookiin imaamni isaa yoo irraanfate, yookiin yoo namni badiisaaf/ balaadhaaf saaxilame, kana itti akeekuu ni danda’a. Dhiira yoo ta’e tasbiiĥa gochuudhaan, dubartii yoo taate immoo harka rukutuudha. Ĥadiitha Sahl bin Sa'âd (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ŝalaata keessan keessatti waa tokko yoo isin mudate dhiirotiin tasbiiĥa haa godhan, 114 dubartoonni immoo harka haa rukutan” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Nama ŝalaataa jiru salaamataa jechuuniin hin jibbamu – salaamaticha akka itti deebisu kan beeku yoo ta’e. Namichi salaatu salaamataa afaaniin odoo hin ta’in harka isaa diriirsee akeekuudhaan deebisa. Ĥadiithni Ibnu Ûmariin gabaafame kana agarsiisa. Namichi salaatu yeroo tokko tokko raka’âa tokko keessa suuraalee baay’ee qara’uu ni danda’a. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Ĥužayfaa irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) dhaabbii raka’âa tokkoo keessatti suuratul-Baqaraa, Aala-Îmraarnii fi AlNisaa’iin qara’aniiru. Suuraa tokko itti deddeebi’uudhaan raka’âa lama keessatti qara’uus ni danda’a. Suuraa tokko qoodee raka’âa lama keessattis qara’uu ni danda’a. Yeroo tokko tokkos dhuma suuraalee yookiin jidduu suuraalee qara’uu ni danda’a. Ĥadiitha Ahmadii fi Muslim Ibnu Âbbaas irraa gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) raka’âa lamaan fajrii keessaa raka’âa duraa keessatti L 8 7 6 5 4 3 M (Al-Baqaraarraa: 136), raka’âa lammaffaa keessattimmoo L B A @ ? > = < ; : M (AalaÎmaraan: 64) qara’u ture. Qajeelchi Rabbii waliigalaa ta’e L ]\ [ Z Y M “isa irraa (Qur’aana irraa) waan isiniif laafe qara’aa” (Al-Muzzammil: 20) kan jedhu waan jiruuf jecha. Haa ta’u malee haalli kun ŝalaata farđii keessatti yeroo tokko tokko 115 malee baay'inaan hin godhamu. Sunnaan suuraa guutuu qara’uu waan ta’eef jecha. Suuraan sun yoo dheerate bakka lamatti baasa. Namni salaatu yeroo aayaa waan âžaabaa dubbattu qara’u (A’ûužu billaahi minal-âžaab yookiin kkf jechuudhaan) Rabbiin of-eegsisuu fi yeroo aayaa waan raĥmataa dubbattu qara’u immoo akka Rabbi raĥmata kennuuf Rabbiin kadhachuu ni danda’a. Aayaa maqaan Nabiyyii (ŝâw) keessatti dubbatamte yeroo qara’us isaan irratti ŝalaata buusuu ni danda’a. Yeroo maqaan isaanii dubbatamu ŝalaata isaani irratti buusuun jabeeffamaa waan ta’eef jecha. Kun ŝalaata sunnaa keessatti jaallatamaadha (mustaĥabba); ĥadiithni Ĥužayfaa asiin dura darbe waan kana agarsiisuuf jecha. Ŝalaata farđii keessatti garuu eeyyamamaadha (mubaaĥa). SUJUUD AL-SAHWI Sujuud al-sahwiin sujuuda lamaan hir’ina sababaa irraanfiitiin yookiin dagachuutiin ŝalaata keessati uumamu suphuudhaaf godhamaniidha. Sujuud al-sahwiin wantoota ŝalaata suphan keessaa isa lammaffaadha. Sujuud al-sahwiin kan godhamu wantoota sadan armaan gadii keessaa wanti tokko yoo argameedha:Tokkoffaan:- irraanfatee ŝalaatatti yoo dabale, Lammaffaan:- irraanfatee ŝalaata irraa yoo hir’ise Sadaffaan:- dabaluu isaa yookiin hir’isuu isaa yoo shakke 116 Sadan kana keessaa tokko yoo argame akka ragaan agarsiisutti sujuud al-sahwiin ni godhama. Dabaltiin hundi, yookiin hir’isuun hundi, yookiin shakkiin hundi sujuud al-sahwii hin gochisiisu. Sujuud al-sahwiin kan godhamu yoo sababni isaa argameedha. Ŝalaata farđiis ta’e ŝalaata sunnaa. Ragooleen walii-gala waan ta’aniif jecha. Sujuud al-sahwiin kan godhamu ŝalaata rukuu’îi fi sujuudii qabdu hunda keessatti. Kanaafuu salaatul janaazaan sujuud al-sahwii hin qabu. Akkasumas sujuud al-tilaawaa keessatti yookiin sujuud alsahwii keessatti yoo irraanfate sujuud al-sahwii hin qabu. Haala sujuud al-sahwii:Haala Tokkoffaa:- ŝalaatatti yoo dabale:- kun dabaltii hojii yookiin dabaltii jechaa ta’uu danda’a:Dabaltii hojii:- dabaltiin kun hojiilee ŝalaataa irraa yoo ta’e – fakkeenyaaf yeroo silaa taa’uu qabu yoo dhaabate yookiin yeroo silaa dhaabachuu qabu yoo taa’e, yookiin rukuuâ yookiin sujuuda yoo dabale – irraanfiidhaan kana yoo godhe sujuud al-sahwii gochuun waajiba ta’a. Ĥadiitha Ibnu Mas'ûud (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni ŝalaata isaatti dabale yookiin hir’ise sujuuda lama haa godhu” jedhaniiru – (Muslim). Hubachiisa:- irraanfatee raka’âa tokko dabalee eega ŝalaata xumuree booda yoo beeke sujuud al-sahwii godha. Raka’âa isii irraanfiidhaan dabale keessa odoo jiruu yoo yaadate achumaan taa’uu qaba; tashahhuda kan hin godhin yoo ta’e tashahhuda godha; kanaan booda sujuudal-sahwii godhee salaamataa baha. 117 Yoo imaama ta’e ma’imuumota keessaa imaamtichi dabaluu yookiin hir’isuu isaa namni beeke imaamtichati akeekuun/ beeksisuun dirqama ta’a – dhiirri tasbiiĥa gochuudhaan dubartiin immoo harka rukutuudhaan. Imaamtichi gara ma’imuumtonni isa itti akeekanitti achumaan deebi’uu qaba – sirrii ta’uu ofii kan hin murteessin yoo ta’e. Gara waan sirrii ta’eetti deebi’uu waan ta’eef jecha. Dabaltii Jechaa:- Fakkeenyaaf rukuu’îi fi sujuudii keessa Qur’aana qara’uu, ŝalaata raka’âa afurii (zhuhrii, âŝrii, îshaa’ii) yookiin ŝalaata raka’âa sadihii (maghriba) keessatti raka’âalee dhumaa lamaan yookiin tokkoo keessatti faatiĥaadhaa alatti suuraa biraa qara’uu; kana yoo irraanfiidhaan godhe sujuudalsahwii bu’uun jaallatamaa ta’a. Wanti dabalame hojii ŝalaataa irraa yoo hin ta’in – akka dhuguu, nyaachuu, sochii baay’ee fi haasaa yoo ta’e sujuudal-sahwiin karaa hin godhamneef (hin murtoofneef). Haa ta’u malee hojiin kun beekaa (itti yaadamee) yoo godhame ŝalaata balleessa; irraanfachuudhaan yoo godhame garuu ŝalaata hin balleessu. Haala Lammaffaa:- Hir’isuu:- waa tokko ŝalaata irraa dhiisuudhaan hir’isuun waan armaan gadii keessaa ala hin ta’u:1/ Arkaana keessaa hir’isuu:- wanti dhiifame ruknii yoo ta’e, ruknichis takbiiratal-iĥraam yoo ta’e ŝalaanni hin hidhamu; sujuudal-sahwiinis isaaf bakka bu’uu hin danda’u. Ruknii takbiiratal-iĥraamii alaa – akka rukuu’îi, sujuudii fi kkf – yoo ta’e waan dhiise san raka’âa itti aanu keessatti odoo iddoo isaa hin 118 gahin yoo yaadate deebi’ee waan dhiise sanii fi waan isaan booda jiru hundaayyuu raawwachuun dirqama itti ta’a. Raka’âa itti aanu keessatti eega iddoo isaa gahee booda yoo yaadate garuu raka'âttiin isiin inni keessatti hir’ise sun dhiifamtee raka’âan itti aantu bakka isii buuti. Eega salaamataa bahee malee ruknii dhiise san kan hin beekin yoo ta’e immoo raka’âa guutuu akka dhiisetti fudhatee, turiinsi ŝalaataan boodaa yoo kan hin dheeratin ta’ee fi xahaaraa isaa yoo hin balleessin raka’âa guutuu tokko salaatee sujuud al-sahwii godha. Sujuud al-sahwii kan godhu salaamataadhaan booda. Turiinsi yoo dheerate yookiin yoo wuduu’a isaa balleesse ŝalaaticha itti deebi’ee ŝalaata. Kan dhiifame raka’âa dhumaa keessatti yoo ta’e garuu kan dhiifame sanii fi kan isaan booda jiru raawwatee sujuud al-sahwii godha. Kunis akkuma duraan ibsame turiinsi yoo hin dheeratin yookiin yoo wuduu’a hin balleessin. 2/ Waajiba irraa hir’isuu:- kan dhiifame yoo waajiba ta’e fakkeenyaaf tasbiiĥa rukuu’îi yookiin tasbiiĥa sujuudii yookiin kkf yoo ta’e:A/ Ruknii isa itti aanutti odoo hin seenin yoo yaadate itti deebi’ee waan san raawwata; boodas salaamataadhaan booda sujuud alsahwii godha. Waan ŝalaata irratti dabaleef jecha. B/ Ruknii isa itti aanutti eega seenee booda yoo yaadate gara waan dhiisee sanitti hin deebi’u; ni hafa; salaamataan duratti sujuud al-sahwii gochuun dirqama itti ta’a. Waan ŝalaata irraa hir’iseef jecha. 119 3/ Sunnaa irraa hir’isuu:- kan dhiifame sunnaa yoo ta’e, namichi immoo sunnaa san kan aadeffate yoo ta’e salaamataadhaan duratti sujuud al-sahwii gochuun isaa ni jaallatama; kan hin aadeffatin yoo ta’e garuu hin jaallatamu. Haalli Sadaffaan:- Ŝalaata Keessa Shakkuu:- kunis waan armaan gadii keessaa ala hin ta’u:1/ Shakkiin isaa gara tokkotti yoo dabe:- kan itti dabe san qabata; salaamataadhaan boodas sujuud al-sahwii godha. Ĥadiitha Ibnu Mas'ûud dabarse keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “isa sirrii irra gahuudhaaf yaalii haa godhu; sani irratti haaguutu” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). 2/ Gara tokkotti odoo hin dabin shakkiin isaa walqixa yoo ta’e:waan mirkaneeffate (yaqiina) irratti hundaahee waan hir’ate guuta. Fakkeenyi kanaa:- lakkoofsa raka’âa keessatti yoo shakke – fakkeenyaaf kan inni salaate raka’âa lama yookiin sadii ta’uu yoo shakke, shakkiin isaa gara tokkotti yoo dabeef kan itti dabe san qabatee kan hafe sani irratti guuta; yookiin immoo isa xiqqaa qabatee sani irratti guuta. Inni xiqqaan mirkanahaa (yaqiina) waan ta’eef jecha. Boodas salaamataadhaan dura sujuud al-sahwii godha. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “tokkoon keessan ŝalaata isaa keessatti yoo shakke, kan inni salaate sadii yookiin afur ta’uu isaa yoo shakke, shakkii isaa of irraa haa gatu, waan mirkaneeffate irratti haa guutu; boodas salaamataadhaan duratti sujuuda lama haa godhu” jedhaniiru – (Muslim). 120 Hubachiisa:- Ĥukmii (murtee) sujuud al-sahwii:- sujuud alsahwiin beekaa dhiisuu isaatiin kan ŝalaanni badu yoo ta’eef waajiba. Yoo kana hin taane waajiba hin ta’u. Fakkeenyaaf irraanfatee raka’âa tokko yoo dabale; yoo beekaa dabale ŝalaanni isaa ni bada. Irraanfachuun isaa sujuud al-sahwii waajiba godha. Hubachiisa:- Bakka sujuud al-sahwii:A/ Salaamataadhaan Dura:- Hir’isuu yoo ta’e:- fakkeenyaaf tasbiiĥa rukuu'âa yookiin sujuudaa yoo hir’ise – ĥadiitha Abdallah bin Buhaynaa keessatti akka ibsametti Nabiyyiin (ŝâw) irraanfatanii tashahhuda jalqabaa yeroo dhiisan salaamataadhaan duratti sujuudii lama bu’an – (Muttafaqun Âlayhi). Yookiin immoo shakkii keessa galee gara tokkotti yoo hin dabin salaamtaa dura godha. Kun akkuma duraan ĥadiitha Abuu-Sa’îid keessatti ibsameedha. B/ Salaamataadhaan booda:- Dabalata yoo ta’e:- fakkeenyaaf rukuu'â, sujuuda, qiyaama (dhaabachuu) yookiin taa’insa yoo dabale; ĥadiitha Abuu-Hurayraa keessatti akka tuqametti Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata keessa yeroo dabalan salaamataadhaan booda sujuud al-sahwii godhan ture – (Muttafaqun Âlayhi). Yookiin immoo shakkiin itti uumamee shakkiin isaa gara tokkotti yoo dabeef – fakkeenyaaf kan salaate sadii yookiin afur ta’uu yoo shakkee fi shakkiin isaa gara sadii ta’uutti yoo dabeef raka’âa tokko dabalee salaamataadhaan booda sujuud al-sahwii godha – ĥadiithni Ibnu Mas'ûud kan duraan dubbatame waan kana agarsiisuuf jecha. 121 Irraanfii Ma’imuumaa:A/ Mai’muumtichi masbuuqa (durfamaa)1 yoo hin ta’in irraanfii isaa imaamtichatu baadhatta; sujuud al-sahwii hin godhu. B/ Yoo masbuuqa ta’e ŝalaata isa darbe eega guutee booda sujuuda al-sahwii godha. Akkaataan sujuud al-sahwii godhan akkuma sujuuda ŝalaataati. Namichi salaatu Haala sadi keessatti shakkiidhaaf iddoo kennuu hin qabu:1/ Nama shakkii baay'isu yoo ta’e, 2/ akkasumaan kan itti fakkaate (wahmii) yoo ta’e, 3/ eega îbaadaa xumuree booda yoo ta’e. Hubachiisa:- Namni ŝalaata tokko keessa itti deddeebi’ee irraanfate sujuuduma lama qofatu isa gaha. Salaamataadhaan duras salaamataadhaan boodas sujuud al-sahwii kan isa buusisu gocha lama yoo godhe salaamataadhaan dura sujuud al-sahwii godha. Masbuuqa jechuun nama raka’âan tokko yookaa sanii ol isa darbe jechuudha; aĥkaamni masbuuqaa gara fuulduraatti dhufa – hiikticaha. 1 122 ŽIKRII ŜALAATAAN BOODA GODHAMU Ŝalaanni farđii hir’ina, dogoggoraa fi irraanfii baay’eetu itti argama. Rabbi raĥmata isaatiin wantoota hir’inoonnii fi dogoggoroonni kun ittiin suphaman nama salaatuuf godheera. Wantoota ŝalaata suphan keessaa tokko žikrii eega ŝalaanni xumuramee booda godhamuudha. Rabbi akkana jedha:١٠٣ : اﻟﻨﺴﺎءL l k j i h g f e d M “Yeroo ŝalaata raawwattan dhaabattaniis, teessaniis, cinaacha keessaniin ciiftaniis Rabbiin žakkaraa …” – (Al-Nisaa’i: 103) Aayaa biraatiinis Rabbi akkana jedha:١٠ : اﻟﺠﻤﻌﺔL F E DCBA@?> =<;:98 M “Yeroo ŝalaatattiin raawwatamte dachii irra faca’aa; tola (fađlii) Rabbiis barbaadaa; Rabbiinis baay'isaa žakkaraa; akka nagaa baatanuuf jecha” – (Al-Jumu'aa: 10). Namichi salaatu yeroo ŝalaata isaa irraa salaamataa bahe yeroo sadi istighfaara gochuun ( أﺳْﺘَ ْﻐﻔِ ُﺮ اﷲastaghfirullaah jechuun) sunnaadha. Booda sanii ﺗَﺒَﺎرَﻛْﺖَ ﯾَﺎ ذَا اﻟْﺠَﻼلِ وَاﻹﻛْﺮَام،ُاﻟﻠﱠ ُﮭﻢﱠ أَﻧْﺖَ اﻟﺴﱠﻼ ُم وَﻣِﻨْﻚَ اﻟﺴﱠﻼم Allaahumma antas-salaam waminkas-salaam tabaarakta yaa žaljalaali wal-ikraam (yaa Rabbi! Ati salaama, salaamnis (nageenyis) sirraayi, yaa abbaa guddinaa fi kabajaa ati ol-taate) jedha – (Thawbaaniin eeruudhaan Muslim gabaaseera). 123 Ittiin aansees waan armaan gadii jedha: ﻻ ﺣَﻮْلَ وﻻ، وھُﻮ ﻋﻠﻰ ﻛُﻞ ﺷَﯿﺊٍ ﻗﺪﯾﺮ،ُ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ،ُ ﻟﮫ اﻟﻤُﻠﻚ،ﻻ إﻟﮫَ إﻻ اﷲ وَﺣﺪَ ُه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫ ﻻ إﻟﮫ،ُ وﻟﮫ اﻟﺜﱠﻨﺎءُ اﻟﺤَﺴَﻦ،ُ وﻟَ ُﮫ اﻟﻔَﻀْﻞ،ُ ﻟَ ُﮫ اﻟﻨﱢﻌْﻤَﺔ،ُ وﻻ ﻧَﻌْ ُﺒ ُﺪ إﻻ إﯾﱠﺎه، ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ،ُِﻗﻮﱠة إﻻ ﺑﺎﷲ ُﻣﺨْﻠِﺼِﻦَ ﻟﮫ اﻟﺪﯾﻦَ وَﻟَﻮْ ﻛَﺮِهَ اﻟﻜَﺎﻓِﺮون،إﻻ اﷲ “laa’ilaaha illallaahu waĥdahuu laashariika lahuu lahul-mulku walahul-ĥamdu wahuwa âlaa kulli shay’in qadiir; laaĥawla walaa quwwata illaa billaahi; laa’ilaaha illallaahu; walaa na'âbudu illaa iyyaahu lahun-ni'imatu walahul-fađlu walahuthanaa’ul-ĥasanu laa’ilaaha illallaahu mukh’liŝiina lahud-diina walaw karihalkaafiruun” Hiikkaan isaas:- ‘Rabbiin malee (dhugaadhaan) gabbaramaan biraa hin jiru; inni tokkicha; shariika hin qabu; mootummaan kan isaati; faaruunis kan isaati; inni waan hunda irratti danda’aadha; karaa Rabbiitiin malee mallis ta’e humni hin jiru; isa malee kan biraa hin gabbarru; ni'imaanis fađliinis faaruun bareedaanis kan isaati; Rabbiin malee (dhugaadhaan kan gabbaramu) waaqni biraa hin jiru; kaafiroonni jibbanis amantii isaaf qulqulleessinee isa gabbarra’ jechuudha. Ittiin aansees akkana jedha:اﻟﻠﮭﻢ ﻻ ﻣﺎﻧِﻊَ ﻟِﻤَﺎ أَﻋْﻄَﯿﺖَ وﻻ ُﻣﻌْﻄِﻲَ ﻟِﻤَﺎ ﻣَﻨَﻌْﺖَ وﻻ ﯾَﻨﻔﻊُ ذَا اﻟﺠﺪﱢ ﻣِﻨْﻚَ اﻟﺠَﺪﱡ “Allaahumma laa maani'â limaa aâxayta walaa muâxiya limaa manaâta walaa yanfaû žaljaddi minkal-jaddu” – (Muttafaqun Âlayhi). 124 Hiikkaan isaa:- ‘yaa Rabbi! Waan ati kennite kan dhowwatu hin jiru, waan ati dhowwattes kan kennu hin jiru; qabeenyi abbaaqabeenyaa hin fayyadu, qabeenyi sirraa waan ta’eef’ jechuudha. Ittiin aansees yeroo soddomii sadi tasbiiĥa (subĥaanallaah), yeroo soddomii sadi taĥmiida (wal-ĥamdulillaah), yeroo soddomii sadi takbiiraa (Allaahu-akbar) jedhee وھُﻮ ﻋﻠﻰ ﻛُﻞ ﺷَﯿﺊٍ ﻗﺪﯾﺮ،ُ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ،ُ ﻟﮫ اﻟﻤُﻠﻚ، ﻻ إﻟﮫَ إﻻ اﷲ وَﺣﺪَ ُه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫlaa ilaaha illallaahu waĥdahuu laa shariika lahuu lahul-mulku walahul-ĥamdu wahuwa âlaa kulli shay’in qadiir jechuudhaan dhibba guuta. Yeroo tokko tokko immoo yeroo digdamii shan tasbiiĥa, taĥmiida, tahliila (laa ilaaha illallaahu) fi takbiiraa jedha. Yeroo tokko tokkos tasbiiĥa, taĥmiida fi takbiiraa kudhan kudhan jedha. Ammas yeroo tokko tokko tasbiiĥa soddomii sadi, taĥmiida soddomii sadi, takbiiraa soddomii sadii godhee takbiiraa tokko itti dabaluudhan dhibba guuta. Ŝalaata maghribaa fi ŝalaata fajriin booda yeroo kudhan tahliila godha – jechuunis: وھُﻮ ﻋﻠﻰ ﻛُﻞ ﺷَﯿﺊٍ ﻗﺪﯾﺮ،ُ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ،ُ ﻟﮫ اﻟﻤُﻠﻚ،‘ ﻻ إﻟﮫَ إﻻ اﷲ وَﺣﺪَ ُه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫlaa ilaaha illallaahu waĥdahuu laa shariika lahuu lahul-mulku walahul-ĥamdu wahuwa âlaa kulli shay’in qadiir’ jedha. 125 Ittiin aansees tartiiba kanaan ažkaarota kanneen eega xumuree booda aayatal-kursii, [suuratul-ikh’laaŝ] fi muâwwužataynii (suuratul-falaqii fi suuratul-naasiin) qara’a. Ŝalaata maghribaatii fi ŝalaata fajrii booda suuraalee kanneen yeroo sadi qara’uun ni jaallatama. Ŝalaataan booda tahliila, tasbiiĥa, taĥmiidaa fi takbiiraa sagalee ol qabanii gochuun ni jaallatama; Haa ta’u malee jamaa'âa ta’anii sagalee tokkoon gochuu miti. Hundinuu matuma mataa isaatiin sagalee baasee žikrii godha. Lakkoofsa žikroota kanneenii – kan tahliilaa, tasbiiĥaa, taĥmiidaa fi takbiiraa beekuudhaaf qubbeetii isaa maruudhaan fayyadama. Guyyaa qiyaamaa qubbeetiin gaafatamtootaa fi deebii-kennitoota waan ta’aniif jecha. ŜALAATA SUNNAA (TAXAWWU'ÂA) Ŝalaanni taxawwu'âa (sunnaa) karaa Rabbii keessatti jihaada gochuu fi beekumsa (îlmii) barbaaduutti aanee hojiilee gaarii Rabbitti nama dhiheessan ta'ee argama. Nabiyyiin (ŝâw) dhaabbataan ŝalaatota sunnaatii fi waan biraatiinis gara Rabbiitti dhihaataa turani. Nabiyyiin (ŝâw) “sujuuduma tokkollee Rabbiif salaattee hin haftu isiidhaan sadarkaa kee kan ol fuudhu yoo ta’e malee; isiidhaanis cubbuu kee kan sirraa haqu yoo ta’e malee” jedhaniiru – (Muslim). Ŝalaanni taxawwuâa gosa lama:126 Gosti Tokkoffaan:- ŝalaatota yeroo murtaa'an keessa raawwataman, iddoodhaan yookiin haalaan kan daangeffamaniidha. Jarri kunniin sunnaalee daangeffaman (alnawaafil al-muqayyadah) jedhamu. Sunnaaleen ŝalaatota farđii duraa fi booda ŝalaataman, ŝalaanni đuĥaa fi kan biraas kana keessa galu. Gosti Lammaffaan:- ŝalaatota yeroodhaan hin daangeffamne, yookiin haalaanis ta’e iddoodhaan hin daangeffamne yoo ta’an sunnaalee gadi dhiifamoota (al-nawaafil al-muxlaqah) jedhamu. Ibsi isaa gara fuul-duraatti ni dhufa. ŜALAATA WITRII FI AĤKAAMOTA ISII Ŝalaanni witrii sunnaa jabeeffamtuu (sunnaa mu’akkadaa) dha. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) Mu'âažiin (râ) “… san yoo sirraa qeebalan Rabbi guyyaa fi halkan keessa ŝalaatota shan akka itti murteesse itti beeksisi …” jedhaniiruun – (Muttafaqun Âlayhi). Witriin odoo waajiba ta’e ŝalaatonni waajibaa jaha ta’u ture. Âliyyii bin Abii-Xaalibis (râ) “witriin akka maktuubaa (akka ŝalaata farđii) dirqamaa miti, garuu sunnaa Rasuulli (ŝâw) karaa godhaniidha” jedhaniiru – (Ahmadii fi AlNasaa’ii). Imaam Abuu-Haniifaan ejjennoo waajiba jedhu qabataniiru; Shaykhul-Islaam Ibnu Taymiyaanis nama laylii (ŝalaata halkanii) salaate irratti witriin waajiba jedhaniiru. 127 Witriin maqaa raka’âa isii raka’âalee duraa irraa adda baateef kan kennameedha. Hundinuu odoo addaan hin baafamin salaamataa tokko qofaan kan raawwataman yoo ta’e raka’âan sadiis, shanis, torbas, sagalis, kudha tokkos witrii jedhamu. Raka’âaleen kun salaamataa lamaan yookiin lamaa oliin kan raawwataman yoo ta’e witrii kan jedhamtu raka’âa addatti ŝalaatamtuudha. Yeroo witrii:- yeroon witrii kan jalqabu ŝalaata îshaa’ii booda; îshaa’iin waytii isaatti ŝalaatamus yookiin maghribaa wajjin jam’îi godhamee ŝalaatamus tokkuma – akkuma ŝalaanni îshaa’ii ŝalaatamee ka’een waytiin witrii jalqabee hanga fajriin gahutti itti fufa. Âa’ishaan (râ) “ergamaan Rabbii (ŝâw) ŝalaata îshaa’ii fi fajrii jidduutti raka’âa kudha tokko salaatu ture” jetteetti – (Muslim). Waytiin ŝalaata witrii inni jaallatamaan halkan keessaa gara dhumaati. Kun nama yeroo san ka’ee dhaabachuu akka danda’u of-amaneef. Namni halkan irraa gara dhumaatti ka’ee dhaabachuu of-hin-amanne rafuudhaan duratti witrii ŝalaata. Nabiyyiin (ŝâw) kanatti gorsaniiru. Ĥadiitha Muslim Jaabiriin (râ) eeruudhaan gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Isin keessaa namni halkan gara dhumaa keessaa ka’ee salaatuu akka hin dandeenye sodaate witrii salaatee haa rafu; halkan gara dhumaa keessa ka’ee salaatuu akka danda’u namni of amane immoo yeroo sanitti haa salaatu; Qur’aanni halkan gara dhumaa keessa qara’amu kan (malaa’ikoonni) irratti argaman waan ta’eef jecha inni caalaadha” jedhaniiru. Baay'ina Raka’âa Ŝalaata Witrii fi Akkaataa Ŝalaata isaa 128 Baay'inni raka’âa witrii inni xiqqaan raka’âa tokko. Ĥadiithonni kana agarsiisan gabaafamaniiru. Kunis ŝaĥaabota Nabiyyii (ŝâw) kudhan irraa mirkanaaheera. Haa ta’u malee caalaan witriin sun lakkoofsa guutuudhaan durfamuudha. Baay'inni raka’âa witrii inni guddaan raka’âa kudha tokko yookiin raka’âa kudha sadi. Raka’âa lama lamaan salaatee dhuma irratti raka’âa tokkoon wattara (mangeessa). Âa’ishaan (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) halkan raka’âa kudha tokko salaatu ture; san keessaa raka’âa tokkoon mangeessu” jetteetti – (Muslim). Nabiyyiin (ŝâw) raka’âa kudha sadi salaatuu isaaniis Âa’ishaan odeessuun isii Ŝaĥiiĥaynii keessatti gabaafameera. Gabaasa biraatiin “Raka’âa lama lamaan salaamataa bahanii raka’âa tokkoon mangeessu ture” jetteetti. Raka’âa sagaliinis witreessuun (mangeessuun) ni danda’ama – raka’âalee saddeet (jidduutti odoo hin taa’in) walfaana salaatee raka’âa saddeettaffaa booda taa’ee tashahhuda jalqabaa godhee odoo salaamataa hin bahin ka’ee dhaabata; raka’âa salgaffaa salaatee tashahhuda dhumaa godhee salaamataa baha. Torbaanis, shaniinis witreessuun ni danda’ama. Kunis raka’âa dhumaa qofa irratti taa’anii tashahhuda godhanii salaamataa bahuudhaan. Ummu Salamaan (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) jidduu jaraa salaamataanis ta’e haasaadhaan odoo addaan hin baasin torbaanis shaniinis ni witreessu ture” jetteetti – (Muslim). Kan raka’âa torbaa akkaataa ŝalaataa biraas ni qaba:- sunis tashahhuda lamaan raka’âa torbaan salaatuudha – raka’âa jahaffaa boodaa fi raka’âa torbaffaa booda taa’anii dhuma qofa irratti salaamataa bahuudhaan. 129 Raka’âa sadiinis witreessuun ni danda’ama. Innis raka’âa lama salaatanii salaamataa eega bahanii booda raka’âa sadaffaa qobaatti salaatuu, yookiin sadeenuu walitti aansanii salaatanii tashahhuda tokkoo fi salaamataa tokkoon raawwachuu. Raka’âa tokkoffaa keessatti suuratul-aâlaaL o M, raka’âa lammaffaatti suuratul-kaafiruunL#" ! Mraka’âa sadaffaatti immoo suuratul-ikh’laaŝiinL $ # " ! M qara’uun ni jaallatama. Witrii keessatti rukuu’îidhaan booda yeroo tokko tokko qunuuta gochuun ni jaallatama. Sunis harka lamaan ol-kaasanii haaluma sunnaadhaan nu qaqqabeen ‘Allaahummahdinii fii man hadayta …’ hanga du'âa’ii dhumaatti gochuudha. Qunuutiin yeroo hunda hin godhamu – ŝalaata Nabiyyii (ŝâw) kan halkanii warri ibsan baay'een jaraa qunuutii waan hin dubbatiniif jecha. Sunana Abuu-Daawud keessatti akka gabaafametti Ubay bin Ka'âb (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) witrii keessatti qunuutii godhaniiru” jedheera. Yeroo tokko tokko rukuu’îidhaan booda yeroo tokko tokko immoo rukuu’îidhaan dura godhu ture. Hubachiisa:- Rakkina tokkoof (ûžriidhaaf) witrii salaatuu yoo dhiise yeroo đuĥaa (waareen dura) lakkoofsa guutuudhaan qađaa baasuun ni jaallatama. Witrii raka’âa shan salaatuu barbaadee irribaan yoo isa darbe jaha ŝalaata. Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo irribni yookiin dhukkubni isaan mo'ate guyyaa raka’âa kudha lama salaatu ture” jetteetti – (Muslim). 130 ŜALAATA TARAAWIIĤAA FI AĤKAAMOTA ISII Taraawiiĥiin baay'ina (jam’îi) tarwiiĥaati. Bu’uurri tarwiiĥaa taa’uu jechuudha. Boodas yeroo halkan Ramađaanaa salaatan taa’ichi raka’âalee afur afuriin booda taa’an tarwiiĥaa jedhamtee waamamte. Waan ŝalaata dheeressaniif jecha boqonnaaf taa’u ture. Akka hiikaa isxilaaĥaattii yookiin shar'iâatti taraawiiĥa jechuun maqaa ŝalaata halkan Ramađaanaa jamaa’âadhaan ŝalaatamuuf kennameedha. Ŝalaanni taraawiiĥaa sunnaa jabeeffamtuu (sunnaa mu’akkadaa)dha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “(Rabbitti) amanuudhaan, (Rabbi irraa akka mindaa argatu) yaaduudhaan Ramađaana keessa namni dhaabate (salaate) cubbuun inni hojjetee dabarse dhiifama godhamaaf” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Taraawiiĥa masgida keessatti jamaa’âadhaan salaatuun caalaadha. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Âa’ishaa irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) ŝaĥaabota isaanii wajjin masgiida keessatti guyyaa muraasaaf salaataniiru. Boodas akka farđii (dirqama) itti hin taane sodaachuudhaan jaraa wajjin salaatuu irraa dhaabbatan. Ĥadiitha Abuu-Žarr (râ) dabarsaniinis Nabiyyiin (ŝâw) “Namni hanga imaamtichi xumurutti wajjiniin dhaabate qiyaama (ŝalaata) halkan (guutuutu) katabamaafi” 131 jedhaniiru – (Warri shanan kan gabaasan yoo ta’u Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Baay'ina raka’âa isii ilaalchisee Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) odeessiteen “Nabiyyiin (ŝâw) Ramađaanattis ta’ee Ramađaanaan alatti raka’âa kudha tokko hin caalchisan ture” jetteetti – (Muttafaqun Âlayhi). Asi irratti ballinaan ilaalamuu ni danda’a – ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Ŝalaanni halkanii mathnaa mathnaa dha (lama lama)” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). zabana Ûmar (râ) raka’âa digdama ŝalaataa akka turan mirkanaaheera1 – (akka Âbdurrazzaaq gabaasetti). Ubayyii fi Tamiim al-Daariin (râ) raka’âa kudha tokko namoota akka salaachisan Ûmar (râ) ajajuun isaaniis Al-Muwaxxa'â keessatti mirkanaaheera. Shaykhul-Islaam Ibnu Taymiyyaan akkana jedhu:- “Raka’âa digdama salaatuu ni danda’a. Kun mažhaba Ahmadii fi Shaafi’îi keessatti isa beekamaa (mash’huura) ta'eedha. Mažhaba Imaamu Maaliki irratti hundaahuudhaan soddomii jahas salaatuu ni danda’a. Kudha tokkos kudha sadiis salaatuu ni danda’a. Bara Umar keessa digdama salaatuun mirkanaa'eera jechi jedhu kun shakkii qaba. Beektoleen gariin sanadni isaa sahiihaa miti jedhu. Kanuma ta'uu wajjin Rasuula irraa (SAW) kudha tokkoo fi kudha sadii ol hin argamne. Kanaafuu, inni filatamaan sooma keessas ta'ee soomaan ala raka'aa kudha tokko yookiin kudha sadi salaatuudha. Bara Umar keessas kudha tokkotu sagadamaa ture. Gulaalaa 1 132 Hundinuu bareeda. Raka’âalee baay'isuun yookiin xiqqeessuun akkuma dheerina qiyaamaatiin (dhaabbiitiin) murtaawa.” Waytiin ŝalaata taraawiiĥaa ŝalaataa îshaa’ii fi ŝalaata witrii jidduutti. Îshaa’iin waytii isiitti ŝalaatamtus yookiin maghribaa wajjin jam’îidhaan ŝalaatamtus waluma qixa. SUNNAALEE RAATIBOOTAA KAN ŜALAATOTA FARĐII WALIIN ŜALAATAMAN Walumaagalatti sunnaaleen raatibootaa (rawaatibaa) raka’âa kudha lama. Jarris kan armaan gadiiti:Zhuhriin duratti afur Zhuhriin booda lama Maghribaan booda lama Îshaa’iin booda lama Ŝalaata fajriitiin dura lama Sunnaaleen rawaatibaa akka asitti ibsaman ta’uu isaaniitiif ragaan ĥadiitha Ibnu Ûmar armaan gadiiti: “Ergamaa Rabbi irraa raka’âalee kudhan qabadhe:- zhuhriin dura raka’âa lama, zhuhriin booda raka’âa lama, maghribaan booda mana isaanii keessatti raka’âa lama, îshaa’iidhaan booda mana isaanii keessatti raka’âa lama, subĥiidhaan dura raka’âa lama. Sa’atiin namni kamiyyuu gara Nabiyyiitti (ŝâw) hin seenne ni jirti, yeroo Mu’ažžinni ažaana 133 godhuu fi fajriin bahu raka’âa lama akka salaatan Ĥafŝaan natti himte” jedheera – (Muttafaqun Alayhi). Ŝaĥiiĥa Muslim keessattis Âa’ishaan (râ) “Ŝalaata zhuhriitiin duratti mana koo keessatti raka’âa afur salaatanii bahanii namoota salaachisu ture, boodas gara mana kootiitti deebi’anii raka’âa lama salaatu” jechuun isii gabaafameera. Hubachiisa:- ŝalaata raatibaa masgiidatti salaatuu irra manatti salaatuutu caala. Nabiyyiin (ŝâw) hojiin isaaniis ta’e ajajni isaanii kana waan agarsiisuuf jecha. Kunis faayidoota armaan gadii qaba:1/ Sunnaa hordofuu, 2/ Ĥadiitha Zayd bin Thaabit (râ) odeesseen Nabiyyiin (ŝâw) “caalaan ŝalaataa kan namtichi mana isaatti salaatuudha – maktuubaa (ŝalaata farđii) malee” jechuu isaanii – (Muttafaqun Âlayhi). 3/ Riyaa’ii fi i’ijaaba (of-dinquu) irraa fagaachuuf 4/ Guutummaa khushuu'âatii fi ikh’laaŝaatiif ni gargaara. 5/ Mana ofii žikrii Rabbiitii fi ŝalaataan ijaaruu, namoota mana sanii irratti raĥmanni ni buuti, shayxaannis mana irraa ni fagaata. Rawaatiba kanneen keessaa irra kan jabeeffaman raka’âalee lamaan fajriiti. Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaatota sunnaalee hunda keessaa akka raka’âalee lamaan fajrii kan isaan jabeessanii eeggatan hin jiru” jetteetti – (Muttafaqun Âlayhi). 134 Ĥadiitha Âa’ishaa kan biraatiinis Nabiyyiin (ŝâw) “Raka’âaleen lamaan fajrii addunyaa fi waan isii keessa jiru hunda caalu” jedhaniiru – (Muslim). Kanaafuu Nabiyyiin (ŝâw) raka’âalee lamaan kanaa fi witriis yeroo biyya jiranis ta’e yeroo karaa deeman jabeessanii eeggatu ture. Sunnaa fajrii malee sunnaalee rawaatibaa kan biraa yeroo karadeemaa ta’an akka sunnaatti salaatuu dhiisuudha. Ŝalaatota taxawwuâa (sunnaa) kan biraa ilaalchisee kan akka ŝalaata đuĥaa, ŝalaata halkanii (qiyaam al-layl), sunnaa wuduu’aatii fi kan biraatis kara-deemaas ta’anii salaatuun mashruu'â yookiin sunnaadha. Raka’âalee fajrii lammaniif sunnaalee raawwataman:1/ Gabaabsanii salaatuu:- Al-Ŝaĥiiĥaynii fi kan biraa keessattis akka gabaafametti Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) raka’âalee lamaan ŝalaata subĥii duraan jiran ni gabaabsu ture” jetteetti. 2/ Sunnaa fajrii raka’âa duraa keessatti faatiĥaadhaan booda yeroo tokko tokko suuratul-kaafiruun, L # " ! M raka’âa lammaffaa keessatti immoo suuratul-ikh’laaŝiin L $ # " ! M qara’uu, yeroo tokko tokko immoo raka’âa duraa keessatti aayata suuratul-Baqaraa keessa jirtu L 8 7 6 5 4 3 M (AlBaqaraa፡ 136), raka’âa lammaffaa keessatti 135 L @ ? > = < ; :M (Aala-Îmraan፡ 64) qara’uudha. Kun sunnaadhaan mirkanaa'eera. 3/ Raka’âalee lamaan booda yoo barbaade cinaacha mirgaa isaa irra gadi ciisuu - Nabiyyiin (ŝâw) akkas godhu turani. 4/ Mana isaatti salaatuu Hubachiisa:- Sunnaaleen rawaatibaa kun yookiin witriin yoo nama darban guyyaa lakkoofsa guutuudhaan qađaa baasuun sunnaadha Fakkeenyaaf witrii raka’âa shan salaatuu barbaadee yoo isa darbe guyyaa raka’âa jaha ŝalaata. Nabiyyiin (ŝâw) raka’âaleen lamaan fajrii sababaa irribaatiin isaan darbinaan qađaa baasaniiru. Raka’âalee lamaan zhuhrii duraan jiranis âŝriidhaan booda qađaa baasaniiru. Rawaatibni kan biraas yoo nama darban qađaa baasuun akka danda’amu ragaaleedhuma kana irratti hundaa’uudhaan (qiyaasaan) ni eeyyamama. Ĥadiitha Abuu-Saîid dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “namni irribaan yookiin irraanfachuudhaan witriin isa darbe yeroo ganameeffate yookiin yeroo yaadate haa salaatu” jedhaniiru – (Al-Tirmižii fi AbuuDaawud). ŜALAATA ĐUĤAA Ŝalaanni đuĥaa guyyaa guyyaatti sunnaa jabeeffamaa (sunnaa mu’akkadaa) yoo ta’u daangeffamaas miti. Rabbi akkana jedha:- 136 ْ رِﺟَﺎلٌ ﻻ ُﺗﻠْﮭِﯿﮭِﻢ.ﷲ أَنْ ُﺗﺮْﻓَﻊَ وَ ُﯾﺬْﻛَﺮَ ﻓِﯿﮭَﺎ اﺳْ ُﻤ ُﮫ ُﯾﺴَﺒﱢﺢُ ﻟَ ُﮫ ﻓِﯿﮭَﺎ ﺑِﺎﻟْ ُﻐ ُﺪوﱢ وَاﻵﺻَﺎل ُ ﻓِﻲ ُﺑﯿُﻮتٍ أَذِنَ ا ب ُ ﺗِﺠَﺎرَةٌ وَﻻ ﺑَﯿْ ٌﻊ ﻋَﻦْ ذِﻛْﺮِ اﷲِ وَإِﻗَﺎمِ اﻟﺼﱠﻼةِ وَإِﯾﺘَﺎءِ اﻟ ﱠﺰﻛَﺎةِ ﯾَﺨَﺎﻓُﻮنَ ﯾَﻮْﻣًﺎ ﺗَﺘَﻘَﻠﱠﺐُ ﻓِﯿﮫِ اﻟْ ُﻘﻠُﻮ واﻷﺑْﺼَﺎ ُر “Manneen Rabbi akka kabajamtuu fi maqaan isaa isii keessatti akka žakkaramu ajaje keessatti (žakkaraa); isii keessatti ganamaa fi galgala isa qulqulleessu; namoonni daldallis ta’e gurgurtaan Rabbiin yaadachuu irraa ŝalaata salaatuu fi zakaas kennuu irraa kan jara irraa hin butne, guyyaa isa keessatti onnee fi iji garagaggalan kan sodaatan kan ta’an (isa qulqulleessu)” – (Al-Nuur: 36 – 37). Ĥadiitha Abuu-Žarr (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “buusaalee qaama keessanii hunda irraa ŝadaqaa baasuun barbaachisaa ta’ee ganamaaha (bula); tokko tokkoon tasbiiĥaa ŝadaqaadha; tokko tokkoon taĥmiidaa ŝadaqaadha; tokko tokkoon tahliilaa ŝadaqaadha; waan gaariitti ajajuun ŝadaqaadha; waan fokkataa irraa dhowwuun ŝadaqaadha; đuĥaa irraa raka’âa lama yoo salaate immoo kana irraa of-geessisa” jedhaniiru – (Muslim). Ŝalaata đuĥaa ilaalchisee ĥadiithonni baay’een gabaafamaniiru:Sanneen keessaayis Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiithni AbuuHurayraa irraa (râ) gabaafame “Jaalallee koo kan ta’an ergamaan Rabbi (ŝâw) waa sadiitti na gorsan:- baatii hunda irraa guyyaa sadii soomuu, đuĥaa raka’âa lama salaatuu, rafuun dura witrii salaatuu” jedhaniiru – (Muslim). Hubachiisa:- baay'inni raka’âa ŝalaata đuĥaa inni xiqqaan raka’âa lama. Ĥadiitha Abuu-Hurayraa armaan olitti dubbatame 137 keessatti “… đuĥaa raka’âa lama” kan jedhu waan caqafameef jecha. Lakkoofsi inni guddaan daangaa hin qabu. Hubachiisa:- waytiin ŝalaata đuĥaa kan jalqabu aduun baatee hamma eeboo eega ol kaatee booda yookiin aduun baatee tilmaamaan hanga daqiiqaa kudha lamaa eega turtee booda. Aduun dabuudhaan dura yookiin jidduu samii ta’uuf tilmaamaan daqiiqaa kudhaniin dura hamma ta’utti yeroon isaa ni tura. Caalaan yeroo aduun gube salaatuudha. Ĥadiitha Zayd bin Arqam dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaanni warra Rabbitti deebi’anii yeroo ilmooleen gaalaa gubattuudha” jedhaniiru – (Muslim). 138 Sujuud al-Tilaawaa Sujuud al-Tilaawaan nama qara’uufis ta’e nama dhaggeeffatuuf sunnaadha; waajiba miti. Zayd bin Thaabit (râ) “Nabiyyii irratti (ŝâw) wannajmii qara’eera, sujuuda hin goone” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). Ûmar (râ) “Rabbi sujuuda nu irratti dirqama hin goone – yoo barbaanne malee” jedhaniiru – (Bukhaarii). Karaa godhamuu (Mashruu'â ta’uu) isaa ulamoonni itti walii galaniiru. Ibnu Ûmar (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) suuraa sajdaan keessa jirtu nu irratti qara’anii sujuuda bu’u ture; nus isaanii wajjin sujuuda buuna turre; tokkoon keenya adda isaatiif bakka hanga dhabutti” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). Dhaggeeffataa jechuun Qur’aana dhaggeeffachuu itti yaadee kan dhaggeeffatuudha; dhagahaan garuu dhaggeeffachuu kan yaade miti. Kanaafuu dhagahaadhaaf sujuud al-tilaawaan karaa (mashruu'â) hin godhamne. Namtichi tokko akka Uthmaan (râ) isaa wajjin sujuuda godhan yaadee suuraa sajadaan keessa jirtu odoo qara’aa jiruu Uthmaan isa biraan dabarfatan, sujuuda hin goone; akkanas jedhan:- “namni sujuuda godhu nama dhaggeeffate” jedhan – (Bukhaarii). Sujuudonni tilaawaa kan jiran suuraalee Al-Aâraaf, Al-Raâd, AlNaĥl, Al-Israa’i, Maryam, Al-Ĥajj, Al-Furqaan, Al-Naml, Al-Sajdaa, Ghaafir, Al-Najm, Al-Inshiqaaq, Iqraa fi Ŝaad keessa. 139 Sujuud al-tilaawaan ŝalaataa miti. Wantoonni ŝalaataaf sharxii ta’an kan akka xahaaraa, gara qiblaatti gara-galuu, âwrata haguuguu fi kkf sujuud al-tilaawaadhaaf sharxii hin ta’an. Sujuud al-tilaawaa keessatti akkuma sujuuda ŝalaataa keessatti jedhutti ‘subĥaana Rabbiyal-aâlaa’ jedha. Waan armaan gadii jedhus rakkina hin qabu:- ِﺠﺪَ وَﺟْﮭِﻲَ ﷲِ اﻟﺬﱢي ﺧَﻠَﻘَ ُﮫ وَﺻَﻮﱠرَ ُه وَﺷَﻖﱠ ﺑَﺼَﺮَ ُه ﺑِﺤَﻮْﻟِﮫ َ َﺳ ِ‘ وَ ُﻗﻮﱠﺗِﮫsajada wajhiya lillaahi al-lažii khalaqahuu waŝawwarahuu washaqqa sam'âhuu wabaŝarahuu biĥawlihii waquwwatihii’. Hiikkaan isaa:- ‘fuulli koo Rabbii isa uumeef, kan isa boceef tolcheef, malaa fi humna isaatiin gurra isaatii fi ija isaa kan baqaqseef salaate’ jechuudha – (Timiziin ŝaĥiiĥa jedheera). وَﺗَﻘَﺒﱠﻠْﮭَﺎ ﻣِﻨﱢﻲ ﻛَﻤَﺎ،ﺟﻌَﻠْﮭَﺎ ﻟِﻲ ﻋِﻨْﺪَكَ ُذﺧْﺮًا ْ وَا، وَﺿَﻊْ ﻋَﻨﱢﻲ ﺑِﮭَﺎ وِزْرًا،اﻟﻠّ ُﮭﻢﱠ اﻛْ ُﺘﺐْ ﻟِﻲ ﺑِﮭَﺎ أَﺟْﺮًا َﺗَﻘَﺒﱠﻠْﺘَﮭَﺎ ﻣِﻦْ ﻋَﺒْﺪِكَ دَا ُود Allaahumma uktub lii bihaa ajran, wada'â ânnii bihaa wizran, waj'âlhaa lii îndaka žukhran, wataqabbalhaa minnii kamaa taqabbaltahaa min âbdika daawuud. Hiikkaan isaa:- “yaa Rabbi, isiidhaan (sujuudittiidhaan) ajrii naaf katabi; isiidhaan dilii ana irraa haqi; of-biratti dilbii naaf godhi; akkuma garbicha kee Daawud irraa qeebalte narraayis qeebali” jechuudha – (Al-Tirmižiin ghariiba jedheera)1. Ĥadiitha ghariiba jechuun ĥadiitha namni tokko qofti gabaase jechuudha. Akka ulamoonni jedhanitti al-Tirmiziin ĥadiitha tokkoon ghariiba yoo jedhe đaîifa jechuu isaati. – hiikticha. 1 140 Sujuud al-tilaawaan yeroo bu’amus ta’e yeroo irraa ol jedhamu takbiiraa hin qabu; salaamataas ta’e tashahhudas hin qabu. Kana irratti gabaasni mirkanaahe hin jiru. Ŝalaata keessa yoo ta’e garuu yeroo bu’amus ta’e yeroo irraa ol jedhamu takbiiraan ni jedhama. Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata keessa yeroo bu’anis ta’ee yeroo irraa ol jedhan takbiiraa godhaa turani. TAXAWWU’ GADI-DHIIFAMAA (AL-TAXAWWU’ ALMUXLAQ) Taxawwu’îin jecha xaw’îi jedhu irraa kan fudhatame yoo ta’u faallaa kurhii (dirqisiisuu)ti. Akka hiikkaa isxilaaĥaatti yookiin shari'âatti immoo xaa'aa (ajajama) waajiba hin ta’in raawwachuudha. Kan daangeffame (al-muqayyad) jechuun yeroodhaan, iddoodhaan yookiin haalaan kan daangeffame jechuudha. Gadi-dhiifamaa (al-muxlaq) jechuun yeroodhaan, iddoodhaan yookiin haalaan kan hin daangeffamin jechuudha. Taxawwu’îin gadi dhiifamaa (muxlaqa) ta’e guyyaa irra halkan caalaadha. Rabbi akkana jedha:- 141 tsr qp on mlkji h gf ed M L | { z y x w v u “Rabbii isaanii sodaataa fi kajeelaa kan waammatan ta’anii cinaachi isaanii bakka ciisichaa irraa faffagaatti; waan nuti kennineef irraayis ni kennu; waan hojjetaa turaniif mindaa kaffaluuf jecha waan ijji jaraa itti tasgabbooftu irraa waan jaraaf ol-dhokfame nafseen kamiyyuu hin beektu” – (al-Sajdah: 16 – 17). Ĥadiitha Jaabir (râ) dabarseen Nabiyyiinis (ŝâw) “Halkan keessa yeroon tokko jirti, muslima kan ta’e garbichi Rabbii tokko yeroo san argatee isii keessa dhimma addunyaas ta’ee dhimma aakhiraa irraa waan gaarii Rabbiin yoo gaafate Rabbi waan san odoo hin kenniniif hin hafu” jedhaniiru – (Muslim). Abuu-Hurayraan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) maktuubaatti (ŝalaata farđiitti) aanee ŝalaata kamtu akka caalu gaafatamanii ‘ŝalaata halkaniiti’ jechuudhaan deebisaniiru” jedhe – (Muslim). Kana irratti ŝalaata halkanii kan akeekan ragaalee baay’eetu jiru. Caalaan taxawwu’â gadi-dhiifamaas ŝalaata halkaniiti. Kunis kan biraa irra dhokataa fi ikh’laaŝattis dhihaataa waan ta’eef. Yeroo namoonni dagatanis. Irribaa fi boqonnaa irra dalagaa gaarii dursuus waan ta’eefis. Halkan keessaayis caalaan tokko jahaffaan booda tokko sadaffaa isaati. Al-Ŝaĥiiĥ (Bukhaarii) keessatti ĥadiitha Âbdallaah bin Âmr irraa (râ) gabaafameen Nabiyyiinis (ŝâw) “caalaan ŝalaataa ŝalaata Daawud; walakkaa halkanii rafee tokko sadaffaa dhaabata 142 ture; ittiin aansees tokko jahaffaa rafa ture” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Halkan gara jalqabaa rafuudhaan ofboqochiisanii boodas yeroo Rabbi waamicha godhee “kan nagaafannaan waan inni nagaafate kennuuf hin jiruu?” jedhu ka’u ture. Boodas halkan keessaa hamma hafe tokko jahaffaa gara dhumaa ŝalaata fajrii dammaqinaan simachuuf jecha rafanii boqonnaa fudhatu. Caalaan kana. Kana yoo ta’uu baates halkan guutuun eega aduun lixxee jalqabee hanga fajriin bahutti yeroo qiyaamaati (ŝalaataati). Ŝalaanni Halkanii sirnaalee fi sunnaalee qaba:1/ Yeroo rafu ŝalaata halkanii ka’ee salaatuuf niyyachuu 2/ Yeroo irriba irraa ka’u siwaakii fayyadamuu 3/ Žikrii armaan gadii jechuu:،ِ اﻟْﺤَﻤْ ُﺪ ﷲ، وھُﻮ ﻋﻠﻰ ﻛُﻞ ﺷَﯿﺊٍ ﻗﺪﯾﺮ،ُ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ،ُ ﻟﮫ اﻟﻤُﻠﻚ،ﻻ إﻟﮫَ إﻻ اﷲ وَﺣﺪَ ُه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫ وَﻻ ﺣَﻮْلَ وَﻻ ُﻗﻮﱠةَ إﻻ ﺑِﺎﷲ،ﷲ أَﻛْﺒَﺮ ُ وا، وَﻻ إﻟﮫَ إﻻ اﷲ،ِﺳﺒْﺤَﺎنَ اﷲ ُ َو “Laa’ilaaha illallaahu waĥdahuu laashariika lahuu lahulmulku walahul-ĥamdu wahuwa âlaa kulli shay’in qadiir, al-ĥamdu lillaah, wasubĥaanallaahi walaa ilaaha illallaahu wallaahu akbar, walaa hawla walaa quwwata illaa billaah” eega kana jedhee booda du'âa’ii gochuu – (Bukhaarii). 4/ اﻟﺤﻤﺪ ﷲ اﻟﺬي أﺣْﯿَﺎﻧﺎ ﺑﻌﺪ ﻣﺎ أﻣﺎﺗﻨﺎ وإﻟﯿﮫ اﻟﻨﺸﻮرAlĥamdu lillaahi al-lažii aĥyaanaa baâda maa amaatanaa wa’ilayhinnushuur (galanni/faaruun kan Rabbii eega nu ajjeesee booda nu fayyiseeti; kan itti deebi’amus garuma isaatti) jechuu – (Muttafaqun Âlayhi). 143 5/ ِ وَأَذِنَ ﻟِﻲ ﺑِﺬِ ْﻛﺮِه، اﻟﺤﻤﺪ ﷲ اﻟﺬي ﻋَﺎﻓﺎﻧﻲ ﻓﻲ ﺟَﺴَﺪِي وَرَدﱠ ﻋَﻠَﻲﱠ رُوﺣِﻲAlĥamdu lillaahi al-lažii aafaanii fi jasadii waradda alayya ruuĥii wa’ažina lii bižikrihii (galanni kan Rabbii qaama koo fayyaa na godhe, lubbuu koo natti deebise, isas žakkaruuf naaf eeyyameeti) jechuu – (Al-Tirmižii). 6/ Harka isaatiin fuula isaa irraa dunquqquu haxaahuu, ijaan gara samii ilaalaa dhuma suuraa Aala-Îmraan aayaa 190 ١٩٠ :آل ﻋﻤﺮان L ] \ [ Z Y M kan jedhu irraa jalqabee hanga dhumaatti qara’uu. 7/ Ŝalaata tahajjudaa raka’âa lama gaggabaabaadhaan jalqabuu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “tokkoon keessan ŝalaata halkaniitiif yeroo dhaabatu raka’âa gaggabaaboodhaan haa jalqabu” jedhaniiru – (Muslim fi kan biraas). 8/ Ŝalaata halkanii keessatti raka’âa lama lamatti salaamataa bahuu. Ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaanni halkanii lama lama” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Lama lama jechuun raka’âa lama lama jechuudha. Tashahhuda tokkoo fi salaamataa lamaan. Lama lama malee afur afurii miti. 9/ Dhaabbii, rukuuâa fi sujuuda dheeressuu. Qiyaama, rukuuâa fi sujuuda wal-caccaalchisuu ni danda’a; kan qalbii isaatiif irra khushuu’â kennu gochuu qaba. 10/ Tahajjuda mana isaatti salaatuu. Ĥadiitha Ibnu Ûmar keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “waajiba malee caalaan ŝalaata namaa 144 mana isaa keessatti” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Kunis ikh’laaŝatti irra waan dhihaatuuf jecha. 11/ Yeroo aayata isii keessatti Rabbi waan gaarii waadaa seenu qara’u waan san akka Rabbi kennuuf kadhachuu, aayata Inni isii keessatti of-eeggannoo dabarsu yeroo qara’u immoo isatti maganfachuu dha – Ĥadiithni Muslim Ĥužayfaa irraa gabaase kana agarsiisa. 12/ Ažkaarota/ du'âa’iilee jalqaba ŝalaataa irratti, rukuu'â, sujuudaa fi juluusa keessa godhaman yaada itti kennuu. Hubachiisa:- Ŝalaata naafilaa (sunnaa) ûžriidhaaf (sababaaf) taa’anii salaatuun ajriin isaa dhaabatanii salaatuudhaan walqixa. Ĥadiitha Abuu-Muusaa (râ) keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “Garbichi Rabbii tokko yoo dhukkubsate yookiin karaa deeme wanti inni yeroo fayyaa qabu yookiin yeroo biyya jiru hojjetaa ture ni katabamaaf” jedhaniiru – (Bukhaarii). Dhaabachuu odoo danda’uu taa’anii ŝalaata taxawwu'âa salaatuun akka danda’amu ulamoonni itti waliigalaniiru. 13/ Ŝalaata isaa witriidhaan xumuruu. Nabiyyiin (ŝâw) xumura ŝalaata halkanii witrii godhu ture. Ĥadiithota baay’eedhaanis waan kanatti ajajaniirus. Namni tahajjudni halkanii isa darbe zhuhriin duratti qađaa baasuun ni jaallatama. Ĥadiitha Ûmariin (râ) dabarfameen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni aadaa halkan godhu irraa yookiin garii isaa irraa rafe ŝalaata fajrii fi zhuhrii jidduutti yoo qara’e akkuma halkan qara’etti galmeeffamaaf” jedhaniiru – (Muslim). 145 YEROO KEESSATTI SALAATUUN DHOWWAMU Haala addaa qofaan yoo ta’e malee waytoonni keessatti salaatuun dhowwamu jiru. Waytoonni kunis shan:Tokkoffaa: Yeroo fajriin lammaffaan bahe irraa jalqabee hanga aduun baatutti jiru:- Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Eega fajriin bahee booda raka’âalee fajrii lamaan malee ŝalaanni biraa hin jiru” jedhaniiru – (Ahmad, AbuuDaawudii fi kan biraas akka gabaasanitti). Eega fajriin bahee booda sunnaa fajrii malee kan biraa salaatuun hin danda’amu. Kun karaa Nabiyyii (ŝâw) waan ta’eef jecha. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid kan gara fuul-duraatti dhufu irratti hundaa’uudhaan Imaam Al-Shaafi’îin salaatuun kan dhowwamu ŝalaata fajriitiin booda kan jedhu ejjenno qabataniiru. Lammaffaa:- Yeroo aduun baatu irraa jalqabee akka ilaalcha ija keenyaatti hamma eeboo tokko hanga ol kaatutti yookiin aduun baatee tilmaamaan hanga daqiiqaa 12 turtutti. Sadaffaa:- walakkaa guyyaatti yeroo aduun qixa sammuu (gubbee) namaa taatu hanga jidduu irraa dabdutti. Yeroo aduun qixa sammuu namaa gubbaa taatu gaaddidduun miila jala ta’a. Hanga gara lixaatti dabdutti dhorkaadha. Ûqbaa bin Âamir (râ) “Waytoota sadii keessa akka hin salaanne, reeffas akka hin awwaalle Nabiyyiin (SÂW) nu dhowwaniiru:- yeroo aduun mulqamtee baatu hanga ol kaatutti, yeroo walakkaa guyyaas 146 hanga aduun dabdutti, yeroo aduun lixuuf qarree irra geessu hanga lixxutti” jedheera – (Muslim). Arfaffaa:- Ŝalaata âŝri irraa jalqabee hanga aduun lixxutti:Ĥadiitha Abuu-Sa’îid Al-khudriin odeessaniin Nabiyyiin (SÂW) “Ŝalaata subĥii booda hanga aduun baatutti ŝalaanni hin jiru; ŝalaata âŝrii boodas hanga lixxutti ŝalaanni hin jiru” jedhaniiru – (Bukhaarii fi Muslim). Shanaffaa:- yeroo aduun lixuu jalqabdu hanga guutummaan guutuutti lixxutti:- kanaafis ragaan ĥadiitha Ûqbaa armaan olitti dubbatameedha. Hubachiisa:- waytoota ŝalaata salaatuun dhowwamu keessa kan armaan gadii ni eeyyamama:1/ Ŝalaatota farđii odoo hin salaatin darban waytoota kana keessa qađaa baasuu:- Ĥadiitha Anas (râ) gabaaseen Nabiyyiin (SÂW) “Namni sababaa irribaatiin yookiin irraanfachuudhaan ŝalaanni isa darbite yeroo yaadate haa salaatu; kana malee kaffaaraa (qulqulleessituu) hin qabdu” jedhaniiru – (Bukhaarii fi Muslim). 2/ Kan biraa immoo yaada ulamootaa lamaan keessaa yaada irra sirrii ta’een waytoota kanneen keessa ŝalaatota sababa qaban akka ŝalaatul-janaazaa, taĥiyyatul-masjid, ŝalaata khusuufaa, ŝalaata xawaafaa raka’âa lama, sunnaa wuduu’aa, ŝalaata jamaa'âa lammaffaa itti deebi’anii salaatuun, waan nama darbuuf ŝalaata istikhaara fi kkf salaatuun ni danda’ama. Ŝalaatonni kunneen waytoota murtaawaa ta’anitti akka hin daangeffamne ragaaleen ni agarsiisu. Waytoota kanneen keessa akka hin 147 salaatamne dhorkaa waliigalaa godhame keessaa ŝalaatonni asitti dubbataman kunneen adda bahu. Kanneen dhowwaman ŝalaatota sababa hin qabneedha. Waytoota kanneen keessa ŝalaatota sunnaa sababa hin qabne jalqabuun hin danda’amu. 3/ Ŝalaata subĥii booda sunnaa subĥii qađaa baasuu yoo ĥadiithichi mirkanaa'eef; akkasumas sunnaa zhuhrii ŝalaata âŝrii booda qađaa baasuun ni danda’ama; keessumaayyuu zhuhrii fi âŝrii walitti qabee yoo salaate. Nabiyyiin (SÂW) sunnaa zhuhrii âŝriin booda qađaa baasuun isaanii ĥadiitha Âa’ishaadhaan (râ) himameen mirkanaaheera – (Muslim). WAAJIBUMMAA ŜALAATA JAMAA'ÂA FI FAAYIDAA ISAA Ŝalaatul-jamaa’âan (ŝalaanni waliinii) kan karaa godhameef faayidoota gurguddoo ta’an waan qabuuf. Kanneen keessaayis muslimoonni jidduu jaraatti waan gaarii waliif gochuudhaan, waliif yaaduudhaan, wal-gargaaruu fi wal-jaallachuudhaan akka waliin jiraatanii fi namni tokko haala nama biraa baruudhaan yeroo dhukkubsatan wal-gaafachuuf, yeroo du’an walgaggeessuuf, yeroo rakkatan wal-gargaaruuf, humna muslimootaa agarsiisuuf, wal-baruuf, tokkummaa uumuuf, kanaanis diinota jaraa kaafiraa fi munaafiqa aarsuuf, diinummaa, walittii citiinsaa fi wal-jibbaa shayxaanonni namaatii fi jinnootaa jidduu jaraatti uuman balleessuuf, kanaanis walitti-dhiheenyaa fi waan gaarii fi sodaa Rabbii irratti tokkummaa uumuuf. Kanaafuu Nabiyyiin 148 (SÂW) “adda adda hin bahinaa, yookiin onneen keessan adda adda baha”1 jedhaniiru – (Muslim Abuu-Mas'ûud irraa gabaase). Faayidoonni ŝalaatul-jamaa’âa biraa wallaalaa barsiisuu, ajrii Rabbi irraa argamu dachaa-dachaa taasisuu, obboloowwan muslimaa hojiilee gaarii yeroo hojjetan jara ilaaluu fi hordofuudhaan hojii gaarii irratti jabaachuu dha. Ĥadiitha Ibnu Ûmariin dabarfamee fi muttafaqun âlayhi ta’een Nabiyyiin (SÂW) “ŝalaatul-jamaa’âan ŝalaata qobaa salaatan irraa sadarkaa digdamii torbaan caala” gabaasa biraatiin immoo “sadarkaa digdamii shaniin caala” jedhaniiru. Ĥukmii Ŝalaatul-jamaa’âa:- ŝalaatul-jamaa’âan dhiira irratti karadeemaas ta’ee biyya isaa keessatti, yeroo nagaas ta’ee yeroo nagaan hin jirre (yeroo sodaa) dirqama. Dirqama mata-mataati (farđal aynii). Kanaafis ragaan isaa Qur’aanaa fi sunnaa akkasumas muslimoonni warri duubaa (khalafoonni) warra duraa irraa (salafoota irraa) jaarraalee baay’eedhaaf walitti dabarsaa raawwachuu jaraati. Yeroo sodaa ilaalchisee Rabbi akkana jedha:- Kana kan jedhan ŝaffiin (hiriirri) ŝalaataa wal qixxaahuu ( sirraahuu) akka qabu yeroo barsiisanii dha. 1 149 ١٠٢ : اﻟﻨﺴﺎءL ) ( ' & % $ # " ! M “Jara keessa taatee yeroo jara salaachifte isaanirraa gareen tokko sii wajjin haa dhaabattu …” (Al-Nisaa’i: 102). Yeroo sodaan jirullee muslimoonni ŝalaatul-jamaa’âa akka dhiisan hin eeyyamamneef. Ĥadiitha Abuu-Hurayraadhaan dabarfamee fi muttafaqun âlayhi ta’een Nabiyyiin (SÂW) “ŝalaatonni munaafiqoota irratti guddisanii ulfaatan ŝalaatota îshaa’ii fi fajriiti; faayidaa ŝalaatonni kanneen qaban odoo beekani daa’imuudhaanillee ta’u ni dhufu ture; akka ŝalaanni dhaabattuu (jalqabamtu) fi namni tokko ŝalaatattii akka salaachisu ajajee ka’ee namoota qoraan baatan ofhordofsiisee gara manneen namoota ŝalaata irratti hin argamin dhaquudhaan manneen jaraa ibiddaan jara irratti gubuuf dhugaatti yaadeera” jedhaniiru. Namoota ŝalaatul-jamaa’âa irraa hafan munaafiqoota ta’uu jaraa ibsan; namni sunnaa irraa hafe munaafiqa jedhamuu hin danda’u; kanaafuu wanti jarri irraa hafan waajiba ta’uu isaa agarsiisa. Ŝalaatul-jamaa’âa irraa hafuu jaraatiif Nabiyyiin (ŝâw) jara adabuu yaadaniiru. Adabbiin kan raawwatamu yoo waan dirqama ta’e dhiisaniidha. Adaba kana akka hin raawwanne wanti isaan dhowwe kan ibiddaan adabu, Rabbii ibidda uume qofa waan ta’ee fi namoota ŝalaatul-jamaa’âa salaatuun dirqama itti hin taane dubartootaa fi daa’imman manneen keessa jiran yaaduudhaan. 150 Ŝaĥiiĥ Muslim keessatti Abuu-Hurayraa irraa (râ) akka gabaafametti namtichi jaamaan tokko “yaa ergamaa Rabbii (SAW)! nama naqabee masgiida nageessu hin qabu” jechuudhaan mana isaa keessatti salaatuun akka eeyyamamuuf gaafannaan Nabiyyiin (ŝâw) eeyyamaniif; namtichi garagalee deemnaan waamanii “waamicha (ažaanii) ni dhageessaa?” jedhanii gaafatan. “Eeyyee” jedheen. “akkas taanaan owwaadhu” jedhaniin. Namichi rakkinni irra gahuun odoo beekamuu Nabiyyiin (ŝâw) ažaaniidhaaf deebii akka kennuu fi ŝalaatul-jamaa’âadhaaf masgiida dhufuu akka qabu ajajaniiru. Ibnu Mas'ûud “nama munaafiqummaan isaa beekame malee isi irraa (ŝalaatul-jamaa’âa irraa) hin hafu ture; namni (dadhabaan) jidduu nama lamaatti garaagara qabamee dhufee ŝaffii keessa akka dhaabatu godhama ture” jedheera – (Muslim). Hubachiisa:- Namni ŝalaatul-jamaa’âa irraa hafe yoo qobaa salaate Haala lama qabaata:Haalli tokkoffaan:- ûžrii (sababaa fudhatama qabu) kan qabu yoo ta’e – dhukkuba, yookiin sodaa, yookiin kkf – odoo ûžrii hin qabaanne ŝalaatul-jamaa’âa irraa kan hin hafne yoo ta’e. Namni akkanaa akkuma jamaa’âadhaan salaateetti lakkaahamee ajriin katabamaaf. Ĥadiitha ŝaĥiiĥa Abuu-Muusaan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Garbichi Rabbii tokko yoo dhukkubsate yookiin yoo karaa deeme wanti inni fayyaa ta’ee yookiin yeroo biyya jiru hojjetaa ture ni katabamaaf” jedhaniiru – (Bukhaarii). 151 Haalli Lammaffaan:- Ŝalaatul-jamaa’âa irraa kan hafe ûžrii malee yoo ta’e. Namni akkanaa yoo qobaa salaate ulamoota gara caalaa (al-jumhuur) biratti ŝalaanni isaa sirriidha. Haa ta’u malee ajrii fi thawaaba guddaa dhaba. Ŝalaatul-jamaa’âan ŝalaata qobaa salaatan irra sadarkaa dhigdamii torbaan waan caaluuf jecha. Akkasumas ajrii tarkaanfiilee gara masjiidaatti godhuun argatu ni dhaba. Ajrii (mindaa) guddaa kana dhabuu wajjin cubbamaa (dilaahaa) ta’a – ûžrii malee waan waajiba dhiiseef jecha. Hubachiisa:- Iddooleen ŝalaatul-jamaa’âa masjiidota; masjiidota keessatti raawwachuun dirqama. Rabbi akkana jedha:) ( ' & % $ # " ! â á à ß Þ Ý Ü Û Ú Ù Ø × Ö Õ ÔM ٣٧ - ٣٦ : اﻟﻨﻮرL 5 4 3 2 1 0 / .- , + * “Manneen Rabbi akka kabajamtuu fi maqaan isaa isii keessatti akka žakkaramu ajaje keessatti (žakkaraa); isii keessatti ganamaa fi galgala isa qulqulleessu; namoonni daldallis ta’e gurgurtaan Rabbiin yaadachuu irraa ŝalaata salaatuu fi zakaas kennuu irraa kan isaan hin butne, guyyaa isa keessatti onnee fi iji garagaggalan kan sodaatan kan ta’an (isa qulqulleessu)” – (Al-Nuur: 36 – 37). Ĥadiitha Ibnu Âbbaas marfuu'â ta’e keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “namni waamicha (ažaanii) dhagahee deebii hin kennine ŝalaata hin qabu – yoo ûžrii qabaate male” jedhaniiru – (Ibnu Maajaa fi Al-Daaraquxniin kan gabaasan yoo ta’u, Al-Ĥaakim, Ibnu Hajarii fi ulamoonni biraatis ŝaĥiiĥa jedhaniiru; ĥadiitha Abuu-Muusaa (râ) keessaayis kan ragaa ta’uuf jira). 152 Âliyyiin (râ) “Nama ollaa masgiidaa ta’eef masgiida keessatti malee ŝalaanni isaa hin jiru (fudhatama hin qabu)” jechuu isaanii Al-Bayhaqiin sanada ŝaĥiiĥaan gabaaseera.1 Baay'ina Namaa kan Ŝalaatul-jamaa’âan ittiin Dhaabatu isa Xiqqaa:Baay'inni nama ŝalaatul-jamaa’âan ittiin dhaabatu inni xiqqaan nama lama. Jechi jamaa’âa jedhu jecha ijtimaa'â (wal-gahuu) jedhu irraa waan fudhatameef jecha. Nabiyyiin (ŝâw) Maalik bin Al-Ĥuwayrithiin “Lamaan keessan keessaa inni hangafti sin haa dursu” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Nabiyyiin (ŝâw) Ibnu Mas'ûudiin salaachisaniiru; Ibnu Âbbaasiinis salaachisaniiru; (Muttafaqun Âlayhimaa). Ĥužayfaas salaachisaniiru – (Muslim). Hubachiisa:- Dubartoonni Abbaa manaa isaanii eeyyamsiifatanii, odoo shittoo/urgooftuu hin dibatin, odoo of hin saaxilin, faaya jaraa odoo hin agarsiisin, guutummaan guutuutti haguuggatanii, dhiiraan odoo walitti hin makatin, hiriira dhiiraa duubatti masgiida keessatti ŝalaatul-jamaa’âa salaatuu ni danda’u. Zabana Nabiyyii (ŝâw) ŝalaatul-jamaa’âa irratti argamaa waan turaniif jecha. Wal-tajjiilee gorsaa fi barnootaa irratti argamuun jaraas sunnaadha Sheekh Naasir Al-Din Al-Albaaniin jecha Âliyyiin jedhaniiru jedhame kana sanadni isaa đaîifa (dadhabaadha) jedhaniiru. – Hiikticha. 1 153 Hubachiisa:- Dubartoonni dhiirtota irraa adda bahanii qobaa jaraa ŝalaatul-jamaa’âa salaatuu ni danda’u. Imaamni jaraa jaruma keessaa dubartii yookiin dhiira ta’uu ni danda’a. Nabiyyiin (ŝâw) Ummu Waraqaan (râ) Mu’ažžina isii godhattee namoota mana isii akka salaachiftu waan ajajaniif jecha – (Ahmadii fi warri sunanaa kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Khuzaymaan ŝaĥiiĥa jedheera). Âa’ishaanii fi Ummu Salamaanis (râ) kana gochuun jaraa mirkanaaheera – (Al-Daaraquxnii fi Al-Bayhaqiin akka gabaasanitti). Hubachiisa:- Muslima tokkoof kan caalu masgiida yoo inni argame malee ŝalaatul-jamaa’âan keessatti hin salaatamnetti salaatuudha. Gocha kanaan thawaaba (mindaa) masgiida misoomsuu waan argatuuf jecha. Rabbi ١٨ : اﻟﺘﻮﺑﺔL s r q p o n m l k j i M “Masgiidota Rabbii kan misoomsu nama Rabbii fi guyyaa dhumaatti (aakhiraatti) amane ŝalaata ŝalaatee… qofaa” jedha – (Al-Tawbaaa: 18). Yoo inni argamuu baates ŝalaatul-jamaa’âan kan itti ŝalaatamu yoo ta’e garuu isaaf kan caalu masgiida irra khushuu'âan (tasgabbii fi sodaa Rabbiitiin) itti salaatuu danda’u keessatti salaatuudha. Caalinni ibaadichaan wal-qabatu caalina iddoo fi yeroo isaatiin walqabatu waan caaluuf jecha. Ittiin aansees gara masgiidota naannootti argamanii dhaquun bareeda. Âliyyiin (râ) “Nama ollaa masgiidaa ta’eef masgiida keessatti malee ŝalaanni 154 isaa hin jiru (fudhatama hin qabu)” jechuu isaanii Al-Bayhaqiin sanada ŝaĥiiĥaan gabaaseera. Ittiin aansee kan gaarii ta’u masgiida fagoo dhaqanii salaatuudha. Ĥadiitha Abuu-Muusaan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Namni ŝalaataan ajrii guddaa argatu isa fagoo ta’ee fi karaa fagoo deemeedha. Kunis tokkoon keessan wuduu’a tolchee godhatee ŝalaata malee waan biraa odoo hin barbaadin gara masgiidaa yeroo deemu hanga masgiida seenutti tarkaanfii tokkollee tarkaanfatee hin hafu tarkaanfii saniin sadarkaa isaa kan olfuudhuuf cubbuu isaas kan irraa haquuf yoo ta’e malee” jedhaniiru –(Muslim). Gara masgiida Nabiyyiitti (ŝâw) dhihaatanii qubachuu kan barbaadan gosa Banii Salamaa jedhamaniin Nabiyyiin (ŝâw) “yaa Banii Salamaa! Naannoodhuma keessan turaa; faanni keessan (kan gara masgiidaa ittiin deemtan) isiniif katabama” jedhaniiru – (Muslim). Ittiin aansees kan gaarii ta’u gara masgiida jamaa'âa baay’ee qabu dhaqee salaatuudha. Ĥadiitha Ubayyi bin Ka'âb dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni tokko qobaa isaa kan salaatu irra nama tokkoo wajjin kan salaatutu isaaf caala; nama tokkoo wajjin kan salaatu irra nama lamaa wajjin kan salaatutu isaaf caala; kan irra baay'atu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha” jedhaniiru – (Ahmadii fi Abuu-Daawud kan gabaasan yoo ta’u Yaĥyaa bin Ma’iin, Ibnu Madiinii fi Ibnu Ĥibbaan ŝaĥiiĥummaa isaa mirkaneessaniiru). Hubachiisa:- Imaamni idileen odoo jiruu eeyyama isaa malee yookiin yoo ûžriin isa mudate malee namni biraa salaachisuu hin 155 danda’u. Ŝaĥiiĥ Muslimii fi kan biraa keessattis ĥadiitha AbuuMas'ûud Al-Badrii eeruudhaan gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni tokko naannoo aangoo nama biraa keessatti eeyyama isaa malee imaama isaaf ta’uu hin danda’u” jedhaniiru. Yoo imaamtichi turee nomoonni isa eeguun itti ulfaate yookiin waytiin yoo dhiphate salaatuu ni danda’u. Nabiyyiin (ŝâw) Banii Âmr bin Âwfiin araarsuuf deemanii yeroo isaan turan Abuu-Bakr Salaachisaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Duula Tabuuk keessattis Nabiyyiin (ŝâw) yeroo isaan turan Abdurraĥmaan bin Âwf namoota salaachiseera; Nabiyyiinis (ŝâw) dhaqqabanii raka’âa dhumaa waliin salaatanii waan isaan darbe eega guuttatanii booda “bareeda gootan” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Hubachiisa:- Namni eega salaatee booda dhimma isaatiif masgiida tokko yeroo deemu ŝalaataaf iqaamaan yoo godhamaa jiraate ŝalaata san jamaa'âa wajjin salaatuun isaaf sunnaa ta’a– yeroo ŝalaata salaatuun dhowwamu ta’ullee. Ĥadiitha Abuu-Žarr dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaata waytii isiitti salaati; yoo sihii masgiida keessa jiruu iqaamaan godhame salaati; an waanin salaateef hin salaatu hin jedhin” jedhaniiru – (Muslim). Ŝalaanni kun isaaf sunnaa ta’a. Ŝalaatul-jamaa’âa itti deddeebi’anii salaatuuf jecha masgiidota irra naanna'uun garuu hin ta’u – kun waan hin argamneef jecha. Hubachiisa:- Ŝalaataaf iqaamaan yoo godhame – jechuun Mu’ažžinni iqaamaa gochuu yoo jalqabe, ŝalaata sunnaa jalqabuun hin ta’u – raatibaas ta’ee taĥiyyatal-masjida yookiin kan biraas. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaataaf iqaamaan yoo godhame ŝalaata maktuubaa 156 (dirqamaa) malee ŝalaanni biraa hin jiru” jedhaniiru – (Muslim). Gabaasa biraatiin immoo “ŝalaata iqaamaan godhamteef malee ŝalaanni biraa hin jiru” jedhaniiru. Ŝalaanni farđii kan imaamtichi inni wajjiniin salaatuu barbaade sun salaachisu iqaamaan eega godhameefii booda ŝalaanni sunnaa kan jalqabamu hin hidhamu (akka ŝalaataatti hin lakkaawamu). Inni dura bu’ee jalqabee salaatuu irra odoo jiruu yoo iqaamaan godhame garuu odoo iqaamaan hin godhaminiin dura raka’âa tokko salaateera yoo ta’e gabaabsee guuta malee hin kutu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “ŝalaata irraa namni raka’âa tokko argate (dhaqqabe) ŝalaaticha argateera” waan jedhaniif jecha – (Muttafaqun Âlayhi). Iqaamaadhaan dura raka’âa tokko yoo hin salaatin garuu ŝalaata jalqabe san ni kuta. AĤKAAMOTA DURFAMAADHAAN (MASBUUQAAN) WAL-QABATAN Durfamaa (masbuuqa) jechuun nama ŝalaata jamaa’âa irraa raka’âan tokko yookiin sanii ol isa darbe jechuudha. Ejjennoowwan ulamootaa lamaan keessaa ejjennoo isa irra fudhatama qabuun masbuuqni raka’âa tokko yoo hin argatin ŝalaatul-jamaa’âa san hin arganne. Raka’âa tokkoo gadi yoo argate (dhaqqabate) ŝalaatul-jamaa’âa hin arganne. 157 Ilaalcha irra sirrii ta’een raka’âan qaqqabatame kan jedhamu yoo rukuu’îin qaqqabatameedha. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti Abuu-Bakraan (râ) odoo Nabiyyiin (ŝâw) rukuuâ keessa jiranii dhufee ŝaffii (hiriira) ŝalaataatti odoo hin seenin rukuuâ godhe; Nabiyyiin (ŝâw) raka’âttii san akka inni deebi’ee salaatu hin ajajne. Kunis sanumti akka gahu agarsiisa. Odoo imaamni rukuu’îi irra jiruu yoo qaqqabate dhaabatee takbiiraa tokko (takbiiratal-iĥraam) eega godhee booda lammaffaa takbiiraa godhee imaamaa wajjin rukuu'â godha. Caalaan kana. Takbiiratal-iĥraamiin qofa godhee takbiiraa rukuu’îi dhiisuus ni danda’a. Takbiiratal-iĥraamii dhaabii irra odoo jiruu gochuun dirqama.1 Takbiiraan rukuu’îi garuu bakka kanatti sunnaadha Ma’imuumichi rukuu'â argateera kan jedhamu rukuuâ mujzi’a (geessisaa) ta’een imaamtichaa wajjin yoo wal-gaheedha. Waa'ee rukuu'â mujzi’aa mata-duree Arkaana Ŝalaataa jalatti ibsi godhameeraafi. Rukuu'â dhaqqabuu fi dhaqqabuu-dhabuu isaa yoo shakke, shakkiin isaa dhaqqabeera gara jedhutti yoo ulfaate raka'âttii san Namoonni baay’een imaamaa rukuu’î irra jiruu yoo qaqqaban dhaabatanii takbiiratal-iĥraamii odoo hin godhin takbiiraa rukuu’îi qofa godhanii rukuu’îi bu’u; takbiiratal-iĥraam arkaana ŝalaataa irraa waan ta’eef ŝalaannis isa male waan hin-hidhamneef eeggachuu barbaachisa. – Hiikticha. 1 158 akka dhaqqabatetti fudhatee salaamataadhaan booda sujuud alsahwii godha. Shakkiin isaa gara tokkotti yoo hin dabin (dhaqqabeeras hin dhaqqabnes kan jedhu wal-qixa yoo shakke) raka’âa tokko dabalee salaamataadhaan dura sujuud-al-sahwii godha. Masbuuqni imaama haala kamirrattuu yoo argate itti hidhata. Ĥadiitha Abuu-Hurayraa marfuu'â ta’een Nabiyyiin (ŝâw) “Nuhii sujuudii irra jiruu gara ŝalaataa yoo dhuftan sujuuda godhaa; garuu isii hin lakkaahinaa” jedhaniiru – (Abuu-Daawudii fi kan biraas kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Khuzaymaanii fi kan biraas ŝaĥiiĥa jedhaniiru; Bukhaariin garuu đa'îifa jedheera). Wanti inni kana godhuuf namoonni odoo ŝalaata keessa jiranii inni ŝalaataa ala ta’ee namoota irraa akka adda hin baaneef. Adda bahuun waan dhowwaa ta’eef jecha. Yeroo imaamni salaamataa lammaffaa godhu masbuuqichi ol ka’ee ŝalaata irraa waan isa darbe guuta. Salaamataa lammaffaan dura ol ka’uu hin danda’u. Hubachiisa:- Ŝalaanni masbuuqni dhaqqabee imaamaa wajjin salaate ilaalcha irra sirrii ta’een qooda duraa ŝalaatichaati; ŝalaanni masbuuqni eega imaamtichi salaamataa bahee booda itti guutu ŝalaaticha irraa gara dhumaati. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “kan isin darbe guutaa” waan jedhaniif jecha – (Muttafaqun Âlayhi). Hubachiisa:- Ŝalaatichi jahriyyaa (kan sagaleen keessatti ol fuudhamee qara’amu) yoo ta’e ilaalchowwan ulamootaa keessaa 159 ilaalchi irra-dhihaataadha (yookiin fudhatama qaba) kan jedhamuu danda’u raka’âalee imaamni sagalee isaa ol fuudhee qara’u keessatti ma’imuumni faatiĥaa qara’uun waajiba isatti hin ta’u kan jedhuudha. Rabbi akkana jedha:٢٠٤ : اﻷﻋﺮافL ² ± ° ¯ ® ¬ « ª © M8 7 “Yeroo Qur’aanni qara’amu isa dhaggeeffadhaa; callisa; akka raĥmatamtaniif jecha” – (Al-A’âraaf: 204). Imaam Ahmad “aayaan kun ŝalaata keessaaf akka taate namoonni itti walii-galaniiru (ijmaaâ godhaniiru)” jedhan. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan odeessaniinis Nabiyyiin (ŝâw) “Yeroo an qara’u callisaa dhaggeeffadhaa” jedhaniiru – (Muslim ‘ŝaĥiiĥa’ jedheera). Ĥadiithonni Jaabir, Abuu-Hurayraa fi kan biraas kanuma agarsiisu. Ŝalaatattiin sirriyyaa (kan sagaleen keessatti odoo olhinfuudhamin qara’amu) yoo taate yookiin ma’imuumichi sagalee imaamaa kan hin dhageenye yoo ta’e faatiĥaa qara’uun dirqama itti ta’a. HAALA MA’IMUUMNI IMAAMAA WAJJIN QABAATU Aĥkaamota ŝalaataa bareechanii barbaachisaa ta’an keessaa tokko waajibummaa ma’imuumni imaama hordofuu baruudha. Ma’imuumni imaamaa wajjin Haala afur qabaata. 160 Haalli Tokkoffaan:- Wal dorgomuu (Al-musaabaqaa)dha:kana jechuun imaama dursanii rukuu'â bu’uu, sujuuda bu’uu, yookiin dursanii rukuu'â bu’anii rukuu'â irraayis dursanii oljechuu fi kkf… kun ĥaraama. Ma’imuumni hordofaa imaamaati. Hordofaan hordofsiisaa (dura-bu’aa) isaa dursuu hin qabu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan imaama dursee mataa isaa yoo ol-qabe Rabbi mataa isaa gara mataa harreetti akka hin jijjiirre yookiin fakkii isaa fakkii harree akka hin goone hin sodaatuu?” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Namni imaama isaa (gochaan) durse akka harree hojiin akkamii irraa barbaadamu hin beekneeti jechuudha. Namni kana godhe adaba haqa godhata. Kana odoo beekuu itti yaadee yoo godhe ŝalaanni isaa ni bada. odoo hin beekin yookiin dagatee yoo godhe garuu ŝalaanni isaa hin badu; Haa ta’u malee itti beebi’ee imaamaan booda (imaama hordofee) gocha san deebisuu qaba. Kanas gochuu akka qabu beekaa itti yaadee yoo gochuu dhiise ŝalaanni isaa ni bada. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Imaamni kan godhameef haa hordofamuufi; hanga inni rukuu'â godhutti rukuu'â hin godhinaa; hanga sujuuda godhuttis sujuuda hin godhinaa” jedhaniiru – (Ahmadii fi Abuu-Daawud). Takbiiratal-iĥraamiidhaan yoo imaama durse ŝalaanni isaa gonkumaayyuu hin hidhamu. Haalli Lammaffaan:- Hordofuudha (Al-mutaaba’aa). Sunnaan kana. Kana jechuun ma’imuumni gara ruknii tokkootti seenuu kan inni jalqabu eega imaamni ruknii sanitti seenee booda jechuudha. 161 Ĥadiitha Âmr bin Hurayth (râ) odeesseen ŝaĥaabonni dudduuba Nabiyyii (ŝâw) ta’anii hamma Nabiyyiin (ŝâw) sujuuda bu’anitti jara keessaa namni tokkollee sujuuda bu’uudhaaf dugda isaa kan goobessu akka hin jirree fi eega isaan bu’anii booda jarris akka bu’an gabaafameera – (Muslim). Haalli Sadaffaan:- Walqixa Deemuu (Al-Muwaafaqaa):- Kunis gochaanis ta’ee jechaanis imaamaa wajjin walqixa deemuudha. Haalli kun takbiiratal-iĥraamiin yoo ta’e otuma hin beekin yoo godheyyuu ŝalaanni isaa hin hidhamu. Gochoota kanaan alaa keessatti – akka rukuu'âa, sujuudaa, qiyaamaa, … muwaafaqaan (imaamaan walqixa deemuun) jibbamaadha (makruuha). Ažkaarota rukuu’îi, sujuudii fi kan biraa keessatti godhaman keessatti yoo muwaafaqaa godhe hin jibbamu. Salaamataa keessatti yoo muwaafaqaa godhe ni jibbama. Haalli Arfaffaan:- Duubatti hafuu:- Gochoota ŝalaataa keessatti imaama irraa dudduubatti hafuun Haala lama qaba:Tokkoffaan:- sababaa malee (ûžrii male) yoo ta’e:- odoo imaamtichi ruknii san keessaa hin bahin yoo dhaqqabate homaa hin qabu. Haa ta’u malee sunnaadhaan ala. Odoo ma’imuumni gara rukunii saniitti hin seenin imaamtichi ruknii san keessaa yoo bahe, beekaa fi itti yaadee yoo ta’e ŝalaanni isaa ni bada. Lammaffaan:- ûžriidhaan yoo ta’e:- fakkeenyaaf ma’imuumtichi yoo muge yookiin sagalee imaamtichaa dhagahuu yoo hin danda’in – imaamtichi bakka ma’imuumichi dudduubatti irraa hafe san deebi’ee odoo hin gahin ûžriin ma’imuumichaa yoo bade 162 waan imaamticha irraa dudduubatti hafeen san raawwatee imaamticha hordofa. Fakkeenyaaf:- odoo inni dhaabii irra jiruu imaamtichi immoo odoo sujuuda irra jiruu ûžriin sun yoo dhabame rukuu'â godhee, rukuu'â irraayis ol-jedhee, sujuuda bu’ee imaamticha hordofa. Bakka inni dudduubatti hafe irra odoo jiruu ûžriin sun odoo hin badin imaamtichi yoo itti dhaqqabe – fakkeenyaaf imaama irraa dudduubatti hafee bakkuma inni dhaabatee jirutti imaamtichi yoo itti dhaqqabe imaamticha hordofee [yeroo imaamni ŝalaata xumure] raka’âa tokko dabala. AĤKAAMOTA IMAAMUMMAA Nama imaamummaa haqa godhatu:- kun kan ilaallatu masgiida imaama dhaabbataa ta’e hin qabne yookiin namoota masgiida irraa adda bahanii jiraniidha. Namni irra caalaatti imaamummaa haqa godhatu nama kitaaba Rabbii (Qur’aana) caalaatti qara’eedha – jechuunis nama caalaatti Qur’aana haffazeedha (sammuutti qabateedha). Nama Qur’aana sirnaan qara’uu danda’us jedhameera. Kana jechuun nama bakka qubeewwan baafaman (makhaarijal-ĥuruuf) beeku, kan akkaataa qaraatii hin dogoggorre, odoo itti of hin dirqin, odoo hin muddamin sirna qaraatii kan hojii irra oolchu, kanaa wajjinis fiqhii (seera ŝalaataa), ulaagaa isii, utubaa isii, dirqamootaa fi mubxilaata (wantoota ŝalaata balleessan) kan beeku jechuudha. Zabana Nabiyyii (ŝâw) nama irra caalaatti Qur’aana qara’ubeekumsaan irra caalaa ta'a waan ta’eef jecha. 163 Yoo Qur’aanaan walqixxaatan nama irra fiqhii beeku jechuun fiqhii aĥkaamota ŝalaataa caalaatti kan beekutu dursa – waan lama waan qabuuf:- dandeettii qaraatii qura’aanaa fi dandeettii fiqhii. Abuu-Mas'ûud Al-Badrii eeruudhaan Muslim akka gabaasetti Nabiyyiin (ŝâw) “Qaraatiidhaan (Qur’aanaan) walqixa yoo ta’an nama sunnaa (ĥadiitha) irra caalaa beekutu dursa” jedhaniiru. Kana jechuun nama diinii Rabbii irra caalaa beeku jechuudha. Kunis Qur’aanni ŝalaata keessa qara’amu daangeffamaa waan ta’ee fi wantoonni ŝalaata keessa argaman garuu waan baay’ee ta’aniif jecha beekumsa diinii barbaachisa. Qaraatii (Qur’aana) fi fiqhiidhaan (beekumsa diiniitiin) yoo walqixxaatan nama hijraadhaan dursetu dursa; hijraa jechuun godaansa biyya shirki irraa gara biyya Islaamaatti godhamuudha. Qaraatiidhaan, fiqhiidhaan, hijraadhaanis yoo walqixa ta’an nama dura Islaamummaatti seenetu dursa. Kanaanis yoo walqixxaatan nama umuriidhaan caalutu dursa. Ĥadiitha Maalik bin AlĤuwayrith dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Hangafti keessan imaama isiniif haa ta’u” waan jedhaniif jecha – (Muttafaqun Âlayhi). Islaamummaa keessatti guddinni umurii jaallatamaa waan ta’eef jecha. Khushuu'âa fi du'âa’iin qeebalamuuttis irra dhihaataa waan ta’eefis jecha. Tartiiba kanaaf ragaa kan ta’u ĥadiitha Abuu-Mas'ûud Al-Badrii (râ) eeruudhaan Muslim gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namootaaf imaama kan ta’u nama jara keessaa kitaaba Rabbii irra caalaatti qara’eedha; qaraatiidhaan yoo walqixa ta’an nama irra caalaa sunnaa (ĥadiitha) beekuudha; sunnaadhaanis yoo walqixa ta’an 164 nama hijraadhaan jara dursu; hijraanis yoo walqixxaatan nama jara keessaa umuriidhaan caaluudha” jechuu isaaniiti. Namoota bakka ŝalaataatti argaman keessaa namni irra caalaan jiraatullee namoonni armaan gadii imaamummaaf dursa qabu:Tokkoffaa:Imaama masgiidaa dhaabbataa – imaamummaadhaaf gahumsa kan qabu taanaan namni isa caalu jiraatus eeyyama isaa malee namni biraa isa dursuu hin danda’u. Lammaffaa:- Abbaa-manaa – imaamummaadhaaf gahumsa kan qabu taanaan eeyyama isaa malee namni biraa isa dursuu hin danda’u. Sadaffaa:- Abbaa-aangoo – dura-taa’aa yookiin itti aanaa imaamummaadhaaf gahumsa kan qabu taanaan eeyyama isaa malee namni biraa isa dursuu hin danda’u. Kanaafis ragaan isaa – Nabiyyiin (ŝâw) “Eeyyama isaa malee namni tokko nama biraatiif mana isaa keessattis ta’e (naannoo) aangoo isaa keessatti imaama ta’uufii hin danda’u” jechuu isaaniiti – (Muslim). Aangoo isaa jechuun bakka (naannoo) inni bulchu yookiin waan inni hoogganu/ tooyatu jechuudha. NAMA IMAAMUMMAAN ŜALAATAA HIN KENNAMNEEF Qabxii Tokkoffaa:- Imaamummaa Faasiqaa 165 Faasiqa jechuun shirkiidhaan gaditti waan jiru cubbuulee gurguddoo (kabaa’ir-al-žunuub) keessaa cubbuu hojjechuudhaan yookiin cubbuulee xixiqqaa irra turuudhaan daangaa istiqaamaa keessaa kan bahe jechuudha. Fisqiin gosa lama:- fisqii gochaa (fisqun âmalii) fi fisqii amantii (fisqun I'itiqaadii). Fisqiin gochaa – sagaagalummaa (zinaa), hanna, khamrii dhuguu fii cubbuulee kkf raawwachuudha. Fisqiin amantii – amantiilee raafiđaa, mu'âtazilaa, jahmiyyaa yookiin kkf qabaachuu dha. Faasiqni ŝalaataaf imaama dhaabbataa hin godhamu. Faasiqni oduun isaa waan fudhatama hin qabneef jecha. Rabbi: ٦ : اﻟﺤﺠﺮاتL 6 5 4 3 2 1 0 /M 8 7 “Yaa warra amantan! Yoo faasiqni oduu isinitti fide mirkaneeffadhaa …” jedha – (Al-Ĥujuraat: 6). Oduutti yoo hin amanamin ulaagaalee fi aĥkaama ŝalaataattis hin amanamu. Namootaaf fakkeenya gadhee waan ta’uuf jecha imaama dhaabbataa isa gochuunhin tolu. Haa ta’u malee yoo namoota salaachise ŝalaatichi sirriidha. Namni ŝalaanni isaa sirrii ta’e imaamummaan isaas sirriidha. Qabxiin Lammaffaan:- Imaama ruknii yookiin sharxii guuttachuu hin dandeenye:- Namni ruknii – jechuun rukuu'â, sujuuda, qu’ûuda (taa’icha), qiyaama yookiin sharxii raawwaachuu hin dandeenye imaamummaan isaa fudhatama ni 166 qabu. Âa’ishaan (râ) akkana jetti:- “Nabiyyiin (ŝâw) dhukkubsatanii mana isaanii keessa taa’anii salaatan; namoonni dudduuba isaaniitiin hordofanii dhaabatanii salaannaan akka jarri taa’aniif itti akeekan; yeroo ŝalaata xumuran ‘imaamni wanti godhameef akka hordofamuuf … yoo taa’ee salaate hundi keessaniiyyuu taa’aa ŝalaataa’ jedhan” – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaaticha yoo taa’ee jalqabe dudduuba isaa taa’anii salaatuun waajiba ta’a. Ŝalaaticha dhaabatee eega jalqabee booda rakkinni isa mudatee yoo taa’e garuu dudduuba isaa dhaabatanii salaatuun dirqama ta’a. Qabxii sadaffaa:- Imaamummaa Muĥdithaa1 Muĥdithni yoo imaama ta’ee salaachise Haala armaan gadii keessaa ala hin ta’u:Tokkoffaan/ eega ŝalaata xumuree booda malee Muĥditha ta’uu isaa kan hin barin yoo ta’e ŝalaanni ma’imuumotaa sirriidha; ŝalaanni isaa kufaadha; ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) odeessaniin Nabiyyiin (ŝâw) “(jarri) isin salaachisu; yoo sirriitti raawwatan isiniifis jaraafis ni ta’a; yoo dogoggoran keessan sirrii ta’ee dogoggorri jaratti deebi’a.” jedhaniiru – (Bukhaarii). Ûmaris, Ûthmaanis (râ) janaabaa ta’anii namoota eega salaachisanii booda matuma jaraa qofaan ŝalaata deebisanii salaataniiru. Muĥditha jechuun nama wuduu’a hin qabne yookiin nama janaabaa ta’e jechuudha. 1 167 Lammaffaan/ ĥadathicha kan bare ŝalaata keessa odoo jiruu yoo ta’e yookiin ĥadathichumtuu kan itti argame odoo inni ŝalaata keessa jiruu yoo ta’e ŝalaanni ma’imuumotaa sirriidha; ŝalaanni imaamtichaa kufaa ta’a. nama bakka isaa bu’ee salaachisu iddoo buusa, yookiin nama jara salaachisu jarumti iddoo buufatu, yookiin matuma-mataa jaraatiin adda addatti ŝalaata jaraa guuttatu. Sadaffaan/ ma’imuumonni gariin ĥadatha imaamtichaa yoo baran imaamticha irraa adda bahuu (infiraadummaa) niyyatu; imaamticha hordofuu hin qaban. Ma’imuumota keessaa ĥadatha imaamtichaa kan hin barin ŝalaanni jaraa sirriidha. Qabxii Arfaffaa:- Imaamummaa Nama Najisni itti Jiruu Namni najisni itti jiru imaama ta’ee yoo salaachise Haala armaan gadii keessaa ala hin ta’u:Tokkoffaan/ eega ŝalaanni xumuramee booda malee imaamtichis ta’e ma’imuumonni kan hin barin yoo ta’e ŝalaanni imaamaas ta’ee ŝalaanni ma’imuumaa sirriidha. Lammaffaan/ imaamtichi ŝalaata irra odoo jiruu akka najisni itti jiru yoo bare – salaatuma keessa odoo jiruu ofirraa balleessuu yoo danda’e najisa san ofirraa balleessee ŝalaata isaa guuttata. Najisa san ofirraa baalleessuun yoo hin mirgoofneef garuu akkuma armaan olitti ibsame nama salaachisu iddoo buusa. Sadaffaan/ ma’imuumota keessaa namni tokko najisa san (najisa imaamtichatti jiru san) yoo bare ŝalaanni nama hundaayyuu sirrii 168 ta’a; waan ŝalaanni imaamtichaa sirrii ta’eef jecha – nama ûžrii qabu waan ta’eef jecha. Qabxii Shanaffaa:- Imaamummaa Nama waa hin qara’inii:Asi irratti kan jedhamuu barbaadame nama suuratul-faatiĥaa hin haffazin yookiin kan haffaze ta’ee garuu haala gaariidhaan kan hin qaraane; dogoggora ma'ânaa isaa balleessuu danda’u yoo dogoggore Fakkeenyaaf َ إﯾﺎكiyyaaka kan jedhu kaafiin kasraadhaan qara’uudhaan iyyaaki yoo jedhe, yookiin an’âmta kan jedhu dammaadhaan qara’ee an’âmtu yoo jedhe yookiin ihdina kan jedhu qubee hamzaa fat’ĥaadhaan qara’ee ahdina yoo jedhe yookiin qubee tokko kan biraatti yoo jijjiire – fakkeenyaaf raa’iin رghaynitti غyookiin laamitti لyookiin siiniin سtaa’itti ت yoo jijjiire, imaamummaan nama wallaalaa akkanaa namuma wallaalaa akka isaatiif yoo ta’e malee hin ta’u. Isaan waan walqixa ta’aniif jecha. Kunis ta’uu kan danda’u akkaataa qaraatiisaa qajeelfachuuf yaalii godhee yoo dadhabe qofa. Wallaalaan akkaataa qaraatii yaalii godhee qajeelfachuu odoo danda’uu qajeelfachuu yoo dhiise ŝalaanni kan isaas ta’e ŝalaanni nama isa hordofee salaatee sirrii ta’uu hin danda’u. Kunis odoo danda’uu ruknii waan dhiiseef. Hubachiisa:- namni namoonni dhugaadhaan isa jibban tokko jaraaf imaama ta’uun isaa jibbamaadha (karaahaadha). Kunis yoo jibbaan jaraa dadhabina amantii isaa irra kan madde ta’eedha. Nabiyyiin (ŝâw) “Namoonni sadi ŝalaanni jaraa gurra jaraa bira ol hin darbitu:- garbicha didee bade hanga deebi’utti, dubartii odoo 169 abbaan-manaa isii itti aaruu bulte, imaama nomoonni isa jibban” jedhaniiru – (Tirmižiin gabaasee ĥasan jehdeera). ŜALAATA ILAALCHISEE WAAN IMAAMAAF KARAA GODHAME Namni imaamummaaf ramadame imaamummaa isaatti yaadda’uu qaba; hanga danda’uun haqa imaamummaa guutuu qaba. Kana irrattis ajrii (mindaa) guddaa qaba. Haala mu’imintootaa eeguun, hordofuun, jaraa wajjin maryachuun irraa eegama. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “isin keessaa namni namoota salaachisu haa gabaabsu (takh’fiifa haa godhu); jara keessa dhukkubsataa, dadhabaa, akkasumas namni dhimma qabu waan jiruuf jecha; yeroo qobaa isaa salaatu hanga barbaade haa dheeressu” jedhaniiru – (Al-Jamaa’âan akka gabaasanitti)1. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiitha Ibnu Mas'ûud irraa gabaafameenis Nabiyyiin (ŝâw) “Yaa namootaa! isin keessaa akka namni hifatee baqatu kan godhu jira; isin keessaa namni imaama ta’e haa gabaabsu; jara keessa dadhabaan, jaarsi fi namni dhimma qabu waan jiruuf jecha” jedhaniiru. Anas (râ) “Nama Nabiyyii (ŝâw) caalaa ŝalaata gabaabaa fi guutuu kan ta’e nama salaachisu Majd Al-Diin Abul-Barakaat Âbdussalaam Ibnu Taymiyaa kitaaba isaanii Muntaqal-Akhbaar jedhamu keessatti akka fayyadamanitti Al-Jamaa’âa jechuun Ahmad, Bukhaarii, Muslim, Abuu-Daawud, Al-Nasaaîi, Al-Tirmiizii fi Ibnu Maajaadha. Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin Buluugulmaaraam keessatti jara kana ‘jara torban’ (Al-Sab’âa) jedhuudhaan fayyadamaniiru. – hiikticha. 1 170 hordofee salaatee hin beeku” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). Nabiyyiin kanaanis ta’e kan biraatiin fakkeenya (qudwaadha). Gabaabsuun (Takh’fiifa Gochuun) lamatti qoodama:1/ Takh’ iifa Dirqamaa (Takh’ iifun laazim):- kun sifatuŝŝalaatiin keessatti akka ibsametti ŝalaata keessa tilmaama qaraatii Qur’aanaas ta’ee tasbiiĥaa ilaalchisee qajeelfama Nabiyyii (ŝâw) hordofuudha. 2/ Takh’ iifa mudannoo (Takh’fiifun âariđ):- kun immoo haaluma sunnaadhaan argameen sababaa tokkoof takh’fiifa gochuudha. Ma’imuumonni dheeressuu kan filatan yoo ta’ee fi lakkoofsi jaraas muraasa yookiin daangeffamaa yoo ta’e fedha dheeressuu keessattis yoo tokko ta’an imaamtichi yoo dheeresse rakkoo hin qabu; mafsadaan (badiin) waan dhabameef jecha. Haala ma’imuumicha sunnaalee ŝalaata keessaa raawwachuu dadhabsiisuun imaamni ŝalaata gabaabsuun ni jibbama. Fakkeenyaaf faatiĥaadhaan booda Qur’aana qara’uu, rukuu’îi fi sujuudii keessatti tasbiiĥa sadii fi kkf gochuu haala isa dadhabsiisuun daddafuun ni jibbama. Imaamni Qur’aana tartiilaan (tasgabbiidhaan) qara’uunii fi ma’imuumonni dudduuba isaa jiran sunnaalee tasbiiĥaatii fi kan biraas raawwachuu haala jara dandeessisuun suuta jedhee tasbiiĥaa fi tashahhuda akkasumas rukuu’îi fi sujuudii gochuun sunnaadha 171 Imaamni raka’âa jalqabaa dheeressuun sunnaadha – AbuuQataadaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) raka’âa jalqabaa ni dheeressu ture” waan jedheef jecha – (Muttafaqun Âlayhi). Imaamni odoo rukuu'â irra jiruu namni gara ŝalaataatti seenaa jiru jiraachuu yoo bare namichi dhaqqabatee raka’âa san akka argatuuf jecha rukuu’îi san dheeressuun ni jaallatama. Akkaataa sirna ŝalaata Nabiyyii (ŝâw) (sifatuŝŝalaat) ilaalchisee ĥadiitha Ahmadii fi Abuu-Daawud Abuu-Awfaa (râ) eeruudhaan gabaasaniin Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata zhuhrii raka’âa jalqabaa keessatti sagaleen miilaa hanga hin dhagahamnetti dhaabatu ture. Eeguun kun ma’imuumota irratti kan hin jabaanne yoo ta’eedha. Ma’imuumoota irratti kan jabaatu yoo ta’e hin eegu. Kabajni warra isaa wajjin (imaamaa wajjin) jiranii kabaja warra isaa wajjin ŝalaatatti hin seeninii ni caala. ŜALAATA NAMOOTA DHIBEE (ÛŽRII) QABANII Asitti dhibee yookiin ûžrii jechuun dhukkuba, karaa deemuu fi sodaa yoo ta’u namootii dhibee qaban jechuun immoo dhukkubsatoota, kara-deemtotaa fi namoota sodaan itti argame jechuudha. 1/ Akkaataa Dhukkubsataan itti Salaatu 1/ Dhukkubsataan dhaabatee salaatuu qaba. Yoo barbaachisaa ta’e uleetti yookiin dadaatti (gidaaratti) yookiin kkftti hirkatee 172 dhaabachuu ni danda’a. Wanti dirqamni tokko isa malee hin raawwatamne innis diqama waan ta’uuf jecha. 2/ Dhaabachuu yoo dadhabe, yookiin yoo itti ulfaate, yookiin yoo dhaabate kan dhukkubni itti dabalu yookiin dafee akka hin fayyine kan godhu yoo ta’e taa’ee ŝalaata. Taa’uun akka eeyyamamuuf dhaabachuu dadhabuun sharxii hin ta’u – dhaabachuudhaaf dhibeen xiqqoon namatti argamuun taa'uudhaaf sababaa quubsaa ta’uu hin danda’u. Sababaa quubsaa ta’uu kan danda’u dhibee ifa-galaa ta’e qofa. 3/ Dhukkubsataan dhibee ifa-galaa ta’een taa’ee salaatuu yoo dadhabe cinaachaan ciisee salaata. Fuula isaa qiblaatti deebisuudhaan. Cinaachi bitaa kan isaaf laafu yoo ta’e malee caalaan cinaacha mirgaa irra ciisanii salaatuudha. Namni gara qiblaatti isa deebisu yoo hin jiraatin, ofiinis gara qiblaatti deebi’uu yoo hin dandeenye, yookiin gara qiblaatti deebi’uun rakkina yoo qabaate haaluma jiru irratti ta’ee garuma isaaf laafetti deebi’ee salaata. 4/ Dhukkubsatichi cinaachaan ciisee salaatuu yoo hin dandeenye dugdaan ciisee salaatuun dirqama isatti ta’a; yoo danda’e miila isaa lamaan gara qiblaatti deebisa. 5/ Dhukkubsatichi taa’ee salaatee lafa irratti sujuudii bu’uu yoo hin dandeenye yookiin akka asiin duratti ibsametti cinaachaan yookiin dugdaan ciisee yoo salaate rukuu’îi fi sujuudii mataadhaan akeekuu qaba. Akeekkaa sujuudiidhaaf godhu akeekkaa rukuu’îif godhu irra gadi qaba. Dhukkubsatichi taa’ee 173 salaatee lafa irratti sujuudii gochuu yoo danda’e sujuudii gochuun dirqama itti ta’a. Akeekuun hin eeyyamamuuf. Dhukkubsataan haala ibsame kanaan salaatuu danda’uudhaaf ragaan isaa ĥadiitha Bukhaariinii fi warri sunanaa Îmraan bin Husayn irraa gabaasan yoo ta’u, Îmraan akkana jedha:- “Baasuuraa (dhukkuba kintaarotii) qaba ture, (maal akka gochuu qabu) Nabiyyii (ŝâw) gaafadhe; ‘Dhaabadhuu salaati; yoo hin dandeenye taa’ii salaati; yoo hin dandeenye cinaachaan ciisii ŝalaati’ naan jedhan; Nasaa’iin “yoo hin dandeenye dugdaan ciisii salaati” jechuu isaanii itti dabaleera. 6/ Mataadhaan akeekuu yoo dadhabe gochoota ŝalaataa sammuu isaatiin yaada; jechoota ŝalaataa immoo arraba isaa sochoosuudhaan jedha; kanas yoo hin dandeenye jechootas sammuu (qalbii) isaatiin yaada. Ibsi akkaataa ŝalaataa dabarsine kun nama ŝalaata dhibamaa (ma'âžuura) ta’ee jalqabee ûžriin isaa hanga dhumaatti itti tureefi. Dhaabatee salaatuu eega eegalee booda jidduutti dhaabachuu yoo dadhabe, yookiin immoo haala dhaabatee salaatuu hin dandeenyeen eega eegalee booda jidduutti dhaabatee salaatuu yoo danda’e, yookiin taa’ee eega eegalee booda jidduutti taa’uus yoo dadhabe, yookiin cinaachaan ciisee eegalee jidduutti taa’uu yoo danda’e, Haala kana keessatti gara shari’âadhaan ta’uu qabutti ce’uu qaba. Rabbi akkana jedha ١٦ : اﻟﺘﻐﺎﺑﻦL z y x wM 8 7 “Hanguma dandeessan Rabbiin sodaadhaa” waan jedhuuf jecha – (Al-Taghaabun: 16). Namni 174 ŝalaata keessa (jidduutti) dhaabachuu danda’e gara dhaabachuutti ce’a; kan dhaabachuu dadhabe immoo gara taa’uutti ce’a…. Hubachiisa:- Dhaabachuu fi taa’uu danda’ee rukuu’îi fi sujuudii yoo dadhabe dhaabatee rukuu’îidhaaf mataadhaan akeeka; taa’ees sujuudiidhaaf mataadhaan akeeka – akkuma mirgaaheen akeekawwan lamaan jidduutti adda addummaan akka argamuuf jecha. 2/ Akkaataa Yaabbataan1 itti Salaatu Ûžriilee (dhibeelee) duraan dubbataman keessaa tokkoon waan yaabbate irra taa’ee waytii sanitti irraa bu’uun waan itti hin tolleef jecha ŝalaata farđii namni salaatu, yoo danda’e gara qiblaatti deebi’uun waajiba itti ta’a. Rabbi akkana jedha ١٤٤ :اﻟﺒﻘﺮة L ¤£ ¢ ¡ ~ } M 8 7 “… bakka kamiyyuu taatanii (yeroo salaattan) fuula keessan gara isaatti (Ka’âbaatti) deebisaa; …” waan jedhuuf jecha – (Al-Baqaraa: 144). Rabbi akkana jedha ١٦ : اﻟﺘﻐﺎﺑﻦL z y x wM 8 7 “Hanguma dandeessan Rabbiin sodaadhaa” waan jedhuuf jecha – (AlTaghaabun: 16) rukuu’îi irraa, qiyaamarraa, sujuudarraa, xuma'iniinaarraa, … waan gochuu danada’u hundaayyuu gochuun Yaabbataa (raakiba) jechuun nama konkolaataa, xayyaara, baabura, farda, gaala, kkf … yaabbatee deemaa jiru jechuudha. 1 175 waajiba ta’a. Waan hin dandeenyetti hin dirqisiifamu. Gara qiblaatti gara galuu yoo hin dandeenye haaluma jiru irratti salaata malee gara qiblaatti deebi’uutti hin dirqisiifamu. Rukuu’îi fi sujuudii gochuu yoo hin dandeenye taa’ee sujuudiif akeeka; rukuu’îif immoo dhaabatee akeeka – yoo dhaabachuu danda’e. Waytii sanitti waan yaabbate san irraa bu’uu yoo danda’e yookiin immoo ŝalaatattiin ŝalaata itti aantuu wajjin walitti qindaahuu (jam’îi godhamuu) yoo dandeessee fi yeroo jam’îi godhamtutti namichi waan yaabbate san irraa bu’uu kan danda’u yoo ta’e hanga bu’utti eegee ŝalaata isaa guutee salaatuu qaba. 3/ Akkaataa Kara-deemaan itti Salaatu A/ Qaŝrii (Gabaabsuu) Karadeemaan (musaafirri) ŝalaatota abbaa raka’âa afurii lamatti gabaabsuun ni ’eeyyamamaaf. Kitaabni (Qur’aanni), sunnaanii fi ijmaa’îin kanuma agarsiisu. Rabbi akkana jedha:١٠١ :اﻟﻨﺴﺎء L Ù Ø × Ö Õ Ô Ó Ò Ñ Ð ÏM87 “Dachii irras yeroo deemtan … ŝalaata irraa yoo gabaabsitan isin irra cubbuun hin jiru …” – (Al-Nisaa’i: 101). Nabiyyiinis (ŝâw) yeroo karaa deeman (imala bahan) gabaabsanii (qaŝrii) malee salaatanii hin beekan. Ulamoota gara guddaa (jumhuura) biratti gabaabsuun (qaŝriin) caalaa dha. ShaykhulIslaam Ibnu-Taymiyaan guutuun jibbamaa dha (karaahaadha) jedhu. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti Âa’ishaan (râ) 176 “Ŝalaanni dirqama taatee kan murtoofte raka’âa lama lama turte; kan yeroo karaa deeman salaatan sanumarratti (lamarratti) hafte; biyya yeroo jiran kan salaatamtu ni dabalamte” jetteetti. Hubachiisa:- qaŝriin kan jalqabu daangaa biyya isaa keessaa yeroo bahuudha. Rabbi qaŝrii kan eeyyame nama karaa deemeef (imala baheef) waan ta’eef jecha. Biyya isaa keessaa odoo hin bahin kara-deemaa (musaafira) jedhamuu hin danda’u. Nabiyyiinis (ŝâw) kan qaŝrii godhan yeroo deemaniidha. Kara-deemaan (musaafirri) deemsa kamiyyuu keessatti ŝalaata qaŝriidhaan ŝalaata. Akka ilaalcha Abuu-Haniifaatiin deemsi sun deemsa ĥaraamaa ta’us. Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaanis yaaduma kana deeggaraniiru. Namichi yeroo baay’ee kan imala bahu ta’us. Akka lukoo (nama poostaa qoqqooduu) fi shufeera konkolaataa kiraayii kan yeroo isaa gara guddaa imalatti dabarsu yoo ta’es. Ragooleen jiran walii-gala waan ta’aniif jecha. Imalaaf fageenyi murtaahaan (daangeffamaan) hin jiru. Kan akka aadaatti imala jedhamu hundinuu imala. Karaan gabaabaan yeroo dheeraa fudhatus imala. Akka armaan gadiitti qooda afuritti qoodama:1/ Karaan fagoo yeroonis dheeraa yoo ta’e kun imala. 2/ Karaan fagoo yeroon gabaabaa ta’ee akka aadaatti imala kan jedhamu yoo ta’e imala. 3/ Karaan gabaabaa yeroonis gabaabaa yoo ta’e imala hin jedhamu. Akka aadaatti imala ta’uun isaa yoo akeekame malee. 177 4/ Karaan gabaabaa yeroon isaa dheeraa yoo ta’e, fakkeenyaaf guyyaa san keessa gara mana isaatti kan hin deebine yoo ta’e qaŝriidhaan salaata. Hubachiisa:- imalaan (musaafirri) nama biyya isaa jirutti (muqiimatti) hidhatee yoo salaate, ŝalaanni sun ŝalaata abbaa raka’âa afurii ta’ee ŝalaata san irraa raka’âa tokkoo fi sanii ol yoo dhaqqabate guutuu (raka’âa afur) salaata. Yoo kana hin ta’in qaŝrii godha. Ŝalaata abbaa raka’âa lamaatiin yoo hordofee salaate qaŝriidhaan salaata; ŝalaata abbaa raka’âa sadiitiin yoo hordofee salaate filachuu danda’a – guutuu fi gabaabsuu keessaa.1 Hubachiisa:- Qaŝriidhaaf niyyaa gochuun sharxii miti. Namni qaŝriidhaaf niyyaa hin godhinis qaŝriidhaan salaatuu ni danda’a. As irratti sirriitti kan ibsame ta’uu baatus ŝalaata abbaa raka’âa lamaatiin hordofee yoo salaate qaŝriidhaan salaata jechuun isaa musaafirri tokko nama ŝalaata sunnaa abbaa raka’âa lamaa salaataa jiru hordofee ŝalaata farđii yoo salaate qaŝriidhaan salaata jechuu ta’a. Jam’îi gochuudhaan muqiima hordofee kan inni salaatuu danda’u salaanni farđii abbaa raka’âa lamaa waan hin jirreef jecha. Salaanni subĥii gara kamittuu jam’îi godhamuu hin danda’u. Ŝalaata abbaa raka’âa sadiitiin hordofee yoo salaate filachuu danda’a jechuun isaa immoo imaamtichi kan maghriba salaataa jiru ta’ee musaafirtichi immoo jam’îi godhee imaamticha hordofuudhaan îshaa’ii kan salaatu yoo ta’e guutuu fi gabaabsuu keessaa filachuu danda’a jechuu ta’a – yoo gabaabse yeroo imaamtichi raka’âa sadaffaaf ol ka’u ma’imuumtichi taa’ee eeggatee yeroo inni salaamataa bahu wajjiniin salaamataa baha; yoo guute immoo yeroo imaamtichi xumuree salaamataa bahu inni ol ka’ee raka’âa tokkoon hafe guuttata jechuudha. Wallaahu a’âlam. – hiikticha. 1 178 Hubachiisa:- imalli qaŝriin keessatti godhamu yeroo murtaahaa hin qabu. Kara-deemtichi akkuma nama biyyaatti jiraachuu yoo jalqabe, turiinsa isaas yoo dheeresse mana kireeffatee tottolfatee nama naannootii wajjin yoo walfakkaate guutuu salaata. Hubachiisa:- Eega waytiin ŝalaataa seenee booda yoo deeme (biyyaa yoo bahe) gochicha ilaalcha keessa galchuudhaan qaŝriidhaan salaata. B/ Jam’îidhaan Salaatuu Kara-deemaan zhuhrii fi âŝrii, maghribaa fi îshaa’ii walitti fidee (jam’îidhaan) salaatuu ni danda’a. Yeroo lamaan keessaa tokkotti. Deemsa irra kan jiru yoo ta’e jam’îi gochuun sunnaadha Karadeemtichi deemsa isaa jidduutti bakka tokko yoo qubate isaaf caalaan ŝalaata hundaayyuu yeroo isiitti jam’îi malee qaŝriidhaan salaatuudha. Jam’îidhaan salaatus rakkina hin qabu.1 Hubachiisa:- Namni biyya isaa jiru yoo rakkinni isatti argame zhuhrii fi aŝrii akkasumas maghribaa fi îshaa’ii jam’îi gochuu ni danda’a. Ibnu Âbbaas (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) Madiinatti sodaas ta’e roobni odoo hin jiraatin zhuhrii fi aŝrii akkasumas Akka fatwaa Sheekh Muĥammad bin Ŝaliĥ Al-ûthaymiiniitti kara-deemtichi biyya ŝalaatul-jmaa’âan ŝalaatamu keessa yoo qubate ŝalaatul-jamaa’âa irratti argamuun isaa dirqama. Jam’îis ta’ee qaŝrii gochuu hin danda’u. Haa ta’u male, yoo jamaa’âan isa darbe qaŝrii godha; jam’îi garuu hin godhu – jam’îi gochuun yoo isa barbaachise malee. Jam’îi gochuun kara-deemaas ta’e nama biyya jiruuf barbaachisaa ta’ee yoo argame qofadha. – Hiikticha. 1 179 maghribaa fi îshaa’ii jam’îi godhanii salaataniiru” jedheera; gabaasa biraatiin “sodaan odoo hin jiraatin imalas odoo hin bahin” jedheera – (Muslim). Hubachiisa:- waytii ŝalaata isa duraatti jam’îi gochuudhaaf (jam’î taqdiim gochuudhaaf) wantoonni armaan gadii akka ulaagaatti ilaalamu:1/ Waytii ŝalaataa isa lammaffaa iĥraama gochuu irratti rakkinni (ûžriin) jiraachuu, 2/ Ŝalaatowwan lachan wal-faana salaatuu – ŝalaatowwan lachan yeroo dheeraa jedhamuun walirraa fageessuu dhabuu. Akka ilaalcha Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaatti walfaana gochuun sharxii miti. Waytii ŝalaata lammaffaa irratti jam’îi gochuudhaaf (jam’î ta’ikhiiriin gochuudhaaf) wantoonni aramaan gadii jiraachuun sharxiidha:1/ Jam’îidhaaf niyyaa (yaada) gochuu 2/ Hanga waytiin ŝalaata lammaffaa seenutti rakkinni (ûžriin) jiraachuu – waytiin ŝalaata lammaffaa seenuun duratti ûžriin sun yoo deeme jam’îin hin eeyyamamu. Namni jam’îin eeyyamamuuf isaaf caalaan jam’î ta’ikhiirii fi jam’î taqdiimiin keessaa kan irra isaaf laafu gochuudha. Yeroo ĥajjii Ârafaatti caalaan zhuhrii fi aŝrii jam’î taqdiimiin salaatuudha. Muzdalifaatti immoo caalaan maghribaa fi îshaa’ii jam’î ta’ikhiiriin salaatuudha. Kan Nabiyyiin (ŝâw) godhan kana waan 180 ta’eef jecha. Ârafaatti jam’îi taqdiimiin wanti salaataniif dhaabinsa (wuquufa) Ârafaa odoo wal irraa hin kutin raawwachuuf. Muzdalifaatti immoo jam’î ta’ikhiiriin wanti salaataniif deemsa itti fufuuf jecha. 4/ Ŝalaata Yeroo Sodaan Argamee (Ŝalaatul-khawf) Ŝalaatul-khawfiin lola eeyyamamaa (mubaaĥa) ta’e kam keessattuu ni salaatama. Fakkeenyaaf kaafiroota, finciltootaa fi loltootaan loluu keessatti ni eeyyamama. Rabbi akkana jedha ١٠١ : اﻟﻨﺴﺎءL àß Þ Ý Ü Û Ú M 8 7 “… yoo warri kaafirootaa isin rakkisuu sodaattan …” jedha – (Al-Nisaa’i: 101). Lola eeyyamamu kan biraa keessattis qiyaasaan ŝalaatul-khawfiin ni eeyyamama. Lola dhorgamaa (ĥaraama) ta’e keessatti ŝalaatulkhawfiin hin eeyyamamu. Ŝalaatul-khawfiin seera godhamuu isaatiif ragaan Qur’aana, sunnaa fi ijmaa’îi dha. Rabbi akkana jedha:- , + * ) ( ' & % $ # " !M 8 7 987 6543210 /. ١٠٢ :اﻟﻨﺴﺎء L <; : “Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa ta’e tokko si waliin haa dhaabbattu; meeshaa isaaniis haa qabatani. Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa ta'anu. Gareen biraa isaan hin 181 salaatin dhufanii sii waliin haa salaatan. Of-eeggannoo isaanii fi meeshaa isaaniis haa qabatan. …” (Al-Nisaa’i: 102). Ŝalaatul-khawfiin imalattis ta’e biyyatti kan salaatamu barbaachisaa ta’ee yoo argameedha, innis muslimoota irratti balaan diinaa argamuun yoo sodaatame. Ŝalaatul-khawfiin eeyyamamuuf sodaan argamuudha malee imala bahuudhaan wal hin qabatu. Ŝalaatul-khawfii salaatuun kan eeeyyamamu sharxii lamaan:Sharxiin tokkoffaan:- akkuma asiin dura tuqame diinni sun kan ittiin loluun eeyyamamu (ĥalaala) ta’uu, Sharxiin lammaffaan:- muslimoonni ŝalaata irra odoo jiranii akka balaan lolaa irra hin geenye yoo sodaatame. Rabbi akkana jedha:١٠١ :اﻟﻨﺴﺎء L àß Þ Ý Ü Û Ú M 8 7 “… yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan …” jedha – (Al-Nisaa’i: 101). Aayaa biraatiinis Rabbi akkana jedha:١٠٢ : اﻟﻨﺴﺎءL IH G F E D C B A @ ? > = M 8 7 “…Warri kafaran odoo isin meeshaa keessanii fi galaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii jaalatu.” – (Al-Nisaa’i: 102). Akkaataa ŝalaatul-khawfiin itti ŝalaatamu keessaa kan armaan gadii Nabiyyi irraa (ŝâw) gabaafameera: 182 1/ Ĥadiitha Sahl bin Abii Ĥathmaa Al-Anŝari (râ) gabaaseen akkaataan ŝalaatichaa kan armaan gadiiti:“Gareen tokko Nabiyyii (ŝâw) wajjin hiriiree dhaabate; gareen biraa immoo diinatti garagalee dhaabate; garee isaanii wajjin hiriiree dhaabatee wajjin raka’âa tokko salaatan; (raka’âa lammaffaa irratti) isaan bakka dhaabatanitti turanii warri isaanii wajjin (raka’âa tokko) salaate adduma addatti ŝalaata jaraa guuttatanii deemuudhaan diinatti gara-galanii dhaabatan; gareen lammaffaan dhufanii Nabiyyiin (ŝâw) raka’âa tokko isaaniif hafe garee kanaa wajjin salaatan; Nabiyyiin bakka taa’anitti turanii warri isaanii wajjin ŝalaataa jiran ŝalaata jaraa adduma adda jaraatiin guuttatanii Nabiyyiin (ŝâw) jaraa wajjin salamaataa bahan” – (Muttafaqun Âlayhi). 2/ Ĥadiithni Jaabir (râ) dabarse akkana jedha:- “Ergamaa Rabbii (ŝâw) wajjin ŝalaatul-khawfii irratti argamee salaateera; diinni nuu fi qiblaa jidduu ta’ee hiriira (ŝaffii) lamaan hiriirre; Ergamaan Rabbii (ŝâw) takbiiratal-iĥraam godhanii nus goone; rukuu'âs godhanii nu hundinuu walumaan goone; rukuu’îi irraa ol jedhanii nus walumaan ol jenne; ittiin aansee isaanii fi saffiin isaanitti aanee dhaabate sujuudii bu’an; sararri dudduubaa diinatti garagalee dhaabate; yeroo Nabiyyiin (ŝâw) sujuudii xumuranii sararri isaanitti aanee jiru ka’ee dhaabatu sararri dudduuba jiru sujuudii bu’ee achi irraayis ol-ka’ee dhaabate; sararri dudduuba ture gara fuulduraa deemee kan fuuldura ture immoo gara dudduubaa deeme; ittiin aansees Nabiyyiin (ŝâw) rukuu’îi godhanii nu hundinuu walumaan goone; rukuu’îi irraayis ol jedhanii nus walumaan ol jenne; ittiin aansees isaanii fi sararri 183 isaanitti aanee jiru – sararri raka’âa tokkoffaa irratti dudduuba irra ture – sujuuda bu’an; sararri dudduubaa diinatti garagalee dhaabate; yeroo Nabiiyyiin (ŝâw) fi sararri isaanitti aanee jiru sujuudii xumuranii ol ka’anii dhaabatan sararri duuba jiru sujuudii bu’e; dhumarrattis Nabiyyiin (ŝâw) salaamataa baanaan hundumti keenyayyuu walumaan salaamataa bane” – (Muslim). 3/ Ĥadiithni Ibnu Ûmariin darbe akkana jedha:- “Ergamaan Rabbii (ŝâw) yeroo ŝalaatal-khawfii salaatan garee lamaan keessaa tokkoo wajjin raka’âa tokkoo fi sujuudii lama godhan; gareen kaan diinatti garagalee ture; ittiin aansees (gareen Nabiyyii wajjin raka’âa tokkoo fi sujuudii lama salaatan) bakka ŝalaataa dhiisanii deemuudhaan bakka saahiboota jaraa bu’anii diinatti garagalanii dhaabatan; warri sun immoo ni dhufan; Nabiyyiin (ŝâw) jaraa wajjinis raka’âa tokko salaatan; boodas Nabiyyiin (ŝâw) salaamataa bahan; warri kunis warri sunis raka’âa tokko tokko mata-mataa jaraatiin guuttatan” – (Muttafaqun Âlayhi). 4/ Ĥadiithni Jaabir (râ) odeesse akkana jedha:- “Ergamaa Rabbii (ŝâw) wajjin dhufnee Žaatul-riqaa’î yeroo geenyu ažaaniin godhame; Nabiyyiin (ŝâw) garee tokkoo wajjin raka’âa lama salaatan; warri isaanii wajjin salaatan gara duubaa deemanii Nabiyyiin garee kaanii wajjinis raka’âa lama salaatan. Ŝalaatichi Nabiyyiidhaaf raka’âa afur, namootaaf immoo raka’âa lama ture” – (Muttafqun Âlayhi). Akkaataan ŝalaataa asitti ibsaman kun kan raawwataman yoo sodaan hin jabaatin. Yoo sodaan jabaate – lollii fi wal-ajjeechaan 184 jabaatee namootas addaan baasanii akka armaan olitti ibsametti salaatuun yoo hin danda’amne, haala kana irra odoo jiramuu yoo ŝalaanni gahe haaluma jirani irratti salaatu. Miilaanis ta’e fardaan/gaalaan deemaa, gara qiblaatti deebi’aniis ta’ee gara biraattis deebi’anii hanga danda’aniin rukuu’îi fi sujuudii akeeka godhaa salaatu. Ŝalaata hin tursiisan. Rabbi akkana jedha ٢٣٩ :اﻟﺒﻘﺮة L /. - , + * M 8 7 “Yoo (diina) sodaattanis, miilaan deemaa yookiin yaabbatoo ta'aa (ŝalaataa);” waan jedhuuf jecha – (Al-Baqaraa: 239). Ŝalaatul-khawfii keessatti waan of irraa dhorgatuun meeshaa ulfaataa hin ta’in qabachuun jaallatamaa dha. Rabbi akkana jedha ١٠٢ :اﻟﻨﺴﺎء L , + M 8 7 “… meeshaalee jaraas haa qabatan …” waan jedhuuf jecha – (Al-Nisaa’i: 102). Akkuma yeroo sodaan jabaatu salaatamutti yeroo diina yookiin lolaa (galoo) yookiin bineensa baqatus yookiin diinni inni barbaadaa jiru akka isa jalaa hin baane yoo sodaate – haala akkanaa irra yoo jiraate fardaanis ta’ee miilaan deemaas qiblaatti garagalees ta’e odoo itti hin garagalinis ni salaata – rukuu’îi fi sujuudiidhaan akeeka godha. Ŝalaatul-khawfiin akkaataa fi sirna ajaa’iba ta’e kanaan salaatamuun isaa bakka guddaa ŝalaanni Islaamummaa keessatti qabdu, waytii isii eeguun sharxii ta’uu, keessumattiiyyuu ŝalaatuljamaa’âan sadarkaa guddaa qabaachuu isaa hubachiisa. Waytii eeggachuunii fi ŝalaatul-jamaa’âan Haala cinqii kana keessallee 185 akka hafan hin godhamne. Amantiin Islaamaa kun amantii guutuu ta’uu isaas kana irraa hubanna. Amantichi waan haala hundaafuu tolu heera (shariâa) godheera. Kun ummata kana irraa haalli rakkisaan (harajni) akka kaafame, laafina amantichaatii fi zabanaa fi iddoo hundaafuu mijaahaa ta’uu isaa agarsiisa. 186 AĤKAAMOTA ŜALAATA JUMU'AA Wanti isiin Jumu'aa jedhamtee waamamteef nama baay’ee waan walitti qabduufi. Waan uumamni Aadam isii keessatti qindeeffameefis jedhameera. Kun irra sirriidha. Ĥadiithni kanatti akeeku gabaafameera. Guyyaan kun guyyooota torbanii keessaa caaltuudha. Ŝaĥiiĥa Muslim keessatti Nabiyyiiin (ŝâw) “Guyyoota aduun keessatti baatu keessaa caalaan guyyaa Jumu’âati; Aadam (alayis-salaam) kan uumame guyyaa kana; kan jannata gales guyyaa kana; kan jannata keessaa bahes guyyaa kana; Qiyaamaanis guyyaa Jumu’âa malee hin dhaabattu” jedhaniiru. Ĥadiitha kan biraa kan Abuu-Hurayraa irraa gabaafameenis Nabiyyiin (ŝâw) “Nuti warra boodaati, Guyyaa Qiyaamaa warra duraatii fi dursitoota – jarri nuun dura kan kitaabni kennameef ta’ullee; guyyaan kun guyyaa Rabbi jara irratti murteesseedha; irratti waldhaban; Rabbi gara isaatti (guyyaa kanaatti) nu qajeelche; isa keessatti (guyyaa Jumu’âa keessatti) namoonni hordoftoota keenya” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsan kan biraatiinis Nabiyyiin (ŝâw) “Rabbi namoota nuun dura turan Jumu’âa irraa jara dabse; yahuudotaaf xinnaa (sanbata duraa) ta’e; kiristaanotaaf (naŝaarotaaf) sanbata guddaa(dilbata) ta’e; Rabbi nu fidee guyyaa Jumu’âatti nu qajeelche” jedhaniiru – (Muslim). Guyyaa kana kabajuun qajeelcha (sunnaa) Nabiyyii irraayi (ŝâw). Hubachiisa:- Ŝalaanni Jumu’âa ŝalaata mataa isii dandeesseedha. Bakka buutuu ŝalaata zhuhriitii miti. Kunis aĥkaamota baay’eedhaan zhuhri irraa waan adda taateef jecha. Ŝalaata 187 zhuhrii ni caalti; ŝalaata zhuhrii irra jabeeffamtuudhas; isii dhiisuu irratti of eeggannoon dabalataa waan kennameef jecha; shuruuxaa fi wantoota adda isii godhu waan qabduuf jecha. Yoo waytiin isii darbe malee nama Jumu’âan waajiba itti taate ŝalaanni zhuhrii isii irraa of geessisuu (iddoo bu’uu) hin danda’u. Yoo waytiin isii darbe qofa ŝalaanni zhuhrii bakka bu’uu danda’a. Wantoota Ŝalaanni Jumu’âa Ittiin Adda Baatu 1/ Wantoota guyyaan Jumu'aa ittiin adda bahu keessaa – guyyaa Jumu’âa Nabiyyii irratti (ŝâw) ŝalaata buusuu baay'isuun jaallatamaa ta’uu isaati. Ĥadiitha Aws bin Aws (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Guyyaa Jumu'aa ŝalaata ana irratti baay'isaa; ŝalaanni keessan waan na irra fidamtuuf jecha” jedhaniiru. 2/ Ĥadiitha Aws bin Aws irraa dabarfameen guyyaa Jumu’âa ŝalaata isaan irratti buusuun ajajameera. Kana Ahmad, AbuuDaawud, Al-Nasaa’ii fi Ibnu Maajaan kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Khuzaymaan, Ibnu Ĥibbaanii fi kan biraas ŝaĥiiĥa jedhaniiru. Bukhaariin garuu sanadni ĥadiithichaa dhibee (îllaa) akka qabu dubbateera. 3/ Wantoota guyyaa Jumu'aa adda taasisan keessaa inni guddaan ŝalaata Jumu'aati. Ŝalaanni Jumu'aa dirqamoota Islaamaa keessaa kan bareechitee jabeeffamtee fi wantoota muslimtoonni isiif jecha walitti qabamaniif keessaa sadarkaan isii guddoo kan taateedha. Nama isii akka laafaatti ilaalee dhiise Rabbi qalbii isaa itti duucha. 4/ Guyyaa Jumu'aa ŝalaataaf dhiqachuun ajajamuun isaa waan adda isa godhu keessaa isa tokko. Ulamoota keessaa dhiqannaan 188 guyyaa Jumu'aa daangaa malee waajiba warra jedhantu jira. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Dhiqannaan Jumu'aa nama ga'eessa hundarratti waajiba” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Gariin immoo nama foolii ajaa’aa qabaatee ofirraa balleessuu isa barbaachisu irratti dhiqachuun dirqama jedhu – ĥadiithni Âa’ishaadhaan gabaafame waan kana agarsiisuuf jecha. 5/ Waan guyyaan kun ittiin adda bahu keessaa tokko ŝalaata Jumu'aatiif ganamaan gara masgiidaa deemuun jaallatamaa ta’uu isaa yoo ta’u kunis ilaalcha ulamootaa keessaa ilaalcha isa irra sirrii ta’een eega aduun baatee booda deemuudha. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiitha Abuu-Hurayraa irraa gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “Guyyaa Jumu'aa namni akkuma dhiqannaa janaabaatti dhiqatee sa’atii jalqabaatti (gara masgiidaa) deeme akka nama gaala ŝadaqaa kenneetti ilaalama; namni sa’atii lammaffaa irratti deeme akka nama sangaa/sa’a kenneeti, namni sa’atii sadaffaatti deeme akka nama hoolaa gaafa qabu kenneeti, namni sa’atii arfaffaa irratti deeme akka nama lukkuu kenneeti, namni sa’atii shanaffaa irratti deeme akka nama killee kenneeti” jedhaniiru. Hamma imaamtichi khuxbaadhaaf bahutti ŝalaata sunnaatiin, žikrii fi Qur’aana qara’uudhaan qabamuun waan inni ittiin adda bahuudha. 6/ Guyyaa Jumu'aa suuratul-kahfiin qara’uun waan inni ittiin adda ba’u keessaa isa tokko. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “namni guyyaa Jumu'aa suuratul-kahfiin qara’e ifti miila isaa jalaa hanga samii ifutu bahaaf; guyyaa qiyaamaa sanaan ibsata; cubbuulee Jumu'aa lamaan jidduutti inni hojjeteef 189 dhiifamni ni godhamaaf” jedhaniiru – (Al-Ĥaakim fi Al-Bayhaqiin kan gabaasan yoo ta’u Al-Nasaa’iin garuu ĥadiithichi ‘mawquufa’1 jedheera). 7/ Guyyaa Jumu'aa keessa sa’atii du'âa’iin isii keessatti fudhatama argatutu jirti. Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiitha Abuu-Hurayraa irraa gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “Guyyaa Jumu'aa keessa sa’atiin tokko jirti – garbicha Rabbii kan ta’e muslimni tokko dhaabatee ŝalaataa, Rabbiinis kadhataa sa’atii kanaan yoo wal irra bu’e Rabbi waan inni kadhate kennuuf malee hin hafu” jedhaniiru – harka isaaniitiin sa’atittiin xiqqoo ta’uu isii akeekan. Sa’atiin kun yeroo imaamni seenu irraa (minbara irra bahu irraa) eegalee hanga ŝalaanni dhumutti jiruu fi yeroo ŝalaata âŝriitiin booda jiruudha. 8/ Ŝalaata fajrii guyyaa Jumu'aa keessatti yeroo baayyyee raka’âa duraa keessatti Aliif. Laam. Miim. Al-Sajdaa fi raka’âa lammaffaa keessatti immoo Hal ataa âlal-insaani guutuu qara’uun sunnaadha 9/ Guyyaa Jumu'aa keessa khuxbaan jira. Kunis kan Rabbi keessatti faarfamu, tokkummaa isaatiif ragaan bahamu, ergamummaa ergamaa Rabbiitiifis ragaan bahamuu fi gabroottan Rabbiis kan keessatti gorfamaniidha. Ulamoota muŝxalaĥal-hadiith biratti mawquufa jechuun Nabiyyii irraa (ŝâw) odoo hin ta’in dubbii yookiin gocha ŝahaabota irraa nu dhaqqabeedha. – hiikticha. 1 190 10/ Ŝalaanni Jumu'aa isii booda malee isii dura ŝalaata sunnaa raatibaa hin qabdu. Ŝaĥiiĥa Muslim keessatti Abuu-Hurayraa irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan ŝalaata Jumu'aa yoo salaate booda isii raka’âa afur haa salaatu” jedhaniiru. Ŝaĥiiĥaynii keessattis Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata Jumu'aa booda raka’âa lama akka ŝalaataa turan ĥadiithni Ibnu Ûmar irraa gabaafame ni ibsa. Ibnu Ûmar (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) eega Jumu'aa salaatanii booda gara fuulduraatti deemanii raka’âa lama, ammas gara fuul-duraatti deemanii raka’âa afur salaatu ture” jedhaniiru – (Abuu-Daawud kan gabaasan yoo ta’u Al-îraaqiin ŝaĥiiĥummaa isaa mirkaneessaniiru). Kanaafuu kun yeroo tokko tokko raka’âa lama, yeroo tokko tokko raka’âa afur, akkasumas yeroo tokko tokko raka’âa jahas ŝalaataa akka turan agarsiisa. Hubachiisa:- iddoo masgiida keessa jiru irratti kan mirga qabu nama dura bu’ee matuma isaatiin argameedha. Otuu imaamni khuxbaa godhaa jiruu namni masgiida gale gabaabsee raka’âa lama odoo hin salaatin taa’uu hin qabu. Ĥadiitha Jaabir (râ) dabarseen Nabiyyiiin (ŝâw) “Guyyaa Jumu'aa tokkoon keessan eega imaamni (minbaratti ol) bahee booda yoo dhufe raka’âa lama haa salaatu” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Muslim “dafee haa salaatu” jecha jedhu itti dabaleera. Odoo hin salaatin yoo taa’e, ka’ee salaatuu qaba – yeroo dheeraaf yoo hin taa’in. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid Al-Khudriin (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) namticha odoo hin salaatin taa’een “ol ka’ii raka’âa lama ŝalaati” jechuudhaan ajajaniiru – Ahmad, Al-Nasaa’ii, Al-Tirmižii fi Ibnu-Maajaan akka gabaasanii fi Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa akka jedhanitti. 191 Hubachiisa:- Aĥkaamota ŝalaata Jumu'aa keessaa tokko odoo imaamni khuxbaa godhuu haasa’uun dhorgaa ta’uu isaati. Rabbi akkana jedha:٢٠٤ :اﻷﻋﺮاف L ± ° ¯ ® ¬ « ª ©M87 “Yeroo Qur’aanni qara’ames isa dhaggeeffadhaa; callisaas; akka raĥmatamtaniif jecha.” (Al-Aîraaf: 204). Ĥadiitha Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Abuu-Hurayraa irraa gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “Guyyaa Jumu'aa imaamaa khuxbaa godhaa jiruu saahiba keetiin (nama sii wajjin jiruun) ‘callis’ yoo jetteen dhugaatti haasaa fokkataa haasofte” jedhaniiru. Kana jechuunis cubbuu (dilii) hojjetteetta jechuudha. Namni nama haasa’een ‘callis’ jedhe – akka bu’uuraatti waan gaariitti ajajuu odoo ta’uu cubbuu dalage jedhamee gocha kana irraa yoo dhorgame haasaan biraa immoo dhorgamaa ta’uun isaa ifagalaadha. Musnada Ahmad keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “Namni saahiba isaatiin ‘callis’ jedhe Jumu'aa hin qabu” jechuun isaanii gabaafameera. Kana jechuun thawaaba (mindaa) Jumu'aa hin argatu jechuudha. Imaamni odoo khuxbaa godhaa jiruu ma’imuumota tokko tokko haasofsiisuu ni danda’a. Waan barbaachisaaf yoo ta’e namni biraas (ma’imuumni) imaamaan dubbachuu ni danda’a. Nabiyyiin (ŝâw) khuxbaa odoo godhaa jiranii nama isaan gaafate haasofsiisaniiru; innis isaaniin dubbateera. Wanti akkanaa kun yeroo baay’ee argameera – kan Nabiyyiin (ŝâw) khuxbaa godhaa ŝaĥaabota haasofsiisanii fi ŝaĥaabonnis kan isaan haasofsiisan. 192 Kunis waan barbaachisaa ta’ee fi barnootaaf. Kun khuxbaa dhaggeefachuu irraa waan hin jeeqneef jecha. Namni khuxbaa dhaggeeffataa jiru kadhataadhaaf ŝadaqaa kennuun hin ta’u. Kadhatichi waan gochuun isaaf hin eeyyamamne, khuxbaa jidduutti haasa’uu, waan godheef jecha waan hin eeyyamamne irratti isa gargaaruun hin ta’u. Hubachiisa:- Khaxiiba irraa (imaama irraa) yoo dhagahe Nabiyyii irratti ŝalaata buusuun sunnaadha Nama biraa akka hin jeeqne sagalee isaa ol hin qabin. Du'âa’ii khaxiibni godhuufis aamiin jechuun sunnaadha Kunis sagalee odoo ol hin qabin. Imaamni yeroo du'âa’ii godhu harka isaa ol hin fuudhu. Istisqaa’ii (akka bokkaan roobu kadhachuu) fi istiŝ-ĥaa’iif (akka roobni dhaabatu kadhachuuf) yoo ta’e male. Istisqaa’ii fi istiŝĥaa’iidhaaf harka ol kaasuun imaamaafis ta’ee ma’imuumaaf sunnaadha Du'âa’ii istisqaa’iidhaan ala ta’eef quba isaatiin akeeka – ĥadiithni Anas (râ) kana agarsiisa. Otuu khuxbaan godhamaa jiruu harka, miila, areeda, uffata yookiin waan biraa tuttuqanii tabachuun hin eeyyamamu. Nabiyyiin (ŝâw) “Namni cirracha tuqe dhugaatti waan fokkataa godhe; namni waan fokkataa godhe immoo Jumu'aa hin qabu” jedhaniiru – (Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera). Taphni khushuu'â dhorga. 193 Akkasumas bitaa fi mirgatti garagaluudhaan namoota ilaaluu fi waan biraatiinis of-jeequu hin qabu. Kun khuxbaa dhaggeeffachuu irraa isa jeeqa. Yeroo khuxbaa akkuma ŝaĥaabonni gara Nabiyyiitti (ŝâw) garagalaa turanitti gara khaxiibaatti garagaluu qaba. Yeroo haxxiffatu ofuma keessatti ‘al-ĥamdu lillaah’ jedha. Khuxbaadhaan dura, boodaa fi yeroo imaamni khuxbaa lamaan jidduutti taa’u waan barbaachisaa ta’e tokkoof haasa’uun (dubbachuun) ni danda’ama; Haa ta’u malee waan duniyaa haasa’uun ni jibbama. ĤUKMII ŜALAATA JUMU'AA Ŝalaanni Jumu'aa muslima dhiira ta’e, ga'eessa, sammuun isaa fayyaa (âaqila) ta’ee fi ûžrii kan hin qabne irratti waajiba. Rabbi akkana jedha ٩ :اﻟﺠﻤﻌﺔ L - , + * ) ( ' & % $ # " !M87 “Yaa warra amantan! Guyyaa Jumu'aa ŝalaataaf yeroo waamichi godhame gara žikrii Rabbiitti dafaa; …” – (Al-Jumu'aa: 9). Ĥadiitha Ĥafŝaan (râ) dabarsiteen Nabiyyiinis (ŝâw) “Gara Jumu'aa deemuun nama ga'eessa hunda irratti waajiba” jedhaniiru – (AlNasaa’ii). Waajibummaa isaa irratti ijmaa'îinis godhameera. Waan tawĥiida hin qabneef jecha kaafira irratti ŝalaata Jumu'aa salaatuun waajiba hin ta’u. Dubartoota irrattis waajiba akka hin ta’in waliigalteen ulamootaa (ijmaaîin) ni jira. Nama ga'eessa hin 194 ta'inii fi sammuu nagaa hin qabne irrattis waajiba miti. Kunis dirqamni waan irra hin jirreef jecha. Karadeemaa imala qaŝriin eeyyamamu keessa jiru irrattis ŝalaanni Jumu'aa waajiba hin ta’u. Nabiyyiin (ŝâw) fi ŝaĥaabonni isaanii ĥajjiidhaafis ta’e waan biraatiifis yeroo imala deeman tokkoon jaraayyuu Jumu'aa salaatanii hin argamne. Ŝalaata Jumu'aa Imalatti Karadeemaan (musaafirri) Haala lama keessaa ala hin ta’u:Tokkoffaan:- deemsa irra kan jiru yoo ta’e ŝalaanni Jumu'aa dirqama itti hin taatu. Namoota biyya ofii keessa jiran hordofee kan salaatu yoo ta’e malee karaa (mashruu'â) hin godhamneefis. Ažaana lammaffaa booda namoota Jumu'aa salaatuuf qophaahan bira yoo gahe jaraa wajjin ni ŝalaata. Lammaffaan:- Biyya tokko keessa kan turaa jiru yoo ta’e nama jiraataa biyya sanii hordofee salaatuun waajiba itti ta’a. Ragaaleen waajibummaa ŝalaata Jumu'aa agarsiisan kan waliigalaa (âammii) waan ta’aniif jecha. Namni bashannanaaf yookiin waan biraatiif bakka tokko deeme bakka deemetti masgiidni Jumu'aan itti salaatamu yoo hin jiraanne dirqamni Jumu'aa salaatuu irra hin jiru. Zhuhrii salaata. Masgiidni maayilii sadi ol kan hin fagaanne naannoo san yoo jiraate gara san dhaquun waajiba itti ta’a. Ŝalaanni Jumu'aa dubartii irratti waajiba miti. Haa ta’u malee dhiirootii wajjin argamtee yoo salaatte ni ta’aaf. Akkasumas 195 karadeemaanis argamee yoo salaate ni ta’aaf. Dhukkubsataanis akkasuma. Waajibummaa isii warra kana irraa hanbisuun jaraaf laaffisuuf waan ta’eef jecha. Namni ŝalaanni Jumu'aa dirqama itti taatu guyyaa Jumu'aa eega aduun dabdee booda odoo hin salaatin karaa deemuun hin eeyyamamuuf. odoo aduun hin dabiniin dura karaa deemuun ni jibbama (makruuha) – karaatti kan isii salaatu yoo ta’e male. Imaamu Maalik ‘karaahaas miti, ni danda’ama’ jedhaniiru. Jumu'aan Sirrii Ta’uudhaaf Ulaagaalee Barbaachisan 1/ Waytii isiitti salaatuu- ŝalaata farđii waan taateef jecha. Akkuma ŝalaatota biraa waytiin isii seenuun sharxii dha. Waytii isii duras ta’ee booda yoo salaatamte sirrii hin taatu. Rabbi akkana jedha١٠٣ : اﻟﻨﺴﺎءL y x w v u t sM87 “…ŝalaanni mo’imintoota irratti dirqama daangeffamteedha” jedha – (Al-Nisaa’i: 103). yeroodhaan Waytiin isii kan seenu yeroo aduun dabdu. Ĥadiithni Salamaa bin Al-Akwaâ kanuma waan ibsuuf jecha. odoo aduun hin dabiniin duras sa’atii jahatti salaatuun ni danda’ama – ĥadiithni AbuuHurayraa duraan dubbatame kana waan ibsuuf jecha. 2/ Warri salaatu jiraattota biyyaa kan ta’an namoota sadi kan mana qaban ta’uu qabu – manneen jaraa akka aadaa naannootti meeshaalee ijaarsaaf ta’aniin kan ijaaraman ta’uu qabu. Dunkaanaa fi manneen akka daasiitti tolfaman keessatti yeroo jaraa gara caalaa bakkeelee roobni itti roobe kan barbaadan (sakatta’an), manneetii jaraa bakka irraa bakkatti kan jijjiiranii fi 196 namootiin kkf yoo Jumu'aa salaatan sirrii hin ta’u. Naannoo Madiinaa godoonni Arabaa kan akkanaa jiru turan; Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata Jumu'aatti jara hin ajajne. 3/ Khuxbaalee lama gochuu:- Nabiyyiin (ŝâw) fi khulafaa’u Arraashidiin dhaabbataan godhaa waan turaniif jecha. Ibnu Ûmar “Nabiyyiin (ŝâw) dhaabatanii khuxbaalee lama godhu ture – jiddu-lammaniitti taa’uudhaan addaan baasu ture” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). Khuxbaalee lammaniif niyyaa gochuunis sharxiidha. Khuxbaan gorsa haala yeroo wajjin wal-simatu ta’uu qaba. Sunnaalee Khuxbaa:1/ Khuxbaalee Jumu'aa lamaan minbarii irra bahanii gochuun sunnaadha – ĥadiitha Sahl bin Sa'âd (râ) keessatti akka ibsametti gocha Nabiyyii (ŝâw) waan tureef jecha. Kun beeksisaa fi gorsaaf bareechee mijaahaa waan ta’eef jecha. Daawwattoonnis khaxiibicha fuul-dura jaraatti ilaalu. 2/ Khaxiibichi gara ma’imuumotaa yeroo dhufu salaamataa jara irratti qara’uun sunnaadha Kun ŝaĥaabota irraa waan argameef jecha:- Jaabir, Ibnu Ûmar, Ibnu Âbbaasii fi Ibnu Zubayr irraa (râ) argameera. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Haqni muslimni tokko muslima biraa irraa qabu shan” jedhanii san keessaa tokko “yeroo isaan wal-arge salaamataa haa jedhuun” jedhaniiru – (Muslim). 3/ Sunnaalee khuxbaa Jumu'aa keessaa tokko khuxbaalee lamaan jidduutti taa’uudha. Ibnu Ûmar (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) dhaabatanii 197 khuxbaalee lama godhu ture; jidduu lammaniittis taa’uudhaan addaan baasu ture” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). 4/ Khaxiibni dhaabatee khuxbaa gochuu:– gochi Nabiyyii (ŝâw) waan kana agarsiisuuf jecha. Rabbis akkana jedha ١١ : اﻟﺠﻤﻌﺔL QP O M 8 7 “… bakka dhaabbattetti si dhiisanii …” jedha. Muslimoonnis wama kana gochaan agarsiisaniiru. 5/ Gara fuul-dura isaa ilaaluu:– gochi Nabiyyii (ŝâw) kanuma agarsiisa. Cinaa gama tokkootti gara-galuun gama kaan irraa garagaluus ni argamsiisa. Sunnaas faallessuu waan ta’eef jecha. Nabiyyiin (ŝâw) khuxbaa isaanii keessatti gara fuul-dura isaanii waan ilaalaniif jecha. Daawwattootnis gara isaatti gara-galu. Ibnu Mas'ûud (râ) “Yeroo Nabiyyiin minbara irra bahan fuula keenyaan gara isaaniitti gara-galla turre” waan jedheef jecha – (Al-Tirmižii). 6/ Khuxbaa haala jiddu-galeessa ta’een gabaabsuu:– akka hin ifannee fi yaadni jaraa akka hin fagaanne. Haala daawwattootaaf faayidaa hin kennineen hir’uu godhaniis gabaabsuu dhiisuu. Ĥadiitha Muslim Âmmaar irraa (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namichi ŝalaata isaa dheeressuunii fi khuxbaa isaa gabaabsuun beekumsa qabaachuu isaa agarsiisa; ŝalaata dheeressaa; khuxbaa gabaabsaa” jedhaniiru. Yeroo tokko tokko akka barbaachisummaa isaatiin khuxbaa dheeressuu ni danda’a. 7/ Yeroo khuxbaa godhu sagalee isaa ol fuuchuun sunnaadha Nabiyyiin (ŝâw) yeroo khuxbaa godhan sagaleen isaanii ol jedha, 198 dallansuun isaaniis ni dabala ture. Kun akka khuxbaan qalbii namaa keessa galuu fi bareedaa ta’u waan gargaaruuf jecha. Jechoota ifa galaa, jabaa fi kan onnee namaa tuqan fayyadamuus ni barbaachisa. 8/ Sa’atiin isii keessatti du'âa’iin fudhatama argatu (saaâtulijaabaan) waan isii keessa jirtuuf jecha muslimootaaf diinii isaaniitiifis ta’ee dunyaa isaaniitiif waan fayyaduun du'âa’ii gochuun sunnaadha 9/ Yeroo khubaa xumure achumaan iqaamaa godhanii odoo hin turin ŝalaata jalqabuun sunnaadha AKKAATAA ŜALAANNI JUMU'AA ITTI ŜALAATAMU Ŝalaanni Jumu'aa walii-galtee guutuudhaan (ijmaa’îidhaan) raka’âa lama. Raka’âa lammanuu keessatti Qur’aana sagalee olkaasanii qara’uudha. Raka’âa duraa keessatti faatiĥaadhaan booda suuratul-Jumu'aa qara’uu, raka’âa lammaffaa keessatti faatiĥaadhaan booda suuratul-munaafiquun qara’uu; ĥadiitha Muslim Ibnu Abbaas irraa gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) suuraalee kanneen waan qara’aa turaniif jecha. Yookiin immoo raka’âa duraa keessatti SABBIĤ ISMA-RABBIKAL-AÂLAA fi raka’âa lammaffaa keessatti immoo HAL-ATAAKA ĤADIITHULGHAASHIYAA qara’uu. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo tokko tokko suuratul-Jumu'aa fi suuratul-munaafiquun yeroo tokko tokko immoo SABBIĤ fi AL-GHAASHIYAA akka qara’aa turan ĥadiitha ŝaĥiiĥaan mirkanaaheera. Suuraalee kanneen keessaa tokkollee 199 bakka lamatti qoodamee raka’âa lama keessatti hin qara’amu. Kun sunnaadhaan ala. Namni ŝalaata Jumu'aa irraa raka’âa tokko qaqqabatee imaamaa wajjin salaate Jumu'aa ŝalaata. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “namni ŝalaata Jumu'aa irraa raka’âa tokko (imaamaa wajjin) argate ŝalaatattii argateera” jedhaniiru – (Al-Bayhaqiin kan gabaase yoo ta’u hundeen isaa Ŝaĥiiĥaynii keessa jira). Raka’âa tokkoo gadi yoo argate – odoo inni hin qaqqabin imaamtichi rukuu'â lammaffaa irraa yoo ol-jedhe, ŝalaanni isa darbiteetti. Yeroo imaamni salaamataa bahu inni Zhuhrii guutee ŝalaata. Hubachiisa:- Dirqamatti barbaachisaa ta’ee yoo argame malee (naannoo tokko keessatti) bakka tokkotti malee Jumu'aa dhaabuun hin eeyyamamu. Barbaachisaa ta’ee odoo hin argamin ŝalaanni Jumu'aa yoo baayyate ŝalaanni ma’imuumotaa sirriidha. Cubbuun kan deebi’u nama (abbaa aangoo) akka ŝalaanni Jumu'aa bakka baay’eetti salaatamu eeyyametti ta’a. AĤKAAMOTA ŜALAATA ÎIDII Îidii jechuun akka hiika qooqaatti maqaa waan deebi’uu fi waan deddeebi’ee argamuuf kennamuudha. Wanti inni îida jedhameefis waan inni deebi’ee dhufuuf yookiin deebi’ee akka dhufu abdii godhachuuf. 200 Ŝalaatonni îidii lachan, (îid al-fixrii fi îid al-ađĥaa), Qur’aanaan, sunnaa fi ijmaa’âan kan karaa (mashruu'â) godhamaniidha. Mushrikoonni ayyaanota (îidota) yeroo fi iddoodhaan walqabatan kabajaa kan turan yoo ta’u, Islaamummaan ayyaanota sana kuffisee îidal-fixrii fi îidal-ađĥaa bakka jaraa buuse. Kunis îbaadaalee gurguddoo lamaan soomanaa fi ĥajji eega raawwatanii booda Rabbiif galata galchuufi. Namoonni Madiinaa guyyaalee keessatti taphatanii gammadan lama kan qaban yoo ta’u, Nabiyyiin (ŝâw) gara Madiinaa yeroo deeman “Rabbi guyyaalee lamaan sana kan caalan isiiniif iddoo buuseera – yawm An-nahr (guyyaa qalmaa) fi yawm Al-fixrii” jechuu isaanii Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Nasaa’ii fi kan biraatis Anas bin Maalik irraa (râ) gabaasaniiru. Mawlidaa fi îidota kkf uumuudhaan îidotii lamaan kana irratti dabaluun hin danda’amu. Kana gochun waan Rabbi murteesse irratti dabaluu, diinii keessatti waan haaraa uumuu, karaa Nabiyyii (ŝâw) faalleessuu fi kaafirootaa wajjin walfakkaachuu waan ta’eef jecha. Ayyaanota, yaadannoota, guyyoota, turbanoota yookiin waggoota jedhamanii maqoota adda addaatiin waamamanis sanuma – Islaama irraa miti. Gocha jaahiliyyaati. Warroota dhihaa (westerners) fi kaafiroota biraas hordofuudha. Nabiyyiin (ŝâw) “namoota wahiitiin kan walfakkaate jaruma irraayi” jedhaniiru – (Imaam Ahmad, Abuu-Daawudii fi kan biraatis akka gabaasanitti). Nabiyyiin (ŝâw) akkanas jedhaniiru:“Haasaan caalaan kitaaba Rabbiiti; karaan caalaan karaa Muĥammad; (amantii keessatti) wanti hamaan waan haaraa 201 uumameedha; wanti haaraa uumame (bid’âan) hundinuu dabiinsa” – (Muslim). Ŝalaanni îidii kan karaa godhame ta’uudhaaf ragaan isaa jecha Rabbii kana٢ :اﻟﻜﻮﺛﺮ L \ [ Z M 8 7 “Rabbii keetiif ŝalaati; (maqaa isaatiinis) qali” – (Al-Kawthar: 2). ١٥ - ١٤ : اﻷﻋﻠﻰL Ù Ø × Ö Õ Ô Ó Ò Ñ M 8 7 “Namni of-qulqulleesse dhugaan milkaahe; maqaa Rabii isaas kan faarsee (kan žakkare) akkasumas kan salaates” – (Al-Aâlaa: 14 – 15). Nabiyyiin (ŝâw) fi khulafaa’onni isaaniin booda turan ŝalaata îidii dhaabbataan raawwataa turan. ĤUKMII ŜALAATA ȊIDII Ŝalaatonni îidii lamaan dhiira muslima mukallafa1 ta’e kan ûžrii hin qabne hunda irratti dirqama mata mataati (farđu âyniidha). Nabiyyiin (ŝâw) dubartootallee itti ajajaniiru. Ummu Âxiyyaan (râ) “Guyyaa îidii akka baanu ajajamna turre; durbillee gola isii keessaa baati ture; dubartoonni ĥayđiin itti jirullee bahanii namoota duuba ta’uudhaan jaraa wajjin takbiiraa fi du'âa’ii godhu ture; barakaa fi qulqullina (xuhraa) guyyaa sanii barbaaduuf jecha” jetteetti – (Muttafaqun Âlayhi). Mukallafa jechuun: nama umurii ga'eessummaa gahee sammuun isaas fayyaa ta’e jechuudha. 1 202 Dubartiin urgooftuu (shittoo) odoo hin dibatin odoo of hin saaxilin bahuun sunnaadha. Hubachiisa:- ŝalaata îidii dirree magaalaatti/gandatti dhihoo ta’e keessatti salaatuun sunnaadha Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata îidowwan lammanii bakka ŝalaataa (dirree) seensa Madiinaa irra jiru irratti salaataa turani. Abuu-Sa’îid (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) fixrii fi ađĥaatti gara dirree ŝalaataatti bahu ture” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ûžriidhaaf yoo ta’e malee masgiida keessatti salaatuun isaanii hin gabaafamne. Gara dirreetti bahuun kabajaa muslimtootaa fi Islaamaa akkasumas sha’âa’ira (mallattoowwan) amantichaa waan ifa baasuuf jecha. Akka ŝalaata Jumu'aa deddeebi’ee waan hin dhufneefis jecha rakkinas hin fidu. Makka keessa yoo ta’e qofa Masjidal-ĥaraam keessatti salaatama. Yoo roobni jiraate yookiin namni baay'atee wal rakkise masgiidota keessatti salaatuun ni danda’ama. Waytii Ŝalaata Ȋidii Waytiin ŝalaata îidii aduun baatee hamma eeboo yeroo isiin olbaateedha. Kunis Yeroo Nabiyyiin (ŝâw) itti salaataa turan waan ta’eef jecha. Waytiin isaa hanga aduun walakkaa samii irraa dabdutti ni tura. Hanga aduun dabdutti îidii ta’uun isaa odoo hin baramin yoo ture guyyaa itti aanu ganama qađaa baafama. AbuuÛmair bin Anas anŝaaronni wasiilota isaa akkana jechuu jaraa gabaaseera:- “Jiini (addeessi) Shawwaal nu irraa dhokatee soomaan bariifanne; dhuma guyyaa irratti namoonni gara biraatii dhufanii akka kaleessaa ji’a arguu jaraa ragaa bahan; Nabiyyiin (ŝâw) namoonni guyyuma san sooma jaraa akka hiikanii fi barii 203 boromtomuu ŝalaata îidiitiif akka bahan ajajan” – (Ahmad, AbuuDaawudii fi Al-Daara-quxniin kan gabaasan yoo ta’u Al-Daaraquxniin ĥadiithichi ĥasan jedheera). Wantoota Guyyaa Ȋidii Sunnaa Ta’an 1/ Ŝalaata îidal-fixriitiif odoo hin bahiniin dura tamiroota muraasa nyaachuu, yawmul-naĥrii (îidal-ađĥaa)tti immoo hanga ŝalaanni îidii ŝalaatamee dhumutti nyaachuu dhiisuun sunnaadha Buraydaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) guyyaa îidal-fixrii hanga faxaranitti hin bahan ture; yawmul-nahriitti immoo hanga salaatanitti hin nyaatan ture” jedheera – Ahmad, Al-Tirmižii fi Ibnu-Maajaan kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Ĥibbaanii fi Al-Ĥaakim ŝaĥiiĥa jedhaniiru. 2/ Ŝalaata fajriitiin booda bariidhaan dafanii ŝalaata îidiitiif bahuunis sunnaadha. Kun Ibnu Ûmar irraa waan gabaafameef jecha. Imaamatti dhihaachuuf akka mijaahuuf jecha; faayidaa (fađiilaa) ŝalaata bakka isaa irra taa’anii eeggachuus argachuuf jecha; thawaabni isaas akka baayyatuuf jecha. 3/ Fajriin booda dhiqachuudhaan ŝalaata îidiitiif of bareechuunis sunnaadha Kun ŝaĥaabota kan akka Ibnu Ûmar irraa waan argameef jecha. Uffata qabu keessaa kan irra gaarii ta’e uffachuunis sunnaadha Kunis Nabiyyii (ŝâw) irraa waan argameef jecha. 204 Akkaataa Ŝalaata Ȋidowwan Lammanii Ŝalaanni îidii khuxbaadhaan dura raka’âa lama. Ibnu Ûmar (râ) “Ergamaan Rabbii, Abuu-Bakr, Ûmarii fi Ûthmaan ŝalaata îidii lamaan khuxbaadhaan dura salaatu ture” jedheera – (Muttafaqun Âlayhi). Sunnaan kan beekame kanaani. Ûlamoonnis kanuma irra jiru. Al-Tirmižiin “ŝalaanni îidii lammanii khuxbaadhaan dura ta’uun ŝaĥaabonni Nabiyyiis ta’e warreen îlmii kan ittiin hojjetaniidha” jedheera. Walii-galtee muslima hundaatiin (ijamaaâl-muslimiin) ŝalaanni îidii lammanii raka’âa lama. Ĥadiitha Al-Ŝaĥiiĥaynii fi kan biraa keessatis akka gabaafametti Ibnu Âbbaas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) guyyaa îidal-fixrii bahanii raka’âa lama salaatan; raka’âa lamaan duras ta’e booda hin salaanne” jedheera. Hubachiisa:- Ŝalaanni îidii ažaaniis ta’e iqaamaa hin qabu. Ĥadiitha Muslimiin gabaafameen Jaabir (râ) “Yeroo tokko yookiin lamaa ol ŝalaata îidii Nabiyyii (ŝâw) wajjin salaateera; khuxbaadhaan dura ŝalaataan jalqabu ture; ažaanaa fi iqaamaas hin qabu ture” jedheera. Raka’âa duraa keessatti takbiiratal-iĥraamii fi du'âa’ii baniinsaa boodaa fi taâwwužaa fi qaraatii (qiraa’aa) dura takbiiraa jahatu godhama. Takbiiratul-iĥraam ruknii waan taateef jecha hafuu hin dandeessu. Isii malee ŝalaanni hin hidhamtu. Takbiiraaleen isiidhaan ala jiran sunnaadha Isiidhaan booda du'âa’ii baniinsaatu godhama. Jalqaba ŝalaataa irratti du'âa’ii baniinsaa (duâa’ulistiftaaĥ) gochuun sunnaa waan ta’eef jecha. Saniin boodas 205 takbiiraalee dabalataa jahan yookiin torban godha. Ittiin aansee takbiiraa jahaffaa yookiin torbaffaa booda ta'âwwužaa fi basmalaa jedha. Qur’aana qara’uudhaaf ta'âwwužaa fi basmalaa jechuun sunnaa waan ta’aniif jecha. Ittiin aansee Qur’aanni qara’ama. Raka’âa lammaffaa keessatti Qur’aana qara’uudhaan duratti takbiiraa ce’umsaatiin (takbiiratal-intiqaal) alatti takbiiraa shan godha. Akka Ahmad, Abuu-Daawudii fi Ibnu Maajaan gabaasanii fi Âmr bin Shuâyb abbaa isaa irraa akaakayyuu isaa irraa dabarsetti “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata îidii keessatti takbiiraalee kudha-lama godhan – torba raka’âa duraa keessatti shan immoo isii lammaffaa keessatti” jedheera. Sanadni isaa ĥasani. Ĥadiithonni Âa’ishaa fi kan biraa irraayis odeeffaman ragaa ta’uuf. Baay'ina takbiiraalee ilaalchisee kanaan alattis gabaafameera. Imaamu Ahmad (Raĥimahullaahu) “Ŝaĥaabonni Nabiyyii (ŝâw) takbiiraa ilaalchisee adda addummaa agarsiisaniiru; hundinuu ni danda’ama” jedhaniiru. Takbiiraalee hundaa wajjin harka isaa ol kaasa1. Nabiyyiin (ŝâw) takbiiraa wajjin harka isaanii ol kaasaa waan turaniif jecha. Takbiiraa ŝalaatul-janaazaa wajjin harki akka Salaata Iidaas ta'ee Janaazaa keessatti harka ol kaasuun Nabiyyii (SAW) irraa bakkuma tokkottuu hin mirkanoofne. Salaata Janaazaa keessatti qofa Ibnu Umar irraa argame. Sababa kanaaf jecha beektoleen kana irratti wal dhabani. Warri Nabiyyii hordofuutu dirqma jedhan ol fuuchuun hin jiru jedhu. Warri ol kaafama jedhes hojii Ibnu Umar ragaa godhatani. Akka natti fakkaatutti dhiisuutu irra filatammdha. -Gulaalaa 1 206 ol kaafamu ĥadiitha Ibnu Ûmar keessatti tuqameera – akka AlDaara-quxniin gabaasee fi Shaykh Âbdul-Âziiz bin Baaz ŝaĥiiĥa jedhanitti. Takbiiraalee ŝalaatul-janaazaa wajjin harki akka ol kaafamu ragooleen jiran bakkuma isaatti dhufu. Takbiiraa dabalataa kana irraanfatee yoo qaraatii jalqabe takbiiraan ni hafa; waan sunnaa ta’eefis bakki isaatis waan darbeef jecha. Akkasumas ma’imuumni eega imaamni qaraatii jalqabee booda yoo dhaqqabate takbiiraalee dabalataa hin godhu. Yookiin odoo imaamni rukuuîi irra jiruu yoo dhaqqabate takbiiratal-iĥraam qofa godhee rukuu’îi bu’a. Takbiiraalee isa darban qađaa hin baasu. Ŝalaanni îidii lammanii raka’âa lama. Imaamni raka’âalee lammanuu keessatti sagalee ol qabee qara’a. Ibnu Ûmar (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata îidiitii fi ŝalaata istisqaa’ii keessatti sagalee ol qabanii qara’u ture” jedheera – (Al-Daaraquxnii). Ulamoonnis waan kana irratti ijmaa’îi godhaniiru. Warri duraa (salafoonni) warra boodaatiif kanuma dabarsaniiru. Muslimoonnis kanumaan itti fufaniiru. Raka’âa duraa keessatti faatiĥaadhaan booda sabbiĥ ismaRabbikal-aâlaa raka’âa lammaffaa keessatti immoo alghaashiyaa qara’a. Al-Nu'âmaan bin Bashiir “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaatota îidii keessatti sabbiĥ isma-Rabbikal-aâlaa fi hal-ataaka ĥadiithulghaashiyaa qara’u ture” jedheera – (Muslim). Yookiin immoo raka’âa duraa keessatti Qaaf raka’âa lammaffaa keessatti 207 Iqtarabat qara’u ture – Muslim Abuu-Waaqid Al-Laythii irraa akka gabaasetti. Ŝalaata irraa eega salaamataa bahanii booda namootaaf khuxbaa godhu ture. Gariin ulamootaa khuxbattiin kun imaama irratti waajiba jedhu. Ma’imuumnis hanga khuxbaan dhumutti deemuu hin qabu. Ŝaĥiiĥaynii fi kan biraa keessattis akka gabaafametti “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaataan jalqaban; ittiin aansaniis Bilaalitti hirkatanii dhaabatanii sodaa Rabbiitti ajajani; Rabbiif ajajamuu irrattis kakaasan …” Khuxbaa îidii keessatti gorsi addatti dubartii ilaallatu dabalamuu qaba. Nabiyyiin (ŝâw) dubartoota dhageessisuu akka hin danda’in yeroo argan gara jaraatti dhufanii gorsa kennaniif; ŝadaqaas akka kennan dadammaqsan. Kanaaf jecha khuxbaa îidii keessaa dubartoonni qooda qabaachuu qabu – waan jara barbaachisuuf jecha; akkasumas sunnaa Nabiyyii (ŝâw) hordofuudhaafis jecha. Hubachiisa:- Bakka ŝalaataa eega dhufee booda takbiiraa itti deddeebisee gochuu qaba. Yeroo san mashruu'â waan taa’eef jecha. Ŝalaanni îidii masgiida keessatti kan salaatame yoo ta’e nawaafila keessaa taĥiyyatal-masjid qofa salaata. Masgiida keessa yoo hin ta’inii fi dirree irratti kan salaatame yoo ta’e garuu taĥiyyatal-masjidin hin qabu. Ibnu Âbbaas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) guyyaa îidii bahanii raka’âa lama salaatan; raka’âa lamaan saniin duras ta’e booda homaa hin salaanne” jedheera – (Muttafaqun 208 Âlayhi). Ŝalaanni îidii dura isiittis taatee booda isiitti sunnaa raatibaa kan qabdu akka hin fakkaanneef jecha. Yeroo mana isaatti deebi’u mana isaa keessatti salaatuun sunnaa ta’a. Ahmadii fi namoonni biraas Nabiyyiin (ŝâw) gara mana isaaniitti yeroo deebi’an raka’âa lama akka salaatan waan gabaasaniif jecha. Ŝalaata đuĥaa salaatuun mashruu'â ta’uu isaa mata-duree ŝalaata đuĥaa ilaallatu jalatti ragaa waliigalaa duraan dabarsine jalas galuu ni danda’a. Ŝalaata Îidii Qađaa Baasuu Namni ŝalaata îidii irraa wanti tokko isa darbe haaluma takbiiraaleen dabalataa godhaman saniin qađaa baasuu ni danda’a. Qađaan kan yeroo isaatti salaatamuun (adaa’aan) tokkuma waan ta’eef jecha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin qajeelfamni waliigalaa kan Nabiyyiin (ŝâw) “waan dhaqqabattan salaataa; waan isin darbe immoo guutaa” jedhan kanaaf ragaa ta’a. Kan imaamaa wajjinii raka’âan tokko yoo isa darbe raka’âa tokko dabala. Yeroo Îidowwan lammanii takbiiraa gochuu: Yeroo Îidowwan lammanii takbiiraa yeroodhaan odoo hin daangeffamin Sagalee ol qabanii gochuun sunnaadha Dubartiin sagalee isii ol hin qabdu. Halkan îidii lammanii keessatti takbiiraa gochuudha. Guyyoota kurnan zulhijjaa keessattis akkasuma. Rabbi akkana jedha:١٨٥ : اﻟﺒﻘﺮةL ¹ ¸ ¶ µ ´ ³ ² ± °M 8 7 209 “… lakkoofsas akka guuttanii fi Rabbis waan karaa qajeelaa irratti isin qajeelcheef akka ulfeeffattanii fi akka galateeffatniif jecha (kana isiniif karaa godhe)” – (Al-Baqaraa: 185). Yeroo îidal-fixrii halkan îidii eega aduun lixxee eegalee hanga yeroo imaamni ŝalaatatti seenuutti takbiiraan ni godhama. Yeroo îidal-ađĥaa fajriin guyyaa jalqaba ji’a žilĥijjaa eega bahee eegalee hanga yeroo lixa aduu guyyaa kudha sadaffaatti, hanga dhuma guyyaa ayyaamat-tashriiqitti, takbiiraan ni godhama. Rabbi akkana jedha:- ٢٠٣ : اﻟﺒﻘﺮةL '& % $ # "M 8 7 “Guyyoota muraasa keessa Rabbiin žakkaraa …” – (Al-Baqaraa: 203). Abuu-Hurayraanii fi Ibnu Ûmar (râ) gara gabaatti bahanii takbiiraa akka godhanii fi namoonnis takbiiraa jaraa hordofanii takbiiraa godhaa akka turan Bukhaariin mu'âllaqa godhee murannoodhaan gabaaseera. Ûmaris (râ) Minaatti dunkaana isaanii keessatti takbiiraa akka godhan Bukhaariin mu'âllaqa godhee murannoodhaan gabaaseera. Ibnu Ûmaris (râ) guyyootii san keessatti – jechuun guyyootii minaa, ŝalaatota booda, bakka ciisichaatti, fusxaaxa (mana rifeensaan hojjatame) isaa keessatti, yeroo taa’us, yeroo deemus guyyootii san guutuu keessatti takbiiraa godhaa akka ture Bukhaariin mu'âllaqa godhee murannoodhaan gabaaseera. Ĥadiitha Nabiishatul-Hužaliin dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ayyaamut-tashriiq guyyootii nyaataa, dhugaatiitii fi Rabbii ol ta’e kan keessatti žakkaraniidha” jedhaniiru – (Muslim). 210 Mana keessatti, gabaa keessatti, masgiida keessattii fi bakka Rabbiin žakkaruun danda’amu hundatti sagaleen ol qabamee takbiiraan godhama. Akkasumas gara dirree ŝalaataa yeroo deemamus sagalee ol qabanii takbiiraa gochuu dha. AlDaaraquxnii fi kan biraas akka gabaasnitti Ibnu Ûmar guyyaa îidal-fixrii fi guyyaa îidal-ađĥaa yeroo bariifatu hanga dirree ŝalaataa deemutti achiiin boodas hanga imaamni dhufutti sagalee isaa ol qabee takbiiraa godha ture. Al-Ŝaĥiiĥ (Bukhaarii) keessatti akka gabaafametti Ummu Âxiyyaan (râ) dubartoota ĥayđiin itti jiru akka baafnu ajajamna turre; takbiiraa jaraa (dhiirotaa) hordofanii takbiiraa godhu ture” jetteetti. Muslim immoo “namootaa wajjin takbiiraa akka godhaniif” jechuudhaan gabaaseera. Kun mallattoowwan (sha’âa’ira) isalaamaa ifa baasuu waan ta’eef jecha jaallatamaadha. Takbiiraa Yeroo Îidal-fixrii Godhamu Rabbi akkana jedha ١٨٥ : اﻟﺒﻘﺮةL ¹ ¸ ¶ µ ´ ³ ² ± ° M 8 7 “… lakkoofsas akka guuttaniif, waan karaa qajeelaatti isin qajeelcheef jecha Rabbiinis akka ulfeeffattaniif jecha (kana isiniif karaa godhe)” – (Al-Baqaraa: 185) waan jedhuuf jecha takbiiraan yeroo îidal-fixrii godhamu sunnaa jabeeffamaa dha. Yeroo îidal-ađĥaa dabalanni jiru takbiiraan daangeffamaan (AlTakbiir Al-Muqayyad) jiraachuu isaati – sunis takbiiraalee ŝalaataan booda godhamaniidha. Takbiiraan ŝalaatotaan booda qofa godhamuutti daangeffame kan eegalu ŝalaata fajrii guyyaa 211 Ârafaa irraa jalqabee yoo ta’u hanga ŝalaata âŝrii ayyaamattashriiq guyyaa dhumaatti tura. Kunis ŝaĥaabota irraa – Ûmar, Âlii, Ibnu Mas'ûudii fi Ibnu Âbbaas irraa sanadoota ŝaĥiiĥa ta’aniin waan mirkanaaheef jecha. Akkaataan (sifanni) takbiirichi itti godhamu:- اﷲ أﻛﺒﺮ اﷲ أﻛﺒﺮ ﻻ إﻟﮫ إﻻ واﷲ أﻛﺒﺮ اﷲ أﻛﺒﺮ وﷲ اﻟﺤﻤﺪ، اﷲAllaahu akbar Allaahu akbar, laa-ilaaha illallaah, wallaahu akbar, Allaahu Akbar, walillaahil- ĥamd jechuudha. Kunis eega istighfaarrii fi Allaahumma antassalaam waminkassalaam tabaarakta yaa žaljalaali wal-ikraam jedhamee booda. Guyyaa Îidii baga geessan waliin jechuu (Al-tahni’aa) Namoonni jechootaan yoo walgammachiisan rakkina hin qabu ﺗﻘﺒﻞ اﷲ ﻣﻨﺎ وﻣﻨﻜﻢtaqabbalallaahu minnaa waminkum “Rabbi nu irraayis isin irraayis haa qeebalu” jechuudhaan yoo walgammachiisan homaa hin qabu. Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaa (Raĥimahullaahu) “Ŝaĥaabota keessaayis kana kan godhan akka turan gabaafameera; kan akka Ahmadii fi imaamonni (a’immaan) kan biraas eeyyamaniiru” jedhaniiru. Tahni’aan jaalalaa fi gammachuu ibsuudha. Imaam Ahmad (Raĥimahullaahu) “An dura bu’ee hin jedhu; namni biraa dursee yoo naan jedhe garuu deebii nan kenna; kunis deebiin salaamataa waajiba waan ta’eef jecha; tahni’aa dursanii jechuun sunnaa itti ajajame miti, kan dhorgames miti; tahni’aadhaan harka walfuuchuun rakkina hin qabu” jedhaniiru. 212 AĤKAAMOTA ŜALAATA KUSUUFAA Kusuufa jechuun akka hiika qooqaatti gara gurraachaatti jijjiiramuu jechuudha. Akka hiika shari'âatti (isxilaaĥaatti) immoo ifti aduu yookiin ji’aa yookiin gariin ifa jaraa haala hin baramneen haguugamuu jechuudha. Kusuufas khusuufas ni jedhama. Ŝalaanni kusuufaa sunnaa jabeeffamtuu (mu’akkadaa)dha. Gariin ulamootaa waan Nabiyyiin (ŝâw) itti ajajaniif jecha waajiba jedhaniirus. Kana gara fuulduraatti itti dhufna. Kusuufni sababoota lama qabdi. Isaanis:- shari'âa fi uumaa. Sababni shari'âa nama sodaachisuudha. Sababni uumaa immoo kusuufa ji’aatiif lafti jidduu aduutii fi ji’aa galuu yoo ta’u kusuufa aduutiif immoo jiini jidduu aduutii fi lafaa galuudha. Zabana Nabiyyii (ŝâw) yeroo aduun haguugamtu Nabiyyiin (ŝâw) uffata isaanii harkisaa gara masgiidaa dafanii deemuudhaan namootaa wajjin salaatan; haguugamiinsi aduu aayatoota (maallattoowwan) Rabbii keessaa tokko ta’uu isaa, Rabbi gabroottan isaa akka ittiin sodaachisuu fi namootattis qixaaxni akka bu’uuf sababa ta’uu akka danda’u namootatti himan. Waan isa dhabamsiisuu danda’uttis ajajan:- wanti kun (kusuufni) yeroo argamu ŝalaatatti, du'âa’iitti istighfaaratti, ŝadaqaatti, îtqiitti (garba bilisoomsuuttii) fi hojiilee gaarii kan biraattis ajajan – hamma wanti namatti argame kun dhabamutti. Kusuufiin argamuun akka namoonni gara Rabbiitti deebi’anii fi of irratti 213 eeggatan dammaqsuu fi sodaachisuu qaba. Zabana jaahiliyyaa keessatti kusuufiin kan argamuuf yoo namni guddaan (kabajamaan) dhalate yookiin du’e jedhamee amanama ture. Ergamaan Rabbii (ŝâw) amantii san kufaa taasisan. Sababaa Rabbi kana godhuufis ibsan. Ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim gabaasaniin Abuu-Mas'ûud Al-Anŝaariin (râ) akkana jedha:“guyyaa ilmi Nabiyyii (ŝâw) Ibraahiim du’e aduun haguugamnaan namoonni waan Ibraahiim du’eef aduun haguugamte jedhan; ergamaan Rabbii (ŝâw) ‘aduunii fi jiini aayatoota Rabbii irraayyi; du’a nama tokkoofis ta’ee jireenya isaatiif jecha hin haguugaman; yeroo waan kana argitan gara žikrii Rabbiitii fi gara ŝalaataatti dafaa’ jedhan”. Waytii Ŝalaata Kusuufaa Waytiin ŝalaata kusuufaa eega kusuufni argamee eegalee hanga kusuufni deemutti. Ĥadiitha Âa’ishaan (râ) dabarsite keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “yeroo waan kana argitan ŝalaataa” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ĥadiitha Al-Mughiiraa bin Shu'ubaa (râ) keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “wantoota kana lamaan (kusuufa aduutii fi ji’aa) yeroo argitan hanga deemanitti Rabbiin kadhadhaa ŝalaataayis” jedhaniiru – (Muttafaqun Âlayhi). Ŝalaanni kusuufaa eega kusuufni sun deemee booda qađaa hin baafamtu; yeroon isii darbeera. Odoo hin beekin kusuufni sun yoo deeme hin salaatamtu. 214 Akkaataa (ŝifata) Ŝalaata Kusuufaa Ŝalaanni kusuufaa raka’âa lama ta’ee jechoowwan lamaan ulamootaa keessaa jecha irra sirrii ta’een ŝalaata kusuufaa keessatti Qur’aanni sagaleen ol fuudhamee qara’ama. Raka’âa duraa keessatti Faatiĥaa fi suuraa dheeraa kan akka SuuratulBaqaraa yookiin tilmaama isiitiin qara’ama. Ittiin aansees rukuu’îin dheeraan godhama. Ittiin aansees rukuu’î irraa mataa isaa olqabee eega sirraahee dhaabatee booda akkuma ŝalaata biraa samiâllaahu liman ĥamidah Rabbanaa lakal-ĥamdu jedha. Ittiin aansees Faatiĥaadhaa fi suuraa isa raka’âa duraa keessatti qara’amee gaditti tilmaama suuraa Aala-Îmraaniin suuraan dheeraan qara’ama. Ittiin aansees rukuuâ isa duraatii gaditti rukuuâ dheeraa godha. Ittiin aansees mataa isaa olqabee samiâllaahu liman ĥamidah Rabbanaa walakal-ĥamdu ĥamdan kathiiran xayyiban mubaarakan fiihi, mil’as-samaawaati wamil’alarđi wamil’a-maashi’ita min shay’in baâdu jedha. Haaluma sunnaadhaan argameen Rabbiin faarsa; jecha lirabbiyal-ĥamdu jedhus deddeebisee jedha. Ittiin aansees rukuu’îi dhedheeraa lama godha. Taa’icha (juluusa) sujuudiilee lamaan jidduu jiran ni dheeressa; haaluma sunnaadhaan argameenis du'âa’ii godha. Ittiin aansees raka’âa lammaffaa akkuma raka’âa tokkoffaatti rukuu’îilee lama dhedheeraa fi sujuudiilee lama dhedheeraadhan ŝalaata. Ittiin aansees tashahhuda godhee salaamataa baha. Ŝalaata kusuufaa jamaa'âadhaan salaatuun sunnaadha Kunis Kan Nabiyyiin (ŝâw) godhan waan ta’eef jecha. Akka ŝalaatota nawaafila biraa qopha qophaadhaan salaatuunis ni danda’ama. 215 Haa ta’u malee jamaa’âadhaan salaatuun caalaadha. Imaamni ŝalaata kusuufaatiin booda namoota gorsuun, dagachuu fi (dunyaadhaan) gowwoomfamuu irraa of eeggachisuun, du'âa’ii, istighfaaraa fi ŝadaqaa akka baay'isan gorsuun, garbas akka bilisa baasan gorsuun sunnaadha Bukhaarii keessatti Âa’ishaa irraa akka gabaafametti:- “Nabiyyiin (ŝâw) eega ŝalaata irraa bahanii booda namootaaf khuxbaa godhan; Rabbiin galateeffatan faarsanis; ittiin aansaniis ‘aduunii fi jiini aayattoota Rabbii irraayyi; du’a yookiin jireenya nama tokkootiif jecha hin haguugaman; kana yeroo argitan Rabbiin kadhadhaa ŝalaataa ŝadaqaas kennaa’ jedhan” jetteetti – (muttafaqun âlayhi). Odoo kusuufichi hin deemin yoo ŝalaanni dhume hanga kusuufichi deemutti žikrii fi du'âa’ii gochuudha. Ŝalaanni hin deebifamu. odoo ŝalaanni hin dhumin kusuufichi yoo deeme immoo ŝalaata gabaabsanii guutuudha malee kutuun hin ta’u. Rabbi akkana jedha٣٣ : ﻣﺤﻤﺪL Y X W M 8 7 “hojiilee keessan hin balleessinaa” waan jedhuuf jecha – (Muĥammad:33). Hubachiisa:- ŝalaanni kusuufaa yeroo ŝalaata salaatuun dhorgaman keessattillee ni ŝalaatama. Ajajani isa irratti dabarfame kan waliigalaa (âammii) waan ta’eef jecha. ŜALAATA ISTISQAA’II Istisqaa’a jechuun dhugaatii Rabbi irra yookiin uumama irra barbaaduu yoo ta’u, akka hiika shari'âatti immoo ŝalaata adda 216 taate salaatanii Rabbi irraa Rooba barbaaduudhaan Rabbiin gabbaruudha. Kun ummatoota duraanii birattis beekamaa kan ta’ee fi sunnaa nabiyyootaati. Rabbi akkana jedha ٦٠ : اﻟﺒﻘﺮةL N M L K M 8 7 “Yeroo Muusaan ummata isaatiif akka obaafaman (Rabbi irra) barbaadu …” – (Al-Baqaraa: 60). Nabiyyii xumuraa kan ta’an Muĥammad (ŝâw) yeroo baay’eedhaa fi akkaataa adda addaatiin ummata isaaniitiif obaafamuu (Rabbi irra) gaafataniiru. Muslimoonnis obaafama Rabbi irra gaafachuun mashruu'â ta’uu isaa irratti waliigalaniiru. Hubachiisa:- istisqaa’iin kan mashruu'â ta’u yeroo bokkaan badee laftis gogee miidhaan argameedha. Rabbiif of-gadi qabuu fi of xiqqeessuu malee garri itti baqatan yeroo dhabame isa irraa roobaa fi gargaarsa barbaaduudha. Akka sunnaatti istisqaa’iin haala adda addaatiin godhameera:Tokkoffaan:- jamaa'âadhaan salaatuudhaan Lammaffaan:- khuxbaa Jumu'aa keessatti du'âa’ii gochuun – imaamni du'âa’ii godhee muslimoonni du’âa’ichaaf aamiin jechuudhaan. Sadaffaan:- ŝalaata malee khuxbaa malee du'âa’ii gochuu. Kun hundinuu Nabiyyii irraa (ŝâw) argamaniiru. 217 Ĥukmii Ŝalaata Istisqaa’ii Ŝalaanni istisqaa’ii sunnaa jabeeffamtuu (sunnaa mu’akkadaa) dha. Innis sababaan isii yoo argame. Âbdallaah bin Zayd (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata istisqaa’ii salaatuudhaaf bahan; qiblaatti garagalanii du'âa’ii godhan; bullukkoo (gaabii) isaanii garagalchan; ittiin aansaniis raka’âa lama salaatan; ŝalaaticha keessatti sagalee isaanii ol qabanii Qur’aana qara’an” jedheera – (muttafaqun âlayhi). Akkaataa Ŝalaata Istisqaa’ii Ŝalaanni istisqaa’ii bakka ŝalaataatiinis ta’ee aĥkaamota isiitiin akkuma ŝalaata îidiiti. Akkuma ŝalaata îidii dirreetti bahanii salaatuun ni jaallatama. Baay'ina raka’âa isiitiin, qaraatii sagalee ol qabuudhaan, khuxbaadhaan dura ŝalaatamuu isiitiin, raka’âa tokkoffaa fi lammaffaa keessatti qaraatiin duratti takbiiraalee dabalataa gochuudhaan akkuma ammaan duratti waa’ee ŝalaata îidii keessatti ibsametti aĥkaamota kana hundaanuu akkuma aĥkaama ŝalaata îidiiti. Ibnu Âbbaas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) akkuma îidiin ŝalaatamutti raka’âa lama salaatan” jedheera – Al-Tirmižiin ĥadiithicha ĥasanun ŝaĥiiĥ kan jedhe yoo ta’u al-Ĥaakimii fi warri biraa ŝaĥiiĥa jedhaniiru. Raka’âa duraa keessatti sabbiĥ isma rabbikal-a’âlaa raka’âa lammaffaa keessatti immoo suuratul-ghaashiyaa qara’u. 218 Yoo ûžriin jiraate malee namoonni magaalaa dirreetti bahanii salaatu. Nabiyyiin (ŝâw) dirreetti malee hin salaanne. Rabbi irra kan haajoman (barbaadan) ta’uu agarsiisuudhaafis irra mijaahaadha. Imaamni ŝalaata istisqaa’iitiif bahuu yoo barbaade dura buusee namoota waan onnee jaraa laaffisuun mindaa (thawaaba) Rabbi irraa argamuun akkasumas adaba (îqaaba) isaa yaadachiisuu, cubbuurraa deebi’uutti (Tawbatatti) ajajuu, waan miidhaadhaan argame irraa bahanii abbaa mirgaatiif deebisuutti ajajuu qaba. Cubbuuleen akka roobni (bokkaan) dhaabatuu fi barakaan badu sababaa waan ta’anii fi Tawbaanii fi istighfaarri immoo du'âa’iin akka qeebalamuuf sababaa waan ta’niif jecha. Rabbi akkana jedha:- . - , + * ) ( ' & % $ # " ! M8 7 ٩٦ :اﻷﻋﺮاف L 3 2 1 0 / “Ummani gandattii (magaalattii) odoo amananii Rabbiin sodaatani samii fi dachii keessaa barakaa jara irratti banna ture; garuu ni sobsiisan; cubbuu jarri hojjetaa turaniinis jara qabne.” – (al-Aâraaf: 96). Hiyyeeyyii fi miskiinotaaf ŝadaqaan akka kennamu ajaja. Kun raĥmata Rabbiitiif sababaa waan ta’uuf jecha. Ittiin aansees guyyaa dirreetti bahanii salaatan murteessaaf. Kunis sunnaa guyyaa saniif ta’aniin akka of qopheessaniif jecha. Guyyaa beellamaa san of gadi qabanii Rabbi irraa akka barbaadan mul’isanii gara dirree ŝalaataatti bahu. Ibnu Âbbaas “Nabiyyiin (ŝâw) of gadi qabanii, sodaataa, khushuu'âa fi tađarru'âan ŝalaata istisqaa’iitiif bahan” jedheera – al-Tirmižiin ĥadiithichaan ĥasanun ŝaĥiiĥ jedheera. Muslimni bahuu danda’u tokkoyyuu hafuu hin qabu – daa’imman, dubartiin bahuu jaraatiif 219 fitnaan hin sodaatamnes bahuu qabu. Akkuma duraan ibsame imaamtichi raka’âa lama salaachisa. Ittiin aansees khuxbaa godha. Yoo barbaade ŝalaataan dura khuxabaa gochuu ni danda’a. Kun hundinuu Nabiyyi irraa (ŝâw) waan argameef jecha. Khuxbaa istisqaa’ii keessatti istighfaaraa gochuudhaa fi aayattoota istighfaaratti ajajan qara’uu baay'isuu qaba. Kun akka bokkaan roobuuf sababaa waan ta’uuf jecha. Akka bokkaan roobuuf harka isaa olqabee gara Rabbiitti du'âa’ii baay'isuu barbaachisa – kun sababoota du'âa’iin qeebaltii argatan keessaa tokko waan ta’eef jecha. Bakka kanatti du'âa’ii Nabiyyii irraa (ŝâw) nu dhaqqabeen du'âa’ii gochuu barbaachisa – isaan hordofuuf jecha. Rabbi akkana jedha:٢١ : اﻷﺣﺰابL Î Í Ì Ë Ê É È Ç Æ Å Ä Ã Â ÁM87 “Nama Rabbii fi guyyaa aakhiraa barbaaduuf ergamaa Rabbii keessa hidhannaa gaariitu jira” – (al-Aĥzaab: 21). Xumura du'âa’ii irratti gara qiblaatti garagaluun sunnaadha Gaabii/ bullukkoo/ shaalii isaa garagalchuun, kan mirgaa bitaa irra kan bitaas mirga irra gochuunis akkasumas abaayaadhaa fi kkf [kootii, jaakkeettii, kkf] garagalchuun sunnaadha Uffata garagalchuun khuxbaadhaa godhamaa jiruuyis ta’uu ni danda’a. Kana irratti haalli jiru ballaadha. Uffata baafatan san uffata biraatii wajjin hanga baafatanitti ni tursiisu; yookiin immoo bakka isaatti deebisuun hanga jara barbaachisutti ni tursiisu. AlŜaĥiiĥaynii keessatti Âbdallaah bin Zayd irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) dugda isaanii gara namaatti deebisan; gara 220 qiblaatti deebi’anii du'âa’ii godhan; ittiin aansees gaabii isaanii garagalchan. Sababaan kanaa – wallaahu aâlam – haalli rakkina jiruu gara qananiitti akka jijjiiramuu fi bokkaan akka roobuuf tafaa’ula (abdii) gochuudhaaf. Namoonnis gaabilee jaraa garagalchu. Imaam Ahmad “namoonnis wajjiniin gaabilee jaraa garagalchaniiru” kan jedhu gabaasaniiru. Wanti Nabiyyiidhaaf (ŝâw) mirkanaahe ummata isaaniitiifis mirkanahaa ta’a - Nabiyyii (ŝâw) qofaaf ta’uu isaa wanti agarsiisu hanga hin jirretti. Kanaan booda yoo Rabbi bokkaa roobseef [Rabbiin galateeffachuudha]. Yookiin immoo ŝalaata istisqaa’ii lammaffaas sadaffaas deebisanii salaatuudha. Rakkinni jiru dirqama waan godhuuf jecha. Hubachiisa:- Yoo bokkaan roobe rooba duraa keessa dhaabachuun sunnaadha Kunis akka roobichi isa tuquuf jecha. Du'âa’ii sunnaadhaan argame kanas gochuun sunnaadha: ﻣﻄﺮﻧﺎ ﺑﻔﻀﻞ اﷲ ورﺣﻤﺘﮫ، اﻟﻠﮭﻢ ﺻﯿﺒﺎ ﻧﺎﻓﻌﺎAllaahumma ŝayyiban naafiân muxirnaa bifađlillaahi waraĥmatihii – “Yaa Rabbi! rooba faayidaa qabu nuuf godhi; tolaa fi raĥmata Rabbiitiin roobni nuuf roobe” jechuudha. Bokkaan guddatee bishaan yoo dabalee fi miidhaan yoo sodaatame du'âa’ii kanaan gadii gochuun sunnaa ta’a. اﻟﻠﮭﻢ ﻋﻠﻰ اﻟﻈﺮاب واﻵﻛﺎم وﺑﻄﻮن اﻷودﯾﺔ وﻣﻨﺎﺑﺖ اﻟﺸﺠﺮ،اﻟﻠﮭﻢ ﺣﻮاﻟﯿﻨﺎ وﻻ ﻋﻠﯿﻨﺎ Allaahumma ĥawaalaynaa walaa âlaynaa, Allaahumma âlazhiraabi wal aakaami wabuxuunil-awdiyati wamanaabitishajari – “Yaa Rabbi! nu irratti odoo hin ta’in naannoo keenya irratti (roobsi); yaa Rabbi tabbootaa fi tulluuwwan irratti, lagaa fi bakka mukkeen biqilutti roobsi.” Nabiyyiin (ŝâw) kana waan jedhaa turaniif jecha – (muttafaqun âlayhi). 221 Âa’ishaan akkana jetti:- “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo qilleensi haala jabaadhaan bubbiftu akkana jedhu ture: وأﻋﻮذ ﺑﻚ ﻣﻦ ﺷﺮھﺎ وﺷﺮ ﻣﺎ ﻓﯿﮭﺎ،اﻟﻠﮭﻢ إﻧﻲ أﺳﺄﻟﻚ ﺧﯿﺮھﺎ وﺧﯿﺮ ﻣﺎ ﻓﯿﮭﺎ وﺧﯿﺮ ﻣﺎ أرﺳﻠﺖ ﺑﮫ وﺷﺮ ﻣﺎ أرﺳﻠﺖ ﺑﮫ Allaahumma innii as’aluka khayrahaa wakhayra maafiihaa wakhayra maa’ursilat bihii wa’aûužubika min sharrihaa washarri maafiihaa washarri maa’ursilat bihii – “yaa Rabbi! waan gaarii isiitii fi waan gaarii isii keessa jiru, akkasumas waan gaarii isiin ittiin ergamte akka naaf kennitu sigaafadha; Hamtuu isiitii fi hamtuu isii keessa jirtu, akkasumas hamtuu isiin ittiin ergamte irraa akka na eegdu sitti maganfadha” – (muttafaqun âlayhi). Âbdallaah bin Zubayr sagalee kakawwee (mandiisuu) yeroo dhagahu واﻟﻤﻼﺋﻜﺔ ﻣﻦ ﺧﯿﻔﺘﮫ، ﺳﺒﺤﺎن اﻟﺬي ﯾﺴﺒﺢ اﻟﺮﻋﺪ ﺑﺤﻤﺪهsubĥaanal-lažii yusabbiĥurraâdu biĥamdhii wal-malaa’ikatu min khiifatihii – “(Rabbiin) kakawween isa faarsuu wajjin kan isa qulqulleessu, malaa’ikoonnis isa sodaataa kan isa qulqulleessan kan ta’e sun qulqullaahe” – (Maalikii fi Al-Bayhaqiin sanada ŝahiiĥa ta’een akka gabaasanitti). Ibnu Ûmar akkana jedha ture:“ وﻋﺎﻓﻨﺎ ﻗﺒﻞ ذﻟﻚ، وﻻ ﺗﮭﻠﻜﻨﺎ ﺑﻌﺬاﺑﻚ،"اﻟﻠﮭﻢ ﻻ ﺗﻘﺘﻠﻨﺎ ﺑﻐﻀﺒﻚ Alllaahumma laataqtulnaa bighađabika walaa tuhliknaa biâžaabika waâafinaa qabla žaalika – “ yaa Rabbi dallansuu keetiin nun-ajjeesin, qixaaxa keetiinis nun balleessin; saniin dura nagaa nu godhi” – (Ahmadii fi Al-Tirmižii). 222 AĤKAAMOTA JANAA’IZAA Janaa’izni lakkoofsa hedduu (plural form of) janaazaa/jinaazaati. Janaazaan maqaa reeffaa yoo ta’u jinaazaan immoo kan reeffa ittiin baatan jedhameera. Waa’ee du’aa baay'isanii yaadachuun, diliirraa deebi’uudhaan (Tawbaa gochuudhaan), haqa namaa abbaadhaaf deebisuudhaan, duuti akka tasaa odoo nama irraan hin bahin hojii gaariitti dafuudhaan du’aaf qophaahuun sunnaadha Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “waan mi’aayina kuttu (du’a) yaadachuu baay'isaa” jedhaniiru – warri shanan sanada ŝaĥiiĥa ta’aniin kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Ĥibbaan, Al-Ĥaakimii fi kan biraas ŝaĥiiĥa jedhaniiruun. AĤKAAMOTA NAMA DU’UUF KA’AA JIRUU DHUKKUBSATEETII FI NAMA 1/ Namni dhukkubaan yoo qabame obsuu i Rabbiin biraa akka argatu yaaduu malee rifachuu fi murtee Rabbiitti dallanuu hin qabu. Akka isa dhukkubuu fi gosa dhukkuba isaa namatti yoo hime rakkina hin qabu. Kun murtee Rabbii jaallachuu wajjin ta'uu qaba. Gara Rabbiitti watwaatuunii fi isa irraa fooyyina (shifaa’a) barbaaduun obsa (ŝabrii) hin faallessu. hinumaayyuu barbaadamaa fi jaallatamaadha. Akkuma Nabi Ayyuub (âs) Rabbii isaa waamee ٨٣ : اﻷﻧﺒﯿﺎءL 9 8 7 6 5 4 3 2 1 0 M 8 7 223 “ani miidhameera; ati immoo warra namaaf raĥmata godhu hunda caalaa raĥmata namaaf goota” jedhe sana jechuudha. 2/ Waan ĥaraama ta’e akka qorichaatti fayyadamuun dhorgaadha. Ĥadiitha Bukhaarii keessatti Ibnu Mas'ûud irraa gabaafameen “Rabbi dawaa keessan waan ĥaraama isin irratti godhame keessa hin goone” jedheera. Akkasumas waan shirkii ta’e, hirzii, jechoota shirkii yookiin waan maqootii wallaalamaa of keessaa qabdu, xalaasima, gonchoo, kirrii, qalaa’ida (waan mormatti fannifatamu) yookiin amartiilee irreetti yookiin dhudhumatti hidhatamanii fi wantoota biraa dhukkuba irraa fooyya’uuf akka fayyadan akkasumas ija namaa fi balaa akka nama irraa deebisan kan itti amanaman qorichummaadhaaf fayyadamuu hin danda’u. Kunis faayidaa argachuu fi miidhaa of irraa deebisuu keessatti Rabbiin ala waan jiru irratti onnee rarraasuu waan of keessaa qabuuf jecha. Akkasumas warra sihrii dalagu, munajjimoota (warra urjii hordofu) fi warroota jinnoota fayyadaman biratti yaalamuunis hin ta’u. Âqiidaan (amantiin) muslima tokkoo fayyummaa isaa ni caala. Rabbi fooyyina kan godhe wantoota eeyyamamaa ta’an akkasumas wantoota qaamaaf, sammuu fi diiniif fayyadan keessa qofa. Kanneen keessaayis inni caalaan Qur’aana yoo ta’u Qur’aanaa fi du'âa’iilee mashruu'â ta’aniin ruqyaa gochuudha. Hospitaalotaa fi wiirtulee fayyaa keessatti ogeessota fayyaa nama yaaluu danda’an biratti qoricha eeyyamamaa ta’aniin yaalamuun rakkina hin qabu. Qorichaan yaalamuun bakka sadiitti qoodama:224 Tokkoffaan:- Akka fayyadu kan beekame yookiin yaadamee fi fayyadamuu dhiisuun badiisa (du’a) akka nama irraan gahu kan itti amaname yoo ta’e fayyadamuun dirqama ta’a. Lammaffaan:- Akka fayyadu kan beekame yookiin kan yaadame ta’ee garuu fayyadamuu dhiisuun isaa badiisa nama irraan gahuu akka danda’u yoo hin mirkanaahin fayyadamuun isaa caalaa ta’a. Sadaffaan:- Faayidaa qabaachuu fi dhabuun isaa wal-qixa yoo ta’e caalaan fayyadamuu dhiisuudha. 3/ Dhukkubsataa gaafachuun farđul kifaayaadha.1 Ĥadiitha AlŜaĥiiĥaynii fi kan biraa keessattis Abuu-Hurayraa irraa gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “mirgi (haqti) muslima tokkoo kan muslima biraa irra jiru shan” kan jedhan yoo ta’u sanneen keessaa dhukkubsataa gaafachuu dubbataniiru. Yeroo dhukubsataa daawwatu haala inni irra jiru ni gaafata. Nabiyyiin (ŝâw) dhukkubsataa itti siqanii haala inni itti jiru gaafataa waan tureef jecha. Yoo dhukkubsatichi guyyaa guyyaatti daawwatamuu barbaade male daawwaannaan darbee darbee ta’uu ni danda’a. Dhukkubsatichi kan barbaadu yoo ta’e malee isa bira yeroo dheeraadhaaf taa’uu hin barbaachisu. Dhukkubsatichaanis akkana jechuu dha:- ﻃﮭﻮر إن ﺷﺎء اﷲ، ﻻ ﺑﺄس ﻋﻠﯿﻚLaa ba’sa âlayka Farđul kifaayaa jechuun dirqama gariin namootaa yoo raawwatan dirqamummaan yookiin itti gaafatamummaan isaa namoota kaan irraayis kan bu’u jechuudha. Farđul âynii jechuun immoo namni hundinuu matuma mataa isaatiin raawwachuun kan dirqama itti ta’e jechuudha. – hiikticha. 1 225 xahuurun inshaa’allaah (rakkoon sirra hin jiru; yoo Rabbi fedheef qulqulleessaa siif ta’a). Akka gammachuun itti dhagahamu gochuu, fooyyina kadhachuufii, Qur’aanaan ruqyaa gochuufii – keessattiiyyuu suuratul-faatiĥaa, suuratul-ikh’laaŝii fi almu'âwwižatayniin akkasumas du'âa’iilee Nabiyyii irraa (ŝâw) nu dhaqqabaniin. 4/ Dhukkubsatichi qabeenya isaa keessaa hanga murtaahe hojii gaariidhaaf waŝiyyaa dhaammachuu ni danda’a. Daynii (idaa) fi amaanaa nama irraa qabus ta’ee kan namni isa irraa qabu kan hin barreeffamin yoo ta’e dhaammachuun dirqama itti ta’a. Kun nama hin dhukkubsatin irraayis barbaachisaadha. Ĥadiitha Ibnu Ûmar (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Muslimni tokko waan waŝiyyaa gochuu qabu odoo qabuu waŝiyyaan isaa isa biratti barreeffamtee odoo hin taa’in halkan lama buluu hin qabu” jedhaniiru – (muttafaqun âlayhi). Halkan lama jechuun isaanii jabeessuuf malee daangessuuf miti. Waŝiyyaan isaa isa biratti barreeffamtee odoo hin taa’in yeroo gabaabaallee ta’u dabarsuu hin qabu. Kunis yeroon duuti itti dhufu waan hin beekneef jecha. Qabeenya guddaa dhiisee kan du’u yoo ta’e qabeenya isaa irraa hanga murtaahe firoota isaa kan isa hin dhaalleef waŝiyyaa gochuun waajiba itti ta’a. 5/ Dhukkubsatichi Rabbi irratti yaada gaarii qabaachuu qaba. Rabbi “Ani bakkuma garbichi koo itti na yaaden jira” jedha. Yaanni kun immoo Rabbiin wal-gahuuf ta’uun isaa yeroo itti dhagahamu irra jabaachuu qaba. 226 Nama dhukkubsate akka inni raĥmata Rabbii abdii godhatu gochuun sunnaadha. Haala kana irra yeroo jiru madaalli abdii madaala sodaa caaluu qaba. Yeroo fayyummaan jiru garuu sodaan isaa fi abdiin isaa wal-qixa ta’uu qabu. Namni sodaan isaa irra ulfaate abdii kutuu keessa galuu waan danda’uuf jecha. Akkasumas namni abdiin isaa irra ulfaate adaba Rabbiirraa sodaa dhabuu keessa galuu waan danda’uuf jecha. Yoo of-tooyachuu dadhabe malee aaduun ni jibbama. Akkasumas du’a hawwuun ni jibbama. Yoo fitnaa sodaate malee yookiin shahiidummaa hawwuu yoo ta’e male. 6/ Yeroo dhukkubsatichi du’uu ka’e namni biratti argame ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ laa-ilaaha illallaahu jechisiisuun sunnaadha.Ĥadiitha Muslim Abuu-Sa’îid irraa gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namoota du’uu irra jiran laa-ilaaha illallaahu jechisiisaa” waan jedhaniif jecha. Kunis jecha ikh’laaŝaa irratti akka du’uu fi jecha isaa isa dhumaa akka taatuuf. Ĥadiitha Mu'âaž (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni jechi isaa inni dhumaa laa-ilaaha illallaah ta’e jannata gale” jedhaniiru. Abuu-Daawud sanada ŝaĥiiĥaan gabaasaniiru. Jechisiisuun suutaan ta’uu qaba. Kunis haala san irra ta’ee akka hin hifanneef jecha. 7/ Gara qiblaatti akka garagalu gochuunis sunnaadha. Nabiyyiin (ŝâw) Ka’âbaa ilaalchisee yeroo dubbatan “lubbuun yeroo jirtanis ta’e yeroo duutan qiblaa keessani” waan jedhaniif jecha – (AbuuDaawud). Ĥadiithni Al-Xabarii fi Ibnu Abdul-barr Ibnu Ûmar irraa gabaasanis kanaaf ragaa ta’a. Al-Baraa’i bin Ma'âruur fi Ûmar irraayis (râ) gabaafameera. 227 Aĥkaamota Du’aa 1/ Yeroo namni du’u ija isaa lamaan cufuun ni jaallatama. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo Abuu-Salamaan du’u ija isaa lamaan cufaniifii “Yeroo ruuhiin fuudhamtu iji ni hordofti; waan gaarii malee hin dubbatinaa; malaa’ikoonni waan isin jettanirratti aamiin waan jedhaniif jecha” jedhaniiru – (Muslim Ummu Salamaa irraa akka odeessetti). 2/ Nama du’e uffataan haguuguun sunnaadha. Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) yeroo du’an gaabii ĥibaraatiin haguugaman” jetteetti – (muttafaqun âlayhi). 3/ Eega du’uun isaa mirkanaahee booda geggeessuu isaa irratti daddafuu barbaachisa. Dhihoo yoo ta’e fira dhufu eeguun homaa hin qabu.Yoo dhihoo hin ta’in garuu sunnaan dafanii geggeessuudha. 4/ Dafanii qopheessuudhaaf, janaazaa isaa irratti argamuudhaaf, isa irratti salaatuu fi du'âa’ii gochuufiif jecha du’a nama tokkoo beeksisuun ni eeyyamama. Rifannaadhaan yookiin kabajamummaa namticha du’ee ibsuuf jecha beeksisuun garuu gocha jaahiliyyaa irraayyi. Qophiileen yaadannootii fi sirnoonni gaddaas, akkasumas yeroo du’a isaa khuxbaa fi muhaadaraa keessatti waa’ee isaa dubbachuunis kanuma irraa lakkaahama – waan yaaddoo namatti kaasaniif jecha. 5/ Waŝiyyaa isaa dafanii raawwachuu barbaachisa. Kunis ajriitti daddafuu waan ta’eef jecha. Rabbi waa’ee waŝiyyaa jabeessuu fi 228 akka isiin daftee raawwatamtuuf jecha daynii (idaa) dura buusee dubbate.1 6/ Dayniis dafanii kaffaluun waajiba ta’a. Daynichi kan akka zakaa, ĥajji, nažrii sirrii ta’e, yookiin kaffaaraa fi mirgoota Rabbi irraa kkf yoo ta’anis, yookiin wantoota saamaman, ergisaa fi mirgoota namaa irraa kkf yoo ta’anis dafanii raawwachuu barbaachisa – dhaammatees ta’e yoo hin dhaammatinis. Nama Du’e Dhiquu Nama du’uu isaa baree fi dhiquun mijaaheefi irratti dhiquun waajiba ta’a. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) namticha gaala irraa kufee du’e san “bishaanii fi qurquraadhaan dhiqaa …” jedhaniiru – (muttafaqun âlayhi). Dhiquudhaaf Nama Dursi Kennamuuf Dhiirri dhiira dhiqa. Caalaanii fi kan filatamu nama du’e dhiquudhaaf nama amanamaa fi akkaataa itti dhiqan nama beeku filachuudha. Namtichi du’e sun akka isa dhiquuf namni inni dhaammate yoo jiraate dhiquudhaaf dursi kan kennamuuf isaaf. Abuu-Bakar (râ) haati manaa isaanii Asmaa’i bint Ûmays akka Rabbi suuratul-Nisaa'îi aayaa 11 i 12 keessatti daynii dura waŝiyyaa dubbatullee Ibnu Kathiir aayaa kana yeroo ibsu ulamoonni hundinuu salafas ta’e khalafni ragoolee biraa ilaalcha keessa galchuudhaan dayniin waŝiyyaa dura bu’ee kaffalamauu akka qabu itti walii-galuu jaraa dubbateera. – hiikticha. 1 229 isaan dhiqxu dhaammatanii waan turaniif jecha.1 Dubartiin abbaa-manaa isii dhiquu ni dandeessi. Dhiirris haadha-manaa isaa dhiquu ni danda’a. Nama namtichi du’e dhaammatetti aanee dhiiquudhaaf dursi kan kennamuuf abbaa namticha du’eeti. Abbaan ilma isaa dhiquudhaaf ni filatama – ilma isaatiif jaalalaa fi gara-laafina waan qabuuf jecha. Ittiin aanee kan dhufu akaakayyuudha. Haala abbaan qabu innis waan qabuuf jecha. Ittiin aansees firoota hundeewwan, ittiin aansees ilmaan isaa irraa dameewwan, ittiin aansees firoota isaa akkuma dhiheenya isaaniitiin – akka obboloowwanii fi ilmaan jaraa, abbeerota (wasiilota) fi ilmaan jaraa yoo ta’u ormi kanaan booda dhufa. Dursa kennuu keessatti tartiibni kun kan eegamu hundinuu dhiquu kan danda’anii fi dhiquudhaaf fedhii kan qaban yoo ta’eedha. Yoo kana hin ta’in namni aĥkaama dhiqiinsaa sirriitti beeku nama hin beekne irra dursi kennamaaf. Dubartii dubartiitu dhiqa. Dhiquudhaaf caaltuun kan isiin duute sun dhaammatteedha. Isiin duute sun akka isii dhiqxuuf dubartiin isiin waŝiyyaadhaan adda baaftee himte yoo jiraatte dursi dhiqiinsaa kan kennamuuf isiidhaaf – dandeettii (beekumsa) dhiqiinsaa yoo qabaatteef. Isiitti aansee dubartoonni firoota ta’an akkuma dhiheenya isaaniitiin dursi kennamaaf – akkuma tartiiba dhiiraa duraan ibsameetiin. Abuu-Bakar waan kana dhaammachuu isaanii kan gabaafame sanadni isaa đa'îifa (dadhabaa) ta’uu isaa Al-Albaaniin Irwaa’ul-ghaliil keessatti ibseera. – hiikticha. 1 230 Dhiirris ta’e dubartiin janaazaa dhiiraa/dubartii umuriin isaa/isii waggaa torbaa gadi ta’e dhiquu ni danda’u. Dubartiin janaazaa dhiira umuriin isaa waggaa torbaa fi sanii ol ta’e dhiquu hin dandeessu. Dhiirris janaazaa dubartii umuriin isii waggaa torbaa fi sanii ol ta’e dhiquu hin danda’u. Dhiirri tokko bakka dubartoonni qofti jiranitti yoo du’e yookiin dubartiin tokko bakka dhiiroleen qofti jiranitti yoo duute du’aan isaanii akkuma uffata uffateen bishaan itti naqama. Muslimni janaazaa kaafiraa dhiquu, yookiin baachuu, yookiin kafanuu, yookiin irratti salaatuu, yookiin hordofuu hin danda’u. Rabbi akkana jedha:١٣ :اﻟﻤﻤﺘﺤﻨﺔ L R Q P O N M L K J M 8 7 “Yaa warra amantan! ummata Rabbi itti dallane jaalallee hin godhatinaa” – (Al-Mumtahina:13). Aayaan kun walumaagalatti janaazaa kaafiraa dhiquun, baachuunii fi hordofuun ĥaraama ta’uu isaa agarsiifti. Rabbi akkana jedha:٨٤ : اﻟﺘﻮﺑﺔL ³ ² ± ° ¯ ® ¬ «ª © ¨ § ¦ ¥ ¤ £ ¢ ¡ M “Jara keessaa nama du’e tokko irrattillee gonkuma hin salaatin; qabrii isaa irras hin dhaabbatin; jarri Rabbii fi ergamaa isaatti waan kafaraniif (mormaniif) jecha …” – (Al-Tawbaa: 84). Rabbi akkana jedha:١١٣ : اﻟﺘﻮﺑﺔL > = < ; : 9 8 7 6 5 4 3 M87 “Nabiyyiin (ŝâw) fi warri amanan firoowwan jaraa ta’anillee 231 mushrikootaaf (Rabbirraa) dhiifama gaafachuufii hin qaban” – (Al-Tawbaa: 113). hin awwaalus. Haa ta’u malee kaafira keessaa namni isa awwaalu yoo hin jiraatin ni awwaala. Akka reeffi isaa miidhaa nama irraan hin geenye boolla keessa buusuudhaan. Ĥadiitha Abuu-Xalĥaan dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) namoota lola Badriitti ajjeefaman boolla keessa waan buusaniif jecha – (muttafaqun âlayhi). Ĥukmiin murtaddiis (amantii isalaamaa irraa deebi’e) kanuma.Akkasumas Ĥukmiin nama beekaa ŝalaata salaatuu dhiisees kanuma. Namni bid’âa nama kafarsiisu (Islaamummaa keessaa nama baasu) hojjates kanuma. Kaafira irratti ejjennoon muslimaa kana ta’uu qaba. Hubachiisa:- Bishaan reeffi ittiin dhiqamu xahuura ta’uu qaba. Qabbanaahaa odoo ta’e caalaadha. Xurii reeffa irra jiru balleessuudhaaf yookiin yeroo qorri jabaan jiru ho’isuun yoo barbaachise malee – yoo kana ta’e ho’isuun rakkina hin qabu. Bakki itti dhiqan argaa namaa irraa kan dabe ta’uu qaba. Reeffichi qaamni jidduu hannuuraa fi jilba isaa jiru haguugamuu qaba. Boodas haguuggiin kun irraa baafamee qaamni isaa guutuun uffata tokkoon haguugama. Siree irratti dhiqamu irratti gara miila isaatiin irraangadee ciibfama – bishaanii fi wanti isa keessaa bahu akka irraa bu’uuf jecha. Dhiqiinsa irratti kan argamuu qaban namticha dhiquu fi nama isa gargaaru qofa. Namoonni biraa argamuun jibbamaadha. 232 Akkaataa (Ŝifata) Dhiqaa Namtichi reeffa dhiqu harka isaatti huccuu wayii maruu yookiin gaantii uffachuu qaba. odoo wayiin hin haguugamin âwrata reeffichaa tuquun hin danda’amu – umuriin namticha du’ee waggaa torbaa ol yoo ta’e. Reeffichaaf istinjaa godha; wanti keessaa bahu yoo jiraate bishaaniin qulqulleessa. Ittiin aansees dhiqiinsa niyyata. ‘Bismillaah’ jedhee akka wuduu’a ŝalaataatti wuduu’a godhaaf. Lulluuqqiinii fi istinshaaqiin odoo hafuu. Namtichi dhiqu quba isaa lama jiisee yookiin quba isaa lama hucuu jiidhaa itti godhee ilkaanii fi qaawwa funyaan reeffichaa haxaahuun ni gaha. Gara afaanii fi funyaan reeffichaatti bishaan hin galchu. Ittiin aansees mataa fi areeda isaa hoomacha qurquraatiin yookiin saamunaadhaan dhiqa. Ittiin aansees kan hafeen qaama isaa irraa mirga mirga dhiqa – jechuunis morma isaa irraa gara mirgaa, ittiin aansees harka mirgaa fi gurmuu isaa, ittiin aansees laphee isaa irraa gara mirgaa, cinaacha mirgaa, sarbaa mirgaa, mogolee mirgaatii fi miila mirgaa dhiqa. Ittiin aansees cinaachasaa bitaa irratti garagalcha. Dugda isaa gara mirgaa dhiqa. Ittiin aansees gara bitaa isaa dhiqa. Ittiin aansees cinaachasaa mirgaa irratti garagalcha. Dugdasaa gara bitaa dhiqa. Yeroo dhiqu harka isaatti huccuu maruun ni jaallatama. Waajibni yeroo tokko dhiquudha – kan yeroo tokkotti qulqullaahu yoo ta’e. Kan jaallatamu immoo yeroo sadi. Kanaanis yoo hin qulqullaahin hanga qulqullaahutti dabaluudha. Dhiqiinsa xumuraa irratti kaafuura itti gochuun ni jaallatama – qaama reeffichaa waan jabeessuuf, foolii gaarii akka qabaatu waan 233 godhuufii fi waan qabbaneessuuf jecha. Dhuma irratti godhamuun isaas kanaafi. Faanni (atharri) isaa akka hafuuf jecha. Ittiin aansees reefficha huccuudhaan yookiin waan biraatiin goggogsuu, areeda funyaan jalaa gabaabsuu, qeensi isaa dheeraa yoo ta’e gabaabsuu, rifeensi bobaa dheeraa yoo ta’e kaasuu, rifeensa mataa dubartii sarara sadiin gulla’anii gara duubaatti gadi dhiisuu barbaachisa. Namni reeffa dhiqe eega dhiqee booda nafa ofii dhiqachuun ni jaallatama. Garuu waajiba miti. Aĥkaamota Kafanaa Eega dhiqiinsi xumuramee booda kafanuun jalqabama. Ĥukmiin isaa farđ-kifaayaadha. Kafanichi kan haguugu ta’uun isaa sharxiidha. Adii fi qulqulluu odoo ta’e ni jaallatama. Haaraas ta’e kan miiccame ta’uu ni danda’a. Haaraan ni filatama. hanga kafana waajiba ta’ee:- reefficha guutummaan guutuutti kan haguugu ta’uu qaba. Kan jaallatamu immoo maraa sadiin maruudha. Kafanoota bukhuuraan uluun ni jaallatama – bishaan wardii1 yookiin kan isa fakkaatu eega itti biifamee booda. Fooliin bukhuuraa kafanootaan akka wal-qabatuuf jecha. Kun sunnaadhaan mirkanaa'eera. 1 Wardiin gosa abaabooti. 234 Akkaataa Reeffi Kafanamu:- Huccuun reeffi ittiin maramu sadan wali irra godhamanii afamu. Ittiin aansees reeffichi dirqamatti huccuudhaan haguugamee fidamee gara dugda isaatiin huccuuwwan sadani irra godhama. Ittiin aansees shittoon dhufee jirbiitti naqamee taa'aa isaa (hudduu) isaa jidduu godhamee huccuudhaan itti jabeeffama. Jirbiin shittoon itti naqamee hafe immoo ija isaa lammanirra, qaawwa funyaanii, afaanii fi gurra isaa lamaan keessa, qaamolee sujuudiin ittiin gadhaman:- adda, funyaan, harka lamman, jilba lamman, fiixee miilowwan isaarra, qaamolee dhokataa ta’an – bobaa keessa, dachaa jilbaa keessaa fi hannuura isaa irra godhama. Shittoon jidduu kafanootaattis ni godhama – ŝaĥaabonni waan godhaniif jecha. Ittiin aansees qacceen (fiixeen) kafana gara bitaatiin gubbaa irra jiru reeffichatti maramee garri mirga isaa ittiin haguugama. Ittiin aansees qaccee kafana gara mirgaatiin gara bitaa reeffichaa haguuguu. Ittiin aansees kafana lammaffaas sadaffaas akkasuma gochuu. Huccuun gara mataatti hafu gara fuula isaatti deebifama. Huccuun gara miilaatti hafu immoo gara miilaatti marama. Ittiin aansees kafanoonni sadan akka hin bittinnoofneef bakka tokkotti hidhamu. Qabirii keessatti hidhaan sun ni hiikama. Aĥkaama Reeffarratti Salaatuu Reeffa irratti salaatuun farđ kifaayaadha. Gariin namaa yoo raawwate namoota hafan irraa diliin (cubbuun) ni bu’a. Warra hafaniif salaatuun sunnaa ta’a. Namni hundinuu yoo irratti salaatuu dhiise namni hundinuu dilaahaa (cubbamaa) ta’a. Rabbi 235 waa’ee munaafiqootaa ilaalchisee ٨٤ : اﻟﺘﻮﺑﺔL ¦ ¥ ¤ £ ¢ ¡ M “Jara keessaa nama du’e tokko irrattillee gonkuma hin salaatin …” jedha – (Al-Tawbaaa: 84). Nabiyyiiin (ŝâw) munaafiqoota irratti salaatuu irraa dhowwamuun isaanii mu’imintoota irratti salaatuutti ajajamuu isaanii agarsiisa. Muslimoonni mashruu'â ta’uu isaa irratti walii-galaniiru. Shuruuxa Ŝalaatul-janaazaa Shuruuxni ŝalaatul-janaazaa:- niyyaa gochuu, qiblaatti garagaluu, âwrata haguuguu, namni salaatu xahaaraa godhachuu, namni irratti salaatamus (reeffi) xahaaraan godhamuufii, najisa irraa qulqullaahuu, muslimummaa namticha salaatuu, muslimummaa namticha irratti salaatamuu, yoo naannoo jiraate reeffichi dhihaachuu, namtichi irratti salaatu ga'eessa ta’uu. Arkaanota Ŝalaatul-janaaza:- Dhaabachuu, takbiiraa arfan gochuu, faatiĥaa qara’uu, Nabiyyii irratti (ŝâw) ŝalaata buusuu, namticha du’eef du'âa’ii gochuu, tartiiba eeguu fi salaamataa bahuudha. Sunnaaleen isii:- takbiiraa hunda wajjin harka olkaasuu – jara akka Ibnu Ûmar irraa (râ) waan argameef jecha – Bukhaariin haala fannifamaa (mu'âllaqa) ta’een akka gabaasetti. Ibnu Âbbaasirraayis (râ) – sunana Sa’îid bin Manŝuur keessatti akka gabaafametti. Zayd bin Thaabit irraayyis (râ) Ibnu Abii-Shaybaa irraa akka gabaafametti. 236 Qaraatii faatiĥaatiin duratti basmalaa fi isti'âažaa gochuu, ofii fi muslimootaaf du'âa’ii gochuu, qaraatii sagalee hin dhagahamneen qara’u, takbiiraa arfaffaa boodaa fi salamataan dura xiqqoo dhaabachuu – saniin booda du'âa’ii godhus gaariidha, harka isaa lamaan qoma isaa irra kaa’atee harka mirgaa harka bitaa irra gochuu, yeroo salaamataa bahu gara mirgaatti mataa isaa dabsuu – kun hundinuu sunnaadha. Yeroo reeffa irratti salaatamu imaamni yookiin namni qobaa salaatu reeffa dhiiraa yoo ta’e sirrii qomaatiin, reeffa dubartii yoo ta’e immoo sirrii jidduu reeffaatiin dhaabata. Ma’imuumni duuba dhaabata. Ma’imuumtota tarree (sarara) sadii gochuun sunnaadha. Saniin booda takbiiratal-iĥraamii gochuu; takbiirataliĥraamiin eega godhee booda achumaan isti’âažaa gochuu – du'âa’ii baniinsaa (du’âa’ul-istiftaaĥii) hin godhu; basmalaa gochuu, faatiĥaa qara’uu, ittiin aansee takbiiraa gochuu, ittiin aansee Nabiyyii irratti (ŝâw) ŝalaata buusuu – akkuma tashahhuda ŝalaataa keessatti godhamutti, ittiin aansees takbiiraa gochuu, ittiin aansees haala sunnaadhaan nu qaqqabeen namticha du’eef du'âa’ii gochuu – san keessaayis ĥadiitha AbuuHurayraatiin kan gabaafame du'âa’ii waliigalaa kan ta’e kan armaan gadi ni ’argama: اﻟﻠﮭﻢ ﻣﻦ أﺣﯿﯿﺘﮫ، وذﻛﺮﻧﺎ وأﻧﺜﺎﻧﺎ، وﺻﻐﯿﺮﻧﺎ وﻛﺒﯿﺮﻧﺎ،اﻟﻠﮭﻢ اﻏﻔﺮ ﻟﺤﯿﻨﺎ وﻣﯿﺘﻨﺎ وﺷﺎھﺪﻧﺎ وﻏﺎﺋﺒﻨﺎ وﻻ ﺗﻀﻠﻨﺎ، اﻟﻠﮭﻢ ﻻ ﺗﺤﺮﻣﻨﺎ أﺟﺮه، وﻣﻦ ﺗﻮﻓﯿﺘﮫ ﻣﻨﺎ ﻓﺘﻮﻓﮫ ﻋﻠﻰ اﻹﯾﻤﺎن،ﻣﻨﺎ ﻓﺄﺣﯿﮫ ﻋﻠﻰ اﻹﺳﻼم ﺑﻌﺪه Allaahummaghfir liĥayyinaa wamayyitinaa washaahidinaa waghaa’ibinaa waŝaghiirinaa wakabiirinaa wažakarinaa 237 wa’unthaanaa; Allaahumma man aĥyaytahuu minnaa fa’aĥyihi âlal-Islaami waman tawaffaytahuu minnaa fatawaffahu âlaliimaan; Allaahumma laataĥrimnaa ajrahuu walaa tuđillanaa baâdahuu Hiikti isaas:- “Yaa Rabbi, warra lubbuun jirruufis ta’e du’aa keenyaafis, warra asitti argamneefis ta’e warra bakka biraa jiruufis, xiqqaa keenyaafis ta’e guddaa keenyaafis, dhiirotii keenyaafis ta’ee dubartoota keenyaafis dhiifama godhi; yaa Rabbi nu keessaa nama jiraachiftu Islaamummaa irratti jiraachisi; nama ajjeeftu immoo iimaana irratti ajjeesi; yaa Rabbi ajrii isaa nundhabsiisin; isaan boodas nujallisin” jechuudha. Du'âa’iin Âwf bin Maalikiin darbe armaan gadiis jira:اﻟﻠﮭﻢ اﻏﻔﺮ ﻟﮫ وارﺣﻤﮫ وﻋﺎﻓﮫ واﻋﻒ ﻋﻨﮫ وأﻛﺮم ﻧﺰﻟﮫ ووﺳﻊ ﻣﺪﺧﻠﮫ واﻏﺴﻠﮫ ﺑﺎﻟﻤﺎء واﻟﺜﻠﺞ واﻟﺒﺮد وﻧﻘﮫ ﻣﻦ اﻟﺬﻧﻮب واﻟﺨﻄﺎﯾﺎ ﻛﻤﺎ ﯾﻨﻘﻰ اﻟﺜﻮب اﻷﺑﯿﺾ ﻣﻦ اﻟﺪﻧﺲ وأﺑﺪﻟﮫ دارا ﺧﯿﺮا ﻣﻦ داره وأھﻼ ﺧﯿﺮا ﻣﻦ أھﻠﮫ وزوﺟﺎ ﺧﯿﺮا ﻣﻦ زوﺟﮫ وأدﺧﻠﮫ اﻟﺠﻨﺔ وأﻋﺬه ﻣﻦ ﻋﺬاب اﻟﻘﺒﺮ وﻋﺬاب اﻟﻨﺎر Allaahummaghfir-lahuu warĥamhuu waâafiihi waâfu ânhu wa’akrim nuzulahuu wawassiâ mud’khalahuu wagh’silhu bilmaa’i wathalji walbaradi wanaqqihi minažžunuubi wal’khaxaayaa kamaa yunaqqa-thawbul-abyađu minaddanasi wa’abdilhu daaran khayran min-daarihii wa’ahlan khayran min ahlihii wazawjan khayran min-zawjihii wa’ad’khilhul-jannata wa’aîžhu minâžaabil-qabri wa’âžaabinnaar. Hiikti isaas:- “Yaa Rabbi, dhiifama godhiif, raĥmata godhiif, fayyummaa kenniif, dhiisiif, keessummeessaa isaas bareechiif, 238 seensa isaas ballisiif, bishaanii fi cabbiidhaan isa dhiqi, akka huccuun adiin xuriirraa qulqullaahutti dilootaa fi cubbuulee isaa irraa isa qulqulleessi; mana kan mana isaa caalu, maatii kan maatii isaa caalu, haadha-manaa kan haadha-manaa isaa caaltu jijjiirii kenniifi; jennata galchi; qixaaxa qabrii fi qixaaxa ibiddaa irraa isa eegi” jechuudha. Reeffi itti salaatamu kan dubartii yoo ta’e yeroo du'âa’ii godhu اﻟﻠﮭﻢ اﻏﻔﺮ ﻟﮭﺎAllaahummaghfir-lahaa (yaa Rabbi, isiidhaaf dhiifama godhi) jechuudhaan akka dubartiidhaaf godhamutti du'âa’ii godha. Reeffi kan daa’imaa yoo ta’e du'âa’ii walii-galaa ta’e kan duraan caqafame godha. Abuu-Hurayraan (râ) kan armaan gadiis jechuun isaanii gabaafameera.( )اﻟﻠﮭﻢ أﻋﺬه ﻣﻦ ﻋﺬاب اﻟﻘﺒﺮ،()اﻟﻠﮭﻢ اﺟﻌﻠﮫ ﻟﻨﺎ ﺳﻠﻔﺎ وﻓﺮﻃﺎ وذﺧﺮا Allaahummajâlhu lanaa salafan wafaraxan wažukhraa; Allaahumma a’îzhu min âžaabil-qabr – (yaa Rabbi, dursaa keenya, kan nudursee achiitti nusimatu, dilbii achi nuuf taa’u nuuf godhi; yaa Rabbi adaba qabrii irraa eegi). Ittiin aansees takbiiraa godha. Ittiin aansees xiqqoo dhaabatee yeroo tokko qofa gara mirgaatti salaamataa baha. Yeroo tokko tokkos takbiiraalee shan godha. Sunnaadhaan waan argameef jecha. Yeroo tokko tokko jahas, torbas ni godhama. Âliyyi irraa waan argameef jecha. Namni ŝalaatul-janaazaa irraa gariin isa darbe kan hafe imaamaa wajjin salaatee yeroo imaamtichi salaamataa bahe kan isa darbe san akkaatuma ŝalaatul-janaazaan itti salaatamuun guuttata. 239 Hubachiisa:- Janaazaan awwaalamuun dura namni salaatuljanaazaan isa darbe qabirii irratti salaatuu ni danda’a – guyyaa du’a isaa nama irratti salaatuu qabu yoo ta’e. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiithni Ibnu Âbbaas irraa gabaafame waan jiruuf jecha. Hubachiisa:- Reeffichi kan itti hin salaatamin yoo ta’e ŝalaatulghaa’ib itti salaatama – Nabiyyiin (ŝâw) Najjaashii irratti waan salaataniif jecha – (muttafaqun âlayhi). Hubachiisa:- ulfi ji’a afurii fi sanii ol eega ta’ee booda yoo du’ee garaadhaa bahe ni dhiqama; ni kafanama; ŝalaatul-janaazaan itti salaatama; maqaan ni moggaafamaaf; âqiiqaanis ni godhamaaf. Ji’a afurii gadi yoo ta’e garuu irratti hin salaatamu; wantoonni caqafaman biraas hin godhamaniif. Aĥkaama Reeffa Baachuutii fi Awwaaluu Muslimoota keessaa nama dhagahe irratti reenfa baachuunii fi awwaaluun farđ kifaayaa dha. Awwaaluun isaa Qur’aanaa fi sunnaadhaan mash’ruu’ûmmaan isaa mirkana'aa dha. Rabbi akkana jedha:- ٢٥ : اﻟﻤﺮﺳﻼتL ; : 9 8M “Dachii kan walitti qabdu hin goonee? Warra lubbuun jiranis ta’e warra du’an?” – (Al-Mursalaat: 25 -26). Rabbi ٢١ : ﻋﺒﺲL u t s M “Saniin booda isa ajjeese; akka inni awwaalamus godhe;” jedha – (Âbasa: 21). Awwaaluun karaa yookiin qajeelfama Nabiyyiitis (ŝâw). 240 Janaazaa hordofuunii fi gara qabiriitti gaggeessuun farđ kifaayaa dha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Mirgi (haqti) muslima tokkoo kan muslima biraa irra jiru shan” jedhanii kanneen keessaa “yoo du’e hordofi” kan jedhutu jira – (muttafaqun âlayhi). Faayidaa guddaas ni qaba. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “Hanga irratti ŝalaatamutti namni janaazaa irratti argame qiiraaxa tokko argata; hanga awwaalamutti namni argame immoo qiiraaxa lama argata” jennaan “qiiraaxa lama jechuun maal jechuudha?” jedhamanii gaafataman. Isaanis “(ajrii) hamma gaara (tabba) lama gurguddaati” jechuudhaan deebisan. Bukhaariin “namni gaggeesse” jechuudhaanis gabaaseera. Muslim “Namni isii (janaazaa) wajjin bahee hanga isiin awwaalamtutti hordofe” jechuudhaanis gabaaseera. Ĥadiithichi gabaasa hunda keessattuu janaazaa hanga qabiriitti gaggeessu irratti kakkaasuu ofkeessaa qaba. Namni janaazaa hordofe janaazaa baachuu irratti hirmaachuun sunnaadha – cinaalee hundaanuu waliin qabuun kan mijaa'u yoo ta’e. Bakki awwaallii fagoo yoo ta’e konkolaataadhaan yookiin horiidhaan fe’anii geessuunis ni ta’a. Namni janaazaa baate wuduu’a gochuun ni jaallatama. – AbuuHurayraa irraa waan argameef jecha. Janaazaa geggeessuuf daddafuun sunnaadha. Ĥadiitha AbuuHurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “janaazaa geggeessuu irratti daddafaa; janaazaa gaarii yoo taate daftanii waan 241 gaariidhaan geessu; yoo hin taanes waan badaa/hamaa gurmuu keessan irraa buuftan” jedhaniiru – (muttafaqun âlayhi). Haa ta’u malee daddafiinsichi daangaa darbee warra lubbuun jiranis ta’e warra du’an kan dhiphisu/cinqu ta’uu hin qabu. Baattonnis ta’e geggeessitoonni tasgabbiidhaan geggeessuu qabu. Qur’aana qara’uudhaanis ta’e waan biraatiin sagalee jaraa ol-fuudhuu hin qaban. Tahliila (laa’ilaaha illallaah) jechuudhaanis ta’e žikrii biraatiin yookiin “ اﺳﺘﻐﻔﺮوا ﻟﮫdhiifama gaafadhaafii” jechuu fi kkftuun sagalee olqabuu hin qaban. Kun bidâ'a waan ta’eef jecha. Hubachiisa:- Dubartoonni janaazaa wajjin bahuun ĥaraama. Ummu Âxiyyaan “janaazaa hordofuu irraa dhowwamneerra” waan jetteef jecha – (Bukhaarii). Zabana Nabiyyii (ŝâw) dubartoonni janaazaa wajjin hin bahan ture. Janaazaa kan gaggeessu dhiira qofa. Aĥkaamota Awwaallii Qabiriin ballinaa fi gadi-fageenya qabaachuun isaa sunnaadha Nabiyyiin (ŝâw) “qotaa; ballisaa; gadi-fageessaas”1 waan jedhaniif jecha – Ahmad, Abuu-Daawudii fi Al-Tirmižiin Hishaam bin Âamir irraa akka gabaasanitti. Al-Tirmižiin ĥadiithichaan “ĥasanun Nabiiyyiin (ŝâw) kan kana jedhan guyyaa lola uhudiiti. Lola san irratti ŝahaabonni du’an baay’ee waan ta’aniif jecha akkamitti akka awwaalaman yeroo gaafataman Nabiyyiin (ŝâw) “qotaa; ballisa; gadi-fageessaas; qabirii tokkotti lamas, sadis qabaraa” jedhan – hiikticha. 1 242 ŝaĥiiĥ” jedheera. Boolli hamma foolii dhowwuu danda’u gadifagaatus gahaadha. Janaazaa dubartii yeroo qabrii keessa galchan qabiricha haguuguun sunnaadha Dubartiin waan âwraa taateef jecha. Namni reeffa gara qabriitti seensisu ﺑﺴﻢ اﷲ وﻋﻠﻰ ﻣﻠﺔ رﺳﻮل اﷲ bismillaahi wa’âlaa millati rasuulillaahi (maqaa Rabbiitiin; karaa (amantii) ergamaa Rabbiirratti” jechuun sunnaadha Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Reeffota keessan yeroo qabrii keessa galchitan bismillaahi wa’âlaa millati rasuulillaahi jedha” waan jedhaniif jecha – Nasaa’iidhan ala kan jiran warri shananii gabaasaniiru; Al-Tirmižiin ĥasan kan jedheen yoo ta’u mawquufas jedheera. Reeffi yeroo laĥdii keessa seenu cinaacha mirgaa irra godhamee qiblaatti deebifamee kaa’ama. Gochi muslimootaa haaluma kanaan waan deemaa jiruuf jecha. Ittiin aansees banaan laĥdii sirriitti hanga walqabatutti xuubii fi dhoqqeedhaan cufama. Ĥadiitha Âmr bin al-Âas keessatti akka ibsametti. Ittiin aansees biyyoon itti deebifama. Biyyoo qabirii sanii malee biyyoon kan biraa itti hin dabalamu. Qabirichi hamma taakkuu tokkoo ol-kaafama. Akka gooba gaalaatiin. Akka qabirii Nabiyyiitti (ŝâw) godhametti. Lolaan (bishaan) akka irraa gadi bu’utti. Cirrachis itti godhama. Akka walqabatuu fi akka hin bittinnoofne bishaanis itti facaafama. Akka daangaan isaa addaan bahee beekamuuf jecha cinaa lammani irra (dhagaan yookiin mukti) yoo dhaabate rakkina hin qabu. 243 Eega awwaalliin dhumatee booda muslimoonni qabirii bira dhaabatanii du'âa’ii yoo godhaniif dhiifamas yoo gaafataniif jaallatamaadha. Nabiyyiin (ŝâw) reeffa awwaalanii eega xumuranii booda dhaabatanii “Obboleessa keessanii dhiifama gaafadhaafii; tasgabbumaas kadhadhaafii; amma waan gaafatamuuf jecha” jedhaniiru – (Abuu-Daawud). Qabirii irratti Qur’aana qara’uun bidâadha. Nabiyyiis (ŝâw) ta’e ŝaĥaabonni isaanii waan hin godhiniif jecha. Bidâ'an hundinuu dabiinsa. Qabirii ijaaruun, nooraadhaan dibuunii fi irratti katabuun ĥaraama. Jaabir (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) qabiriin nooraadhaan akka hin dibamne, irras akka hin taa’amne, ittis akka hin ijaaramne dhowwaniiru” jedheera – (Musim). Ĥadiitha marfuuâ Al-Tirmižiin gabaasee ŝaĥiiĥas jedheen Jaabir (râ) “qabiriin nooraan akka itti hin dibamne, akka irratti hin katabamnee fi akka irra hin ejjetamne dhowwameera” jedheera. Kun gara shirkiitii fi đariiĥota irratti (qabiriirratti) hirkachuutti waan nama geessu waan ta’eef jecha. Wallaalonni qabirii irratti ijaarsaa fi faaya yoo argan waan itti amananiif jecha. Qabirii keessa ibsaa elektrikiis ta’e ibsaa kan biraa kaa’uun ĥaraama. Masgiidota qabirii irratti ijaaruunis ta’e, qabirii biratti yookiin gara qabiriitti salaatuun ĥaraama. Dubartoonni qabirii daawwachuun ĥaraama.1 Ĥadiitha Ibnu Âbbaasiin dabarfameen Nabiyyiin (ŝâw) “dubartoota qabirii Dubartiif qabirii daawwachuun eeyyamamuuf dhiisuu keessatti ulamoonni bakka sadiitti qoodamaniiru – gariin jaraa guutummaan guutuutti kan 1 244 baay'isanii daawwatan, namoota qabirii irratti masgiida ijaaranii fi ibsaa keessa kaa’an Rabbi jara haa abaaru” jedhaniiru – warri sunanaa akka gabaasanitti. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessattis ĥadiitha Âa’ishaa fi Ibnu Âbbaas irraa (râ) gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) “yahuudotaa fi naŝaarota abaarsi Rabbii jara irra haa jiraatu; qabirii nabiyyoota jaraa masgiida godhatan” jedhaniiru. Qabrii ijaarsaa fi kkfn kabajuun bu’uura shirkii addunyaati. Qabirii irra deemuudhaan, taa’uudhaan, akkasumas kopheedhaan irra ejjechuudhaan salphisuun ĥaraama. Ĥadiitha Muslim AbuuHurayraa irraa (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan qabirii irra taa’uu irra giimii ibiddaa irra taa’ee huccuun isaa gubatee gara qaama isaatti bahuutu isaaf caala” jedhaniiru. Aĥkaamota Taâziyaatii fi Daawwii Qabirii Maatii nama du’ee taâziyaadhaan jajjabeessuun, akka obsan gorsuunii fi nama du’e saniif du'âa’ii gochuun sunnaadha Maatii nama du’eetiif nyaata qopheessanii erguun jaallatamaadha. Nabiyyiin (ŝâw) “maatii Jaâfariif nyaata qopheessaa; wanti jara yaachisu waan jaratti argameef jecha” jedhaniiru – ĥadiithicha dhowwan yoo ta’u daangessuu malee kan eeyyamanis jiru. Gariin immoo daangessanii eeyyamaniiru. Akka ĥadiithichi agarsiisutti Nabiyyiin kan abaaran dubartoota qabirii daawwachuu baay'isan waan ta’eef jecha odoo hin baay'isin daawwachuu ni dandeessi jedhu. Akka ejjennoo jaraatti aakhiraa yaadachuudhaaf qabirii daawwachuun kan eeyyamameef dhiirota qofaaf odoo hin ta’in dubartootaafis. Warri akka Shekh Naasir Al-Diin Al-Albaanii ejjannoo kana warra qaban keessaayyi. – Hiikticha. 245 Ahmadii fi Al-Tirmižiin Âbdallaah bin Jaâfar irraa (râ) kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥasan jedheera. Namoonni tokko tokko haala raajii ta’een nyaata kan qopheessan akkasumas wanti dirqisiisaan odoo hin jiraatin maatii nama du’ee bira yeroo dheeraaf kan taa’an dhowwamaadha. Akkasumas zabana ammaa maatiileen nama du’ee tokko tokko akka namoonni jara biratti walitti qabaniif jecha bakka qopheessuudhaan, nyaata hojjachuudhaan, namoota Qur’aana qara’an kireeffachuudhaan, kanaanis baasii maallaqaatiif kan saaxilaman kun akkuma qophii yaadannoo (tažkaaraa) ĥaraamaa fi bidâ'aadha. Qabirii Daawwachuu:Qabirii daawwachuun dhiira qofaaf1 jaallatamaadha. Kunis qabrii ilaalanii gorfamuudhaaf akkasumas nama du’eef du'âa’iif istighfaara gochuudhaaf jecha. Nabiyyiin (ŝâw) “qabirii akka hin daawwane isin dhowween ture; (ammaan booda) daawwadhaa” jedhaniiru – Muslimii fi Al-Tirmižiin akka gabaasanitti. Gabaasni Al-Tirmižii “isiin aakhiraa isin yaadachiifti” kan jedhu dabalata qaba. Kunis kan ta’uu qabu deemsa karaa dheeraa odoo hin godhiniidha. Qabirii daawwachuun shuruuxa sadi qaba. Isaanis:- Dubartootaafis kan dhorgamu baay'isuudha malee yeroo tokko tokko gorfamuuf jecha ziyaaruun dhorgaa hin qabu. Kan Rabbi abaare warra ziyaaraa qabrii baay'isanuudha. Aa'ishaan qabrii obboleessa ishee Abdur-Rahmaan dubbisaa turte. Gulaalaa 1 246 1/ Namni daawwatu dhiira malee dubartii ta’uu dhabuu. Nabiyyiin (ŝâw) “dubartoota qabirii baay'isanii daawwatan abaarsi Rabbii irra haa jiraatu” jedhani – Ahmad, Al-Tirmižii fi Ibnu Maajaan akka gabaasanii fi Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedhetti. 2/ Daawwichi deemsa dheeraa (imala) kan deemsisu ta’uu dhabuu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Gara masgiida sadii malee fe’atanii deemuun hin ta’u” jedhaniiru – (muttafaqun âlayhi). 3/ Kaayyoon Daawwii sanii gorfamuu i aakhiraa yaadachuudhaaf akkasumas namoota du’aniif du'âa’ii gochuu ta’uu. Kaayyoon daawwichaa qabirii fi ijaarsa isaa (đariiĥota) irraa barakaa argachuu, haajaa baafachuu, dhiphina irraa (cinqaarraa) bahuuf yoo ta’e daawwiin akkanaa shirkii fi bidâadha. Daawwataan fuula isaa gara namticha du’eetti garagalcha. Yeroo namticha du’eef du'âa’ii gochuu barbaade gara qiblaatti garagala. Yeroo ziyaaraa žikroota sunnaadhaan argaman godha. 247 BOQONNAA SADII AĤKAAMOTA ZAKAA Zakaan arkaana Islaamaa fi bu’uurota isaa gurguddoo keessaa isa tokko. Ragaaleen Qur’aanaa fi ĥadiithaa kana irratti wal gargaaraniiru. Rabbi Qur’aana keessatti zakaa bakka saddeetamii lamatti ŝalaataa wajjin walitti qindeessee fiduun isaa waa’een zakaa sadarkaa guddaa akka qabu agarsiisa. Rabbi:- ٤٣ :اﻟﺒﻘﺮة L n m l k M “Ŝalaatas sirna isaa eegaa salaataa; zakaas kennaa” jedha – (Al-Baqaraa: 43). Ammas Rabbi akkana jedha:٥ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L ±° ¯ ® ¬ « ª © ¨ M“… yoo toobbatanii, ŝalaata sirna isaa eeggatanii salaatanii fi zakaas kennan karaa isaanii gadi dhiisaafii” – (Al-Tawbaa: 5). Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Islaamummaan waa shan irratti ijaarame:- Rabbiin malee (dhugaan) gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muĥammad ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, ŝalaata sirna isaa eeganii salaatuu, zakaa kennuu, …” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Zakaan dirqama ta’uu isii, arkaanaa Islaamaa keessaa ruknii sadaffaa ta’uu isii, namni waajibummaa isii morme kaafira ta’uu isaa fi namoota zakaa dhowwatan itti duuluun akka danda’amu muslimoonni itti waliigalaniiru (ijmaaâ godhaniiru). 248 Zakaan farđii taatee kan murtoofte hijraa Nabiyyi irraa (ŝâw) waggaa lammaffaa irratti ture. Nabiyyiin (ŝâw) zakaan akka isiin nama haqa godhatuuf geessuuf jecha namoota isii walitti qabanii fidanu ergu ture. Sunnaan khulafaa’u Arraashidiinii fi gochi muslimtootaas haaluma kanaan darbe. Zakaa kennuun ummataaf waan gaarii gochuudha; qabeenya xurii irraa qulqulleessuudha; badiinsa irraayis eeguudha; namni Rabbii isaatiif garbummaa isaa kan inni itti ibsuudhas. Rabbi akkana jedha:-١٠ : اﻟﺘﻮﺑﺔL { z y xw v u t sr q p o n m l k jM “Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituu fi isaaniif dabaltuun fuudhi. Rabbiinis isaaniif kadhu; kadhaan kee isaaniif tasgabbiidha. Rabbiin dhagahaa, beekaadha.” – (AlTawbaa: 103). Kanaaf jecha zakaan nafsee namaa doqnummaa irraa kan qulqulleessituu fi horii jaallatu irraa baasuudhaan waan Rabbitti dhihaachuu qabuuf jecha dureessa kan qormaattuudha. Zakaan akka hiika qooqaatti xuhuura, faarsuu fi qulqulleessu jechuudha. Rabbi zakaa jedhee kan inni waameef nafsee fi horii waan isiin qulqulleessituuf. Isiin kan horii hirdhiftuu fi abbaa horii kan miitu qixaaxa yookiin gibira miti. Hinumaayyuu faallaadhaan haala namni hin beekneen akka horiin dabaluu fi guddatu gooti. Nabiyyiin (ŝâw) “ŝadaqaan horii irraa hin hirdhiftu” jedhaniiru – (Muslim). 249 Zakaan akka hiika shari’âatti yeroo murtaahetti garee murtaahaniif kennuudhaaf horii murtaahe irratti dirqama waajiba godhameedha. ZAKAAN DIRQAMA TA’UUDHAAF SHURUUXA GUUTAMUU QABAN SHANAN 1/ Bilisummaa (Birmadummaa) – garba irratti zakaan waajiba hin ta’u. Waan qabeenya hin qabneef jecha. 2/ Abbaan horii muslima ta’uu qaba. Zakaan kaafira irratti waajiba miti. Akka kaffalu irraa hin barbaadamu. Rabbi akkana jedha:٥٤ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L º ¹ ¸ ¶ µ ´ ³ ² ± ° ¯ M “Rabbii fi ergamaa isaatti kafaruu, salaatas hifatoo ta’anii malee kan hin dhufnee fi kan jibban ta’anii malee kan hin arjoomne ta’uu isaanii malee wanti sadaqaaan isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru.” – (Al-Tawbaa: 54). Zakaa kennuun Rabbitti dhihaachuu fi ajaja isaa raawwachuudha. Kaafirri immoo gara Rabbiitti kan dhihaatuu fi ajaja isaa kan raawwatu miti. Zakaa kennuun niyyaas ni barbaada. Kaafirri niyyaa hin godhu. Waajibummaan itti gaafatamummaa akka isa irra jiru jechuun aakhiraatti akka ittiiin gaafatamuu fi qixaaxa addaa akka ittiin qixaaxamu aayanni Rabbii armaan gadii ni ibsa:٤٤ - ٤٢ :اﻟﻤﺪﺛﺮ L ö õ ô ó ò ñ ð ï î í ì ë ê é è M “Ŝaqar keessa maaltu isin galche? (Jarris) ni jedhu:- warra salaatu irraa 250 hin turre. Miskiinotas kan nyaachifnu hin turre” – (Al-Muddathir: 42 – 44). Ĥadiitha Mu'âaž bin Jabaliin (râ) darbeen Nabiyyiin (ŝâw) “Rabbiin malee (kan dhugaan gabbaramu) waaqni biraa akka hin jirree fi Muĥammad ergamaa Rabbii ta’uu isaa akka ragaa bahan waamicha godhiif; yoo kana sirraa qeebalan ŝadaqaa dureessa jaraa irraa fuudhamtee gara hiyyeessa jaraatti deebifamtu Rabbi akka dirqama itti godhe jara beeksisi” jedhaniiru – (muttafaqun âlayhi). Kanaanis waajibummaa zakaatiif muslimummaan sharxii godhame. 3/ Horii yookiin qabeenya madaala zakaa itti dirqama ta'u (niŝaaba) guutu qabaachuu. Qabeenyi niŝaabaa gadi yoo ta’e zakaan waajiba hin ta’u. Niŝaaba jechuun hanga (baay'ina) horii beekamaa yoo ta’u ibsi isaa fuulduratti dhufa. 4/ Abbaan qabeenyummaa mirkanaa'uu:- Kana jechuun abbaan mirgummaa nama biraa horichatti kan rarra’e ta’uu dhabuudha. Horii abbummaan isaa hin mirkanoofne keessa zakaan hin jiru. Fakkeenyaaf daynii (idaa) mukaataba irra1 jiru. Mukaatabni dadhabe kaffaluu hin danda’u jechuu waan danda’uuf jecha. 5/ Qabeenyichi kan waggaa guute ta’uu. Âliin (râ) “Horiin hanga waggaa guututti zakaan keessaa hin bahu” jedhaniiru – AbuuDaawud, Al-Daaraquxnii fi Al-Bayhaqiin akka gabaasanitti. Mukaataba jechuun garbicha horii walitti qabatee kaffaluudhaan bilisummaa akka of baasaa jiruudha. – hiikticha. 1 251 Ĥadiithni Âa’ishaas (râ) kanaaf ragaa ta’a. Kun Ŝaĥaabota akka Abuu-Bakar, Ûthmaan, Âli, Ibnu Ûmar irraa sanadoota mirkanaahaa ta’aniin gabaafamaniiru. Waan lafa irraa biqilu keessaa zakaa baasuun dirqama kan ta’u wanti biqilu sun yeroo gaheedha. Waggaa guutuun hin ilaalamu. Waggaa guutuun kan sharxii ta’u qarshii, beelladaa fi meeshaalee shaqaxaatiif yoo ta’u kunis abbaa qabeenyaatiif laaffisuudhaa fi qabeenyichis bifa guutuu ta’een akka misoomuufi. Zakaa keessaa baasuun waajiba kan itti ta’u dhalli beelladaatii fi bu’aan daldalaa waggaan jaraa kan ilaalamu horiin jalqabaa yookiin beelladni jalqabaa waggaa guutuudha. Kan jalqabaa niŝaaba kan guutu yoo ta’e beellada haaraa dhalataniif yookiin bu’aa daldalaatiif qobaatti waggaa guutuun hin eegamu. Kan jalqabaa niŝaaba kan hin guunne yoo ta’e lakkoofsi hin jalqabu. Waggaan lakkaahuu kan jalqabu yeroo niŝaaba guute irraa jalqabeeti. ZAKAA DAYNII Namni hiyyeessa irraa yookiin nama dafee namaaf hin kaffalle irraa daynii (idaa) qabu ilaalcha irra sirrii ta’een zakaa kan baasu yeroo idaan sun deebi’uuf yoo ta’u kan baasus kan waggaa 252 tokkooti.1 Idaa kan qabu nama dureessa irraa yoo ta’e zakaa wagguma waggaan kaffala. Qabeenya itti tajaajilamuuf qophaahe kan akka mana jireenyaa, uffata, meeshaalee mana keessaa, konkolaatotaa, beelladoota geejjibaaf qophaahan keessaa zakaan hin baafamu. Kan kiraayiidhaaf qopheeffaman akka konkolaattotaa, dukkaanota, manneetii fi kkf hundeewwan jaraa keessaa zakaan hin baafamu. Zakaa baasuun dirqama kan ta’u galii kiraayii jaraa keessaayi. Kunis kiraayichi matuma isaatti yookiin waan biraatiin walitti makamee yoo niŝaaba guutee fi guyyaa waliigaltee irraa jalqabee yoo waggaa guuteedha. Namni eega zakaan waajiba itti ta’ee booda odoo hin baasin du’e horii inni dhiisee du’e keessaa zakaa baasuun dirqama ta’a. Du’a namtichaatiin zakaan hin hafu. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “kan irra kaffalamuu qabu idaa Rabbiiti” jedhaniiru – Bukhaarii, Muslimii fi kan biraas akka gabaasanitti. Namtichi dhaalu yookiin namni biraa horii namtichi dhiisee du’e keessaa kaffala. Kunis waan waajiba taateef jecha. Du’a namtichaatiin hin hafu. Idaa gurmuu namticha du’ee irratti hafte waan taateef jecha gurmuu isaa bilisa gochuun dirqama ta’a. Kana jechuun maallaqni sun namticha liqeeffate bira waggaa tokkoo ol kan ture yoo ta’es abbaan maallaqaa yeroo maallaqa san namticha liqeesse san irraa fudhatu zakaa waggaa tokkoo qofa kaffala jechuudha. – hiikticha. 1 253 ZAKAA BEELLADAA Beelladni wantoota Rabbi zakaa waajiba irratti taasise keessaayi. Jarris:- gaala, loon, hoolaa fi re’eedha. Ĥadiithonni Nabiyyi irraa (ŝâw) gabaafaman ŝaĥiiĥa ta’an beelladoota kanneen irratti zakaan waajiba ta’uu agarsiisu. Nabiyyiin (ŝâw) laga Ârabaa naannoo Madiinaatii fi naannolee biraa jiran irraa namoota beelladoota kanneen keessaa zakaa walitti qabanii fidan ergu ture. Gaala, Loon, Hoolaa fi Re’ee Keessaa Zakaa Baasuun Waajiba kan Ta’u Sharxii Lamaan:Sharxiin Tokkoffaan:- Ittiin hojjachuuf odoo hin ta’in aannanii fi hormaataaf kan qabataman ta’uu. Kana yoo ta’e faayidaan jaraa ni baay'ata; haala gaariidhaan waan guddatanii fi waan horaniif jecha jara irraa kennuun ni mijaaha. Sharxiin Lammaffaan:- Bobba’anii kan dheedan (saa’imaa) ta’uu qabu. Jechuunis waggaa guutuu yookiin waggaa keessaa yeroo gara caalaa bobba’anii kan dheedan ta’uu qabu. Ĥadiitha Bahz bin Ĥakiim abbaa isaa irraa akaakayyuu isaa irraa dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “gaala bobbaatee dheeddu hunda keessaa gaala afurtama keessaa ibnatu-labuun1 zakaa kennamti” jedhaniiru – Ahmad, Abuu-Daawud fi Al-Nasaa’iin akka gabaasanitti. Ibnatu-labuun jechuun gaala dhaltuu waggaa lama fixxee waggaa sadaffaa jalqabde jechuudha. 1 254 Beelladoota okaan/mannoon bitamee yookiin walitti qabamee qallabaman keessaa zakaa baasuun waajiba hin ta’u. 1/ Zakaa Gaalaa Shuruuxni (ulaagaaleen) yoo guutaman gaala shan irraa reettii tokkotu zakaa kennamti. Gaala kudhan keessaa reettii lamatu kennamti. Gaala kudha shan keessaa reettii saditu kennamti. Gaala digdama keessaa reettii afurtu kennamti. Sunnaanii fi ijamaa’îiin (waliigalteen muslimoota) kana agarsiisan. Gaalonni digdamii shan yoo guutan bintu makhaad zakaa kennamti. Bintumakhaad jechuun gaala dhaltuu kan waggaa tokko xumurtee waggaa lammaffaa jalqabde jechuudha. Bintu-makhaad wanti jedhamteef haati isii yeroo kanatti baay'inaan waan ulfooftuuf. Dirqamatti ulfaahuu kan qabdu yoo hin taanellee. Bintumakhaadiin yoo dhabe bakka isii ibnu-labuun kenna. Ĥadiithni Anas irraa gabaafame “bintu-makhaad yoo dhabamte ibnu-labuun – kormi – kennama” waan jedhuuf jecha – Bukhaarii. Gaala 36 yoo guute bintu-labuun baasuun dirqama ta’a. Ĥadiitha Anas keessatti “36 hanga 45 yoo gahan bint-labuun keessaa kennamti” waan jedhameef jecha – (Bukhaarii). Ijmaa'îin akka agarsiisutti gaala dhaltuudha. Bint-labuun jechuun kan moggaafamtes haati isii yeroo kanatti gara caalaatti dhaltee aannan (laban) waan qabaattuuf. Haa ta’u malee dhaluun isii sharxii miti. Waan gara guddaa ta’uun moggaafamuu isiiti male. Gaala 46 yoo guute san keessaa hiqqaa tokko kennuun waajiba ta’a. Hiqqaa jechuun gaala waggaa sadii guutte jechuudha. Maqaa 255 kanaan kan moggaafamteefis umurii isii kana irratti kormi isii yaabbachuu waan danda’uuf, akkasumas namas ta’e meeshaa (fe’iisa) baachuu waan dandeessuuf. Ĥadiitha Anas keessatti “(gaalli) afurtamii jaha yoo guutte hiqqaan zakaa kennamti” jedhameera – (Bukhaarii). Gaala 61 yoo guutte san keessaa jaža'âa tokko kennuun waajiba ta’a. Jaža'âa jechuun gaala dhaltuu kan waggaa afur guutte jechuudha. Wanti isiin jaža'âa jedhamteef waan umurii kana irratti ilkaan buqqiftuuf. Baay'ina gaalaa hamma kana keessaa jaža'âa tokko kennuun waajiba ta’uu kan agarsiisu ĥadiitha Anas (râ) kan Bukhaariidhaan gabaafame keessatti “(gaalli) jaatamii tokko hanga torbaatamii shanii yoo guutte san keessaa jaža'âan tokko zakaa kennamti” jedhamuu isaati. Ulamoonni kana irratti ijmaa'â godhaniiru. Baay'inni gaalaa 76 yoo guute bint-labuun lama zakaa kennuun dirqama ta’a. Ĥadiitha Anas (râ) kan Bukhaariidhaan gabaafame keessatti “(gaalli) torbaatamii jaha hanga sagaltamaa yoo guutte san keessaa bint-labuun lama zakaa kennuun waajiba ta’a” waan jedhameef jecha. Baay'inni gaalaa 91 yoo guute hiqqaa lama zakaa baasuun waajiba ta’a. Ĥadiitha Anas (râ) kan Bukhaariidhaan gabaafame keessatti “(gaalli) sagaltamii tokko irraa hanga dhibba tokkoo fi digdamaa yoo taate san keessaa hiqqaa lama kan kormi yaabbate zakaa baasuun waajiba ta’a” waan jedhameef jecha. Ulamoonni kana irratti ijmaa'â godhaniiru. 256 Baay'inni gaalaa 120 irratti tokkoon yoo dabale bint-labuun sadii zakaa kennuun waajiba ta’a. Saniin booda hanga baay'inni gaalaa afurtama afurtamaan dabaluun bint-labuun tokko akkasumas hanga shantama shantamaan dabaluun immoo hiqqaa tokko zakaa baasuun dirqama ta’a. 2/ Zakaa Loonii Loon keessaayis akka zakaan bahu naŝŝiidhaanis1 ta’e ijmaa’îidhaan waajiba. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti Jaabir (râ) ergamaan Rabbii (ŝâw) “abbaa gaalaas ta’e abbaan loonii akkasumas abbaan hoolaa/re’ee zakaa isii yoo hin kennin guyyaa qiyaamaa akka duraan turte irra guddattee furdattee dhufuudhaan gaafa isiitiin kan isa waraantuu fi kottee isiitiin kan isa dhidhiittu odoo hin ta’in hin hafu” jechuu isaanii dhagahuu isaa dubbateera. Mu'âaž (râ) ‘Nabiyyiin (ŝâw) yeroo Yamanitti isa ergan ŝadaqaan (zakaan) loonii loon soddoma keessaa tabii'â (hordofaa) tokko, loon afurtama keessaa immoo musinnaa tokko akka fuudhu akka isa ajajan’ ibseera – Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Tirmižii fi AlNasaa’iin akka gabaasanitti. Baay'inni loonii yoo 30 guute tabii'â/tabii'âa(hordofaa/ hordoftuu) waggaa tokko guutee/guuttee gara waggaa lamaatti seene/seente zakaa kennuun waajiba ta’a. Tabii'â (hordofaa) 1 Nassii jechuun aayaa qur’aanaa yookaa haadiithaa ifa galaa ta’e jechuudha. 257 wanti jedhameef haadha isaa hordofee gara dirreetti waan bobba’uuf. Loon soddomaa gaditti zakaan keessaa hin bahu. Mu'âaž (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) gara Yamanitti yeroo na ergan loon yoo soddoma hin guutin zakaa akka keessaa hin fuune na ajajaniiru” jedheera. Waliigalatti baay'inni loonii yoo 40 guute sa’a musinnaa tokko kennuun waajiba ta’a. Musinnaa jechuun sa’a waggaa lama guutte jechuudha. Mu'âaž (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) loon soddoma keessaa tabii'â yookiin tabii'âa tokko, loon afurtama keessaa immoo musinnaa tokko akkan fuudhu na ajajaniiru” jedheera – akka warri shanan gabaasanii fi Ibnu Ĥibbaan, Al-Ĥaakim fi Ibnu Âbdul-Barri ŝaĥiiĥa akka jedhanitti. Baay'inni loonii yoo 40 caale loon soddoma soddoma keessaa tabii'â akkasumas loon afurtama afurtama keessaa immoo musinnaa zakaa baasuun waajiba ta’a. 3/ Zakaa Re’ee/ Hoolaa Zakaan reettii/hoolaa bu’uurri waajibummaa isaa sunnaa fi ijmaa’îi dha. Akka Bukhaarii keessatti gabaafametti xalayaa AbuuBakar (râ) Anasiif (râ) kataban keessatti “Isiin kun kan ergamaan Rabbii (ŝâw) muslimoota irratti dirqama godhanii fi Rabbi ergamaa isaa kan itti ajajeedha …” kan jedhan yoo ta’u san keessatti “… re’oota/hoolota saa’imaa (bobbaatuu) taate afurtamaa hanga dhibba tokkoof digdamaa keessaa re’ee yookiin hoolaa tokko zakaa baasuun dirqama ta’a …” jedhaniiru. 258 Hoolaa yookiin re'ee 40 keessaa hoolaa korma tokko yookiin re'ee dhaltuu tokkotu kennamti. Baay'inni ghanamaa (re'ee yookiin hoolaa) afurtamaa gadi yoo ta’e zakaan waajiba itti hin ta’u. Bukhaarii keessatti akka gabaafametti xalayaa Abuu-Bakar Anasiif barreessan keessatti “… re’oota bobbaatuu taate kan nama tokkoo afurtama irraa tokko illee yoo hir'atte dirqamni zakaa irra hin jiru; abbaan re’ee yoo kennuu barbaade male…” jedhaniiru. Baay'inni re'ee yookiin hoolaa 121 yoo guute re'ee yookiin hoolaa 2 kennuun dirqama ta’a. Ĥadiithni Abuu-Bukar kan duraan caqafame akka ibsutti. Ĥadiithicha keessatti “yoo dabalte – jechuun dhibba tokkoo fi digdama irratti yoo dabalte – re'ee lama kennuun dirqama ta’a” jedhaniiru – (Bukhaarii). Baay'inni jaraa 201 yoo guute re'ee yookiin hoolaa sadii kennuun waajiba ta’a. Ĥadiitha Abuu-Bakar keessatti akka ibsametti “dhibba lama irratti yoo tokko dabalamte re'ee saditu zakaa kennama” jedhaniiru – (Akka Bukhaariin gabaasetti). Baay'ina kanaan booda dirqamni zakaa hin jijijjiiramu. Hamma re'een100 dabalamteen re'een tokko kennamti. Re'ee 400 keessaa re'ee 4, re'ee 500 keessaa re'ee 5, re'ee 600 keessaa re'ee 6, … haaluma kanaan itti fufa. Kunis kitaaba ŝadaqaa (zakaa) kan Abuu-Bakaris hanga du’anitti, Ûmaris hanga du’anitti ittiin hojjatan keessatti akka armaan gadiitti ibsameera – “yoo tokko dabalte hanga dhibba sadiitti re'ee sadiitu baafamti; kana irra yoo dabale hanga dhibba tokko tokko dabaleen re'ee tokko kennamti” – (Bukhaarii). 259 Re'een/hoolaan dullattiin (dulloomtuun) yookiin dhibee uđĥiyaadhaaf akka hin taane isii godhu qabdu zakaadhaaf hin fuudhamtu. Re’oonni/hoolonni hundinuu akkuma san yoo ta’an male. Re'een/hoolaan rimaas taate kan ilmoo isii hoosisaa guddisaa jirtu zakaaf hin fuudhamtu; kan kormaan yaabbatamtes hin fuudhamtu – rimaa ta'uu waan dandeessuuf jecha. Akka Bukhaariidhaan gabaafametti Abuu-Bakar (râ) “kan dulloomte ŝadaqaaf (zakaaf) hin kennamtu; kan dhibee qabdu yookiin kan iji isii sirriitti hin argines hin kennamtu; fedhii abbaa zakaa kennuutiin yoo ta’e malee kormi re'ees hin fuudhamu” jedhaniiru. Rabbi ٢٦٧ : اﻟﺒﻘﺮةL u t s r q M “yaa warra amatan! waan horattanii fi waan lafa keessaa isiniif baafnerraa waan gaarii keessaa arjoomaa; waan fokkataas (kennuu) hin yaadinaa; …” jedha – (Al-Baqaraa: 267). Horiin caaltuun kan onneen abbaa itti rarraatus hin fuudhamtu; kan furdattee fi kan nyaataaf qophooftes (akuulaan) hin fuudhamtu; Nabiyyiin (ŝâw) yeroo Mu'âaziin Yamanitti ergan “horii isaanii kan filamtuu taate irraa eeggadhu” jedhaniiruun. Kan sadaqaadhaaf (zakaadhaaf) fuudhamu horii jiddu-galeessa ta’e. Horiin jiran hundinuu dhukkobsattoota yoo ta’an kan zakaadhaaf fuudhamus dhukkubsataadhuma ta’a. Wanti zakaan waajiba ta’eef laaffisuudhaaf yoo ta’u dhukkubsataa keessaa fayyaa akka kaffalu dirqisiisuun isa miidhuudha. Horiin jiran hundinuu xixiqqaa yoo ta’an kan zakaadhaaf fuudhamus xiqqoo ta’a – keessattiiyyuu re'ee fi hoolaadhaa. 260 Abbaan horii hanga isa irratti waajiba ta’ee ol waan irra gaarii ta’e kennuu yoo barbaade caalaadha, ajriin isaas guddaadha. Horiin jiran yoo walmakaa ta’an jechuun xixiqqoo fi gurguddoo yookiin fayyaa fi dhukkubsataa yookiin kormaa fi dhalaa walmakaa yoo ta’an tilmaama horii lamaatiin dhaltuun guddoon fayyaa taate fuudhamti. Horiin sun warra gurguddoo bu’uura gochuudhaan tilmaamni bahee tilmaama saniin hangi zakaa barama. Akkasumas warra xixiqqaa bu’uura gochuudhaan tilmaamni eega bahee booda walakkeessa (average) tilmaama lammaniitiin zakaan baha. Godoonni biraas haaluma kanaan raawwatamu. Fayyaa fi dhukkubsataan yookiin kormaa fi dhalaan haaluma kanaan walakkeessi jaraa baha. Fakkeenyaaf akka tilmaama niŝaaba warra gurguddaa fi fayyaatiin gatiin zakaa bahu 20 ta’ee, tilmaama warra xixiqqaatii fi dhukkubsataatiin immoo gatiin zakaa bahuu 10 yoo ta’e, gama lammaniiyyuu walakkaa walakkaan fudhatamee walakkeessaan (average) isaanii 15 baafama. Shirkaa (Walittimakiinsa) horii nama adda-addaa Shirkaan (Walitti-makiinsi) horii nama adda-addaa (khalxaan) gosa lama qaba:Gosti Tokkoffaan:- shirkaa guutuu (khalxu aâyaan):- kana jechuun horiin hundinuu kanuma waliiti jechuudha – qoodni tokkoo kaan irraa odoo adda hin bahin. Fakkeenyaaf horii san keessaa qoodni nam tokkoo duuchaadhumaan walakkaadha yookiin kurmaana akka jechuuti. 261 Gosti lammaffaan:- khalxatu awŝaaf:- gosa kana keessatti qoonni nama (shariika) hundaayyuu adda bahee ni beekama – kan walmakate ta’us. Gosti shirkaa lammanuu akkaataa kenniinsa zakaa irratti dhiibbaa qabu:- waajiba yookiin bilisa gochuu irratti, jabeessuu irratti yookiin laaffisuu irratti. Gosti shirkaa lammanuu shuruuxa (ulaagaalee) murtaa'aadhaan qooda shariika lammanuu akkuma horii tokkootti yookiin qooda tokkootti akka ilaalamu godhu. Sharxiin Tokkoffaan:- Horiin waliigalaa niŝaaba guutuudha. Kan niŝaaba hin guunne yoo ta’e zakaan waajiba itti hin ta’u. Kana jechuun horiin shariikotaa shariika shariikaan adda-addatti qoodni jaraa niŝaaba kan hin guunne yoo ta'ellee kan lammanii bakka tokkotti kan guutu yoo ta’e zakaan waajiba ta’a. Sharxiin Lammaffaan:- Shariikonni namoota zakaan itti wajabu irraa ta’uu. Shariikota keessaa namni tokko kan zakaan isa hin ilaallanne yoo ta’e – fakkeenyaaf kaafira yoo ta’e – shirkaan sun wanti inni argamsiisu hin jiru. Shariikni hundinuu qooduma isaa irratti murtii argata. Sharxiin Sadaffaan:- Horiin walitti makaman lamaan wantoota muraasa kan waliin fayyadaman yoo ta’e, fakkeenyaaf bakka bultumaa waliin kan fayyadaman yoo ta’e, bakka irraa bobba’an waliin kan fayyadaman yoo ta’e, bakka itti elmaman waliin kan fayyadaman yoo ta’e – (shariikonni horii jaraa bakka bakkatti adda-addaan kan elman yoo ta’e shirkaan jaraa waan fidu waan hin qabneef jecha), korma waliin kan fayyadaman yoo ta’e – 262 jechuun shariikni lammanuu adda-addatti korma kan hin qabne ta’ee lammanuu korma tokko horii jaraa kan yaabbachiisan yoo ta’e, bakka dheedan horiin hundinuu kan waliin fayyadaman yoo ta’e – jechuun shariikni lammanuu bakka adda-addaatti kan dheechifatan yoo ta’e shirkaan jaraa wanti inni argamsiisu hin jiru. Ulamoonni tokko tokko murtii kanaa gara aadaatti (ûrfiitti) deebisaniiru. Shuruuxni (ulaagaaleen) kanneen yoo guutan horiin walitti makaman akka qabeenya tokkootti ilaalamu. Ĥadiitha Anas dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ŝadaqaa (zakaa) sodaachuudhaan horii adda-adda jiru walitti makuunis ta’ee kan walitti makamee jiru adda-adda baasuun hin ta’u; shariikonni hanguma qabeenya isaaniitiin jidduu jaraatti sirreessu” jedhaniiru – Al-Tirmižii, Abuu-Daawuud fi Ibnu-Maajaan kan gabaasan yoo ta’u AlTirmižiin ĥasan jedheera. Fakkeenyaaf shariikni tokko yoo re'ee 1 qabaatee shariiknikaan immoo re'ee 39 qabaate yookiin immoo shariikonni afurtamni bakka tokkotti re'ee 40 walitti yoo qabaatan – jechuun gaheen tokko tokkoon isaanii re'ee tokko tokko ta’ee waggaa guutuu shirkaadhaan yoo turanii fi shuruuxni duraan ibsaman yoo guutan re'ee 1 zakaa baasu – akkuma qabeenya jaraatiin qoqqooddachuudhaan. Fakkeenya tokkoffaatiin (1 i 39 kan qaban) namtichi re'ee 1 qofa keessaa qabu 1 re'ee tokkoo 40 kaffala. Kan hafe 39 40 kan kaffalu abbaa re'ee 39ti. Akka fakkeenya lammaffaatti namoonni afurtammanuu mata-mataa 263 jaraatiin 1 40 re'ee tokkoo kaffalu. Shariikonni sadii re'ee 120 walitti yoo qabaatan – gaheen tokko tokkoon jaraa re’ee afurtama afurtama yoo ta’e namoonni sadeenuu bakka tokkotti re'ee 1 zakaa baasu. Tokko tokkoon jaraatiif 1 re'ee tokkoo jechuudha. 3 Horiin nama tokkoo bakka bakka jiraachuun jijjiiramni inni fidu hin jiru. Bakka bakka jiraatus walitti qabamee murtiin itti kennama. Ilaalchi irra fudhatamaan kana. Wallaahu A'âlam. ZAKAA MIDHAANIITII FI FUDURAA Rabbi akkana jedha:٢٦٧ :اﻟﺒﻘﺮة L po n m l k j i h g f e d c M “Yaa warra amantan! waan omishtan irraa waan gaarii, akkasumas waan lafa keessaa isiniif baafne irraa arjoomaa…”– (Al-Baqaraa: 267) Zakaan arjummaas jedhamtee ni yaamamti. Rabbi akkana jedha:٣٤ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L Z Y X W V U T S R M “ … warra warqee fi meetii kuusanii karaa Rabbii keessatti isii hin arjoomne …” – (Al-Tawbaa: 34). Kana jechuun warra zakaa isii hin baafne jechuudha. Sunnaan kabajamtuun zakaan midhaaniitii fi fuduraa (firaafiree) akka baafamu guddiftee kan hubachiifte yoo ta’u hanga baafamus akkuma gara fuulduraatti dhufutti ibsiteetti. Zakaan qamadii, 264 garbuu, tamirii fi zabiiba keessaa akka bahu muslimoonni itti waliigalaniiru. Hubachiisa:- Zakaan midhaan hundumarrattuu waajiba – qamadii, garbuu, ruuzii, bisingaa fi midhaan biraa keessaayis. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid (râ) dabarsan keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “midhaanis ta’e tamirii wasaqii (daawullaa) shanii gadi ta’e keessa zakaan hin jiru” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseenis Nabiyyiin (ŝâw) “wanta roobaa fi lagaan omishame keessaa tokko kurnaffaatu ( 1 ) baha” jedhaniiru – 10 (Bukhaarii). Safaramanii olkaa’amuu kan danda’aman fuduraa (firaafiree) kan akka tamirii, zabiibaa fi kkf keessaayis zakaa baasuun waajiba. Midhaanis ta’e fuduraa niŝaaba hin guunne keessaa zakaa baasuun waajiba miti. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid Al-Khudriin (râ) dabarsan keessatti Nabiyyiin (ŝâw) “(midhaanii fi tamirii) wasaqii (daawullaa) shanii gadi ta’e keessa zakaan hin jiru” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Wasaqiin (daawullaan) tokko saa'îi (qunnaa) jaatama – saa'îi yeroo Nabiyyii (ŝâw) tajaajilaa tureen. Saa'îin tokko harka nama jiddugaleessaatiin muddii1 afur yoo ta’u kiilo giraamiidhaan yoo safaramu 2.40 k.g ta’a.2 Zakaan midhaaniitii fi fuduraa sharxii lama qaba:- 1 Muddiin tokko waan harka lamaan yeroo tokko hammaaramuudha 2 Yeroo kiilo giraamiitti jijjiiramu akkuma ulfina midhaaniitiin wal-dhaba. 265 Tokkoffaan:- Akkuma duraan ibsametti niŝaaba guutuu, Lammaffaan:- Yeroo zakaan waajiba ta’u niŝaaba guutuu kan qabu ta’uu. Yeroo zakaan bahuu booda yoo nisaabi guute zakaan waajiba itti hin ta’u – fakkeenyaaf bittaadhaan yoo argate, yookiin kiraayii haamiinsaa (kan ittiin haame) yoo guurrate, yookiin haftee (qarmii) funaanuudhaan yookiin kkf yoo argate zakaan waajiba itti hin ta’u. Hubachiisa:- Zakaan midhaanii fi fudura keessaa bahu hangam akka ta'e akkuma tooftaa fayyadamiinsa bishaaniitiin wal-dhaba:Mu’uunaa (Ifaajaa fi baasii) malee dhugee yoo guddate fakkeenyaaf roobaan yookiin lagaan obaafamee kan misoome yoo ta’e zakaan bahu tokko kudhanaffaa (ûshrii) ta’a. Ĥadiitha Bukhaariin Ibnu Ûmar irraa gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “wantoota roobaa fi lagaan obaafamanii oomishaman keessaa ûshriitu baafama” jedhaniiru. Ĥadiitha Muslim Jaabir irraa gabaaseenis Nabiyyiin (ŝâw) “wantoota lagaa fi duumessaan (roobaan) obaafaman keessaa ûshriitu baafama” jedhaniiru. Waan mu’uunaadhaan (ifaajaa fi baasiidhaan) obaafame – fakkeenyaaf bishaan boolla keessaa (biiriin) waraabamee yookiin maashinaan kan obaafame keessaa kan baafamu walakkaa tokko kudhanaffaati.1 Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) Walakkaa tokko kudhanaffaa jechuun tokko digdammaffaa ( 1 × 1 = 1 ) 10 2 20 jechuudha. – hiikticha. 1 266 “itti biifuudhaan (nađĥiidhaan) waan obaafame keessaa kan baafamu walakkaa tokko kudhanaffaati” jedhaniiru. Nađĥii jechuun horiidhaan harkisuudhaan (saaniyaa/ sawaanii) dhaan obaasuu jechuudha. Ĥadiitha Muslim Jaabir irraa (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Waan saaniyaadhaan obaafame keessaa kan baafamu walakkaa tokko kudhanaffaati” jedhaniiru. Waan gariin isaa mu’uunaadhaan gariin immoo mu’uunaa malee obaafame keessaa tokko kudhanaffaa keessaa sadii arfaffaatu baha.1 Mu’uunaa fi mu’uunaan malee (haala lammaniinuu) kan obaafame ta’ee garuu haalli lamaan kun walqixa yoo hin ta’in kan irra caalaatti faayidaa kennetu ilaalama. Kan irra caalaatti faayidaa kenne beekuun yoo hin danda’amin tokko kudhanaffaatu baafama. Hubachiisa:- Zakaan midhaanii kan waajiba ta’u yeroo midhaanichi ijji (fireen) isaa jajjaabaatuudha. Fudura (firaafiree) yoo ta’e immoo yoo tamirii ta’e yeroo inni diimatee yookiin daalachaa'ee bilchaachuun isaa beekameedha. Tamiriidhaan ala waan biraa yoo ta’e yeroo inni bilchaatee nyaachuudhaaf kan tolu ta’eedha. Sadarkaa kanaan booda yoo gurgure waan san keessaa zakaa baasuun waajiba kan ta’u isa irratti malee namticha bite irrattii miti. 1 Tokko kudhanaffaa keessaa sadii arfaffaa jechuun sadii afurtammaffaa jechuu dha ( 1 × 3 = 3 ). – hiikticha. 10 267 4 40 Hubachiisa:- Midhaan keessaa zakaan kan baafamu eega qolaa fi citaa isaa irraa qulqullaa'ee booda. Hubachiisa:- Damma qabeenya isaa keessaa yookiin bakka abbaa hin qabne keessaa fakkeenyaaf fiixeelee tabbootaa irraa walitti qabee yoo niŝaaba guute keessaa zakaa baasuun dirqama ta’a. Niŝaabni dammaa saa'îii (qunnaa) soddoma – saa'îii zabana Nabiyyii (ŝâw) tajaajilaa tureen. Tilmaamni saa'îi tokkoo giraama kuma lamaa fi dhibba afur. Zakaan kana keessaa bahu tokko kudhanaffaadha. Zakaa albuuda keessaayis baasuun waajiba. Rabbi ٢٦٧ : اﻟﺒﻘﺮةL u t s r q po n m l k j i h g f e d cM “Yaa warra amantan! waan omishtan irraa waan gaarii, akkasumas waan lafa keessaa isiniif baafne irraa arjoomaa …” jedha– (Al-Baqaraa: 267). Albuudni waan lafa keessaa argamu yoo ta’u akkuma midhaaniitii fi fuduraa isa keessaayis zakaa baasuun waajiba. Albuudichi warqee yookiin meetii ta’ee niŝaaba yoo guute kurmaana tokko kudhanaffaatu1 kaffalama. Kana lammanii ala akka kuĥlii, kibriitaa, soogiddaa, naafxaa, kkf yoo ta’e immoo tilmaama warqee fi meetiitiin shallagamee tilmaamni isaa niŝaaba yoo guute kurmaana tokko kudhanaffaatu zakaa baafama. 1 Kurmaana tokko kudhanaffaa jechuun tokko afurtammaffaa 1 2.5% jechuudha. 268 40 yookaa Hubachiisa:- Waan zabana jaahiliyyaa durii lafa keessa awwaalamee turee argame (rikaaza) keessaayis zakaan ni baafama. Rikaazni guddates xiqqaates tokko shanaffaatu zakaa baafama. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Rikaaza keessaa tokko shanaffaatu baafama” jedhaniiru – muttafaqun âlayhi. Horii kaafirootaa ta’uun isaa kan beekamu mallattoo horii san irraa yookiin garii isaa irra jiruun ta’a – fakkeenyaaf maqoota mootolee isaanii yookiin mallattoolee fannoo (masqala) ta’uu danda’a. Horii akkanaa keessaa tokko shanaffaan isaa zakaa yoo baafame kan hafe namicha argateef ta’a. Horii haala kanaan awwaalamee turee argame irra yookiin garii isaa irra mallattoonni muslimootaa yoo jiraate yookiin mallattoon tokkoyyuu yoo irratti hin argamne murtiin isaa murtii luqaxaa (waan lafaa argamee) ta’a.1 Waan lafaa argame namtichi arge abbaa waan sanii yoo barbaadee dhabe itti fayyadama. Yoo abbaan argame garuu nikaffala. Yeroon inni abbaa isaa itti barbaadu akkuma hammantaa waan saniitiin waldhaba. Wanti sun waan xiqqaa ta’ee abbaa itti barbaaduun barbaachisaa yoo hin ta’in achumaan itti fayyadamuus ni danda’a. Wanti sun waan guddaa yoo ta’e garuu hanga waggaa tokkoo abbaa itti barbaadu akka qabu ulamoonni ni’ibsu. Waa’ee rikaazaa ilaalchisee gariin ulamootaa rikaaza kan muslimaa yookaa kan kaafiraa jedhanii adda-adda hinbaasan. – hiikticha. 1 269 Zakaan rikaaza irraa fuudhame akkuma horii fay’iirraa1 argameetti tajaajila muslimootaa waliigalaatiif oola. Hubachiisa:- Fuduraalee kan hin safaramne walitti-qabamanii yeroo dheeraaf turuu kan hin dandeenye kan akka jawzii (kokozii), tuffaahaa (aappilii), kookii, safarjala, rummaanaa fi kuduraalee akka fujulaa, shunkurtii, kaarotii, habhaabii, dabaaqula, kiyaara, baazinjaana, fi kkf keessaa zakaa baasuun waajiba miti. Ĥadiitha Abuu-Sa’îid Al-Khudriin (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “wasaqii (daawullaa) shanii gadi ta’e keessa zakaan hin jiru” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Wanti zakaan irratti wajabu safara wajjin walqabachuun isaa waan hin safaramnee fi walitti-qabamee yeroo dheeraaf turuu waan hin danda’amne keessaa zakaa baasuun waajiba akka hin taane agarsiisa. Nabiyyiis (ŝâw) ta’anii khulafaa’onni isaanii wantoonni kun naannoo isaaniitti odoo omishamanii zakaa keessaa fuuchuu dhabuun isaanii zakaa wantoota kana keessaa baasuun waajiba akka hin taane agarsiisa. Fay’ii jechuun jihaada muslimootaa fi kaafiroota jidduutti godhamu keessatti lolli guddaan odoo hingodhamin kaafiroonni yoo harka kennan yookaa yoo baqatan horii irraa fudhatamuudha. Lolaan injifatamnaan kan irraa booji’amu ghaniimaa jedhama. – hiikticha. 1 270 ZAKAA MAALLAQOOTA LAMMANII Maallaqoota lamaan jechuun warqee fi meetii jechuu yoo ta’u maallaqoota wantoota lamaan kana keessaa bahanis ni qabata. Zakaa warqee fi meetii keessaa baasuun waajiba ta’uudhaaf ragaan isaa Qur’aana, sunnaa (ĥadiitha) fi ijamaa'â. Rabbi akkana jedha:٣٤ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L ] \ [ Z Y X W V U T S RM “ … warra warqee fi meetii kuusanii karaa Rabbii keessatti isii hin arjoomne qixaaxa laalessaadhaan gammachiisi” – (Al-Tawbaa: 34). Aayaa kabajamtuu kana keessa nama warqee fi meetii keessaa zakaa hin baafneef akeekkachiisa jabaatu jira – qixaaxa laalessaa. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Abuu-Hurayraa irraa (râ) akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “abbaan warqeetii fi meetii kamiyyuu haqa isii kan hin geessifne yoo ta’e guyyaa qiyaamaa saafaalee ibidda irraa ta’antu qophaa'uuf …” jedhaniiru. Kuusaan (kanziin) Qur’aanaa fi ĥadiitha keessatti dubbatame kan zakaan waajiba irratti ta’e zakaan kan keessaa hin bahin hunda jechuudha. Horiin zakaan keessaa baafame kanzii hin jedhamu. Kanzii jechuun tokko kan biraa irratti kan kuufame jechuudha – kuusichi dachii keessattis ta’e dachii gubbaarra. Hubachiisa:- Warqee keessaa zakaa baasuun waajiba kan ta’u yoo mith’qaala 20 guuteedha. Kun giraama 85niin walqixxaata. 271 Meetiin kan inni zakaan waajiba itti ta’u dirhama Islaamaa 200 yoo gaheedha. Kun immoo giraama 595 ta’a. Hangam ta'aan zakaa kan wantoota lamaan kana keessaa baafamu kurmaana tokko kurnaffaati (2.5%). Kan hojjatames ta’e kan hin hojjatamin. Ĥadiitha Âliyyiin (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “dirhama dhibba lama qabaattee yoo waggaa guute dirhamni shan zakaa keessaa baafama; warqeen immoo hanga diinaara digdama guututti homtuu keessaa hin bahu; (diinaara digdama guutee) waggaan tokko yoo irra darbe walakkaa diinaaraatu zakaa baafama” jedhaniiru – Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Tirmižii fi Al-Nasaa’iin kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin akka ibsetti Bukhaariin ‘ŝaĥiiĥa’ jedheera. Ĥadiitha Anas dabarseenis Nabiyyiin (ŝâw) “Riqqaa keessaa kurmaana (ruubii) tokko kurnaffaatu baha” jedhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Riqqaa jechuun meetii qulqulluu jechuudha – kan hojjatames ta’e kan hin hojjetamin. ZAKAA MEESHAALEE DALDALAA Meeshaalee daldalaa jechuun bu’aa argachuuf meeshaalee gurgurtaaf qophaahaniidha. Meeshaalee daldalaa (shaqaxa) keessaa zakaa baasuun waajiba ta’uudhaaf ragaan isaa jecha Rabbii kana:- 272 ١٠٣ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L p o n m l k j M “Horii jaraa keessaa ŝadaqaa jara ittiin qulqulleessitu fuudhi; …” – (Al-Tawbaa: 103). ٢٥ - ٢٤ : اﻟﻤﻌﺎرجL j i h g f e d cM “Warra horii jaraa keessa mirgi beekamaan jiru; kadhataafis ta’ee kan kadhaa irraa ofqabeefis (kan mirgi jiru)” – (Al-Maâarij: 24-25). Horiin garri caalaan meeshaalee daldalaa waan ta’eef hiika waliigalaa aayaa kanaa keessa gala. Kun ŝaĥaabotarraayyis gabaafameera. Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaa “Imaamotiin arfanii fi ummanni biraas – namoota xiqqoo adda bahan malee – zakaan akka meeshaa daldalaa keessaa baafamu itti waliigalaniiru” jedhaniiru. Meeshaalee daldalaa keessaa zakaa baasuun waajiba kan ta’u shuruuxa armaan gadiitiin:1/ Meeshaaleen sun maallaqoota lamaan keessaa tokkoon jechuun warqee yookiin meetiidhaan shalagamanii niŝaaba guutu, 2/ Waggaa tokko guutuu – kanaafis ragaan isaa duraan dubbatameera. Haa ta’u malee maallaqa yookiin shaqaxa niŝaaba guutuun shaqaxa biraa yoo bite kan ilaalamu waggaa maallaqicha ittiin bitameeti [male shaqaxni bitame sun guyyaa bitamee jalqabee waggaa akka guutu hin eegamu]. Hubachiisa:- Haala zakaan meeshaalee daldalaa /shaqaxaa/ ittiin baafamu:- yeroo waggaan jaraa guute maallaqoota lamaan keessaa tokkoon – warqee yookiin meetiin shallagamu. Asi irratti kan fudhatamuu qabu shallaggii yookiin tilmaama irra caalaatti 273 iyyeessotaaf fayyaduudha – (tilmaama warqee yookiin meetii keessaa). Maallaqoota lamaan keessaa tokkoon shallagamee shallaggiin isaa niŝaaba yoo guute kurmaanni tokko kurnaffaa keessaa baha. Horiin ittiin bitame ilaalcha keessa hin galu. Kan laalamu horii yeroo waggaan guute wanti jiru itti shallagameedha. Abbaa shaqaxaatiifis ta’e nama zakaa fudhatuuf kanatu irra fudhatama qaba. Abbaan shaqaxaa yeroo shaqaxa isaa keessaa zakaa baasu shaqaxa isaa sirriitti lakkaahuu fi akka shariikni doqni shariika isaa herregutti of herreguu qaba. Shaqaxa jiru hunda gosa gosaan lakkaahuu fi tilmaama sirrii ta’e tilmaamuun irraa eegama. Fakkeenyaaf abbaan dukkaanaa (suuqii) shaqaxoota dukkaana isaa keessatti baakkoo baakkoodhaan gosa gosaan qoqqoodamanii gurgurtaaf qophaa'an hundayyuu lakkaahuu qaba. Abbaan maashinoota adda-addaa, meeshaalee jijjiirraa (ispeerpartii) maashinootaa fi konkolaattotaa kan gurgurtaaf qophaa'an sirriitti lakkaa'ee jilmaadhaan kan gurguru yoo ta’e gatii jilmaatiin,akkasumas qexoodhaan (chirichaaroodhaan) kan gurguru yoo ta’e immoo gatii qexootiin herreguu qaba. Hubachiisa:- Manneenii fi konkolaattonni kiraadhaaf qophaa'an mataa isaaniitti zakaan keessaa hin bahu. Zakaa baasuun kan wajabu kiraayii wantoota kana irraa argaman keessatti – guyyaa walii-galtee kiraayiirraa jalqabee waggaa yoo guute. Hubachiisa:- Manneen jireenyaatii fi konkolaattota (gurgurtaaf odoo hin ta’in) itti fayyadmuudhaaf qabataman keessaa zakaan hin baafamu. Akkasumas meeshaalee manaa, meeshaalee 274 dukkaanaa, meeshaalee daldaalli itti fayyadamu kan akka safartootaa, miizanootaa, wantoota meeshaaleen keessa kaa’ataman keessaa zakaan hin baafamu – meeshaalee gurgurtaa waan hin ta’iniif jecha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Muslimni tokko garba isaatii fi farda isaa keessaa ŝadaqaa (zakaa) baasuun irra hin jiru” waan jedhaniif jecha – Muttafaqun âlayhi. 275 ZAKAATUL-FIXRII Wanti isiin zakaatul-fixrii jedhamteef zakaa Ramađaana hiikuudhaan yookiin faxaruudhaan kaffalamtu waan taateedhaaf. Waajiba ta’uu isiitiif ragaan Rabbi ١٤ : اﻷﻋﻠﻰL Ô Ó Ò Ñ M “Namni of qulqulleesse nagaa bahe” jechuu isaati – (Al-Aâlaa: 14). Sa’îid bin Al-Musayyibii fi Ûmar bin Âbdul-Âziiz “asitti of qulqulleessuu (tazakkaa) jechuun kan fedhame zakaatul-fixrii baasuudha” jedhaniiru. Jecha Rabbii waliigalaa ta’e٤٣ : اﻟﺒﻘﺮةL n m M “Zakaa kennaa” kan jedhu keessas ni gala. Al-Ŝaĥiiĥaynii fi kan biraa keessatti akka gabaafametti Ibnu Ûmar (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) muslimoota irratti – garbarrattis ta’e birmaduu irratti, dhiira irrattis ta’e dubartii irratti, xiqqaa irrattis ta’ee guddaa irratti zakaatal-fixrii qamadii saa'îi tokko yookiin garbuu saa'îi tokko kennuu dirqama godhan” jedheera. Zakaatul-fixriin waajiba ta’uu isii muslimoonni ijamaa'â gochuu isaanii ulamoonni baay’een dubbataniiru. Hikmaan (sababaan) isiin mashruu'â godhamteef:- jechootaa fi wantoota fokkataa namticha soomu irraa argaman qulqulleessuu fi miskiinotaaf nyaata (qallaba) akka ta’u akkasumas dirqama soomaa raawwachuu irratti Rabbiif galata galchuudhaaf. Hubachiisa:- Zakaatul-fixriin muslima hunda irratti dhiiras ta’ee dubartii irratti, guddaas ta’ee xiqqaa irratti, birmaduus ta’ee 276 garbicha irratti waajiba – ĥadiithni Ibnu Ûmar kan duraan caqafame kana waan mirkaneessuuf jecha. Ĥadiithichi ergamaan Rabbii (ŝâw) muslimoota irratti dhiiras ta’ee dubartii irratti, guddaas ta’e xiqqaa irratti, birmaduus ta’e garbicha irratti zakaatal-fixrii kennuu dirqama gochuu isaanii ibsa. Hubachiisa:- Namni hundinuu kan kennu saa'îi tokko. Innis muddii afur yookiin k.g 2.40. Wantoota Zakaatul-fixriin Keessaa Baafamu Zakaatul-fixriin kan baafamu gosa midhaan biyya san keessatti irra caalaatti namni fayyadamurraayi – qamadiis ta’e garbuu yookiin tamirii yookiin kanaan alattis waan namni naannoo baay'inaan itti fayyadamu kan akka ruuzii, boqqolloo, bisingaa, foonii fi waan akkuma biyya biyyaatiin namni qallabaaf itti fayyadamu. Yeroo Zakaatul-Fixriin itti Kaffalamu Guyyaa îidiitiin duratti guyyaa tokko yookiin guyyaa lama dura bu’anii kaffaluun ni danda’ama. Ŝaĥaabonni îidal-fixriidhaan duratti guyyaa tokko yookiin lama dura bu’anii kennaa akka turan Bukhaariin gabaaseera. Guyyaa îidii ŝalaataan dura kennuun caalaadha. Waytiin kun yoo isa darbee ûžrii malee hanga ŝalaanni îidii salaatamutti yoo ture dilaahaa (cubbamaa) ta’a. Qađaa baasuus hin danda’u. Kan inni tursiise ûžriidhaan yoo ta’e fakkeenyaaf dagatee yookiin nama baasuuf iddoo buufatee (wakkalatee) iddo bu’aan (wakiilli) sun yoo hin baasiniif haala qađaatiin baasuun waajiba itti ta’a. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas 277 dabarsaniin “Namni ŝalaataan duratti isii kenne isiin zakaa fudhatama qabduudha. Namni ŝalaataan booda kenne immoo isiin ŝadaqaalee keessaa tokko” jedhaniiru – Abuu-Daawud, IbnuMaajaa fi Al-Ĥaakim kan gabaasan yoo ta’u Al-Ĥaakim ŝaĥiiĥa jedhaniiru. Tilmaama Kaffaluu:- Tilmaama zakaatal-fixrii maallaqaan kaffaluun hin ta’u. Nabiyyiirraayis (ŝâw) ta’ee ŝaĥaabota irraa tokkoon isaanii irraa tilmaama zakaatal-fixrii maallaqaan baasuun jaraa waan hin gabaafamneef jecha. Kan Nabiyyiin (ŝâw) dirqama godhanis midhaan saa'îi tokko waan ta’eef jecha. Yeroo zakaatal-fixrii baasuuf murtaa'e keessatti warra kennamuuf qaqqabuu qaba. Yookiin immoo wakiila nama fudhatuu qaqqabuu qaba. Namtichi zakaa kennu yeroo murtaa'e san keessa nama kennuufii yaade yookiin wakiila isaa yoo hin argatin nama biraatiif kennuun dirqama itti ta’a. ZAKAA BAASUU Zakaan horii keessatti akkuma isiin waajiba taateen dafanii baasuun waajiba. Rabbi ٤٣ :اﻟﺒﻘﺮة L n m M “zakaa kennaa” waan jedhuuf jecha. Ajajni hin daangeffamin tokko achumaan raawwatamuu akka qabu agarsiisa. Rakkinni hiyyeessaas dafanii kaffaluu dirqama taasisa. Tursiisuun hiyyeessa miidhuudha. Namni zakaan waajiba irratti ta’e balaan kasaaraa, du’aa fi kkf akka tasaa itti dhufee gufuu itti ta’uudhaan zakaan sun gurmuu 278 isaa irratti akka hafu sababaa ta’uu waan danda’uuf jecha. Dafanii baasuun doqnummaa irraa fagaachuudha; gurmuus qulqulleessuudha. Haalli dirqisiisaan (đaruuraan) yoo jiraate malee yookiin waan tolu tokkoof (maŝlaĥaadhaaf) yoo ta’e male. Fakkeenyaaf nama rakkina irra jabaa qabuuf kennuudhaaf tursiisuu, yookiin horiin kaffalamu bakka san yoo hin jiraatin, yookiin mataa isaa irratti yookiin horii isaa irratti balaan akka hin geenye yoo sodaate fi Haala kkf yoo ta’e malee. Hubachiisa:- Horii daa’imaatii fi horii maraatuu irratti zakaan waajiba. Ragooleen jiran waliigala (âammii) waan ta’aniif jecha. Namni horii jaraa irratti ittigaafatamaa ta’e zakaa irraa baasa. Kun haqa jara irratti dirqama ta’e waan ta’eef jecha iddobu’ummaan itti seena. Hubachiisa:- Zakaa niyyaadhaan malee kaffaluun hin ta’u. Nabiyyiin (ŝâw) “hojiileen (kan ilaalaman) niyyaa isaatiin” waan jedhaniif jecha – Muttafaqun âlayhi. Zakaa abbumti horii sanii yoo qoqqoode wayya. Namoota haqa godhataniif gahuu isaa mirkaneeffachuuf jecha. Nama isa irraa kaffaluuf iddoo buufachuus ni danda’a. Dura bu’aan muslimootaa (imaamni) zakaa walitti qabee qoqqooduu yoo barbaade isatti kennama. Yookiin nama imaamtichi ergee zakaa walitti qabsiisutti kennama. Yeroo zakaan kennamu inni kennus ta’ee inni kennamuuf du'âa’ii gochuun ni jaallatama. Rabbi akkana jedha:- 279 ١٠٣ :اﻟﺘﻮﺑﺔ L sr q p o n m l k j M “Horii isaanii keessaa ŝadaqaa jara ittiin qulqulleessitu fuudhi; jara irrattis salaati (du'âa’ii godhiif) …” – (Al-Tawbaa: 103). Âbdallaah bin Abii-Awfaa (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) yeroo namoonni ŝadaqaa (zakaa) jaraa fidanii dhufan ‘Allaahumma ŝalli âlayhim’ (yaa Rabii ŝalaata (raĥmata) jara irratti buusi’ jedhu ture” jedheera. Namtichi rakkina kan qabu ta’ee zakaas fudhachuu kan barsiise yoo ta’e kun zakaadha jedhee odoo itti hin himin kennaaf – akka itti hin ulfaanneef jecha. Kan rakkina qabu ta’ee zakaa fudhachuu kan hin barsiifne yoo ta’e zakaa ta’uu isaa itti himuudha. Zakaa Biyya Biraa Geessuu Caalaan zakaatal-maalii (zakaa horii) biyyuma keessatti baasuudha. Hiyyeessota biyya horiin sun jiruuf qooduu. Sababaa shari’âadhaan fudhatama qabuuf zakaa biyya biraa geessuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf biyya biraa keessa firoonni hiyyeessa ta’an yoo jiraatan, yookiin immoo namoota biyya horiin jiru caalaatti namoonni biyya biraa jiran hiyyeessota yoo ta’an. Ŝadaqaaleen (zakaaleen) biyya biraatii gara Nabiyyii (ŝâw) geeffamanii Nabiyyiin (ŝâw) muhaajirootaa fi anŝaarota hiyyeessota ta’aniif qoodaa waan turaniif jecha. Zakaa Dura Bu’anii Kaffaluu:- Zakaa odoo waajiba hin ta’in dura waggaa lamaaf yookiin sanii gaditti dura bu’anii kaffaluun ni danda’ama. Ahmadii fi Abuu-Daawud akka gabaasanitti Nabiyyiin 280 (ŝâw) Âbbaas irraa ŝadaqaa (zakaa) waggaa lamaa dura buusanii waan fuudhaniif jecha. Sababaan kaffaluu waajiba godhu yoo argame zakaa odoo waajiba hin ta’in dura bu’anii kaffaluun ni danda’ama. Zakaa beelladaas ta’e yookiin zakaa maallaqoota lammanii yookiin zakaa meeshaalee gurgurtaa (shaqaxaa) niŝaaba guunnaan dura bu’anii kaffaluun ni danda’ama. NAMOOTA ZAKAA FUDHATANII FI NAMOOTA ZAKAAN HIN KENNAMNEEF Gosa namoota Rabbi kitaaba Isaa kabajamaa keessatti addaan baasee ibse malee kan biraatiif zakaa kaffaluun hin ta’u. Rabbi akkana jedha:}|{zy xwvuts rq M ٦٠ : اﻟﺘﻮﺑﺔL © ¨ § ¦¥ ¤ £ ¢¡ ~ “Ŝadaqaaleen dirqama ta’an (kan kaffalaman) hiyyeessotaaf, miskiinotaaf, hojjattoota isii irra (zakaarra) hojjataniif, warra onneeleen jaraa (Islaamummaarratti) barsiifamaa jiraniif (mu’allaffatul quluub), gurmuulee (garboota) bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruufis, karaa Rabbiirrattis (wafiisabiilillaah), karadeemaadhaa qofa; dirqama Rabbi irraa murtoofteedha; Rabbis beekaadha, hakiimas” – (Al-Tawbaa: 60). Aayata kabajamtuu kana keessatti warri caqafaman warra akka zakaan kennamuuf Rabbi murteesseedha; warra zakaati. warreen 281 kanneenii alatti zakaa kaffaluun akka hin taane ijmaa'îidhaan mirkanaa'eera. Shaykhul-Islaam Ibnu-Taymiyaa (Raĥimahullaah) “Nama ajaja (xaa'âa) Rabbii irratti ittiin of-gargaarsisuuf malee horii zakaa irraa nama biraatiif kennamuu hin qabu; Rabbi kan isii murteesseef mo’imintoota keessaa nama isiitti haajomuuf xaa'âa isaa irratti akka ittiin of gargaarsisaniif yookiin nama jara gargaaruuf; rakkataa ta’aa nama ŝalaata hin salaanneef horii zakaa irraa hin kennamuuf – Tawbata godhee ŝalaata dhaabbataan hanga salaatutti” jedheera. Godoota Rabbi addaan baasee ibse kanneeniin ala wantoota jiraniif pirojeektota gaggaarii ta’aniif fakkeenyaaf masgiidotaaf manneen barnootaa ijaaruuf horii zakaa fayyadamuun hin ta’u.1 Rabbi ٦٠ : اﻟﺘﻮﺑﺔL t s r q M “Ŝadaqaaleen Akka ilaalcha garii ulamootaatti fiisabiilillaah (karaa Rabbii) jechuun lola jihaadaa qofa jechuu miti. Hojii amantii isalaamaa baballissuudhaaf godhamu hundaayyuu niqabata – masgiidotaa fi manneen barnootaa (madrasaa) ijaaruu dabalatee. Keessattiiyyuu biyyootii rakkataa ta’an keessatti burqaan horii kan masgiida ittiin ijaaranuun waan hinjirreef, masgiidonni immoo akka amantichi baballatuuf gahee guddaa waan qabaniif jecha horii zakaatiin ijaaruun ni danda’ama jedhu. Dr Yuusuf Al-Qaradaawiin kitaabota Fiqh Al-Zakaat fi Fataawaa Mu’aasiraa jedhaman keessatti ejjennoo kana qabataniiru. Dr jeelaan kadiris ejjennoo kana qabu. Haa ta’u male ulamoonni kunneenis biyyoota dureessa ta’an akka biyyoota Arabaa keessatti masgiidonni burqaa maallaqaa biraatiin ijaaramuu waan danda’aniif jecha horii zakaatiin ijaaramuu isaanii hin filatan – hiikticha. 1 282 dirqama ta’an (kan kaffalaman) hiyyeessotaaf, miskiinotaaf, … qofa;” jedha – (Al-Tawbaa: 60). Jechi L q M innamaa jettu daangessituu yoo taatu murtee waan isiitti aanee dhufuuf mirkaneessiti; waan sanii ala jiru irraa immoo ni mulqiti. Kana jechuun ŝadaqaan dirqamaa (zakaan) godoota kana qofaa malee wantoota kanneen ala jiraniif hin kennamu jechuudha. Rabbi godoota saddeettan kana addaan baasee wanti inni dubbateef zakaan kanneenii ala wantoota biraatii akka hin kennamne ofumaan beeksisuuf. Gosoota Saddeettan 1/ Gosti Tokkoffaan:- Hiyyeessota (Al-Fuqaraa’i) yoo ta’an kanneen wama tokko hin arganne yookiin waggaa keessaa yeroo murtaa'aa qofa waan jara gahu kan argatan jechuudha. Jarri kun horii zakaa irraa baasiilee shari'âadhaan fudhatama qabaniif – nyaataaf, dhugaatiif, uffataaf, kiraa manaatiif, meeshaalee manaa bu’uura ta’aniif, kkf ni kennamaaf. Kun yoo homaa hin qabne ta’eedha. Kanneen keessaa garii kan argatan yoo ta’es waggaa tokkoof akka jara gahu itti guutamaaf. 2/ Miskiinota (Al-Masaakin):- Jarri kun hiyyeessota irra wayyaa qabu. Miskiina jechuun baasii waggaadhaaf barbaachisu keessaa gara caalaa yookiin walakkaa isaa kan argatu jechuu yoo ta’u horii zakaa irraa baasii waggaatiif itti guutamaaf. 3/ Hojjattoota isii irra hojjataniif:- Jarri kun ajaja dura bu’aa (imaama) muslimootaatiin warra zakaa kennu irraa kan zakaa 283 sassaaban, kan eeganii fi warra zakaa fudhatuuf qoqqoodaniidha. Gatii hojjetaniif hanga hojjetaniin horii zakaa irraa kennamaaf. Itti gaafatamaan hojii kanaaf baytal-maal irraa (gimjaabeetii horii irraa) kan mindaa godheef yoo ta’e garuu horii zakaa irraa homtuu hin kennamuuf. 4/ Warroota onneeleen jaraa (Islaamummaarratti) barsiifaman:Kunneen warra armaan gadii qabata:A/ Kaafiroota keessaa asallamuu akka danda’u kan abdatamu – Islaamayuuf akka fedhii qabu mallattoowwan kan irraa mullatan B/ Horii kennamuufiin iimaanni isaa akka jabaatu yookiin immoo warri isa fakkaatan Islaamayuu akka danda’an kan abdatamu yoo ta’e C/ Horii kennamuun sharriin isaa yookiin sharriin nama biraa muslimoota irraa akka ittifamu kan abdatamu yoo ta’e – kun ummata/gosa isaa irratti dura-bu’aa fi ajajaa ta’uun sharxiidha. Akkasumas kaayyoolee sirrii fi muslimootaaf kan fayyadaniif kennuun ni danda’ama. Kenni zakaa onneelee barsiisuuf kennamu yeroo barbaachisaa ta’ee argame qofa godhama. Ûmarii fi Ûthmaan (râ) zabana jaraa barbaachisaa ta’ee waan hin argaminiif onneelee barsiisuuf kennuu dhiisanii turan. 5/ Gurmuulee Bilisa Baasuuf:- Kunneenis:- 284 A/ Garboota mukaataba1 ta’anii waan jara irraa barbaadamu guutuu dadhabaniif idaa jara irraa barbaadamu kaffalanii of irraa fixuudhaan akka bilisa bahan horii zakaa irraa ni kennamaaf. B/ Namtichi zakaa baasu horii zakaa san irraa garba bitee bilisoomsuu. C/ Horii zakaa irraa kaffaluudhaan booji’amaa muslimaa bilisoomsuu. Kun gurmuu muslimaa booji’amummaa irraa bilisoomsuu waan ta’eef jecha. 6/ Nama idaan (dayniin) irra jiruuf (al-ghaarim) kennuu:Namni idaan irra jiru gosa lama:Tokkoffaan:- nama biraatiif jecha idaa keessa kan gale:- kana jechuun namoota walitti araarsuu jedhee kan idaa keessa gale jechuudha. Sababaa dhiigaatiif yookiin horiitiif lola godoota lamaan jidduutti uumame balleessuuf jecha araarsaa ta’ee idaa keessa kan gale jechuu yoo ta’u kanneen armaan gadi qabata:A/ Fitnaa balleessuuf jecha beenyaa jidduu jaraatti kaffalamuuf itti gaafatamummaa fudhachuu, B/ Godoota lamaan araarsuuf yoo horii liqeeffate. Kun hojii gaarii guddaa waan ta’eef jecha. Mukaataba jechuun garba horii walittiqabatee kaffaluudhaan akka ofbilisoomsu bulchaan isaa eeyyameef jechuudha. 1 285 C/ Yaada (niyyaa) warra zakaa kaffaluutti deebi’ee irraa fudhachuutiin horii ofii kaffalee dhimma san yoo fixe. Ŝaĥiiĥ muslim keessatti akka gabaafametti Qubayŝaan (râ) “itti gaafatamummaa horii baadhadhe” jennaan Nabiyyiin (ŝâw) “Hanga ŝadaqaan (zakaan) dhuftutti asuma turi yeroo isiin dhufte isii siif ajajana” jedhaniiruun. Lammaffaan:- Kan ofumaaf idaan irra jiru:- jechuun idaa kaffaluu hin dandeenye yoo of irraa qabaate – sababaa balaatiin horiin isaa kan jalaa barbadaahe yookiin rakkina (haajaa yookiin đaruuraa) isaatiin kan wal-qabateen idaa isa irra jiru kaffaluu yoo dadhabe waan idaa isaa kaffalu horii zakaa irraa kennamaaf. Rabbi“L { M” “warra idaan irra jiruufis” waan jedheef jecha. 7/ Karaa Rabbii irratti (fiisabiilillaah) kennuu:- Asitti kan barbaadame karaa Rabbii irratti jechuun jihaada jechuu yoo ta’u kan armaan gadii qabata:A/ Warra fedhii ofiitiin duula bahan kan baytal-maal irraa mindaa (damooza) hin qabneef horii zakaa irraa kennuufi, B/ Meeshaalee jihaadaatii fi wantoota jihaada irratti ittiin ofgargaarsisan bituu, Walumaagalatti karaa Rabbii (sabiilillaah) yoo jedhame duula jechuu waan ta’eef jecha. Rabbi akkana jedha:- 286 ٤ :اﻟﺼﻒ L ¥ ¤ £ ¢ ¡ ~ M “Rabbi jara karaa isaa irratti lolan jaallata” – (Al-Ŝaff: 4). Aayaa biraa keessattis ١٩٠ :اﻟﺒﻘﺮة L Ä Ã Â ÁM “karaa Rabbii irratti lolaa …” jedha – (Al-Baqaraa: 190) 8/ Karadeemaa (ibnussabiil):- Karadeemaan wanti inni qabu (galaan yookiin horiin) jalaa dhumatee yookiin karaan harkaa badee deemsi isaa addaan cite horiin biyya isaatiin isa gahu yookiin biyya dhaquu barbaadeen isa gahee biyya isaatti isa deebisuu danda’u zakaa irraa kennamaaf. Hubachiisa:- horii zakaa hunda godoota kanneen dubbataman keessaa gosa tokko qofaaf kennuun ni danda’ama. Rabbi ٢٧١ :اﻟﺒﻘﺮة L ?> = < ; : 9 8 M “… yoo isii dhoskitanii iyyeessotaaf kennitanis inni isiniif caalaadha” jedha – (AlBaqaraa: 271). Nabiyyiin (ŝâw) yeroo Mu'âažiin Yamanitti ergan “Rabbi ŝadaqaa dureessota jaraa irraa fuudhamtee hiyyeessota (fuqaraa’a) jaraatti deebifamtu jara irratti dirqama akka taasise jara beeksisi” jedhaniiruun – (Muttafaqun âlayhi). Aayaa Qur’aanichaa keessattis ta’e ĥadiithicha dubbatame keessatti gosa tokko (hiyyeessota) qofa malee dubbatamuu dhabuun isaa gosa san qofaa kennuun akka danda’amu agarsiisa. Nama tokko qofaafis kennuun ni danda’ama. Nabiyyiin (ŝâw) Qubayŝaadhaan (râ) “Hanga ŝadaqaan (zakaan) dhuftutti asuma turi yeroo isiin dhufte isii siif ajajana” jedhaniiruun – (Muslim). Ĥadiithichi godoota saddeettan keessaa nama tokko qofaaf kennuun akka danda’amu agarsiisa. 287 Rakkatoota firaa kan qallabni jaraa isa irratti dirqama hin ta’iniif kennuun ni jaallatama – akkuma firooma jaraatiin dura buusuudhaan. Ĥadiitha Salmaan Ađdabbiyyi (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “ŝadaqaan fira keetiif kennitu ŝadaqaadhaaf firummaa fufuudha” jedhaniiru – warri shanan kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥasan jedheera. Namoota Horiin Zakaa hin kennamneef:1/ Banii (qaccee/sanyii) Haashimiif zakaa kennuun hin danda’amu. Sanyiin Âbbaas, sanyiin Âliyyii, sanyiin Jaâfar, sanyiin Al-Ĥaarith bin Âbdulmuxxalibii fi sanyiin Abuu-Lahab kana keessa galu. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin “ŝadaqaan maatii (sanyii) Muĥammadiif hin taatu; isiin xurii namootaa waan taateef jecha” jedhaniiru – (Muslim). Shaykhul-Islaam Ibnu Taymiyaa (Rabbi isaan haa raĥmatu) boojuu keessaa tokko shanaffaan yoo hin kennamneef horii zakaa keessaa kennamuufii akka danda’u ibseera. 2/ Dubartii hiyyeettii abbaa-manaa dureessa kan baasii isii danda’u kan qabduuf horii zakaa kennuun hin ta’u. Hiyyeessa fira dureessa baasii isaa danda’u qabuufis horii zakaa irraa hin kennamuuf. Waan baasiin jaraa danda’ameef jecha horii zakaa irraa of-gahu. 3/ Namtichi zakaa baasu firoota baasii jaraa danda’uun dirqama isatti ta’eef zakaa kennuu hin danda’u. Yoo kana godhe zakaa kenne saniin akka horiin isaa hin tuqamne waan eeguuf jecha. odoo dirqama isatti hin ta’in akkasumaan tola oolummaadhaan 288 baasii godhaafii kan ture yoo ta’e garuu horii zakaa irraa kennuufii ni danda’a. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti haati-manaa Âbdallaah (râ) ilmaan obboleessa isii yatiimota ta’anii isii jala jiran horii zakaa isi irraa jara nyaachisuu danda’uu isiitii fi dhiisuu Nabiyyii (ŝâw) gaafannaan “ee ni dandeessa” jedhaniiruun. 4/ Zakaa isaa hundeewwan isaatiif – jechuun abbaaf, haadhaaf, akaakayyuuf, akkoof, yookiin dameewwan isaatiif – jechuun ilmaan isaatii fi ilmaaan ilmaan isaatiif kennuu hin danda’u. Daynii kaffaluufii yoo ta’e male. Daynii baasii qallabaa fi kkf argame yoo hin ta’in. Yookiin zakaa kaffalu qabaatee baasii jaraa immoo waan ittiin cufu horii biraa kan hin qabne yoo ta’e zakicha kennuufi ni danda’a. 5/ Zakaa isaa haadha-manaa isaatiif kennuu hin danda’u. Baasii inni godhuufiin waan of-geessuuf jecha. Yoo hin kennaaf ta’e zakaa kennuuf saniin horiin isaa akka hin tuqamne waan godhuuf jecha. Daynii kaffaluun qofti odoo hafuu. Daynichi baasii isii cufuudhaan kan wal-qabate yoo hin ta’in horii zakaatiin kaffaluufii ni danda’a. 6/ Haati-manaa zakaa isii abbaa-manaa isiitii kennuu hin dandeessu – horii san irraa deebisee isiidhaaf yookiin ijoollee isiitiif baasii kan godhu yoo ta’e. Kanaan ala yoo ta’e fakkeenyaaf daynii isaa kaffaluuf yookiin dhimma mataa isaatiif baasii gochuuf yoo ta’e hiyyeessa taanaan kennuufii ni dandeessi. 289 Hubachiisa:- Namtichi zakaa kaffalu zakaan isaa kaffalamuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Haa ta’u malee namni inni zakaa haqa godhata jedhee kenneef akka haqa hin godhanne booda yoo ifa galeef sanumatu isa gaha. ŜADAQAA FEDHII Ŝadaqaan fedhiin kennamu yeroo kamiyyuu kennuun ni danda’ama. Qur’aanaa fi Ĥadiithni daangaa malee waan itti kakaasaniif jecha. Rabbi akkana jedha:١٧٧ : اﻟﺒﻘﺮةL @ ? > = < ; : 9 8 7 6 5 4 M “Nama Horii odoo jaallatuu firoota, yatiimota, miskiinota, karadeemota, kadhattootaa fi gurmuulee (bilisoomsuuf) kenne …” (AlBaqaraa: 177). ٢٨٠ :اﻟﺒﻘﺮة LÈ Ç Æ ÅÄ Ã Â Á M “kan beektan yoo ta’e ŝadaqaa kennuun keessan isiniif gaariidha” – (Al-Baqaraa: 280). Nabiyyiinis (ŝâw) “ŝadaqaan dallansuu Rabbii balleessiti; du’a badaas ni deebifti” jechuu isaanii Al-Tirmižiin, Ibnu Ĥibbaanii fi kan biraas gabaasaniiru. Ĥadiithichi đa’iifa. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Abuu-Huraryraa irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “Namoota torba kan Rabbi guyyaa gaaddisa isaa malee gaaddisni biraa hin jirre gaaddisa isaa jala godhu …keessaa namticha waan harki mirgaa isaa kenne harki bitaa isaa beekuu akka hin dandeenyetti dhoskee ŝadaqaa kenne dubbataniiru. 290 Ŝadaqaan dhoskaadhaan kennamtu caaltuudha. Rabbi:٢٧١ :اﻟﺒﻘﺮة L ?> = < ; : 9 8 M “… isii odoo dhoskitanii hiyyeessotaaf kennitaniiyis inni isiniif caalaadha” jedha – (AlBaqaraa: 271). Dhoksanii kennuun of-agarsiisuu (riyaa’i) irraa fagaachuudhaaf gaariidha. Ŝadaqaa ifa baasanii labsuudhaan kennuun akka namoonni isa hordofanii ŝadaqaa kennan gochuudhaan faayidaa (maŝlaĥaa) guddaa kan qabu yoo ta’e male. Yeroo ŝadaqaa kennu nafseen isaa jaallachuu qabdi. Rakkataa irratti (namticha fudhaturratti) of dhaaduu hin qabu. Rabbi akkana jedha:- ٢٦٤ : اﻟﺒﻘﺮةL º ¹ ¸ ¶ µ ´ ³ ² M “Yaa warra amantan! ŝadaqoota keessan of-dhaaddachuu rifachiisuudhaan hin balleessina; …” – (Al-Baqaraa: 264) fi Ŝadaqaan yeroo fayyummaa qaban kennan caalaadha. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) ŝadaqaa akkamiitu caalummaa akka qabu gaafatamanii “ŝadaqaa fayyummaa odoo qabduu fi sassataa taatee duroomuu hawwaa hiyyummaa sodaataa kennituudha” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Ŝadaqaan Ĥarama kabajamtoota lamaan (Makkaa fi Madiinaan) keessatti kennamu caalaadha. Rabbi akkana jechuudhaan waan itti ajajeef jecha:-٢٨ : اﻟﺤﺞL z y x w v M “… isiirraayis nyaadha; rakkataa, hiyyeessas nyaachisaa.” – (Al-Ĥajj: 28). 291 Ŝadaqaan Ramađaana keessa kennamu caalaadha. Ibnu Âbbaas (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) nama hunda caalaa arjaa turan; Ramađaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wal-gahu immoo irra caalaatti arjoomu ture; qilleensa gadi-dhiifamtuu caalaa waan gaariidhaan arjoomu ture” jedhaniiru. Ŝadaqaan yeroo rakkinni jiru kennamu caalaadha. Rabbi akkana jedha:-١٦ - ١٤ : اﻟﺒﻠﺪL ¯ ® ¬ « ª © ¨ § ¦ ¥ ¤ £ ¢ ¡ M “yookiin guyyaa beelli jiru nyaachisuu, yatiima fira ta’e, yookiin miskiina abbaa biyyoo (nyaachisuudha).” – (Al-Balad: 14 – 16). Ŝadaqaan firootaa fi olloowwanii kennamu ŝadaqaa warra fagootii kennamu ni caala. Rabbi aayattoota baay’ee keessatti firootaaf akka tolli oolamu ajajeera; fira jaraa irraa akka mirga qabaatan godheera. Rabbi٢٦ : اﻹﺳﺮاءL à  Á À M “firaafis haqa isaa kenniif” jedha – (Al-Israa’i: 26). Nabiyyiin (ŝâw) “ŝadaqaan miskiinaaf kennamu ŝadaqaadha; ŝadaqaan firaaf kennamu immoo waa lama:- ŝadaqaa fi firummaa fufuudha” jedhaniiru – warri shananii fi kan biraas Salmaan Ađ-dabbii (râ) irraa kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥasan jedheera. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti immoo “ajrii lama qaba:- ajrii firoomaatii fi ajrii ŝadaqaa” jechuudhaan gabaafameera. Hubachiisa:- Zakaadhaan alattis horii keessa mirgoonni (huquuqni) biraa akka jiran bari. Firooma fufuudhaaf, obbolummaa fufuudhaaf, kadhataaf kennuu, nama rakkateef ergisuu, nama rakkatee kaffaluu dadhabe eeggachuu, nama liqaa 292 barbaadeef liqeessuu. Rabbi:- ١٩ :اﻟﺬارﯾﺎت L k j i h gM “Horii jaraa keessa kadhataaf akkasumas kadhaa irraa of-qabaaf mirgi jira” jedha – (Al-Zaariyaat: 19). Beela’aa nyaachisuun, keessummaa keessummeessuun, nama daare offisuun, kan dheebote obaasuun waajiba. hinumaayyuu Imaamu Maalik muslimoonni horii jaraa guutuudhuma odoo jalaa fixeeyyuu nama jara irraa booji’ame horii kaffalanii gadilakkisiisuun waajiba jaraati jedhaniiru. Namni bakka hiyyeessonnii fi miskiinonni jiranitti horii argate horii san irraa jaraa kennuun jaallatamaadha. Rabbi ١٤١ :اﻷﻧﻌﺎم L ©¨ § ¦ ¥ M “Guyyaa sassaabaa (midhaanii, fuduraa) haqa isaa kennaa” jedha – (Al-Anâam: 141). ٨ : اﻟﻨﺴﺎءL BA@?>=< ;:9876 M “Qoodaa (dhaalaa irratti) firoonni (kan hin dhaalle) fi yatiimonni, miskiinonnis yoo argaman isa irraa kennaafii; jecha gaariis jedhaanii” – (Al-Nisaa’i: 8). Wantoonni kun gaarummaa amantii Islaamaa kan agarsiisaniidha. Amantii (diinii) waliiyaaduu, wal-raĥmatuu, wal gargaaruu fi Rabbiif jecha obbolummaa eeguudha. Amantii bareedaa akkamiiti! Seera tolaa akkamiiti! 293 BOQONNAA AFUR AĤKAAMOTA SOOMAA Soomni Ramađaanaa ruknii Islaamaa keessaa isa tokkoodha. Dirqamoota Rabbi murteesse keessa tokko. Kun diinii keessatti ifa galaa fi hundumtinuu kan beekuudha. Kanas kan agarsiisu Kitaaba (Qur’aana), sunnaa fi ijmaa'â. Rabbi akkana jedha:L @ ? > = < ; : 98 7 6 5 4 3M r q p o n m l k j i hM :ﺗﻌﺎﻟﻰ ١٨٥ :اﻟﺒﻘﺮة L zy x w v u ts إﻟﻰ ﻗﻮﻟﮫ “Yaa warra amantan! akka isin Rabbi sodaattaniif jecha Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera. Guyyoota lakkaa’amtuu (qofatu murteeffame). Isin irraa namni dhukkubsataan yookiin kan imala irra jiraate, guyyaa biraa irraa lakkoofsa fakkaataa (bakka haa buusu). Warra isa (Soomuu) danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu irra jira1. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjete, sun isaaf caalaadha. Yoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala. 1Jalqaba duraanii heyyamamee ture garuu murtiin kun gara booda kewwata itti aanuun jijjiirameera. 294 Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaa fi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaa fi addaan baasaa (haqaa fi kijibaa) ta’e keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin imala irra jiraate, guyyaa biraa irraa lakkoofsa fakkaataa (bakka haa buusu). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttanii fi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif; akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone)” – (Al-Baqaraa:183-185). Ajajni (amriin) waajibummaa agarsiisa. Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) Islaamummaan akka waa shan irratti ijaaramee fi san keessaayis tokko Ramađaana soomuu akka ta’e ibsaniiru – Muttafaqun âlayhi. Ramađaana soomuun akka waajiba ta’ee fi namni waajibummaa isaa morme akka kafaru muslimoonni itti walii-galaniiru. Sababaan soomni karaa godhameef:- nafsee haala fokkataa irraa qulqulleessuuf. Qaama namaa keessa karaa shayxaanni deemu waan dhiphisuuf jecha. Shayxaanni qaama namaa keessa bakka dhiigaa cufa deema. Namni yeroo nyaatee dhuge nafseen isaa shahwaa (fedhii) dhaaf banaa taati. Iraadaan (fedhiin ilma namummaa) isaa ni dadhaba. Fedhiin inni îbaadaadhaaf qabu ni xiqqaata. Soomni faallaa kanaati. 295 Soomni addunyaa fi fedhiilee isii irraa dhimma dhabuudha; aakhiraadhaaf dhimmamuudha; soomni miskiinota raĥmatuu fi dhiphina jaraa beekuuf gargaara – namtichi soomu dhandhama beelaa fi dheebuu waan dhandhamuuf jecha. Hiika Soomaa Qooqatti sooma jechuun waa irraa of qabuu jechuudha. Akka shari’âatti immoo hiikti isaa eega fajriin lammaffaan bahee jalqabee hanga aduun lixxutti wantoota faxarsiisan (sooma nama hiiksisan) irraa of qabuudhaan Rabbiin gabbaruudha. Waytii Soomaa:- Waajibummaan sooma guyyaa tokkoo kan jalqabu yeroo fajriin lammaffaan bahu. Innis addeenya dayeessa irra (horizon) dalga galee mullatuudha. Kan dhumu immoo aduun lixuudhaani. Rabbi akkana jedha:L K J I H G F E D C BA @ ? > = < ; M ١٨٧ :اﻟﺒﻘﺮة L UT S R Q P ON M “… amma ittiin wal-qunnamaa; waan Rabbi isiniif katabes (ilmoo) barbaadaa; fajrii irraa kan ta’e kirriin adiin kirrii gurraacha irraa hanga adda isiniif bahutti nyaadhaa; dhugaas; achi irraa hanga halkaniitti (galgalaatti) sooma guutaa;” – (Al-Baqaraa: 187). Fajrii irraa kan ta’e kirriin adiin kirrii gurraacha irraa hanga adda isiniif bahutti jechuun addeenyi guyyaa dukkana halkanii irraa hanga adda bahutti jechuudha. 296 Waajibummaan sooma ji’a Ramađaanaa kan jalqabu yeroo jiini seenuun beekamuudha. Jiini Ramađaanaa seenuun kan beekamuun haala sadiin:1/ Addeessa (ji’a) baatii Ramađaanaa arguu:- Rabbi ١٨٥ :اﻟﺒﻘﺮة L zy x w v u M “… isin keessaa namni ji’a san keessatti argame isa haa soomu” jedha – (Al-Baqaraa: 185). Nabiyyiin (ŝâw) “yeroo isa (ji’a) argitan soomaa” jedhaniiru. Namni ji’a ofiin arge soomuun dirqama isatti ta’a. Hubachiisa:- Biyya tokko keessatti jiini yoo mullate biyyoonni biyya sanii wajjin akkaataa bahiinsa ji’aatiin (maxla'âan) tokko ta’an soomuun waajiba itti ta’a.1 Gariin ulamootaa jiini biyya tokko keessatti yoo mullatte biyyi hundinuu soomuu qaba jedhu. Adda addummaan maxla’aa (maxaali’aa) jira kan jedhamu kana hin fudhatan. Muslimoonni tokkummaa uumuu odoo qabanii daangaalee daga baafattoonni yookiin koloneeffattoonni (colonizers) daangessaniif bu’uura godhachuudhaan îbaadaa jaraa keessattillee adda adda bahuun jaraa jara gaddisiisa. Biyyooleen baay’ee walitti dhihaatan adda adda bahanii soomanii biyyooleen baay’ee walirraa fagoo ta’an immoo yeroo tokkicha soomu. Fakkeenyaaf akka lakkoofsa Awrooppaatti bara 1989 (1409 A. L. H.) Tuniisiyaan warra akka Sa’udiitii fi Kuweetii wajjin Kamisa kan jalqaban yoo ta’u Morokoon, Misra (Gibxii), Ordon, Iraaq, … guyyaa Jimaataa; Paakistaan, Hindiin, Omaan, Iraan, … gaafa sanbata Xinnaa jalqabaniiru. Bara 1999tti 1 297 Hubachiisa:- Guyyaa soddommaffaa irratti halkan itti aanuuf guyyaadhaan jiini yoo mullate soomni hin jalqabamu. Sooma hiikuunis hin danda’amu. Guyyaa digdamii sagalitti guyyaadhaan yoo mullates hin fudhatamu. Kan fudhatamu gaafa digdamii salgaffaa eega aduun lixxee booda. Kun ŝaĥaabota irraa waan argameef jecha. 2/ Jiini mullachuu isaatiif ragaa kennamuun yookiin oduudhaan:Namni amanamaa fi mukkallafa (ga'eessa ta'ee fi sammuun isaa nagaa) ta’e ji’a yoo arge soomuun ni danda’ama. Arguu isaa himuun gahaadha. Ibnu Ûmar “Namoonni ji’a argan; ani ji’a arguu kiyya ergamaa Rabbiitti hime; isaan soomanii namoonnis akka jiraatan waan biraa waan hawaasummaa keessatti waliin jiraataa yeroo Ramađaanni jalqabamu hundinuu kanuma biyya isaa hordofuudhaan gariin ni nyaata gariin ni sooma. Ulamoonni baay’een akkuma biyya biyyaatiin addaaddummaan maxaali’aa (baatii ji’aa) jiraachuutti kan amanan ta’us ulamoonni kana mormanis baay’eedha. Hinumaayyuu wantoota ummanni muslimaa ittiin mokkorame keessaa tokko jedhu. Dhimma kana ulamoota fiqhii caalaatti kan beekuu danda’an warra qu’annoo saayinsii urji (astronomy) qu’atan akka ta’e ibsu. Kana ilaallatee katabbiileen baay’een kitaabotaa fi weebsaayitoota adda addaa irratti kan argaman yoo ta’u katabbii qu’annoo irratti hundaa’e kan haalaan gaarii ta’e www.saaid.net/book/10/3190.doc yoo bantan ni argattu. Jiini addunyaa kana irratti baate jechuun addunyaa kana irraa bakkuma hundatti baate jechuudha. Biyya tokkoof baatee biyya biraatii wanti isiin hin baaneef hin jiru. Duumessaa fi sababaa biraatiin dhokachuun isii ni mala. Wal amanuun yoo jiraate biyya tokko keessatti bahuun isii sirriitti mirkanoofnaan biyyootiin biraas qeebaluu qabu. Rakkinni jiru garuu biyyootiin tokko tokko yeroo tokko tokko jiini odoo hin mullatin mullate jedhanii sooma nama harkattii borcu. Rabbi waliif nu haa galchu; tokko nu haataasisu. – Hiikticha. 298 sooman ajajan” jedheera – Abuu-Daawudii fi kan birootis kan gabaasan yoo ta’u Ibnu-Ĥibbaanii fi Al-Ĥaakim ŝaĥiiĥa jedhaniiru. 3/ Jiini Sha'âbaanaa guyyaa soddoma guutuu:- kun kan ta’u Sha'âbaana halkan soddommaffaa irratti yoo jiini hin mul'anneedha. Nabiyyiin (ŝâw) “lakkoofsi ji'aa guyyaa digdamii sagali; hanga ji’a argitanitti hin soominaa; hanga argitanittis hin hiikinaa; yoo duumessaan isin jalaa haguugame tilmaamaafii” jedhaniiru. Tilmaamaafi jechuun isaanii ji’a Shaâbaanaa guyyaa soddoma guutaa jechuudha. Ĥadiitha Abuu Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “yoo duumessaan isin jalaa haguugame soddoma lakkaahaa” waan jedhaniif jecha. Herregni deemsa urjii irratti hundaahe (al-Ĥisaab al-Falakii) fudhatama hin qabu. Ĥadiitha Ûmar dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Nuti ummata barusa barate miti (ummiyyii)dha; hin katabnu hin herregnus …”1 waan jedhaniif jecha – Muttafaqun âlayhi. Nama Soomni irratti Dirqama ta’u Soomni Ramađaanaa muslima mukallafa ta’ee fi dandeettii qabu hunda irratti dirqama. Kaafira irratti dirqama hin ta’u. soomullee fudhatama hin qabu; kufaadha. Ramađaana keessa toobatee Islaamummaa yoo fudhate kan hafe ni sooma. odoo kaafira ta’ee Ulamoonni yeroo ĥadiitha kana ibsan Nabiyyiin (ŝâw) kan kana jedhan ji’a/addeessaa wajjin walqabsiisanii waan ta’eef jecha jiini bahuun kan beekamu herregaan odoo hin ta’in ijaan arguudhaan ta’uu isaa ibsuuf malee beekumsi katabbiitii fi herregaa barbaachisaa miti jechuuf miti. – Hiikticha. 1 299 jiruu kan isa darbe qađaa baasuun dirqama isatti hin ta’u. Walakkaa guyyaa keessa yoo asallame guyyaa san irraa yeroo isa hafe wantoota sooma namaa balleessan irraa of eega. Sooma guyyaa sanii qađaa baasuun dirqama isatti hin ta’u. Soomni ijoollee xixiqqaa irratti waajiba hin ta’u. Xiqqaan mumayyiza ta’e yoo soome soomni isaa sirriidha (ŝaĥiiĥa); sunnaa ta’aafi; ajrii soomaa ni argata; guddisaan isaa immoo ajrii barsiisaa fi tarbiyaa argata. Maraataa irratti soomni waajiba hin ta’u. Maraataa ta’ee odoo jiruu yoo soomeyyuu ŝaĥiiĥaa miti; waan niyyaan hin jirreef jecha. Guyyaa walakkaa keessa mucaan xiqqaa ture umurii ga'eessa yoo ta'e (baaliga yoo ta’e) yookiin maraataan yoo fayye yeroo guyyaa san irraa hafe waan sooma hiiksisu irraa of qaba; kun gahaadha; kan darbe qađaa baasuun dirqama itti hin ta’u. Hubachiisa:- Dubartiin ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti jiru soomni waajiba itti hin ta’u. Garuu odoo fajriin hin bahiniin dura ĥayđichi yookiin dhiigni dahiinsaa sun yoo irraa dhaabate eega fajriin bahee booda malee kan hin dhiqanne ta’ullee soomni isii ŝaĥiiĥa (sirriidha). Eega fajriin bahee booda yoo irraa dhaabate yookiin odoo aduun hin lixiniin dura yoo itti dhufe soomni isii guyyaa sanii ŝaĥiiĥa (sirrii) hin ta’u; qađaa baasuun waajiba itti ta’a. 300 Dhukkubsataa soomuu hin dandeenyee fi kara-deemaa irratti yerootti soomuun waajiba itti hin ta’u. Ûžriin dhukkubaa yookiin karaa-deemuu yoo irraa ka’e qađaa baasu. Rabbi:- ١٨٤ : اﻟﺒﻘﺮةL PO N M L K J I H G F E M “… isin keessaayis namni dhukkubsataa yookiin kara-deemaa ta’e guyyoota biraa irraa hamma lakkoofsa sanii soomuu qaba; …” jedha – (Al-Baqaraa: 184). Sunnaalee Soomaa Saĥuura:- Saĥuura jechuun sooma irratti jajjabaachuuf jecha naannoo dhuma halkanii irratti waan nyaatamuudha. AlŜaĥiiĥaynii keessatti Anas irraa (râ) akka gabaafametti ergamaan Rabbii (ŝâw) “Saĥuura nyaadha; saĥuurri barakaa waan qabuuf jecha” jedhaniiru. Yeruma tokko bishaan unachuullee ta’u aathaarri (ĥadiithonni) saĥuura gochuu irratti nama kakkaasan baay’een gabaafamaniiru. Yeroon isaa halkan irraa gara dhumaati. Hanga naannoo baha fajriitti tursiisuun ni jaallatama. Namni tokko janaabaa ta’ee odoo jiruu fajriin bahuudhaan duratti irriba irraa yoo dammaqe yookiin dubartiin ĥayđii irra turte fajriidhaan dura ĥayđiin yoo irraa dhaabate dursanii saĥuura nyaachuudhaan soomuu qabu; dhiqannaa eega fajriin bahee booda gochuu danda’u. Aduun lixuun ijaan ilaaluudhaan yoo mirkanaahe yookiin ažaaniin bahuudhaan yookiin waan biraatiin aduun lixuun yoo tilmaamame dafanii faxaruun ni jaallatama. Ĥadiitha Sahl bin 301 Saâd (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namoonni faxirii daddafsiisuun waan gaarii irra jiraachuu jaraa agarsiisa” jedhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Sunnaan ruxabatti (asheeta tamiriitti) faxaruudha. Yoo hin argatin tamiriitti, yoo kanas hin argatin bishaanitti faxaruudha. Anas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) salaatuudhaan duratti ruxabootatti, ruxaboonni yoo hin jiraatin tamirootatti, tamiroonni yoo hin jiraatin habbuuqqii bishaaniitti faxaru ture” jedheera – Ahmad, Abuu-Daawudii fi Al-Tirmižiin kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥadiithicha ĥasan jedheera; Al-Daaraquxniin immoo ŝaĥiiĥa jedheera. Ĥadiitha Salmaan bin Âamir Al-Ðabbii (râ) dabarseenis Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan yeroo faxaru tamiriitti haa faxaru; inni waan barakaa ta’eef jecha; yoo hin argatin bishaanitti haa faxaru – inni xahuura waan ta’eef jecha” jedhaniiru – AlTirmižiin kan gabaase yoo ta’u ŝaĥiiĥas jedheera. Ruxabas, tamiras, bishaanis yoo hin argatin bishaanii fi dhugaatii irraa wama argatetti faxara. Yeroo faxaru du'âa’ii barbaadu gochuun ni jaallatama. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) namoota sadi kan du'âa’iin jara (fudhatama argatu male) itti hin deebine yeroo dubbatan sanneen keessaa (du'âa’ii) namtichi soomu yeroo faxaru (godhu) dubbataniiru – Al-Tirmižiinii fi Ibnu-Maajaan kan gabaasan yoo ta’u Tirmižiin ĥasan jedheera. Wantoota Sooma Balleessan 302 Wantoonni sooma balleessan kan muslimni beekuu, irraa fagaachuu fi irraa of-eeggachuun waajiba itti ta’an jiru. Wantoonni kun Sooma ni faxarsiisu; ni balleessus. Isaanis:1/ Qunnamtii Saalaa:- Kana jechuun qaamni saala dhiiraa fiixee isaallee ta’u qaama saalaa dubartii keessa galuudha. Namni soomu qunnamtii saalaa yoo godhe soomni isaa ni bada. Sooma guyyaa qunnamtii saalaa itti godhe sana qađaa baasuun dirqama itti ta’a; qađaa baasuu wajjin kaffaaraanis dirqama itti ta’a. Kaffaarichi garba bilisoomsuu; yoo garba hin argatin yookiin horii garba ittiin bitu yoo hin argatin ji’a lama walitti aansee soomuudha; waan umuriin isaa fagaataa ta’eef jecha yookiin dhukkuba dhaabbataa kan ta’e waan qabuuf jecha yookiin sababaa sooma kanaatiin haala jireenya isaa irratti miidhaan kan gahu ta’ee ji’a lama walitti aansee soomuu yoo hin dandeenye nyaatuma naannoo isaatti nyaatamu irraa miskiinota jaatama nyaachisuu qaba. 2/ Maniyyii (spermii) baasuu:- Dhungachuudhaan yookiin itti bu’uudhaan yookiin harkaan akka bahu gochuudhaan yookiin itti deddeebi’anii dubartii ilaaluudhaan yoo maniyyiin bahe qađaa baasuu qofatu irra jira; kaffaaraan irra hin jiru. Kaffaaraan kan dirqama ta’u guyyaa Ramađaanaa qunnamtii saalaa kan godhe yoo ta’e qofa waan ta’eef jecha. Namni irriba keessa iĥtilaama ta’ee yoo maniyyii baase homaa irra hin jiru; soomni isaas sirriidha; kunis wantichi kan argame fedhii isaatiin waan hin ta’iniif jecha. Janaabaa irraa dhiqachuun garuu dirqama itti ta’a. 303 3/ Beekaa Nyaachuu yookiin Dhuguu:- Kana jechuun waan jajjaboos (solid) ta’e dhangaloo (liquid) gara garaatiin gahuudha. Rabbi ١٨٧ : اﻟﺒﻘﺮةL ON M L K J I H G F E D C M “… fajrii irraa kan ta’e kirriin adiin kirrii gurraacha irraa hanga adda isiniif bahutti nyaadhaa; dhugaas; achi irraa hanga halkaniitti (galgalaatti) sooma guutaa.” – (Al-Baqaraa: 187). Namni hirraanfatee nyaate yookiin dhuge sooma isaa irratti miidhaan hin gahu. Ĥadiitha Abuu Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Namni hirraanfatee nyaate yookiin dhuge sooma isaa haa guutu; kan isa nyaachisee fi obaase Rabbiin waan ta’eef jecha” jedhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Wantoota sooma baalleessan keessaa:- bishaanii fi wantoota kkf karaa funyaaniitiin garaa seensisuu, hidda dhiigaatiin qallaba fudhachuu, namni soomu dhiigni kennamuufii, kun hundinuu sooma ni balleessa – waan isaaf qallaba ta’aniif jecha. Lilmoon (marfeen) qallabaa (kan giluukoosii jedhamu) sooma ni balleessa. Kunis waan bakka nyaataa bu’uuf jecha. Lilmoo qallabaa kan hin ta’in sooma hin balleessu. Haa ta’u malee namni soomu irraa fagaachuu qaba – sooma isaa eeguuf jecha. Nabiyyiinis (ŝâw) “waan si shakkisiisu dhiisii waan si hin shakkisiifne qabadhu” waan jedhaniif jecha. Lilmocha hanga galgalaatti haa tursiisu. 304 4/ Koobbachuudhaan yookiin kkfn qaama irraa dhiiga baasuun sooma ni balleessa1:- qorannoodhaaf kan kennamuu fi haala kkfn dhiigni xiqqaan bahu, akkasumas funuunaan, yookiin madaadhaan, yookiin ilkaan buqqa’uudhaan fedhii isaa malee dhiigni bahu sooma irratti miidhaa hin geessisu. 5/ Haqqisiisuu (Hoqqa’amuu):- waan garaa keessa jiru – nyaataa fi dhugaatii beekaa hoqqa’amuun (of keessaa baasuun) sooma ni balleessa. Balaqqamni isa mo'atee fedhii isaa malee yoo bahe sooma isaa irratti miidhaa hin geessisu. Nabiyyiin (ŝâw) “Namni balaqqamni ofuma isaatiin dhiibee irraa bahe qađaan irra hin jiru” jedhaniiru – Abuu-Daawud, Al-Tirmižii fi Ibnu-Maajaan Abuu-Hurayraa irraa (râ) akka gabaasnitti. Ibnu-Ĥibbaan, IbnuKhuzaymaa, Al-Ĥaakimii fi Al-Žahabiin ĥadiithichi ŝaĥiiĥa kan jedhan yoo ta’u Al-Tirmižiin ĥasan jedheera. Gariin ulamootaa immoo sanada isaa keessa akka dhibeen jiru ibsuudhaan ĥadiithicha ittiin hin hojjenne. Haa ta’u malee heerota biraa yoo xiinxallu kanaaf ragaa ta’u. Baasuun – fakkeenyaaf maniyyii baasuunii fi koobbachuudhaan dhiiga baasuun sooma ni balleessa. Ibnu Ûmar irraa mawquufummaadhaan gabaafameera – Maalikii fi Shaafi’îiin gabaasaniiru. Jechi filatamaan koobaan sooma hin cabsu kan jedhuudha. Sababni isaas Ergamaan Rabbii (SAW) jalqaba namoota wal-kooban arganii inni koobuu fi inni koobbatu sooma hiikeera jedhani. Sana booda ofii isaaniitiifis soomaa koobbataa turani. Kun akka hukmiin duraanii bakkaa ka'e (nassakhame) agarsiisa. Gulaalaa 1 305 Shuruuxa (ulaagaalee) Wantoota Sooma Balleessanii Wantoonni sooma balleessan shuruuxni sadi yoo hin guutin soomni hin badu:1/ Yaadachuu:- Irraanfatee wantoota sooma balleessan kanneen yoo hojjete homtuu irra hin jiru. Ĥadiithni Abuu-Hurayraadhaan gabaafame kana agarsiisa. 2/ Filannoo yookiin Fedhii:- Wantoota kanneen dirqisiifamee yoo hojjete soomni isaa hin badu. 3/ Beekumsa:- Ĥukmii (murtee) shari’âaa yoo hin beekin yookiin sooma irra jiraachuu isaa yoo hin beekin homaa irra hin jiru. Ĥadiithni Sahl bin Sa'âd kana agarsiisa. Hubachiisa:- Ija kuullachuun yookiin cophxi (xabbitaadhaan) yookiin waan biraatiin ijatti qoricha godhachuun sooma hin balleessu. Mađmadaa (lulluuqqachuu) fi istinshaaqni (bishaan funyaaniin fuuchuun) daangaa dabarfamuu hin qabu. hinumaayyuu ni jibbama. Kunis waan bishaan gara keessaatti galuu danda’uuf jecha. Ĥadiitha Laqiix bin Ŝaburaa dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Istinshaaqa sirriitti godhi; yoo kan soomtu taate malee” jedhaniiru – Abuu-Daawud, Al-Tirmižii, Al-Nasaa’ii fi IbnuMaajaan kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera. Siwaakiin (rigaan) sooma hin miidhu; hinumaayyuu ilaalcha irra sirrii ta’een nama soomuuf ta’ee nama biraatiifis jalqaba guyyaatii fi dhuma guyyaa irrattis fayydamuun jaallatamaadha. 306 Awwaarri yookiin wanti biraa gara qoonqootti (kokkeetti) yoo gale sooma hin miidhu. Namni sooma irra jiru soba irraa, nama hamachuu fi arrabsuu irraa fagaachuu qaba. Yoo namni isa arrabse ani soomaan jira haa jedhu. Namoonni tokko tokko nyaataa fi dhugaatii dhiisuun ni laafaafi; garuu haasaa fi hojiilee fokkataa baratan dhiisuun hin laafuufi. Kanaaf jecha salafoonni tokko tokko “soomni bareechee laafaa ta’e nyaataa fi dhugaatii dhiisuudha” jedhaniiru. Namni sooma irra jiru yeroo isaa žikrii, Qur’aana qara’uu fi ŝalaata sunnaa salaatuu irra oolchuu qaba. Salafoonni yeroo sooman masgiida keessa taa’anii “sooma keenya eegna; nama hin hamannu” jedhu ture. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “nama soba dubbachuu fi sobaan hojjachuu hin dhiisin nyaataa fi dhugaatii dhiisuu isaa irraa Rabbi dhimma hin qabu” jedhaniiru – Bukhaarii. AĤKAAMOTA QAĐAA Sababaa (ûžrii) shari’âadhaan sooma hiikuu eeyyamsiisuun yookiin sababaa ĥaraama ta’een fakkeenyaaf qunnamtii saalaatii fi kkfn namni sooma balleesse qađaa baasuun dirqama isatti ta’a. Rabbi ١٨٤ :اﻟﺒﻘﺮة L PO N M L M “… guyyoota biraa irraa hamma lakkoofsa sanii soomuu qaba;” waan jedhuuf jecha – (Al-Baqaraa: 184). Of-qulqulleessuuf jecha qađaa dafanii baasuun ni jaallatama. Qađaa walfaana raawwachuun ni jaallatama. Qađaan gara-galchii 307 adaa’aa1 waan ta’eef jecha. Achumaan dafee qađaa yoo hin baasin baasuudhaaf murteeffachuun irratti waajiba ta’a. Tursiisuu ni danda’a. Yeroon isaa waan ballaa ta’eef jecha. Waajiba yeroon isaa ballaa ta’e hundaayyuu tursiisuun ni danda’ama. Kunis raawwachuuf murteeffachuu wajjin ta'uu qaba. Adda adda baasee soomuus ni danda’a. Haa ta’u malee ji’a Sha'âbaanaa keessaa yeroon hafe qađaa Ramađaanaa isa irra jiru isa ficcisiisu kan danda’u qofa yoo ta’e wal-faana soomuun dirqama akka itti ta’u ijmaa'â godhameera. Ûžrii malee Ramađaana kan itti aanu irra dabarsuun hin danda’amu. Âa’ishaan (râ) “Qađaan sooma Ramađaanaa na irra jiraata ture; kabajaa ergamaa Rabbiitiif (ŝâw) jecha ji’a Sha'âbaanaa keessa malee qađaa baasuu hin danda’un ture” jetteetti – Muttafaqun âlayhi. Kun kan agarsiisu ji’a Sha'âbaanaa keessaa yeroon qađaa isa irra jiru baasuu isa dandeessisu qofti hanga hafutti yeroon qađaa keessa baasan ballaa ta’uu fi Ramađaanni haaraan seenuudhaan duratti qađaa isa irra jiru xumuruun waajiba akka itti ta’uudha. Ramađaanni haaraan hanga isatti dhufutti qađaa isa irra jiru yoo tursiise Ramađaana haaraa sana sooma. Qađaa isa irra ture booda san raawwata. Kan inni tursiiseef ûžrii yerootti raawwachuu isa dhowwuuf yoo ta’e qađaa baasuu malee homtuu isa irra hin jiraatu. Kan inni tursiise Adaa’a jechuun îbaadaa tokko (ŝalaata, sooma, kkf …) yeroo isaaf murteeffame keessatti raawwachuu jechuu yoo ta’u qađaa jechuun immoo eega yeroon isaa darbee booda raawwachuu jechuudha. – hiikticha. 1 308 ûžrii malee yoo ta’e garuu qađaa baasuu wajjin lakkoofsa guyyaalee qađaan irra jiruun miskiina tokko tokko nyaata naannoon fayyadamu irraa nyaachisuun jaallatamaa 1 (mustaĥabba) ta’a . kunis ŝaĥaabota irraa waan argameef jecha. Namni qađaan irra jiru Ramađaanni haaraan odoo hin seenin yoo du’e homaa irra hin jiru. Yeroo du’e san keessa qađaa isaa tursiisuu waan danda’uuf jecha. Ramađaana haaraa saniin booda yoo du’e qađaa san kan tursiise ûžriidhaan (dhukkubaan, karaa deemuudhaan, …) yoo ta’e haala kanaanis homtuu irra hin jiru. Kan inni tursiise ûžrii malee yoo ta’e garuu qabeenya dhiisee du’e irraa guyyaadhaan miskiina tokko nyaachisuudhaan kaffaaraa baasuun waajiba ta’a. Hubachiisa:- Namni soomni waajibaa odoo irra jiruu du’e jechuun akka sooma Ramađaanaa, yookiin sooma kaffaaraa - kan akka kaffaaraa zhihaaraa2, yookiin sooma waajibaa kan bakka Rakkoodhaaf yoo isa darbee homtuu isa irra hin jiru; qadaa qofa baasa. Akkasumas yoo rakkoofis yeroo dabarse badiin isa irra jira; garuu qadaa wajjin miskiina nyaachisa jechuun ragaan kamiyyuu Rasuula irraa hin mirkanoofne. Seera shari'aa keessatti qadaa fi nyaachisuun walitti bakkuma tokkottiyyuu hin dhufne. Gulaalaa 1 Zhihaara jechuun haadha-manaa ofiitiin ‘ati ana irratti akka dugda haadha kootiiti’ jechuudhaan of irratti haraama gochuudha. Zabana jaahiliyyaa Araboonni jecha kana fayyadamuudhan dubartoota jaraa of irratti haraama godhu ture. Eega kana jedhan booda waliin hin ciisan ture. Qur’aanni (suuratul-mujaadalaa aayaa 1 – 4 keessatti) wanti kun dilii (cubbuu) jabaa ta’uu isaa ibsee namni dubartii ofiitiin jecha kana eega jedhee booda dubartii 2 309 qalma mut'âa ĥajji soomamu odoo irra jiruu qađaa baasuu odoo danda’uu odoo hin baasin yoo du’e guyyaa tokko tokko irraa miskiina tokko tokko nyaachisuu yookiin isa irraa soomuudha. Kan nyaachifamu qabeenya inni dhiisee du’e irraayyi. Namni Sababaa Dullumaatiif yookiin Dhukkubaatiif Sooma Dhiise Maal Gochuu akka Qabu Namni umuriin isaa fagaate yookiin dhukkubsataan fayyuuf abdii hin qabne yeroo isaattis (adaa’aan) ta’ee eega yeroon isaa darbee (qađaa’aan) soomuu yoo hin dandeenye Rabbi nama akkanaa irraa laaffiseera. Bakka soomaa mata mataa guyyaatiin miskiina tokko nyaachisuu waajiba irratti godheera. Rabbi:٢٨٦ : اﻟﺒﻘﺮةL ®¬ « ª © ¨ § M “Rabbi nafsee tokko dandeettii isiiti olitti hin dirqisiisu; …” jedha – (Al-Baqaraa: 286). Ammas Rabbi:١٨٤ :اﻟﺒﻘﺮة L WV U T S R Q M “warra sooma (rakkoo wajjin) danda'an irra kan jiru bakka isaa miskiina nyaachisuudha…” jedha – (Al-Baqaraa: 284). Ibnu Âbbaas “nyaachisuun nama dulloomaa rakkoo wajjin soomuuf” jedheera – (Bukhaarii). isaatti deebi’uu baarbaade odoo itti hin deebi’in dura garba tokko bilisa baasuu, yoo kana dhabe ji’a lama walitti aansee soomuu, yoo kana hin dandeenye miskiina jaatama nyaachisuu itti murteesse. – hiikticha. 310 Namni dhukkuba isaa irraa akka fayyu abdii hin qabnes ĥukmiin isaa ĥukmiidhuma nama dulloomeeti – mata mataa guyyaatiif miskiina nyaachisa. Namni akkanaa yoo du’e qabeenya dhiisee du’e irraa mata mataa guyyaatiif miskiina tokko tokko nyaachisuu dha; yookiin firri inni dhiisee du’e dirqamatti isa irraa soomuu qaba; fira dhiisee yoo hin du’in isa irraa soomuun jaallatamaa (mustaĥabba) ta’a. Namni sababaa ûžrii deemuu danda’uun faxare; akka karadeemaa, yookiin dhukkubsataa dhukkubni isaa fayyuu danda’u, yookiin dubartii ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti jiruu fi kkf yoo faxaran nama akkanaa irratti qađaa baasuun dirqama ta’a – guyyoota keessatti faxareen booda guyyoota biraa soomuudhaan. Rabbi akkana jedha:- ١٨٤ : اﻟﺒﻘﺮةL PO N M L K J I H G F E M “… isin keessaayis namni dhukkubsataa yookiin kara-deemaa ta’e guyyoota biraa irraa hamma lakkoofsa sanii soomuu qaba; …” – (Al-Baqaraa: 184). Hubachiisa:- Kara-deemaan karaa irra (imala irra) odoo jiruu yoo soome haala sadii qaba. 1/ Soomichi yoo bareechee itti jabaate soomuun ĥaraama ittti ta’a. Garuu soomichi sirrii ta’a. Ĥadiitha Jaabir (râ) dabarse keessatti Nabiyyiiin (ŝâw) nama odoo soomni itti jabaatuu some “jarri didoota (ûŝaat); jarri didoota” jedhaniiru – (Muslim). 2/ Soomichi kan xiqqoo itti jabaatu yoo ta’e faxaruun mustaĥabba (jaallatamaa), soomuun immoo makruuha (jibbamaa) ta’a. 311 Ĥadiitha Jaabir (râ) dabarse keessatti Nabiyyiiin (ŝâw) “Karadeemaa ta’anii soomuun gaarii miti” jedhaniiru. 3/ Soomni kan itti hin jabaanne yoo ta’e akkuma ammaan dura dubbatame caalaan soomuudha. Nabiyyiin (ŝâw) kara-deemaa ta’anii waan soomaniif jecha. Dafanii of-qulqulleessuu waan ta’eef jechas. Hubachiisa:- Dhukkubsataan yoo soome haala sadii qaba:1/ Soomichi kan isa miidhu yoo ta’e soomuun ĥaraama isatti ta’a – soomichi sirrii ta’uu wajjin. Rabbi akkana jedha:١٩٥ : اﻟﺒﻘﺮةL yx w v u t M “… harka keessaniin badiisatti of hin kenninaa;” – (Al-Baqaraa: 195). 2/ Soomichi kan itti jabaatu yoo ta’e soomuun ni jibbama – Rukhsaa (eeyyama) Rabbii qeebaluu dhabuu waan ta’eef jecha. 3/ Kan isa hin miines kan itti hin jabaannes yoo ta’e soomuun waajiba itti ta’a – waan ûžriin hin jirreef jecha. Hubachiisa:- Nama badiisaaf saaxilame badiisa irraa oolchuuf faxaruun barbaachisaa yoo ta’e faxaruun waajiba ta’a. Fakkeenyaaf nama bishaan nyaate baasuuf jecha. SOOMAAF NIYYAA GOCHUU Namni soomu akka sooma Ramađaanaa, sooma kaffaaraa, sooma nažrii fi sooma waajibaa kkf eega aduun lixxee jalqabee hanga fajriin bahutti yeroo jiru keessatti sooma soomu addaan baasee 312 niyyachuun waajiba itti ta’a. Ramađaana yookiin qađaa yookiin nažrii yookiin kaffaaraa akka soomu yaaduudha. Ĥadiitha Ûmar (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “hojiileen kan ilaalaman niyyaa jaraatiin; namni hundinuu wama niyyate (yaade) argata” jedhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Ĥadiitha Ĥafŝaan dabarsiteenis Nabiyyiin (ŝâw) “Namni akka soomu fajrii dura hin murteessin sooma hin qabu” jedhaniiru – Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Tirmižii, Al-Nasaa’ii fi Ibnu-Maajaan kan gabaasan yoo ta’u Ibnu Khuzaymaan, Al-Ĥaakimii fi kan biraas ŝaĥiiĥa jedhaniiru. Gariin ulamootaa immoo Ibnu Ûmari irratti mawquufa akka ta’e dubbatu. Soomichi akka sooma Ramađaanaatii fi akka sooma kaffaaraa kan wal-faana soomamu yoo ta’e niyyaan gaafa guyyaa jalqabaa godhamu tokkichi ni gaha. Dhukkubaan yookiin karaa deemuudhaan yookiin kkfn yoo addaan kute garuu niyyicha ni haaromsa. Sooma sunnaa garuu guyyaadhuma keessa niyyachuun ni danda’ama. Âa’ishaan (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) guyyaa tokko natti seenanii ‘isin bira waa (wanti nyaatan) jiraa?’ jedhanii gaafannaan ‘hin jiru’ jenneeni; ‘eega hin jirree nan sooma’ jedhani” jetteetti – (muslim). Akka ĥadiithichi agarsiisutti nyaata gaafachuun isaanii duraan soomaa akka hin jirre mul'isa. Niyyaa soomaa tursiisuun akka danda’amu agarsiisa – soomichi sooma fedhii ofiitiin sooman yoo ta’e. Ragooleen dhorgan ĥadiitha kanaan daangeffaman. Kun sunnaa addaan baafamee hin beekamneef (sunnaa muxlaqaatiif). Sunnaa addaan baafamee 313 beekamu (sunnaa mu'âyyanaa) kan akka sooma guyyaa Ârafaa, Shawwaal irraa guyyaa jahan, sooma Âashuraa’aa fi kkf yoo ta’e halkan niyyaa gochuun dirqama ta’a. Yoo hin godhamin soomichi naflii (sunnaa) muxlaqaa ta’a. Sooma naflii guyyaa keessa niyyatanii soomuudhaaf niyyaa saniin dura wanti sooma balleessu kan akka nyaachuu, dhuguu fi kkf argamuu dhabuun sharxiidha. niyyichaan dura waan sooma balleessu kan hojjete yoo ta’e walii-galtee ulamootaatiin soomni isaa sirrii miti. 314 BOQONNAA SHAN AĤKAAMOTA ĤAJJII Ĥajjiin rukniilee fi utubaalee Islaamaa gurguddoo keessaa isa tokko. Rabbi akkana jedha:٩٧ : آل ﻋﻤﺮانL ® ¬ « ª © ¨ § ¦¥ ¤ £ ¢ ¡ ~ } | M “Rabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha (ka'abaa) hajja'uutu dirqamni jira. Namni kafares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha.”– (Aala-Îmraan: 97). Rabbi nama ĥajjii dhiise kaafira jedhee waameera jechuudha. Kun waajibummaa fi jabeeffamaa ta’uu isaa waan agarsiisu irraayyi. Namni waajibummaa isaa itti hin amanne kaafira ta’uu isaa ijmaa'âan mirkanaa'eera. Ĥadiitha Ibnu Ûmar dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Islaamummaan kan ijaarame bu’uurota shan irratti:- Rabbiin malee (kan dhugaan gabbaramu) waaqni biraa akka hin jirree fi Muĥammad ergamaa Rabbii ta’uu isaa ragaa bahuu, ŝalaata sirna isaa guutanii salaatuu, zakaa kennuu, Ramađaana soomuu, nama gara isaa (deemuuf) karaa danda’eef mana Rabbii (dhaqee) ĥajjii gochuudha” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Karaa danda’uu jechuun ĥajjii dhaquudhaaf waan isa dandeessisu jechuudha. Sababaa ĥajjii gochuun murtaaheef Rabbi aayattoota armaan gadii keessatti ibsa:315 x w v ut s r q p o n m l k j i h g fM ٢٩ - ٢٨ :اﻟﺤﺞ L¤£¢¡ ~}|{zy “Faa’idawwan isaanii irratti akka hirmaatanii, guyyoota beekamoo ta'an keessattis beylada irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti akka maqaa Rabbii dubbataniif (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa, dhabaa hiyyeessas nyaachisaa. Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; wareega isaaniis haa guutan. Mana dullachaan (Ka’abaan) haa naanna’an.” – (Al-Ĥajj: 28 – 29). Hubachiisa:- Islaamummaa keessatti ĥajjiin dirqama (farđii) kan ta’e waggaa saglaffaa A.L.Hijraatti – akka ilaalcha ulamoota gara caalaatti (jumhuuraatti). Nabiyyiin (ŝâw) ĥajjii tokko malee jechuun ĥajjatal-wadaa'iin ala kan biraa hin goone. Kan godhanis A.L.Ĥ. waggaa kurnaffaa irratti. Ûmraalee afur godhaniiru. Hubachiisa:- Ûmraan akka ilaalcha ulamoota baay’eetiin waajiba. Kanaafis akka ragaatti kan fudhatame ĥadiitha Âa’ishaan (râ) dabarsiteen Nabiyyiin (ŝâw) “Dubartoonni dirqamni jihaada gochuu irra jiraa?” jedhamanii yeroo gaafataman “eeyyee, jihaada lola hin qabnetu jara irratti dirqama; innis ĥajjii fi ûmraadha” jechuu isaaniiti – Ahmadii fi Ibnu-Maajaan sanada ŝaĥiiĥaan akka gabaasanitti. Dirqamummaan (waajibummaan) ûmraa dubartoota irratti kan mirkanaahe yoo ta’e dhiira irratti immoo hinumaayyuu caalaatti dirqama ta’a. Nabibiyyiin (ŝâw) namticha “abbaan koo jaarsa umuriin isaa fagaate; ĥajjiis ta’e ûmraa gochuuf gaala irra taa’uu hin danda’u” jechuudhaan gaaffii dhiheesseefii “abbaa kee irraa ĥajjiis ûmraas godhi” jechuudhaan 316 deebisaniiruuf – warri shanan kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheeran. Ûmraan ĥajjii xiqqaa dha. Ĥajjii fi ûmraan muslima tokko irratti waajiba kan ta’u umurii isaa keessatti yeroo tokko qofa. Ĥadiitha Abuu-Hurayraan dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Ĥajjiin yeroo tokko; namni dabale inni kan fedhiiti” jedhaniiru – Ahmadii fi kan biraas akka gabaasanitti. Ŝaĥiiĥa Muslim keessatti Abuu-Hurayraa fi warra biraa irraayyis akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “yaa namootaa! Rabbi ĥajjii isin irratti dirqama waan godheef ĥajjii raawwadhaa” jennaan namichi tokko “wagguma waggaanii?” jedhee gaafate. Nabiyyiin (ŝâw) “eeyyee utuun jedhe waajiba taati ture; hin dandeessanis” jedhani. Hubachiisa:- Muslimni tokko ĥajjii gochuu yoo danda’e ĥajjii waajibaa dafee raawwachuun dirqama itti ta’a. Ûžrii malee yoo tursiise dilaahaa ta’a. Nabiyyiin (ŝâw) “Ĥajjiidhaaf daddafaa – jechuun ĥajjii isa dirqamaatiif – tokkoon keessan waan isatti dhufu (waan isa mudatu) waan hin beekneef jecha” jedhaniiru – Akka Ahmad gabaasanitti. Dirqama namarra jiru dafanii raawwachuun dirqama ta’a. WAAJIBUMMAA ĤAJJIITIIF SHURUUXA GUUTAMUU QABAN Ĥajjiin waajiba kan ta’u sharxiilee shaniin:- Muslimummaa (alIslaam), nagummaa sammuu (al-âql), ga'eessa (al-buluug), walabummaa (al-hurriyyaa) fi dandeettii (al-istixaa'âa). Namni 317 sharxiileen kanneen guutamaniif dafee ĥajjii gochuun waajiba itti ta’a. Ĥajjii Daa’imaa:- Daa’imni sunnummaadhaan ĥajjii fi ûmraa gochuu ni danda’a. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas dabarsaniin dubartiin tokko daa’imaa gara Nabiyyiitti (ŝâw) ol-fuutee agarsiisuudhaan “kun ĥajjii gochuu ni danda’aa?” jettee gaafannaan “eeyyee, atis ajrii qabda” jechuudhaan deebisaniif – akka Muslim gabaasetti. Ajriin (mindaan) ĥajjii kan daa’imichaati; ajriin waliyyii isaa ajrii tarbiyaa (guddisa gaarii)tii fi barsiisaati. Daa’imni odoo umurii dhiirummaa (buluugha) hin gahiniin dura yoo ĥajjii godhe yeroo ga'eessome yoo danda’e lammata ĥajjii gochuu akka qabu ulamoonni itti waliigalaniiru; ĥajjiin inni ijoollummaan godhe ĥajjii Islaamummaa keessatti dirqama ta’e irraa of isa hin geessisu. Ûmraan isaas akkasuma. Daa’imichi umurii tamyiizaatii (umurii waa addaan baasee beeku) gadi yoo ta’e kan iĥraamii godhuuf waliyyii isaati. Isaaf niyyaa godha; wantoota dhorgaman irraa isa fageessa; isa baatee xawaafaa fi sa'âyii gochisiisa; gara Ârafaa, Muzdalifaa fi Minaa isa geessa; cirrachas ni darbataaf. Gariin ulamootaa daa’imichi mumayyiza (waa addaan baasee kan beeku) yoo hin ta’in waliyyiin isaa xawaafa yeroo lama, sa'âyiis yeroo lama gochuu qaba jedhu – tokko ofiif tokko daa’imichaaf. niyyaan takkittiin nama lamaaf waan hin taaneef jecha. Yoo mumayyiza ta’e garuu xawaafni yeroo tokkootii fi sa'âyiin yeroo tokkoo ni gaha jedhu – niyyaan waliyyiis ta’e niyyaan daa’imichaa sirrii waan ta’aniif jecha. 318 Daa’imichi mumayyiza yoo ta’e eeyyama waliyyii isaatiin niyyaa ofumaan godha. Hojiilee (manaasika) ĥajjii keessaayis waan danda’e hundayyuu ni raawwata. Waan hin dandeenye immoo waliyyii isaatu godhaaf – fakkeenyaaf waan akka cirracha darbachuu. Daa’imichi yoo adeemuu dadhabe waliyyiin isaa (horii, gaarii fi kkf) irra kaa’ee yookiin baatee xawaafaa fi sa'âyii gochisiisa. Daa’imichi mumayyizas ta’ee sanii gadi yoo ta’e waan ofii gochuu danda’u fakkeenyaaf Ârafaa dhaabachuu fi Minaa buluu ofuma isaatii gochuun dirqama itti ta’a. Kana jechuun waliyyiin isaa hin godhuuf jechuudha. Kunis barbaachisaa waan hin taaneef jecha. Daa’imichi wantoota ĥajjii irratti dhorgaa ta’an kan namoonni gurguddaan irraa fagaachuu qaban irraa fagaachuu qaba. Hanafiyyootaa fi Ibnu Ĥazmiin biratti daa’imni iĥraama irratti (ĥajjii irratti) wantoota dhorgaman yoo hojjete fidyaa baasuun dirqama itti hin ta’u. Hubachiisa:- Namni ĥajjii gochuu ni danda’a jedhamu humna qaamaatiinis ta’e humna qabeenyaatiin ĥajjii raawwachuun nama isaaf mirgaahu jechuudha. Kunis (horii yookiin konkolaataa yookiin xayyaara, kkf) yaabbachuu danda’uu, xaaxaa karaa (imalaa) danda’uu, horii gahaa kan isa geessee biyyatti isa deebisu argachuu, hanga deemee deebi’utti maatii isaatii fi namoota inni bulchuun dirqama irratti ta’uuf qallaba gahaa fi wantoota barbaachisaa ta’an argachuu walitti qabata. Kunis kan ta’u daynii fi haqqiilee irra jiran eega kaffalee booda. Karaan ĥajjii isa geessus mataa isaatiifis ta’e horii isaatiif nageenya yoo qabaateedha. 319 Horii (qabeenya) isaatiin danda’ee qaama isaatiin yoo hin dandeenye jechuun dulloomaa yookiin dhukkubsataa fayyuun isaa abdii hin qabne yoo ta’e nama isa irraa dirqama ĥajjiitii fi ûmraa godhuuf iddoo buufachuun dirqama itti ta’a – bakka kamiyyuu yoo ta’e. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) dabarsaniin “Dubartiin khathâmiyyaa tokko ‘yaa ergamaa Rabbii, dirqamummaan ĥajjii abbaa kiyyatti kan dhufte isaa dulloomaa dadhabaa kan horii irra taa’uu hin dandeenye ta’ee jiruuti; isa irraa ĥajjii haa godhuuyii?’ jettee gaafannaan ‘eeyyee, isa irraa ĥajjii godhi’ jedhaniiruun” Muttafaqun âlayhi. Namni iddoo bu’ee nama biraatiif ĥajjii godhu ofii isaatiif ĥajjii Islaamummaa keessatti isa irratti dirqama ta’e duraan kan godhe ta’uu qaba. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) dabarsaniin “Nabiyyiin (ŝâw) nama tokko ‘labbayk ân Shubruma (labbayk Shubrumaa irraa)’ kan jedhu dhagahanii ‘ofiif ĥajjii gooteettaa?’ jedhanii gaafannaan ‘hin goone’ jedheeni; ‘dura ofii godhii ka’ii booda Shubrumaadhaaf goota jedhaniin.” jedheera – ĥadiithni kun marfuu'ûmmaanis ta’e mawquufummaan kan gabaafame yoo ta’u Al-Bayhaqiin ŝaĥiiĥa jedheeraan. Iddo bu’ichi baasiin karaa deemsaaf deebiidhaa gahaa ta’e kennamuufii qaba. Yaanni iddo bu’ichaa obboleessa isaa (iddo buusaa isaa) fayyaduudhaaf ta’uu qaba; mana Rabbii kabajamaa ta’ee fi mallattoolee/bakkeelee îbaadaa kabajamtoota ta’an daawwachuudhaan ĥajjii gochuu yaada isaa gochuu qaba – Ĥajjichi Rabbiif malee duniyaadhaaf ta’uu hin qabu. 320 Hubachiisa:- Dubartii irratti ĥajjiin dirqama ta’uudhaaf sharxiilee duraan dubbataman irratti dabalataan ĥajjii gochuudhaaf maĥramni (firri) isiidhaa wajjin deemu jiraachuun sharxii dha. Maĥrama malee ĥajjiifis ta’e deemsa karaa dheeraa deemuu waan hin dandeenyeef jecha. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) dabarsaniin “Dubartiin maĥrama isiitii wajjin malee karaa (imala) deemuu hin dandeessu; maĥrama isiitii wajjin yoo jiraatte malee dhiirri gara isiin jirtutti seenuu hin danda’u” jedhaniiru – (Bukhaari). Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Ibnu Âbbaas irraa (râ) akka gabaafametti immoo namtichi tokko Nabiyyiidhaan (ŝâw) “haati manaa kiyyaa ĥajjii gochuudhaaf baateetti; ani immoo duula bahuuf galmaaheen jira” jennaan “deemii isii wajjin ĥajjii godhi” jedhaniin. Maĥramni dubartii abbaa manaa isii, yookiin sababaa firummaatiin yeroo kamiyyuu kan isii fuuchuun ĥaraama isa irratti ta’e kan akka abbaa, ilma, obboleessa, ilma obboleessa, wasiila (abbeeraa), ilma obboleettii isii yookiin sababaa eeyyamamaa (mubaaĥa) ta’een nama isii fuuchuun ĥaraama isa irratti ta’e fakkeenyaaf obboleessa harmaa (kan wajjin hodhe), wasiila harmaatii fi kkf, yookiin immoo sababaa soddummaatiin isii fuuchuun kan ĥaraama itti ta’e fakkeenyaaf abbaa manaa haadha isii, ilma abbaa manaa, abbaa abbaa manaa, abbaa manaa ilmoo isiiti. Ŝaĥiiĥa Muslim keessatti akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “dubartiin Rabbitti amantu abbaan isii, yookiin ilmi isii, yookiin abbaan manaa isii, yookiin maĥramni (firri) isii wajjin yoo jiraate malee karaa (imala) deemuu hin dandeessu” jedhani. 321 Baasii maĥrama isii kan danda'u isii dha. Isii irratti ĥajjiin waajiba ta’uu kan danda’u isiidhaafis ta’e maĥrama isiitiif horii (maallaqa) ĥajjii deemsaa fi deebiidhaa kan gahu yoo qabaatteedha. Dandeettii horii (maallaqaa) kan qabdu taatee eega maĥrama argattee booda odoo harkifattuu maĥramni kan isii jalaa tare (darbe) ammas hanga argattutti eeggatti. Akka hin arganne abdii yoo kutte nama isiirraa ĥajjii godhu iddoo buufti. Hubachiisa:- Namni ĥajjiin waajiba itti ta’ee odoo hin godhin du’e horii inni dhiisee du’e irraa ĥajjii gochuudhaaf kan gahu irraa fuudhamee namni iddoo buufamee ĥajjii godhaafi. Ĥadiitha Bukhaariin Ibnu Âbbaas irraa (râ) gabaaseen dubartiin tokko “yaa ergamaa Rabbi, haati kiyya ĥajjii gochuuf nažrii gootee odoo ĥajjii san hin godhin duute; isii irraa ĥajjii godhuu?” jettee gaafannaan Nabiyyiin (ŝâw) “eeyyee, isii irraa ĥajjii godhi. Haadha kee irra odoo dayniin jiraate hin kaffaltuuyii? Daynii Rabbii kaffalaa; irra caalaatti kan guutamuu qabu haqa Rabbiiti” jechuudhaan deebisaniif. Ĥajjiin iddo bu’ummaadhaan godhamu kan shallagamuuf namicha godhamuufiif (iddo-buusaadhaaf). Iddo buusaan akkuma waan ofii godheetti qabamaaf. Kan godhu iddo bu’ummaadhaan. Iddo-buusaadhaaf niyyaa godha; isaaf talbiyaas godha. Nusukicha yookiin ĥajjicha iddo buusaadhaaf niyyachuun gahaadha; jechaan (afaaniin) maqaa iddo buusaa tuquu baatus. Maqaa iddo buusaa yoo hin beekne yookiin yoo irraanfate nama maallaqa isatti kenneef talbiyaa godha; kunis isa irraa ĥajjii gochuuf. 322 MAWAAQIITA ĤAJJII Mawaaqiitni hedduu (plural) miiqaataa yoo ta’u hiikni isaa akka qooqaatti daangaa (ĥadd) jechuudha. Akka shari’âatti immoo hiikni isaa bakka yookiin yeroo îbaadaa jechuudha. Ĥajjiin mawaaqiita (miiqaata) yerootii fi iddoo qaba. Miiqaata yeroo ilaalchisee Rabbi akkana jedha:١٩٧ :اﻟﺒﻘﺮة L 10 / . - , + * ) ( ' & % $ # " ! M “Ĥajjiin (yeroon isaa) ji’oota beekamoodha; namni (ji’oota) sanneen keessa ĥajjii gochuu ofirratti dirqama godhe ĥajjii keessatti rafathni (qunnamtiin saalaa), fincilli, falmiin hin jiru” – (Al-Baqaraa: 197). Yaadota ulamootaa keessaa yaada irra sirrii ta’een ji’oonni ĥajjii Shawwaal, Žulqiâdaa fi Žulĥijjaadha. Miiqaanni iddoo daangaalee namni ĥajjii yookiin ûmraa godhu iĥraama odoo itti hin godhin gara Makkaatti darbuu hin dandeenyeedha. Ĥadiitha Ibnu Âbbaas (râ) armaan gadiitiin akka ibsametti Nabiyyiin (ŝâw) miiqaatowwan iddoo kanneen ibsaniiru; Ibnu Âbbaas (râ) akkas jedha:- “Ergamaan Rabbii (ŝâw) warra Madiinaatiif Žul-Ĥulayfaa miiqaata godhan; warra Shaamiif Al-Juĥfaa, warra Najdiitiif Qarnalmanaazil, warra Yamaniif Yalamlamiin miiqaata godhan. Iddooleen kunneen biyyoota dubbatamanii fi jaraan alattis namoota ĥajjii fi ûmraa gochuudhaaf isaan irra darbaanii dhufaniif. Iddoolee kunneenii asitti (gara makkaa) namni jiru bakkuma ka’erraayyi (kan 323 iĥraama godhu). Namoonni Makkaatis Makkuma irraa (iĥraama godhu)” – Muttafaqun âlayhi. Ĥadiitha Muslim gabaaseen immoo Jaabir (râ) “Namoota Îraaqiif Žaatu Îrqii godhaniiru” jedha. Sababaan kanaas manni Rabbii (Baytullaahi Al-Ĥaram) kabajamaa fi ulfaataa waan ta’eef jecha Makkaan da'annoo (mishigii) godheef; Ĥaramiinis naannoo tikfamaa godheef. Ĥaramis ĥaramiin qaba. Innis miiqaatota odoo iĥraama itti hin godhin gara isaatti dabarfachuun kan hin danda’amneedha – kabaja mana Rabbiitiif jecha. Namoonni biyyoota maqaan jaraa tuqamee miiqaatota kanneen irraa iĥraama godhu. Namni biyyoota kanneen ala jirus ĥajjii fi ûmraa gochuu yaadee miiqaatota kanneen irra kan dabarfatu yoo ta’e miiqaatotuma kana irratti iĥraama godha. Namni manni isaa (gara Makkaatti) miiqaatotaa as ta’e ĥajjii fi ûmraadhaa manuma isaatti iĥraama godha. Namni Makka irraa ka’ee ĥajjii gochuu barbaade Makkumatti iĥraama godha. Ĥajjiidhaaf iĥraama gochuudhaa gara miiqaatotaa deemuu isa hin barbaachisu. Ûmraa garuu naannoo haramaa keessaa ala ta’ee bakka dhihoo ta’e – gara Ârafaa, yookiin gara al-Tan'îim, yookiin gara al-Ji'âraanaa, yookiin gara bakka namaaf laafuu deemuudhaan iĥraama godha. Hubachiisa:- Miiqaatota dubbataman kanneen irra namni hin dabarfanne miiqaatota keessaa qixa (kallattii) miiqaata irra isatti dhihoo yeroo gahe iĥraama godha. Ûmar (râ) “karaa keessan irraa kallattii isii ilaalaa” jedhaniiru – (Bukhaarii). 324 Akkasumas namni xiyyaara irra jiru miiqaatota kanneen keessaa kallattii (qixa) miiqaata tokkoo yeroo gahe hawaadhuma keessatti iĥraama godha. Xiyyaara odoo hin yaabbatin dura dhiqatee qulqullaahee qophaahuu qaba. Yeroo qixa miiqaataa gahu hawaadhuma irratti iĥraama niyyata; talbiyaas ni godha. Hanga xiyyaarichi bakka bu’iinsa isaa gahee bu’utti iĥraama tursiisuu hin danda’u. Hubachiisa:- Namni odoo iĥraama hin godhin miiqaata dabarfate gara miiqaataatti deebi’ee iĥraama gochuun waajiba itti ta’a. Waajiba hojjachuu danda’u waan ta’eef jecha dhiisuu hin danda’u. Gara miiqaataatti odoo hin deebi’in bakka miiqaataa as jiru irraa yoo iĥraama godhe ulamoota irra caalaa biratti fidyaa baasuun (qaluun) dirqama itti ta’a. Kunis reettii tokko qaluu, yookiin tokko torbaffaa gaala tokkoo, yookiin tokko torbaffaa horii (sa’a, sangaa) tokkoo fidyaa gochuudhaan miskiinota haramiif qoqqooda. San irraa homaa hin nyaatu. AKKAATAA IĤRAAMII GODHANNAA Manaasika ĥajjii keessaa nusukni inni duraa iĥraama. Innis gara nusukaatti (hojii ĥajjiitti) seenuudhaaf niyyaa gochuudha. Wanti inni iĥraama jedhamee waamameefis muslimni tokko niyyaa kana gochuu isaatiin waan iĥraama dura isaaf eeyyamamu waan akka nikaahaa (qunnamtii saalaa), shittoo/urgooftuu dibachuu, qeensa qorachuu, mataa murachuu fi garii offattoota uffatamaniis of irratti ĥaraama waan godhuuf jecha. 325 Shaykhul-islaam Ibnu-Taymiyaa (Rabbi isaan haa raĥmatu) “Namni tokko yaadaa fi niyyaa ĥajjii gochuu onnee isaa keessa jiru qofaan iĥraama godheera jedhamuu hin danda’u. Yaadni eega biyya isaatii bahee jalqabee onnee isaa keessa jira; muĥrima jedhamuudhaaf waan afaan isaatiin dubbatuu fi gochaanis waan raawwatamuu qabu raawwachuu qaba” jedhaniiru. Îbaadaa kabajamaa ta’e kana simachuudhaaf iĥraamaan duratti wantoota tokko tokkoon qophii gochuun ni jaallatama. Isaanis:1/ Qaama isaa guutuu dhiqachuu. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo iĥraama gochuu jedhan ni dhiqatan ture. Dubartii dhiiga aadaa (hayđii) fi dhiiga dahiinsaa qabduufis dhiqachuun sunnaadha Ĥadiitha Jaabir (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) Asmaa’a bint Ûmays odoo dhiigni dahiinsaa itti jiruu akka isiin dhiqattu ajajanii waan turaniif jecha – (Muslim). Sababaan dhiqannaa kanaa qulqullaahuu, foolii ajaa baalleessuu fi dubartoota hayđiinii fi dhiigni dahiinsaa itti jiru irraa immoo ĥadatha jaraa irraa xiqqeessuufi. 2/ Rifeena kaasuun yookiin gabaabsuun eeyyamaman kaasuun yookiin gabaabsuun fakkeenyaaf rifeensa funyaan jalaatii fi rifeensa bobaa kaasuun yookiin gabaabsuun, qeensa qorachuun qulqulleeffachuun sunnaalee iĥraamaa irraa miti. Garuu dheeratanii kaasuun jaraa barbaachisaa ta’ee yoo argame kaasuu ni danda’a. Kunis eega iĥraama godhee booda kaasuu yoo barbaade kaasuu waan hin dandeenyeef jecha. Gabaabsuus ta’e kaasuun kan isa hin barbaachifne yoo ta’e ni dhiisa. Jarreen kana kaasuun sunnaa kan ta’u yeroo barbaachise qofa. 326 3/ Gosoota urgooftuu argachuu danda’uun kan akka miskii, bukhuuraa fi kkfniin mataa fi fuula isaa dibachuun ni jaallatama. Âa’ishaan (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) iĥraama gochuun duratti iĥraama isaaniitiif, hiikuun durattis odoo xawaafa hin godhiniin dura urgooftuu itti diba ture” jetteetti – Muttafaqun âlayhi. 4/ Dhiiraaf iĥraamaan duratti uffata hodhamaa1 irraa qulqullaahuu. Kana jechuun uffata hanga qaamaatiin yookiin tolchaa garii qaamaatiin hodhaman kan akka qamisii (jallabiyaa), marxoo fi kkf qaama irraa baasuudha. Nabiyyiin (ŝâw) yeroo iĥraama gochuu jedhan uffatoota isaanii hodhamaa kan ta’an baasanii izaara2 adii fi ridaa’a3 adii uffataniiru. Kan adii hin ta’inis ni ta’a; kunis akka aadaatti kan dhiirri uffatu yoo ta’eedha. Iĥraama niyyachuudhaan duratti uffata hodhamaa baasuun sunnaadha Eega iĥraamni niyyatamee booda garuu waajiba. Uffata hodhamaa odoo hin baafatin iĥraama yoo godhe iĥraamni isaa sirriidha. Uffata isaa hodhamaa ofirraa baasuun waajiba itti ta’a. Uffata hodhamaa jechuutti kan ulamoonni fedhan kan kirrii qabu jechuu miti; kan itti fedhame kan hanga qaama namaatti hodhame kan akka surrii, shaamiza, jakkeettii, qamisaa fi kkf dha. Kan eeyyamamu fooxaa fi marxoodha. Isaanis kirrii ni qabu. Garuu likkii qaamaatiin hin hodhamne. 1 2 Izaara jechuun huccuu hin hodhamin kan mudhii gaditti maratamu jechuudha 3 Ridaa’a jechuun huccuu hin hodhamin kan mudhii olitti uffatamu jechuudha. 327 Wantoota (gochoota) kana yoo guuttate iĥraamaaf qophaahe jechuudha. Namoonni wallaalaan gariin akka yaadanu gochoonni kun mataa isaaniitti iĥraama miti. Iĥraamiin niyyaa nusukatti seenanii fi jalqabaniidha. Ĥadiitha Ûmar (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “hojiileen kan ilaalaman niyyaalee jaraatiin” waan jedhaniif jecha – Muttafaqun âlayhi. Iĥraamaan dura salaatuu ilaalchisee yaada irra sirrii ta’een iĥraamaaf ŝalaanni adda ta’e hin jiru. Haa ta’u malee waytii ŝalaata farđiitiin yoo wal irra bu’e eega salaatee booda iĥraama godha. Nabiyyiin (ŝâw) iĥraama kan godhan ŝalaataan booda waan ta’eef jecha. Anas (râ) Nabiyyiin (ŝâw) zhuhrii salaatanii raaĥilaa (gaala) isaanii yaabbachuu isaanii waan dabarseef jecha – akka Abuu-Daawud gabasanitti. Ibnul-Qayyim (Rabbi isaan haa raĥmatu) “Nabiyyiin (ŝâw) ŝalaata zhuhrii malee iĥraamaaf raka’âa lama salaatuun isaanii hin gabaafamne” jedhaniiru. GOSOOTA NUSUKAA Namni ĥajjii godhu gosoota nusukii (akkaataa raawwii ĥajjii) sadan keessaa tokko kan barbaade filachuu ni danda’a. Sunis tamattu'â, qiiraanaa fi ifraada. Tamattu'â jechuun ji’oota ĥajjii keessa ûmraadhaaf iĥraama godhee eega ûmraa raawwatee booda wagguma san keessa ĥajjiidhaaf iĥraama gochuudha. 328 Ifraada jechuun miiqaata irraa ĥajjii qofaaf iĥraama godhanii hojiilee ĥajjii hanga xumuranitti iĥraama irra turuudha. Qiiraana jechuun ĥajjii fi ûmraa walitti qindeessanii iĥraama gochuudha. Yookiin immoo eega ûmraadhaaf iĥraama godhee booda odoo xawaafa ûmraa hin godhin dura ĥajjii ûmraa irratti seensisuu yookiin jalqaba ĥajjiidhaaf iĥraama eega godhee booda ûmraa itti seensisuudha; kuni ilaalcha ulamootaa keessaa ilaalcha isa irra sirrii ta’een. Namoota naannoo masjidal-ĥaraam jiraatan malee namni mutamatti'â yookiin qaarina ta’e fidyaa qaluun dirqama irratti ta’a. Namoota naannoo masjidal-ĥaraam jiraatan jechuun namoota Makkaa jechuudha. Nusukoota sadeen kanneen keessaa caalaan yoo hadyii oofee dhaqe malee tamattu’â ta'a. Yoo hadyii oofee dhaqe caalaan qiiraana. Ji’oota muraasaan dura ûmraadhaan dhufee hanga ĥajjii godhutti Makkaan keessa yoo taa’e caalaan ifraada. Nusukoota kanneen keessaa tokkoon iĥraama yoo godhe iĥraamichaan booda talbiyaa godha – talbiyaa Nabiyyiitiin (ŝâw). ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﻚ، إن اﻟﺤﻤﺪ واﻟﻨﻌﻤﺔ ﻟﻚ واﻟﻤﻠﻚ، ﻟﺒﯿﻚ ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﻚ ﻟﺒﯿﻚ،ﻟﺒﯿﻚ اﻟﻠﮭﻢ ﻟﺒﯿﻚ Labbayk Allaahumma labbayk; labbayk laa shariika laka labbayk; innal-ĥamda wanniâmata laka walmulk laa shariika laka. Talbiyaa kana baay'isanii gochuu dha; sagalees ol qabaniiti. Kanaan alas žikroota Nabiyyii (ŝâw) fi ŝaĥaabota (râ) irraa argaman jedhus rakkina hin qabu. 329 WANTOOTA IĤRAAMA IRRATTI DHOWWAMAN Wantoota iĥraama irratti dhowwaman jechuun wantoota nama iĥraama godhe irratti sababaa iĥraamichaatiin ĥaraama isa irratti ta’anii fi irraa fagaachuun waajiba itti ta’an jechuudha. Isaanis sagal:1/ Rifeensa mataa haaddachuu:- Namni muĥrima ta’e ûžrii malee haaddachuudhaanis ta’ee buqqisuudhaan yookiin guutuus ta’ee garii isaa buqqisuudhaan rifeensa isaa kaasuun ĥaraama irratti ta’a. Rabbi akkana jedha:-١٩٦ : اﻟﺒﻘﺮةL ¶µ ´ ³ ² ± ° ¯ M “Hanga hadyichi bakka isaa gahutti mataa keessan hin haaddatinaa” – (Al-Baqaraa: 196). Jumhuurri ulamaa rifeensa qaama biraa irra jirus rifeensa mataa wajjin wal qabsiisu. 2/ Jumhuura ulamootaa biratti qeensa miilaas ta’e qeensa harkaa qoruu yookiin gabaabsuu:- qeensichi cabnaan yoo kaase yookiin gogaa wajjin yoo ka’e fidyaa kaffaluun dirqama itti hin ta’u. Kan kaafame waan biraa hordofee waan ta’eef jecha. Hordofaan ĥukmii addaa hin qabu. Mataa isaa ûžriidhaaf, dhukkubaa fi kkf yoo haaddate garuu ĥukmiin (murteen) isaa kana irraa adda. Rabbi akkana jedha:١٩٦ : اﻟﺒﻘﺮةL ÈÇ Æ Å Ä Ã Â Á À ¿ ¾ ½ ¼ » º ¹ ¸ M “Namni isin irraa dhukkubsataa ta'e yookiin mataa isaa irra rakkoon 330 jiraate, soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasu.” – (Al-Baqaraa: 196). Ĥadiithaanis akka gabaafametti Ka'âb bin Ûjraa akkana jedha:“mataan koo rakkina (ažaa) qaba ture; injiraan fuula koo irratti odoo gadi harca’uu baatamee gara ergamaa Rabbii (ŝâw) geeffame. Nabiyyiin (ŝâw) ‘Rakkinni amma sirra gahe kun akka sirra gahe hin barre ture; reettii ni argattaa?’ naan jedhan; ‘hin argadhu’ jedheen; kana irratti hundaa’uudhaan aayaan ١٩٦ : اﻟﺒﻘﺮةL ÈÇ Æ Å Ä Ã Â Á M ‘ fidyaa soomaa yookiin ŝadaqaa yookiin qalmaa gochuu qaba’ jettu buute. Isaanis ‘guyyaa sadii soomuu, yookiin miskiinota jaha nyaachisuu, yookiin reettii tokko qaluudha’ jedhan” – (Muttafaqun âlayhi). Rakkinichi (ažaan) kan argame rifeensa mataatii ala waan ta’een sababa ta’eef jecha. Innis injiraani. Muĥrimni mataa isaa saamunaa fi waan kkfn dhiqachuu ni danda’a. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) Muĥrima ta’anii mataa isaanii dhiqatan; mataa isaanii harkaan sochoosan; harka isaanii lamaaniin gara fuulduraatii fi duubaatti haxaahan. 3/ Mataa haguuggachuun dhiiraaf dhowwamaadha. Nabiyyiin (ŝâw) imaamaa (marataa) fi koofiyyaa uffachuu dhowwaniiru. Ibnul-Qayyim (raĥimahullaah) “wantoonni mataa haguuganii fi mataadhaan walitti maxxanan kan akka imaamaa, xaaqiyyaa, koofiyyaa, guftaa fi kkf dhowwamaa ta’uun isaanii itti waliigalameera” jedhaniiru. 331 Wanti mataa haguugu kan akka imaamaa kan beekamaa ta’ee fi kan biraa kan akka kaartoonii, dhoqqee, hinnaa’ii yookiin huccuus ta’u dhowwaa dha. Dunkaana, yookiin gaaddisa mukaa, yookiin mana gaaddisa godhachuun ni danda’ama. Nabiyyiin (ŝâw) muĥrima ta’anii odoo jiranii duunkaanni hojjatameefii keessa qubataniiru. Barbaachisaa yoo ta’e xilaas fayyadamuun ni danda’ama. Yaada mataa haguuggachuutiin odoo hin ta’in mataa irratti waa baachuu ni danda’a. 4/ Dhiirri uffata boca qaamaa yookiin garii qaama isaatiin hodhame kan akka qamisii (jallabiyaa), yookiin imaamaa (ximxaama), yookiin marxoo (surrii) uffachuun dhowwaadha. Innis kan tolchaa qaama tokkootiin yookiin tolchaa qaama guutuutiin hojjetame kan akka khuffaynii, gaantii, qamisii fi kkf. Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti ĥadiitha Ibnu Ûmar irraa gabaafameen Nabiyyiin (ŝâw) muĥrimni maal uffachuu akka qabu gaafatamanii “qamiisa hin uffatu; imaamaas, koofiyyaas (baraanisa), surrii (sirwaala), uffata warsiin yookiin zaâfaraan1 tuqanis, khuffayniis hin uffatu” jedhaniiru. Muĥrimni na'âlii (siliipparii) yoo hin argatin khuffaynii uffachuu ni danda’a; yookiin yoo izaara (marxoo) hin argatin hanga argatutti kofoo uffata. Izaara yoo argate kofoo baasee izaara uffata. Nabiyyiin (ŝâw) odoo Ârafaa jiranii namni izaara hin argatin kofoo akka uffatu waan eeyyamaniif jecha. Warsii fi zaâfaraanni gosa biqiltuu/mukaa kan uffanni ittiin cuubamee bifti isaa ittiin jijjiiramuudha. 1 332 Dubartiin iĥraama irra jirtu uffata gosa barbaadde uffachuu dandeessi. Haguuggachuu waan isii barbaachisuuf jecha. Burqu'â qofa uffachuu hin dandeessu. Burqu'â jechuun uffata dubartiin fuula isii ittiin haguugdu kan ija lamaan irratti qaawwa qabu jechuudha. Fuula isii waan burqa'â hin ta’iniin waan biraatiin, khimaaraa fi jilbaabaan haguugdi. Harka isiitti gaantii hin uffattu. Ĥadiitha Ibnu Ûmariin dabarfameen Nabiyyiin (ŝâw) “dubartiin muĥrima taate niqaaba (burqu'â) hin uffattu; gaantiis hin uffattu” jedhaniiru – Bukhaarii fi kan biraas akka gabaasanitti. Harka isii waan gaantii hin taaneen haguuguu dandeessi. 5/ Urgooftuu:- Namni muĥrima ta’e qaama isaatiifis ta’e uffata isaatiif urgooftuu (shittoo) fayyadamuun ĥaraama. Waan nyaatuu fi dhugu keessattis fayyadamuun akkasuma ĥaraama. Nabiyyiin (ŝâw) Ya'âlaa bin Umayyaa urgooftuu isa irra jiru akka dhiqatu ajajaniiru. Akkasumas namticha muĥrima kan gaalli morma isaa cabsitee ajjeefte san “urgooftuu itti hin godhinaa” jedhaniiru – (Muttafaqun âlayhi). Gabaasa Muslim kan biraatiin “urgooftuudhaan isa hin tuqinaa” jedhaniiru. Muĥrimni itti yaadee shittoo urgeeffachuu hin qabu; waan shittoo of keessaa qabus dibaachuun isaaf hin ta’u. Odoo itti hin yaadin yoo urgeeffate yookiin waan barbaachisaa ta’eef yoo urgeeffate rakkina hin qabu. 6/ Beellada bosonaa ajjeesuu i adamsuu:- Rabbi akkana jedha:- ٩٥ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL ³² ± ° ¯ ® ¬ « ª M “yaa warra amantan! muĥrima taatanii bineensa bosonaa hin ajjeesinaa” – (Al333 Maa’idaa: 95). Jechuunis ĥajjii fi ûmraadhaan iĥraama gootanii jechuudha. Rabbi akkana jedha:- ٩٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL 10 / . - , + * M “Haala muĥrima taataniin bineensa lafaa (bosonaa) adamsuun isini irratti ĥaraama godhame” – (Al-Maa’idaa: 96). Jechuun haala iĥraama irra jirtaniin bineensa bosonaa (kan foon isaa nyaachuun eeyyamamu) adamsuun isin irratti ĥaraama jechuudha. Namni iĥraama irra jiru (muĥrimni) bineensa bosonaa adamsuu hin danda’u. Adamsuu irrattis gargaaruu hin danda’u. Qaluus hin danda’u. Yoo adamses foon isaa irraa nyaachuun ĥaraama itti ta’a. Isaaf jedhamee kan adamfame yoo ta’es yookiin adamsuu irratti kan gargaare yoo ta’es nyaachuu hin danda’u. Akka baktiitti ilaalama. Hubachiisa:- Muĥrima irratti bineensa baĥrii adamsuun ĥaraama miti. Rabbi akkana jedha:-٩٦ : اﻟﻤﺎﺋﺪةL % $ # " ! M “Adamoon baĥriitii fi nyaanni isaa siniif eeyyamame; …” – (AlMaa’idaa: 96). Beelladoota manaa kan akka lukkuu, gaala, horii, reettii, hoolaa qaluun hin dhowwamu. Bineensa bosonaa (adamfamaa) waan hin taaneef jecha. Bineensa nyaachuun isaa ĥaraama ta’e akka leencaa, qeerensaa fi kkf kan nama rakkisan ajjeesuun ĥaraama miti. Bineensa nama miidhus ofirraa yookiin horii isaarraa yookiin maatii isaa irraa dhowwuuf jecha ajjeesuun ĥaraama hin ta’u. 334 Namni iĥraama irra jiru waan dhowwamaa tokko gochuun isaa barbaachisaa yoo itti ta’e waan san godhee fidyaa baasa. Rabbi akkana jedha:- ١٩٦ : اﻟﺒﻘﺮةL ÈÇ Æ Å Ä Ã Â Á À ¿ ¾ ½ ¼ » º ¹ ¸ M “Isin keessaa namni dhukkubsataa ta’e yookiin mataan isaa rakkina (ažaa) qabu (yoo haaddate) fidyaa soomaa yookiin ŝadaqaa yookiin qalmaa gochuu qaba” – (Al-Baqaraa: 196). 7/ Nikaa Hidhachuu/ Hidhuu:- Ofii nikaa hidhachuunis ta’e nama biraatiif waliyyummaadhaan yookiin iddo bu’ummaadhaan nikaa hidhuun hin ta’u. Isa fuudhu yookiin isii heerumtu keessaa tokko yookiin waliyyiin (kan nikaa hidhu) muĥrima yoo ta’e nikaan sun sirrii hin ta’u. Ĥadiitha Muslim Ûthmaan irraa gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Muĥrimni nikaa hin hidhu isaafis hin hidhamu” jedhaniiru. 8/ Qunnamtii Saalaa:- Rabbi akkana jedha:١٩٧ :اﻟﺒﻘﺮة L 10 / . - , + * ) ( ' & % $ # " ! M “Ĥajjiin (yeroon isaa) ji’oota beekamoodha; namni (ji’oota) sanneen keessa ĥajjii gochuu ofirratti dirqama godhe ĥajjii keessatti rafathni (qunnamtiin saalaa), fincilli; falmiin (qoccolloon) hin jiru” – (Al-Baqaraa: 197). Ibnu Âbbaas rafatha jechuun qunnamtii saalaa akka ta’e ibseera. Namni taĥallula (hiikkannaa) isa duraa dura qunnamtii saalaa godhe ĥajjiin isaa ni bada; Tawbata gochuu qaba. Haa ta’u malee hojii ĥajjii itti fufee guuta. Rabbi akkana jedha:- 335 ١٩٦ :اﻟﺒﻘﺮة L ¦¥ ¤ £ ¢ M “Ĥajjii fi ûmraa Rabbiif guutaa” – (Al- Baqaraa: 196). Tawbata gochuu qaba; waggaa itti aanutti qađaa baasuunis dirqama itti ta’a; gaala qaluus qaba. Kunis ŝaĥaabota irraa waan argameef jecha. Qunnamtii saalaa kan godhe taĥallula duraatiin booda yoo ta’e ĥajjiin isaa hin badu; garuu fidyaa baasa. 9/ Qaama dubartii kan qaama saalaatiin ala ta’e fedhiin (miiraan) tuquu:- Muĥrimni fedhii saalqunnamtiitiin dubartii tuquun hin ta’u; qunnamtii isa dhowwamaatti isa geessuu waan danda’uuf jecha. Rabbi “…Namni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluu fi falmii gaggeessuu hin qabu.” jedha – (Al-Baqaraa: 197). Rafatha jechuun qunnamtii saalaa jechuudha. Wantoota qunnamtii saalaatti nama geessanis kan akka qaamaan waltuquu, wal-dhungachuu, haasaa waa’ee qunnamtii saalaas ni qabata. Fusuuqa jechuun fincila jechuudha. Jidaala (falmii) ilaalchisee dhugaa ibsuudhaaf, waan gaariitti ajajuu fi waan fokkataa ta’e irraa dhowwuuf yoo ta’e (eeyyamamaa qofa odoo hin ta’in) itti ajajamaadhas. Rabbi akkana jedha:١٢٥ :اﻟﻨﺤﻞ L £¢ ¡ ~ M “jara tooftaa gaarii taateen ittiin falmi” – (Al-Naĥl: 125). Waan faayidaa qabuuf yoo ta’e malee muĥrimni haasaa xiqqeessuun sunnaadha Al-Ŝaĥiiĥaynii keessatti Abuu Hurayraa irraa (râ) akka gabaafametti Nabiyyiin (ŝâw) “Namni Rabbii fi 336 guyyaa dhumaatti (aakhiraatti) amane haasaa gaarii haa haasa’u yookiin haa callisu” jedhaniiru. Hubachiisa:- Muĥrimni talbiyaadhaan, žikrii Rabbiitiin, Qur’aana qara’uudhaan, waan gaariitti ajajuudhaan, waan hamaa irraa dhowwuudhaan yeroo isaatti fayyadamuu qaba. Yeroon isaa akka jalaa hin banne eeguu, niyyaa isaa Rabbiif qulqulleessuu, waan Rabbiin bira jiru kajeeluu qaba. Waan iĥraama irra jiruuf jecha. Îbaadaa ulfaataa ta’etti fuula isaa waan deebifateef jecha. Gara mashaa'îra kabajamaa fi iddoo barakaa qabutti waan dhufeef jecha. Yeroo Makkaan gahu mutamatti'â yoo ta’e hojiilee ûmraa hojjeta:A/ Mana Rabbii yeroo torba itti naanna’a (xawaafa godha). Akkaataan gocha isaatii fi shuruuxni isaa gara fuulduraatti dhufa. B/ Xawaafaan booda raka’âa lama gaggabaabaa ŝalaata. Ŝalaaticha keessatti suuratul-kaafiruunii fi suuratul-ikh’laaŝiin qara’a. Yoo mirgaa'e duuba Maqaama Ibraahimitti odoo salaatee caalaa dha – Maqaama Ibraahiimiin isaa fi Ka’âbaa jidduu godhee. Yoo hin mirgoofne masjiida keessaa bakkuma mirgaa'etti ŝalaata. C/ Ittiin aansees Ŝafaa fi Marwaa jidduu sa'âyii gochuuf (fiiguuf) gara Ŝafaa deema. Gara Ŝafaa yeroo deemu jecha Rabbii ١٥٨ :اﻟﺒﻘﺮة L [Z Y X W V U M “Ŝafaanii fi Marwaan Mallattoota Rabbiiti (kan ajajni Rabbii irratti raawwatamu)” (Al-Baqaraa: 158) kan jedhu qara’a. Jidduu Ŝafaa fi Marwaa marsaa torba deddeebi’a. Ŝafaadhaan jalqabee Marwaatti fixa. Yeroo tokko 337 deemuun isaa sa'âyii tokko yoo ta’u achii as deebi’uunis sa'âyii tokko. Yeroo xawaafiis ta’e yeroo sa'âyii du'âa’ii godhaa Rabbiif of gadi qabaa raawwachuu qaba. Marsaa torbaffaa yeroo xumuru rifeensa mataa isaa hunda irraa gabaabsuu qaba. Yeroo dhihoo keessa ĥajjiidhaaf iĥraama kan godhu yoo ta’e bakka kanatti dhiiraaf gabaabsuutu filatama. Ĥajjiidhaaf iĥraama kan hin goone yoo ta’e garuu caalaan haaddachuudha. Dubartiin fiixee rifeensa mataa isii irraa hamma fiixee qubaa (inchii tokko) murti. Kanaan manaasika ûmraa fixee iĥraama isaa hiikkata. Wantoonni sababaa iĥraamaatiin isa irratti ĥaraama ta’anii turan qunnamtiin saalaa, urgooftuun, waan hodhamaa uffachuun, qeensa qorachuun, rifeensa funyaan jalaa gabaabsuunii fi rifeensa bobaa buqqisuun ni eeyyamamuuf. Hanga yawmal-tarwiyaatti (guyyaa tarwiyaa) iĥraama irraa hiikkatee taa’a. Boodas haala ibsa gara fuulduraatti dhufuun ĥajjiif iĥraama godha. Namni qiiraanaan yookiin ifraadaan iĥraama godhee gara Makkaa dhufe xawaafal-quduum godha. Ittiin aansees yoo barbaade sa'âyii ĥajjii dursee raawwatee hanga yawmal-naĥriitti (guyyaa qalmaatti) iĥraama irra tura. Ibsi isaa ni dhufa – inshaa’allah. 338 HOJIILEE GUYYAA TARWIYAATII FI GUYYAA ÂRAFAA Namni mufrida yookiin qaarina ta’ee iĥraama godhe wareega (hadyii) oofee yoo hin deemin nusuka isaa tamattuâtti jijjiiree gocha mutamattiâa odoo raawwatee jaallatamaadha (mustaĥabba). Nama mutamattiâ ta’eef yookiin nama mufridummaa irraa yookiin qaarinummaa irraa gara mutamatti'ûmmaatti jijjiiramee ûmraa isaa yeroo fixu iĥraama hiikeef akkasumas namoota Makkaa fi naannoo Makkaa irraa ka’anii iĥraama godhaniif guyyaa tarwiyaa (yawmul-tarwiyaa) ĥajjiidhaaf iĥraama yoo godhan jaallatamaadha (mustaĥabba). Yawmul-tarwiyaa jechuun ji’a Žilĥijjaa guyyaa 8ffaa dha. Jaabir (râ) akkaataa Nabiyyiin (ŝâw) ĥajjii itti godhan yeroo gabaasu “Nabiyyii (ŝâw) fi namni hadyii qabate qofti hafee namni hundinuu iĥraama hiikkatee rifeensa mataa isaas gabaabse; guyyaan tarwiyaa geenyaan gara Minaa deeman; ĥajjiidhaafis iĥraama godhan” jedheera – (Muslim). Namni hundinuu Bakkuma jiru irraa ĥajjiidhaaf iĥraama godha – Makkaan keessas ta’e makkaan ala yookiin Minaas ta’u. Iĥraama eega godhee booda gara Ka’âbaa deemee xawaafa hin godhu. Kun waan hin gabaafamneef jecha. Iĥraamaan booda talbiyaa baay'isee godha. Talbiyaa yeroo godhu sagalee isaa ol-qaba. Hanga guyyaa îidii hanga Jamratal-âqabaatti darbatutti. 339 Ittiin aansees namni Makkaan jiru guyyaa tarwiyaa iĥraama godhee gara Minaatti baha. odoo aduun hin dabiniin dura odoo bahee ni filatama. Guyyaa tarwiyaa dura bahus rakkina hin qabu; kunis dura bu’ee bahuu isaa akka îbaadaatti yoo hin laalin. Minaatti zhuhrii, âŝrii fi ŝalaatota hanga fajrii jiran ŝalaata. Halkan salgaffaa achuma bula. Jaabir (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) yaabbatanii gara Minaa deeman; zhuhrii, âŝrii, maghriba, îshaa’ii fi fajrii achumatti salaatan; ittiin aansaniis hanga aduun baatutti xiqqoo turan” jedheera – (Muslim). Kun waajiba miti. Guyyaa saniin duras ta’e booda ĥajjiif iĥraama gochuu ni danda’a. Ittiin aansees guyyaa salgaffaa ganama eega aduun baatee booda Minaa irraa gara Ârafaa deemu. Ârafaan bakki isii kamiyyuu bakkuma dhaabbiiti. Jiddu-galeessi Ûranaa odoo hafuu. Namtichi ĥajjii godhu bakkeelee Ârafaa keessaa bakkuma kamiyyuu yoo dhaabate ni ta’aaf. Bakki Nabiyyiin (ŝâw) addaan baasanii dhowwan odoo hafuu; innis jiddu-galeessa Ûranaati. Yeroo aduun dabdu (walakkaa guyyaatti) zhuhrii fi âŝrii walitti qindeessuu fi gabaabsuun (jam’îi fi qaŝriin) ažaanii tokkoo fi iqaamaa lamaan salaatu. Muzdalifaattis akkasuma jam’îi fi qaŝriidhaan ŝalaatama. Minaatti garuu sunnaan jam’îi malee qaŝriidhaan salaatuudha. Ŝalaanni hundinuu waytiidhuma isaatti ŝalaatama. Jam’îi gochuuf barbaachisaa wanti ta’u waan hin jirreef jecha. Ittiin aansees ĥajjaajonni zhuhrii fi âŝrii qaŝriidhaan waytii zhuhrii duraatti jam’û taqdiimiin eega salaatanii booda Ârafaatti bakkuma jiranitti yeroo jaraa du'âa’ii qofaaf oolchu. Gara tabbaa (jabalarrahmaa) deemuun dirqama miti; tabbicha arguunis ta’e 340 ilaaluun yeroo du'âa’iis gara isaatti garagaluun dirqama miti. Yeroo du'âa’ii kan itti garagalan gara Ka’âbaa kabajamaa ta’eetti. Bakka kabajamaa fi ulfaataa kanatti du'âa’iidhaan, of-gadi qabuudhaan, tawbataan ijtihaada gochuu (carraaquu) qaba. (Hanga bakka san jirutti) waan kana itti fufiinsaan godha. (Gaala/ farda/ konkolaataa yookiin kkf) irra taa’uu yookiin taa’uu dhiisuu keessaa kan irra khushuu'â (sodaa Rabbii) argamsiisuuf godha. Žikrii armaan gadii baay'isee godha: ﻟﮫ اﻟﻤﻠﻚ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ وھﻮ ﻋﻠﻰ ﻛﻞ ﺷﯿﺊ ﻗﺪﯾﺮ،ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ وﺣﺪه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫ Laa’ilaaha Illallaaha Waĥdahuu Laashariika Lahuu Lahul-Mulku Walahul-Ĥamdu Wahuwa Âlaa Kulli Shay’in Qadiir. Hiikkaan isaas:- ‘Rabbiin malee waaqni biraa (kan dhugaadhaan waaqeffatamu) hin jiru; inni tokkicha; shariika hin qabu; mootummaan kan isaati; faaruunis kan isaati; innis waan hunda irrattuu danda'aadha' jechuudha. Hanga aduun lixxutti du'âa’ii godhaa achuma Ârafaa irra tura. Aduun lixuudhaan duratti achii deemuun hin ta’u. Aduun lixuudhaan duratti bakka sanii yoo deeme deebi’uun waajiba itti ta’a – hanga aduun lixxutti achuma turuudhaaf. Yoo hin deebi’in dhiigni (qlmi) waajiba itti ta’a; waan waajiba dhiiseef jecha. Dhiigichi reettii tokko qalee miskiinota haramiin keessa jiraniif qoqqooduudha. Yookiin tokko torbaffaa loonii yookiin tokko torbaffaa gaalaa fidyaa godha. Waytii Wuquufaa:- yaada irra sirrii ta’een waytiin wuquufaa (dhaabbiin Ârafaa) kan jalqabu guyyaa Ârafaa eega aduun dabdee 341 jalqabee yoo ta’u hanga halkan kurnaffaa hanga fajriin bahutti tura. Namni guyyaa dhaabate hanga aduun lixxutti turuun waajiba itti ta’a. Namni halkan dhaabate yeroo xiqqoos ta’u ni gahaaf. Nabiyyiin (ŝâw) “namni halkan irraa Ârafaa qaqqabe dhugaatti ĥajjii argateera” jedhaniiru – Âbdurraĥmaan bin Ya'âmuriin (râ) eeruudhaan warri shananii fi kan biraas akka gabaasanitti. Ĥukmii Wuquufii:- Ĥukmiin Ârafaa dhaabachuu rukniilee ĥajjii irraa tokko. hinumaayyuu rukniilee ĥajjii keessaa isa guddaadha. Ĥadiitha Âbduraĥmaan bin Ya'âmur (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ĥajjiin Ârafaadha” waan jedhaniif jecha – warri shanan kan gabaasan yoo ta’u sanadni isaas ŝaĥiiĥa. Bakki wuquufaa Ârafaadha – bakka isii daangeffamtuu kan taate guutuu keessa. Namni Ârafaadhaa alatti wuquufa godhe wuquufni isaa sirrii miti. GARA MUZDALIFAA DEEMUU FI HOJIIWWAN GUYYAA ÎIDII Eega aduun lixxee booda ĥajjaajonni suutaa fi tasgabbiidhaan Ârafaa irraa gara Muzdalifaatti socho’u. Jaabir (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) aduun lixxee ifti isii hanga badutti (Ârafaarra) dhaabatan ture; yeroo ifti isii badu Nabiyyiin (ŝâw) Usaamaa duuba isaaniitti uddeellatanii achi irraa socho’an; luugama gaala isaanii jabeessanii qabanii mataan isii hanga kooraa tuqutti harkisanii 342 deemaa ‘yaa namootaa! al-sakiinaa al-sakiina (suuta suuta)’ jedhan ture” jedheera – (Muslim). Ĥajjaajni (namni ĥajjii gochuu irra jiru) Ârafaa irraa gara Muzdalifaatti yeroo socho’u istigfaara, takbiiraa fi talbiyaa godhaa deema. Rabbi akkana jedha:١٩٩ : اﻟﺒﻘﺮةL l k j i hg f e d c b a ` M “(Yaa Qurayshotaa!) achii booda bakka namoonni yaa'aniin yaa'aa. Rabbiin araarama gaafadhaa. Dhugumatti, Rabbiin mararfataa rahmata godhaa dha.” – (Al-Baqaraa: 199). Muzdalifaan maqaalee sadi qabdi:- Muzdalifaa, Jam’îi, fi Al-Mish’âral-ĥaraam. Hubachiisa:- Yeroo Muzdalifaa gahu maghribaa fi îshaa’ii walitti qindeessee (jam’îi godhee) ŝalaata. Îshaa’ii qaŝriidhaan raka’âa lama salaata. Ŝalaanni lammanuu ažaanii tokkoo fi iqaamaa lamaan salaatamu – ŝalaanni tokko iqaamaa tokkoon. Kana kan godhu fe’isa (meeshaa) isaa buusuudhaan duratti. Jaabir (râ) yeroo hajjii Nabiyyii (ŝâw) ibsu “yeroo Muzdalifaa gahan maghribaa fi îshaa’ii ažaanii tokkoo fi iqaamaa lamaan salaatan” jedheera – (Muslim). Muzdalifaa bulee fajrii achumatti salaata. Jaabir (râ) “boodas ergamaan Rabbii (ŝâw) hanga fajriin bahutti rafan; yeroo fajriin ifa galuuf ŝalaata fajrii ažaanii fi iqaamaadhaan salaatan” jedheera – (Muslim). Muzdalifaan bakki isii hundinuu Al-Mish’âralĥaraam jedhamtee waamamti. Isiinis qaccee (daangaa) Ârafaa irraa hanga jiddu-gala 343 Maĥassar geessi. Nabiyyiin (ŝâw) “Muzdalifaan hundinuu bakka dhaabbiiti” jedhaniiru – (Muslim). Sunnaan hanga fajriin gahutti Muzdalifaa buluudha. Fajrii waytii duraatti salaata. Saniin booda achuma dhaabbatee hanga xinnoo ifutti du'âa’ii godha. Ittiin aansee aduun bahuudhaan dura gara Minaatti socho’a. Hubachiisa:- Dadhaboonni kan akka dubartootaa, daa’immanii fi kkf akkasumas namoonni jara tajaajilan eega jiini lixee booda Muzdalifaa irraa gara Minaatti dursanii socho’uu danda’u. Namoota ciccimoo keessaayis namoonni dhimma dadhabootaa hordofan jaraa wajjin socho’uu danda’u. Namoonni namoota dadhaboota of-biraa hin qabne hanga fajriin bahutti Muzdalifaa irraa bahuu hin qaban. Achumatti fajrii salaatanii hanga ifutti dhaabatu. Muzdalifaa buluun waajiboota ĥajjii keessaa isa tokko. Namni dhuma halkanii dura achi gahe achi buluu dhiisuu hin danda’u. Namni dhuma halkanii booda achi gahe yeroo xiqqoos ta’u achi turuun isaaf gaha. Kan isaaf caalu hanga fajriin bahutti achi turee achumatti fajrii salaatee saniin booda du'âa’ii godhuudha. Hubachiisa:- Namoonni ûžrii qaban fakkeenyaaf dhukkubsataan mana yaalaatti yaalamuu isa barbaachisuu fi namni dhukkubsaticha tajaajilu Muzdalifaa buluu dhiisuu ni danda’a. Ittiin aansee aduun bahuudhaan dura gara Minaatti socho’a. Ûmar akkana jedhu:- “Namoonni zabana jaahiliyyaa aduun odoo hin bahin jam’îi (Muzdalifaa) irraa hin socho’an ture; ‘akka deemnuuf 344 yaa thabiir ifi!’ jedhu ture; thabiir tabba Muzdalifaa cinaa jiruudha; isa haasofsiisu; akka deemnuuf aduun sirratti haa baatu jechuu jaraati; Nabiyyiin (ŝâw) jara faallessan; aduun bahuudhaan duratti socho’an.” – (Al-Bukhaarii). Achi irraa ka’ee suutaan socho’a. Sulula Muzdalifaa fi Minaa addaan baasu sulula Muĥassir kan jedhamu yeroo gahu hanga dhagaan darbame qaqqabu tokko daddafee deema. Dhiibuun Muĥassir Minaa irraayis miti Muzdalifaa irraayis miti. Cirrachoota darbataman Minaa odoo hin gahin karaa irraa fudhata; filatamaan kana. Yookiin immoo Muzdalifaa irraa yookiin Minaa irraa fudhata. Cirrachoota bakkuma kamiyyuu fudhachuu ni danda’a. Ibnu-Âbbaas akkana jedhu:- “Ergamaan Rabbii (ŝâw) barii Jamratul-âqabaatti darbatamu gaala isaanii irra taa’anii ‘cirrachoota naa funaani’ naan jedhan; cirrachoota torban funaaneef; cirrachoota xixiqqaa turan. Harka isaanii keessatti hurgufaa ‘cirrachoota kan akkanaa darbadhaa’ jedhan; ittiin aansanii “yaa namootaa! amantii keessatti daangaa darbuu irraa of eegaa; (ummatoota) isiniin dura turan kan balleesse amantii keessatti daangaa darbuu jaraati’ jedhan. – Ahmad, Al-Nasaa’ii, Ibnu-Maajaa fi Al-Ĥaakim kan gabaasan yoo ta’u Al-Ĥaakim ŝaĥiiĥa jedhaniiru. Cirrachoonni darbataman hanga ija baaqilaati; shumburaa kan xiqqoo caalan. Hubachiisa:- Cirracha malee waan biraa darbachuun hin ta’u; cirrachoota gurguddaas darbachuun hin ta’u. Cirrachoonni Nabiyyiin (ŝâw) darbatan xixiqqoo waan turaniif jecha. “Akkaataa raawwii hojiilee ĥajjii narraa qabadhaa” waan jedhaniifis. 345 Yeroo Minaa gahe, Minaa jechuun dirree dhiibuu Muĥassir irraa jalqabee hanga Jamratul-âqabaa gahuuti, gara Jamratul-âqabaa deema. Jamratul-âqabaan jamraa (boollowwan cirrachoonni itti darbataman) keessaa gara Makkaatti aantee kan jirtu jamraa dhumaati. Al-Jamratul-kubraa (jamraa isii guddittii) jedhamtees ni waamamti. Gara isii dhaqee cirrachoota torba tokko tokkoon itti darbata. Yeroo Minaa gahu Jamratul-âqabaatti darbachuudhaan hojii isaa jalqaba; Jamratul-âqabaatti darbachuun tahiyyaa Minaati. Yeroon darbannaa hanga halkan Žilĥijjaa kudha tokkoffaa fajriin bahuutti tura. Cirrachi hundinuu boolla itti darbatamtu keessa seenuu qabdi. Achi keessatti haftus, eega seentee baatus. Ĥajjaajni cirrachattii gara boollichaatti sirreessee darbachuun waajiba itti ta’a. Bakki itti darbatan boollicha waan ta’eef jecha. Cirrachattiin utubicha dhooftee odoo boollichatti hin seenin yoo baate hin ta’u. Hubachiisa:- Dadhaboonnii fi namoonni ĥukmiin dadhabootaa kennamuuf yeroo Minaa gahan dhuma halkanii keessa darbatu. Namoonni dadhaboota hin ta’inis yoo darbataniif ni ta’a. Jaraaf isa caalaa dhiisuu ta’a male. Yeroo Minaa gahu Jamratal-âqabaatti odoo hin darbatin waan biraa jalqabuu dhiisuun sunnaadha Tahiyyaa Minaa waan ta’eef jecha. Tokko tokkoon darbannaa cirrachaa wajjin takbiiraa gochuun sunnaadha Ittiin aanseess Jamratal-âqabaatti eega darbatee booda caalaan hadyii isaa qaluudha. Yoo hadyiin tamattu'â yookiin qiraanaa 346 waajiba itti ta’e hadyicha bitee qalee foon isaa qoqqooda; qooda ofiif nyaatus irraa fudhata. Ittiin aansees mataa isaa haaddata yookiin gabaabfata. Caalaan haaddachuudha. Rabbi ٢٧ : اﻟﻔﺘﺢL ² ± ° M “… mataa keessan haaddattanii, gabaabsitaniis, …” jedha – (Al-Fat’h: 27). Ĥadiitha Abuu-Hurayraadhaan dabarfameen ergamaan Rabbii (ŝâw) namoota haaddataniif yeroo sadi du'âa’ii kan godhaniif yoo ta’u namoota gabaabfataniif yeroo tokko du'âa’ii godhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Kan gabaabfatu yoo ta’e mataa isaa hunda waliin gahuun waajiba itti ta’a. Garii isaa qofa gabaabsuun hin ta’u. Rabbi ٢٧ :اﻟﻔﺘﺢ L² ± ° M“… mataa keessan haaddattanii, gabaabsitaniis, …” yeroo jedhu haaddachuus ta’e gabaabsuus mataadhuma guutuudhaaf godhe. Dubartiin kan gochuu qabdu gabaabsuu qofa. Fiixee gulloo hunda irraayyuu hamma fiixee qubaa (inchii tokko) gabaabsiti. Ĥadiitha Ibnu-Âbbaas (râ) dabarsaniin Nabiyyiin (ŝâw) “Dubartii irra haaddachuun hin jiru; dubartii irra kan jiru gabaabsuu qofa” jedhaniiru – Abuu-Daawud, Al-Xabaraanii, fi Al-Daaraquxniin kan gabaasan yoo ta’u Al-Bukhaariin ĥadiithichi cimaa ta’uu ibseera. Haaddachuun dubartootaaf ni fokkisa. Mataan isii kan hin gulla’amin yoo ta’e walitti qabdee fiixee isaa irraa hamma fiixee qubaa irraa murti. Ittiin aansees eega Jamratal-âqabaatti darbatee mataa isaa haaddatee yookiin gabaabsee booda wantoonni sababaa iĥraamaatiin ĥaraama itti ta’anii turan hundinuu qunnamtiin 347 saalaa qofti odoo hafuu – urgooftuun, uffanni hodhamaanii fi kan biraas ĥalaala ta’uuf. Âa’ishaan (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) iĥraama gochuu isaaniitiin dura urgooftuu dibaaf ture; yawmalnaĥr (guyyaa qalmaa) immoo xawaafa gochuu isaaniitiin dura urgooftuu miskii qabdu dibaaf ture” jetteetti – (Muttafaqun âlayhi). Hiikkannaan duraa (at-taĥallul al-awwal) kana. Hiikkannaan lammataa (at-taĥallul al-thaanii) jechuunis hiikkannaan guutuun kan argamu erga xawaafaa fi sa'âyii godhee booda. Kanneen yoo raawwate qunnamtii saalaa dabalatee wanti sababaa iĥraamaatiin ĥaraama irratti ta’ee ture hundinuu ĥalaala ta’aaf. Ittiin aansees eega Jamratal-âqabaatti darbate, hadyiis qalee, mataa isaas haaddatee yookiin gabaabsatee booda Minaa irraa gara Makkaa deemee xawaafal-ifaađaa godha; ittiin aansees AlŜafaa fi Al-Marwaa jidduutti sa'âyii godha. Sa'âyii kan godhu yoo mutamattiâ ta’e yookiin qaarina yookiin mufrida ta’ee xawaafalquduumaan booda sa'âyii kan hin godhin yoo ta’eedha. Qaarinnii fi mufridni xawaafal-quduumiin booda sa'âyii kan godhe yoo ta’e sa'âyiin inni dursee godhe sun isa gaha. Xawaafal-ifaađaa qofa godha. Tartiiba wantoota arfan kanneenii eeguu:- Jamratal-âqabaatti darbachuu, ittiin aansee hadyii qaluu, ittiin aansee haaddachuu yookiin gabaabfachu, ittiin aansee xawaafii fi sa'âyii gochuun sunnaadha Tartiiba kana faallessee tokko kaan dura yoo buuse 348 rakkina hin qabu. Ĥadiitha Âbdallaah bin Âmr (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) wantoota kanneen keessaa durfamee yookiin booda aanfamee waan raawwatame kamiyyuu gaafatamanii “godhi rakkina hin qabu” waan jehdaniif jecha – (Muttafaqun âlayhi). Haa ta’u malee tartiiba jaraa eeguun caalaadha. Nabiyyiin (ŝâw) kan godhan tartiiba kanaan waan ta’eef jecha. AKKAATAA XAWAAFIIN ITTI RAAWWATAMU Ĥajarul-aswad irraa jalqaba – qaama isaa guutuudhaan yookiin gariidhaan qixa isaatiin ta’uudhaan. Yeroo marsaa duraa jalqabu “bismillah” jedha; akka Al-Bayhaqiin gabaasetti Ibnu-Ûmar irraa waan mirkanaaheef jecha. “Wallaahu Akbar” jedha – Akka AlŜaĥiiĥaynii keessatti gabaafametti Nabiyyii irraa (ŝâw) waan mirkanaaheef jecha. واﺗﺒﺎﻋﺎ ﻟﺴﻨﺔ ﻧﺒﯿﻚ ﻣﺤﻤﺪ ﺻﻠﻰ اﷲ ﻋﻠﯿﮫ وﺳﻠﻢ، ووﻓﺎء ﺑﻌﮭﺪك،اﻟﻠﮭﻢ إﯾﻤﺎﻧﺎ ﺑﻚ وﺗﺼﺪﯾﻘﺎ ﺑﻜﺘﺎﺑﻚ 'Allaahumma iimaanan bika wataŝdiiqan bikitaabika wawafaa’an biâhdika wattibaaân lisunnat Nabiyiika Muĥammadin ŝallallaahu âlayhi wasallam' jedha. Hiikni isaas:- “yaa Rabbi, sitti amanuudhan, kitaaba kee dhugeessuudhaan, waadaa kee guutuu fi karaa ergamaa keetii Muhammadiin (sâw) hordofuudhaan (kana raawwachuurrattin argama) jechuudha. Kun Ibnu Ûmarii fi Ibnu Âbbaas irraa gabaafameera. Marsaalee hafan keessatti takbiiraa qofa godha. Harka isaatiin al-Ĥajar al-Aswadiin tuqa (harka isaa mirgaatiin haxaaha); yoo danda’es ni dhungata – hidhii isaa lamaan itti buusee. Yookiin immoo harka isaatiin tuqee harka isaa dhungata. 349 Yookiin waan tokkoon tuqee waan sana dhungata. Sababaa baay'ina namaatiin itti gahuu yoo dadhabe harka isaa qofaan gara isaatti akeeka; eega akeekee booda harka isaa hin dhungatu. Harka isa mirgaatiin yeroo tokko qofa akeeka. Ĥajaral AlAswadiin dhungachuuf yookiin tuquuf jecha namoota dhiibuudhaan rakkisuu hin qabu. Ka’âbaa gara bitaa isaa godha. Ittiin aansee marsaa (shawxii) duraa jalqaba. Žikrii fi du'âa’ii godha; Qur’aana qara’a. Yeroo Al-Rukn Al-Yamaanii gahe istilaama godha – jechuun yoo danda’e harka isaa mirgaatiin haxaaha. hin dhungatu; gara isaattis hin akeeku. Jidduu Al-Rukn Al-Yamaanii fi Al-Ĥajar Al-Aswaditti du'âa’ii kana godha:٢٠١ :اﻟﺒﻘﺮة L ¸ ¶ µ ´ ³ ² ± ° ¯ ® ¬M Rabbanaa aatinaa fiddun’yaa ĥasanatan wafil-aakhirati ĥasanatan waqinaa âžaabannaar (Rabbii keenya! Addunyaa irratti waan gaarii aakhiraattis waan gaarii nuuf kenni; qixaaxa ibiddaarraayis nu eegi). Kun sunnaadhaan waan mirkanaa’eef jecha. Yeroo gara Al-Ĥajar Al-Aswad gahu marsaan tokkoffaan dhume jechuudha. Ammas istilaama godha yookiin gara isaatti akeeka; marsaa lammaffaa jalqaba … hanga marsaa torba guututti haaluma kanaan raawwata. Xawaafiin Sirrii Ta’uuf Shuruuxa Guutamuu Qaban:Xawaafiin sirrii ta’uudhaaf shuruuxni (ulaagaaleen) guutamuu qaban muslimummaa, fayyummaa sammuu, niyyaa, qullaa xawaafa gochuu dhabuu, marsaa torba guutuu, Ka’âbaa gara bitaa irra gochuu, guutuu Ka’âbaatti naanna’uu – hijrii dabalatee yookiin gidaara isaatti naanna’uu, yoo danda’e miilaan 350 deemuudhaan xawaafa gochuu, marsaalee walfaana raawwachuu xiqqoo addaan baasuun hin miidhu fakkeenyaaf odoo xawaafa gochuu irra jiruu yoo ŝalaataaf iqaamaan godhame yookiin yoo janaazaan dhufe salaatee kanuma duraan godhaa ture irratti guuta; masjiida keessa ta’ee xawaafa gochuu, Al-Ĥajar AlAswadiin eegalee isumaan xumuruu. Ittiin aansees eega xawaafa xumuree booda raka’âalee lama gaggabaaboo salaata. Caalaan duuba Maqaama Ibraahiimitti salaatuudha. Masjiida (masjidal-ĥaraam) keessatti bakka kamittuu yookiin masjiidaa alattis Ĥaramiin keessatti bakka kamittuu salaatuu ni danda’a. Raka’âalee lamaan salaatuun sunnaa cimaa (sunnaa mu’akkada) dha. Raka’âa duraa keessatti faatiĥaadhaan booda suuratul-kaafiruun,L# " ! M raka’âa lammaffaa keessatti suuratul-ikh’laaŝiinL $ # " ! M qara’a. Ittiin aansee gara Al-Ŝafaa deema; Jidduu Al-Ŝafaa fi Al-Marwaa sa'âyii gochuuf jecha. Yeroo gara Al-Ŝafaa deemu jecha Rabbii kana qara’a:- ١٥٨ :اﻟﺒﻘﺮة L [Z Y X W V U M “Al-Ŝafaa fi Al- Marwaan mallattoota (ajajni) Rabbii (itti raawwatamu) irraayyi” – (Al-Baqaraa: 158). Al-Ŝafaa irra bahee yeroo sadi takbiiraa godha; ittiin aansees žikrii armaan gadi yeroo sadi jedha:، ﻟﮫ اﻟﻤﻠﻚ وﻟﮫ اﻟﺤﻤﺪ ﯾﺤﯿﻲ وﯾﻤﯿﺖ وھﻮ ﻋﻠﻰ ﻛﻞ ﺷﯿﺊ ﻗﺪﯾﺮ،ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ وﺣﺪه ﻻ ﺷﺮﯾﻚ ﻟﮫ ﻻ إﻟﮫ إﻻ اﷲ وﺣﺪه أﻧﺠﺰ وﻋﺪه وﻧﺼﺮ ﻋﺒﺪه وھﺰم اﻷﺣﺰاب وﺣﺪه 351 Laa’ilaaha illallaaha waĥdahuu laashariika lahu lahul-mulku walahul-ĥamdu yuĥyii wayumiitu wahuwa âlaa kulli shay’in qadiir; laa’ilaaha illallahu waĥdah; anjaza wa'âdah; wanaŝara âbdah; wahazamal-aĥzaaba waĥdah – hiikti isaas:- (Rabbiin malee (kan dhugaan waaqeffatamu) waaqni biraa hin jiru; tokkicha; shariika hin qabu; mootummaan kan isaati; faaruunis kan isaati; ni jiraachisa ni ’ajjeesas; inni waan hundarratti danda’aadha; Rabbiin malee (kan dhugaan waaqeffatamu) waaqni biraa hin ji ru, tokkicha, waadaa isaa guute, garbicha isaa gargaare, Aĥzaabota qobaa isa moohate.) Sana jidduutti yeroo lama du'âa’ii godha. Ittiin aansees Al-Ŝafaa irraa bu’ee gara Al-Marwaa deema. Kanaanis marsaa tokkoffaa jalqabe jechuudha. Mallattoota magariisa ta’an lamaan jidduutti ni fiiga. Saniin ala deemsuma beekamaa deema. Yeroo Marwaa gahu irra bahee waan Ŝafaa irratti jedhe asittis irra deebi’a. Kanaanis marsaa duraa fixe jechuudha. Marwaa irraa bu’ee gara Ŝafaa deema. Kanaanis marsaa lammaffaa jalqabe jechuudha. Bakka deemuu qabutti ni deema; bakka fiiguu qabutti ni fiiga… marsaa torba hanga xumurutti haaluma kanaan raawwata. Ŝafaa irraa jalqabee Marwaatti xumura. Ŝafaa irraa gara Marwaa deemuun sa'âyii tokko yoo ta’u Marwaa irraa gara Ŝafaatti deebi’uunis sa'âyii tokko. Yeroo sa'âyii irra jiru du'âa’ii fi žikrii gochuu yookiin Qur’aana qara’uu qaba. 352 Xawaafii fi sa'âyiidhaaf du'âa’iin adda ta’e hin jiru. Du'âa’iidhuma isaaf mirgaahe gochuu danda’a. Sa'âyiin sirrii ta’uuf shuruuxa guutamuu qaban:- niyyaa, sa'âyii Ŝafaa fi Marwaa jidduu godhamu guutuu, xawaafiin nusukaa sa'âyii dursuu, marsaalee sa'âyii walfaana raawwachuu – waa xiqqoo addaan baasuun qofti odoo hafuu, yoo ûžriin jiraate malee miilaan deemuudha. AĤKAAMOTA AYYAAM AL-TASHRIIQII FI XAWAAF AL-WADAA’ Guyyaa îidii eega xawaafal-ifaađaa godhee booda gara Minaatti deebi’ee achi buluun dirqama. Âaŝim bin Âdiy (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) warri gaala eegan Minaadhaan ala akka bulan eeyyamaniiru” jedheera – warri shanan kan gabaasan yoo ta’u AlTirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera. Âbbaas (râ) waan ĥajjaajota zamzama obaasuuf jecha Makkaan buluuf Nabiyyii (ŝâw) eeyyamsiifateera (Muttafaqun âlayhi). Ûmar (râ) “Ĥajjaajni tokkoyyuu halkanoota Minaa Al-Âqabaadhaa achi akka hin bulle” jedheera – Maalik sanada ŝaĥiiĥa ta’een gabaaseera. Halkan sadi Minaa bula – yoo hin jerjerin. Yoo jejeremmoo halkan lama bula – halkan kudhatokkoffaa fi halkan kudha-lammaffaa. Hammi waajibaa guddeessa halkaniiti. Ŝalaatota walitti qindeessuun maleetti malee gabaabsuun achumatti salaata. Ŝalaatota hundaayyuu waytiidhuma jaraatti salaata. 353 Ayyaam at-tashriiqiin keessa guyyaa guyyaadhaan eega aduun dabdee booda jamraalee sadeenitti darbata. Jaabir (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) yawmal-naĥrii (guyyaa qalmaa) jamraatti kan darbatan yeroo đuĥaa ture” jedheera – (Muttafaqun âlayhi). Ibnu Ûmar (râ) “waytii eeggannee yeroo aduun dabde darbanna ture” jedheera – akka Bukhaariinii fi Abuu-Daawud gabaasanitti. Nabiyyiin (ŝâw) “Akkaataa ĥajjii itti gootan ana irraa qabadhaa” jedhaniiru. Darbannaan cirrachaa kan guyyaa kudha-tokkoffaa fi guyyaalee saniin booda jiranii waytiin isaa kan jalqabu eega aduun dabdee booda. Akka ĥadiithonni kunneen agarsiisanitti waytii saniin dura darbachuun hin ta’u. jamraa isii duraa (Al-Jamratal-uulaa) isii gara Masjiidal-khayifii jirtuun jalqaba. Cirrachoota torba itti darbata – tokko tokkoon. Darbannaa tokko tokkoon ‘Allaahu akbar’ jedhaa. Ittiin aansees gara jamraa isii fuuldura jirtuu deemee yeroo mirgaa'eef gara qiblaatti deebi’ee dhaabata. Harka isaa olqabee du'âa’ii dheeraa kan hamma Suuratul-Baqaraa gahu godha. Ittiin aansees gara jamraa isii jidduu (Jamratal-wusxaa) dhufee isiittis darbata. Ittiin aansees gara bitaatiin gadi bu’ee qiblaatti deebi’ee harka isaa olqabuudhaan dhaabata. Dhiibuu jidduu dhaabatee jamraa fuuldura isaa, Ka’âbaa gara bitaa, Minaa gara mirgaa isaa gochuudhaan cirrachoota torba itti darbata. Yeroo darbannaa xumure achumaan deebi’a; (du'âa’ii gochuudhaaf jecha) Jamratal-âqabaa bira hin dhaabatu. (Wanti inni achi hin dhaabanneef) waan sababaa tabbaatiin iddoon 354 dhiphatuuf jedhameera. Ilaalcha irra sirrii ta’een immoo (wanti achi hin dhaabatamneef) kan du'âa’iin godhamu îbaadaa sani irra odoo jiruu odoo hin xumurin ta’uu waan qabuu fi darbannaa Jamratal-âqabaa xumure jechuun immoo darbannaa hundaayyuu xumuruu waan ta’eef jedhameera. Du'âa’iin odoo îbaadaa irra jiranii godhamu du'âa’ii eega îbaadichi xumuramee booda godhamu caala. Kun du'âa’ii dhuma akka ŝalaata keessa godhamuuti; ŝalaata keessatti kan du'âa’ii godhu yoo ta’e. Darbannaa jamaraalee tartiiba armaan gadiitiin raawwachuun dirqama:- Jamratal-uulaa (jamraa duraa) kan Masjiidal-khiif bira gara Minaatiin jiruun jalqaba. Ittiin aansee Jamratal-uulaatti aantee kan jirtu Jamratal-wusxaatti darbata. Ittiin aansees Jamratal-kubraatti darbata. Jamratal-âqabaas ni jedhamti. Isiin jamraa isii gara Makkaatiin jirtu jamraa dhumaati. Tokko tokkoon jamraatti cirracha torba torba darbata. Cirrachi hundinuu boolla (ĥawđii) keessa galuu qabdi; kunis mirkaneeffachuudhaanis ta’ee tilmaama amansiisaan ni ta’a. Boolla keessatti tasgabbooftee turtus eega seentee booda baatus walqixa. Boollicha keessa yoo hin seenin hin ta’u. Hubachiisa:- Dhukkubsataan, dulloomaan, dubartiin ulfi yookiin kan karaa irratti yookiin bakka darbannaatti miidhaan akka irra gahu kan sodaatamuu fi namoonni ûžrii kkf qaban nama jaraaf darbatu iddoo buufachuu ni danda’u. Iddo-bu’aan jamraalee hundattuu kan ofiis ta’e kan iddo-buusaa isaa yeruma tokko darbata. Dura kan ofii jamraalee hundatti eega 355 darbatee booda kan iddo-buusaa isaa jalqabuun irraa hin eegamu. Guyyaalee namni baayyatu waan nama rakkisuuf jecha. Hubachiisa:- Ittiin aansees gaafa guyyaa kudha lammaffaa jamraalee sadeenittuu eega darbatee booda yoo barbaade daddafee odoo aduun hin lixin Minaa keessaa bahuu danda’a. Yoo barbaades turee bulee gaafa guyyaa kudha sadaffaa eega aduun dabdee booda jamraaleetti darbata. Kun caalaa dha. Rabbi akkana jedha:- ٢٠٣ : اﻟﺒﻘﺮةL 76 5 43 2 1 0 / . - , + * ) ( M “Guyyaa lama keessa (deemuuf) namni jarjare (daddafe) isa irra diliin (cubbuun) hin jiru; namni tures isa irra diliin hin jiru; (kunis) nama Rabbiin sodaateef; …” – (Al-Baqaraa: 203). Odoo Minaadhaa hin ka’in yoo aduun itti lixxe achuma turee, bulee, gaafa guyyaa kudha sadaffaa jamaraaleetti darbachuun dirqama itti ta’a. L + * ) ( M “Guyyaa lama keessa (deemuuf) namni daddafe; …” jechuun guyyaa jechuudha; namni itti dhihe guyyaa lama keessa hin daddafne jechuudha. Garuu eega bahuu yookiin darbachuu jalqabee booda yoo aduun itti lixxe daddafee deemuu ni danda’a. Dubartiin Dhiigni Aadaa itti Jiru:- Dubartiin iĥraamaan dura dhiigni aadaa (ĥayđiin) yookiin dhiigni dahiinsaa eega itti dhufee booda iĥraama yoo goote, yookiin qulqulluu taatee iĥraama eega gootee booda odoo iĥraama irra jirtuu ĥayđiin yookiin dhiigni dahiinsaa yoo itti dhufe iĥraama isii irra turti. Waan ĥajjaajni (namni ĥajjii irra jiru) godhu – Ârafaa dhaabachuu, Muzdalifaa buluu, jamaraaleetti darbachuu, Minaa buluu fi kkf ni gooti. Garuu 356 Mana Rabbiitti xawaafa gochuu fi Al-Ŝafaa fi Al-Marwaa jidduu sa'âyii gochuu hin dandeessu – ĥayđi irraa yookiin dhiiga dahiinsaa irraa hanga qulqullooftutti. Haa ta’u malee qulqulluu taatee xawaafa eega gootee booda yoo ĥayđiin itti dhufe Al-Ŝafaa fi Al-Marwaa jidduu sa'âyii ni gooti; ĥayđiin sa'âyi irraa isii hin dhowwu – sa'âyii gochuuf xahaaraan sharxii waan hin ta’iniif jecha. Xawaaful-wadaa'ii:- Ĥajjaajni hojii ĥajjiitii fi dhimma isaa hundaayyuu xumuree Makka irraa gara biyya isaa yookiin gara biyya biraa deemuuf yeroo ka’u Makka irraa bahuun duratti odoo yeroo torba Ka’âbaatti hin naanna’in (otuu xawaafa hin godhin) hin bahu – yeroon isaa inni dhumaa mana Rabbii bira akka ta’uuf jecha. Dubartiin ĥayđiin itti jiru qofti odoo haftuu – isiin xawaafalwadaa'â hin gootu. Xawaafal-wadaa'â odoo hin godhin deemti. Ibnu-Âbbaas (râ) “Namoonni yeroon jaraa inni dhumaa mana Rabbii bira akka ta’u ajajamaniiru; dubartii ĥayđiin itti jiru qofaaf (dirqamni kun) laaffifameera” jedheera – (Muttafaqun âlayhi). Ĥadiitha Ibnu-Âbbaas irraa gabaafameen kan biraatiinis “Namoonni gara hundaan faffaca’anii deemnaan Nabiyyiin (ŝâw) ‘Namni kamiyyuu yeroon isaa inni dhumaa mana Rabbii bira odoo hin ta’in akka hin deemne’ jedhaniiru” jedheera -(Ahmad, Muslim, Abuu-Daawudii fi Ibnu-Maajaan akka gabaasanitti). Gabaasa biraatiinis Ibnu-Âbbaas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) dubartiin ĥayđiin itti jiru duraan xawaafal-ifaađaa kan goote yoo taate xawaafalwadaa'â odoo hin godhin akka deemtu eeyyamaniiruuf” jedheera – akka Ahmad gabaasanitti. Âa’ishaan (râ) “Ŝafiyyaa bint Ĥuyay (râ) eega xawaafal-ifaađaa gootee booda ĥayđiin itti dhufnaan 357 waan kana ergamaa Rabbiitti (ŝâw) hime; ‘akka hin deemne nu dhorguu isiitii?’ jedhan; ‘yaa ergamaa Rabbi, eega xawaafalifaađaa gootee booda kan ĥayđiin itti dhufe’ jedheeni; ‘eega akkas ta’e haa deemtu’ jedhan” jetteetti – (Muttafaqun âlayhi). Xawaafal-wadaa'ii eega godhee booda yoo yeroo dheeraa ture xawaafal-wadaa’icha itti deebi’ee godha – kan inni ture namoota wajjiniin deemu eeguudhaaf yookiin waan ittiin deemu (konkolaataa kkf …) qaqqajeelfachuuf fi meeshaa isaa fe’achuuf yookiin nyaata nyaachuuf, meeshaa bituu fi kkf waan xixiqqoodhaaf yoo ta’e male. AĤKAAMA UÐ-ĤIYYAA, HADYII FI ÂQIIQAA 1/ Uđ-ĥiyyaa:- Uđ-ĥiyyaa jechuun horii guyyaalee ađ-ĥaa sababaa îidiitiin gara Rabbiitti dhihaachuuf qalamtuu dha. Ĥukmiin uđ-ĥiyaa sunnaa mu’akkadaa dha. Rabbi akkana jedha:٢ : اﻟﻜﻮﺛﺮL \ [ Z M “Rabbii keetiif salaati; qalis” – (Al-Kawthar: 2). Rabbi akkanas jedha:٣٤ :اﻟﺤﺞ L [Z Y X W V U T S R Q P O N M “Ummata hundaafuu sirna wareegaa (Rabbiif qaluu) goone; beelladoota irraa waan Rabbi jaraaf kenne irratti maqaa Rabbii akka dubbataniif jecha; …” – (Al-Ĥajj: 34). Anas (râ) “Nabiyyiin (ŝâw) hoolaa lama gagabbataa kan gaafa qabaniin uđ-ĥiyyaa godhu ture” jedheera – (Al-Bukhaarii). Uđ-ĥiyyaan mashruu'â 358 ta’uu (karaa godhamuu) isii muslimoonni itti waliigalaniiru; waajiba miti. Ŝaĥaabonni akka Abuu-Bakar, Ûmar, Ibnu-Mas’ûudii fi kan biraas qaluudhaaf dandeettii odoo qabanii namni akka waajibaatti akka hin fudhanneef jecha uđ-ĥiyyaa qaluu dhiisaniiru. Uđ-ĥiyyaa qaluun gatii isii ŝadaqaa kennuu irra caala. Uđ-ĥiyyaan kan qalamu nama lubbuun jirurraayyi. Namni lubbuun jiru qalee nama du’e hordofsiisee (ajrii) qooduu ni danda’a. Namtichi du’e akka uđ-ĥiyyaan qalamuuf waŝiyyaa kan dhaammate yoo ta’e male. Shuruuxa Uđ-ĥiyyaa Uđ-ĥiyyaan sirrii ta’uudhaaf shuruuxa armaan gadii guutuu qaba:1/ Beellada manaa ta’uu – sunis gaala, sa’a/sangaa, re'ee, yookiin hoolaadha. 2/ Umurii shari’âadhaan fudhatama qabu kan gahan ta’uu – gaala yoo ta’e waggaa shan, saani/sangaan/waggaa lama, re'een waggaa tokko, hoolaan ji’a jaha. 3/ Hir’ina uđ-ĥiyyaadhaaf akka hin geenye isii godhu irraa qulqulluu ta’uu; hir’inoonni kun gara fuulduraatti ibsamu. Hubachiisa:- Re'een tokko yookiin tokko torbaffaan gaalaa yookiin tokko torbaffaan horii (sa’aa/sangaa) maatii tokkoof ni gaha. Abuu-Ayyuub (râ) “mana Nabiyyii (ŝâw) namni tokko re'ee tokko ofii fi maatii isaa irraa qalee nyaatanii nyaachisu ture” 359 jedhaniiru – Tirmižiii fi Ibnu Maajaan kan gabaasan yoo ta’u ŝaĥiiĥas jedhaniiru. Hubachiisa:- Caalaan gaala. Ittiin aansee horii (sa’aa fi sangaa), ittiin aansees re'ee yookiin hoolaadha. Gosa hundarraa iyyuu caalaan kan gatii guddaadhaan bitamu. Hubachiisa:- Uđ-ĥiyyaa waliin gochuun bifa lamaan:Tokkofffaan:- Thawaaba waliin argachuu:- abbaan uđ-ĥiyyaa nama tokko ta’ee isaa wajjin muslimoonni biraa thawaaba argatu – kun ni ta’a. Lammaffaan:- abbummaatti waliin ta’uu:- manneen lama yookiin sanii ol uđ-ĥiyyaa tokko (re'ee tokko yookiin hoolaa tokko) abbummaadhaan wal-ta’anii qaluu – kun hin ta’u. Dhibee (Hanqina) akka isiin uđ-ĥiyyaaf hin taane gootu:1/ Ifaan ifatti bal'aa kan taate uđ-ĥiyyaaf hin taatu:- isiinis kan iji isii keessa gadi gale yookiin alatti baheedha. Akkasumas jaamaanis hin taatu. Iji isii sirrii ta’e garuu kan hin argine yookiin wanti adiin ija isii irra kan jiru garuu ni taati. 2/ Huqqattuu:- Kun immoo dhuka lafee kan hin qabne jechuudha. 3/ Naafa kan Ifaan ifatti naafti ishee mul'atu:- Isiin kun warra fayyaa wajjin deemuu kan hin dandeenyeedha. Akkasumas kan harki yookiin miilli isii cite yookaan cabe. Hokkoltiin isii xiqqoo ta’ee warroota fayyaa wajjin walqixa deemuu kan isii hin dhowwine yoo ta’e ni taati. 360 4/ Dhukkubsattuu Ifaan ifatti dhukkubni isee kan mul'atu:- isiin kun immoo kan dhukkubni isii ifaan ifatti irraa mul'ate – fakkeenyaaf dhukkuba marga nyaachuuf bobba’uu irraa isii dhowwee akka teessu isii godhe, foon isii kan balleessu hooqxoo ifa galaa ta’e, miidhaan du’aaf saaxilu kan irra gahe fakkeenyaaf kan hudhamte, kan rukutamte, kan gangalattee miidhamte, kan gaafaan waraanamte, kan bineensi qaama isi irraa nyaate, kan dahiinsa irratti miidhamteedha. Al-Baraa’i bin Âazib (râ) “Ergamaan Rabbii (ŝâw) jidduu keenya dhaabatanii ‘gost afur uđ-ĥiyyaaf hin ta’an:- kan ifaan ifatti bal'aa taate, kan ifaan ifatti dhukkubsattuu taate, kan ifaan ifatti naafa taate, âjfaa’a kan dhuka hin qabne’ jedhan” jedheera – Ahmad, Abuu-Daawud, Al-Tirmižii, fi Al-Nasaa’iin kan gabaasan yoo ta’u, Al-Tirmižiin, Ibnu-Khuzaymaa fi Ibnu-Ĥibbaan ŝaĥiiĥa jedhaniiru. 5/ Hoolaa dubni isii cite (Al-Batraa’i):- Hoolaan dubni isii guutuun yookiin garri caalaan irraa cite hin taatu. Hanqinoota Jibbamaa (Makruuha) Ta’an:1/ Kan gaafti isii cabe yookiin gurri isii cite (garii isaa irraayis ta’u), yookiin kan gurri isii tarsa’e yookiin urate 2/ Gaala yookiin horii eegeen cite 3/ Ilkaan isii keessaa gariin kan buqqa’e 4/ Kan harmi isii goge 361 Yeroon uđ-ĥiyyaan itti qalamu:- ŝalaata îidal-ađĥaa kan dura bu’ee salaatameen booda. Ĥadiitha Al-Baraa’i bin Âazib dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Guyyaa keenya har'aa kan dura buune jalqabnu salaata; ittiin aansinees deebinee qaluudha; kan kana godhe sunnaa keenya argate; namni kanaan dura qale foonuma maatii isaatiif kenne (malee uđ-ĥiyyaa miti)” jedhaniiru – Muttafaqun âlayhi. Biyya sana keessa ŝalaanni îidii yoo hin jiraatin tilmaama yeroo ŝalaata îidiitiin booda ta’a. Yeroon qalmaa guyyaa ŝalaata îidiitiin booda hanga guyyaa sadii tura. Ĥadiitha Nubayshatul-Hužaliyyi (râ) gabaaseen Nabiyyiin (ŝâw) “Ayyaamat-tashriiq guyyaalee nyaataa, dhugaatii fi Rabbiin faarsuuti” jedhaniiru – (Muslim). Yeroon qalmaa yoo darbe, kan darbe sababaa irraanfiitii fi ûžriilee kkfn yoo ta’e uđ-ĥiyyaan waajiba ta’e kan akka nažrii, kan uđ-ĥiyyaadhaaf jedhamtee adda baatee kaa’amte (al-muâyyana), kan waŝiyyaa dhaammatamte fi kkf ni qalamu. Uđ-ĥiyyaan sunnaa ni hafa (hinqalamu). Hubachiisa:- Uđ-ĥiyyaan addaan baafamtee kan beekamtu (mu'âyyanaa kan taatu) jechaani yookiin afaaniini. ‘Isiin kun horii uđ-ĥiyyaati’ yookiin ‘kan Rabbiiti’ akka jechuu yookiin jechoota kkf. Akkasumas niyyaa uđ-ĥiyyaatiin qaluudhaan. Wantoota Uđ-ĥiyyaa addaan baasanii kaa’uu (ta'âyiina) wajjin walqabatan:362 1/ Gurguruun hin ta’u; kennuunis hin ta’u – kan isii caaltuun jijjiiruuf yoo ta’e male. 2/ Rifeensi isii hin muramu – isiidhaa kan fayyadu yoo ta’e malee. Aannan isii hin dhugamu – ilmoo isi irraa kan hafe yoo ta’e malee. 3/ Dhibeen uđ-ĥiyyaadhaaf akka isiin hin taane yoo itti argame, yookiin yoo hatamte, yookiin yoo badde – gocha namtichaatiin yookiin dagannoo (dhimma dhabiinsa) namtichaatiin yoo ta’e fakkii isii bakka buusuun dirqama itti ta’a. Daangaa darbiinsa isaatiin yookiin dhimma dhabiinsa isaatiin odoo hin ta’in akkanumaan dhibeen yoo itti argame isiidhuma qala. Uđĥiyyummaadhaaf adda baasuu isaatiin dura kan nažrii itti godhe yoo ta’e male. Nažrii kan godhee ture yoo ta’e fayyaadhaan jijjiiruun dirqama ta’a. Hubachiisa:- Sunnaan tokko sadaffaa nyaachuu, tokko sadaffaa namaaf hadiyyaa kennuu, tokko sadaffaa ŝadaqaa kennuudha. Hundumaayyuu yoo nyaate ulamoonni hin ta’a jedhaniiru. Garuu foonuma waan jedhame tokko ŝadaqaa kennuun waajiba itti ta’a. Rabbi ٣٦ : اﻟﺤﺞL ¯® ¬ « M “… kan kadhaa irraa of-qabu (AlQaaniâ) kan kadhatus (Al-Muâtarr) nyaachisaa; …” waan jedhuuf jecha – (Al-Ĥajj: 36). Hubachiisa:- Aduun guyyaa dhuma ji’a Žilqi'âdaa lixxee guyyaaleen kurnan Žilĥijjaa eega seenee booda uđ-ĥiyyaa isaaf jalqaba ta’e hanga qalutti namtichi mataa yookiin qeensa yookiin gogaa ofi irraa muruun ĥaraama itti ta’a. Ĥadiitha Ummu Salamaan dabarsiteen Nabiyyiin (ŝâw) “Tokkoon keessan uđ363 ĥiyyaa qaluu kan barbaadu ta’ee kurnan yoo seene hanga uđĥiyyaa isaa qalutti mataa isaa irraayis ta’e qeensa isaa irraa homaa hin fuudhin (hinmurin)” jedhaniiru – (Muslim). Gabaasa Muslim kan biraatiin “mataa isaa irraayyis ta’e qaama isaa irraa homaa hin tuqin” jedhaniiru. 2/ Hadyii Hadyii jechuun beylada Ĥaramaaf kennamu (qalamu) jechuudha. Hadyi irraa waajiba kan ta’e jira – akkuma duraan aĥkaama ĥajjii keessatti ibsametti hadyiin tamattu'âatii fi qiiraanaa waajiba. Kan taxawwu'â (sunnaa) ta’es jira – ĥajjii irratti, ûmraa irrattis ta’e kan biraa keessatti. Nabiyyiin (ŝâw) gaala dhibba tokko hadyii kennaniiru – Muttafaqun âlayhi. Hubachiisa:- Hadyiinii fi uđ-ĥiyyaan aĥkaamota baay’eedhaan walfakkaatu. Shuruuxa raawwiitiin, aĥkaamota hanqinaatiin, kkfn. Hubachiisa:- Waan uđ-ĥiyyaan adda baafamuun (taâyiina godhamuun) hadyiinis taâyiina godhama. Akkasumas mallattoo gochuudhaan mormatti fannisuudhaan taâyiina godhama. Hadyiitti Mallattoo Gochuu (ish’âara) fi Mormatti Fannisuu (Taqliida) Hadyii ish’âaraa fi taqliida gochuun sunnaadha Ish’âara jechuun gooba gara mirgaatiin baqaqsuudhaan mallattoo gochuu yoo ta’u gaala yookiin horii gooba hin qabne ta’us bakkuma san hanga dhiigni yaa’utti baqaqsanii mallattoo gochuudha. 364 Taqliida jechuun beyladicha morma isaatti kophee yookiin kirrii yookiin kkf fannisuudha. Ish’âarri kan godhamu gaalaa fi horii qofaaf. Taqliidni beylada hundaafuu ni ta’a. Hubachiisa:- Hadyii ĥillii irraa gara ĥaramaatti1 oofuun jaallatamaadha. Nabiyyiin (ŝâw) hadyii isaanii kan oofan Žilĥulayfaa irraa waan tureef jecha. Ibnu Ûmaris (râ) hadyii isaanii kan oofan Makkaa fi Madiina jidduutti bakka argamtu irraa qadiid bakka jedhamtu irraayyi. 3/ Âqiiqaa Âqiiqaa jechuun kenna Rabbi ilmoo namaa kenneef galata galchuudhaaf hoolaa yookiin re'ee qalamtuudha. Ĥadiitha Samuraan (râ) dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “Namni hundinuu âqiiqaa isaatiin qabamaadha; guyyaa torbaffaa irratti irraa qalamti; maqaanis ni moggaafamaaf” jedhaniiru – Ahmad, AbuuDaawud, Al-Tirmižii, Al-Nasaa’ii, fi Ibnu-Maajaan kan gabaasan yoo ta’u Al-Tirmižiin ŝaĥiiĥa jedheera. Sababaan âqiiqaan karaa godhameef Ibnul-Qayyim (raĥimahullaah) akka jedhanitti “Rabbi qalma (nasiikaa) ilmoo irraa godhamu kan ilmoon eega gara addunyaatti bahe irraa 1As irratti Ĥarama jechuun naannoo Makkaa kabajamaa kan ta’e jechuu yoo ta’u bakki saniin ala jiru hundinuu ĥillii jedhama. Masjiidal-Nabawiinii fi Masjiidal-Aqasaanis harama jedhamu. – hiikticha. 365 eegalee oggachaa shayxaanaa isatti rarra’ee jiru irraa ittiin hiikamu godhe; âqiiqaan daa’imicha hidhaa shayxaanaatii fi dhowwaa shayxaanaa kan akka inni dhimma aakhiraatiif hin hojjanne isa godhe irraa bitama (fidaa) bilisa isa baasuudha.” Hubachiisa:- Wantoonni âqiiqaadhaafis sharxii ta’u. uđ-ĥiyyaadhaaf sharxii ta’an Yeroo Âqiiqaa:- Sunnaan ilmoon dhalatee guyyaa torbaffaatti qaluudha. Guyyaan inni itti dhalate itti lakkaa'amee. Ĥadiithni Samuraa kan ammaan dura darbe waan kana agarsiisuuf jecha. Guyyaa torbaffaan yoo darbe guyyaa kamiyyuu qaluun ni danda’ama. Sababaan isaa waan jiruuf jecha. Innis ni'âmaa ilmoo irratti Rabbiif shukrii galchuudha. Hanga isii:- Sunnaan ilma dhiiraa irraa re'ee lama durba irraa immoo re'ee tokko qaluudha. Ĥadiitha Âbdallah bin Âmr dabarseen Nabiyyiin (ŝâw) “ilma dhiiraa irraa re'ee lama durba irraa re'ee tokko” waan jedhaniif jecha – Ahmad, Abuu-Daawudii fi Al-Nasaa’iin akka gabaasanitti. Âqiiqaa waliin gochuun hin ta’u. Hubachiisa:- Moggaasa bareechuun ni jaallatama; arabiffaa fi hiika gaarii kan qabu. Maqaa Âbdallaah fi Âbdurraĥmaaniin moggaasuun ni jaallatama. Kanatti aansees maqaalee Rabbii gaggaarii ta’aniif Âbd (garbicha) jedhanii moggaasuu. Kanatti aansee maqaalee nabiyyootaa, ergamootaa fi ŝaalihootaatti moggaasuun ni jaallatama – maqaan nama saniif ergaa waan qabaatuuf jecha. 366 Maqaa moggaasuun guyyaa torbaffaatti odoo ta’ee ni jaallatama; duraan dursee qopheesseefii guyyaa inni dhalate moggaasee yoo ta’e malee. Hubachiisa:- guyyaa torbaffaatti rifeensa mataa dhiiraa haadanii hanga ulfeenya isaatiin meetii (fiđđaa) ŝadaqaa gochuun ni jaallatama. Xumurame وﺻﻠﻰ اﷲ وﺳﻠﻢ ﻋﻠﻰ ﻧﺒﯿﻨﺎ ﻣﺤﻤﺪ ﺗﻢ ﺑﺤﻤﺪ اﷲ 367
Similar documents
Jawaab - Halgan.Net
ugu maararoobo, hayeeshee haddii la arko inuu soonku dhibayo waa in loo diido. Allaah wuxuu inaga manciyay inaynu caruurta siino maalkooga haddii looga baqdo inay fasahaadiyaan (lumiyaan), sidoo ka...
More informationBoqonnaa 3 HIMOOTA WAL–QIXAA FI HIMOOTA WAL–CAALMAA
Kunis tarmoota walfakkaatan walitti fiduu jedhama. 5x + 1 = 17 – 3x furuuf, jalqaba tarmoota x qaban gara harka bitaatti fiduuf gama lamaan hima wal qixaatti 3x ida’uu dha. 3x + 5x + 1 = 17 – 3x + ...
More information